Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ergamoonni Namoota Kan Gargaaran Akkamitti?

Ergamoonni Namoota Kan Gargaaran Akkamitti?

Ergamoonni Namoota Kan Gargaaran Akkamitti?

“Kana booddees ergamaan biraa tokko aboo guddaa fudhatee, waaqa keessaa utuu gad bu’uu nan arge. . . . Inni sagalee cimaadhaan iyyee, ‘Kufteetti, Baabilon guddittiin kufteetti’ jedhe.” —MUL’ATA 18:1, 2.

1, 2. Yihowaan fedhasaa raawwachuuf ergamootatti akka fayyadamu kan argisiisu maalidha?

YOHANNIS ERGAMAAN booji’amee utuu odoola Phaaximoo jedhamtu keessa jiruu raajii mul’ataa arge. ‘Hafuuraan guutamee’ wantoota dinqisiisoo ‘Guyyaa Gooftaatti’ raawwataman argeera. Guyyaan Gooftaa sun kan jalqabe bara 1914 yeroo Yesus mootii ta’e yommuu ta’u, guyyaan kun hanga dhuma Bulchiinsa Waggaa Kumaatti itti fufa.—Mul’ata 1:10.

2 Yihowaan mul’ata kana kallattiidhaan Yohannisitti hin mul’isne. Kanaa mannaa karaa garabiraatti fayyadameera. Dhimma kanas Mul’anni 1:1 akkas jechuudhaan ibsa: “Kun mul’ata Yesus Kristos, isa inni wanta dafee ta’uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuuf Waaqayyo biraa argatee dha; inni ergamaa isaa waaqa irraa ergee kana hojjetaa isaa Yohannisitti beeksise.” Yihowaan karaa Yesus Kiristosiin ergamaa tokkotti fayyadamuudhaan wanta ‘Guyyaa Gooftaatti’ ta’u Yohannisitti mul’iseera. Yeroo tokkommoo Yohannis, “ergamaan biraa tokko aboo guddaa fudhatee, waaqa keessaa utuu gad bu’uu” argeera. Hojiin ergamaa sanaa maal ture? “Inni sagalee cimaadhaan iyyee, ‘Kufteetti, Baabilon guddittiin kufteetti’” jechaa ture. (Mul’ata 18:1, 2) Ergamaan humna guddaa qabu kun, Baabilon Guddittiin, jechuunis bulchiinsi amantii sobaa addunyaa maraa akka kuftu labsuuf mirga argateera. Kanaaf, Yihowaan jaalalasaa raawwachuuf ergamootasaatti akka fayyadamu homaa hin shakkisiisu. Ergamoonni, kaayyoo Waaqayyoofi jireenya keenya keessatti ga’ee akkamii akka qaban mari’achuu keenya dura, uumamawwan qaama hafuuraa qaban kun eessaa akka dhufan haa ilaallu.

Ergamoota Eenyutu Uume?

3. Namoonni hedduun waa’ee ergamootaa hubannaa dogoggora ta’e akkamii qabu?

3 Yeroo ammaatti namoonni miliyoonaan lakkaa’aman ergamoonni akka jiran ni amanu. Haata’u malee, namoonni hedduun waa’ee ergamootaafi eessaa akka dhufan ilaalchisee yaada dogoggoraa qabu. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko yeroo namni jaallatan du’u nama sana Waaqayyotu ofitti fudhate ykn ergamaa Waaqayyoo ta’a jedhanii yaadu. Dubbiin Waaqayyoo waa’ee uumama, maddaafi kaayyoo ergamootaa kana barsiisaa?

4. Uumama ergamootaa ilaalchisee Caaffanni Qulqullaa’oon maal jedhu?

4 Ergamaan hunda caalaa humnaafi aboo qabu, hangafa ergamootaa Mikaa’el jedhamudha. (Yihudaa 9) Kunimmoo Yesus malee eenyuyyuu ta’uu hin danda’u. (1 Tasaloniiqee 4:16) Waggoota hammana hin jedhamne dura yeroo Yihowaan waa uumuu barbaadetti jalqaba kan uume Ilmasaa isa ergamaa kanadha. (Mul’ata 3:14; 19:11) Yeroo boodas, Yihowaan karaa Ilmasaa isa hangafaa kana uumamawwan hafuuraa hunda uumeera. (Qolosaayis 1:15-17) Ilmaansaa warra uumama hafuuraa ta’an kana ilaalchisuudhaan Yihowaan, Iyoobiin akkas jedhee gaafateera: “Yommuu ani hundee lafaa kaa’e, ati eessa turte? Hubannaa isaa yoo qabaatte anatti himi! . . . Yookiis dhagaa isaa isa golee qajeelchu eenyutu dhaabe? Yeroo sanatti urjoonni gara barii in faarfatan, warri waaqa irraa ‘ilmaan Waaqayyoo’ jedhamanis guddisanii sagalee gammachuu in dhageessisan.” (Iyoob 38:4, 6, 7) Kanarraa hubachuun akka danda’amutti ergamoota kan uume Waaqayyo yommuu ta’u, isaanis ilmaan namootaa utuu hin uumamin waggoota hedduu dura uumaman.

5. Ergamoonni kan gurmaa’an akkamitti?

5 Qorontos Isa Duraa 14:33 “Waaqayyo ofii isaatii Waaqayyo nagaa ti malee, Waaqayyo sabirii hin qabnee miti” jechuudhaan dubbata. Kanaan kan ka’es Yihowaan ergamoonnisaa garee sadiin akka gurmaa’an godheera. Isaanis: (1) suraafeloota, warra naannoo teessoo Waaqayyootti tajaajilan, qulqullummaasaa ibsaniifi sabnisaa karaa hafuuraa qulqulluu akka ta’an gargaaran; (2) kiruubelota, warra olaantummaa Yihowaa deggeran; akkasumas (3) ergamoota kaan warra jaalalasaa raawwatanidha. (Faarfannaa 103:20; Isaayaas 6:1-3; Hisqi’el 10:3-5; Daani’el 7:10) Karaawwan uumamawwan hafuuraa kun ilmaan namootaa itti gargaaran tokko tokko maalfa’i?—Mul’ata 5:11.

Ergamoonni Ga’ee Akkamii Qabu?

6. Yihowaan haala jannata Eeden wajjin wal qabateen kiruubelotatti kan fayyadame akkamitti?

6 Waa’een ergamootaa yeroo jalqabaatiif kan caqasame macaafa Uumamaarratti yommuu ta’u, isaaniin ilaalchisee Uumamni 3:24 akkas jedha: “Waaqayyo nama gad oofee, karaa isa gara muka jireenya kennutti geessu sanas in eegsise; isa eegsisuudhaaf bukkee iddoo dhaabaa Eeden gara ba’a-biiftuutiin Kiruubelii fi billaa akka ibiddaa boba’u isa gara hundumaatti nanaanna’u in dhaabe.” Kiruubelonni kun Addaamiifi Hewwaan bakka jireenyasaanii ishee durii kan taate Eedenitti akka deebi’anii hin galle dhowwu turan. Kun kan ta’e jalqaba seenaa ilmaan namootaarrattidha. Yeroo sanaa jalqabee ergamoonni maal hojjechaa turan?

7. Jechoonni afaan Giriikiifi afaan Ibrootaatiin “ergamaa” jedhan ga’ee ergamoonni qaban kan ibsan akkamitti?

7 Macaafa Qulqulluu keessatti waa’een ergamootaa al 400 ibsameera. Afaan Giriikiitiinis ta’e Ibrootaatiin jechi “ergamaa” jedhu, “kan e’ergamu” jedhamees hiikamuu danda’a. Kanaaf, ergamoonni Waaqayyoofi namoota gidduutti ergamu jechuudha. Keeyyata jalqabaa lamaan mataduree kanarratti akkuma ibsame, Yihowaan ergaasaa Yohannisitti dabarsuuf ergamaa tokkoon fayyadameera.

8, 9. (a) Ergamaan tokko Maano’aafi haadha manaasaa haasofsiisuunsaa kan isaan jajjabeesse akkamitti? (b) Warri, qajeelfama ergamaan tokko Maano’aadhaaf kennerraa barumsa akkamii argatu?

8 Kana malees, ergamoonni, tajaajiltoota Waaqayyoo warra lafarratti argamaniif deggersaafi jajjabina ni kennu. Fakkeenyaaf yeroo Israa’el abbootii firdiitiin bulfamaa turte, Maano’aafi haati manaasaa isheen dhala hin qabne dhala argachuu hawwanii turan. Yihowaan ergamaasaa erguudhaan haati manaa Maano’aa ilma akka deessu itti hime. Seenaan kun akkas jedha: “Ati dhabduu waan taateef dhala hin godhanne, amma garuu in ulfoofta ilmas in deessa. Kanaaf si’achi daadhii waynii yookiis waanuma nama macheessu dhuguuttii, waan xuraa’aas nyaachuuttii of eeggadhu! Kunoo, in ulfoofta, mucaan ati deessu kun garaa kee keessaa jalqabee Waaqayyoof addaan waan ba’eef, qarabaan mataa isaa irra hin ga’in! Mucichi Israa’elin harka warra Filisxeemotaa jalaa baasuuf jira.”—Abboota Firdii 13:1-5.

9 Yeroo boodas haati manaa Maano’aa ilma Siimson jedhamu kan deesse yommuu ta’u, seenaansaas Macaafa Qulqulluu keessatti beekamaadha. (Abboota Firdii 13:24) Mucaan kun dhalachuusaa dura, Maano’aan mucaasaanii kana akkamitti guddisuu akka qaban ilaalchisee qajeelfama akka isaanii kennu ergamaa Waaqayyoo gaafatee ture. Maano’aan, “Dubbiin kee yommuu raawwatamu seerri mucichi ittiin jiraatu, wanti gochuun isaaf ta’us maali?” jedhee gaafate. Ergamaan Waaqayyoo kun qajeelfama duraan haadha manaa Maano’aatiif kenne irra deebi’ee itti hime. (Abboota Firdii 13:6-14) Maano’aan jajjabina hammamii akka argate tilmaamuun nama hin rakkisu. Yeroo ammaatti ergamoonni Waaqayyoo namootaa wajjin walitti dhufeenya akkasii hin godhan. Haata’u malee, warri akkuma Maano’aa yeroo ijoolleesaanii guddisan qajeelfama Yihowaa argachuuf yaalii gochuu qabu.—Efesoon 6:4.

10, 11. (a) Elsaa’iifi naa’oonsaa loltoota warra Asoriin akka marfaman yommuu argan maaltu isaanitti dhaga’ame? (b) Dhimma kanaarratti yaaduun keenya kan nu gargaaru akkamitti?

10 Bara Elsaa’i raajichaattis gargaarsi ergamootaa ifatti mul’ateera. Elsaa’i magaalaa Dootaan jedhamtuufi Israa’elitti argamtu keessa jiraata ture. Gaaf tokko yommuu naa’oon Elsaa’i ganama barii ka’ee gara bakkee ilaalu magaalattiin fardeeniifi konkolaattota fardeeniin harkifamaniin marfamuushee arge. Mootiin warra Asor Elsaa’iin qabsiisuuf humna waraanaa cimaa ergee ture. Naa’oo Elsaa’itti maaltu dhaga’ame? Sodaafi naasuudhaan: “Wayyoo kaa yaa gooftaa ko! Maal goonu?” jedhee iyye. Wanti kun homaa abdii akka hin qabne itti dhaga’amee ture. Elsaa’i garuu deebisee, “Warri nuu wajjin jiran, warra isaanii wajjin jiran irra in caaluutii hin sodaatin!” jedheen. Elsaa’i maal jechuusaa ture?—2 Mootota 6:11-16.

11 Elsaa’i ergamoonni hedduun isaaniin gargaaruuf achitti akka argaman hubatee ture. Naa’oonsaa garuu homaa hin argine. Kanaaf Elsaa’i, “‘Yaa Waaqayyo, akka inni argutti hadaraa ija isaa baniif!’ jedhee kadhate; Waaqayyo yommus ija naa’ichaa in baneef; naa’ichis gaaronni naannoo Elsaa’i jiran guutummaatti fardeenii fi konkolaattota ibiddaatiin guutamanii in arge.” (2 Mootota 6:17) Sana booda naa’oon sun ergamoota hedduu arge. Nutis karaa hafuuraa hubannaa yoo qabaanne, ergamoonni qajeelfama Yihowaafi Yesus jalatti akka hojjetaniifi saba Yihowaa gargaaruufis ta’e eeguuf qophaa’oo akka ta’an ni amanna.

Gargaarsa Ergamoonni Bara Kiristositti Gochaa Turan

12. Maariyaam Gabri’elirraa gargaarsa akkamii argatte?

12 Durbi Maariyaam jedhamtu misraachoo, “Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi!” jedhu yommuu dhageessu maaltu isheetti dhaga’amee akka ture yaadaa. Gabri’el ergamaan inni Waaqayyo biraa ergame ergaa nama dinqisiisu kana itti himuusaa dura, “Waaqayyo biraa ayyaana argatteetta hin sodaatin!” jedheenii ture. (Luqaas 1:26, 27, 30, 31) Maariyaam Waaqayyo biraa ayyaana akka argatte dhaga’uunshee baay’ee ishee jajjabeessee akka ture homaa hin shakkisiisu.

13. Ergamoonni Yesusiin kan gargaaran akkamitti?

13 Seexanni lafa onaatti Yesusiin al sadii erga qoree booda wanti raawwatames ergamoonni akka nama gargaaran argisiisa. Seenaan kun akka nutti himutti qorumsa sana booda, “Seexanni isa dhiise, ergamoonni Waaqayyoos dhufanii isaaf in ergaman.” (Maatewos 4:1-11) Galgala Yesus du’uusaa dura turettis wanti wal fakkaatu raawwatameera. Yesus dhiphatee jilbeenfatee: “‘Yaa abbaa, kun akka fedha kee yoo ta’e, xoofoo dhiphinaa ani fudhachuudhaaf jiru kana ana irraa fuudhi; garuu akka ani jaalladhe utuu hin ta’in, akka ati jaallatte haa ta’u!’ jedhe. Yommus ergamaan Waaqayyoo tokko isa jajjabeessuudhaaf waaqa irraa itti mul’ate.” (Luqaas 22:42, 43) Yeroo ammaattoo ergamootarraa gargaarsa akkamii arganna?

Gargaarsa Ergamoonni Yeroo Ammaatti Kennan

14. Bara keenyatti Dhugaa Baatota Yihowaarra ari’atama akkamiitu ga’e? Bu’aansaa maal ture?

14 Lallaba Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo ammaatti raawwatan yommuu ilaallu, ergamoonni akka isaan gargaaraa jiran ragaa argachuun hin danda’amuu? Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Yihowaa Waraana Addunyaa Lammaffaa bara 1939-45 godhameefi miidhaa cimaa isa dura warri Naazii Jarmaniittiifi Baha Awurooppaatti isaanirraan ga’an mo’uu danda’aniiru. Biyya Xaaliyaanii, Ispeeniifi Poortugaalitti ari’atama Faashistoota amantii Kaatolikii hordofaniin yeroo dheeraadhaaf isaanirra ga’e mo’aniiru. Tokkummaa Sooviyeet duriifi biyyoota ishee jalatti bulaa turaniin waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif ari’atamni isaanirra ga’eera. Ari’atamni biyyoota Afriikaa tokko tokko keessatti Dhugaa Baatota Yihowaarra ga’es akka laayyootti kan ilaalamu miti. * Yeroo dhihoottis tajaajiltoonni Yihowaa biyya Joorjiyaatti ari’atamni cimaan isaanirra ga’eera. Seexanni sochii Dhugaa Baatonni Yihowaa godhan balleessuuf wanta danda’u hunda godheera. Ta’us, Dhugaa Baatonni Yihowaa tuutaan mormii kana mo’uufi guddachaa adeemuu danda’aniiru. Kunis ta’uu kan danda’e hamma tokko ergamoonni eegumsa waan isaanii godhaniif akka ta’e beekamaadha.—Faarfannaa 34:7; Daani’el 3:28; 6:22.

15, 16. Dhugaa Baatonni Yihowaa tajaajila addunyaa maratti raawwataniin ergamootarraa gargaarsa akkamii argatu?

15 Dhugaa Baatonni Yihowaa, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo addunyaa maratti akka lallaban akkasumas namoota bakka hundumaatti argamaniifi fedhii qaban dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuudhaan bartoota akka godhan hojii isaanii kennameef bakka guddaa kennu. (Maatewos 28:19, 20) Haata’u malee, gargaarsa ergamootaatiin alatti hojii kana galmaan ga’uu akka hin dandeenye akka gaariitti beeku. Kanaan kan ka’es, ergaa Mul’ata 14:6, 7⁠rratti argamurraa jajjabina argatu. Caqasichi akkas jedha: “Kana booddee ergamaan biraa tokko, wangeela isa bara baraa baatee, warra lafa irra taa’anitti, saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis labsuudhaaf bantii waaqaa walakkaa utuu balali’uu nan arge. Innis sagalee guddaadhaan, ‘Yeroon firdii isaa waan ga’eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa!’ jedhe.”

16 Caqasni kun, hojiin wangeela lallabuu Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti hojjetan, deggersaafi qajeelfama ergamootaatiin kan hojjetamu ta’uusaa argisiisa. Yihowaan namoonni garaa qajeelaa qaban Dhugaa Baatotasaa wajjin akka wal argan gochuuf ergamootasaatti fayyadama. Kana malees, ergamoonni, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota misiraachoon kun isaaniif ta’u akka argatan isaan qajeelchaniiru. Wanti si’a hedduu raawwatame kun, Dhugaa Baatonni Yihowaa namoota karaa hafuuraa rakkinarra jiraniifi gargaarsa barbaadanii wajjin yeroo baay’ee kan wal argan akka tasaatti akka hin taane akka hubannu nu gargaara.

Ergamoonni Yeroo Dhihootti Hojii Dinqisiisaa Raawwatu

17. Loltoonni Asor miidhaa ergamaan tokko qofti isaanirraan ga’een maal ta’an?

17 Ergamoonni, ergamuufi waaqeffattoota Yihowaa jajjabeessuurras darbee hojii garabiraa qabu. Bara duriitti firdii Yihowaa raawwachiisaniiru. Fakkeenyaaf Dh.K.D jaarraa saddeettaffaatti waraanni warra Asor Yerusaalemiin balleessuuf ka’ee ture. Yihowaan maal godhe? Yihowaan: “Waa’ee mandarattiif immoo, ‘ani ofii kootiif, garbicha koo Daawitiifis jedhee, mandara kana nan eega, nan oolchas’ jedheera.” Achiis seenaan Macaafa Qulqulluu wanta sana booda raawwatame akkas jechuudhaan nutti hima: “Halkanuma gaafasii ergamaan Waaqayyoo ba’ee, buufata loltuu warra Asor keessaa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan in ajjeese; namoonni ganama ka’anii yommuu ilaalan, kunoo, reeffa hunduma isaanii in argan.” (2 Mootota 19:34, 35) Loltoonni namootaa ergamaa Waaqayyoo tokkoo wajjin yeroo waliin ilaalaman wayitti kan lakkaa’aman miti.

18, 19. Ergamoonni yeroo dhihootti hojii dinqisiisaa akkamii raawwatu? Kunoo ilmaan namootaarratti dhiibbaa akkamii geessisa?

18 Ergamoonni kun yeroo dhihoottis firdii Waaqayyoo ni raawwachiisu. Yesus yeroo dhihootti “ergamoota aangoo isaa wajjin . . . ibidda boba’aa wajjin in mul’ata.” Hojiinsaanii “warra Waaqayyoon beekuu hin barbaadin, warra wangeela gooftaa keenya Yesusiif hin abboomaminis” adabuudha. (2 Tasaloniiqee 1:7, 8) Kunimmoo ilmaan namootaarratti dhiibbaa guddaa geessisa! Namoonni yeroo ammaatti misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo isa addunyaa maratti lallabamaa jiru fudhachuu didan ni balleeffamu. Warri badiisa kanarraa oolan, namoota ‘gad of deebisan, warra wanta qajeelaa hojjetaniifi warra Waaqayyoon barbaadan’ qofadha.—Sefaaniyaa 2:3.

19 Yihowaan waaqeffattootasaa warra lafarratti argaman deggeruufi jajjabeessuuf ergamootasaa warra humna guddaa qabanitti waan fayyadamuuf isa galateeffanna. Ergamoonni Yihowaarratti ka’uudhaan Seexanaa wajjin hiriiran waan jiraniif, ga’ee ergamoonni qulqulluun kaayyoo Waaqayyoo keessatti qaban hubachuun keenya nu gammachiisa. Matadureen ittaanu, Kiristiyaanonni dhugaan dhiibbaa Seexanaafi hafuurota hamoo mo’uuf tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qaban kan ibsu ta’a.

[Miiljalee]

^ key. 14 Ari’atama isaanirra ga’e caalaatti beekuu yoo barbaadde, Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa armaan gaditti caqasaman ilaali. 1983 (Angoolaa), 1972 (Chekoslovaakiyaa), 2000 (Cheek Riippabliik), 1992 (Itoophiyaa), 1974fi 1999 (Jarman), 1982 (Xaaliyaanii), 1999 (Maalaawwii), 2004 (Moldoovaa), 1996 (Moozaambiik), 1994 (Poolaand), 1983 (Poortugaal), 1978 (Ispeen), 2002 (Yukreen) fi 2006 (Zaambiyaa).

Maal Baratte?

• Ergamoota eenyutu uume?

• Bara duriitti ergamoonni hojii akkamii hojjetaniiru?

• Hojii ergamoonni yeroo ammaatti hojjetan ilaalchisee Mul’anni 14:6, 7 maal jedha?

• Yeroo dhihootti ergamoonni hojii nama dinqisiisu akkamiirratti hirmaatu?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]