Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gumiin Yihowaa Haa Faarfatu

Gumiin Yihowaa Haa Faarfatu

Gumiin Yihowaa Haa Faarfatu

“Obboloota kootti maqaa kee nan beeksisa, waldaa [gumii, NW] keessattis sin faarfadha.”—IBROOTA 2:12.

1, 2. Gumiin baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Gaheensaa inni guddaan maalidha?

SEENAA keessatti, namoonni tokkummaa maatii gidduutti michummaafi tasgabbii argachaa turaniiru. Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun wanti namoonni addunyaa maratti argaman michummaafi tasgabbii adda ta’e akka qabaatan godhe kan biraan maal akka ta’e ibsa. Innis gumii Kiristiyaanaati. Maatii walitti dhihaatuufi wal gargaaru qabdus qabaachuu baattus, qophii Waaqayyo karaa gumii godhe dinqisiifachuu dandeessa; dinqisiifachuu qabdas. Gumii Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin sassaabamuu kan jalqabde yoo ta’e, michummaa dhugaafi tasgabbii argachuun akka danda’amu atumtiyyuu dhugaa ba’uu dandeessa.

2 Gumiin, tuuta hawaasaa akkasumaan walitti qabame miti. Tuuta namoonni akkaataan guddinasaanii ykn fedhiin ispoortiidhaaf qaban ykn wanti jaallatan tokko ta’e itti walitti qabamanis miti. Kanaa manaa, kaayyoon qophii gumii inni duraa Yihowaa faarsuudha. Akkuma Macaafni Faarfannaa ibsutti gumiin faayidaa kanaaf oolaa ture. Faarfannaa 35:18⁠rratti akkas kan jedhu dubbisna: “Yommus waldaa guddaa keessatti sin galateeffadha, saba baay’ee keessattis sin jajadha.” Haaluma wal fakkaatuun, Faarfannaa 107:31, 32⁠rratti akkas jedhamneerra: “Egaa gaarummaa isaa fi wanta dinqisiisaa inni ilmaan namootaaf godheefis, isaan kun Waaqayyoof galata haa galchan! Waldaa sabaa keessatti ulfinaan ol isa haa kaasan! Yaa’ii maanguddootaa keessattis isa haa jajatan!”

3. Akka Phaawulos jedhetti gumiin gahee maalii qaba?

3 Kiristiyaana kan ture Phaawulos, gumiin gahee barbaachisaa kan biraas akka qabu yeroo ibsu akkas jedheera: “Manni kunis waldaa Waaqayyoo jiraataa, isa utubaa fi demdemoo dhugaa ta’ee dha.” (1 Ximotewos 3:15) Phaawulos waa’ee gumii isa kamii dubbachaa ture? Macaafni Qulqulluun jecha “gumii” jedhutti karaawwan kamiin fayyadama? Gumiin jireenya keenyaafi abdii keenyarratti dhiibbaa maalii geessisa? Gaaffiiwwan kanaaf deebii argachuuf, jalqaba Macaafni Qulqulluun jecha “gumii” jedhutti akkamitti akka fayyadame haa ilaallu.

4. Jechi “gumii” jedhu Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaa keessatti irra caalaatti akkamitti itti hojjetame?

4 Afaan Ibrootaatiin jechi “gumii” jedhu, hundeensaa “walitti qabuu” ykn “sassaabuu” jechuudha. (Keessa Deebii 4:10; 9:10) Faarfatichi jecha “gumii” jedhu kana waa’ee ergamoota samiirra jiranii ibsuuf kan itti fayyadame si’a ta’u, namoota jal’oo ta’an ibsuufis itti fayyadamuun ni danda’ama. (Faarfannaa 26:5; 89:5-7) Haata’u malee, Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa yeroo baay’ee haala Israa’eloota wajjin wal qabate ibsuuf itti fayyadamu. Waaqayyo, Yaaqoob gumii “saba guddaa” akka ta’u kan dubbate si’a ta’u kunis raawwatameera. (Uumama 28:3; 35:11; 48:4) Sabni Israa’el ‘waldaa Waaqayyoo,’ akkasumas ‘waldaa Waaqayyoo isa dhugaa’ ta’uuf waamamaniiru; fo’amaniirus.—Lakkoobsa 20:4; Nahimiiyaa 13:1; Iyaasuu 8:35; 1 Saamu’el 17:47; Miikiyaas 2:5.

5. Jechi afaan Giriikii yeroo baay’ee “gumii” jedhamee hiikamu kamidha? Jechi kun akkamitti itti hojjetama?

5 Jechi afaan Giriikii ekliiziyaa jedhamu, jechoota “ba’uu” fi “waamuu” jedhaman lamarraa kan dhufedha. Jechi kun garee namootaa kaayyoo amantaa wajjin walitti dhufeenya hin qabneef walitti qabaman argisiisuu akka danda’u, “walga’ii” Demeexros, Efesoonitti Phaawulosirratti lola kaasuuf waamerraa hubachuun ni danda’ama. (Hojii Ergamootaa 19:32, 39, 41) Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun jecha walga’ii jedhu yeroo baay’ee gumii Kiristiyaanaatiif itti gargaarama. Hiikawwan tokko tokko jecha kana “mana sagadaa” jedhanii kan hiikan ta’uyyuu, galmeen Za Impeeriyaal Baayibil Dikshinarii jedhamu “tasumaa . . . gamoo Kiristiyaanonni waaqeffannaadhaaf itti sassaabaman argisiisuuf itti hojjetamee hin beeku” jedheera. Haata’u malee, jechi kun Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti yoo xinnaate karaa adda addaa afuriin itti hojjetameera.

Gumii Waaqayyoo Warra Dibamoo

6. Daawitiifi Yesus gumii keessatti maal godhaniiru?

6 Phaawulos ergamaan, jechoonni Daawit Faarfannaa 22:22⁠rra jiran Yesusirratti akka raawwataman yeroo ibsu akkas jechuudhaan barreesseera: “‘Obboloota kootti maqaa kee nan beeksisa, gumii keessattis sin faarfadha’ jedheera. Kanaafis inni [Yesus] fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo’a-qabeessaa fi amanamaa ta’uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise.” (Ibroota 2:12, 17) Daawit gumii Israa’el durii keessatti Waaqayyoon faarfateera. (Faarfannaa 40:9) Haata’u malee, Phaawulos, Yesus “gumii keessatti” Waaqayyoon faarfateera yeroo jedhu maal jechuusaati? Gumii isa kam keessattidha?

7. Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti jechi “gumii” jedhu hiiknisaa inni jalqabaa maalidha?

7 Wanti Ibroota 2:12, 17⁠rratti dubbisnu hiika guddaa qaba. Yesus miseensota gumii maqaa Waaqayyoo itti obbolootasaatiif labse keessaa tokko ta’uusaa kan argisiisudha. Obboloonnisaa kun eenyufa’i? Kutaa “sanyii Abrahaam,” obboloota Yesus hafuuraan dibamaniifi ‘waamicha isa waaqa irraa keessaa hirmaatanidha.’ (Ibroota 2:16–3:1; Maatewos 25:40) Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii keessatti jechi “gumii” jedhu, hiiknisaa inni jalqabaa dimshaashumatti tuuta duuka buutota Kiristos dibamoo ta’anii kan argisiisudha. Namoonni hafuuraan dibamaniifi 144,000 ta’an kun, ‘gumii angafoota warra maqaan isaanii waaqa irratti caafameeti.’—Ibroota 12:23.

8. Yesus gumiin Kiristiyaanaa akka hundeeffamu dursee kan dubbate akkamitti?

8 Yesus, “gumiin” Kiristiyaanaa kun akka hundeeffamuuf jedhu argisiiseera. Du’uusaa waggaa tokko dura ergamaasaa tokkoon akkas jedhee ture: “Akkuma Phexros jechuun dhagaa jechuu ta’e, ati dhagaa dha; anis dhagaa hin sochoone kana irratti gumii koo nan ijaara, gooftummaan du’aas matumaa waldicha irratti humna hin godhatu hin mo’us.” (Maatewos 16:18) Phexrosiifi Phaawulos, dhagaan hin sochoone inni raajiidhaan dubbatame Yesus ta’uusaa sirriitti hubataniiru. Phexros, namoonni dhagaa hin sochoone kan ta’e Kiristosirratti “dhagoota jiraatoo” mana hafuraa ta’anii ijaaraman, ‘warra dhuunfaa Waaqayyoo hojii isaa isa jajamaa akka labsaniif isaan waamee’ akka ta’an barreesseera.—1 Phexros 2:4-9; Faarfannaa 118:22; Isaayaas 8:14; 1 Qorontos 10:1-4.

9. Gumiin Waaqayyoo hundeeffamuu kan jalqabe yoomi?

9 Yihowaan “warra dhuunfaa” isaa ta’an gumii Kiristiyaanaa godhee hundeessuu kan jalqabe yoomi? Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, yeroo Waaqayyo bartoota Yerusaalemitti walitti qabamanirratti hafuura qulqulluu dhangalaasetti ture. Guyyuma sana, Phexros Yihudootaafi namoota amantii Yihudiitti jijjiiramaniif haasawaa ajaa’ibsiisaa ta’e kennee ture. Baay’eensaanii Yesus du’uusaatti gaddanii waan turaniif qalbiisaanii geddarachuudhaan cuuphamaniiru. Seenaa Macaafa Qulqulluu kanarraa hubachuun akka danda’amutti, namoonni kuma sadii ta’an qalbii geddaratanii cuuphamuudhaan kutaa gumii Waaqayyoo haaraafi guddachaa jiruu ta’aniiru. (Hojii Ergamootaa 2:1-4, 14, 37-47) Yihudoonniifi namoonni amantii Yihudiitti jijjiiraman sabni Israa’el gumii Waaqayyoo ta’uunsaanii akka hafe waan hubataniif, lakkoofsi miseensota gumii haaraa kanaa dabalaa adeemeera. Kiristiyaanonni hafuuraan dibamaniifi “Israa’el Waaqayyoo” ta’an Saba Israa’el bakka bu’uudhaan gumii Waaqayyoo isa dhugaa ta’aniiru.—Galaatiyaa 6:16; Hojii Ergamootaa 20:28.

10. Yesus gumii Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?

10 Macaafni Qulqulluun, fakkeenyaaf ibsa “waa’ee Kristosii fi waa’ee waldaa kiristiyaanaa” jedhutti fayyadamuudhaan, yeroo baay’ee garaa garummaa Yesusiifi dibamtoota gidduu jiru addeessa. Yesus mataa gumii Kiristiyaanota hafuuraan dibaman kanaati. Phaawulos, Waaqayyo Yesusiin ‘waldaa kristiyaanaatiif mataa godhee akka kenneefi waldaan Kiristiyaanaas dhagna Kiristos akka ta’e’ barreesseera. (Efesoon 1:22, 23; 5:23, 32; Qolosaayis 1:18, 24) Yeroo har’aatti miseensota dibamoo gumii kanaa keessaa kan lafarratti hafan muraasasaanii qofadha. Haata’u malee, Mataasaanii kan ta’e Yesus Kiristos akka isaan jaallatu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Efesoon 5:25, “Kristos akkuma waldaa kristiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne” jechuudhaan jaalala Yesus isaaniif qabu ibsa. Akkuma Yesus yeroo lafarra turetti gochaa ture, dibamtoonnis ‘aarsaa maqaa Waaqayyoo beeksisuudhaaf afaan isanii keessaa ba’u’ dhiheessuudhaan kan muddaman waan ta’eef isaan jaallata.—Ibroota 13:15.

Hiika ‘Gumiin’ Qabu Gara Biraa

11. Caaffanni Qulqullaa’oo afaan Giriikii jecha “gumii” jedhuuf hiika lammataa maal jedhu kennu?

11 Al tokko tokko Macaafni Qulqulluun, jecha “gumii” jedhu dibamtoota miseensota 144,000 qabaniifi “Israa’el Waaqayyoo” keessatti argaman muraasasaanii qofa argisiisuuf itti fayyadama. Fakkeenyaaf, Phaawulos tuuta Kiristiyaanotaa tokkoof yeroo barreessu akkas jedheera: “Warra Yihudootaatti, warra Yihudoota hin ta’inittis yookiis waldaa kristiyaanaa Waaqayyootti gufuu hin ta’inaa!” (1 Qorontos 10:32) Kiristiyaanni gumii Qorontos durii keessa ture tokko wanta sirrii hin taane utuu raawwatee, warra tokko tokkotti gufuu ta’uunsaa akka hin oolle beekamaadha. Haata’u malee namni wanta sirrii hin taane raawwate kun Giriikota, Yihudootaafi dibamtoota yeroo sanaa kaasee hanga har’aatti jiraatan hundaa gufachiisuu danda’aa? Matumaa! Caqasa kanarratti ‘gumiin Waaqayyoo’ Kiristiyaanota yeroo tokkotti jiraatan kan argisiisu fakkaata. Kanaaf, namni tokko Waaqayyo gumicha akka geggeessu, akka deggeruufi akka eebbisu dubbachuu danda’a; kunimmoo Kiristiyaanota yeroo murtaa’e keessatti eessayyuu jiraatan hundaa kan argisiisudha. Yookiin, gammachuufi nagaa yeroo har’aa gumii Waaqayyoo jechuunis guutummaa obboloota Kiristiyaanaa gidduu jiru dubbachuu dandeenya.

12. Macaafa Qulqulluu keessatti hiikni sadaffaan jecha “gumii” jedhuuf kenname maalidha?

12 Karaa sadaffaan Macaafni Qulqulluun jecha “gumii” jedhu itti fayyadamu, Kiristiyaanota naannoowwan muraasa keessa jiraatan hundumaa kan argisiisudha. Akkas kan jedhu dubbisna: “Waldaan amantootaa Yihudaa, Galiilaa, Samaariyaa hundumaa keessatti nagaa argattee” turte. (Hojii Ergamootaa 9:31) Naannoowwan kanatti kan argamu tuuta Kiristiyaanotaa tokkoo ol ta’uyyuu, Yihudaa, Galiilaafi Samaariyaa keessa kan jiran hundi akka “gumii” tokkootti caqasamaniiru. Baay’ina namoota Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteefi isaan booda cuuphamanii yeroo ilaallu, tuuta tokkoo ooltu naannoo Yerusaalemitti yeroo hundumaa sassaabamaa ture jechuun ni danda’ama. (Hojii Ergamootaa 2:41, 46, 47; 4:4; 6:1, 7) Herodis Agriiphaa Inni Tokkoffaan hanga Dh.K.B. bara 44 du’etti Yihudaa kan bulche si’a ta’u, 1 Tasaloniiqee 2:14⁠rraa hubachuun akka danda’amutti hanga Dh.K.B. bara 50 boodaatti gumiiwwan baay’een jiru turan. Kanaaf, Herodis ‘namoota bu’aa gumii kristiyaanaa turan tokko miidhaa’ akka ture barreeffamuunsaa Yerusaalem keessatti tuutni tokkoo ol walitti qabamaa akka ture kan argisiisu ta’uu danda’a.—Hojii Ergamootaa 12:1.

13. Macaafni Qulqulluun jecha “gumii” jedhuuf hiika afuraffaa maal jedhu kenna?

13 Afuraffaa, jechi “gumii” jedhu karaa murtaa’aafi beekamaa ta’een kan itti hojjetamu yommuu ta’u, gumii tokko qofa, fakkeenyaaf Kiristiyaanota mana jireenyaa keessatti walga’an kan argisiisu ta’uu danda’a. Phaawulos “waldoota kristiyaanaa kutaa biyya Galaatiyaa” caqaseera. Bulchiinsa Roomaa bal’aa ta’e kana keessa gumii tokkoo ooltu jira ture. Phaawulos yeroo waa’ee Galaatiyaa caqasu si’a lama jecha “gumiiwwan” jedhutti kan fayyadame yommuu ta’u, kunis Anxokiyaa, Derbee, Lisxiraafi Iqoniiyum kan dabalatu ture. Gumiiwwan kana keessatti namoonni ga’eessa ta’an jaarsoliifi ilaaltoota olaanaa godhamanii muudamu turan. (1 Qorontos 16:1; Galaatiyaa 1:2; Hojii Ergamootaa 14:19-23) Akka Caaffanni Qulqullaa’oon jedhanitti, hundisaanii ‘waldaa Waaqayyoo’ turan.—1 Qorontos 11:16, NW; 2 Tasaloniiqee 1:4.

14. Karaa caqasawwan muraasarratti jechi “gumii” jedhu itti hojjetamerratti hundaa’uudhaan maal jechuu dandeenya?

14 Al tokko tokko lakkoofsi miseensota tuuta tokkoo muraasa waan ta’eef, manneen dhuunfaatti walga’uun ni danda’ama ture. Haata’u malee jechi “gumii” jedhu tuutawwan akkasiitiifis ni hojjeta ture. Gumiiwwan manneen Aqiilaafi Phirsqiilaa, Niimfaa akkasumas Filemonitti geggeeffaman akka turan beekna. (Roomaa 16:3-5; Qolosaayis 4:15; Filemon 2) Kunimmoo gumiiwwan xixiqqoo yeroo har’aatti yeroo hundumaa manneen dhuunfaatti godhamaniif madda jajjabinaa ta’a. Yihowaan akkuma gumiiwwan xixiqqoo jaarraa jalqabaatti turan simate, yeroo har’aattis kan isaan simatu ta’uusaarrayyuu hafuurasaatiin isaan eebbisa.

Gumiiwwan Yihowaa Ni Faarfatu

15. Gumiiwwan durii keessatti hojiin hafuura qulqulluu mul’achaa kan ture akkamitti?

15 Akkuma kanaan dura caqasne, Yesus Faarfannaa 22:22 raawwachuudhaan gumii keessatti Waaqayyoon faarfateera. (Ibroota 2:12) Duuka buutonnisaa amanamoo ta’anis akkumasaa godhaniiru. Jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanonni dhugaa ilmaan Waaqayyoofi obboloota Kiristos ta’uudhaaf hafuura qulqulluutiin yeroo dibaman, hafuurichi isaan keessaa tokko tokko dabalataan hojii adda ta’e akka raawwatan godheera. Kennaa hafuuraa dinqisiisaa ta’e fudhataniiru. Karaa kennaawwan hafuuraa kun itti mul’atan keessaa tokko tokko, haasawaa ogummaa ykn beekumsaan guutame dhiheessuu, fayyisuu ykn raajii dubbachuu ykn afaan hin beekne dubbachuu danda’uu ture.—1 Qorontos 12:4-11.

16. Kennaan hafuura qulqulluu dinqisiisaa ta’e kaayyoonsaa maal ture?

16 Afaan kan biraa dubbachuu ilaalchisee Phaawulos akkas jedheera: “Hafuuraan nan faarfadha, qalbii kootiinis immoo nan faarfadha.” (1 Qorontos 14:15) Wanta inni dubbaturraa namoonni barumsa akka argataniif dubbiisaa hubachuunsaanii barbaachisaa ta’uusaa beekeera. Kaayyoon Phaawulos gumii keessatti Yihowaa faarfachuu ture. Namoota kennaa hafuura qulqulluu fudhatan kaan, “Caalaatti waan waldaa kristiyaanaa cimsuun hojjechuudhaaf dhama’aa!” jechuudhaan yommuu gorsu, waa’ee gumii kennaa isaaniif kenname itti argisiisanii dubbachuusaa ture. (1 Qorontos 14:4, 5, 12, 23) Phaawulos, Kiristiyaanonni Waaqayyoon faarfachuuf carraa baay’ee akka qaban waan beekuuf, gumiiwwaniif xiyyeeffannaa akka kenne hubachuun ni danda’ama.

17. Gumiiwwan yeroo har’aa jiran ilaalchisee waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

17 Yihowaan gumiisaatti fayyadamuufi gumii kana gargaaruusaa itti fufeera. Tuuta Kiristiyaanota dibamoo yeroo har’aatti lafarra jiran eebbisaa jira. Nyaata hafuuraa hangana hin jedhamne saba Waaqayyootiif dhiheessuunsaanii kana kan mul’isudha. (Luqaas 12:42) Yihowaan gumii obbolootaa addunyaa maratti argamu eebbisaa jira. Gumiiwwan gocha keenyaanis ta’e yaada warra kaan jajjabeessu kennuudhaan Uumaa keenya itti faarfannus eebbisaa jira. Yeroo kan biraatti jechuunis yeroo walga’iiwwan gumiirratti hin argamnettis Waaqayyoon faarfachuu akka dandeenyutti gumiiwwan kanarratti barumsaafi leenjii arganna.

18, 19. Kiristiyaanonni amanamoon gumii kamiyyuu keessa jiran wanti gochuu barbaadan maalidha?

18 Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanota gumii Filiphisiiyus ishee magaalaa Maqedooniyaa keessa jirtuu yeroo gorsu wanta dubbate yaadadhaa: “Ija karaa Yesus Kristos qajeelummaa irraa argamuun guutamtanii ulfina Waaqayyoof galata isaatiifis ta’uuf jirtu.” Kunis, Yesusitti amanuusaaniifi abdii dinqisiisaa gara fuulduraatiif qaban warra kaanitti himuu kan dabalatu ture. (Filiphisiiyus 1:9-11; 3:8-11) Kanaan kan ka’e, Phaawulos Kiristiyaanota hidhata amantiisaa ta’an akkas jedhee gorseera: “Egaa kottaa karaa isaa utuu gargar hin kutin, aarsaa galataa Waaqayyoof in dhi’eessinaa! Aarsichis maqaa isaa beeksisuudhaaf wanta afaan keenya keessaa ba’uu dha.”—Ibroota 13:15.

19 Akkuma Yesus godhe “waldaa keessatti” Waaqayyoon faarfachuun, akkasumas namoota isa hin beekneefi isa faarfachuu hin jalqabne duratti afaan keetiin Yihowaa faarfachuun si gammachiisaa? (Ibroota 2:12; Roomaa 15:9-11) Deebiin dhuunfaadhaan kenninu, hamma tokko ga’ee gumiin keenya kaayyoo Waaqayyoo keessatti raawwatu ilaalchisee wanta nutti dhaga’amurratti kan hundaa’edha. Mataduree ittaanurratti, Yihowaan akkamitti gumii akka geggeessuufi akka itti fayyadamu, akkasumas yeroo har’aatti gumiin jireenya keenya keessatti gahee maalii akka qabu ilaalla.

Ni Yaadattaa?

• Kiristiyaanonni dibamoon ‘gumii Waaqayyoo’ ta’an kan hundeeffaman akkamitti?

• Macaafni Qulqulluun jecha “gumii” jedhutti karaawwan dabalataa sadiin kan itti fayyadame akkamitti?

• Gumii ilaalchisee, Daawit, Yesusiifi Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa maal gochuu barbaadu turan? Kunoo nurratti dhiibbaa maalii geessisuu qaba?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]