Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Haadhotiin Manaa Abbootii Manaa Keessaniif Ulfina Kennaa

Haadhotiin Manaa Abbootii Manaa Keessaniif Ulfina Kennaa

Haadhotiin Manaa Abbootii Manaa Keessaniif Ulfina Kennaa

‘Haati manaa abbaa manaasheetiif haa abboomamtu!’ —EFESOON 5:22.

1. Yeroo baay’ee abbaa manaatiif ulfina kennuun rakkisaa kan ta’u maaliifi?

BIYYOOTA HEDDUUTTI, dhiirriifi durbi tokko yommuu wal fuudhan misirroon sun abbaa manaasheetiif akka ulfina kennitu waadaa galti. Haata’u malee, haalli abbootiin manaa haadhotii manaasaanii itti qaban waadaa kana eeganii jiraachuun rakkisaa ykn salphaa akka ta’u gochuu danda’a. Gaa’elli jalqabnisaa gaarii ture. Waaqayyo lafee cinaacha nama isa jalqabaa jechuunis Addaam keessaa fuudhee dubartii uume. Addaam: “Isheen kun lafeen ishee lafee koo keessaa, foon ishees foon koo irraa fuudhame” jechuudhaan gammachuusaa ibse.—Uumama 2:19-23.

2. Yeroo dhihoodhaa asitti iddoo dubartoonni gaa’ela keessatti qabaniifi ilaalcha gaa’elaaf qabanirratti jijjiiramni akkamii godhameera?

2 Gaa’elli jalqabnisaa gaarii ta’us, sochiin bilisummaa dubartootaa jedhamuufi dubartoota hacuuccaa warra dhiiraa jalaa baasu bara 1960 keessa Yuunaayitid Isteetsitti jalqabame. Yeroo sanatti abbootiin manaa maatiisaanii dhiisanii adeeman 300 keessaa 1 qofa ta’aniyyuu, dhuma bara 1960⁠tti lakkoofsi kun 100 keessaa 1 ta’ee ture. Yeroo ammaatti dubartoonni warra kaan arrabsan, tamboo xuuxaniifi amala addaggummaa raawwatan lakkoofsisaanii warra dhiiraa wajjin kan wal qixxaate fakkaata. Dubartoonni kana gochuunsaanii gammachuu isaaniif argamsiiseeraa? Matumaa. Biyyoota tokko tokkotti namoota fuudhan ykn heeruman keessaa walakkaansaanii wal hiiku. Sochii dubartoonni tokko tokko gaa’elasaanii sirreessuuf godhan fooyya’iinsa argamsiisemoo caalaatti akka badaa adeemu godhe?—2 Ximotewos 3:1-5.

3. Rakkina gaa’ela keessatti uumamaa jiruuf bu’uurrisaa maalidha?

3 Hundeen rakkina kanaa maalidha? Rakkinni kun erga Hewwaan ergamaa hamaa “bofni bara durii, inni Diiyaabilos, Seexanas jedhame” ishee gowwoomsee jalqabee kan jirudha. (Mul’ata 12:9; 1 Ximotewos 2:13, 14) Seexanni wanta Waaqayyo barsiisu akka tuffatan godhe. Fakkeenyaaf, Seexanni gaa’elli kan nama hidhu, akkasumas rakkisaa ta’ee akka namootatti mul’atu godheera. Meeshaalee sab-qunnamtii biyya lafaatti fayyadamuudhaan, qajeelfamni Waaqayyo kennu loogiirratti kan hundaa’eefi kan yeroon itti darbe fakkeessee olola sobaa oofa. (2 Qorontos 4:3, 4) Haata’u malee, yaada gaarii qabaachuudhaan dhimma kana yoo xiinxalle, itti gaafatama haati manaa qabdu ilaalchisee wanti Dubbiin Waaqayyoo jedhu sirriifi hojiirra ooluu kan danda’u ta’uusaa hubanna.

Akeekkachiisa Warra Gaa’ela Raawwachuu Barbaadaniif Kenname

4, 5. (a) Durbi tokko heerumuushee dura of eeggannoo gochuunshee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Durbi tokko heerumaaf waliigaluushee dura maal gochuu qabdi?

4 Macaafni Qulqulluun akeekkachiisa qabateera. Biyya lafaa Seexanni seerratu keessatti namoonni gaa’ela gaarii qabanillee, “rakkinni” akka isaan mudatu dubbata. Kanaaf, gaa’elli qophii Waaqayyoo yoo ta’ellee, Macaafni Qulqulluun namoonni gaa’ela raawwachuu barbaadan of eeggannoo akka godhan akeekkachiisa. Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko hafuura qulqulluutiin geggeeffamee, dubartii abbaan manaa irraa du’eefi heerumuu dandeessu ilaalchisee ‘yoo heerumuu dhiifte caalaa gammachuu argatti’ jechuudhaan ibseera. Yesusis namoonni ‘fudhachuu danda’an’ qeentee ta’anii akka jiraatan jajjabeesseera. Haata’u malee, namni tokko fuudhuu ykn heerumuu yoo barbaade, “nama amanetti” jechuunis nama of murteessee cuuphamuudhaan Yihowaa waaqeffatutti haa ta’u malee fuudhuu ykn heerumuu danda’a.—1 Qorontos 7:28, 36-40; Maatewos 19:10-12.

5 Macaafni Qulqulluun ‘dubartiin heerumte tokko, seeraan abbaa manaasheetti hidhamteetti’ jechuudhaan akeekkachiisuunsaa, nama itti heerumtu of eeggannoodhaan filachuu akka qabdu argisiisa. ‘Seera isa ittiin abbaa manaa ishee sanatti hidhamteettii hiikamuu’ kan dandeessu, yoo abbaan manaashee du’e ykn ejja raawwate qofadha. (Roomaa 7:2, 3) Jalqabarratti akka wal arganiin wal jaallachuun gaarii fakkaatus, wanti kun gaa’ela gaarii qabaachuuf ga’aadha jechuu miti. Kanaaf durbi qeentee taate tokko, ‘Seera nama kanaa jalatti buluu nan fedhaa?’ jettee of gaafachuu qabdi. Dhimma kanarratti yaaduun barbaachisaa kan ta’u, erga heerumtee booda utuu hin ta’in isa dura ta’uu qaba.

6. Yeroo ammaatti shamarran hedduun murtoo akkamii gochuu danda’u? Kunoo barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

6 Yeroo ammaatti biyyoota hedduutti, durbi tokko gaaffii heerumaaf isheedhaa dhihaatu fudhachuu ykn diduu dandeessi. Haata’u malee, dubartiin tokko gaa’elasheerraa jaalalaafi walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf fedhiin isheen qabdu cimaa waan ta’eef, filannaa sirrii gochuun ishee rakkisuu danda’a. Barreessaan tokko akkas jedheera: “Gaa’ela raawwachuufii tabba ba’uu dabalatee waan tokko gochuu yeroo barbaannu, wanti hundinuu gaarii akka ta’e yaaduu keenyarrayyuu, wanta dhaga’uu barbaannu qofa xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffanna.” Namni tokko utuu itti hin yaadin tabba ba’uuf murtoo gochuunsaa lubbuusaa isa dhabsiisuu danda’a; haaluma wal fakkaatuun hiriyaa gaa’elaa sirrii hin taane filachuunis balaadhaaf nama saaxiluu danda’a.

7. Hiriyaa gaa’elaa barbaachuu ilaalchisee gorsi gaarii akkamii kennameera?

7 Durbi tokko seera nama abbaa manaashee ta’uuf gaaffii isheedhaa dhiheesse jala galuun maalfaa akka dabalatu hubachuu qabdi. Waggoota murtaa’an dura durbi biyya Hindi tokko akkas jechuudhaan dubbatteetti: “Warri keenya umrii dheeraa kan qabaniifi ogeeyyii waan ta’aniif, akka keenya dafanii hin gowwooman. . . . Ani garuu salphaadhumatti dogoggora hojjechuu nan danda’an ture.” Gargaarsi warra keenyaa ykn namoonni kaan nuu godhan baay’ee barbaachisaadha. Namni tokko dargaggoonni abbaafi haadha nama gaa’elaaf barbaadan sana akka gaariitti beekuuf carraaqqii akka godhan, namni kun abbaafi haadhasaa akkasumas miseensota maatiisaa warra kaanii wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qaban hubachuunsaanii gaarii ta’uusaa gorseera.

Yesus Akka Abboomamu Kan Argisiise Akkamitti?

8, 9. (a) Yesus Waaqayyoof abboomamuudhaaf ilaalcha akkamii qaba ture? (b) Abboomamuun bu’aa akkamii argamsiisa?

8 Abboomamuun rakkisaa ta’uyyuu, haadhotiin manaa akkuma Yesus godhe amala kana akka ulfinaatti ilaaluu qabu. Waaqayyoof abboomamuunsaa mukarratti fannifamee du’uu dabalatee rakkina kan isatti fidu ta’uyyuu, kana gochuudhaan gammachuu argateera. (Luqaas 22:41-44; Ibroota 5:7, 8; 12:3) Macaafni Qulqulluun: “Abbaan manaa mataa haadha manaa, Waaqayyo mataa Kristos” waan jedhuuf, dubartoonni fakkeenya Yesus hordofuu qabu. (1 Qorontos 11:3) Dubartoonni olaantummaa warra dhiiraa jalatti jiraachuu kan jalqaban erga heerumanii booda qofa miti.

9 Macaafni Qulqulluun dubartiin tokko heerumtes heerumuu baattes, namoota karaa hafuuraa ga’eessota ta’aniifi gumii Kiristiyaanaa olaantummaadhaan to’ataniif abboomamuu qabdi jedha. (1 Ximotewos 2:12, 13; Ibroota 13:17) Dubartoonni namoota akkasiitiif abboomamuudhaan qajeelfama Waaqayyoo yommuu hojiirra oolchan, ergamoota Waaqayyoo warra jaarmiyaa Yihowaa keessatti argamaniif fakkeenya ta’u. (1 Qorontos 11:8-10) Kana malees, dubartoonni dulloomaniifi heeruman fakkeenya gaarii ta’uufi yaada gaarii kennuudhaan, ‘dubartoonni warri gara ijoollee ta’an abbootii manaasaanii akka jaallatan’ barsiisuu danda’u.—Tiitos 2:3-5.

10. Yesus abboomamuu ilaalchisee fakkeenya kan ta’u akkamitti?

10 Yesus abboomamuun bu’aa akkamii akka qabu hubateera. Yeroo tokko, Phexros abbootii taayitaaf gibira akka kaffalu itti himuusaarrayyuu, ofiisaatiifis ta’e Phexrosiif qarshii gibiraa qopheessee ture. Yeroo booda Phexros: “Gooftaadhaaf jedhaatii harka warra aboon kennameefii jala of galchaa” jechuudhaan barreesseera. (1 Phexros 2:13; Maatewos 17:24-27) Yesus eenyuyyuu caalaatti kan abboomame ta’uusaa Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan ibseera: “Inni ulfina sana gad dhiisee, akka waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate, waan hundumaanis nama ta’ee argame. Inni gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee du’utti iyyuu abboomamaa ta’e.”—Filiphisiiyus 2:5-8.

11. Phexros haadhotiin manaa abbootii manaasaanii warra hin amanneefillee akka abboomaman kan jajjabeesse maaliifi?

11 Namoonni aangoo qaban amala gaarii kan hin qabne ta’aniyyuu, Kiristiyaanonni, isaaniif abboomamuu akka qaban Phexros akkas jechuudhaan ibseera: “Isin kana gochuudhaaf waamamtaniittu; Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera.” (1 Phexros 2:21) Phexros, Yesus hammam akka dhiphateefi abboomamuudhaan jabaatee akka dhaabate erga ibsee booda, haadhotii manaa abbootii manaa hin amanne qaban akkas jechuudhaan jajjabeesseera: “Akkasumas isin dubartoota nana, warra dhiiraa keessaa kaan dubbii Waaqayyoo hin amanne yoo ta’an iyyuu, isin waan tokko utuu hin dubbatin, amala isin warri haadhota manaa isaanii taatan argisiiftaniin akka mo’amanitti, abboota manaa keessaniif abboomamaa! Isaan amala keessan isa qullaa’aa fi isa sodaa Waaqayyoo argisiisu in argu.”—1 Phexros 3:1, 2.

12. Yesus abboomamuunsaa bu’aa akkamii argamsiise?

12 Namni tokko utuu itti ga’isamuufi utuu arrabsamuu abboomamuunsaa akka dadhabbiitti ilaalamuu danda’a. Haata’u malee Yesus dhimma kana akkasitti hin ilaalle. Phexros: “Inni yommuu arrabsame deebisee hin arrabsine; . . . warra isa dhiphisan hin doorsifne” jechuudhaan barreesseera. (1 Phexros 2:23) Saamtuu isa cinatti fannifameefi angafa dhibbaa yommuu Yesus ajjeefame arge dabalatee, namoonni yeroo Yesus dhiphatu argan tokko tokko amantoota ta’aniiru. (Maatewos 27:38-44, 54; Maarqos 15:39; Luqaas 23:39-43) Haaluma wal fakkaatuun, Phexros abbootiin manaa haadhotii manaasaanii miidhaa turan, haadhotiin manaasaanii akka isaaniif abboomaman yommuu hubatan Kiristiyaanota akka ta’an ibseera. Yeroo ammaatti wantoonni kun raawwatamaa akka jiran ragaawwan hedduu caqasuun ni danda’ama.

Haadhotiin Manaa Amala Gaarii Argisiisuudhaan Abbootii Manaasaanii Mo’uu Kan Danda’an Akkamitti?

13, 14. Abbootii manaa hin amanneef abboomamuun bu’a-qabeessa kan ta’e akkamitti?

13 Haadhotiin manaa amala Kiristos qabuu wajjin wal fakkaatu argisiisuudhaan abbootii manaasaanii mo’uu danda’aniiru. Walga’ii koonyaa Dhugaa Baatota Yihowaa dhiheenya kana godhamerratti, abbaan manaa tokko haadha manaasaa ilaalchisee akkas jedheera: “Ishee kunuunsuu ilaalchisee nama gadhee akkan ture natti dhaga’ama. Ta’us isheen baay’ee na kabajji turte. Matumaa na tuffattee hin beektu. Amantaashee akkan fudhadhu dhiibbaa narratti gootee hin beektu. Jaalalaan na kunuunsiti turte. Yeroo walga’iiwwan gurguddaarratti argamuu barbaaddu nyaata naa qopheessuufi dursitee hojii mana keessaa xumuruuf carraaqqii cimaa gooti. Amalli isheen argisiiftu Macaafa Qulqulluudhaaf fedhii akkan qabaadhu na kakaase. Kanaan kan ka’es amma Dhugaa Baatuu ta’eera!” Eeyyee, abbaan manaa kun dubbii tokko malee amala gaarii haati manaasaa argisiisteen ‘mo’ameera.’

14 Akkuma Phexros jedhe, wanti bu’aa gaarii argamsiisu wanta haati manaa dubbattu utuu hin ta’in wanta isheen gootudha. Yaanni kun dhugaa ta’uunsaa haadha manaa Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi walga’iirratti argamuuf murtoo goote tokkorratti argameera. Abbaan manaashee, “Agnas, karaa balbala sanaa yoo baate, as hin deebi’in!” jechuudhaan ishee akeekkachiise. Isheenis karaa “balbala sanaa” utuu hin ta’in karaa balbala garabiraa adeemte. Guyyaa walga’ii lammaffaatti “Yommuu deebitee dhuftu asitti nanargitu” jechuudhaan ishee doorsise. Akkuma jedhe yeroo walga’iidhaa dhuftu abbaan manaashee mana hin turre, guyyaa sadiif gara manaatti hin deebine. Yeroo inni dhufettis, “Nyaata sii dhiheessuu? jettee gaarummaadhaan isa gaafatte. Agnas matumaa amanamummaa Yihowaadhaaf qabdu hin hir’isne. Yeroo booda abbaan manaashee Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabe; achiis erga of murteessee booda, ilaaltuu olaanaa itti gaafatamummaa hedduu qabu ta’uudhaan tajaajileera.

15. Haadhotiin manaa Kiristiyaanota ta’an maaliin ‘akka of kuulan’ gorfamaniiru?

15 Phexros, amala haadhotiin manaa olitti ibsaman kun argisiisan dinqisiifachuudhaan kan dubbate yommuu ta’u, amalli “of kuuluu” jedhame kun “mataa tolfachuudhaan” ykn “uffata ba’eessa uffachuudhaan” xiyyeeffannaa warra kaanii harkisuu akka hin taane ibseera. Kanaa mannaa Phexros akkas jedheera: “Of kuuluun keessan inni hin badne keessa namummaa keessanii isa dhokataadhaan haa ta’u! Kunis hafuura garraamummaa fi gabii isa Waaqayyo duratti guddaa gati-jabeessa ta’e sanaan haa mul’atu!” Hafuurri kun akkaataa dubbii keenyaafi amala keenyaan malee, mormii dhiheessuufi wanti baay’een akka nuuf godhamu gaafachuudhaan kan argamu miti. Kanaaf, haati manaa Kiristiyaana taate abbaa manaasheetiif akka abboomamtu argisiisti.—1 Phexros 3:3, 4.

Dubartoota Fakkeenya Ta’anirraa Barumsa Argachuu

16. Saaraan dubartoota Kiristiyaana ta’aniif fakkeenya kan taatu karaawwan kamiini?

16 Phexros: “Bara duriitti dubartoonni Waaqayyoof qulqullaa’anii isa abdatan, akkasitti abboota manaa isaaniitiif abboomamuudhaan of kuulaa turan” jechuudhaan barreesseera. (1 Phexros 3:5) Dubartoonni kun gorsa Yihowaa hojiirra oolchuudhaan isa gammachiisuun yeroo booda maatiidhaaf gammachuufi jireenya bara baraa akka argamsiisu hubataniiru. Phexros Saaraa haadha manaa Abrahaam ishee bareedduu erga caqasee booda, “gooftaa koo jettees isa waamaa turte” jedheera. Saaraan abbaa manaashee isa Waaqayyoon sodaatuufi biyya fagoo dhaqee akka isa tajaajilu isa erge deggerteetti. Jireenyashee isa gaarii dhiisuufi lubbuushee balaarra buusuudhaan kana gooteetti. (Uumama 12:1, 10-13) Phexros, ija jabina Saaraa caqasuudhaan: “Ammas isin gaarii yoo gootan, doorsisa tokkos hin sodaattan yoo ta’e, ijoollee ishee ta’uu keessan” jedheera.—1 Phexros 3:6.

17. Phexros haadhotii manaa Kiristiyaana ta’aniif yommuu barreesse Abigaayiliin sammuutti qabatee ta’uu danda’a kan jennu maaliifi?

17 Abigaayilis dubartii ija jabeettiifi Waaqayyoon abdattu waan turteef, Phexros yeroo ergaa kana barreesse ishees yaadatti qabatee ta’uu danda’a. Isheen “dubartii hubattuu fi bareedduu turte.” Naabaal abbaan manaashee garuu “nama hamaa baanaa hin tolle ture.” Yeroo Naabaal Daawitiifi namootasaatiif gargaarsa gochuu didetti, isas ta’e maatiisaa guutummaatti balleessuuf ka’anii turan. Haata’u malee, Abigaayil maatiishee oolchuuf tarkaanfii fudhatte. Nyaata Daawitiifi loltootasaatiif ta’u harrootatti feetee utuu adeemaa jirtuu namoonni meeshaa hidhatan karaatti itti dhufan. Yommuu Daawitiin argitu, harreesheerraa bu’uudhaan hamma lafa geessutti miillasaa jalatti qoommaatee, jarjaree tarkaanfii akka hin fudhanne isa kadhatte. Daawitis gochashee kanatti baay’ee tuqamee: “Waaqayyo gooftichi Israa’el inni har’a gara kootti si erge haa jajamu! Ani hubannaa kee kana nan jajadha” jedhe.—1 Saamu’el 25:2-33.

18. Haadhotiin manaa namni abbaa manaasaanii hin taane akka isaan jaallatu ibsuudhaan yoo isaan qore fakkeenya eenyuurratti yaaduu qabu? Maaliif?

18 Shamarreen haadhotii manaatiif fakkeenya gaarii taatu garabiraanimmoo, Shulaamittii ishee tiksee tokkotti heerumuuf waadaa galte eegdedha. Mootiin sooressi tokko ishee jaallatuyyuu, jaalalli tiksee kanaaf qabdu cimaa ture. Jaalala dargaggeessa tiksee ta’e kanaaf qabdu akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Akka mallattootti garaa keettii fi irree keetti na mallateeffadhu! Jaalalli jabaa akka du’aa ti, . . . Bishaan baay’een iyyuu ibidda jaalalaa hin dhaamsu, lolaanis haree isa hin balleessu.” (Weedduu Weedduu Caalu 8:6, 7) Akkuma Shulaamittii, shamarran heerumaaf waadaa galanis, abbootii manaasaaniitiif amanamoo ta’uufi isaaniif abboomamuuf murtoo gochuu qabu.

Gorsa Dabalataa Waaqayyo Kenne

19, 20. (a) Haadhotiin manaa abbootii manaasaaniitiif abboomamuu kan qaban maaliifi? (b) Haadhotiin manaa fakkeenya eenyuu hordofuu danda’u?

19 Mee amma yaadawwan naannoo caqasa mata-dureen kun irratti hundaa’erratti argaman haa ilaallu. Caqasichi: ‘Haati manaa abbaa manaasheetiif haa abboomamtu!’ jedha. (Efesoon 5:22) Abboomamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Caqasichi itti aansee “Kristos mataa waldaa kristiyaanaa akkuma ta’e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti” jechuudhaan sababiisaa ibsa. Kanaaf: “Waldaan kristiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu” jedhamteetti.—Efesoon 5:23, 24, 33.

20 Haadhotiin manaa abboommii kanaaf ajajamuu yoo barbaadan, fakkeenya gumii Kiristiyaanota dibamoo qayyabachuufi irratti xiinxaluu qabu. Yaada 2 Qorontos 11:23-28⁠rratti argamu erga dubbistanii booda, miseensa gumii kanaa kan ture Phaawulos mataasaa kan ture Yesus Kiristosiif amanamuuf jecha rakkoowwan akkamii akka dabarse ilaaluudhaan barumsa argadhaa. Haadhotiin manaas ta’an miseensonni gumii warri hafan akkuma Phaawulos rakkinni akkamiiyyuu yoo isaanirra ga’e, jabaatanii dhaabachuudhaan amanamummaadhaan Yesusiif abboomamuu qabu. Haadhotiin manaa abbootii manaasaaniitiif abboomamuudhaan kana gochuu danda’u.

21. Haadhotiin manaa abbootii manaasaaniitiif akka abboomaman kan isaan kakaasu maalidha?

21 Haadhotiin manaa hedduun yaanni abboomamuu jedhu kan isaan aarsu ta’us, dubartiin ogeettiin garuu faayidaasaa hubatti. Fakkeenyaaf, haati manaa abbaa manaa hin amanne qabdu seera Waaqayyoo akka cabsitu hamma ishee hin gaafannetti, karaa hundumaa abbaa manaasheetiif abboomamuunshee yeroo booda ‘abbaa manaashee oolchuudhaan’ eebba gaarii akka argattu beekti. (1 Qorontos 7:13, 16) Kana malees, Yihowaan gochashee kana akka dinqisiifatuufi fakkeenya Ilmasaa isa jaallatamaa hordofuusheetti akka ishee eebbisu hubachuudhaan gammachuu argachuu dandeessi.

Ni Yaadattaa?

• Haati manaa abbaa manaasheetiif abboomamuun akka itti ulfaatu kan godhu maal ta’uu danda’a?

• Durbi tokko gaaffii heerumaaf isheedhaaf dhihaate akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

• Yesus haadhotii manaatiif fakkeenya kan ta’u akkamitti? Fakkeenyasaa hordofuun bu’aa akkamii argamsiisa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]