Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Ijoollee! Abboota Keessanii Fi Haadhota Keessaniif Abboomamaa!”

“Ijoollee! Abboota Keessanii Fi Haadhota Keessaniif Abboomamaa!”

“Ijoollee! Abboota Keessanii Fi Haadhota Keessaniif Abboomamaa!”

“Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa! Kun gooftaa duratti qajeelaa dha.”—EFESOON 6:1.

1. Abboomamuun kan si eegu akkamitti?

LUBBUUDHAAN kan jiraanne waan abboomamneef yommuu ta’u, warri kaanimmoo kan du’an abboomamuu waan didaniif ta’uu danda’a. Wantoota akkamiitiif abboomamna? Fakkeenyaaf akeekkachiisa qaama keenya ‘isa guddaa dinqisiisaa’ ta’ee uumameef ni abboomamna. (Faarfannaa 139:14) Iji keenya duumessa gurraacha kan argu yommuu ta’u, gurri keenyas qaqawweessa ni dhaga’a. Rifeensi keenya bakakkaa harkisuu akka danda’u beektu ta’a. Mallattoowwan kun namoota barataniif balaan ga’uu akka danda’u kan argisiisan yommuu ta’an, bakakkaa lubbuudhaaf sodaachisuufi bokkaa cimaa cabbii makee roobu jalaa ba’uuf da’oo akka barbaadan isaan akeekkachiisa.

2. Ijoolleen akeekkachiisa argachuu kan isaan barbaachisu maaliifi? Warrasaaniitiif abboomamuu kan qaban maaliifi?

2 Ijoolle, wantoota balaa geessisan ilaalchisee akeekkachiisni kan isin barbaachisu yommuu ta’u, akeekkachiisa kana kennuuf itti gaafatamummaa kan qabanimmoo warra keessanidha. “Wanta nama gubu hin qabatin!” “Balaa sirraan ga’uu waan danda’uuf bishaan gurguddaa keessa hin lixin!” “Daandii konkolaataa qaxxaamuruukee dura bitaafi mirgakee ilaali!” yeroo itti jedhamte ni yaadatta ta’a. Kan nama gaddisiisu garuu, ijoollee hedduun abboommota akkasiitiif ajajamuu diduudhaan miidhaa guddaadhaaf ykn du’aaf saaxilamaniiru. Warra keessaniif abboomamuun keessan “qajeelaa” ykn wanta barbaachisuufi sirrii ta’edha. (Fakkeenya 8:33) Caqasni Macaafa Qulqulluu garabiraanimmoo gooftaa keenya Yesus Kiristosiin kan “gammachiisudha” jedha. Eeyyee, Waaqayyo warra keessaniif akka abboomamtan isin ajaja.—Qolosaayis 3:20; 1 Qorontos 8:6.

Abboomamuun Eebba Bara Baraa Argamsiisa

3. Baay’ee keenyaaf “jireenya isa dhugaa” jechuun maal jechuudha? Ijoolleenoo kana argachuu kan danda’an akkamitti?

3 Warra keetiif abboomamuunkee ‘jireenyakee isa ammaatti’ kan si eegu ta’uusaarrayyuu, ‘jireenya isa dhufuuf’ jechuunis “jireenya dhugaa” argachuuf si gargaara. (1 Ximotewos 4:8; 6:19) Baay’ee keenyaaf jireenya dhugaa jechuun, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti jireenya bara baraa argachuu yommuu ta’u, kunis waadaa inni namoota amanamummaadhaan abboommiisaa eeganiif kennuuf galedha. Abboommiiwwan gurguddaa kana keessaa inni tokko akkas jedha: “Abboommiin inni dura abdii wajjin kenname, ‘Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni!’ isa jedhuu dha. Abdichis, ‘Gaarii akka siif ta’utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti!’” Kanaaf, warra keetiif yoo abboomamte gammachuu argatta jechuudha. Gara fuulduraattis gaarii siif ta’a; namoota lafa jannata taaturra bara baraaf jiraatan keessaa tokko ta’uu dandeessa.—Efesoon 6:2, 3.

4. Ijoolleen Waaqayyoof ulfina kennuufi bu’aa argachuu kan danda’an akkamitti?

4 Warra keetiif yommuu abboomamtu, kana akka gootu kan si abboome Waaqayyo waan ta’eef isaafis abboomamaa jirta jechuudha. Kana gochuudhaan ofiikeetiifis faayidaa argatta. Macaafni Qulqulluun, ‘ani Waaqayyo gooftaankee isa wanta waa’ee siif baasu si barsiisudha’ jedha. (Isaayaas 48:17; 1 Yohannis 5:3) Abboomamuunkee kan si fayyadu akkamitti? Abbaakeefi haadhakee ni gammachiisa, kunimmoo wanta si gammachiisu akka sii godhan isaan kakaasa. (Fakkeenya 23:22-25) Hundumaa caalaa garuu, abboomamuunkee Abbaakee isa samii kan gammachiisu yommuu ta’u, innis karaa baay’ee si eebbisa! Yesus abbaasaatiin, ‘ani yeroo hundumaa kan isa gammachiisu nan hojjedha’ kan jedhe yommuu ta’u, mee amma Yihowaan akkamitti akka isa eebbiseefi isa eege haa ilaallu.—Yohannis 8:29.

Yesus Hojjetaa Gaarii Ture

5. Yesus hojjetaa gaarii ture jennee akka amannu kan nu dirqisiisu maalidha?

5 Yesus Maariyaamiif ilma hangafa ture. Abbaansaa inni isa guddise Yoseefimmoo nama muka soofu ture. Yesusis Yoseefirraa barachuudhaan yeroo booda muka sooftuu ta’eera. (Maatewos 13:55; Maarqos 6:3; Luqaas 1:26-31) Yesus muka sooftuu akkamii waan ture sitti fakkaata? Utuu garaa haadhasaatti haala dinqisiisaa ta’een hin uumamin dura yommuu samiirra ture ogummaatti fakkeefamuudhaan: “Yommus ani isa biratti hojjetaadhan ture [1899], . . . har’aa bor isa nan gammachiisan ture” jechuudhaan dubbateera. Yesus yommuu samiirra ture hojjetaa gaarii ta’uusaa Waaqayyo isaaf mirkaneesseera. Bara dargaggummaasaatti yommuu lafarra ture hojii muka soofuurrattis hojjetaa gaarii akka ture sitti dhaga’amaa?—Fakkeenya 8:30; Qolosaayis 1:15, 16.

6. (a) Yesus yommuu ijoollee ture hojii mana keessaa hojjechaa ture jettee akka amanatu kan si godhu maalidha? (b) Ijoolleen fakkeenya Yesus hordofuu kan danda’an karaawwan kamiini?

6 Macaafni Qulqulluun akkuma ijoolleen bara sanaa gochaa turan, Yesusis yommuu ijoollee turetti warra kaanii wajjin taphachaa akka ture homaa hin shakkisiisu. (Zakaariyaas 8:5; Maatewos 11:16, 17) Haata’u malee, maatii hiyyeessa keessatti mucaa hangafa waan tureef, muka sooftuu akka ta’uuf leenjii Yoseef isaa kennu malees, mana keessaas hojii gara garaa akka hojjechaa ture homaa hin shakkisiisu. Boodas, Yesus yeroosaa guutummaa hojii lallabaarratti dabarsuudhaan mataasaa gammachiisuurraa of qusateera. (Luqaas 9:58; Yohannis 5:17) Karaan itti fakkeenya Yesus hordofuu dandeessu jiraa? Warrikee mana akka qulqulleessitu ykn hojii garabiraa akka hojjettu si gaafatanii beekuu? Walga’iiwwan gumiirratti akka argamtuufi wanta baratte warra kaaniif hiruudhaan Waaqayyoon akka waaqeffattu si jajjabeessuu? Yesus yommuu ijoollee turetti wantoota kana akka godhu utuu itti himamee maal kan godhu sitti fakkaata?

Yesus Nama Akka Gaariitti Macaafa Qulqulluu Baratuufi Barsiisu Ture

7. (a) Yesus gara ayyaana Faasikaa kan dhaqe eenyuu wajjin ta’uu danda’a? (b) Warri kaan gara manasaaniitti yommuu deebi’an Yesus eessa ture? Kan achi ture maaliifi?

7 Israa’eloonni dhiira ta’an hundi yeroo ayyaanni Yihudootaa sadan kabajaman gara mana qulqullummaa dhaqanii Yihowaa akka waaqeffatan abboomamanii turan. (Keessa Deebii 16:16) Yesus yommuu mucaa waggaa 12 turetti, maatiinsaa ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem dhaqanii turan. Yeroo sanatti obboloonnisaa dhiiraafi durbaa, Yoseefiifi Maariyaamirraa dhalatan achitti argamanii akka turan haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Haata’u malee, obboleettii Maariyaam taati jedhamtee kan yaadamtu Salomee, abbaan manaashee Zabdewosiifi ijoolleesaanii warra yeroo booda ergamoota Yesus ta’an Yaaqoobiifi Yohannis isaanii wajjin deemanii ta’uu danda’a. * (Maatewos 4:20, 21; 13:54-56; 27:56; Maarqos 15:40; Yohannis 19:25) Yoseefiifi Maariyaam yommuu gara manasaaniitti deebi’an, Yesus firootasaanii wajjin jira jedhanii waan yaadaniif, jalqaba isaanii wajjin akka hin jirre hin hubanne turan. Guyyaa sadii booda, Maariyaamiifi Yoseef Yesusiin mana qulqullummaa keessa “barsiisota gidduu taa’ee isaan utuu dhaggeeffatuu gaaffiis utuu isaan gaafatuu, argatan.”—Luqaas 2:44-46.

8. Yesus mana qulqullummaa keessatti maal gochaa ture? Namoonni kan isa dinqisiifatan maaliifi?

8 Yesus barsiistota seeraa ‘gaafachaa’ kan ture karaa kamiini? Gaaffiinsaa kun hawwii waan tokko beekuuf qabu guutuuf ykn odeeffannoo argachuuf qofa kan gaafatame hin turre. Jechi asirratti gaafachuu jedhame kun afaan Giriikiitiin qorannaa mana murtiitti godhamuu wajjin kan wal fakkaatu waan tureef, gaaffiiwwan ciccimaa isaan gaafachaa ture jechuun ni danda’ama. Eeyyee, Yesus yommuu ijoollee turettillee, beekumsa Macaafa Qulqulluutiin barsiistota amantii barumsa guddaa baratan dinqisiisuu danda’eera. Macaafni Qulqulluun: “Warri isa dhaggeeffatan hundinuu immoo hubannaa isaa fi deebii deddeebisuu isaatiif in dinqifatan” jedha.—Luqaas 2:47.

9. Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeessu akkamitti?

9 Yesus yeroo ijoollee turetti namoota muuxannoo qabanillee beekumsa Macaafa Qulqulluutiin kan dinqisiise maaliif ture? Sababiinsaa warrisaa namoota Waaqayyoon sodaatan waan ta’aniifi mucummaasaatii jalqabanii seera Waaqayyoo waan isa barsiisaniifidha. (Ba’uu 12:24-27; Keessa Deebii 6:6-9; Maatewos 1:18-20) Yoseef Yesusiin fudhatee gara mana sagadaa Macaafni Qulqulluun itti dubbifamuufi itti ibsamu dhaqaa akka ture hubachuun ni danda’ama. Atoo warra Macaafa Qulqulluu si qayyabsiisaniifi gara walga’iiwwan Kiristiyaanaatti si geessan qabdaa? Akkuma Yesus carraaqqii warrisaa godhaniif dinqisiifate atis carraaqqiisaanii ni dinqisiifattaa? Akkuma Yesus wanta baratte warra kaaniif ni hirtaa?

Yesus Ni Abboomama Ture

10. (a) Warrisaa bakka Yesus ture beekuu qabu turan kan jennu maaliifi? (b) Yesus ijoolleedhaaf fakkeenya gaarii akkamii ta’a?

10 Yoseefiifi Maariyaam guyyaa sadii booda yommuu Yesusiin mana qulqullummaa keessatti argatan maaltu waan isaanitti dhaga’ame sitti fakkaata? Baay’ee akka gammadan homaa hin shakkisiisu! Yesus garuu warrisaa eessa akka ture wallaaluusaaniitti baay’ee dinqisiifate. Yoseefis ta’e Maariyaam Yesus haala dinqii ta’een akka dhalate beeku turan. Kana malees, wantoota xixiqqoo kanaa wajjin walitti dhufeenya qaban hin beekiniyyuu malee, gara fuulduraatti Fayyisaafi Mootii Mootummaa Waaqayyoo ta’uudhaan wanta inni raawwatu beeku turan. (Maatewos 1:21; Luqaas 1:32-35; 2:11) Kanaafis Yesus: “Maali, attamitti na barbaaddan? Mana abbaa koo keessatti argamuun akka ana irra jiru hin beektan turtanii?” jechuudhaan isaan gaafate. Erga kana jedhee booda garuu, warrasaatiif abboomamuudhaan isaanii wajjin gara Naazireetitti deebi’eera. Macaafni Qulqulluun: “Isaaniif abboomamaas jiraate” erga jedhee booda, “haati isaa garuu dubbii kana hundumaa garaatti in qabatti turte” jedha.—Luqaas 2:48-51.

11. Abboomamuu ilaalchisee Yesusirraa barumsa akkamii argatta?

11 Atoo fakkeenya Yesus hordofuudhaan yeroo hunda warra keetiif abboomamuun sitti salphataa? Moo isaan yeroo baay’ee haala isa amma jiru kana akka hin beekneefi ati isaan caalaa akka beektu sitti dhaga’ama? Dhugaadha, moobaayiliitti, kompiitariittiifi meeshaawwan haaraa ba’an tokko tokkotti akkamitti fayyadamuun akka danda’amu isaan caalaa beekta ta’a. Haata’u malee, mee waa’ee Yesus yaadi. Inni “hubannaa isaa fi deebii deddeebisuu isaatiif” barsiistota amantii kan dinqisiisedha. Yeroo isaa wajjin ilaalamtu, wanti ati beektu baay’ee xinnoo ta’uusaa ni hubatta ta’a. Haata’u malee, Yesus warrasaatiif ni abboomama ture. Kana jechuun garuu yeroo hundumaa murtoo isaan godhanitti walii gala ture jechuu miti. Ta’us, ijoollummaasaatii jalqabee ‘isaaniif abboomamaa jiraate.’ Fakkeenyasaa kanarraa maal barachuu dandeessa?—Keessa Deebii 5:16, 29.

Abboomamuun Salphaa Miti

12. Abboomamuun lubbuukee kan oolchu akkamitti?

12 Abboomamuun yeroo hundumaa salphaa miti. Waggoota muraasa dura, shamarreen lama riqicha namoota miilaan ce’aniif qophaa’etti fayyadamuu mannaa, daandii konkolaataan toora torbaan saffisaan ce’anirra fiiganii darbuu yaadan. Yeroo hiriyaansaanii riqicha sanarra ce’uuf jedhu: “Joon asiin kottu malee, nuu wajjin adeemaa jirta mitii?” jedhaniin. Yeroo inni didu, isheen tokko “Sodaattuu wayii!” jechuudhaan itti ga’ifte. Joon sodaa malee, “Waan haatikoo naan jette hojiirra oolchuun qaba” jedhe. Utuma inni riqicha sanarra ce’aa jiruu, geengoon konkolaataa sixiix jedhee iyyuusaa dhaga’ee yommuu gad ilaalu, ijoolleen sun lamaan konkolaataadhaan rukutamuusaanii arge. Balaa kanaan isheen tokko kan duute yommuu ta’u, isheen kaanimmoo garmalee miidhamuusheetiin yeroo booda miillishee tokko citeera. Haati ijoollee durbaa sun, isaanis riqicharra akka ce’an itti himtee kan turte yommuu ta’u, haadha Jooniitiin, “Isaanis akkuma ilmakee utuu naaf abboomamaniiru ta’ee gaarii ture” jetteetti.—Efesoon 6:1.

13. (a) Warra keetiif abboomamuu kan qabdu maaliifi? (b) Mucaan tokko wanta warrisaa jedhan gochuu kan hin qabne yoomi?

13 Waaqayyo: “Ijoollee! Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa!” kan jedhe maaliifi? Isaaniif abboomamuun keessan Waaqayyoof akka abboomamtanitti waan lakkaa’amuufidha. Kana malees, warri keessan isin caalaa muuxannoo qabu. Fakkeenyaaf, balaan olitti ibsame uumamuusaa waggaa shan dura, mucaan hiriyaa haadha Joon daandiidhuma sanarra ce’uuf utuu yaalii godhuu balaa konkolaataa wal fakkaatuun jalaa du’eera! Dhugaadha, yeroo hundumaa warraaf abboomamuun salphaa ta’uu dhiisuu danda’a. Ta’us, Waaqayyo abboomamuu akka qabdu dubbateera. Karaa garabiraa garuu, warrikee ykn namoonni kaan akka sobdu, akka hattu ykn wanta Waaqayyo jibbu garabiraa akka raawwattu yoo sitti himan, “namaaf abboomamuu irra, Waaqayyoof abboomamuu” qabda. Macaafni Qulqulluun, “Abboota keessanii fi haadhota keessaniif abboomamaa!” erga jedhee booda, “Kun gooftaa duratti qajeelaa dha” jedha. Kun seera Waaqayyoo wajjin hanga wal hin faallessinetti, waan hundumaatiin warra keetiif abboomamuu qabda jechuudha.—Hojii Ergamootaa 5:29.

14. Nama gonkummaa qabuuf abboomamuun salphaa kan ta’e maaliifi? Haata’u malee, namni gonkummaa qabu abboomamuu barachuu kan qabu maaliifi?

14 Akka Yesus ‘xurii kan hin qabne, cubbamootarraa kan gargar baateefi’ gonkummaa kan qabdu utuu taatee, yeroo hundumaa warra keetiif abboomamuun salphaa sitti fakkaataa? (Ibroota 7:26) Utuu gonkummaa qabaattee, akka amma gochaa jirtu wanta gadhee gochuuf fedhii hin qabaattu turte. (Uumama 8:21; Faarfannaa 51:5) Haata’u malee, abboomamuu ilaalchisee Yesusillee barumsa argachuu isa barbaachiseera. Macaafni Qulqulluun: “Utuma ilma Waaqayyoo ta’ee jiruu immoo, dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare” jedha. (Ibroota 5:8) Yesus barumsa yeroo samiirra ture baruu isa hin barbaachisne, jechuunis dhiphina isarra ga’erraa abboomamuu kan barate akkamitti?

15, 16. Yesus abboomamuu kan barate akkamitti?

15 Yoseefiifi Maariyaam qajeelfama Yihowaarraa argataniin, Yesus mucummaasaatti balaan akka isarra hin geenye eeganiiru. (Maatewos 2:7-23) Haata’u malee, Waaqayyo yeroo booda haala dinqii ta’een Yesusiin eeguusaa dhiiseera. Rakkinni qaamaanis ta’e sammuudhaan Yesusirra ga’e cimaa waan tureef, Macaafni Qulqulluun “sagalee guddaadhaan imimmaaniin, kadhataa fi waammata” dhiheesse jedha. (Ibroota 5:7) Kun yoom ta’e?

16 Kun kan ta’e keessumaa, Yesus jireenyasaa isa lafaa xumuruusaa dura Seexanni amanamummaasaa akka cabsu gochuuf wanta danda’u hundaa yeroo godhetti ture. Yesus akka nama cubbuu hojjeteetti lakkaa’amee ajjeefamuunsaa maqaa abbaasaa balleessuu akka danda’u waan itti dhaga’ameef, “Muddama isaa keessattis [iddoo dhaabaa Getesemaaneetti] ittuma cimsee kadhate; dafqi isaas akka coccopha dhiigaa lafatti gad rooba ture.” Sa’aatii muraasa booda, mukarratti fannifamee ajjeefamuunsaa baay’ee kan nama dhiphisu waan tureef, Yesus ‘sagalee guddaadhaafi imimmaaniin’ kadhateera. (Luqaas 22:42-44; Maarqos 15:34) Yesus “dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare”; kana gochuudhaanis garaa Abbaasaa ciibsuu danda’eera. Amma Yesus rakkina amanamoo ta’uu keenyaan nurra ga’u hundumaa nuu hubata.—Fakkeenya 27:11; Ibroota 2:18; 4:15.

Abboomamuu Baruu

17. Adaba fudhachuudhaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

17 Abbaafi haatikee si adabuunsaanii, wanta gaarii akka siif hawwaniifi akka si jaallatan kan argisiisudha. Macaafni Qulqulluun: “Ilmi abbaan isaa barsiisuuf hin adabne immoo isa kam ree?” jechuudhaan gaafata. Warrikee si jibbuudhaan yeroo fudhatanii si sirreessuuf carraaqqii gochuu utuu dhiisanii kun kan nama gaddisiisu mitii? Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan waan si jaallatuuf sirreeffama sii kenna. “Adabni barsiisuudhaaf kennamu yeroo sanaaf kan nama gaddisiisu malee, kan nama gammachiisu hin fakkaatu; booddee garuu warra itti baraniif ija in godhata; iji sunis kan nagaa fi kan qajeelinaa in ta’a.”—Ibroota 12:7-11.

18. (a) Adabni jaalalarratti hundaa’ee kennamu maal kan argisiisudha? (b) Namoota adabni akkasii bu’aa gaarii isaaniif argamsiise beektaa?

18 Yesus, Mootii Israa’el ishee durii kan ture Solomoon ogummaa guddaa akka qabu kan dubbate yommuu ta’u, mootiin kun warri jaalalaan kaka’anii ijoolleesaanii adabuu akka qaban dubbateera. Solomoon akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni ilma isaa karaabaadhaan reebuu dhiisee qusatu isa jibbuu isaa ti, namni ilma isaa dafee adabu garuu isa jaallachuu isaa ti.” Solomoon itti dabaluudhaanis namni adaba fudhatu lubbuusaa du’arraa ni oolcha jedheera. (Fakkeenya 13:24; 23:13, 14; Maatewos 12:42) Dubartiin Kiristiyaana taate tokko, yeroo ijoollee turte gumii keessatti amala hin taane yoo argisiiftu abbaanshee yeroo manatti deebi’an akka ishee adabu isheetti hima ture. Amma dubartiin kun adaba abbaanshee jaalalarratti hundaa’uudhaan kennaafii ture, karaa gaariirra akka adeemtu ishee gargaaruusaa yaadachuudhaan ni gammaddi.

19. Hundumaa caalaatti warra keetiif akka abboomamtu wanti si kakaasu maal ta’uu qaba?

19 Warrikee yeroo fudhatanii jaalalarratti hundaa’uudhaan si adabuuf carraaqqii kan godhan yoo ta’e isaan galateeffadhu. Akkuma Gooftaan keenya Yesus Kiristos, Yoseefiifi Maariyaamiif abboomame atis warra keetiif abboomami. Keessumaa garuu isaaniif abboomamuu kan qabdu Abbaankee inni samii jechuunis Yihowaan kana akka gootu waan si abboomeef ta’uu qaba. Kana gochuunkee faayidaa kan siif argamsiisu yommuu ta’u, “Gaarii akka siif ta’utti, lafa irras bara dheeraa akka jiraattutti” warra keetiif abboomami.—Efesoon 6:2, 3.

[Miiljalee]

^ key. 7 Kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu (Ingiliffa) jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e Jildii 2, ful. 841 ilaali.

Maal Jettee Deebista?

• Ijoolleen warrasaaniitiif abboomaman eebba akkamii argatu?

• Yesus yommuu ijoollee ture warrasaatiif abboomamuudhaan fakkeenya kan ta’u akkamitti?

• Yesus abboomamuu kan barate akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]