Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan ‘Dhugaa Ni Baasa’

Yihowaan ‘Dhugaa Ni Baasa’

Yihowaan ‘Dhugaa Ni Baasa’

“Waaqayyo immoo warra isaaf fo’amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasu[u]fii ree?”—LUQAAS 18:7.

1. Madda jajjabinaa kan siif ta’an eenyufa’i? Maaliif?

DHUGAA BAATONNI YIHOWAA addunyaa maratti argaman obboloota amanamummaadhaan waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa turanii wajjin ta’uun isaan gammachiisa. Isaan keessaa namoota dhuunfaatti beektu tokko tokko qabdaa? Tarii obboleettii waggoota hedduu dura cuuphamaniifi umurii dheeraa qaban, akkasumas gumii hafanii hin beekne tokko beekta ta’a. Yookiinimmoo, obboleessa umurii dheeraa qabuufi sochii walga’ii dirreetiif godhamurratti torban torbaniin waggoota dheeraadhaaf deggeraa jiru tokko gara sammuukeetti dhufee ta’a. Namoota amanamoo ta’an akkasii keessaa baay’eensaanii Armaagedoon yeroo ammaa kanatti dhufee wanti hundinuu raawwiisaa argata jedhanii yaadaa kan turanidha. Haata’u malee, biyyi lafaa inni rorroodhaan guutame kun hanga yoonaatti turuunsaa amantiin abdii Yihowaan kennerratti qabanis ta’e, ‘hamma dhumaatti jabaatanii dhaabachuuf’ murtoon isaan godhan akka jalaa fashaleessu hin heyyamne. (Maatewos 24:13) Amantaan jabaan tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo ta’an argisiisan kun guutummaa gumichaatiif madda jajjabinaa ta’a.—Faarfannaa 147:11.

2. Haalli akka gaddinu nu taasisu maalidha?

2 Haata’u malee, yeroo tokko tokko wanta kanarraa faallaa ta’e argina. Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa kan turan ta’anis, oolee bulee amantaansaanii laafuusaarrayyuu, walitti dhufeenya gumii Kiristiyaanaa wajjin qaban dhaabaniiru. Namoonni hidhata keenya turan kun Yihowaa dhiisuunsaanii baay’ee nu gaddisiisa; ‘hoolonni badan’ gara karra hoolotaatti akka deebi’an gargaaruufis fedhii guddaa qabna. (Faarfannaa 119:176; Roomaa 15:1) Wanti faallaa ta’e kun, jechuunis warri tokko tokko amanamummaasaanii eeganii jiraachuunsaaniifi warri kaanimmoo akkas utuu hin godhin hafuunsaanii gaaffii kaasa. Warri tokko tokko kan gochuu dadhabanis, Dhugaa Baatonni hedduun amantaa abdii Yihowaan kennerratti qaban eeganii jiraachuuf kan isaan gargaare maalidha? “Guyyaan [“Yihowaa,” NW] inni guddaan” yeroo dhihaachaa dhufe kanatti, murtoo goonetti jabaannee itti fufuuf maal gochuu dandeenya? (Sefaaniyaa 1:14) Mee fakkeenya Macaafa Luqaas keessatti argamu tokko haa ilaallu.

Akeekkachiisa Namoota “Ilmi Namaa Yommuu Dhufu” Jiraniif Kenname

3. Fakkeenya haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee kennamerraa caalaatti kan fayyadaman eenyufa’i? Maaliif?

3 Luqaas boqonnaa 18⁠rratti fakkeenya Yesus dubartii haadha hiyyeessa taateefi waa’ee abbaa firdii tokko ilaalchisee dubbate argina. Fakkeenyi kun, fakkeenya mataduree darberratti waa’ee namicha keessummaan itti dhufeefi deddeebisee ija jabinaan kadhatee ilaalchisee kennamee wajjin wal fakkaata. (Luqaas 11:5-13) Yaanni naannoo caqasa fakkeenya waa’ee haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee Macaafa Qulqulluurratti ibsame, “ilmi namaa [Mootummaasaatiin] yommuu dhufu” jechuunis, namoota bara 1914 booda lafarra jiraatanitti kan raawwatamu ta’uusaa argisiisa.—Luqaas 18:8. *

4. Yesus fakkeenya Luqaas 18⁠rratti argamu caqasuusaa dura maal dubbate?

4 Yesus fakkeenya waa’ee haadha hiyyeessaafi abbaa firdii dubbachuusaa dura “balaqqeessi bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti balaqqeessa’ee akka ibsu,” milikkinni aboo Mootummaasaatiin dhufuusaa argisiisus ifaafi bal’inatti kan mul’atu ta’uusaa dubbateera. (Luqaas 17:24; 21:10, 29-33) Haata’u malee, namoonni “bara isa dhumaa” keessa jiraatan hedduun ragaa ifa ta’e kanaaf xiyyeeffannaa hin kennine. (Daani’el 12:4) Maaliif? Sababiinsaa namoonni bara Nohiifi Loox turan akeekkachiisa Yihowaan kenneef akka dantaa dhaban isaan taasisee wajjin wal fakkaata. Namoonni yeroo sanatti turan ‘bishaan badiisaa dhufee hamma isaan balleessetti, nyaachaa, dhugaa, bitaa, gurguraa, biqiltuu dhaabaa, mana ijaaraa turan.’ (Luqaas 17:26-29) Jireenyasaanii isa guyyaa guyyaatti qabamuudhaan jaalala Waaqayyootiif xiyyeeffannaa utuu hin kennin waan hafaniif lubbuusaanii dhabaniiru. (Maatewos 24:39) Har’as haaluma wal fakkaatuun namoonni jireenyasaanii isa guyyaa guyyaatiin waan qabamaniif ragaawwan badiisni biyya lafaa inni Waaqayyorraa fagaate kun dhihaachuusaa argisiisan hubachuu dadhabaniiru.—Luqaas 17:30.

5. (a) Yesus akeekkachiisa kan kenne eenyufa’iifi? Maaliif? (b) Warri tokko tokko amantaa akka dhaban kan godhe maalidha?

5 Kanarraa ifatti hubachuun akka danda’amutti, Yesus bartoonnisaallee ‘gara boodaatti hanga ilaalanitti’ yaannisaanii hiramuu akka danda’u hubachuunsaa isa yaaddessee ture. (Luqaas 17:22, 31) Dhugumayyuu, haalli kun Kiristiyaanota tokko tokkorra ga’eera. Namoonni kun yeroo dheeraadhaaf guyyaa Yihowaan hamoota itti balleessu eegaa turan. Haata’u malee, Armaagedoon yeroo isaan eeganitti utuu hin dhufin waan hafeef abdii kutataniiru. Amantaan isaan guyyaan firdii Yihowaa akka dhihaate qaban laafeera. Hinaaffaan isaan tajaajilaaf qaban suuta suuta qabbanaa’aa adeemuudhaan jireenya guyyaa guyyaatti qabamuusaaniitiin yeroon isaan sochiiwwan hafuuraarratti dabarsan jalaa xinnaateera. (Luqaas 8:11, 13, 14) Yeroo boodammoo ‘gara boodaatti’ deebi’aniiru; kun akkam kan nama gaddisiisudha!

“Yeroo Hundumaa Kadhachuun” Barbaachisaa Ta’uusaa

6-8. (a) Fakkeenya waa’ee haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ibsu dubbadhu. (b) Yesus fakkeenya kana hojiirra oolchuun kan danda’amu ta’uusaa maal jedhee ibse?

6 Amantaan abdiin Yihowaan kenne akka raawwataman qabnu akka nu jalaa hin laafneef maal gochuu qabna? (Ibroota 3:14) Yesus bartoonnisaa gara biyya lafaa isa hamaa kanatti akka hin deebine erga isaan akeekkachiisee booda, gaaffii kanaaf deebii kenneera.

7 Luqaas akkas jechuudhaan galmeesseera: “Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta’u, kadhachuus akka hin dadhabne isaan barsiisuudhaaf Yesus fakkeenya tokko isaanitti hime.” Akkas jedhe: “Abbaan firdii Waaqayyoon hin sodaanne, namas hin safeeffanne tokko, mandara tokko keessa ture. Mandarichuma sana keessaa immoo haati hiyyeessaa tokko yeroo yerootti deddeebitee, ‘Anaa fi isa anatti falmu gidduutti firdii qajeelaa anaaf kenni!’ jettee, itti boossi turte. Inni immoo ishee jalaa didee lafa irra duraa harkise; booddee garuu innumtuu, ‘Waaqayyoon yoon sodaachuu dhaabaadhe, namas yoon safeeffachuu dhaabaadhe, haati hiyyeessaa kun waan na dadhabsiiftuuf firdii kennuufii anaaf wayya, kanaa achi dhuftee ana nuffisiifti.’”

8 Yesus erga kana isaanitti himee booda fakkeenyi kun akkamitti akka hojiirra oolu akkas jechuudhaan ibse: “Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal’aan kun jedhu! Waaqayyo immoo warra isaaf fo’amanii, guyyaa fi halkan gara isaatti iyyaniif dhugaa isaanii hin baasu[u]fii ree? Yookiis lafa irra duraa harkisaa ree? Ani isinittan hima, dafee dhugaa in baasaaf; haa ta’u iyyuu malee, ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?”—Luqaas 18:1-8.

“Firdii Qajeelaa Anaaf Kenni!”

9. Fakkeenya waa’ee haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee dubbatamerratti ijoo guddaan addeeffame maalidha?

9 Ijoon dubbii fakkeenya kanaa baay’ee ifaadha. Haasaa Yesus keessattis ta’e fakkeenya namoota akka fakkeenyaatti ibsaman lamaanirratti ifa ta’eera. Haati hiyyeessaa sun: “Firdii qajeelaa anaaf kenni” jettee kadhatteetti. Abbaan firdichaammoo: “Firdii kennuufii anaaf wayya” jedheera. Yesus: “Waaqayyo immoo . . . dhugaa isaanii hin baasu[u]fii ree?” jechuudhaan gaafateera. Yesus, Yihowaa ilaalchisee yommuu dubbatu “dafee dhugaa in baasaaf” jedheera. (Luqaas 18:3, 5, 7, 8) Yihowaan ‘dhugaa kan baasu’ yoomi?

10. (a) Jaarraa tokkoffaatti, yeroon adabaa kan ga’e yoom ture? (b) Saba Waaqayyoo yeroo ammaatti argamaniif dhugaan kan baafamu yoomiifi akkamitti?

10 Jaarraa tokkoffaatti, ‘guyyoonni adabaa’ (ykn ‘yeroon ijaa ba’uu,’ 1899) kan dhufe Dh.K.B. bara 70⁠tti Yerusaalemiifi manni qulqullummaashee yommuu balleeffametti ture. (Luqaas 21:22) Saba Waaqayyoo yeroo har’aatti argamaniifis dhugaan kan baafamu ‘guyyaa Yihowaa isa guddaattidha.’ (Sefaaniyaa 1:14; Maatewos 24:21) Guyyaa sanatti, Yihowaan namoota sabasaa ‘rakkisaniif rakkinaan dugda kan baasu’ yommuu ta’u, Yesusis “warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis in adaba.”—2 Tasaloniiqee 1:6-8; Roomaa 12:19.

11. Dhugaan “dafee” kan baafamu karaa kamiini?

11 Haata’u malee, jecha Yihowaan “dafee” dhugaa ni baasaaf jedhu akkamitti hubachuu qabna? Dubbiin Waaqayyoo, Yihowaan akka ‘obsu’ (1899) kan argisiisu ta’ullee yommuu yeroonsaa ga’utti dhugaa akka baasu dubbata. (Luqaas 18:7, 8; 2 Phexros 3:9, 10) Bara Nohitti yommuu Bishaan Badiisaa ga’eefi Bara Looxitti yommuu ibiddi gadi roobe hamoonni balleeffamaniiru. Yesus: “Guyyaa itti ilmi namaa mul’atuttis akkasuma in ta’a” jedheera. (Luqaas 17:27-30) Ammas hamootarra “badiisi itti hin yaadamin . . . in ga’a.” (1 Tasaloniiqee 5:2, 3) Dhugumayyuu, Yihowaan haala qajeelummaansaa gaafatuun alatti addunyaan Seexanaa kun guyyaa tokkollee akka turu akka hin heyyamne mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.

Waaqayyo “Dhugaa In Baasa”

12, 13. (a) Fakkeenya Yesus haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee dubbaterraa maal baranna? (b) Yihowaan kadhannaa keenya akka dhaga’uufi akka dhugaa nuuf baasu akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

12 Fakkeenyi Yesus dubartii haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee dubbate, dhugaa barbaachisaa ta’e garabiraas ni addeessa. Yesus faayidaa fakkeenyichaa yommuu ibsu: “Dhaggeeffadhaa, waan abbaan firdii jal’aan kun jedhu! Waaqayyo immoo warra isaaf fo’amanii[f], . . . dhugaa isaanii hin baasuufii ree?” Yesus fakkeenya sanarratti Yihowaa abbaa firdichaa wajjin wal bira qabee ibsuunsaa, Waaqayyo namoota isatti amanan akkasitti qaba jechuusaa hin turre. Kanaa mannaa, garaagarummaa Yihowaafi abbaa firdichaa gidduu jiru ibsuudhaan bartootasaa waa’ee Yihowaa barsiiseera. Garaagarummaan gidduusaanii jiran tokko tokko maalfa’i?

13 Abbaan firdii fakkeenya Yesusirratti ibsame “jal’aa” kan ture yommuu ta’u, “Waaqayyo [garuu] abbaa firdii isa qajeelaa dha.” (Faarfannaa 7:11; 33:5) Abbaan firdichaa haalli haadha hiyyeessaa kun kan isa hin yaaddessine yommuu ta’u, Yihowaan garuu haalli namoota hundaa isa yaaddessa. (2 Seenaa 6:29, 30) Abbaan firdii kun haadha hiyyeessaa kana gargaaruu hin barbaanne; Yihowaan garuu tajaajiltootasaa gargaaruuf fedhii kan qabu ta’uusaarrayyuu isaan gargaaruufis qophaa’aadha. (Isaayaas 30:18, 19) Kanarraa barumsa maalii arganna? Abbaan firdii inni jal’aan kadhannaa haadha hiyyeessaa sana dhaga’ee erga faradeefii, Yihowaanis kadhannaa tajaajiltootasaa akka dhaga’uufi akka dhugaa isaaniif baasu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Fakkeenya 15:29.

14. Guyyaa firdii Waaqayyoo isa fuulduratti dhufurratti amantaa dhabuu kan hin qabne maaliifi?

14 Kanaaf, namoonni guyyaa firdii Waaqayyoo isa dhufurratti amantaa hin qabne guddaa dogoggoraniiru. Maaliif? “Guyyaan Yihowaa inni guddaan” dhihoo ta’uusaatiif amantaa qaban laaffisuudhaan, Yihowaan waadaa gale amanamummaadhaan raawwachuu danda’uusaarratti shakkii akka qaban hojiisaaniitiin argisiisaniiru. Haata’u malee, namni kamiyyuu amanamummaa Waaqayyoorratti gaaffii kaasuuf mirga hin qabu. (Iyoob 9:12) Gaaffiin nuti of gaafachuu qabnu hamma dhumaatti amanamaa ta’ee dhaabachuu nan danda’aa? kan jedhu ta’uu qaba. Yaanni Yesusis, xumura fakkeenya waa’ee haadha hiyyeessaafi abbaa firdii ilaalchisee dubbates kana ture.

‘Ilmi Namaa Yommuu Dhufu Amantii Akkasii Lafa Irratti Argata Laataa?’

15. (a) Yesus gaaffii akkamii gaafate? Maaliif? (b) Gaaffii akkamii of gaafachuu qabna?

15 Yesus gaaffii barbaachisaa: “Ilmi namaa yommuu dhufu amantii [“akkasii,” miiljalee NW] lafa irratti argata laataa?” (Luqaas 18:8) Yesus “amantii akkasii” jedhee yommuu dubbatu, akkasumaan amantii hundaa jechuusaa utuu hin ta’in, amantii cimaa haati hiyyeessaa sun argisiiste adda baasee ibsuusaa ture. Yesus gaaffii gaafateef deebii hin kennine. Gaaffii kana kan kaase, amantiinsaanii hammam jabaa ta’uusaa akka yaadan waan barbaadeefidha. Amantiinsaanii kan laafaa adeemuufi wanta dhiisanii dhufanitti kan isaan deebisumoo, amantii jabaa haadha hiyyeessa sanaa wajjin wal fakkaatu qabu? Nutis yeroo har’aatti, “ilmi namaa” ‘amantii akkamii ana keessatti arga?’ jennee of gaafachuu qabna.

16. Haati hiyyeessaa sun amantii akkamii qabdi turte?

16 Namoota Yihowaan dhugaa isaaniif baasu keessaa tokko ta’uu yoo barbaanne, fakkeenya haadha hiyyeessaa sana hordofuu qabna. Amantii akkamii qabdi turte? Yeroo yerootti abbaa firdichaatti “deddeebitee” “firdii qajeelaa anaaf kenni!” jechuudhaan amantaa akka qabdu argisiisteetti. Haati hiyyeessaa sun abbaan firdii jal’aa ta’e akka isheedhaaf faradu yeroo yeroodhaan itti deddeebitee erga gaafattee, tajaajiltoonni Waaqayyoo yeroo har’aatti argamanis yeroo isaan eeganii ol kan ture itti fakkaatus, Yihowaan akka isaaniif faradu mirkanaa’oo ta’uu danda’u. Kana malees, deddeebisanii jechuunis, ‘guyyaafi halkan garasaatti iyyuudhaan’ abdii Waaqayyo kennerratti amantaa akka qaban argisiisu. (Luqaas 18:7) Kiristiyaanni tokko dhugaan akka isaaf ba’u kadhachuu yoo dhaabe, Yihowaan tajaajiltootasaatiif yaaduudhaan tarkaanfii akka fudhatu shakkuu jalqabeera jechuudha.

17. Kadhannaatti cimuufi guyyaan firdii Yihowaa akka dhufu amantaa qabnu eegnee jiraachuuf sababiiwwan akkamii qabna?

17 Haalli haati hiyyeessaa sun keessatti argamtu deddeebisnee kadhachuun barbaachisaa ta’uusaa argisiisa. Garaagarummaa haala isheen keessa turteefi nuti keessa jirru qalbeeffadhaa. Haati hiyyeessaa kun abbaa firdichaatti yommuu deddeebitu nama jabaadhu isheedhaan jedhu hin qabdu turte; nuti garuu Dubbiin Waaqayyoo “kadhachuuttis cimaa” jechuudhaan nu jajjabeessa. (Roomaa 12:12) Haati hiyyeessaa sun iyyannaanshee fudhatama argachuufi dhiisuusaa hin beektu turte; nuuf garuu Yihowaan akka dhugaa nuu baasu waadaa nuu galeera. Yihowaan karaa raajiisaa akkas jedheera: “Yoo lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus.” (Anbaaqom 2:3; Faarfannaa 97:10) Haati hiyyeessaa kun iyyannishee fudhatama akka argatuuf nama bakka bu’ee isheedhaaf dubbatu hin qabdu turte; nuti garuu, Yesus isa humna qabuufi ‘gara mirga Waaqayyootti argamee Waaqayyoon nuuf kadhatuufi’ nu gargaaru qabna. (Roomaa 8:34; Ibroota 7:25) Haati hiyyeessaa kun haala rakkisaa keessatti firdii qajeelaan naa kennama jettee abdachuudhaan abbaa firdii sanatti deddeebitee itti boo’uushee erga itti fuftee, nutimmoo abdii mirkanaa’aa guyyaan Yihowaa akka dhufu ilaalchisee kennamerratti amantaa qabnu caalaatti eegnee akka jiraannu nu taasisuu hin qabuu?

18. Kadhannaan amantaan keenya akka jabaatuufi dhugaan akka nuuf ba’u kan nu gargaaru akkamitti?

18 Fakkeenyi haadha hiyyeessaa kun, kadhannaafi amantii gidduu walitti dhufeenyi guddaan akka jiru, akkasumas kadhannaatti cimuun keenya dhiibbaawwan amantiin keenya akka laafu taasisan mo’uuf akka nu gargaaru argisiisa. Kana jechuun garuu kadhannaan hin hafiniidhaaf dhihaatu amantaan keenya akka hin laafne ittisa jechuu miti. (Maatewos 6:7, 8) Jireenyi keenya guutummaatti kan hundaa’e Waaqayyorratti akka ta’e hubachuudhaan kadhannaadhaan isatti dhihaachuuf yommuu kakaanu, caalaatti isatti dhihaachuu keenyarrayyuu amantaan keenyaa ni jabaata. Fayyuuf amantaan barbaachisaa waan ta’eef, Yesus “Yeroo hundumaa kadhachuun akka isaaniif ta’u, kadhachuus akka hin dadhabne” bartootasaa jajjabeessuunsaa nama hin dinqisiisu. (Luqaas 18:1; 2 Tasaloniiqee 3:13) ‘Dhufti guyyaa Yihowaa inni guddaan’ kadhannaa keenyarratti kan hundaa’ee miti; kadhannes kadhachuu baannes dhufuunsaa hin oolu. Haata’u malee, dhuunfaatti dhugaan akka nuuf ba’u ykn waraana Waaqayyoorraa ooluun keenya amantaa qabaachuufi jireenya qajeelaa kadhannaarratti hundaa’e jiraachuufi jiraachuu dhiisuu keenyarratti kan hundaa’e ta’uunsaa homaa hin shakkisiisu.

19. Jaalalli Waaqayyoo ‘dhugaa nuuf baasuu’ akka ta’e akka amannu akkamitti argisiisuu dandeenya?

19 Yesus: “Ilmi namaa yommuu dhufu amantii lafa irratti argata laataa?” jedhee gaafachuusaa ni yaadanna. Deebiin gaaffii xiyyeeffannaa namaa hawwatu kanaa maalidha? Yeroo har’aatti tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon miliyoonaan lakkaa’amaniifi addunyaa maratti argaman, kadhannaa, obsaafi jabaatanii dhaabachuudhaan amantii akkasii qabaachuusaanii baay’ee kan nama gammachiisu mitii? Eeyyee, addunyaan Seexanaa kun miidhaa nurraan ga’aa kan jiru ta’us, Waaqayyo ‘warra isaaf fo’amaniif dhugaa akka baasu’ amantaa cimaa qabna.

[Miiljalee]

^ key. 3 Hiika fakkeenya kanaa sirriitti hubachuuf, Luqaas 17:22-33 dubbisi. Jechi “ilma namaa” jedhuufi Luqaas 17:22, 24, 30⁠rratti argamu, gaaffiiwwan Luqaas 18:8⁠rratti ka’an deebisuuf gargaara.

Ni Yaadattaa?

• Kiristiyaanonni tokko tokko amantaasaanii akka dhaban kan godhu maalidha?

• Guyyaa firdii Yihowaa isa dhufurratti amantaa cimaa akka qabnu argisiisuu kan qabnu maaliifi?

• Sababiiwwan kadhachuutti akka cimnu nu gargaaran maalfa’i?

• Kadhachuutti cimuun amantaan keenya akka hin banne kan nu gargaaru akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]