Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dinqisiifannaan Keessan Guddachaa Haa Adeemu

Dinqisiifannaan Keessan Guddachaa Haa Adeemu

Dinqisiifannaan Keessan Guddachaa Haa Adeemu

“Yaadni kee maal maal anatti jabaata, yaa Waaqayyo! Guutummaattis maal maal baay’ata!” —FAARFANNAA 139:17.

1, 2. Dubbii Waaqayyoo dinqisiifachuu kan qabnu maaliifi? Faarfatichi dinqisiifannaasaa kan ibse akkamitti?

WANTA nama ajaa’ibsiisutu argame. Manni qulqullummaa Yihowaa inni Yerusaalemitti argamu utuu haaromfamaa jiruu, Hangafni Lubootaa Hilqiiyaan “macaafa seera Waaqayyoo isa karaa Musee kenname” argate. Macaafni kun isa jalqaba barreeffame yommuu ta’u, yeroo sanatti erga barreeffamee waggaa 800 akka ta’u homaa hin shakkisiisu. Yosiyaas Mootichi inni Waaqayyoon sodaatu yommuu macaaficha ilaale maaltu akka itti dhaga’ame tilmaamuu dandeessaa? Shaafaan inni yeroo sanatti barreessaa ture, sagaleesaa ol fuudhee akka isaaf dubbisu gaafachuudhaan Mootichi macaafichaaf bakka guddaa akka kennu argisiiseera.—2 Seenaa 34:14-18.

2 Yeroo ammaattis, namoonni biliyoonaan lakkaa’aman Dubbii Waaqayyoo guutummaatti ykn gartokkoosaa argachuu danda’aniiru. Haata’u malee, kun Caaffanni Qulqullaa’oon faayidaa guddaa akka hin qabne kan argisiisudhaa? Matumaa! Caaffanni Qulqullaa’oon yaada Isa Hundumaa Danda’uu kan qabataniifi faayidaa keenyaaf kan barreeffamanidha. (2 Ximotewos 3:16) Daawit Dubbii Waaqayyoo ilaalchisuudhaan wanta isatti dhaga’ame akkas jechuudhaan barreesseera: “Yaadni kee maal maal anatti jabaata, yaa Waaqayyo! Guutummaattis maal maal baay’ata!”—Faarfannaa 139:17.

3. Daawit karaa hafuuraa beekumsa gadi fagoo akka qabu kan argisiisu maalidha?

3 Dinqisiifannaan Daawit Yihowaadhaaf, Dubbiisaatiifi qophii inni waaqeffannaa dhugaatiif godhe qabu hin qabbanoofne. Faarfannaawwan gaggaariin inni qindeesse yaadasaa sirriitti kan ibsanidha. Fakkeenyaaf Faarfannaa 27:4⁠rratti akkas jechuudhaan barreesseera: “Ani Waaqayyoon waan tokkicha nan kadhadha, isas argachuu nan barbaada; innis, bara jireenya koo hundumaa mana Waaqayyoo keessa jiraachuu, gaarummaa Waaqayyo hojjetu ilaaluu, mana qulqullummaa isaa keessattis isa yaadachuu dha.” Afaan Ibrootaatiin jechi “yaadachuu” jedhu irratti xiinxaluu, eeguu, gammachuufi dinqisiifannaadhaan ilaaluu kan argisiisudha. Daawit nama karaa hafuuraa beekumsa gadi fageenya qabu, qophiiwwan Yihowaan karaa hafuuraa godhe kan dinqisiifatuufi qophii kana hundatti kan fayyadamu ture. Dinqisiifannaa ilaalchisee fakkeenyasaarraa barumsa gaarii argachuu dandeenya.—Faarfannaa 19:7-11.

Dhugaa Macaafa Qulqulluu Beekuuf Mirga Argatte Dinqisiifadhu

4. ‘Yesus hafuura qulqulluutti akka gammadu’ kan isa godhe maalidha?

4 Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan hubachuun dandeettii ykn beekumsa biyya lafaa isa kooraaf nama saaxilu argachuurratti kan hundaa’e miti. Kanaa mannaa, gaarummaa Yihowaarratti kan hundaa’e yommuu ta’u, ogummaa kanas kan inni kennu namoota gad of qabaniif, namoota garaa qajeelaa qabaniifi karaa hafuuraa wanti isaanitti hir’ate akka jiru hubataniifidha. (Maatewos 5:3; 1 Yohannis 5:20) Yesus namoonni gonkummaa hin qabne tokko tokko maqaansaanii waaqarratti barreeffamuusaa yommuu yaadu “hafuura qulqulluutti gammadee, ‘Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa, isa kana warra ogeessotaa fi hubattoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti waan mul’ifteef sin jajadha; eeyyee, yaa abbaa isa kanatti gammaddeetta’ jedhe.”—Luqaas 10:17-21.

5. Bartoonni Yesus dhugaa Mootummichaa isaaniif ife akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliif ture?

5 Yesus garaasaa guutuudhaan kadhannaa kana erga godhee booda, gara bartootasaatti garagalee akkas jedhe: “Iji waan isin amma argitan kana argu ayyaantuu dha. Raajonnii fi mootonni baay’een isa isin argitan kana arguu akka kajeelan akka hin argin hafanis, waan isin dhageessanis dhaga’uu akka kajeelan, akka hin dhaga’in hafanis, isinittan hima.” Eeyyee, Yesus duuka buutonnisaa warri amanamoon dhugaa waa’ee Mootummichaa isaanii ife akka laayyootti akka hin ilaalle isaan jajjabeesseera. Dhugaan kun tajaajiltoota Waaqayyoo warra isaan dura turaniifis ta’e “warra ogeessotaa fi hubattoota” bara Yesusitti turaniif hin ibsamne.—Luqaas 10:23, 24.

6, 7. (a) Dhugaa Waaqayyo nuu ibse dinqisiifachuu kan qabnu maaliifi? (b) Yeroo ammaatti amantii dhugaafi sobaa gidduu garaagarummaa akkamiitu jira?

6 Yeroo keenyattis, Yihowaan karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ sabnisaa Dubbiisaarratti hubannaa gad fageenya qabu akka argatan waan godheef dhugaa kana dinqisiifachuuf sababii ga’aa qabna. (Maatewos 24:45; Daani’el 12:10) Daani’el guyyoota gara dhumaa ilaalchisee: “Baay’een isa bira ga’uudhaaf in dhama’u, beekumsis baay’achuuf jira” jechuudhaan barreesseera. (Daani’el 12:4) Yeroo ammaatti beekumsi Waaqayyoo akka ‘baay’ateefi’ tajaajiltoonni Yihowaa karaa hafuuraa nyaata gaarii argachaa akka jiran sitti hin dhaga’amuu?

7 Badhaadhummaa sabni Waaqayyoo karaa hafuuraa argataniifi burjaaja’uu amantii Baabilon Guddittii keessa jiru gidduu garaa garummaa guddaan hin jiruu? Kanaan kan ka’es, namoonni hedduun wanta amantii sobaa gidduutti godhamutti gadduu ykn jibbuudhaan gara amantii dhugaatti dhufaa jiru. Namoonni hoolotatti fakkeeffaman kun, warra ‘cubbuu ishee [Baabilon Guddittii] keessaa qabaachuu ykn dha’icha ishee irraas hirmaachuu’ hin barbaannedha. Yihowaafi tajaajiltoonnisaa namoota akkasii hunda gara gumii Kiristiyaanaa isa dhugaatti akka dhufan afeeraa jiru.—Mul’ata 18:2-4; 22:17.

Namoonni Dinqisiifatan Gara Waaqayyootti Dhufu

8, 9. Jechoonni Haagee 2:7⁠rratti argaman yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiran akkamitti?

8 Yihowaan mana waaqeffannaasaa isa hafuuraa ilaalchisee akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Saba lafa irraa hundumaa nan sochoosa, badhaadhummaan saba lafa irraa hundinuu as in fidama.” (Haagee 2:7) Bara Haageetti, yommuu sabni Waaqayyoo warri boojuudhaa deebi’an Yerusaalemitti mana qulqullummaa deebisanii ijaaran raajiin kun raawwatameera. Yeroo ammaattis jechoonni Haagee mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa wajjin haala wal qabateen raawwiisaa isa guddaa argachaa jira.

9 Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman ‘hafuuraafi dhugaadhaan’ Waaqayyoon waaqeffachuuf gara mana qulqullummaa isa fakkeenyaan ibsame kanatti kan yaa’an ta’uusaarrayyuu, waggaa waggaadhaan namoonni 200,000 ol ta’an jechuunis “badhaadhummaan saba lafarraa hundinuu” gara mana kanaatti yaa’aa jiru. (Yohannis 4:23, 24) Fakkeenyaaf gabaasni waggaa tajaajilaa 2006 akka argisiisutti, namoonni 248,327 ta’an Yihowaadhaaf of murteessuusaanii bishaaniin cuuphamuudhaan argisiisaniiru. Kana jechuunis guyyaa guyyaadhaan giddu galeessaan namoonni 680 ta’an ni cuuphamu jechuudha! Jaalalli dhugaadhaafis ta’e labsitoota Mootummichaa ta’uudhaan Yihowaa tajaajiluuf fedhiin isaan qaban, Waaqayyo garasaatti isaan harkisuusaa kan argisiisudha.—Yohannis 6:44, 65.

10, 11. Muuxannoo namoonni dhugaa Macaafa Qulqulluu akka dinqisiifatan argisiisu dubbadhu.

10 Namoonni hedduun garaa qajeelaa qaban kun gara dhugaatti kan dhufan ‘garaa garummaa warra qajeelotaafi warra jal’oota gidduu jiru, warra Waaqayyoof hojjetaniifi warra isaaf hin hojjenne gidduu jiran’ waan hubataniifidha. (Miilkiyaas 3:18) Fakkeenya haadha manaafi abbaa manaa Weeniifi Varjiiniyaa jedhaman haa ilaallu. Namoonni kun miseensota jaarmiyaa amantii Phenxeqostee kan turan yommuu ta’u, gaaffii isaanii hin deebine hedduu qabu turan. Haati manaafi abbaan manaa kun waraana kan jibban yommuu ta’u, yeroo luboonni loltootaafi meeshaa waraanaa eebbisan ilaaluun isaan dhiphisa ture. Varjiiniyaan waggoota hedduudhaaf mana barumsaa Dilbataatti barsiisaa kan turte ta’uyyuu, yommuu umriinsaanii dabalaa adeemu, warri waldaa sana keessa jiran akka isaan gatanitti itti dhaga’ame. “Eenyuyyuu nu gaafatee ykn jireenya hafuuraa keenyaaf yaadee hin beeku, wanti waldaan sun nurraa barbaadu qarshii keenya qofa ture. Wanti kun nuu galuu didee ture” jedhaniiru. Waldaansaanii saalqunnamtii namoota saala wal fakkaatu qaban gidduutti godhamu yommuu heyyamtu caalaatti isaan gaddisiise.

11 Kana gidduutti, mucaa mucaa Weeniifi Varjiiniyaa takka tureemmoo intallisaanii Dhugaa Baatota Yihowaa ta’an. Weeniifi Varjiiniyaan yeroo jalqabaatiif dhimma kanatti kan aaran ta’uyyuu, yeroo booda yaadasaanii jijjiiruudhaan Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqaban. Ween akkas jedheera: “Waggoota 70 dabarsine caalaa, ji’a sadii qofa gidduutti waa’ee Macaafa Qulqulluu caalaatti baranne. Maqaan Waaqayyoo Yihowaa ta’uusaa, waa’ee Mootummichaafi waa’ee Jannata ishee lafarratti hundeeffamtuu hin beeknu turre.” Utuu baay’ee hin turinis, abbaan manaafi haati manaa kun walga’iiwwanirratti argamuufi tajaajilarratti hirmaachuu jalqaban. Varjiiniyaan: “Dhugaa kana nama hundumaatti himuu barbaanna” jechuudhaan dubbatteetti. Lamaansaaniiyyuu bara 2005⁠tti umrii 80 keessa utuu jiranii kan cuuphaman yommuu ta’u, “Maatii Kiristiyaanota dhugaa arganneerra” jedhaniiru.

Gargaarsa ‘Hojii Gaarii Hundaaf’ Akka Qophooftu Sii Godhame Dinqisiifadhu

12. Yihowaan yeroo hundumaa tajaajiltootasaatiif maal qopheessa? Kanarraa fayyadamuu yoo barbaanne maal gochuu qabna?

12 Yihowaan yoomiyyuu tajaajiltoonnisaa jaalalasaa akka raawwatan ni gargaara. Fakkeenyaaf Nohi, akkamitti markaba akka ijaaru ilaalchisee qajeelfamni ifa ta’eefi yaada hundumaa qabate isaa kennameera. Yeroo lammataatiif markaba sana ijaaruuf carraa waan hin qabneef jalqabumaa kaasee sirriitti hojjechuu qaba ture. Markabichis sirriitti hojjetameera. Maaliif? Nohi ‘akkuma Waaqayyo isa abboometti hundumaa hojjetee waan raawwateefidha.’ (Uumama 6:14-22) Yeroo ammaattis, Yihowaan tajaajiltoonnisaa jaalalasaa akka raawwatan sirriitti isaan qopheessa. Hojiin keenya inni guddaan misiraachoo Mootummaan Waaqayyoo hundeeffamuusaa ibsu lallabuufi namoonni garaa qajeelaa qaban bartoota Yesus Kiristos akka ta’an gargaaruudha. Akkuma Nohi nutis hojii nuu kenname kana sirriitti hojjechuu kan dandeenyu yoo abboomamne qofadha. Qajeelfama Yihowaan karaa Dubbiisaafi karaa jaarmiyaasaa nuu qopheessu hordofuu qabna.—Maatewos 24:14; 28:19, 20.

13. Yihowaan karaa kamiin nu leenjisa?

13 Hojii nuu kenname kana raawwachuuf meeshaa keenya isa guddaa jechuunis Dubbii Waaqayyoo ‘qajeeltootti hojjechuu’ qabna. Dubbiin Waaqayyoo kunis “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa. Namni Waaqayyoo waa gochuuf kan danda’e, hojii gaarii hundumaafis kan qophaa’e akka ta’u in godha.” (2 Ximotewos 2:15; 3:16, 17) Yihowaan akkuma jaarraa jalqabaa har’as karaa gumii leenjii barbaachisaa ta’e nuu kenna. Yeroo ammaatti gumiiwwan 99,770 ta’aniifi addunyaa maratti argaman keessatti, Manni Barumsaa Tajaajila Ti’okraasiifi Walga’iin Tajaajilaa torban torbaniin kan geggeeffaman yommuu ta’u, isaanis hojii lallabaatiif nu gargaaru. Yeroo hundumaa walga’iiwwan kanarratti argamuufi wanta achitti barattu hojiirra oolchuudhaan dinqisiifannaa qabdu ni argisiiftaa?—Ibroota 10:24, 25.

14. Tajaajiltoonni Yihowaa mirga Waaqayyoon tajaajiluuf argataniif dinqisiifannaa qaban kan ibsan akkamitti? (Yaada chaartii ful. 27 hanga 30⁠rra jiru dabalii dubbadhu.)

14 Sabni Waaqayyoo miliyoonaan lakkaa’aman tajaajilarratti hirmaachuuf carraaqqii gochuudhaan, leenjii argatan kanaaf dinqisiifannaa qaban argisiisaa jiru. Fakkeenyaaf waggaa tajaajilaa 2006⁠tti, babal’istoonni Mootummichaa 6,741,444 ta’an dimshaashatti sa’aatii 1,333,966,199 ta’u hojii kanarratti hirmaachuudhaan kan dabarsan yommuu ta’u, kunimmoo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu 6,286,618 ta’an geggeessuus kan dabalatu ture. Kun gabaasa addunyaa maratti argamaniifi nama jajjabeessan keessaa muraasasaaniiti. Obboloonni jaarraa jalqabaa gabaasa hojii lallabaa yeroosaaniitti godhamaa turerraa akkuma jajjabina argatan, atis gabaasa kana akka gaariitti ilaaluudhaan jajjabina argachuu dandeessa.—Hojii Ergamootaa 1:15; 2:5-11, 41, 47; 4:4; 6:7.

15. Eenyuyyuu garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluuf hanga carraaqqii godhetti abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?

15 Ulfinni tajaajiltoonni Yihowaa waggaa waggaadhaan Waaqayyoof dhiheessan, Yihowaa beekuusaaniifi dhugaa baatotasaa ta’uusaaniitiif dinqisiifannaa akka qaban kan argisiisudha. (Isaayaas 43:10) Dhugaadha, aarsaan obboloonni dullooman, dhukkubsataniifi rakkina garabiraa qaban dhiheessan, saantima haati hiyyeessaa sun kennitee wajjin kan wal fakkaatu ta’uu danda’a. Haata’u malee, Yihowaanis ta’e Ilmisaa namoota garaa guutuudhaan Waaqayyoon tajaajiluuf hanga danda’an carraaqqii godhan hunda akka dinqisiifatan dagachuu hin qabnu.—Luqaas 21:1-4; Galaatiyaa 6:4.

16. Waaqayyo yeroo dhihoodhaa asitti kitaabota barsiisuuf nu gargaaran akkamii nuu qopheesseera?

16 Yihowaan tajaajilaaf nu leenjisuu qofa utuu hin ta’in, karaa jaarmiyaasaa barreeffamoota gaarii ittiin barsiisuuf nu gargaaran nuu qopheessuudhaan nu hidhachiisa. Waggoota kurnan dhihoodhaa asitti kitaabota Dhugaa Jireenya Bara Baraatti Geessu, Lafarra Jannata Keessa Bara Baraan Jiraachuu Ni Dandeessa, Beekumsa Jireenya Bara Baraatti Geessuufi dhihoottimmoo Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhaman nuu qopheesseera. * Namoonni dhugumaan qophii kana dinqisiifatan tajaajilarratti akka gaariitti itti fayyadamu.

Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu Jedhamutti Akka Gaariitti Fayyadami

17, 18. (a) Tajaajilarratti kutaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu keessaa isa kam ibsuutu sitti tola? (b) Daawwataan olaanaa aanaa tokko waa’ee kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu ilaalchisee maal jedheera?

17 Kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu boqonnaa 19fi kutaa dabalataa barumsawwan gad fageenya qaban kan ibsu akkasumas, karaa salphaafi ifa ta’een kan qophaa’e waan ta’eef tajaajilaafis baay’ee gaarii ta’uunsaa hubatameera. Fakkeenyaaf boqonnaan 12 mataduree “Jireenya Waaqayyoon Gammachiisu Jiraachuu” kan danda’amu akkamitti akka ta’e ibsa. Boqonnaan kun, namni Macaafa Qulqulluu qayyabatu akkamitti jaalallee Waaqayyoo ta’uun akka danda’amu kan ibsu yommuu ta’u, kunimmoo wanta namoonni hedduun hin beekneefi ni danda’ama jedhanii hin yaannedha. (Yaaqoob 2:23) Namoonni kitaaba Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf qophaa’e kanaaf ilaalcha akkamii qabu?

18 Ilaaltuun olaanaa aanaa Awustiraaliyaatti argamu tokko, kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu, “Akkaataa dhiheenyaa gaarii namoonni balbalasaanii dura utuu jiranii maree jalqabsiisuuf gargaaru qabateera” jechuudhaan gabaaseera. Itti dabaluudhaanis kitaabni kun itti fayyadamuuf salphaa waan ta’eef “babal’istoonni Mootummichaa hedduun tajaajilarratti jabinaafi gammachuu akka qabaatan godheera” jedheera. Namoonni tokko tokko kitaaba kanaan warqeedha jechuunsaanii kan nama ajaa’ibsiisu miti!”

19-21. Muuxannoo faayidaa kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu ibsan tokko tokko dubbadhu.

19 Dubartiin biyya Gaayaanaatti argamtu tokko, qajeelchaa manaa gara manaatti utuu tajaajiluu ishee argate tokkoon “Waaqayyotu si erge” jetteetti. Namni ishee wajjin jiraachaa ture tokko dhiheenyatti isheefi ijoolleeshee lamaan dhiisee deemeera. Qajeelchaan kun kitaaba kana boqonnaa 1 mataduree, “Jal’ina Nurratti Raawwatamuuf Waaqayyotti Maaltu Dhaga’ama?” jedhurraa keeyyata 11⁠ffaa sagaleesaa ol fuudhee dubbiseef. Qajeelchaan sun “yaanni achirratti argamu garaashee waan tuqeef, suuqiishee duuba dhaquudhaan garmalee boosse” jedheera. Boodas, dubartiin kun obboleettii naannoo sana jirtuu wajjin Macaafa Qulqulluu akka qayyabattu afeerrii isheedhaaf dhihaate kan fudhatte yommuu ta’u, yeroo ammaattis guddina argisiisaa jirti.

20 Namni Hosee jedhamuufi biyya Ispeen jiraatu tokko, haati manaasaa balaa konkolaataatiin jalaa duute. Gaddasaa kana irraanfachuuf jechas qoricha sammuu namaa hadoochu kan fudhatu yommuu ta’u, namoonni yaalii fayyaa godhanis gargaarsa isaa godhu turan. Haata’u malee, namoonni yaalii fayyaa godhaniif kun gaaffii “Waaqayyo haati manaakoo akka duutu maaliif heyyame?” jedhuufi boqonnaa isa dhowwatu deebisuufii hin dandeenye. Gaaf tokko Hoseen nama isaa wajjin hojjetuufi Firaancheesk jedhamuu wajjin mari’ate. Firaancheesk kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu boqonnaa 11 mataduree, “Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?” jedhurratti akka mari’atan yaada dhiheesseef. Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’uudhaan ibsi kennamu, fakkeenyi waa’ee barsiisaafi waa’ee barataa sanaa ibsu baay’ee isa dinqisiise. Achiis Hoseen qayyabannaa kan jalqabeefi walga’ii aanaarratti kan argame yommuu ta’u, yeroo ammaattis walga’iiwwan Galma Mootummaatti godhamanirratti ni argama.

21 Roomaan biyya Poolaand keessa kan jiraatu, hojii daldalaarratti kan bobba’eefi nama waggaa 40ti. Haata’u malee, hojiisaatti muddamee waan tureef, Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan guddina argisiisuu hin dandeenye. Ta’us, walga’ii koonyaarratti argamuudhaan kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhu fudhate. Sana boodas, jijjiirama gaarii argisiisuu jalqabe. “Kitaabni kun, barumsa bu’uuraa Macaafa Qulqulluu sirriitti akkan argadhu na gargaareera” jedheera. Roomaan Macaafa Qulqulluu qayyabachaa kan jiru yommuu ta’u, guddina gaariis argisiisaa jira.

Dinqisiifannaa Qabdu Guddisaa Adeemi

22, 23. Abdii nuu kennameef dinqisiifannaa qabnu argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

22 Walga’ii Koonyaa “Fayyinni Keenya Dhihaateera!” jedhamurratti akkuma ibsame, Kiristiyaanonni dhugaan “fayyina bara baraa”, (1899) isa Waaqayyo abdachiiseefi karaa dhiiga Yesus Kiristos isa dhangala’een nuu qophaa’e argachuuf hawwu. Abdii nuu kenname kanaaf dinqisiifannaa qabnu argisiisuuf karaan inni hundarra caalu ‘hojii isa du’atti geessu dhiifnee, Waaqayyo isa jiraataadhaaf hojjetoota ta’uufi caalchisnee yaada garaa keenya qulleessuudha.’—Ibroota 9:12, 14.

23 Eeyyee, yeroo hundumaa ofittummaa akka argisiifnu dhiibbaan yeroo guddachaa dhufe kanatti, labsitoonni Mootummichaa miliyoona ja’aa ol ta’an tajaajila Waaqayyootti jabaachuunsaanii dinqiidha. Kunimmoo tajaajiltoonni Yihowaa ‘itti dadhabuunsaanii gooftaa biratti akkasumaan akka hin ta’in beekanii’ mirga Waaqayyoon tajaajiluuf argatan akka dinqisiifatan kan argisiisudha. Dinqisiifannaan kun guddachaa akka adeemu hawwina!—1 Qorontos 15:58; Faarfannaa 110:3.

[Miiljalee]

^ key. 16 Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuun alatti warri kaan afaan Oromootiin hin hiikamne.

Maal Jettee Deebista?

• Waaqayyoonis ta’e qophiiwwan inni karaa hafuuraa nuu godhe dinqisiifachuudhaan faarfaticharraa maal baranna?

• Yeroo ammaatti jechoonni Haagee 2:7⁠rratti argaman raawwatamaa kan jiran akkamitti?

• Yihowaan tajaajiltoonnisaa karaa bu’a qabeessa ta’een akka isa tajaajilan kan isaan hidhachiise akkamitti?

• Gaarummaa Yihowaa dinqisiifachuuf maal gachuu dandeessa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]