Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuurota Hamoo Mormuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Hafuurota Hamoo Mormuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

Hafuurota Hamoo Mormuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

‘Waaqayyo ergamoota warra aboo isaanitti kennamerra darbanii, lafa taa’umsa isaanii gad dhiisan, funyoo hidhaa bara baraatiin dukkana jalatti hidhee, firdii isa guyyaa guddaa sanaaf isaan eegaa jira!’—YIHUDAA 6.

1, 2. Seexanaafi hafuurota hamoo ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii ka’uu danda’u?

PEXROS, “of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela’utti aadaa naanna’utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna’a” jechuudhaan akeekkachiiseera. (1 Phexros 5:8) Phaawulosimmoo hafuurota hamoo ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Ani immoo akka isin hafuurota hamootaa wajjin hirmaattota taatan hin barbaadu. Xoofoo gooftaa keessaa akkasumas xoofoo hafuurota hamootaa keessaa dhuguu hin dandeessan; maaddii gooftaa irraa akkasumas maaddii hafuurota hamootaa irraa hirmaachuu hin dandeessan.”—1 Qorontos 10:20, 21.

2 Seexanniifi hafuuronni hamoon eenyu? Akkamittiifi yoom uumaman? Waaqayyotu isaan uumee? Dhiibbaan ilmaan namootaarra geessisan hammam cimaadha? Isaaniin mormuu kan dandeenyu akkamitti?

Seexanniifi Hafuuronni Hamoon Eessaa Dhufan?

3. Ergamaan Waaqayyoo tokko Seexana kan ta’e akkamitti?

3 Jalqaba yommuu Addaamiifi Hewwaan jannata Eeden keessa turan ergamaan tokko Waaqayyorratti ka’e. Maaliif? Bakka jaarmiyaa Waaqayyoo isa samii keessatti isaa kennametti waan hin gammanneef ture. Ergamaa hamaan kun, Addaamiifi Hewwaan Waaqa isa dhugaatiif abboomamuufi isa Waaqeffachuu dhiisanii, akka isaaf abboomamaniifi isa waaqeffatan gochuu akka danda’u itti dhaga’ame. Waaqayyorratti ka’uufi namoonni jalqabaa kun daandii cubbuurra akka adeeman gochuudhaan ergamaan kun Seexana of godhe. Yeroo booda ergamoonni garabiraanis isaa wajjin ta’uudhaan Waaqayyorratti ka’aniiru. Akkamitti?—Uumama 3:1-6; Roomaa 5:12; Mul’ata 12:9.

4. Ergamoonni Waaqayyorratti ka’an Bishaan Badiisaa bara Nohitti ture dura maal godhan?

4 Caaffanni Qulqullaa’oon geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman, Bishaan Badiisaa bara Nohitti ga’e dura, ergamoonni tokko tokko uumamasaaniitiin alatti dubartoota lafarra turan jaallachuusaanii nutti himu. Macaafni Qulqulluun kaayyoo dogoggoraa ergamoonni kun qaban akkas jechuudhaan ibsa: “Warri waaqa irraa ‘Ilmaan Waaqayyoo’ jedhaman, durboonni namootaa mimmiidhagoo akka ta’an arganii, isaan keessaa akkuma fo’atanitti fuudhanii haadha manaa godhatan.” Walitti dhufeenyi isaan uuman kun uumamaan ala waan tureef, ijoolleen isaanirraa dhalatan gootota hojjaadhaafi humnaan fagoo nama caalan [Neefliimota] turan. (Uumama 6:2-4) Uumamawwan qaama hafuuraa qaban kun yeroo booda, Waaqayyoof abboomamuu diduudhaan Seexanaa wajjin ta’anii Yihowaarratti ka’an.

5. Yeroo Yihowaan Bishaan Badiisaa fidetti ergamoonni Waaqayyorratti ka’an maal ta’an?

5 Yihowaan ilmaan namootaarratti yommuu Bishaan Badiisaa fide gootonni hojjaadhaafi humnaan fagoo nama caalaniifi haadhotiinsaanii ni badan. Ergamoonni Waaqayyorratti ka’an sun garuu qaamasaanii isa foonii dhiisanii gara samiitti deebi’an. Haata’u malee, yeroo kanatti “aboo isaanii kenname” jechuunis mirga Waaqayyoo wajjin jiraachuuf qaban dhaban. Kanaa mannaa, “dukkana jalatti” jechuunis boolla dukkanaa keessatti hidhaman.—Yihudaa 6; 2 Phexros 2:4.

6. Hafuuronni hamoon namoota kan gowwoomsan akkamitti?

6 Ergamoonni hamoon ‘warri aboo isaanitti kenname irra darban’ Seexanaa wajjin ta’uudhaan kaayyoosaa isa hamaa raawwachaa turaniiru. Yeroo sanaa asitti hafuuronni hamoon kun foon uffachuu hin dandeenye. Haata’u malee, dhiironniifi dubartoonni saalqunnamtii dogoggora ta’e akka raawwatan gochuu ni danda’u. Kana malees hafuura xuraa’ummaatiin fayyadamanii ilmaan namootaa gowwoomsuu kan danda’an yommuu ta’u, mora, kudhaamaafi namoota hooda dubbatanitti fayyadamuu danda’u. (Keessa Deebii 18:10-13; 2 Seenaa 33:6) Seexannis ta’e hafuuronni hamoon gara fuulduraatti guutummaatti ni balleeffamu. (Maatewos 25:41; Mul’ata 20:10) Hammasitti garuu jabaannee dhaabachuufi isaaniin mormuu qabna. Seexanni humna guddaa akkamii akka qabuufi isas ta’e hafuurota hamoo akkamitti mormuu akka dandeenyu hubachuun keenya barbaachisaadha.

Seexanni Humna Guddaa Akkamii Qaba?

7. Seexanni biyya lafaa kanarratti humna akkamii qaba?

7 Yeroon Seexanni Waaqayyoon itti hin arrabsine hin jiru. (Fakkeenya 27:11) 1 Yohannis 5:19, “Nuyi kan Waaqayyoo akka taane, guutummaan biyya lafaa immoo harka isa hamaa jala akka jiru in beekna” jechuudhaan waan dubbateef, ilmaan namootaa harka caalaa ta’anirratti dhiibbaa gochuunsaa beekamaadha. Seexanni “mootummoota biyya lafaa guutummaatti” isaaf akka kennu dubbachuudhaan Yesusiin qoruuf yaalii kan godhes kanaaf ture. (Luqaas 4:5-7) Phaawulos Seexana ilaachisee akkas jechuudhaan dubbateera: “Wangeelli nuyi lallabnu yoo haguugame immoo, warra karaa badiisaa irra jiran duwwaadhaaf haguugame. Inni hamaan waaqayyicha bara si’anaa kana ta’e, yaada warra hin amanin sanaa jaamseera; inni ifa ulfina Kristos, isa fakkaattii Waaqayyoo wangeela keessaa ibsu sana, akka hin argineef isaan dhowweera.” (2 Qorontos 4:3, 4) Seexanni “sobaa” akkasumas “abbaa sobaa” ta’us, “ergamoota ifaa” fakkaachuudhaaf of wallaalchifata. (Yohannis 8:44; 2 Qorontos 11:14) Inni yaada mootota biyya lafaas ta’e namoota isaan jalatti bulan hundaa jaamsuuf humnaafi mala qaba. Olola sobaa, barumsa xinsammuufi barumsa amantii sobaatiin barsiifamuun ilmaan namootaa gowwoomseera.

8. Dhiibbaa Seexanni geessisu ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal jedha?

8 Humni Seexanni qabuufi dhiibbaa inni gochuu danda’u bara Daani’el raajichaatti jechuunis Dh.K.D. bara 536/535⁠tti mul’ateera. Ergamaan Yihowaan tajaajilaasaa Daani’eliin jajjabeessuuf erge tokko, ‘ergamaa guddicha [hafuura] isa mootummaa Faaresiif dhaabatuun’ mormiin irra ga’eera. Ergamaan amanamaan sun “Mikaa’el, ergamoota gurguddoota warra duraa keessaa inni tokko” dhufee hanga isa gargaarutti guyyoota 21f mormiin irra ga’ee ture. Seenaan sun waa’ee ‘ergamaa guddaa [hafuura hamaa] biyya Griikiif dhaabatuus’ ni dubbata. (Daani’el 10:12, 13, 20) Mul’ata 13:1, 2⁠rratti,Seexanni akka “jawwee” sun, “humna isaa, teessoo isaa, aboo isaa isa guddaas” siyaasa isa bineensatti fakkeeffameef akka kenne ibsameera.

9. Kiristiyaanonni eenyuu wajjin wal’aansoo wal qabu?

9 Kanaan kan ka’es Phaawulos akkas jedhee barreessuunsaa kan nama ajaa’ibsiisu miti: “Nuyi namoota foon uffatanii wajjin wal’aansoo wal qabna miti; garuu humnoota aboo qabanii fi gooftummaa qaban, warra bantii waaqaa keessaa biyya lafaa isa dukkana keessa jiru kana seerratan, macca hafuurota hamminaa warra bantii waaqaa keessa jiraatanii wajjin wal’aansoo wal qabna.” (Efesoon 6:12) Yeroo ammaattis hafuuronni hamoon dhiibbaa Seexanni geessisuun moototaafi ilmaan namootaa duubaan ta’anii, namoonni qomoodhaan wal qoodanii akka wal fixan, shororkeessummaafi ajjeechaan akka babal’atu gochaa jiru. Mee amma hafuurota hamoo humna guddaa qaban kana akkamitti mormuu akka dandeenyu haa ilaallu.

Hafuurota Hamoo Mormuu Kan Dandeenyu Akkamitti?

10, 11. Seexanaafi ergamootasaa warra hamoo ta’an mormuu kan dandeenyu akkamitti?

10 Humna keenyaanis ta’e dandeettii keenyaan Seexanaafi ergamootasaa warra hamoo mormuu hin dandeenyu. Phaawulos, “Kanaa achi, gooftaatti humna isaa isa aangoo-qabeessattis jabaadhaa” jechuudhaan nu gorseera. Eegumsa argachuuf gara Waaqayyootti deebi’uu qabna. Phaawulos akkas jechuudhaan dabalee dubbateera: “Haxxummaa Seexanaatiin mormuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa! . . . Guyyaa hamaa sanatti mormitanii ittiin qabuu, mi’a guutummaatti hidhattan sanaanis lolatti dhaabachuu akka dandeessanitti, mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo fudhadhaa!”—Efesoon 6:10, 11, 13.

11 Phaawulos al lama Kiristiyaanota hidhata amantaasaa ta’aniin, “Mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti fudhadhaa!” jechuudhaan gorseera. Jechi “guutummaatti” jedhu, hafuurota hamoo mormuuf yaada walaallammiidhaan Waaqayyotti dhihaachuun ga’aa akka hin taane argisiisa. Kanaaf, miini lolaa Kiristiyaanonni yeroo ammaatti argaman hafuurota hamoo ittiin mormuuf qabaachuu qaban maalfa’i?

Jabaannee ‘Dhaabachuu’ Kan Dandeenyu Akkamitti?

12. Kiristiyaanonni dhugaadhaan mudhiisaanii hidhachuu kan danda’an akkamitti?

12 Phaawulos akkas jechuudhaan ibseera: “Egaa akka nama sabbataan hidhatuutti dhugaadhaan mudhii keessan jabeeffadhaa, qajeelummaas akka maddaa sibiilaatti uffadhaatii dhaabadhaa!” (Efesoon 6:14) Meeshaawwan asirratti ibsaman lamaan, sabbata ykn saqqii akkasumas maddaa sibiilaati. Loltuun tokko mudhiisaa (qiinxii, mudaammuddiifi mar’immaansaa) eeguu, akkasumas eeboo ulfaatu baachuuf mudhiisaa jabeeffachuu qaba. Haaluma wal fakkaatuun, akkuma saqqii sanaan mudhii keenya jabeeffannu, abboommii achi keessatti argamuu wajjin haala wal simuun jiraachuu akka dandeenyutti, dhugaa Macaafa Qulqulluu jabeessinee qabachuu qabna. Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuuf sagantaa baafanneerraa? Guutummaan maatii keenyaa dubbisa kanarratti ni hirmaataa? Maatii keenyaa wajjin caqasa guyyaa sanaa dubbisuu amaleeffanneerraa? Kana malees, barumsawwan tokko tokko ilaalchisee ibsa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessi’ barreeffamootarratti kennu yeroo yeroodhaan ni hordofnaa? (Maatewos 24:45) Taanaan, gorsa Phaawulos kenne hojiirra oolchaa jirra jechuudha. Dabalataanis, viidiyoowwaniifi Diiviidiiwwan Caaffata Qulqullaa’oorratti ibsa kennan qabna. Jabeessinee dhugaa qabachuun keenya, murtoowwan sirrii ta’an gochuufi daandii dogoggoraarraa fagaachuuf nu gargaara.

13. Yaada garaa keenyaa eeguu kan dandeenyu akkamitti?

13 Maddaan sibiilaa laphee, onneefi qaamawwan barbaachisaa ta’an eeguuf gargaara. Kiristiyaanni tokko qajeelummaa Waaqayyoo jaallachuufi seerawwan bu’uuraa Yihowaan qajeelummaarratti hundaa’ee baasee wajjin haala wal simuun jiraachuudhaan, garaasaa isa fakkeenyaan ibsame jechuunis keessa namummaasaa eeguu danda’a. Maddaan sibiilaa inni fakkeenyaan ibsame faayidaa Dubbiin Waaqayyoo qabu akka laayyootti ilaaluurraa nu eega. Yeroo ‘wanta hamaa jibbaa, wanta gaariimmoo jaallachaa’ adeemnu miilla keenya ‘karaa hamaa hundumaarraa ni ittisna.’—Amos 5:15; Faarfannaa 119:101.

14. Jechi “akka nama kophee kaa’ateettis wangeela nagaa fudhattanii” jedhu maal jechuudha?

14 Loltoonni Roomaa biyyattii qaxxaamuranii kiiloomeetira hedduu deemuudhaan biyya fagootti waan duulaniif kophee gaarii kaa’atu turan. Jechi “akka nama kophee kaa’ateettis wangeela nagaa fudhattanii” jedhu Kiristiyaanotaaf hiika maalii qaba? (Efesoon 6:15) Kana yoo goone tarkaanfii fudhachuuf qophoofneerra jechuudha. Yeroo mijaa’aa ta’e hundumaatti misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo warra kaaniif hiruuf qophaa’oodha. (Roomaa 10:13-15) Dammaqinaan tajaajilarratti hirmaachuun keenya, “haxxummaa” Seexanaarraa nu eega.—Efesoon 6:11.

15. (a) Amantaa akka gaachanaatti fudhachuun baay’ee barbaachisaa akka ta’e kan argisiisu maalidha? (b) Amantaa keenyarratti balaa geessisuu kan danda’an ‘xiyyaawwan boba’an’ akkamiiti?

15 Phaawulos itti fufuudhaan akkas jedheera: “Kana hundumaa irrattis [caalaatti, NW] amantii akka gaachanaatti fudhadhaa! Isaan xiyya isa hamaa sanaa, warra boba’aa adeeman dhaamsuu in dandeessu.” (Efesoon 6:16) Gorsi amantii akka gaachanaatti akka fudhannu nuu kenname jecha “hundumaa caalaatti” jedhuun jalqabuunsaa, meeshaan waraanaa kun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa argisiisa. Amantaan keenya hir’ina qabaachuu hin qabu. Gaachanni guddaan akkuma nama eegu, amantaanis ‘xiyyaa Seexanaa warra boba’aa adeemanirraa’ nu eega. Yeroo ammaatti xiyyaan Seexanaa kun maal kan argisiisu ta’uu danda’a? Arrabsoo nama miidhu, soba, yaalii diinonni keenyaafi gantoonni amantaa keenya laaffisuuf walakkaa soba walakkaa dhugaa dubbachuudhaan godhan kan argisiisu ta’uu danda’a. ‘Xiyyaawwan’ kun qorumsa qabeenya horachuufi meeshaawwan oomishaman hunda bituuf nurra ga’u, akkasumas warri kaan namoota jireenya naaf haa argamuu jiraatan akka hordofan amansiisuuf yaalii gochuus ta’uu danda’a. Manneetiifi konkolaataawwan mimmiidhagoo ta’an bituu, faayaa ykn uffata ammayyaa gatii jabaadhaan bitaman qabaachuuf hawwuu ta’uu danda’a. Warri kaan waan fedhan yoo godhan, amantaa cimaa ‘xiyyaawwan boba’an’ kanarraa fagaachuuf nu dandeessisu qabaachuu qabna. Amantaa cimaa qabaachuufi eegnee jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?—1 Phexros 3:3-5; 1 Yohannis 2:15-17.

16. Amantaa cimaa qabaachuuf kan nu gargaaru maalidha?

16 Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuufi kadhannaa garaadhaa madde gochuudhaan Waaqayyotti dhihaachuu dandeenya. Amantaa cimaa qabaachuuf Waaqayyoon kadhachuufi hojiiwwan kadhannaa keenyaa wajjin wal siman hojjechuu qabna. Fakkeenyaaf, qayyabannaa Masaraa Eegumsaa torban torbaniin godhamurratti hirmaannaa gochuuf yaaduudhaan gadi fageenyaan qophoofnaa? Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an qorachuun keenya amantaa keenya nuu jabeessa.—Ibroota 10:38, 39; 11:6.

17. “Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti” fudhachuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Phaawulos gorsa armaan gaditti argamu kennuudhaan hiika mi’a lolaa hafuuraatiif kenne xumureera: “Fayyina akka gonfoo-sibiilaatti, sagalee Waaqayyoos akka billaatti, hafuura qulqulluu biraa fudhadhaa!” (Efesoon 6:17) Gonfoon sibiilaa sammuu loltuu tokkoo kan eegu yommuu ta’u, sammuun keenyammoo qaama murtoo gochuuf nu gargaarudha. Haaluma wal fakkaatuun abdiin keenya yaada keenya nuu eega. (1 Tasaloniiqee 5:8) Sammuu keenya galmawwan biyya lafaafi fedhii qabeenya argachuutiin guutuu mannaa, akkuma Yesus yaanni keenya abdii Waaqayyo kennerratti akka xiyyeeffatu gochuu qabna.—Ibroota 12:2.

18. Sagantaa yeroo hundumaa sagantaa Macaafa Qulqulluu dubbisuuf baasne akka laayyootti ilaaluu kan hin qabne maaliifi?

18 Dhiibbaa Seexanaafi hafuurota hamoorraa of eeguuf meeshaan nu barbaachisu inni dhumaa, Dubbii ykn ergaa Waaqayyoo isa Macaafa Qulqulluu keessatti argamudha. Kunimmoo sababii garabiraa yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuuf sagantaa baasne akka laayyootti akka hin ilaalle nu godhudha. Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti beekuun keenya soba Seexanni babal’isuufi olola hafuuronni hamoon oofanirraa akkasumas oduu gantoonni jibbaan nurratti odeessanirraa nu eega.

‘Yeroo Hundumaa Kadhadhaa!’

19, 20. (a) Seexanniifi hafuuronni hamoon maal ta’u? (b) Karaa hafuuraa akka jabaannu kan nu gargaaru maalidha?

19 Yeroon Seexanni, hafuuronni hamooniifi biyyi lafaa inni hamaan kun itti badan dhihaateera. Seexanni, “yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu” beeka. Kanaan kan ka’es, aariidhaan guutamee “warra abboommii Waaqayyoo eeganii, isa Yesus dhugaa ba’ettis jabaatan” irratti lola kaaseera. (Mul’ata 12:12, 17) Seexanaafi hafuurota hamoo mormuun keenya baay’ee barbaachisaadha.

20 Mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti akka uffannu gorsa akkasii argachuu keenyatti baay’ee gammanna. Phaawulos gorsa armaan gaditti argamu kennuudhaan waa’ee mi’a lolaa hafuuraa xumureera. “Kadhataa fi himata keessan hundumaa keessatti yeroo hundumaa hafuuraan geggeeffamaatii kadhadhaa! Egaa kadhachuutti dammaqaa, obsaanis itti jabaadhaa, warra Waaqayyoof qulqullaa’an hundumaafis kadhadhaa!” (Efesoon 6:18) Kadhannaan karaa hafuuraa nu jajjabeessuufi dammaqinaan akka eeggannu nu gargaaruu danda’a. Kana gochuun keenya Seexanaafi hafuurota hamoo mormuuf waan nu gargaaruuf, jechoota Phaawulos yaadatti qabachuudhaan kadhachuutti haa jabaannu.

Maal Baratte?

• Seexanniifi hafuuronni hamoon eessaa dhufan?

• Seexanni hangam humna qabeessadha?

• Seexanaafi hafuurota hamoo mormuu kan dandeenyu akkamitti?

• Mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo uffachuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]