Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Tiksitoota Jaalala Qabeeyyii Ta’aniif Gad Of Qabuudhaan Bitamaa

Tiksitoota Jaalala Qabeeyyii Ta’aniif Gad Of Qabuudhaan Bitamaa

Tiksitoota Jaalala Qabeeyyii Ta’aniif Gad Of Qabuudhaan Bitamaa

‘Geggeessituu keessaniif abboomamaa isaaniifis bitamaa.’ —IBROOTA 13:17, NW

1, 2. Yihowaafi Yesus Tiksitoota jaalala qaban akka ta’an caqasawwan kamtu argisiisa?

YIHOWAAFI Ilmisaa Yesus Kiristos Tiksitoota jaalala qabeeyyii ta’anidha. Isaayaas akkas jechuudhaan raajii dubbateera: “Kunoo, Waaqayyo gooftaan humnaan in dhufa, irree isaatiinis in mo’a! . . . Inni akka tikseetti hoolota isaa in tiksa, ilmoolees harka isaatiin walitti in sassaaba, kaasuutti isaan in baata, haadhotii hoolotaa warra hoosisanis suuta jedhee in oofa.”—Isaayaas 40:10, 11.

2 Raajiin deebisanii ijaaramuu ilaalchisee dubbatame kun jalqaba raawwiisaa kan argate, Dh.K.D. bara 537⁠tti yommuu Yihudoonni hafan gara Yihudaatti deebi’an ture. (2 Seenaa 36:22, 23) Kana malees, raajiin kun bara 1919⁠tti yommuu Qiiros Guddichi, jechuunis Yesus Kiristos dibamtoota warra hafan ‘Baabilon Guddittii’ keessaa walaba baasetti yeroo lammaffaadhaaf raawwiisaa argateera. (Mul’ata 18:2; Isaayaas 44:28) Yesus, “irree” Yihowaa isa inni hoolotasaa bulchuu, walitti sassaabuufi jaalalaan tiksuuf itti fayyadamudha. Yesus: “Tikseen gaariin ana, ani hoolota koo beeka, hoolonni koos ana beeku” jedheera.—Yohannis 10:14.

3. Yihowaan kunuunsa godhuun hoolotasaa akka jaallatu kan argisiise akkamitti?

3 Raajiin Isaayaas 40:10, 11⁠rratti argamu, Yihowaan jaalalaan sabasaa akka tiksu akka gaariitti kan ibsudha. (Faarfannaa 23:1-6) Yesus yeroo lafarra ture bartootasaatiifis ta’e ilmaan namootaa hundaaf jaalala akka qabu argisiiseera. (Maatewos 11:28-30; Maarqos 6:34) Yihowaafi Yesus, tiksitootaafi geggeessitoota Israa’el warra hoolota akka eeganiif isaanitti kennaman gataniifi gara jabinaan saaman akka jibban argisiisaniiru. (Hisqi’el 34:2-10; Maatewos 23:3, 4, 15) Yihowaan akkas jechuudhaan waadaa galeera: “Ani immoo hoolota koo nan oolcha, deebi’aniis hin qabaman; ani hoolotaa fi hoolota gidduutti nan farada; ani tiksee biraa tokko isaaniif nan kaasa; garbichi koo Daawit tiksee isaaniif in ta’a, isaan in sooras.” (Hisqi’el 34:22, 23) Guyyoota gara dhumaa kanatti, Yihowaan tajaajiltootasaa lafarratti argaman, jechuunis Kiristiyaanota hafuuraan dibamaniifi ‘hoolota kan biraadhaaf’ Daawit Guddicha, jechuunis Yesus Kiristosiin “tiksee” godheera.—Yohannis 10:16.

Kennaawwan Yihowaan Gumiidhaaf Kenne

4, 5. (a) Yihowaan sabasaa lafarratti argamaniif kennaa gati-jabeessa akkamii kenne? (b) Kennaan Yesus gumiidhaaf kenne maalidha?

4 Yihowaan tajaajiltootasaa lafarratti argamaniif Yesus Kiristosiin “tiksee” gochuudhaan gumii Kiristiyaanaatiif kennaa guddaa kenneera. Geggeessaa Yihowaan kennaa godhee kenne kana ilaalchisee Isaayaas 55:4⁠rratti raajiin akkas jedhu dubbatameera: “Kunoo, ani Daawitin sabaaf dhuga-baatuu godheera, inni sabaaf dura-buutuu fi ajajjuu ta’eera.” Kiristiyaanonni dibamoonis ta’an ‘tuutni sonaan baay’een’ saba hundumaa, gosa hundumaa afaan dubbatamu hundumaa keessaa kan walitti qabamanidha. (Mul’ata 5:9, 10; 7:9) Isaanis addunyaa maratti ‘tiksee tokkoo,’ jechuunis qajeelfama Yesus Kiristos jalatti gumii ykn “karra tokko” ta’aniiru.

5 Yesusis gumiisaa isa lafarratti argamuuf kennaawwan gati-jabeessa ta’an kenneera. Yesus, tiksitoota olaantummaasaa jalatti fakkeenyasaafi fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan karra hoolotaa jaalalaan geggeessan muudeera. Phaawulos ergamaan xalayaa Kiristiyaanota Efesooniif barreesserratti kennaawwan jaalala qabeeyyii ta’an kana ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Inni gara waaqaatti yeroo ol ba’e, boojuu booji’ee dhaqee, namootaafis kennaa kenne. . . . Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyo isaanitti mul’ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota, kaanis barsiisota akka ta’aniif ture. Inni warra Waaqayyoof qulqullaa’an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, waldaa isa dhagna Kristos sanas cimsuudhaaf kana godhe.”—Efesoon 4:8, 11, 12.

6. Qaama jaarsolii kan ta’an ilaaltonni olaanaan hafuura qulqulluudhaan dibaman Mul’ata 1:16, 20⁠rratti akkamitti ibsamaniiru? Yaanni kun jaarsolii kutaa hoolota kan biraa muudamaniif hojjechuu danda’aa?

6 Dhiironni “kennaa” ta’an kun ilaaltota olaanaa ykn jaarsolii Yihowaafi Ilmisaa jaalalaan hoolota akka eeganiif hafuura qulqulluudhaan muudamanidha. (Hojii Ergamootaa 20:28, 29) Jalqabarratti ilaaltonni olaanaan hundi Kiristiyaanota hafuura qulqulluudhaan dibaman turan. Qaamni jaarsolii gumii Kiristiyaanota dibamoo keessatti tajaajilan, Mul’ata 1:16, 20⁠rratti “urjoota” ykn “ergamoota” harka Kiristos isa mirgaa keessatti argaman jedhamanii kan ibsaman yommuu ta’u, kunis to’annaasaa jala akka jiran argisiisa. Haata’u malee, guyyoota gara dhumaa kana keessatti lakkoofsi ilaaltota olaanaa hafuura qulqulluudhaan dibamanii hir’achaa waan adeemeef, jaarsolii gumii Kiristiyaanaa keessatti argaman keessaa baay’eensaanii kutaa hoolota kan biraati. Jaarsoliin kun namoota Qaama Olaanaadhaan bakka buufamaniin hafuura qulqulluudhaan kan muudaman waan ta’aniif, harka Yesus isa mirgaa ‘tiksee gaarii’ ta’e keessa (qajeelfamasaa jala) jiru jechuun ni danda’ama. (Isaayaas 61:5, 6) Jaarsoliin gumii keenya keessatti argaman, Kiristos isa Mataa gumii ta’eef waan bitamaniif isaan deggeruu qabna.—Qolosaayis 1:18.

Tiksitootaaf Abboomamuufi Bitamuu

7. Phaawulos, ilaalcha ilaaltota olaanaadhaaf qabaachuu qabnu ilaalchisee gorsa akkamii kenneera?

7 Tiksitoonni keenya samiirratti argaman, jechuunis Yihowaafi Yesus Kiristos, tiksitoota isaan jalatti argamaniifi gumii keessatti itti gaafatamummaa isaaniif kennaniif akka abboomamnuufi akka bitamnu barbaadu. (1 Phexros 5:5) Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee akkas jedheera: “Warra isin geggeessanii, dubbii Waaqayyoo isinitti himanii turan yaadadhaa! Attamitti akka jiraatan akka du’anis, jireenya isaanii keessaa wanta argames ilaalaa, fakkeenya amantii isaanii fudhadhaa duukaa bu’aa! Geggeessituun keessan akka warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiraniitti, waa’ee lubbuu keessaniif dammaqanii waan yaadaniif, isin isaaniif abboomamaa karaas kennaaf [bitamaafii, NW]! Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti.”—Ibroota 13:7, 17.

8. Phaawulos maal akka ‘ilaallu’ nu jajjabeesse? Isaaniif kan ‘abboomamnu’ akkamitti?

8 Phaawulos, jireenya amanamummaa jaarsoliin jiraataniifi bu’aa argatan of eeggannoodhaan akka ‘ilaalluufi’ fakkeenyasaanii akka hordofnu nu jajjabeesseera. Kana malees, dhiirota muudaman kanaaf akka abboomamnuufi qajeelfama isaan nuu kennaniif akka ajajamnu nu gorseera. Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan ta’an Riichaard Tii. Firaans akka ibsanitti, jechi afaan Giriikii “abboomamaa” jedhu, “jecha beekamaa abboomamuu argisiisuuf ittiin hojjetame miti. Kanaa mannaa, jechi kun kallattiidhaan yommuu hiikamu geggeessituu ta’uusaanii fedha ofiitiin amananii fudhachuu kan argisiisudha.” Sababii garabiraan jaarsoliidhaaf itti abboomamnu, Macaafni Qulqulluun akkas akka goonu waan nu ajajuufidha. Kana malees, fedhii Mootummichaa babal’isuufis ta’e nageenya qaamaafi hafuuraa keenyaaf akka yaadan waan beeknuuf isaaniif abboomamna. Geggeessitoota ta’uusaanii fedhii keenyaan amannee kan fudhannu yoo ta’e gammachuu arganna.

9. Abboomamuu qofa utuu hin ta’in bitamuus kan qabnu maaliifi?

9 Haata’u malee, dhimmoota tokko tokkorratti qajeelfama jaarsoliin kennan caalaa filannoo garabiraan akka jiru yoo nutti dhaga’ame maal gochuu qabna? Ajajamuu kan qabnu yeroo akkasiittidha. Qajeelfamawwan ifa ta’aniifi irratti walii galluuf ajajamuun salphaadha, haata’u malee qajeelfamni kenname yommuu nuu galuu diduttis ajajamuudhaan dhuguma akka isaaniif bitamnu argisiisuu qabna. Phexros inni yeroo booda ergamaa ta’e amala akkasii argisiiseera.—Luqaas 5:4, 5.

Sababiiwwan Fedhii Keenyaan Jaarsolii Itti Deggerru Arfan

10, 11. Ilaaltonni olaanaan, jaarraa jalqabaattis ta’e yeroo ammaatti namoota hidhata amantaasaanii ta’anitti ‘Dubbii Waaqayyoo kan dubbatan’ karaa kamiini?

10 Kiristiyaanota ilaaltuu olaanaa ta’aniif abboomamuufi bitamuu kan qabnu maaliif akka ta’e Phaawulos, Ibroota 13:7, 17 armaan olitti ibsamerratti sababii afur ibseera. Jalqaba, ‘Dubbii Waaqayyoo nutti himaniiru.’ Yesus “kennaa” dhiirotaa kana kan kenne “warra Waaqayyoof qulqullaa’an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf” ta’uusaa qalbeeffadhaa. (Efesoon 4:11, 12) Yesus jaarraa jalqabaatti ilaalchaafi amala Kiristiyaanotaa sirreessuuf tiksitoota to’annaasaa jala jiraniin kan gargaarame yommuu ta’u, isaan keessaas tokko tokko hafuura qulqulluudhaan geggeeffamanii gumiiwwaniif xalayaa barreessaniiru. Ilaaltota olaanaa hafuura qulqulluudhaan muudaman kanaan fayyadamee Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa geggeesseera, akkasumas amantaasaanii jabeesseera.—1 Qorontos 16:15-18; 2 Ximotewos 2:2; Tiitoos 1:5.

11 Yesus har’as, ‘hojjetaa amanamaa’ Qaama Olaanaafi jaarsolii muudamaniin bakka buufamaniin nu geggeessa. (Maatewos 24:45) Ulfinni Yesus Kiristos isa ‘angafa tiksitootaatiif’ qabnu, gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne hojiirra akka oolchinu nu kakaasa: “Warra isin gidduutti hojiitti dadhaban, karaa gooftaas warra isin geggeessanii fi isin gorsan ulfinaan akka ilaaltan isin in kadhanna.”—1 Phexros 5:4; 1 Tasaloniiqee 5:12; 1 Ximotewos 5:17.

12. Ilaaltonni olaanaan ‘waa’ee lubbuu keenyaaf dammaqanii kan yaadan’ akkamitti?

12 Sababii garabiraan Kiristiyaanota ilaaltota olaanaa deggeruu itti qabnummoo, ‘waa’ee lubbuu keenyaaf dammaqanii waan yaadaniifidha.’ Ilaaltonni olaanaan kun haala ykn amala karaa hafuuraa balaa nurraan ga’u argisiisuu akka jalqabne yoo hubatan, nu sirreessuuf yaaduudhaan atattamaan gorsa barbaachisaa nuu kennu. (Galaatiyaa 6:1) Jechi afaan Giriikii “dammaqanii waan yaadaniif” jedhu kallattiidhaan yommuu hiikamu “hirriba dhabanii buluu” jechuudha. Hayyuun Macaafa Qulqulluu tokko, “tiksichi yeroo hundaa dammaqaa ta’uusaa argisiisa” jechuudhaan ibsaniiru. Jaarsoliin karaa hafuuraa dammaqanii kan jiraatan ta’uusaaniirrayyuu, waa’ee jireenya hafuuraa keenya yaaduudhaan yeroon isaan itti hirriba dhabanii bulan jira. Erga akkas ta’ee jaarsolii jaalala qabaniifi “tiksee hoolotaa isa guddicha,” jechuunis Yesus Kiristosiin fakkaachuuf carraaqqii godhan fedhii keenyaan deggeruu hin qabnuu?—Ibroota 13:20.

13. Ilaaltonni olaanaanis ta’e Kiristiyaanonni hundi eenyu biratti itti gaafatamummaa qabu? Karaa kamiin?

13 Sababii sadaffaan ilaaltota olaanaa akka deggerru nu kakaasummoo, isaan “warra itti gaafatamanii waan hojjetan himuuf jiran” waan ta’aniifidha. Jaarsoliin, Tiksitoota samiirratti argaman, jechuunis Yihowaafi Yesus jalatti tiksitoota ta’anii akka tajaajilan ni hubatu. (Hisqi’el 34:22-24) Abbaan qabeenyaa hoolota kanaa Yihowaa isa “dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate” waan ta’eef, ilaaltonni olaanaan muudaman akka Inni hoolotasaa qabutti karra Hoolotasaa ‘oo’aan,’ [1899] qabuufi dhiisuusaaniitiif itti gaafatamu. (Hojii Ergamootaa 20:28, 29) Hundi keenyayyuu, qajeelfama Yihowaan kennuuf ilaalcha qabnuuf isa biratti itti gaafatamuun keenya hin oolu. (Roomaa 14:10-12) Kana malees, jaarsolii muudamaniif abboomamuun keenya Kiristos isa Mataa gumii ta’eef bitamuu keenya argisiisa.—Qolosaayis 2:19.

14. Jaarsoliin hojiisaanii “gaddaan” akka hojjetan wanti godhu maal ta’uu danda’a? Kunoo rakkoo akkamii geessisuu danda’a?

14 Phaawulos sababii arfaffaa ilaaltota olaanaadhaaf gad of deebisuudhaan bitamuu qabnu yommuu ibsu akkas jechuudhaan barreesseera: “Kanas gaddaan utuu hin ta’in, gammachuudhaan akka isaan hojjetan godhaa! Isaan gaddaan yoo hojjetan garuu isiniif ba’eessa miti.” (Ibroota 13:17) Jaarsoliin, barsiisuu, hojii tiksummaa raawwachuu, hojii lallabaa geggeessuu, ijoolleesaanii guddisuufi rakkoowwan gumii keessatti uumaman hiikuu dabalatee itti gaafatamummaa guddaa qabu. (2 Qorontos 11:28, 29) Isaan hin deggerru taanaan ba’aa dabalataa isaanirratti feena. Kunimmoo akka “gaddan” isaan godha. Isaaniin deggeruu diduun keenya Yihowaa kan gaddisiisu ta’uusaarrayyuu, nuufis ba’eessa miti. Kanaa mannaa, akka isaan kabajnuufi akka isaan deggerru argisiisuun keenya, jaarsoliin hojiisaanii gammachuudhaan akka raawwatan kan gargaaru yommuu ta’u, kunimmoo tokkummaa akka qabaannuufi hojii lallabaarratti gammachuudhaan akka hirmaannu nu gargaara.—Roomaa 15:5, 6.

Bitamuu Keenya Argisiisuu

15. Jaarsoliidhaaf akka bitamnuufi akka abboomamnu akkamitti argisiisuu dandeenya?

15 Karaawwan ilaaltota olaanaa deggeruu keenya hojiidhaan itti argisiisnu hedduutu jira. Haala haaraa naannoo gumichaatti uumameen, sagantaa tajaajila dirree guyyaansaas ta’e sa’aatiinsaa nuuf mijaa’aa hin taane qopheessaniiruu? Qophii haaraa godhame kana hordofuuf haa carraaqnu. Akkas yoo goone eebba hin eegamne arganna. Ilaaltuun Olaanaa Tajaajilaa tuuta Qayyabannaa Kitaabaa Keenya daawwachaa jiraa? Torban sana hamma dandeenye guutummaatti tajaajilarratti haa hirmaannu. Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti kutaa akka dhiheessinuuf ramadamneerraa? Walga’icharratti argamnee kutaa keenya dhiheessuuf carraaqqii barbaachisu hundaa haa goonu. Ilaaltuun olaanaa Qayyabannaa Kitaabaa Galma Mootummaa qulqulleessuun dabaree keenya ta’uusaa beeksisa himeeraa? Haalliifi humni keenya hamma nuu heyyametti isa haa deggerru. Karaawwan kanaafi karaawwan hedduu garabiraadhaan dhiirota Yihowaafi Ilmisaa karra hoolotaa akka eeganiif isaan muudaniif akka bitamnu argisiisna.

16. Jaarsi tokko qajeelfamarratti hundaa’ee hojjechuu dhiisuunsaa isaaf ajajamuu diduuf sababii kan hin taane maaliifi?

16 Darbee darbee jaarsi gumii wantoota tokko tokko akka qajeelfama hojjetaan amanamaaniifi Qaamni Olaanaansaa kennetti hin hojjetu ta’a. Akkas gochuusaa kan itti fufu yoo ta’e, Yihowaa isa “tiksee fi ilaaltuu lubbuu [keenyaa”] biratti itti gaafatama. (1 Phexros 2:25) Haata’u malee, jaarsoliin tokko tokko dogoggora raawwachuunsaanii akka isaaniif hin ajajamne sababii hin ta’u. Yihowaan namoota hin ajajamneefi warra kaanirratti ka’an hin eebbisu.—Lakkoobsa 12:1, 2, 9-11.

Yihowaan Namoota Fedhiidhaan Jaarsolii Deggeran Ni Eebbisa

17. Ilaaltota olaanaa keenyaaf ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?

17 Yihowaan dhiironni inni ilaaltota olaanaa godhee muude gonkummaa akka hin qabne beeka. Haata’u malee, karaasaaniifi karaa hafuurasaa sabasaa ni tiksa. Jaarsoliinis ta’an hundi keenya, “humni humna gararraa kan keenya utuu hin ta’in kan Waaqayyoo” ta’uusaa beekna. (2 Qorontos 4:7) Kanaaf, wantoota Yihowaan ilaaltota olaanaa amanamoo ta’aniin fayyadamee hojjetuuf galateeffachuu qabna.

18. Ilaaltota olaanaadhaaf abboomamuun keenya maal argisiisa?

18 Ilaaltonni olaanaan Yihowaan guyyoota gara dhumaa kanatti karra hoolotasaarratti muude, yaada Ermiyaas 3:15⁠rratti ibsamee wajjin haala wal simuun jiraachuuf carraaqqii cimaa godhu. Caqasichi: “Ani tiksoota warra akka garaa kootii isiniif nan kenna; isaan beekumsaa fi hubachuudhaan isin in geggeessu” jedha. Dhugumayyuu, jaarsoliin nu gidduutti argaman hoolota Yihowaa barsiisuufi eeguudhaan hojii isaan galateeffachiisu raawwachaa jiru. Kanaaf, fedhii keenyaan isaan deggeruu, abboomamuufi bitamuudhaan hojii ulfaataa isaan raawwataniif akka galateeffannu haa argisiisnu. Akkas gochuudhaan, dinqisiifannaa Tiksitoota keenya warra samiirra jiran, jechuunis Yihowaafi Yesus Kiristosiif qabnu argisiisuu dandeenya.

Irra Deebi’uuf

• Yihowaafi Yesus Kiristos Tiksitoota jaalala qaban ta’uusaanii kan argisiisan akkamitti?

• Abboomamuu qofa utuu hin ta’in, bitamuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• Kan bitamnu ta’uu keenya karaawwan kamiin argisiisuu dandeenya?

[Miiljaleewwan]