Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan “Warra Isa Kadhataniif Hafuura Qulqulluu Kenna!”

Yihowaan “Warra Isa Kadhataniif Hafuura Qulqulluu Kenna!”

Yihowaan “Warra Isa Kadhataniif Hafuura Qulqulluu Kenna!”

“Isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!”—LUQAAS 11:13.

1. Gargaarsi hafuura qulqulluu caalaatti kan nu barbaachisu yeroo akkamiittidha?

GARGAARSA hafuura qulqulluutiin alatti ‘rakkoo kana kophaakoo mo’uu hin danda’u!’ Wanta sitti dhaga’amu akkas jettee dubbattee beektaa? Kiristiyaanonni hedduun akkas jedhaniiru. Tarii akkas jettee kan dubbatte erga baay’ee dhukkubsattee booda ta’uu danda’a. Yookiinimmoo, hiriyaan gaa’elaakee yeroo dheeraadhaaf wajjin jiraachaa turte du’aan waan dhabdeef ta’uu danda’a. Yookiinimmoo gammachuun ati kanaan dura qabdu badaa adeemuudhaan yeroo abdii kutattetti ta’uu danda’a. Rakkoo guddaa jireenyakee keessatti si mudate jala jabaattee dhaabachuu kan dandeesse hafuura Yihowaarraa ‘humna humna gararraa’ waan argatteef qofa akka ta’e sitti dhaga’amee ta’a.—2 Qorontos 4:7-9; Faarfannaa 40:1, 2.

2. (a) Kiristiyaanota dhugaarra rakkoo akkamiitu ga’a? (b) Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

2 Yeroo ammaatti, Kiristiyaanonni dhugaa dhiibbaafi mormii biyyi lafaa inni Waaqayyoof hin abboomamne isaanirraan ga’u akkasumas dabalaa adeemuu wajjin qabsaa’uun dirqama isaanitti ta’eera. (1 Yohannis 5:19) Kana malees, Seexanni duuka buutota Kiristos warra “abboommii Waaqayyoo eeganii, isa Yesus dhugaa ba’ettis jabaatan” irratti waraana cimaa baneera. (Mul’ata 12:12, 17) Kanaaf, gargaarsi hafuura Waaqayyoo yeroo kamiyyuu caalaatti amma kan nu barbaachisu ta’uunsaa kan wal nama gaafachiisu miti. Hafuura waaqayyoo baay’inaan argachuu keenya itti fufuuf, maal gochuu qabna? Yihowaan yeroo rakkinni nu mudatu jabina nu barbaachisu akka nuu kennu akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya? Deebii gaaffii kanaa fakkeenya Yesus dubbate lamarraa arganna.

Deddeebisaa Kadhadhaa

3, 4. Yesus fakkeenya maalii dubbate? Fakkeenyi kun kadhannaa wajjin kan wal qabatu akkamitti?

3 Yeroo tokko bartootasaa keessaa inni tokko Yesusiin: “Yaa gooftaa, . . . kadhachuu nu barsiisi!” jedhee ture. (Luqaas 11:1) Yesus gaaffii kanaaf deebii yommuu kennetti fakkeenya lama isaaniif kenneera. Fakkeenyi inni jalqabaa nama keessummaan itti dhufe kan argisiisu yommuu ta’u, inni lammaffaanimmoo waa’ee abbaa ilmasaa dhaggeeffatuu kan ibsudha. Mee fakkeenya kana lamaan haa ilaallu.

4 Yesus akkas jedhe: “Isin keessaa tokko fira yoo qabaate, firri isaa sun immoo halkan walakkaa gara isaa dhaqee, ‘Yaa hiriyaa ko buddeena sadii anaaf liqeessi. Firri koo tokko karaa utuu adeemuu, ammuma kana mana kootti gorraan, waanan dhi’eessuuf dhabe’ in jedhaan. Hiriyaan isaa sun immoo mana keessaa, ‘Obboleessa ko ana hin dhamaasin, balballi cufameera, ijoolleen koos anaa wajjin siree irra jiru, rafaniirus, ani immoo danda’ee ka’ee siif hin kennu’ in jedhaan ture. Isinittan hima, firummaa isaa ilaalee ka’ee yoo buddeenicha kennuufii baate iyyuu waan inni deddeebisee ija jabaatee kadhateef, ka’ee kan isa barbaachise in kennaaf.” Ittaansuudhaanis fakkeenyi kun kadhannaa wajjin kan wal qabatu akkamitti akka ta’e akkas jechuudhaan ibse: “Egaa isinittan hima, kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama. Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama.”—Luqaas 11:5-10.

5. Fakkeenyi waa’ee namicha ollaasaa deddeebisee ija jabinaan kadhatee, kadhannaadhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu ilaalchisee barumsa akkamii nuu kenna?

5 Fakkeenyi nama hiriyaasaa deddeebisee ija jabinaan kadhate, kadhannaadhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu akka qabnu akka gaariitti kan argisiisudha. Yesus namichi wanta barbaadu kan argate “waan inni deddeebisee ija jabaatee kadhateef” ta’uusaa ibseera. (Luqaas 11:8) Jechi “deddeebisee ija jabaatee” jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti al tokko qofa caqasame. Jechi kun afaan Giriikiitiin kallattiidhaan yommuu hiikamu “qaanii malee” jechuudha. Jechi kun yeroo baay’ee amala gadhee argisiisa. Haata’u malee, wanta gaarii gochuuf qaanii dhabuun ykn deddeebisanii gaafachuun amala gaarii ta’uu danda’a. Kunis nama keessummaan itti dhuferraa ifatti mul’ateera. Namichi wanta barbaadu hamma argatutti deddeebisee ija jabaatee gaafachuu hin saalfanne. Yesus namicha keessummaa simate akka fakkeenyaatti waan nuu kenneef nutis deddeebisnee kadhachuu qabna. Yihowaan akka ‘kadhannu, akka barbaannuufi akka balbala rukunnu’ barbaada. Innis “warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!”

6. Bara Yesus lafarra ture, keessummaa simachuu ilaalchisee aadaa akkamiitu ture?

6 Yesus deddeebisnee kadhachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e qofa utuu hin ta’in, kana gochuu kan qabnu maaliif akka ta’es ibseera. Namoonni yommuu Yesus fakkeenya nama keessummaa simate dubbate dhaggeeffachaa turan keessummaadhaaf ilaalcha akkamii akka qaban qorachuun keenya barumsa kana sirriitti hubachuuf nu gargaara. Bara duriitti, keessummaa simachuun aadaa bakki guddaan kennamuuf akka ture kan ibsan seenaan Macaafa Qulqulluu hedduun kan jiran yommuu ta’u, keessumaa tajaajiltoonni Waaqayyoo kana gochuu qabu turan. (Uumama 18:2-5; Ibroota 13:2) Keessummaa tokkoof simannaa barbaachisu utuu hin godhin hafuun gocha nama yeellaasisu ture. (Luqaas 7:36-38, 44-46) Kana yaadatti qabachuudhaan seenaa Yesus dubbate irra deebinee haa ilaallu.

7. Namichi fakkeenya Yesusirratti keessummaa simachuunsaa ibsame, hiriyaasaa hirribaa dammaqsuu kan hin qaanofne maaliifi?

7 Fakkeenya nama keessummaa simaterratti akka ibsametti, keessummaansaa kan dhufe halkan walakkaa ture. Namichi kun keessummaasaatiif nyaata dhiheessuu akka qabu itti dhaga’amus, ‘waan dhiheessuuf hin qabu’ ture. Akka ilaalchasaatti dhimmi kun wanta atattamaan furmaata argachuu qabudha! Maaliyyuu yoo ta’e keessummaansaa buddeen xinnoo argachuu akka qabutu itti dhaga’ama. Kanaaf, qaanii tokko malee gara hiriyaasaa dhaqee, “Yaa hiriyaa ko buddeena sadii anaaf liqeessi” jedhee isa waamuu jalqabe. Wanta barbaadu hanga argatuttis, gaafachuusaa hin dhaabu. Keessummaasaa sirriitti keessumsiiseera jechuun kan danda’amu buddeena yoo argate qofadha.

Wanta Baay’ee Barbaannu Deddeebisnee Kadhanna

8. Hafuura qulqulluu argachuuf deddeebisnee akka kadhannu wanti nu kakaasu maalidha?

8 Fakkeenyi kun deddeebisanii kadhachuun barbaachisaa ta’uusaa hubachuuf kan nu gargaru akkamitti? Namichi kun deddeebi’ee ija jabinaan kadhachuusaatiin buddeen argachuunsaa, itti gaafatamummaa keessummaa keessumsiisuuf qabu raawwachuuf akka isa dandeessisu waan hubateefidha. (Isaayaas 58:5-7) Buddeena keessummaasaatiif barbaachisu utuu hin argatin yoo hafe itti gaafatamummaasaa raawwachuu hin danda’u. Nutis, Kiristiyaanota dhugaa waan taaneef, tajaajila keenya raawwachuuf hafuura Waaqayyoo argachuun akka nu barbaachisu waan hubannuuf, Waaqayyoon kadhachuufi hafuurasaa akka nuu kennu gaafachuu qabna. (Zakaariyaas 4:6) Gargaarsa hafuura qulqulluutiin alatti wanti yaanne nuu mijaa’uu hin danda’u. (Maatewos 26:41) Fakkeenyi kun xumura baay’ee gaarii ta’erra akka geenyu kan nu gargaaru ta’uusaa hubatteettaa? Hafuura Waaqayyoo atattamaan argachuun akka nu barbaachisu yoo nutti dhaga’ame, hafuurasaa argachuuf deddeebisnee kadhachuun keenya hin oolu.

9, 10. (a) Hafuura Waaqayyoo argachuuf deddeebisnee kadhachuun kan barbaachisu maaliif akka ta’e fakkeenyaan ibsi. (b) Maal jennee of gaafachuu qabna? Maaliif?

9 Yeroo har’aatti barumsa kana hojiirra oolchuuf akka nu gargaarutti, fakkeenya tokko haa ilaallu. Maatiikee keessaa namni tokko halkan walakkaa dhukkubsate haa jennu. Gargaarsa argachuuf ogeessa fayyaa tokko hirriba keessaa ni kaastaa? Baay’ee hin dhukkubsanne taanaan akkas hin gootu. Haata’u malee, dhukkubichi dhukkuba onnee yoo ta’e ogeessa fayyaa waamuuf hin qaanoftu. Maaliif? Dhimmisaa ariifachiisaa waan ta’eefidha. Nama gama kanaan leenjii argate akka si gargaaru beekta. Yeroo akkasiitti gargaarsa gaafachuu dhiisuun nama dhukkubsate sana du’aaf saaxiluu danda’a. Haaluma wal fakkaatuun Kiristiyaanonni dhugaas haala ariifachiisaa keessatti argamu. Seexanni “akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti” nu liqimsuuf oliifi gadi kan naanna’u ta’uunsaa beekamaadha. (1 Phexros 5:8) Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu eegnee jiraachuu yoo barbaanne, gargaarsa hafuura Waaqayyoo argachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Gargaarsa Waaqayyoo gaafachuu dhiisuun karaa hafuuraa du’a nutti fiduu danda’a. Kanaaf, Waaqayyo hafuurasaa akka nuu kennuuf jabeessinee kadhanna. (Efesoon 3:14-16) Jabina “hamma dhumaatti” dhaabachuuf nu dandeessisu argachuu kan dandeenyu yoo akkas goone qofadha.—Maatewos 10:22; 24:13.

10 Kanaaf, al tokko tokko yeroo fudhannee irratti yaaduufi ‘deddeebisee kanan kadhadhu hangami?’ jennee of gaafachuu qabna. Gargaarsi Waaqayyoo akka nu barbaachisu sirriitti yoo hubanne hafuura qulqulluu argachuuf deddeebinee kadhachuu akka qabnu hin dagannu.

Amantaadhaan Akka Kadhannu Kan Nu Kakaasu Maalidha?

11. Yesus fakkeenya waa’ee abbaafi ilmaa kadhannaa wajjin kan wal qabsiise akkamitti?

11 Fakkeenyi Yesus nama keessummaa simate ilaalchisee dubbate, ilaalcha namni amane tokko kadhannaadhaaf qabaachuu qabu akka gaariitti kan ibsudha. Fakkeenyi ittaanummoo, ilaalcha isa kadhannaa dhaga’u, jechuunis waa’ee Yihowaa ibsa. Yesus: “Isin keessaa abbaa kan ta’e, ilmi isaa . . . qurxummii yoo kadhate, qurxummii isa inni kadhate dhowwatee, bofa kan kennuuf jiraa ree? Yookiis ilmi isaa hanqaaquu yoo kadhate, torbaanqabaa in kennaafii ree?” jedhee gaafateera. Yesus wanta dubbachuu barbaade yommuu ibsu akkas jedheera: “Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!”—Luqaas 11:11-13.

12. Fakkeenyi waa’ee abbaa kadhannaa ilmasaa dhaga’u ilaalchisee kenname, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf fedha kan qabu ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?

12 Yesus fakkeenya abbaa gaaffii ilmasaatiif deebii kennu ilaalchisee dubbaterratti, ilaalcha Yihowaan namoota kadhannaadhaan isatti dhihaataniif qabu ibseera. (Luqaas 10:22) Jalqaba wantoota lamaan wal bira qabamanii ibsaman ilaali. Yihowaan akka nama fakkeenya kanarratti ibsameefi gargaarsa akka kennuuf yommuu waamichi isaaf dhihaate xinnoo mamee miti. (Faarfannaa 50:15) Kana malees, Yesus Waaqayyoon nama abbaa ta’e tokkoo wajjin wal bira qabee ibsuudhaan Yihowaan nu gargaaruuf fedhii kan qabu ta’uusaa ibseera. Abbaan cubbamaa ta’e tokko cubbuu dhaaleen ‘hamaa’ ta’ullee, ilmasaatiif wanta gaarii kan kennu erga ta’ee, Abbaan keenya inni arjaan samiirra jiraatu maatiiwwansaa lafarratti argamaniifi isa waaqeffataniif hafuura qulqulluu caalaatti kenna jennee eeguun keenya sirrii mitii?—Yaaqoob 1:17.

13. Kadhannaadhaan yommuu Yihowaatti dhihaannu waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

13 Kanarraa barumsa akkamii arganna? Abbaan keenya inni samii hafuura qulqulluu akka nuu kennuuf yommuu kadhannu isa nuti kadhannee ol akka nuu kennu amanuu dandeenya. (1 Yohannis 5:14) Yihowaan deddeebisnee yeroo isa kadhannu matumaa: “Ana hin dhamaasin, balballi cufameera” nuun hin jedhu. (Luqaas 11:7) Kanaa mannaa Yesus: “Kadhadhaa isiniif in kennamaa, barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama” jedheera. (Luqaas 11:9, 10) Eeyyee, Yihowaan ‘guyyaa isa waammannutti nuu deebisa.’—Faarfannaa 20:9; 145:18.

14. (a) Namoonni rakkoon isaanirra ga’e tokko tokko yaada akkamiitu isaan jeeqa? (b) Yeroo rakkoowwan nurra ga’an Yihowaa amantaadhaan kadhachuu kan qabnu maaliifi?

14 Kanaan alattis, fakkeenyi Yesus waa’ee Abbaa keenya isa jaalala qabeessa ilaalchisee dubbate, arjummaa ilmaan namootaa argisiisan hundaa kan caalu ta’uusaa addeessa. Kanaaf, hundi keenya yeroo rakkoon nu qunnamu, kun kan nurra ga’e Yihowaan waan nutti gaddeefidha jennee yaaduu hin qabnu. Akkas akka yaannu kan barbaadu diina keenya isa guddaa kan ta’e Seexanadha. (Iyoob 4:1, 7, 8; Yohannis 8:44) Caaffanni Qulqulluun namni tokko akka of ceepha’u hin jajjabeessu. Yihowaan “hamaa gochuudhaaf” nu hin qoru. (Yaaqoob 1:13) Rakkoowan bofatti fakkeeffamaniin ykn qorumsawwan torbaanqabaatti fakkeeffaman nutti hin fidu. Abbaan keenya inni samii, “warra isa kadhataniif waan gaggaarii kenna!” (Maatewos 7:11; Luqaas 11:13) Gaarummaa Yihowaafi fedhii inni nu gargaaruuf qabu caalaatti hubachaa adeemuun keenya, amantaa guutuudhaan kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu nu kakaasa. Yoo akkas goone nutis akka faarfatichaa akkas jechuu dandeenya: “Waaqayyo garuu dhuguma ana dhaga’eera, sagalee kadhata kootiis yaadaan anaaf qabeera.”—Faarfannaa 10:17; 66:19.

Hafuurri Qulqulluun Nu Gargaaruu Kan Danda’u Akkamitti?

15. (a) Yesus hafuura qulqulluu ilaalchisee waadaa akkamii gale? (b) Karaa hafuurri qulqulluun itti nu gargaaru keessaa inni tokko maalidha?

15 Yesus utuu hin du’in yeroo muraasa dura abdii kenne irra deebi’ee mirkaneesseera. Hafuura qulqulluu ilaalchisee ergamootasaatiin akkas jedheera: “Ani abbaa nan kadhadha, inni bara baraan isin bira haa jiraatuuf, kan biraa kan isiniif dubbatu, isiniif in kenna.” (Yohannis 14:16) Kanaaf, gargaaraa garabiraan ykn hafuurri qulqulluun akka isaanii wajjin ta’u waadaa isaaniif galee kan ture yommuu ta’u, kunimmoo bara keenyas ni dabalata. Yeroo har’aatti karaan gargaarsa guddaa argachuu itti dandeenyu keessaa inni tokko isa kamidha? Hafuurri qulqulluun rakkoowwan gara garaa akka moonu nu gargaara. Akkamitti? Rakkoon gara garaa irra ga’ee kan ture Phaawulos, hafuurri qulqulluun akkamitti akka isa gargaare Kiristiyaanota gumii Qorontos turaniif ibseera. Mee maal jedhee akka barreesse gabaabaatti haa ilaallu.

16. Haalli keenya kan Phaawulosii wajjin wal fakkaachuu kan danda’u akkamitti?

16 Phaawulos jalqabarratti namoota hidhata amantaasaa ta’an “wanti dhagna [isaa] keessa taa’ee [isa] waraanu” tokko wajjin waldhaansoo wal qabaa akka jiru utuu hin dhoksin isaanitti hime. Achiis: “Akka ana irraa fuudhuuf si’a sadii gooftaa [Yihowaa] kadhadheera” jedhee dubbate. (2 Qorontos 12:7, 8) Phaawulos rakkoon isarra ga’e akka isarraa fagaatu Waaqayyoon kadhatus, rakkoo kanarraa walaba hin taane. Tarii atis yeroo ammaatti haala wal fakkaatu keessatti argamta ta’a. Atis akkuma Phaawulos, Yihowaan rakkoo si mudate akka sirraa fageessu irra deddeebitee kadhatteetta ta’a. Irra deddeebitee kadhattus, ammayyuu rakkoo kanaa wajjin waldhaansoo qabaa jirta ta’a. Kana jechuun Yihowaan kadhannaa keetiif deebii hin laanne ykn hafuurrisaa si gargaaraa hin jiru jechuudhaa? Matumaa akkas jechuu miti! (Faarfannaa 10:1, 17) Wanta Phaawulos itti fufee dubbate qalbeeffadhu.

17. Yihowaan kadhanna Phaawulosiif deebii kan kenne akkamitti?

17 Waaqayyo, Phaawulosiif: “Ayyaanni koo si ga’a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwata” jechuudhaan deebii kenneera. Phaawulos: “Humni Kristos ana bira [“akka dunkaanaatti,” NW] akka buufatuuf, dadhabaa ta’uu kootiin hundumaa irra caalchisee gammachuudhaan of nan jaja” jedheera. (2 Qorontos 12:9; Faarfannaa 147:5) Kanaaf, Phaawulos karaa Kiristos humna Waaqayyoo isa akka dunkaanaa isa golgeen eegumsa argateera. Har’as Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu karaa wal fakkaatuunidha. Eegumsasaa akka dunkaanaatti tajaajiltootasaarratti golga.

18. Rakkoowwan keenya mo’uu dandeenya kan jennu maaliifi?

18 Dunkaanni, bokkaan akka hin roobne ykn qilleensi akka hin qilleensofne dhowwuu akka hin dandeenye beekamaa ta’us, hanga tokko garuu wantoota kanarra nu eega. Haaluma wal fakkaatuunis, eegumsi “humni Kristos” nuuf argamsiisu rakkoon ykn dhiphinni akka nurra hin geenye hin ittisu. Miidhaa biyyi lafaafi Seexanni inni isa seerratu nurraan ga’urraa garuu karaa hafuuraa eegumsa akka argannu nu gargaara. (Mul’ata 7:9, 15, 16) Kanaaf, rakkoon ati qabdu kan ‘sirraa hin fuudhamne’ ta’us, Yihowaan waldhaansoo ati gootu akka siif hubatuufi “yommuu ati iyyitu” deebii akka kennu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa. (Isaayaas 30:19; 2 Qorontos 1:3, 4) Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo amanamaa waan ta’eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”—1 Qorontos 10:13; Filiphisiiyus 4:6, 7.

19. Murtoonkee maalidha? Maaliif?

19 “Guyyoota gara dhumaa” kanatti biyyi lafaa inni Waaqayyo malee jiraatu kun ‘yeroo sodaachisaa’ keessa akka jiraatu homaa hin shakkisiisu. (2 Ximotewos 3:1) Kana jechuun garuu, tajaajiltoonni Waaqayyoo dhiibbaa guyyoonni gara dhumaa kun geessisan matumaa mo’uu hin danda’an jechuu miti. Maaliif? Yihowaan namoota amantaadhaan yeroo hundaa isa kadhatan hundaaf hafuurasaa baay’inaan kennuuf fedhii qaba; hafuurri kunimmoo gargaarsaafi eegumsa isaaniif argamsiisa. Kanaaf, nutis hafuura Waaqayyoo argachuuf guyyaa guyyaan deddeebisnee kadhachuun murtoo keenya haa ta’u.—Faarfannaa 34:6; 1 Yohannis 5:14, 15.

Maal Jettee Deebista?

• Hafuura Waaqayyoo argachuuf maal gochuu qabna?

• Yihowaan kadhannaa hafuura qulqulluu argachuuf dhiheessinu akka dhaga’u akkamitti mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

• Hafuurri qulqulluun rakkoo akka moonu kan nu gargaaru akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]