Wanta Macaafni Qulqulluun Jedhu Barsiisi
Wanta Macaafni Qulqulluun Jedhu Barsiisi
‘Isaan barsiisuudhaan saba hundumaa bartoota koo godhaa!’—MAATEWOS 28:19, 20.
1. Macaafni Qulqulluun hangam baay’inaan argama?
MACAAFNI QULQULLUUN kitaabota umurii dheeraa qabaniifi addunyaa maratti baay’inaan argaman keessaa isa tokkodha. Macaafni kun guutummaattis ta’e gar tokkoonsaa afaan 2,300 ol ta’uun hiikameera. Namoonni harka 90 ol ta’an Macaafa Qulqulluu afaan dhalootaasaaniitiin argachuu danda’u.
2, 3. (a) Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu ilaalchisee yaanni wal faallessu kan uumame maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa ilaalla?
2 Namoonni miliyoonaan lakkaa’aman guyyaa guyyaan kutaa Macaafa Qulqulluu keessaa hanga tokko ni dubbisu. Namoonni muraasnimmoo, jalqabaa hanga dhumaatti irra deddeebi’anii dubbisaniiru. Gareen amantii kumaan lakkaa’amanis barumsisaanii Macaafa Qulqulluurratti akka hundaa’e dubbatu. Haata’u malee, barumsa Macaafni Qulqulluun barsiisu ilaalchisee walii galtee hin qaban. Wanti caalaatti nama ajaa’ibsiisummoo, namoota miseensa dhaabbata amantii tokkoo ta’an gidduutti ilaalchi garagaraa jiraachuusaati. Namoonni tokko tokko maddaafi faayidaa Macaafa Qulqulluu ni shakku. Karaa garabiraammoo, namoonni hedduun, macaafni kun yeroo kakatan ykn mana murtiitti dhugaa dubbachuusaanii argisiisuuf kan gargaaru qofa akka ta’e itti dhaga’ama.
3 Dhugaa dubbachuuf taanaan, Macaafni Qulqulluun ergaa Waaqayyo ilmaan namootaatiif dabarse ykn Dubbiisaa isa humna qabudha. (Ibroota 4:12) Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, namoonni Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu akka hubatan barbaanna. Ajaja Yesus bartootasaatiin: ‘Dhaqaa, isaan barsiisuudhaan saba hundumaa bartoota koo godhaa!’ jechuudhaan kenne raawwachuun keenya nu gammachiisa. (Maatewos 28:19, 20) Tajaajilarratti namoota garaa qajeelaa qabaniifi rakkoowwan amantii biyya lafaa keessatti babal’atee jiruun dhiphatan argina. Waa’ee Uumaa keenyaa dhugaansaa maal akka ta’eefi kaayyoon jireenyaa maal akka ta’e ilaalchisee, Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu baruu barbaadu. Mee amma gaaffiiwwan namoota baay’ee yaaddessan sadii haa ilaallu. Gaaffiiwwan kanarratti geggeessitoonni amantii barumsa dogoggoraa akkamii akka barsiisaniifi Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu ilaalla. Isaanis: (1) Waaqayyo waa’ee keenya ni yaadaa? (2) Lafa kanarra kan jiraannu maaliifi? (3) Yeroo duunu maal taana? kan jedhanidha.
Waaqayyo Waa’ee Keenya Ni Yaadaa?
4, 5. Namoonni, Waaqayyo waa’ee keenya hin yaadu jedhanii akka yaadan kan godhu maalidha?
4 Jalqaba gaaffii Waaqayyo waa’ee keenya ni yaadaa? jedhu haa ilaallu. Namoonni baay’een hin yaadu jedhanii dubbachuusaaniitti baay’ee nama gaddisiisa. Kan akkas jedhan maaliifi? Sababiin inni tokko, biyyi lafaa jibba, waraanaafi rakkinaan guutamuusaati. ‘Waaqayyo waa’ee keenya kan yaadu utuu ta’ee, wantoonni nama gaddisiisan akka hin geenye godha ture’ jedhu.
5 Sababii garabiraan namoonni Waaqayyo waa’ee keenya hin yaadu jedhanii akka yaadan godhemmoo, geggeessitoonni amantii akkas jedhanii akka yaadan waan isaan godhaniifidha. Geggeessittoonni amantii balaan nama gaddisiisu yeroo ga’u maal jedhu? Dubartiin tokko ijoolleenshee lamaan balaa konkolaataatiin yeroo du’anitti lubni tokko: “Fedhii Waaqayyooti; isatu ergamoota lama waan barbaadeef isaan fudhate” jedheera. Luboonni yaada akkasii yeroo kennan balaa ga’uuf Waaqayyoon itti gaafatamaa gochuusaaniiti. Haata’u malee, Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni yommuu qoramu, qoramsi kun Waaqayyo biraa anatti dhufe hin jedhin! Waaqayyo hamaa gochuudhaaf qoramuu hin danda’u, ofii isaatiis nama tokko illee hamaadhaaf hin qoru.” (Yaaqoob 1:13) Matumaa Yihowaan wanti hamaan namootarra akka ga’u hin godhu. Macaafni Qulqulluun, “Jal’inni Waaqayyo irraa . . . haa fagaatu!” jedha.—Iyoob 34:10.
6. Hamminaafi rakkina addunyaarratti argamu duuba kan jiru eenyudha?
6 Hamminniifi rakkinni akkas kan baay’ate maaliifiree? Sababiin inni tokko, ilmaan namootaa hundi bulchiinsa Waaqayyoo fudhachuu dhiisuudhaan abboommiiwwansaa warra qajeelummaarratti hundaa’aniifi seerawwan bu’uraa inni baaseef abboomamuu waan didaniifidha. “Guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala” waan jiruuf, ilmaan namootaa utuu hin beekin Seexana isa diina Waaqayyoo ta’eef bitamaa jiru. (1 Yohannis 5:19) Kana beekuun keenya wantoonni nama gaddisiisan maaliif akka ga’an hubachuuf nu gargaara. Seexannimmoo, jibbaan, nama gowwoomsuufi hamminaan kan guutamedha. Kanaaf, biyyi lafaa amala Seexanaa akka calaqqisu eeguu qabna. Rakkinniifi dhiphinni hedduun jiraachuunsaa nu dinqisiisuu hin qabu!
7. Rakkoowwan nurra ga’aniif wantoonni sababii ta’an tokko tokko maalfa’i?
7 Sababii garabiraan rakkinni akka jiraatu godhemmoo, namoonni gonkummaa kan hin qabne ta’uusaaniiti. Namoonni cubbamoota ta’an olaantummaa argachuuf qabsoo godhu; kunimmoo waraana, hacuuccaafi rakkinni akka uumamu godha. Lallabni 8:9: “Yeroon inni tokko warra kaan irratti mo’ee isaan miidhus jira” jechuudhaan haalasaa sirriitti ibseera. Sababii rakkinni itti jiraate garabiraanimmoo, ‘yeroofi walitti dhufuu’ wajjin kan wal qabatedha. (Lallaba 9:11, 1899) Yeroo baay’ee namoonni balaadhaaf kan saaxilaman yeroo malee bakka sirrii hin taanetti argamuusaaniiti.
8, 9. Waaqayyo akka nuu yaadu akkamitti beekuu dandeenya?
8 Rakkoo namootarra ga’uuf sababiinsaa Waaqayyo akka hin taane beekuun nama gammachiisa. Haata’u malee, Waaqayyo wantoota nurra ga’aniif dhimma qabaa? Deebiin gaaffii kanaa eeyyee kan jedhu ta’uunsaa nama gammachiisa! Waaqayyo namoonni daandii gadheerra akka adeeman maaliif akka heyyame Macaafni Qulqulluun waan nutti himuuf, Inni akka nuuf yaadu mirkanaa’oo ta’uu ni dandeenya. Kanas kan heyyame olaantummaasaafi amanamummaa ilmaan namootaa ilaalchisee gaaffiiwwan lama waan ka’aniifidha. Yihowaan Uumaa hundumaa danda’u waan ta’eef, sababii rakkinni akka jiraatu itti heyyame nuuf ibsuuf wanti isa dirqisiisu hin jiru. Haata’u malee, inni waa’ee keenya waan yaaduuf rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyame nutti himeera.
9 Sababii garabiraa Waaqayyo akka nuuf yaadu argisiisu haa ilaallu. Bara Nohitti, yeroo biyyi lafaa jal’inaan guutamte Waaqayyo ‘guutummaa garaasaatiin gaddee’ ture. (Uumama 6:5, 6) Yeroo ammaattoo wanta kanarraa adda ta’etu isatti dhaga’amaa? Yihowaan waan hin geddaramneef matumaa kanaa ala itti hin dhaga’amu. (Miilkiyaas 3:6) Inni jal’ina kan jibbu ta’uusaarrayyuu yeroo namoonni rakkatan arguun isa gaddisiisa. Macaafni Qulqulluun, Waaqayyo miidhaa bulchiinsi ilmaan namootaa fideefi dhiibbaa Seexanni geessise yeroo dhihootti guutummaatti akka balleessu barsiisa. Kun Waaqayyo akka nuuf yaadu kan argisiisu mitii?
10. Rakkina ilmaan namootaarra ga’uuf Yihowaatti maaltu dhaga’aama?
10 Geggeessitoonni amantii rakkoowwan gaddisiisoon akka nurra ga’an fedha Waaqayyoo akka ta’e godhanii dubbachuunsaanii sirrii miti. Kanaa mannaa, Yihowaan rakkoowwan ilmaan namootaarra ga’aa jiran balleessuuf fedhii guddaa qaba. 1 Phexros 5:7 ‘inni isiniif ni yaada’ jedha. Barumsi Macaafa Qulqulluu inni sirriin kanadha!
Lafa Kanarra Kan Jiraannu Maaliifi?
11. Yeroo baay’ee dhaabbileen amantii sababii namni lafarra akka jiraatuuf itti uumame ilaalchisee maal jedhu?
11 Gaaffii lammaffaa lafa kanarra kan jiraannu maaliifi? jedhuufi namoota hedduu yaaddessu haa ilaallu. Yeroo baay’ee, dhaabbileen amantii addunyaa maratti argaman namni lafarra kan jiraatu yeroo muraasaaf qofadha jechuudhaan gaaffii kanaaf deebii kennu. Lafa kana akka iddoo namni bakka garabiraa adeemu tokko yeroo gabaabduudhaaf itti boqotu qofa godhanii ilaalu. Luboonni tokko tokko guyyaa tokko Waaqayyo lafa kana ni balleessa jedhanii barumsa sobaa barsiisu. Kanaan kan ka’es, namoonni baay’een wanti isaan eeggatu du’a qofa akka ta’e waan itti dhaga’amuuf, hanga isaaniif danda’ametti jireenyasaanii isa ammaa gammachiisaa gochuu akka qaban yaadu. Sababii lafarra akka jiraannuuf uumamne ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal barsiisa?
12-14. Kaayyoo Waaqayyo lafaafi ilmaan namootaatiif qabu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal barsiisa?
12 Waaqayyo lafaafis ta’e ilmaan Isaayaas 45:18) Kana malees, Yihowaan ‘lafa hundeesaarra waan dhaabeef yeroo hundumaa baruma baraan iddoosaatii hin butatu.’ (Faarfannaa 104:5) Kaayyoo Waaqayyo lafaafis ta’e ilmaan namootaatiif qabu maal akka ture beekuun keenya sababii lafa kanarra itti jiraannu hubachuuf nu gargaara.
namootaatiif kaayyoo dinqisiisaa qaba. Lafa kana kan uume “bifa hin qabnee fi onaa akka ta’uuf” utuu hin ta’in ‘akka irra jiraataniifidha.’ (13 Uumamni boqonnaa 1fi 2 Yihowaan namoonni lafa kanarra akka jiraataniif of eeggannoodhaan akka qopheesse dubbata. Uumamni lafarratti argaman erga uumamanii booda wanti hundinuu “baay’ee gaarii” ture. (Uumama 1:31) Waaqayyo dhiiraafi dubartii jalqabaa, jechuunis Addaamiifi Hewwaaniin dhaaba Eeden keessa kan isaan kaa’e yommuu ta’u, nyaata isaan barbaachisus baay’inaan isaaniif qopheesseera. Abbaan manaafi haati manaa jalqabaa: “Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa!” jedhamaniiru. Ijoollee akkasaanii gonkummaa qaban godhachuufi jannata ishee bakka jireenyaasaanii taate guutummaa biyya lafaarratti babal’isuu, akkasumas utuu miidhaa isaanirraan hin ga’in bineensota haala jaalalarratti hundaa’een bulchuu qabu turan.—Uumama 1:26-28.
14 Kaayyoon Yihowaa ilmaan namootaa gonkummaa qaban bara baraaf lafarra akka jiraatanidha. Dubbiin Waaqayyoo: “Warri qajeelonni biyya in qabaatu, [lafa in dhaalu, NW] yeroo hundumaafis keessa in taa’u” jedha. (Faarfannaa 37:29) Eeyyee, namoonni kan uumaman lafa jannata taate keessa baraa baraaf akka jiraataniif ture. Kun kaayyoo Waaqayyooti; Macaafni Qulqulluun kana barsiisa!
Yeroo Duunu Maal Taana?
15. Dhaabbilee amantii addunyaa maratti argaman keessaa garri caalaansaanii yeroo duunu maal taana jedhanii barsiisu?
15 Mee ammammoo gaaffii sadaffaa yeroo duunu maal taana? jedhuufi namoota hedduu yaaddessu haa ilaallu. Dhaabbilee amantii addunyaa maratti argaman keessaa garri caalaansaanii, wanti qaama namootaa keessa jirtu tokko erga namoonni du’anii booda jiraachuushee itti fufti jedhanii barsiisu. Gareewwan amantii tokko tokko Waaqayyo namoonni hamoon bara baraaf ibiddaan akka gubatan gochuudhaan adaba jedhanii amanu. Haata’u malee, barumsi kun dhugaadhaa? Du’a ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal barsiisa?
16, 17. Macaafni Qulqulluun haala namoonni du’an keessatti argaman ilaalchisee maal jedha?
16 Macaafni Qulqulluun: “Warri jiran akka du’an beeku, warri du’an garuu waan tokko iyyuu hin beekan, gatii dadhabbii isaaniis deebi’anii hin argatan” jedha. Namoonni du’an ‘waan tokkoyyuu waan hin beekneef,’ dhaga’uu, ilaaluu, dubbachuu, qaqqabatanii waa baruufi yaaduu hin danda’an. Gatii dadhabbiisaaniis hin argatan. Wanta tokkoyyuu hojjechuu waan hin dandeenyeef akkamitti gatii dadhabbiisaanii argachuu danda’uree? Kana malees, ‘jaalalli, jibbiifi hinaaffaansaaniis waan badeef’ sana booda wanti isaanitti dhaga’amu hin jiru.—Lallaba 9:5, 6, 10.
17 Kana ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu salphaafi ifaa yeroo ta’u, namni tokko erga du’ee booda bakka garabiraa jiraachuu itti fufuu hin danda’u. Erga duunee booda qaama nu keessaa ba’ee jiraachuusaa itti fufu waan hin qabneef, akka namoonni rii’inkarneeshiniitti amanan yaadan qaama garabiraa uffannee lammata hin dhalannu. Yaada kana fakkeenya kanaa gaditti argamuun ibsuun ni danda’ama: Jireenyi keenya akka ifa dungooti. Yeroo ifni dungichaa dhaamu ifni sun eessayyuu hin deemu. Salphaadhumatti dungoon sun ifa kennuusaa dhaaba.
18. Barataan Macaafa Qulqulluu tokko namoonni du’an dhaga’uu akka hin dandeenye yommuu baratu murtoo akkamiirra ga’uu danda’a?
18 Wanti kun salphaa ta’us dhugaan kun ilaalcha namootaarratti jijjiirama guddaa kan fidu ta’uusaa qalbeeffadhu. Barataan Macaafa Qulqulluu tokko warri du’an homaa akka hin beekneefi yeroo lubbuudhaan turanitti kan isatti mufatan ta’anillee, erga du’anii booda waan tokko isa gochuu akka hin dandeenye salphaadhumatti hubachuu qaba. Kana malees, firoottansaa warri du’an dhaga’uu, ilaaluu, dubbachuu, qaqqabatanii waa baruufi yaaduu akka hin dandeenye yeruma sana hubachuu qaba. Kanaaf, bakka ibiddaan itti qulqulleeffamanitti kophaasaanii rakkachuu ykn bakka gubannaatti dhiphachuu hin danda’an. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun namoonni du’anii yaadannoo Waaqayyoo keessa jiran du’aa akka kaafaman barsiisa. Abdii baay’ee nama gammachiisu mitii?—Yohannis 5:28, 29.
Kitaaba Haaraa Akka Itti Fayyadamnuuf Qophaa’e
19, 20. Kiristiyaanota waan taaneef itti gaafatamummaa akkamii qabna? Tajaajila keenyarratti akka itti fayyadamnuufi Macaafa Qulqulluu akka ittiin qayyabsiisnuuf barreeffama akkamiitu nuu qophaa’e?
19 Gaaffiiwwan namoonni hedduun kaasan keessaa hanga ammaatti kan ilaalle sadii qofadha. Isaaniin yeroo qorrettis, wanti Macaafni Qulqulluun barsiisu ifaafi dhoksaa kan hin qabne ta’uusaa ilaalleerra. Dhugaa akkasii namoota wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu baruu barbaadaniif hiruun baay’ee kan nama gammachiisudha! Ta’us, gaaffiiwwan hedduun namoonni garaa qajeelaa qaban gaafataniifi deebiisaa argachuu barbaadan garabiraanis jiru. Kiristiyaanota waan taaneef namoonni gaaffiiwwan akkasiitiif deebii akka argatan gargaaruuf itti gaafatama qabna.
20 Dhugaa Macaafa Qulqulluu karaa salphaafi ifa ta’een barsiisuuf, akkasumas garaa namootaa akka tuqu godhanii barsiisuun ulfaataa ta’uu danda’a. “Hojjetaan amanamanii fi ogeessi” tajaajila keenya akka ittiin raawwannuuf jecha, kitaaba tokko nuu qopheesseera. (Maatewos 24:45-47) Kitaabni fuula 224 qabu kun, mataduree Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhu kan qabudha.
21, 22. Faayidaa kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamu qabu keessaa tokko tokko maalfa’i?
21 Kitaabni Walga’ii Koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa “Waaqayyoof Abboomamaa” jedhamuufi 2005/06rratti ba’e kun qabiyyee gara garaa qaba. Fakkeenyaaf, yaadawwan seensaa fuula shan ta’uufi qayyabannaa Macaafa Qulqulluu
jalqabsiisuuf gargaaran qabateera. Fakkiiwwaniifi caqasawwan yaada seensaa keessatti argamaniin fayyadamuudhaan salphaatti namoota mariisisuuf akka isin fayyadu homaa hin shakkisiisu. Kana malees, saanduqa yaada seensaarratti argamuun gargaaramtanii namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiistan akkamitti caqasoota Macaafa Qulqulluu baafachuu akka danda’an itti argisiisuu dandeessu.22 Kitaabichi karaa salphaafi ifa ta’een kan barreeffamedha. Barumsicha haala garaa baratichaa tuquun dhiheessuufi yeroo danda’amuttimmoo innis akka yaada kennu gochuuf yaaliin godhameera. Jalqaba tokkoon tokkoon boqonnaa dura, gaaffiiwwan akka seensaatti gargaaran kan qophaa’an yommuu ta’u, xumurarrattimmoo matadureen “Wanta Macaafni Qulqulluun Barsiisu” jedhu ni argama. Saanduqni kun gaaffiiwwan jalqaba boqonnichaarratti ka’aniif deebiiwwan Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an qabataniiru. Fakkiiwwan gaggaariin kitaabicha keessatti argaman yaadawwan fakkii sana ibsaniifi fakkeenyawwan kennaman baratichi xuqaawwan haaraa akka hubatu isa gargaaru. Kutaan Macaafa kanaa inni guddaan karaa salphaa ta’een kan dhihaate ta’us, baratichi ibsa dabalataa kan barbaadu yoo ta’e, kutaawwan dabalataa gadi fageenyaan irratti mari’achuuf isin gargaaraniif barbaachisaa ta’an 14 qabateera.
23. Kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuun Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu ilaalchisee yaadawwan akkamii kennamaniiru?
23 Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu namoota sadarkaa barumsaa gara garaa qabaniifi amantii gara garaa hordofan akka ittiin gargaarruuf kan qophaa’edha. Baratichi waa’ee Macaafa Qulqulluu beekumsa kan hin qabne yoo ta’e, boqonnaa tokko qayyabatee raawwachuuf yeroo tokkoo ol fudhachuu danda’a. Boqonnicha xumuruuf ariifachuu mannaa garaa baratichaa tuquuf yaalii godhi. Fakkeenyi kitaabicharratti kenname baratichatti kan ulfaatu yoo ta’e, ibsiif ykn fakkeenya isaa wajjin wal fakkaatu itti himi. Kitaabichatti akka gaariitti fayyadamuuf yaalii godhi; akkasumas ‘dubbii dhugaa qajeeltootti hojjechuuf’ akka si gargaaruuf Waaqayyoon kadhadhu.—2 Ximotewos 2:15.
Mirga Guddaa Argattaniif Galateeffadhaa
24, 25. Yihowaan sabasaatiif mirga guddaa akkamii kenneera?
24 Yihowaan sabasaatiif mirga guddaa kenneera. Eenyummaasaa nu beeksiseera. Matumaa mirga kana akka laayyootti ilaaluu hin qabnu! Waaqayyo kaayyoosaa namoota of tuulan dhoksuudhaan namoota gad of qabaniif ibseera. Kana Maatewos 11:25) Namoota gad of qabuudhaan Yihowaa isa uumama cufarratti olaantummaa qabu tajaajilan keessaa tokko ta’uun mirga guddaadha.
ilaalchisee Yesus akkas jedheera: “Yaa abbaa, gooftaa waaqaatii fi lafaa, isa kana warra ogeessotaa fi hubattoota jalaa dhoksitee, wallaalotatti waan mul’ifteef sin jajadha.” (25 Kana malees, Yihowaan waa’eesaa namoota kaan akka barsiisnu mirga nuu kenneera. Namoonni waa’eesaa barumsa sobaa barsiisan, warri kaan waa’ee Waaqayyoo ilaalcha sirrii akka hin qabaanne kan godhan ta’uusaa hin dagatin. Barumsi sobaa kunis namoonni hedduun Yihowaan waa’ee namootaa kan hin yaanneefi gara jabeessadha jedhanii akka yaadan godheera. Ilaalcha dogoggoraa kana sirreessuuf carraaqqii godhamurratti hirmaachuuf ni hawwitaa? Namoonni garaa qajeelaa qabaniifi bakka hundumaatti argaman waa’ee Waaqayyoo dhugaasaa akka baran ni barbaaddaa? Taanaan, hinaaffaadhaan lallabuufi barumsa Caaffanni Qulqullaa’oon barumsawwan barbaachisaa ta’anirratti kennan warra kaan barsiisuudhaan Yihowaadhaaf akka abboomamtu argisiisi. Namoonni dhugaa barbaadan Macaafni Qulqulluun maal akka barsiisu barachuu qabu.
Deebiinkee Maalidha?
• Waaqayyo waa’ee keenya akka yaadu akkamitti beekuu dandeenya?
• Lafa kanarra kan jiraannu maaliifi?
• Yeroo duunu maal taana?
• Akkaataa kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu itti qophaa’e keessaa caalaatti bu’a-qabeessa ta’ee kan argattee isa kamidha?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]