Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbiin Waaqayyoo Adeemmii Keessan Akka Qajeelchu Godhaa

Dubbiin Waaqayyoo Adeemmii Keessan Akka Qajeelchu Godhaa

Dubbiin Waaqayyoo Adeemmii Keessan Akka Qajeelchu Godhaa

“Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa.”—FAARFANNAA 119:105.

1, 2. Namoonni baay’een nagaafi gammachuu dhugaa argachuu kan dadhaban maaliifi?

NAMNI TOKKO karaa akka sitti argisiisu yeroo itti gaafatte ni yaadattaa? Bakka barbaadde bira ga’uuf kan jettu ta’uyyuu, karaa itti gortu isa dhumaa wallaaltee ta’uu danda’a. Yookiin tasumaa waan si harkaa badeef karaa biraarra adeemuu si barbaachisa ta’a. Yeroo lamaanittuu, karaa namni naannoo sana beeku sitti argisiiserra adeemuun gaarii mitii? Namni kun bakka barbaadde akka geessu si gargaaruu danda’a.

2 Walumatti qabaatti yeroo ilaalamu, ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaa’amaniif, gargaarsa Waaqayyoo malee karaa mataasaaniirra adeemuuf carraaqqii gochaa turaniiru. Haata’u malee, ilmaan namootaa gonkummaa hin qabne Uumaasaanii malee matumaa karaa isa sirriirra adeemuu, akkasumas karaa nagaafi gammachuu dhugaa argamsiisu argachuu hin danda’an. Karaa kana argachuu kan dadhaban maaliifi? Waggaa 2,500 dura, Ermiyaas raajichi akkas jedhee ture: “Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatii of harka galfachuu, karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuu akka hin dandeenye ani beeka.” (Ermiyaas 10:23) Namni tokko gargaarsa nama ga’eessa ta’e tokkoo fudhachuu didee adeemsasaa matumasaatiin qajeelchuuf yoo yaale abdii kutachuunsaa hin oolu. Dhugumayyuu, ilmaan namootaa qajeelfamni isaan barbaachisa!

3. Yihowaan ilmaan namootaatiif qajeelfama kennuuf eenyuyyuu caalaa ga’eessa kan ta’e maaliifi? Abdii maalii nuu kenneera?

3 Yihowaan qajeelfama akkasii kennuuf eenyuyyuu caalaa ga’eessadha. Maaliif? Akkaataa ilmaan namootaa itti uumaman eenyuyyuu caalaa waan beekuufidha. Kana malees, ilmaan namootaa akkamitti karaarraa akka maqaniifi akka badan guutummaatti beeka. Karichatti deebi’uuf maal gochuun akka isaan barbaachisus beeka. Kana malees, Yihowaan, Uumaa keenya waan ta’eef yeroo hundumaa wanta nuuf gaarii ta’e beeka. (Isaayaas 48:17) Kanaaf, abdii inni Faarfannaa 32:8⁠rratti akkas jechuudhaan kennetti guutummaatti amanamuu dandeenya: “Waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta’u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha.” Yihowaan qajeelfama hundarra caalu kennuunsaa homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee kan nu qajeelchu akkamitti?

4, 5. Dubbiin Waaqayyoo nu qajeelchuu kan danda’u akkamitti?

4 Faarfatichi akkas jechuudhaan Yihowaa kadhateera: “Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha, daandii koo irrattis in ifa.” (Faarfannaa 119:105) Yaanniifi yaadachiisni Yihowaa Macaafa Qulqulluu keessatti kan argamu si’a ta’u, gufuuwwan karaa keenyarratti nu mudatan mo’uuf nu gargaara. Dhugumayyuu, Macaafa Qulqulluu kan dubbisnuufi akka nu qajeelchu kan heyyamnu yoo ta’e, dhuunfaadhaan yaanni Isaayaas 30:21⁠rra jiru jireenya keenya keessatti yeroo raawwatamu arguu dandeenya: “Sagaleen tokko isin booddeedhaan isinitti dubbatee ‘Karichi isa kana, isa irra adeemaa!’ utuu isiniin jedhuu gurri keessan in dhaga’a.”

5 Faarfannaan 119:105 faayidaa wal fakkaataa Macaafni Qulqulluun qabu lama ibsa. Tokkoffaa, miilla keenyaaf akka ibsaatti tajaajila. Jireenya keenya keessatti rakkoon yeroo nu mudatu, murtoo sirrii akka goonuufi kiyyoo biyya lafaatiin akka hin qabamneef seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu adeemsa keenya nuu qajeelchuu qabu. Lammaffaa, yaadachiisni Waaqayyoo, filannoo Jannata Waaqayyo abdachiise keessa bara baraaf jiraachuuf abdii qabnuu wajjin akka wal simu akka goonu nu gargaaruudhaan daandii keenyarratti ifa. Daandiin nu fuuldura jiru ifa ga’aa waan qabuuf, wanti goonu tokko bu’aa gaarii ykn miidhaa qabaachuusaa beekuu dandeenya. (Roomaa 14:21; 1 Ximotewos 6:9; Mul’ata 22:12) Wanti Waaqayyo Macaafa Qulqulluurratti dubbate miilla keenyaaf ibsaa akkasumas daandii keenyaaf ifa kan ta’e akkamitti akka ta’e bal’inaan haa ilaallu.

“Miilla Kootiif Ibsaa Dha”

6. Dubbiin Yihowaa miilla keenyaaf ibsaa kan ta’u haalawwan akkamii keessatti?

6 Guyyaa guyyaadhaan murtoowwan baay’ee goona. Murtoowwan tokko tokko salphaa kan fakkaatan ta’uyyuu, al tokko tokkommoo haalawwan saalqunnamtii, amanamummaa ykn dhimmawwan siyaasaa keessa galuu wajjin wal qabatan nu mudachuu danda’u. Qorumsawwan kana mo’uuf, ‘sammuun keenya hojiidhaan itti baree hamaafi gaarii gargar akka baasu’ gochuu qabna. (Ibroota 5:14) Beekumsa sirrii Macaafa Qulqulluu argachuufi seerawwan bu’uuraasaa hubachuudhaan, murtoowwan Yihowaa gammachiisan gochuuf dhageettii yaada garaa keenya leenjisuu dandeenya.—Fakkeenya 3:21.

7. Haala Kiristiyaanni tokko namoota hin amanneefi isaa wajjin hojjetanii wajjin akka walitti dhihaatu isa godhu ibsi.

7 Mee fakkeenya kana hubadhu. Ati nama ga’eessa garaa Yihowaa gammachiisuuf yaaludhaa? (Fakkeenya 27:11) Yoo ta’e galateeffamuu qabda. Haata’u malee, mee yeroo muraasaaf namoonni sii wajjin hojjetan qophii ispoortii tokkorratti akka argamtuuf tikeetii akka sii kennanitti yaadi. Namoonni kun si wajjin hojjechuusaanitti baay’ee waan gammadaniif, sa’aatii hojiidhaan alattis si wajjin yeroo dabarsuu barbaadu. Namoonni kun hammeenya akka qaban sitti hin dhaga’amu ta’a. Jireenyasaanii keessattis karaawwan tokko tokkoon amala gaarii argisiisu ta’a. Yeroo kanatti maal goota? Afeerraasaanii fudhachuunkee balaa qabaa? Dhimma kana ilaalchisee Dubbiin Waaqayyoo murtoo sirrii akka gootu kan si gargaaru akkamitti?

8. Seera Caaffata Qulqullaa’oo isa kamtu dhimma hiriyummaarratti yaaduuf nu gargaara?

8 Seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo muraasa haa ilaallu. Inni jalqaba gara sammuu keenyaatti dhufu seera bu’uuraa 1 Qorontos 15:33⁠rra jirudha: “Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jedha. Seera bu’uuraa kana hordofuun guutummaatti namoota hin amanne baqachuu kan gaafatudhaa? Caaffanni Qulqullaa’oon akkas hin jedhan. Phaawulos ergamaaniyyuu namoota hin amanne dabalatee “namoota hundumaa” akka jaallatuufi akka isaaniif yaadu argisiiseera. (1 Qorontos 9:22) Kiristiyaana ta’uun keenya namoota hidhata amantaa keenya hin taane dabalatee namoota hundaaf akka yaannu kan gaafatudha. (Roomaa 10:13-15) Namoota gargaarsa keenya barbaadan yoo baqanne, gorsa ‘nama hundumaaf gaarii hojjedhaa’ jedhu akkamitti hojiirra oolchuu dandeenyaree?—Galaatiyaa 6:10.

9. Seerri bu’uuraa Macaafa Qulqulluu, namoota nuu wajjin hojjetanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu ilaalchisee ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaaru maalidha?

9 Haata’u malee, nama waliin hojjetan wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuniifi michuu dhihoo ta’uun garaagarummaa qaba. Yeroo kanatti seera bu’uuraa kanatti aanee jirutu hojiirra oola. Phaawulos ergamaan, “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” jechuudhaan Kiristiyaanota akeekkachiiseera. (2 Qorontos 6:14) “Warra hin amannee wajjin walitti hin hidhatinaa!” yeroo jedhu maal jechuusaati? Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko, jechoota kana “gareesaanii hin ta’inaa,” “isaanii wajjin wal faana hojjechuuf hin yaalinaa” ykn “walitti dhufeenya sirrii hin taane isaanii wajjin hin uuminaa” jechuudhaan hiikaniiru. Walitti dhufeenyi nama wajjin hojjettuu wajjin qabdu daangaasaa darbe kan jedhamu yoomi? Dhimma kanarratti Dubbiin Waaqayyoo adeemsakee sii qajeelchuu ni danda’a.

10. (a) Yesus hiriyootasaa kan filate akkamitti? (b) Namni tokko hiriyoota filatu ilaalchisee murtoowwan sirrii gochuu akka danda’uuf gaaffiiwwan kamtu isa gargaaruu danda’a?

10 Mee fakkeenya Yesus isa yeroo uumamanii kaasee ilmaan namootaa jaallatuu ilaali. (Fakkeenya 8:31) Yeroo lafarra turetti, bartootasaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture. (Yohannis 13:1) Nama karaa amantaa ilaalcha dogoggoraa qabullee “jaallatee” ture. (Maarqos 10:17-22) Haata’u malee, Yesus namoota michoota dhihoo godhatu filachuurratti of eeggata ture. Namoota jaalala Abbaasaa raawwachuuf fedhii hin qabnee wajjin michooma dhihoo hin uumne. Yeroo tokko: “Isin michootakooti waanan isin abboome hundumaa yoo gootan” jedhee ture. (Yohannis 15:14, 1899) Nama sii wajjin hojjetu tokkoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu akka dandeessu beekamaadha. Garuu akkas jedhii of gaafadhu: ‘Namni kun abboommii Yesus raawwachuuf fedhii qabaa? Waa’ee Yihowaa isa Yesus akka waaqeffannu nu abboomee barachuu ni barbaadaa? Ejjennoon amalaaf qabu, ejjennoon ani Kiristiyaana ta’uu kootiin qabuu wajjin tokkodhaa?’ (Maatewos 4:10) Namoota wajjin hojjettuu wajjin yeroo mari’attuufi qajeelfama Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuukee yeroo itti fuftu, deebiin gaaffiiwwan kanaa ifatti mul’ata.

11. Haalawwan Dubbiin Waaqayyoo adeemsa keenya itti nuu qajeelchuu qabu ibsi.

11 Haalawwan Dubbiin Waaqayyoo miilla keenyaaf ibsaa itti ta’uu danda’u baay’eetu jira. Fakkeenyaaf, Kiristiyaanni hojii hin qabne tokko hojii argate haa jennu. Haata’u malee, hojichi yeroofi humna baay’ee kan gaafatu waan ta’eef, hojii kana jalqabuunsaa walga’iiwwan Kiristiyaanaa hedduurraa isa hambisuufi sochiiwwan waaqeffannaa dhugaa wajjin wal qabatan kaanirratti akka hin hirmaanne isa gochuu danda’a. (Faarfannaa 37:25) Kiristiyaanni biraanimmoo, bashannana seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu wajjin kallattiidhaan wal faalleessu ilaaluuf qorama ta’a. (Efesoon 4:17-19) Inni kaanis, dogoggora namoonni hidhata amantaasaa ta’an raawwatanitti salphaatti aara ta’a. (Qolosaayis 3:13) Haalawwan akkasii yeroo uumamanitti, Dubbiin Waaqayyoo miilla keenyaaf ibsaa akka ta’u gochuu qabna. Dhugumayyuu, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuudhaan, rakkoo jireenya keenya keessatti nu mudatu kamiyyuu mo’uu dandeenya. Dubbiin Waaqayyoo, “barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, qajeelchuuf, qajeelummaattis leejjisuudhaaf dhimma in baasa.”—2 Ximotews 3:16.

“Daandii Koo Irrattis In Ifa”

12. Dubbiin Waaqayyoo daandii keenyaaf ifa kan ta’u akkamitti?

12 Faarfannaan 119:105, Dubbiin Waaqayyoo karaan nu fuuldura jiru akka nutti mul’atu gochuudhaan daandii keenyarratti ifuu akka danda’u dubbata. Macaafni Qulqulluun haalawwan biyya lafaa nama gaddisiisan hiika maalii akka qabaniifi bu’aansaanii maal akka ta’e waan ibsuuf, wanta gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee dukkana keessatti kan dhiifamne miti. ‘Yeroo sodaachisaa’ sirna wantootaa hamaa ta’e kana keessa akka jiraannu beekna. (2 Ximotewos 3:1-5) Wanta gara fuulduraatti dhufu beekuun keenya jireenya keenya isa ammaarratti dhiibbaa guddaa geessisuu qaba. Phexros ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Wanti kun hundinuu akkasitti wal in gad dhiisa erga ta’ee, isin namoota attamii ta’uutu isiniif ta’a ree? Jireenya qullaa’aa, jireenya namoota Waaqayyoof ta’u jiraachuun isin irra jira. Akkasitti jiraattanii dhufa guyyaa Waaqayyoo in eeggattu, isaafis ariifattanii in hojjettu.”—2 Phexros 3:11, 12.

13. Yeroon keessa jiraannu ariifachiisaa ta’uunsaa, yaadaafi akkaataa jireenyaa keenyarratti dhiibbaa geessisuu kan qabu akkamitti?

13 Yaanniifi akkaataan jireenyaa keenya ‘biyyi lafaafi hawwiin isaa hundinuu akka darbu’ amanuu keenya kan calaqqisiisu ta’uu qaba. (1 Yohannis 2:17) Qajeelfama Macaafa Qulqulluu hordofuun keenya, galma baafannu ilaalchisee murtoo sirrii akka goonu nu gargaara. Fakkeenyaaf Yesus akkas jedhee ture: “Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.” (Maatewos 6:33) Dargaggoonni baay’een wanta Yesus jedhetti amanamuudhaan tajaajila yeroo guutuu keessa galuunsaanii kan isaan galateeffachiisudha! Obboloota guutummaa maatiisaanii fudhatanii deeman dabalatee namoonni kaanis, bakkawwan labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisanitti tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru.

14. Maatiin Kiristiyaanaa tokko tajaajilasaanii kan bal’isan akkamitti?

14 Maatii miseensota afur qabuufi Yuunaayitid Isteetsidhaa gara magaalaa Dominikaan Riippabliik keessatti argamtuu dhaqe ilaali. Lakkoofsi uummata magaalattii 50,000 yommuu ta’u, maatiin kun gumii achitti argamu tokkoo wajjin tajaajiluu dhaqe. Gumiin kun babal’istoota gara 130 kan qabu ture. Haata’u malee, Ayyaana Yaadannoo du’a Kiristos Ebla 12, 2006 kabajamerratti namoonni 1,300 ta’an argamanii turan! Akkuma midhaan ‘bilchaatee haamaadhaaf ga’eetti’ namoonni naannoo sanaa fedhii argisiisanii waan turaniif ji’a shan qofatti abbaan, haati, ilmiifi intalli walumatti qabaatti qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu 30 geggeessuu danda’anii turan. (Yohannis 4:35) Abbaan akkas jedha: “Gumiin kun obboloota 30 gargaarsaaf dhufan qaba. Isaan keessaa 20⁠ni Yuunaayitid Isteetsirraa, kaanimmoo Baahaamaas, Kaanaadaa, Xaaliyaanii, Niiwu Ziilaandiifi Ispeenirraa kan dhufanidha. Obboloonni kun tajaajilarratti hirmaachuuf hawwii guddaadhaan waan dhaqaniif, obboloonni naannoo sana jiran hinaaffaadhaan akka tajaajilaniif dhiibbaa cimaa geessisaniiru.”

15. Jireenyakee keessatti fedhii Mootummichaatiif dursa kennuudhaan eebba akkamii argatteetta?

15 Namoonni baay’een bakka labsitoonni caalaatti barbaachisan dhaqanii lallabuu akka hin dandeenye beekamaadha. Haata’u malee, namoonni kana gochuu ykn haalasaanii sirreessuu danda’an, bifa tajaajilaa kanarratti hirmaachuudhaan eebba hangana hin jedhamne argachuu danda’u. Eessayyuu taatee kan tajaajiltu yoo ta’e, gammachuun humnakee guutuudhaan Yihowaa tajaajiluudhaan argamu si hin darbin. Jireenyakee keessatti fedhii Mootummichaatiif dursa kan kennitu yoo ta’e, Yihowaan ‘eebba danuu sirratti dhangalaasuuf’ waadaa galeera.—Miilkiyaas 3:10.

Qajeelfama Yihowaarraa Faayidaa Argachuu

16. Dubbiin Waaqayyoo akka nu qajeelchu gochuudhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Akkuma kanaan dura ilaalle Dubbiin Yihowaa karaa wal fakkaatan lamaan nu qajeelcha. Miilla keenyaaf akka ibsaatti nu gargaaruudhaan karaa sirriirra gara fuulduraatti adeemuuf nu gargaara, yeroo murtoo goonus nu qajeelcha. Akkasumas, karaa keenyarratti ifuunsaa wanti fuuldura keenya jiru akka gaariitti akka nutti mul’atu godha. Kunis gorsa Phexros isa akkas jedhu hojiirra oolchuuf nu gargaara: “[Yaada keessan hojiidhaaf qopheessaa, NW], warra of qaban ta’aa, abdii keessan guutummaatti ayyaana isa yeroo Yesus Kristos mul’atutti isiniif dhufu irra kaa’adhaa!”—1 Phexros 1:13.

17. Macaafa Qulqulluu qayyabachuun qajeelfama Waaqayyoo hordofuuf kan nu gargaaru akkamitti?

17 Yihowaan qajeelfama akka nuuf kennu homaa hin shakkisiisu. Gaaffiin ka’u, Qajeelfama kanaaf ni abboomamtaa? kan jedhudha. Qajeelfama Yihowaa hubachuuf guyyaa guyyaadhaan kutaa Macaafa Qulqulluu muraasa dubbisuuf murteessi. Wanta dubbisterratti xiinxali; dhimma tokko ilaalchisee fedhiin Yihowaa maal akka ta’e hubachuuf yaali; karaa gara biraa barumsi sun jireenyakee keessatti hojiirra ooluu danda’u yaadi. (1 Ximotewos 4:15) Achiis murtoo dhuunfaakee yeroo gootu, “dandeettii yaada” keetti fayyadami.—Roomaa 12:1, NW.

18. Dubbiin Waaqayyoo akka nu qajeelchu yoo heyyamne eebba akkamii arganna?

18 Yoo nuyi fedhiisaa qabaanne, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu keessa jiran hubannaafi qajeelfama murtoo sirrii gochuuf nu gargaaru nuu kennu. Dubbiin Yihowaa ‘wallaalotayyuu beektota akka godhu’ mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Faarfannaa 19:7) Macaafni Qulqulluun akka nu qajeelchu yoo goone, sammuu qulqulluufi gammachuu Yihowaa gammachiisuudhaan argamu arganna. (1 Ximotewos 1:18, 19) Dubbiin Yihowaa guyyaa hundumaa adeemsa keenya akka nuu qajeelchu yoo heyyamne, Yihowaan jireenya bara baraa nuu kennuudhaan nu eebbisa.—Yohannis 17:3.

Ni Yaadattaa?

• Yihowaan adeemsa keenya akka nuu qajeelchu heyyamuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

• Dubbiin Waaqayyoo miilla keenyaaf ibsaa kan ta’u karaa kamiini?

• Dubbiin Waaqayyoo daandii keenyaaf ifa ta’uu kan danda’u akkamitti?

• Macaafa Qulqulluu qayyabachuun qajeelfama Waaqayyoo hordofuuf kan nu gargaaru akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]