Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gumichi Jajjabaachaa Haa Adeemu

Gumichi Jajjabaachaa Haa Adeemu

Gumichi Jajjabaachaa Haa Adeemu

“Waldaan [Gumiin, NW] amantootaa . . . nagaa argattee, ijaaramte.”—HOJII ERGAMOOTAA 9:31.

1. “Gumii Waaqayyoo” ilaalchisee gaaffiiwwan akkamiitu ka’a?

YIHOWAAN, Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, tuuta bartoota Kiristos ta’an akka saba haaraatti jechuunis “Israa’el Waaqayyoo” godhee isaan simate. (Galaatiyaa 6:16) Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman kun, akka Macaafa Qulqulluutti “gumii Waaqayyoo” jedhamaniis waamamaniiru. (1 Qorontos 11:22, NW) Haata’u malee, gumii Waaqayyoo ta’uun maal dabalata ture? Gumiin kun kan qindaa’ehoo akkamitti? Miseensonnisaa eessayyuu yoo jiraatan waldichi hojiisaa kan raawwatu akkamitti? Jireenya keenyaafi gammachuu argannurratti dhibbaa maalii geessisa?

2, 3. Yesus gumiin qindoomina akka qabaatu kan ibse akkamitti?

2 Akkuma mataduree kanaan duraarratti ilaalle, Yesus gumiin duuka buutotasaa dibamtoota ta’anii akka hundeeffamu yommuu raajii dubbatu, akkas jechuudhaan Phexros ergamaatti himeera: “Dhagaa hin sochoone kana irratti waldaa koo nan ijaara, gooftummaan du’aas matumaa waldicha irratti humna hin godhatu hin mo’us.” (Maatewos 16:18) Kana malees, Yesus utuma ergamootasaa wajjin jiruu gumiin yeroo dhihoo keessatti hundeeffamuuf jedhu hojiifi qindoomina akkamii akka qabaatu ibsee ture.

3 Yesus jechaanis ta’e gochaan namoonni gumii keessa jiran tokko tokko waldicha akka geggeessan barsiiseera. Warra tuutasaanii keessa jiran tajaajiluudhaan itti gaafatamummaa isaanirra jiru raawwatu. Kiristos akkas isaaniin jedheera: “Warri saba biyya lafa kanaa abboomuutti beekaman, gooftummaadhaan akka isaan seerratan isin iyyuu in beektu; gurguddoonni isaaniis aboo isaanii isaan irratti argisiisu. Isin gidduutti garuu akkas hin ta’u; eenyu illee isin keessatti guddaa ta’uu kan barbaadu, hojjetaa keessan ta’uutu isa irra jira. Eenyu illee isin keessaa dura ta’uu kan barbaadu, hundumaaf garbicha ta’uutu isa irra jira.” (Maarqos 10:42-44) “Gumiin Waaqayyoo” namoota faffaca’an, dhuunfaadhaan jiraniifi gurmaa’ina hin qabne akka hin taane ifadha. Kanaa mannaa, qophii sabrii qabu, bakka itti namoonni waliin hojjetaniifi yaada walii hiranidha.

4, 5. Gumiin barumsi hafuuraa akka isa barbaachisu kan argisiisu maalidha?

4 Yesus Inni Mataa gumii ta’e, ergamoonnisaafi namoonni isarraa baratan kaan “gumii Waaqayyoo” keessatti warra kaanirratti itti gaafatamummaa murtaa’aa ta’e akka qabaatan dubbateera. Maal raawwachuuf? Hojiinsaanii inni guddaan miseensota waldichaatiif barumsa hafuuraa kennuudha. Wanta Yesus inni du’aa ka’e ergamoota kaan duratti Phexrosiin jedhe yaadadhu: ‘Simoon ilma Yohannis! Na jaallattaa?’ jedheen. Phexrosimmoo deebisee, “Eeyyee gooftaa! Akkan si jaalladhu atuu in beekta” jedheen. Yesus deebisee, “Ilmoolee koo tiksi! . . . Hoolota koo eegi!. . . Hoolota koo tiksi!” jedheen. (Yohannis 21:15-17) Dhugumayyuu itti gaafatamummaa guddaadha!

5 Namoonni gara gumiitti sassaabaman, hoolota gola keessa jiranii wajjin kan wal fakkaatan ta’uusaanii dubbii Yesusirraa hubachuu dandeenya. Hoolonni kun, jechuunis dhiironni, dubartoonniifi ijoolleen Kiristiyaana ta’an, nyaata hafuuraa argachuufi sirriitti tiksamuu qabu. Kana malees, Yesus duuka buutonnisaa hundi namoota akka barsiisaniifi bartoota akka godhan waan abboomeef, namoonni hoolotasaa ta’an haaraan akkaataa hojii isaaniif kenname kana itti raawwatan ilaalchisee leenjii argachuun isaan barbaachisa.—Maatewos 28:19, 20.

6. “Gumii Waaqayyoo” isa haaraa hundeeffame keessatti qophiiwwan akkamiitu ture?

6 Erga “gumiin Waaqayyoo” hundeeffamee booda, miseensonni gumii barachuufi wal jajjabeessuuf yeroo hundumaa walitti sassaabamaa turan: “Amantoonnis barsiisa ergamootaatti, tokkummaa isaanii cimsachuutti, buddeena cabsachuutti, kadhata godhachuuttis qabamanii jiraatan.” (Hojii Ergamootaa 2:42, 46, 47) Kana malees, dhiironni ulaagaalee Macaafa Qulqulluurratti caqasaman guutaniifi dhimmawwan faayidaa qaban tokko tokko raawwachuudhaan akka gargaaraniif muudamuunsaanii Hojii Ergamootaarratti ibsameera. Namoonni kun kan filataman sadarkaa barumsasaaniitiin ykn dandeettii ogummaa qabaniin miti. Kanaa mannaa, ‘warra hafuura qulqulluuniifi ogummaan keessa guutedha.’ Isaan keessaa tokko Isxifaanos yommuu ta’u, “amantii isaatti jabaa kan ta’ee fi hafuurri qulqulluun kan keessa guute” ta’uunsaa ibsameera. Gumii keessatti qophiin akkasii jiraachuunsaa, “Dubbiin Waaqayyoo itti fufee bal’achaa, baay’inni amantoota Yerusaalemitti argamaniis ittuma dabalamaa” akka adeemu godheera.—Hojii Ergamootaa 6:1-7.

Dhiirota Waaqayyo Itti Fayyadamu

7, 8. (a) Ergamoonnifi jaarsoliin Yerusaalem durii keessa turan Kiristiyaanota duriitiif akka maaliitti tajaajilanii turan? (b) Karaa gumiiwwanii qajeelfamni kennamuunsaa bu’aa maalii argamsiiseera?

7 Qophii gumii isa durii keessatti ergamoonni Yesus dursa kan fudhatan ta’uyyuu, namoonni kaanis isaanii wajjin hojjechaa akka turan beekamaadha. Yeroo tokko Phaawulosiifi hiriyoonnisaa Anxokiyaa ishee Sooriyaa jirtutti deebi’anii turan. Hojiin Ergamootaa 14:27 akkas jedha: “Erga Anxokiyaa ga’anii amantoota waldaa sanaa walitti waaman; Waaqayyo inni isaanii wajjin ture kan hojjete hundumaa, attamittis karaa itti warri saba Waaqayyoo hin ta’in amanan, akka isaaniif bane itti himan.” Utuma isaan gumii sana keessa jiranii, gaaffiin namoonni gara amantii Yihudiitti jijjiiraman dhagna qabachuu qabumoo hin qaban jedhu ka’ee ture. Dhimma kanaaf furmaata argamsiisuuf, “ergamootaafi jaarsolii [Yerusaalem] jiran” jechuunis warra akka qaama olaanaatti tajaajilan akka gaafataniif Phaawulosiifi Barnaabaas ergamanii turan.—Hojii ergamootaa 15:1-3.

8 Yeroo “ergamoonnii fi jaarsoliin dubbii kana ilaaluudhaaf walitti qabaman” walga’icha kan geggeesse Yaaqoob isa obboleessa Kiristos turedha; inni ergamaa Kiristos ta’uu baateyyuu jaarsa ture. (Hojii Ergamootaa 15:6) Dhimma kanarratti of eeggannoodhaan erga mari’atanii booda, gargaarsa hafuura qulqulluutiin murtoo Caaffata Qulqullaa’oo wajjin wal simurra ga’aniiru. Kanas xalayaa barreessuudhaan gumiiwwaniif erganiiru. (Hojii Ergamootaa 15:22-32) Gumiiwwan ergaan kun isaan ga’es qajeelfama kana fudhatanii hojiirra oolchaniiru. Bu’aansaa maal ture? Obboloonni jajjabina argataniiru. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Waldoonni kristiyaanaas amantichatti in cimu, lakkoobsaanis guyyaa guyyaatti in guddatu turan.”—Hojii Ergamootaa 16:5.

9. Macaafni Qulqulluun gahee Kiristiyaanonni dhiiraa ga’eessa ta’an qaban ilaalchisee maal jedha?

9 Sochiin gumiin guyyaa guyyaadhaan godhu maal fakkaata ture? Mee fakkeenyaaf waldoota odoola Qareexis keessaa haa ilaallu. Namoonni biyya sanaa baay’eensaanii maqaa gadhee kan qaban ta’uyyuu, warri tokko tokko jijjiiramanii Kiristiyaanota dhugaa ta’aniiru. (Tiitos 1:10-12; 2:2, 3) Namoonni kun magaalaa adda addaa kan jiraatan si’a ta’u, hundisaanii qaama olaanaa Yerusaalem keessa jirurraa fagoo turan. Haata’u malee, akkuma bakkawwan kan biraatti godhamu, gumiiwwan Qareexis keessa jiranittis namoonni karaa hafuuraa “jaarsolii” ta’an muudamanii waan turanii qaama olaanaarraa fagoo jiraachuunsaanii rakkoo guddaa hin uumne. Jaarsoliin kun ulaagaalee Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffamanii argaman kan guutanidha. Warri tokko tokko jaarsolii ykn ilaaltoota olaanaa, “barsiisa sirrii sanaan gorsuu, warra isaan mormanitti immoo balleessaa isaanii itti mul’isuu” danda’an ta’anii muudamanii turan. (Tiitos 1:5-9; 1 Ximotewos 3:1-7) Dhiironni kaanimmoo tajaajiltoota gumii ykn diiyaaqonoota ta’anii gumiiwwan gargaaruuf ulaagaa Macaafa Qulqulluu guutanii turan.—1 Ximotewos 3:8-10, 12, 13.

10. Akka Maatewos 18:15-17 jedhutti, walitti bu’iinsi cimaan hiikamuu kan danda’u akkamitti?

10 Yesus qophiin akkasii akka jiraatu dubbatee ture. Maatewos 18:15-17⁠rratti Yesus tajaajilaan Waaqayyoo tokko yeroo isa kaan miidhu lamaansaanii gidduutti walitti bu’iinsi akka uumamu ibsee ture. Yeroo kanatti namni miidhame sun gara namicha isa miidhe sanaa dhaqee lamaansaanii qofti bakka jiranitti ‘balleessaasaa itti himuu’ qaba. Walitti bu’iinsicha karaa kanaan hiikuun yoo dadhabame garuu, nama tokko ykn lama gargaarsaaf waamuun barbaachisaadha. Rakkoonsaa ammas furmaata hin arganne yoo ta’ehoo? Yesus akkas jedheera: “Isaanis yoo dhaga’uu dide waldaatti himi; waldaa iyyuu yoo dhaga’uu dide immoo, si biratti akka nama hin amaniniif, akka qaraxxuu hin amanamneetti haa lakkaa’amu.” Yeroo Yesus kana dubbatetti Yihudoonni “gumii Waaqayyoo” waan turaniif yaanni kun caalaatti kan hojjetu isaanirratti ture. * Erga gumiin Kiristiyaanaa hundeeffamee booda garuu, qajeelfamni Yesus kenne gumii kanarratti hojjeta. Kunis sabni Waaqayyoo dhuunfaadhaan akka jajjabaataniifi qajeelfama akka argataniif qophiin gumii jiraachuusaa ragaa argisiisu garabiraadha.

11. Jaarsoliin rakkoowwan hiikuu ilaalchisee gahee maalii qabu turan?

11 Jaarsoliin ykn ilaaltonni olaanaa, rakkoo hiikuudhaan ykn dhimmawwan cubbuu hojjechuu wajjin wal qabatan ilaaluudhaan gumii naannoo sana ture bakka bu’uunsaanii sirriidha. Kunimmoo ulaagaa jaarsoliin akka guutaniif Tiitoos 1:9⁠rratti ibsamee wajjin kan wal simudha. Jaarsoliin gumii sana keessaa akkuma Tiitoos, isa Phaawulos ‘wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiisuuf’ gara gumiiwwaniitti isa ergee gonkummaa kan hin qabne akka turan beekamaadha. (Tiitoos 1:4, 5) Yeroo har’aatti, obboloonni jaarsa ta’anii muudamuuf ga’eessota ta’uusaanii murteessuuf, amantii kan qabaniifi namoota Waaqayyoof bulan ta’uusaanii ilaaluun barbaachisaadha. Kanaafuu warri gumii keessa jiran kaan, qajeelfama karaa qophii kanaan isaaniif kennamurratti amanamuuf sababii ga’aa qabu.

12. Gumii ilaalchisee jaarsoliin itti gaafatamummaa akkamii qabu?

12 Phaawulos jaarsolii Efesooniin akkas jedhee ture: “Of eeggadhaa, karra hoolota Waaqayyoo warra hafuurri qulqulluun akka eegdaniif isin dhaabeefis, eeggadhaa! waldaa kristiyaanaa isa Waaqayyo dhiiga tokkicha ilma isaatiin kan isaa godhate eegaa!” (Hojii Ergamootaa 20:28) Yeroo har’aas ilaaltonni olaanaa gumii kan muudaman ‘karra hoolota Waaqayyoo eeguufidha.’ Kanas hoolota kanarratti gooftummaa argisiisuudhaan utuu hin ta’in, jaalalaan gochuu qabu. (1 Phexros 5:2, 3) Jaarsoliin “karra” hundumaa jajjabeessuufi gargaaruuf carraaquu qabu.

Gumiitti Maxxananii Jiraachuu

13. Yeroo tokko tokko gumii keessatti maaltu uumamuu danda’a? Maaliif?

13 Jaarsoliinis ta’e namoonni gumii keessa jiran kaan gonkummaa waan hin qabneef, akkuma jaarraa jalqabaatti yeroo ergamoonni Yesus lafarra turanitti ta’e darbee darbee walitti bu’iinsi ykn rakkoon uumamuu danda’a. (Filiphisiiyus 4:2, 3) Ilaaltuun olaanaa ykn namni kan biraan wanta hamaa ykn guutummaatti dhugaa hin taane dubbachuu danda’a. Yookiin gochi Macaafni Qulqulluun hin deggerre tokko akka raawwatameefi jaarsoliin gumii dhimmicha kan beekan ta’uyyuu akka hin sirreessine yaanna ta’a. Haallisaa karaa nuyi hin hubanneen akka Macaafni Qulqulluun jedhutti ilaalamee ta’uu ykn ilaalamaa jiraachuu danda’a. Haallisaa akkuma nu yaanne utuu ta’ellee kana yaadachuu qabna: Gumii Qorontos Yihowaan kunuunsu keessatti, cubbuu cimaan raawwatamee utuu jiruu tarkaanfiin utuu hin fudhatamin yeroo muraasa tureera. Yeroo booda garuu Yihowaan cubbuu kana ilaalchisee karaa sirrii ta’een tarkaanfiin cimaan akka fudhatamu godheera. (1 Qorontos 5:1, 5, 9-11) “Utuun yeroo sanatti gumii Qorontos keessa jiraadhee hamma tarkaanfiin fudhatamutti maalan godhan ture?” jennee of gaafachuu dandeenya.

14, 15. Warri tokko tokko Yesus duukaa bu’uu kan dhiisan maaliifi? Kanarraa barumsa maalii arganna?

14 Wanta gumii keessatti uumamuu danda’u kan biraa haa ilaallu. Namni tokko barumsa Macaafa Qulqulluu tokko fudhachuufi hubachuun rakkisaa itti ta’e haa jennu. Namni sun Macaafa Qulqulluufi barreeffamoota karaa gumii argaturratti qorannaa godhee ykn jaarsoliis ta’e obboloota muuxannoo qaban gaafatee ta’uu danda’a. Ta’uyyuu hubachuus ta’e fudhachuun yoo isa rakkise maal gochuu danda’a? Yesus du’uusaa gara waggaa tokkoo dura haalli kanaan wal fakkaatu uumamee ture. Yesus ‘buddeena jireenyaa’ akka ta’eefi namni tokko bara baraaf jiraachuu yoo barbaade ‘foon ilma namaa nyaachuufi dhiiga isaa dhuguu’ akka qabu dubbate. Jechisaa kun duuka buutotasaa tokko tokko rifaasisee ture. Kanaaf, ibsa akka isaaniif kennu gaafachuu ykn Yihowaan yeroosaatti wantoota hamma sirreessutti obsaan eeguu mannaa ‘ergasii isaa wajjin adeemuu’ dhiisan. (Yohannis 6:35, 41-66) Utuu bara sana jiraanneerra ta’ee maal goona turre?

15 Bara keenyattis namoonni tokko tokko karaa mataasaaniitiin Waaqayyoon tajaajiluu akka danda’an waan isaanitti dhaga’ameef, walitti dhufeenya gumii wajjin qaban dhaabaniiru. Namoonni kun kan akkas godhan miirrisaanii waan miidhameef, dogoggora hojjetame sirreessuuf tarkaanfiin waan hin fudhatamneef ykn barumsa tokko fudhachuun rakkisaa akka isaanitti ta’e dubbatu. Haata’u malee adeemsisaanii kun hangam sirriidha? Tokkoon tokkoon Kiristiyaanaa Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya dhuunfaa qabaachuunsaa barbaachisaadha; ta’us akkuma bara ergamoota Yesusitti har’as gumii addunyaa maratti argamutti fayyadamaa akka jiru haaluu hin dandeenyuu. Kana malees Yihowaan jaarraa jalqabaatti gumiiwwanitti ni fayyadama ture; isaan eebbisa, akkasumas jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii ga’eessota ta’aniifi gumiiwwan sana gargaaran akka muudaman godha ture. Bara keenyattis haallisaa kanuma fakkaata.

16. Namni tokko walitti dhufeenya gumii wajjin qabu dhaabuu yoo barbaade waa’ee maalii yaaduu qaba?

16 Kiristiyaanni tokko gumii wajjin walta’iinsa utuu hin qabaatin hariiroo Waaqayyoo wajjin qabu qofaan jiraachuu akka danda’u kan isatti dhaga’amu yoo ta’e, qophii Waaqayyo gumii addunyaa maraas ta’e gumii naannoosaa jiru ilaalchisee godhe tuffateera jechuudha. Namni tokko qofaasaa Waaqayyoon waaqeffachuu ykn namoota muraasaa wajjin wal arguu danda’a ta’a; haata’u malee gumiin hin jiru taanaan qophiin jaarsoliifi tajaajiltoota gumii ilaalchisee godhame akkamitti jiraachuu danda’a? Phaawulos gumii Qolosaayisiif xalayaa erga barreessee booda, xalayaan kun gumii Laa’odiiqeyaattis akka dubbifamu yeroo godhetti, ‘hundeesaanii akka gad fageeffataniifi Kiristositti akka ijaaraman’ dubbatee ture. Faayidaa akkasii argachuu kan danda’an Kiristiyaanota gumii keessa jiran malee namoota of qoodan miti.—Qolosaayis 2:6, 7; 4:16.

Utubaafi Demdemoo Dhugaa

17. Gumii ilaalchisee 1 Ximotewos 3:15 maal nu barsiisa?

17 Phaawulos ergamaan Ximotewos isa jaarsa gumii ta’ee tajaajilaa tureef xalayaasaa isa jalqabaa yeroo barreessu, ulaagaalee jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii guutuu qaban ibsee ture. Ittaansuudhaan Phaawulos “waldaa Waaqayyoo jiraataa,” “utubaa fi demdemoo dhugaa” jechuudhaan ibseera. (1 Ximotewos 3:15) Jaarraa jalqabaatti gumiin Kiristiyaanota dibamoo qabate hundi demdemoo akkasii akka ture beekamaadha. Karaan inni guddaan Kiristiyaanni tokko dhugaa kana akka argatuuf qophiin itti godhame, karaa gumii naannoosaatti argamuu ture. Barumsi dhugaa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e yeroo kennamuufi barumsa dhugaa kanaaf ragaan yommuu dhihaatu dhaga’uu akkasumas jajjabaachuu kan danda’an gumii keessattidha.

18. Walga’iiwwan gumii barbaachisaa kan ta’an maaliifi?

18 Haaluma wal fakkaatuun gumiin Kiristiyaanaa addunyaa maraa mana Waaqayyoo jechuunis ‘utubaafi demdemoo dhugaati.’ Jajjabina argachuuf, walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabnu cimsuuf, akkasumas fedhasaa raawwachuuf qophaa’uuf, yeroo hundumaa walga’iirratti argamuufi hirmaannaa gochuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Phaawulos gumii Qorontosiif yeroo barreessu, barumsa walga’iiwwan akkasiirratti kennamurratti xiyyeeffateera. Namoota walga’icharratti argaman “cimsuudhaaf,” barumsi walga’icharratti dhihaatu ifaafi salphaatti kan namaa galu akka ta’u akka barbaadu isaaniif barreessee ture. (1 Qorontos 14:12, 17-19) Nuyis yeroo har’aa gumiiwwan kan hundeesse Yihowaa akka ta’e, akkasumas qophii kana akka deggeru yoo amanne jajjabaachuu dandeenya.

19. Gumiinkee karaa baay’ee akka si fayyade kan sitti dhaga’amu maaliifi?

19 Dhugumayyuu, Kiristiyaanota hamma taanetti cimuu yoo barbaanne gumii Kiristiyaanaatti maxxannee jiraachuu qabna. Gumiin kun yeroo dheeraadhaa kaasee barumsawwan sobaa ittisaa tureera; Waaqayyos misiraachoon Mootummaa Masihiichaa addunyaa maratti akka labsamuuf itti fayyadamaa tureera. Kanaafuu, Waaqayyo karaa gumii Kiristiyaanaa wantoota baay’ee raawwachaa turuunsaa kan wal gaafachiisu miti.—Efesoon 3:9, 10.

[Miiljalee]

^ key. 10 Hayyuu Macaafa Qulqulluu kan ta’an Albart Barnees akka dubbatanitti, Yesus “waldaatti himi” yeroo jedhu, “namoota dhimmawwan akkasii ilaaluuf aboo qaban jechuunis bakka buutota gumii” jechuusaa ta’uu danda’a. “Mana sagadaa Yihudootaa keessatti jaarsoliin dhimmawwan akkasii ilaaluuf muudaman jiru turan.”

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

Ni Yaadattaa?

• Waaqayyo gumiiwwan lafarra jiranitti akka gargaaramu yaaduu kan qabnu maaliifi?

• Jaarsoliin gonkummaa qabaachuu baataniyyuu, gumii keessatti gahee maalii qabu?

• Gumiinkee akka cimtuuf kan si gargaaru akkamitti?