Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Waaqa Dinqisiifatudaha

Yihowaan Waaqa Dinqisiifatudaha

Yihowaan Waaqa Dinqisiifatudaha

“Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . . hin irraanfatu, hin jal’isus.”—IBROOTA 6:10.

1. Yihowaan wanta Ruut goote akka dinqisiifatu kan argisiise akkamitti?

YIHOWAAN namoota garaa guutuudhaan jaalalasaa raawwachuuf carraaqan kan dinqisiifatu ta’uusaarrayyuu ni eebbisa. (Ibroota 11:6) Bo’az amala gaarii Yihowaan qabu kana kan hubate yommuu ta’u, Ruut ishee Mo’aabii dhufteefi amaatiishee ishee haadha hiyyeessaa turte gargaarteen akkas jedheera: “Gocha keetiif Waaqayyo waan gaarii siif haa deebisu, gatiin kees Waaqayyo gooftaa Israa’el, . . biraa waan gaariidhaan siif haa guutu!” (Ruut 2:12) Maarree Yihowaan Ruutiin eebbiseeraa? Eeyyee! Seenaanshee Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamuunsaa kana kan argisiisudha. Kana malees, Bo’azitti kan heerumte yommuu ta’u, Daawit Mootichaafis ta’e Yesus Kiristosiif akaakilii taateetti. (Ruut 4:13, 17; Maatewos 1:5, 6, 16) Seenaan kun fakkeenyawwan hedduu Yihowaan tajaajiltootasaa akka dinqisiifatu argisiisan keessaa isa tokko qofadha.

2, 3. (a) Yihowaan kan dinqisiifatu ta’uunsaa kan nu ajaa’ibsiisu maaliifi? (b) Wanta nuti goonu akka dinqisiifatu kan isa godhu maalidha? Fakkeenyaan ibsi.

2 Yihowaan wanta tajaajiltoonnisaa hojjetan utuu hin dinqisiifatin hafuu akka jal’inaatti ilaala. Ibroonni 6:10 akkas jedha: “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan isa isin warra isaaf qulqullaa’an gargaartanii, ammas gargaaruutti jiraachuu keessaniin argisiiftan hin irraanfatu, hin jal’isus.” Caqasni kun, tajaajiltoonnisaa warri isaaf of kennan cubbammoofi ulfinni Waaqayyoo kan isaanitti hir’ate ta’us, Waaqayyo akka isaan dinqisiifatu kan argisiisu ta’uunsaa nama ajaa’ibsiisa.—Roomaa 3:23.

3 Gonkummaa kan hin qabne waan taaneef, nama Waaqayyoo ta’uudhaan hojiin nuti hojjennu homaa gatii akka hin qabneefi eebba Yihowaa kan nuuf hin argamsiifne akka ta’e nutti dhaga’amuu danda’a. Haata’u malee, Yihowaan kaka’umsa keenyaafi haala keenya sirriitti kan hubatu ta’uusaarrayyuu, tajaajila garaa guutuudhaan isaaf dhiheessinuuf bakka guddaa kenna. (Maatewos 22:37) Fakkeenyaan ibsuuf: Haati tokko dirata mormaa rakasaan bitame minjaalarratti argatte haa jennu. Jalqaba kennaa kana akka waan salphaatti ilaaluu dandeessi. Haata’u malee, kaardiin kennaa sanaa wajjin ergameef sun kennaa kana kan kenneef intalashee ishee xinnoo ta’uusheefi kanas kan goote waan qabdu hundumaa walitti qabuudhaan akka ta’e kan ibsudha. Amma garuu ilaalchi haati kun kennaa kanaaf qabdu ni geddarama. Tarii boo’aa intalashee hammattee dinqisiifannaa isheedhaaf qabdu ibsitiif ta’a.

4, 5. Yesus warra kaan dinqisiifachuudhaan fakkeenya Yihowaa kan hordofu akkamitti?

4 Yihowaan kaka’umsaafi humna keenya sirriitti waan beekuuf, xinnoos ta’e guddaa hamma humna keenyaa yommuu goonu ni dinqisiifata. Kana ilaalchisee Yesus amala Abbaasaa sirriitti calaqqiseera. Seenaa Macaafa Qulqulluu waa’ee haadha hiyyeessaa dubbatu yaadachuun ni danda’ama. Caqasichi akkas jedha: “Yesus achi ilaalee, badhaadhonni kennaa isaanii qodaa buusii keessa utuu buusanii arge. Haati hiyyeessaa tokkos sibiila diddiimtuu, kan akka saantima lamaa, qodaa buusii kana keessa buusuu ishee arge. Kana irratti inni, ‘Dhuguman isinitti hima, haati hiyyeessaa kun hunduma isaanii caalaa buufteetti. Isaan kun hundinuu bultoo isaanii irraa hafee kan kaa’atan keessaa qodaa buusii keessa buusan; isheen kun garuu danuu hiyyuma ishee keessaa, har’a ittiin buluudhaaf kan qabdu hundumaa qodicha keessa buufte’ jedhe.”—Luqaas 21:1-4.

5 Eeyyee, haala haati hiyyeessaa kun keessa jirtu hubachuudhaan, kennaasheetiif bakka guddaa kennee ishee galateeffateera. Yihowaanis ilaalcha Yesus qaba. (Yohannis 14:9) Haala akkamiiyyuu keessa yoo jiraatte, Waaqayyoofi Ilmasaa warra nama dinqisiifatan biratti fudhatama akka qabdu beekuun kan nama jajjabeessu mitii?

Yihowaan Namicha Itoophiyaa Isa Waaqayyoon Sodaatu Eebbiseera

6, 7. Yihowaan Ebeed-Melekiin kan dinqisiifate maaliifi? Dinqisiifannaasaa kana kan argisiise akkamitti?

6 Yihowaan namoota jaalalasaa raawwatan akka dinqisiifatu Caaffata Qulqullaa’oo keessatti bakka hedduutti ibsameera. Mee seenaa namicha Itoophiyaa Waaqayyoon sodaatuufi maqaansaa Ebeed-Melek jedhamu tokkoo akka fakkeenyaatti fudhadhu. Innis hojjetaa Mootii Yihudaa isa amanamaa hin turreefi Zedeqiiyaa jedhamuu yommuu ta’u, bara Ermiyaasitti kan jiraatedha. Ebeed-Melek mootonni Yihudaa Ermiyaas uummata mootummaarratti kakaaseera jedhanii himata sobaa irratti dhiheessuudhaan beelaan akka du’uuf boolla bishaaniitti isa darbachuusaanii dhaga’e. (Ermiyaas 38:1-7) Ermiyaas kan jibbame ergaa kana waan lallabeef ta’uusaa waan hubateef, Ebeed-Melek lubbuusaa balaarra buusuudhaan dhimma kana mootichatti dhiheesse. Namni kuush [Itoophiyaa] kun ija jabinaan akkas jedhee dubbate: “Yaa mootii! Wanti jarreen kun Ermiyaas raajicha irratti hojjetan hundinuu wanta jal’aa dha; isaan darbatanii boolla bishaanii keessa isa buusaniiru, mandarattii keessa immoo buddeenni waan hin jirreef, inni achitti beelaan in du’a.” Achiis Ebeed-Melek ajaja mootichaatiin namoota 30 fudhachuudhaan raajii Waaqayyoo kana du’arraa oolcheera.—Ermiyaas 38:8-13.

7 Amantaan Ebeed-Melek qabu sodaa itti dhaga’amuu danda’u hunda akka mo’u isa gargaareera. Yihowaanis dhimma kana ilaaleera. Kanaan kan ka’es, Yihowaan karaa Ermiyaas dinqisiifannaa Ebeed-Melekiif qabu akkas jechuudhaan ibseera: “Waaqayyo inni kan Israa’el, ‘Kunoo, jireenya utuu hin ta’in badiisa isan mandarattii kana irratti fiduuf dubbadhe amma fidee ishee nan balleessa; . . . Gaafas ani sin oolcha malee, harka warra ati sodaattuutti dabarsee si hin kennu; ati ana waan amanatteef billaadhaan akka ati hin duunetti dhugumaan ani sin oolcha, atis jalaa in baata’ jedha.” (Ermiyaas 39:16-18) Eeyyee, Yihowaan Ebeed-Melekiinis ta’e Ermiyaasiin harka mootota Yihudaarraas ta’e Baabilonota warra Yerusaalemiin balleessan harkaa isaan oolcheera. Faarfannaan 97:10 akka jedhutti: “Inni [Yihowaan] lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jal’ootaas isaan in oolcha.”

“Abbaan Kee Inni Dhoksaatti Argus Gatii Kee Siif In Kenna”

8, 9. Yesusirraa akka barannutti Yihowaan kadhannaawwan akkamii dinqisiifata?

8 Kadhannaa ilaalchisee yaada Macaafni Qulqulluun kennurraa, Yihowaan nama Waaqayyoo ta’uu keenya akka dinqisiifatuufi bakka guddaa akka kennu hubachuun ni danda’ama. Solomoon: “Kadhanni qajeelotaa garuu [Waaqayyotti] in tola” jedheera. (Fakkeenya 15:8) Bara Yesusitti dura buutonni amantii hedduun, garaa qulqulluudhaan utuu hin ta’in, namoota kaan ajaa’ibsiisuuf jecha uummata duratti kadhannaa dhiheessu turan. Yesus namoota kanaan: “Isaan gatii isaanii fudhataniiru” erga jedhee booda, duuka buutotasaatiin akkas jedheera: “Ati garuu yeroodhuma kadhattu mana keetti ol gali, balbala cufadhu, abbaa kee isa iddoo dhoksaa sana jiru kadhadhu! Abbaan kee inni dhoksaatti argus gatii kee siif in kenna.”—Maatewos 6:5, 6.

9 Yesusis darbee darbee namoota duratti kadhannaa dhiheessaa waan tureef, namoota duratti kadhannaa dhiheessuun dogoggoradha jechuusaa akka hin taane beekamaadha. (Luqaas 9:16) Yihowaan warra kaan ajaa’ibsiisuuf utuu hin ta’in, kadhannaa garaa qulqulluudhaan dhiheessinu ni dinqisiifata. Kadhannaan dhuunfaa keenyatti goonu, hammam Waaqayyoon akka jaallannuufi isatti amanamnu kan argisiisudha. Kanaaf, yeroo baay’ee Yesus kophaasaa kadhannaa dhiheessuuf barbaaduunsaa kan nama ajaa’ibsiisu miti. Yeroo tokko Yesus: “Ganama barii amma illee utuu hin ifin” ka’ee kadhannaa akka dhiheesse ibsameera. Yeroo garabiraattimmoo, “kophaa isaatti kadhachuudhaaf gara gaaraatti ol ba’e.” Bartootasaa 12n filachuusaa dura halkan guutuu kadhannaa godheera.—Maarqos 1:35; Maatewos 14:23; Luqaas 6:12, 13.

10. Waaqayyoon gammachiisuuf fedhii qabaachuudhaan kadhannaa kan goonu yoo ta’e, waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

10 Mee Yihowaan kadhannaa Ilmisaa dhiheesse akkamitti akka dhaggeeffachaa ture yaadi! Dhugumayyuu, Yesus takka takka, “sagalee guddaadhaan imimmaaniin” kadhata kan dhiheesse yommuu ta’u, “sababii inni ulfina Waaqayyoof gad of deebisee, isatti of kennateefis, kadhanni isaa in dhaga’ameef.” (Ibroota 5:7; Luqaas 22:41-44) Nutis Waaqayyoon gammachiisuuf fedhii qabaachuudhaan garaa guutuudhaan yoo kadhanne Abbaan keenya inni samii akka nu dhaga’uufi akka dinqisiifatu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Eeyyee, “Waaqayyo . . . warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhi’oo dha.”—Faarfannaa 145:18.

11. Yihowaan wanta dhoksaatti hojjennuuf maaltu itti dhaga’ama?

11 Yihowaan dhoksaatti isa kadhachuu keenya kan dinqisiifatu yoo ta’e, dhoksaatti isaaf abboomamuun keenya hangam isa gammachiisuu danda’a! Yihowaan wanta dhoksaatti goonu akka beeku homaa hin shakkisiisu. (1 Phexros 3:12) Dhugumayyuu, yommuu kophaa keenya taanu amanamoo ta’uun keenya, isaaf abboomamuuf fedhii qabaachuu keenya, “garaa guutuudhaan” Yihowaa akka jaallannu, yaanni garaa keenyaa qulqulluu akka ta’eefi wanta sirrii ta’e raawwachuuf jabina akka qabnu kan argisiisudha. (1 Seenaa 28:9) Kana gochuun keenya garaa Yihowaa akka ciibsu homaa hin shakkisiisu.—Fakkeenya 27:11; 1 Yohannis 3:22.

12, 13. Sammuufi yaada garaa keenya eeguu kan dandeenyu akkamitti? Naataanaa’el isa amanamaa fakkaachuu kan dandeenyuhoo akkamitti?

12 Kanaan kan ka’es, Kiristiyaanonni amanamoon cubbuu sammuufi yaada garaa xureessan, jechuunis fakkiiwwan saalqunnamtiifi walirratti ka’uu argisiisanirraa of eegu. Dhoksanii cubbuuwwan tokko tokko hojjechuun kan danda’amu ta’ullee, Waaqa isa ‘wanti hundinuu saaqamaa ija isaa durattis mul’ataa ta’eefi waan goone sababii isaa wajjin isatti himnu biratti mul’ataa’ akka ta’e beekna. (Ibroota 4:13; Luqaas 8:17) Wanta Yihowaa gaddisiisurraa fagaachuuf carraaqqii gochuudhaan, yaada garaa qulqulluu qabaachuufi surraa Waaqayyoo akka argannu beekuudhaan gammachuu argachuu dandeenya. Eeyyee, Yihowaan nama “balleessaa malee jiraatu, nama wanta qajeelaa hojjetu, nama garaa isaatiin dhugaa dubbatu” akka dinqisiifatu beekamaadha.—Faarfannaa 15:1, 2.

13 Haata’u malee, biyya lafaa isa hamminaan guutame kana keessatti sammuufi yaada garaa keenya eeguu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkeenya 4:23; Efesoon 2:2) Qophiiwwan hafuuraa Yihowaan nuu godhu hundumaatti fayyadamuu dabalatee, wanta hamaa ta’e hundumaa jibbuufi wanta gaarii hojjechuuf carraaqqii gochuu qabna. Fedhiin sirrii hin taane nu keessatti guddatee gara cubbuutti akka nu hin geessine dafnee tarkaanfii fudhachuu qabna. (Yaaqoob 1:14, 15) Yesus Naataanaa’eliin “Ilaa, nama Israa’el isa dhugaa isa sobni keessa hin jirre” jedheera. Siinis utuu akkas jedhee hangam akka gammaddu mee yaadi. (Yohannis 1:47) Naataanaa’el inni Bartolomewos jedhamu yeroo booda bartoota Yesus 12n keessaa isa tokko ta’uuf mirga argateera.—Maarqos 3:16-19.

“Angafa Lubootaa Isa Oo’a-Qabeessaa fi Amanamaa”

14. Yesus wanta Maariyaam gooteef warra kaanirra haala adda ta’een maal jedhe?

14 Yesus “bifa Waaqayyo inni ijaan hin argamne ittiin namatti mul’atu” waan ta’eef, yeroo hundumaa fakkeenya Abbaasaa hordofuudhaan namoota yaada garaa qulqulluu qabaatanii Waaqayyoon tajaajilan ni dinqisiifata. (Qolosaayis 1:15) Fakkeenyaaf, ajjeefamuusaa guyyaa shan dura, Yesusiifi bartoonnisaa tokko tokko mana Simoon isa Bitaaniyaa jirutti afeeramanii turan. Galgala sanattis Maariyaam obboleettiin Alaazaariifi Maartaa “urgooftuu dibataa makaa hin qabne hidda biqiltuu gati-jabeessa ‘Naardos’ jedhamu irraa kan hojjetame, akka walakkaa liitrii kan ta’u” (yeroo sanatti mindaa namni tokko waggaatti argatu ta’a) fiddee miillaafi mataa Yesusirratti naqxe. (Yohannis 12:3) Isaan keessaa tokko tokko “kun maaliif lafatti bade?” jedhan. Yesus garuu wanta Maariyaam goote karaa garabiraa ilaale. Inni yeroo xinnoo booda akka ajjeefamuufi akka awwaalamu waan beekuuf, gocha Maariyaam akka gaarummaatti ilaaleera. Kanaan kan ka’es, Yesus ishee ceepha’uu mannaa kan ishee kabaje yommuu ta’u, waa’eeshee akkas jedheera: “Guutummaa biyya lafaatti, iddoodhuma wangeelli itti lallabametti, wanti isheen goote immoo seenaa isheetiif in dubbatama.”—Maatewos 26:6-13.

15, 16. Yesus nama ta’ee jiraachuudhaan Waaqayyoon tajaajiluunsaa kan nu fayyadu akkamitti?

15 Namni dinqisiifatu kun Geggeessaa keenya ta’uunsaa kan nama gammachiisu mitii? Yesus, jalqaba dibamtoota, achiis guutummaa biyya lafaatiif Hangafa Lubootaafi Mootii ta’ee kan tajaajilu yommuu ta’u, nama ta’ee lafarra jiraachuunsaammoo, hojii Yihowaan gara fuulduraatti isaaf qopheesse kana hojjechuuf isa qopheesseera.— Qolosaayis 1:13; Ibroota 7:26; Mul’ata 11:15.

16 Yesus utuu gara lafaatti hin dhufin duras ilmaan namootaatiif ni yaada akkasumas isaan jaallata ture. (Fakkeenya 8:31) Nama ta’ee jiraachuunsaa, yommuu Waaqayyoon tajaajillu rakkina nurra ga’u guutummaatti akka hubatu isa gargaareera. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “[Yesus] karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise. Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in danda’a.” Yesus, nama “dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne” miti; sababiinsaas inni ‘cubbuutu irraa dhabame malee, isa karaa hundumaan akka keenya qoramedha.’—Ibroota 2:17, 18; 4:15, 16.

17, 18. (a) Yesus dinqisiifannaa akka qabu xalayaa inni gumiiwwan torban Eeshiyaa Ishee Xinnoo keessatti argamaniif barreesserraa hubachuun kan danda’amu akkamitti? (b) Kiristiyaanonni dibamoon maal gochuuf qophaa’aa jiru?

17 Yesus erga du’aa ka’ee booda, rakkina duuka buutotasaarra ga’u caalaatti hubachuu akka jalqabe ilaaluun ni danda’ama. Mee xalayaasaa isa Yohannis gumiiwwan torba warra Eeshiyaa Ishee Xinnootti argamaniif barreesse haa ilaallu. Yesus gumii Simiirnaatiin: “Rakkina si irra ga’e, hiyyuma kee” beeka jedheera. Yesus kana jechuunsaa ‘rakkina keessan nan hubadha; rakkina akkamii keessa akka jirtan sirriitti beeka’ jechuusaa ture. Achiis, innumtiyyuu hanga du’aatti waan dhiphateef gara laafinaan akkas jechuudhaan waadaa isaanii gale: “Du’a yoo sitti fide iyyuu, ati hamma du’aatti amanamaa ta’i! Ani immoo gonfoo ittiin jireenya argatan siifan kenna.”—Mul’ata 2:8-10.

18 Xalayaan gumiiwwan torbaaf ergaman, yaadawwan Yesus rakkina duuka buutotasaarra ga’u sirriitti akka beekuufi amanamummaa argisiisaniif akka isaan dinqisiifatu ibsan hedduu qabataniiru. (Mul’ata 2:1–3:22) Ergaawwan kun Kiristiyaanota dibamoo warra isaa wajjin samiirratti bulchuuf abdii qabaniif kan barreeffaman ta’uusaanii hin dagatin. Gooftaasaanii wajjin haala wal fakkaatuun furiisaatti fayyadamuudhaan ilmaan namootaa fayyisuuf gara laafina guddaa argisiisuuf qophaa’aa jiru.—Mul’ata 5:9, 10; 22:1-5.

19, 20. ‘Tuutni sonaan baay’ee’ dinqisiifannaa Yihowaafis ta’e Ilmasaatiif qaban kan argisiisan akkamitti?

19 Yesus dibamtootaaf qofa utuu hin ta’in, “hoolota kan biraa” miliyoonaan lakkaa’amaniifi “tuuta sonaan baay’ee, saba hundumaa keessaa” dhufaniifi “rakkina guddaa keessaa ba’an” ni jaallata. (Yohannis 10:16; Mul’ata 7:9, 14) Namoonni kun furii aarsaa Yesus waan dinqisiifataniifi abdii jireenya bara baraa waan qabaniif gara Yesusitti dhufaa jiru. Dinqisiifannaa qaban kan argisiisan akkamitti? ‘Halkaniifi guyyaa mana qulqullummaa isaa keessatti Waaqayyoof hojjechuudhaanidha.’—Mul’ata 7:15-17.

20 Gabaasni tajaajilaa addunyaa maraa bara 2006 fuula 27 hanga 30⁠tti jiru akka argisiisutti, dhugumayyuu tajaajiltoonni amanamoo ta’an kun, ‘halkaniifi guyyaa mana qulqullummaa isaa keessatti isaaf [Yihowaadhaaf] hojjechaa’ jiru. Namoonni kun waggaa darbe Kiristiyaanota dibamoo muraasa ta’anii wajjin tajaajilarratti sa’aatii 1,333,966,199 kan dabarsan yommuu ta’u, kunimmoo gara waggaatti yommuu jijjiiramu waggaa 152,283 ol ta’a!

Dinqisiifannaa Argisiisuu Keessaan Itti Fufaa!

21, 22. (a) Dinqisiifannaa wajjin haala wal qabateen keessumaa yeroo ammaatti Kiristiyaanonni of eeggannoo gochuu kan qaban maaliifi? (b) Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii baranna?

21 Yihowaafi Ilmisaa namoota gonkummaa hin qabneef dinqisiifannaa guddaa argisiisuunsaanii nama dinqisiisa. Namoonni hedduun dhimma mataasaaniirratti xiyyeeffachuudhaan, Waaqayyoof iddoo guddaa kan hin kennine ta’uunsaanii nama gaddisiisa. Phaawulos namoonni “guyyoota gara dhumaa” keessa jiraatan: “warra ofittoo, sassatoota, . . . warra galata hin qabne” ta’u jedheera. (2 Ximotewos 3:1-5) Namoonni kun, Kiristiyaanota dhugaa garaadhaa kadhannaa dhiheessan, fedhiidhaan Yihowaadhaaf abboomamuufi garaa guutuu isa tajaajiluudhaan wanta isaanii godhameef dinqisiifannaa qaban ibsanirraa addadha.—Faarfannaa 62:8; Maarqos 12:30; 1 Yohannis 5:3.

22 Mataduree ittaanutti qophiiwwan hafuuraa hedduu Yihowaan nuu godhe keessaa tokko tokko ilaalla. ‘Kennaawwan gaarii’ kanarratti yommuu xiinxallu, dinqisiifannaan keenya caalaatti akka guddatu hawwii keenyadha.—Yaaqoob 1:17.

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaan Waaqa dinqisiifatu ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

• Kophaa keenya yommuu taanu garaa Yihowaa ciibsuu kan dandeenyu akkamitti?

• Yesus dinqisiifannaa qabu kan argisiise karaawwan kamiini?

• Yesus nama ta’ee jiraachuunsaa gara laafessaafi geggeessaa dinqisiifatu akka ta’u kan isa gargaare akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]