Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dulluma Keessa Karaa Hafuuraa Ija Godhachuu

Dulluma Keessa Karaa Hafuuraa Ija Godhachuu

Dulluma Keessa Karaa Hafuuraa Ija Godhachuu

‘Warri akka biqiltuu mana Waaqayyoo keessa dhaabaman, dulluma keessayyuu ija in godhatu.’ —FAARFANNAA 92:13, 14.

1, 2. (a) Dullumni yeroo baay’ee akkamitti ibsama? (b) Bu’aa cubbuun Addaam fide ilaalchisee, Caaffanni Qulqullaa’oon abdii akkamii kennu?

DULLUMA yeroo jedhamu maaltu sammuukeetti dhufa? Gogaa shuntuuree? Gurra dhaga’uun isa rakkisuu? Harkaafi miilla hollatuu? Moo kutaa ‘bara hamaa’ Lallaba 12:1-7⁠rratti bal’inaan ibsame kan biraatu sitti mul’ata? Akkas taanaan, ibsi Lallaba boqonnaa 12⁠rratti kenname, waa’ee dulluma isa akka kaayyoo Yihowaatti utuu hin ta’in cubbuu Addaamirraa dhaalleen qaama keenyarratti dhufuu akka dubbatu hubachuun keenya barbaachisaadha.—Roomaa 5:12.

2 Yeroo dheeraadhaaf jiraachuuf dirqama waggoonni baay’een darbuu waan qabaniif, dullumni mataasaatti abaarsa miti. Dhugaadha, guddinniifi bilchinni, amala wantoota lubbu qabeeyyii ta’an hundaaf barbaachisaa ta’edha. Badiisni cubbuufi gonkummaa dhabuu waggoota kuma ja’aaf nurra tureen ga’e, yeroo dhihootti wanta irraanffatamee darbe ta’a. Ilmaan namootaa ajajamoo ta’an hundi, akka kaayyoo Waaqayyootti jireenya dhibee dullumaafi du’arraa walaba ta’e ni jiraatu. (Uumama 1:28; Mul’ata 21:4, 5) Yeroo sanatti “namni tokko illee, ‘Na dhukkuba’ kan jedhu hin jiru.” (Isaayaas 33:24) Warri dullooman ‘akka bara dargaggummaasaaniitti ni deebi’u,’ ‘dhagni isaaniis kan saafelaa caalaatti ni haara’a.’ (Iyoob 33:25) Ammasitti garuu namni hundumtuu cubbuu Addaamirraa dhaalee wajjin qabsaa’uunsaa dirqamadha. Haata’u malee, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo dulloomaa deemanitti karaawwan adda ta’aniin eebba ni argatu.

3. Kiristiyaanonni ‘dulluma keessayyuu ija godhachuu’ kan danda’an karaawwan kamiini?

3 Dubbiin Waaqayyoo, ‘warri akka biqiltuu mana Waaqayyoo keessa dhaabaman dulluma keessayyuu ija akka godhatan’ nuu mirkaneessa. (Faarfannaa 92:13, 14) Faarfatichi fakkeenyaan akkas jedhee dhugaasaa dubbachuunsaa, tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo ta’an, qaamnisaanii dadhabaa deemuyyuu karaa hafuuraa guddachuu, lalisuufi badhaadhuusaanii akka itti fufan argisiisa. Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu keessa jiranis ta’e bara keenyatti argaman baay’een, kun dhugaa ta’uusaa argisiisu.

“Mana Qulqullummaa Keessaa Utuu Hin Dhabamin”

4. Haannaan raajittiin maanguddoo turte, Waaqayyoof kan bulte ta’uushee kan argisiiste akkamitti? Kan eebbifamtehoo akkamitti?

4 Haannaa ishee raajii turte yaadadhaa. Yeroo umriinshee waggaa 84 turetti, “yeroo yerootti soomaa, halkanii fi guyyaa kadhachaa, mana qulqullummaa keessaa utuu hin dhabamin Waaqayyoof sagadaa in hojjetti turte.” Haannaan abbaanshee gosa Lewwii utuu hin ta’in “gosa Asheer keessaa” waan tureef, mana qulqullummaa keessa jiraachuu hin dandeessu turte. Aarsaa ganama dhihaatu kaasee hamma aarsaa gara galgalaa dhihaaturratti argamuuf guyyaa guyyaadhaan gara mana qulqullummaa dhaquun carraaqqii akkamii akka ishee gaafatu yaadaa! Haannaan nama Waaqayyoof bulte ta’uusheetiin baay’ee eebbifamteetti. Yeroo Yoseefiifi Maariyaam akka Seerichaatti mucaasaanii Yesusiin Yihowaa duratti dhiheessuuf gara mana qulqullummaatti isa fidanitti, Haannaan achitti argamuuf mirga argatteetti. Haannaan Yesusiin ennaa argitu, “Waaqayyoon galateeffachaa warra furii Yerusaalem eeggatan hundumaatti waa’ee mucichaa dubbatte.”—Luqaas 2:22-24, 36-38; Lakkoobsa 18:6, 7.

5, 6. Yeroo har’aa namoonni dullooman baay’een ilaalcha akka Haannaa akka qaban argisiisaa kan jiran akkamitti?

5 Obboloonni dulloomoon yeroo har’aa nu gidduutti argamanis, yeroo hundumaa walga’iirratti argamuudhaan, waaqeffannaan dhugaa akka dagaagu garaadhaa kadhannaa dhiheessuudhaan, akkasumas misiraachicha lallabuuf fedhii guddaa qabaachuudhaan fakkeenya Haannaa hordofu. Obboleessi umriinsaa waggoota 80 keessatti argamuufi haadha manaasaa wajjin yeroo hundumaa walga’iirratti argamu tokko akkas jedheera: “Walga’ii dhaquu amaleeffanneerra. Bakka biraa kamittiyyuu argamuu hin barbaannu. Argamuu kan barbaannu bakka sabni Waaqayyoo argamanitti. Yaaddoo tokko malee jiraachuu kan dandeenyu bakka kanadha.” Fakkeenya nama jajjabeessu mitii?—Ibroota 10:24, 25.

6 “Wanti waaqeffannaa dhugaa wajjin wal qabate yoo jiraateefi kanan ani irratti hirmaachuu danda’u yoo ta’e, nan hirmaadha.” Kun wanta Jiin isheen umriinshee waggoota 80 keessatti argamuufi dubartii abbaan manaa irraa du’e taate dubbattedha. Akkas jechuudhaan itti fufteetti: “Yeroon itti gaddu jira, garuu namni na bira jiru hundi gadda koorraa akka hirmaatu gochuu hin barbaadu.” Obboleettiin kun qophiiwwan hafuuraa nama jajjabeessanirratti argamuuf biyyoota kan biraa dhaquun hammam akka ishee gammachiise yeroo dubbattu gammachuun itti dhaga’ame fuulasheerraa beekama ture. Namoota yeroo dhihootti ishee wajjin karaa deemaniin, “Kana booda iddoo akkamiiyyuu daawwachuu hin barbaadu; tajaajiluun barbaada!” jetteetti. Jiin afaan naannoo sanaa dubbachuu baattuyyuu, namoonni ergaa Macaafa Qulqulluutiif fedhii akka qabaatan gochuu dandeesseetti. Kana malees, afaan hin beekne barachuufi gumiirratti argamuuf dhaqaa gala sa’aatii lama miilaan deemuun ishee barbaachisuyyuu, waggoota hedduudhaaf gumii gargaarsi isa barbaachisuu wajjin tajaajilteetti.

Sammuun Hojjechuusaa Akka Itti Fufu Gochuu

7. Museen dulluma keessas walitti dhufeenyi inni Waaqayyoo wajjin qabu akka cimu fedhuusaa kan argisiise akkamitti?

7 Jireenya keessatti muuxannoon kan argamu yeroon darbaa ennaa adeemudha. (Iyoob 12:12) Guddinni hafuuraa garuu akkasumatti umriidhaan kan argamu miti. Kanaafuu, tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo ta’an beekumsa kanaan dura kuufatanitti amanamuu mannaa waggaan yeroo darbaa adeemutti ‘beekumsa baay’ifachuuf’ ni carraaqu. (Fakkeenya 9:9) Yeroo Yihowaan hojii isaaf kennetti Museen nama waggaa 80 ture. (Ba’uu 7:7) Museen, “barri jireenya keenyaa waggaa torbaatama, yoo baay’ates waggaa saddeettama” jedhee waan barreesseef, barasaatti umrii sana hunda jiraachuun kan barame hin turre. (Far. 90:10) Ta’uyyuu, Museen baay’ee waan dulloomeef barachuu akka hin dandeenye isatti hin dhaga’amne. Mirga baay’ee argatee Yihowaa tajaajiluudhaan, akkasumas itti gaafatamawwan hedduu ulfaataa ta’an qabaachuudhaan, waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilaa erga turee booda, “Akkan si beekutti . . . hadaraa karaa kee anatti argisiisi!” jechuudhaan Yihowaa kadhatee ture. (Ba’uu 33:13) Museen yeroo hundumaa walitti dhufeenyi inni Yihowaa wajjin qabu caalaatti akka cimu hawwa ture.

8. Daani’el umrii waggoota 90 keessa utuu jiruu sammuunsaa hojjechuu akka itti fufu kan godhe akkamitti? Bu’aansaa maal ture?

8 Daani’el raajichi yeroo umriinsaa tarii waggoota 90 keessa turetti, barreeffamoota qulqullaa’oo gadi fageenyaan qorachaa ture. Qorannaan “caaffata qulqullaa’oo” tarii Macaafa Lewwootaa, Isaayaas, Ermiyaas, Hose’aafi Amos dabalatan qayyabachuudhaan godhe, kadhannaa garaadhaa maddeen Yihowaa barbaaduuf isa kakaaseera. (Daani’el 9:1, 2) Kadhannaansaa sun, ergaa Masiihichaafi haala waaqeffannaa dhugaa gara fuulduraa ilaalchisee hafuura qulqulluudhaan isatti himameen deebii argateera.—Daani’el 9:20-27.

9, 10. Obboloonni tokko tokko sammuunsaanii hojjechuusaa akka itti fufuuf maal godhaniiru?

9 Akkuma Museefi Daani’el, nuyis dhimmawwan hafuuraarratti xiyyeeffachuudhaan bara jireenyaa keenya hundatti sammuun keenya hojjechuusaa akka itti fufu gochuuf carraaquu dandeenya. Obboloonni baay’een akkas gochaa jiru. Jaarsi gumii Waarz jedhamuufi umrii waggoota 80 keessatti argamu, nyaata hafuuraa “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” dhiheessu hordofee dubbisuuf carraaqqii godha. (Maatewos 24:45) “Dhugaadhaaf bakka guddaan kenna; ifni dhugaa caalaatti ifaa yeroo adeemu arguun na gammachiisa” jedheera. (Fakkeenya 4:18) Haaluma wal fakkaatuun, Fireed inni tajaajila yeroo guutuudhaan waggaa 60 dabarse, obboloota hidhata amantiisaa ta’anii wajjin Macaafa Qulqulluurratti mari’achuuf dursa fudhachuun karaa hafuuraa akka nama jajjabeessu hubateera. Akkas jedha: “Yaanni Macaafa Qulqulluu sammuukoo keessa akka jiraatu gochuun qaba. Macaafni Qulqulluun hiika akka siif qabaatu yoo gooteefi waan baratte ‘dubbii sirrii’ wajjin yoo wal simsiiste, beekumsa muraasa qofa hin qabaattu. Yoo akkas goote, odeeffannoon beektu hundi iddoo iddoosaatti yommuu galu hammam akka miidhagu hubachuu dandeessa.”—2 Ximotewos 1:13.

10 Namni tokko dulloomuunsaa wantoota haaraafi ulfaataa ta’an barachuurraa isa ittisa jechuun hin danda’amu. Namoonni umriinsaanii waggoota 60, 70fi 80 keessatti argaman, wallaalummaa keessaa ba’uu ykn afaan hin beekne barachuu danda’aniiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko, namoota biyya adda addaarraa dhufaniif misiraachicha lallabuuf jecha akkas godhaniiru. (Maarqos 13:10) Haariifi haati manaasaa naannoo afaan Poortugaal dubbatamutti tajaajiluudhaan gargaarsa gochuuf yommuu murteessan umriinsaanii dhuma waggoota 60 keessa ture. Haariin, “Dhugaasaa dubbachuuf, hojiin dulluma keessa hojjetan hundumtuu ulfaataadha” jedheera. Ta’uyyuu, carraaqqii gochuufi obsa qabaachuudhaan afaan Poortugaaliin Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu danda’eera. Haariin waggoota baay’eedhaaf walga’ii koonyaarratti afaan barate kanaan haasawaa kennaa tureera.

11. Wanta namoonni amanamoon dullooman raawwatanirratti kan mari’annu maaliifi?

11 Wantoota rakkisaa akkasii kana raawwachuuf fayyaafi haala mijaa’aa kan qabu nama hundumaa miti. Wantoota namoonni dullooman tokko tokko raawwatanirratti kan mari’annu maaliifiree? Warri dullooman hundi wanta akkasii raawwachuuf carraaquu qabu jechuuf akka hin taane beekamaadha. Kanaa mannaa, wanta Phaawulos Kiristiyaanota Ibrootaatiif jaarsolii gumii amanamoo ta’an ilaalchisee barreessee wajjin haala wal simuunidha. Akkas jedhe: “Attamitti akka jiraatan akka du’anis, jireenya isaanii keessaa wanta argames ilaalaa, fakkeenya amantii isaanii fudhadhaa duukaa bu’aa!” (Ibroota 13:7) Fakkeenya namoota hinaaffaa qaban akkasiirratti yoo xiinxalle, amantaa cimaa obboloota dullooman kana tajaajila Waaqayyoo akka raawwatan isaan kakaasu hordofuuf jajjabina arganna. Haariin inni amma umriinsaa 87 ta’e, wanta isa kakaase ennaa ibsu akkas jedheera: “Waggoota na hafanitti akka gaariitti fayyadamuufi hamma danda’ame tajaajila Yihowaarratti hirmaachuun barbaada.” Fireed inni armaan olitti caqasame, hojii Bet’elitti isaaf kenname raawwachuudhaan gammachuu guddaa argachaa jira. “Karaa kamiin Yihowaa yoo tajaajilte akka wayyu hubachuufi tajaajila sanaan itti fufuu qabda” jedheera.

Haalawwansaanii Jijijjiiramaniyyuu Waaqayyoof Bulaniiru

12, 13. Baarzilaayi haalawwansaa jijjiiramaniyyuu Waaqayyoof kan bule ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

12 Jijjiirama qaamaa amananii fudhachuun ulfaataa ta’uu danda’a. Haata’u malee, qaamarratti jijjiiramni jiraatuyyuu Waaqayyoof kan bulan ta’uun ni danda’ama. Baarzilaayi Giil’aadichi karaa kanaan fakkeenya gaarii ta’a. Yeroo umriinsaa waggaa 80 turetti, yommuu Abiishaalom hammaatee turetti Daawitiifi humna waraanaasaatiif nyaataafi bakka bultii qopheessuudhaan haala adda ta’een isaan keessumsiiseera. Daawit gara Yerusaalemitti ennaa deebi’u, Baarzilaayi hamma laga Yordaanositti Daawitiifi namootasaa geggeesseera. Daawit Baarzilaayi miseensa maatii mana mootummaasaa akka ta’u isa afeeree ture. Baarzilaayi maal jedhe? “Ani amma nama waggaa saddeettamaa ti; wanta gaarii fi wanta hamaa gargar baasee beekuu nan danda’aa ree? Ani garbichi kee wanti ani nyaadhuu fi wanti ani dhugu in miyaa’aa fi hin miyaa’uu isaa beekee nan himaa ree? Ani si’achi sagalee dhiirotaa fi dubartoota weeddisanii dhaggeeffachuu nan danda’aa ree? . . . Garuu Kiimhaam garbichi kee as jira! Inni si gooftaa koo wajjin ce’ee haa dhaqu! Wanta gaarii ta’ee sitti mul’ate isaaf godhi!”—2 Saamu’el 17:27-29; 19:31-40.

13 Baarzilaayi haallisaa jijijjiiramuyyuu, mootii Yihowaan dibe deggeruuf waan danda’u godheera. Dandeettiin dhandhamuufi dhaga’uusaa akka kanaan duraa akka hin taane hubatuyyuu kanatti hin aarre. Kanaa mannaa Baarzilaayi ofittummaarraa fagaatee faayidaa inni argachuuf ture sana Kiimhaam akka fudhatu yaada dhiheessuudhaan, namummaansaa kan akkamii akka ture argisiiseera. Akkuma Baarzilaayi, yeroo har’aas namoonni dullooman baay’een amala ofittummaarraa walaba ta’eefi arjummaa argisiisu. ‘Waaqayyo aarsaa akkasiitti akka gammadu’ waan beekaniif, waaqeffannaa dhugaa deggeruuf waan danda’an ni godhu. Namoonni amanamoon nu gidduu jiraachuunsaanii eebba guddaa mitii?—Ibroota 13:16.

14. Daawit kan dulloome ta’uunsaa, jechoonni Faarfannaa 37:23-25irratti ibsaman caalaatti hiika akka qabaatan kan godhe akkamitti?

14 Haalli Daawit waggoota hedduu keessatti al baay’ee kan jijijjiirame ta’uyyuu, eegumsi Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo ta’aniif godhu tasumaa akka hin jijjiiramne amanuusaa hin dhiisne. Daawit gara xumura jireenyasaatti faarfannaa yeroo ammaatti Faarfannaa 37 jedhamee beekamu qindeesseera. Daawit kiraara qabatee akkas jechuudhaan ennaa faarfatu yaadaa: “Ejjennaan namaa inni Waaqayyo jabeessu isa biraa in ka’a; karaan isaa sunis gooftaatti in tola. Waaqayyo harka isaa qabee waan isa eeguuf, inni yoo kufe iyyuu, lafa hin ga’u. Dargaggummaa argeera, dulluma biras ga’eera; garuu namni qajeelaan utuu gatamuu, ijoolleen isaas waan nyaatan dhabanii utuu kadhatanii ani takkaa argee hin beeku.” (Faarfannaa 37:23-25) Yihowaan faarfannaa hafuurasaatiin barreeffame kana keessatti waa’een umrii Daawit ibsamuunsaa gaarii akka ta’e yaadeera. Kun ta’uunsaa, jechoonni garaadhaa dubbataman kun hiika akka qabaatan godheera.

15. Yohannis ergamaan haalawwan tokko tokko kan jijjiiramaniifi kan dulloome ta’uyyuu, amanamummaa argisiisuudhaan fakkeenya gaarii kan ta’u akkamitti?

15 Yohannis ergamaan haallisaa jijjiiramuufi dulloomuyyuu amanamummaa argisiisuudhaan fakkeenya isa kan biraadha. Yohannis waggoota gara 70 ta’aniif Waaqayyoon erga tajaajilee booda, ‘Dubbii Waaqayyoo duukaa wanta Yesus dhugaa ba’e duukaas waan bu’eef,’ biyya bishaan keessaa Phaaximoo jedhamtu keessatti hidhamee ture. (Mul’ata 1:9) Hojiinsaa garuu hin xumuramne ture. Barreeffamoonni Macaafa Qulqulluu Yohannis barreesse hundiyyuu gara dhuma umriisaatti barreeffaman. Biyya bishaan keessaa kan taate Phaaximoo keessa yeroo turetti, Mul’ata ulfina qabeessa ta’e argee kan ture si’a ta’u, innis Mul’ata kana of eeggannoodhaan barreesseera. (Mul’ata 1:1, 2) Mana hidhaatii kan gadhiifame bara bulchiinsa Narva isa Mootii Moototaa Roomaa tureetti akka ta’e yaadama. Sana booda, Yohannis naannoo Dh.K.B bara 98⁠tti tarii yeroo umriinsaa 90 ykn 100 ta’utti Wangeelaafi ergaawwan maqaasaatiin moggaafaman barreesseera.

Seenaa Jabinaa Yeroon Itti Hin Darbine

16. Namoonni dandeettii warra kaan wajjin itti walii galan dhabaniyyuu, Yihowaadhaaf kan bulan ta’uusaanii akkamitti argisiisuu danda’u?

16 Humni keenya haalaafi sadarkaa adda addaatiin ni daangeffama. Fakkeenyaaf, namoonni tokko tokko dandeettii yaadasaanii itti ibsan dhabaniiru. Ta’uyyuu, jaalalaafi gaarummaa Waaqayyo isaanitti argisiise yaadachuudhaan gammadu. Wanti afaansaaniitiin dubbachuu danda’an daangeffamuyyuu, garaasaaniitti Yihowaadhaan akkas jechaa jiru: “Ani seera kee attam nan jaalladha! Ani guyyaa guutuu irra-deddeebi’ee itti nan yaada.” (Faarfannaa 119:97) Yihowaanis “warra maqaa isaatiif ulfina kennan” beeka; akkasumas jarri kun ilmaan namootaa hedduu daandiisaatiif dhimma hin qabnerraa hammam adda akka ta’an ni hubata. (Miilkiyaas 3:16; Faarfannaa 10:4) Wanti garaa keenyatti yaannu Yihowaa akka gammachiisu beekuun keenya nu hin jajjabeessuu?—1 Seenaa 28:9; Faarfannaa 19:14.

17. Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo dheeraadhaaf isa tajaajilan wanta dhugumaan adda ta’e akkamii argataniiru?

17 Wanti irraanfatamuu hin qabne kan biraanimmoo, Kiristiyaanonni waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif Yihowaa tajaajilaa turan wanta adda ta’eefi karaa kan biraa kamiiniyyuu argamuu hin dandeenye, jechuunis seenaa yeroon itti hin darbine galmeessisuusaaniiti. Yesus, “Egaa rakkina obsuu keessaniin jireenya keessan isa dhugaa in argattu” jedheera. (Luqaas 21:19) Jireenya bara baraa argachuuf rakkina obsuun barbaachisaadha. Isin warri “jaalala Waaqayyoo gootanii” amanamoo ta’uu keessan akkaataa jireenya keessaniitiin mirkaneessitan, “isa Waaqayyo abdachiise argachuudhaaf” eeggachuu ni dandeessu.—Ibroota 10:36.

18. (a) Warra dulloomanii wajjin haala wal qabateen Yihowaan maal arguu barbaada? (b) Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii qayyabanna?

18 Wanti gochuu dandeessan hammamiyyuu yoo baay’ate ykn yoo xinnaate, Yihowaan tajaajila garaa guutuudhaan dhiheessitaniif bakka guddaa kenna. Namni tokko yeroo dulloomu ‘namummaasaa isa bakkeetti mul’aturra’ wanti akkamiyyuu yoo ga’e, ‘namummaansaa inni keessaa’ guyyaa guyyaadhaan ni haaroma. (2 Qorontos 4:16) Yihowaan wanta kanaan dura raawwattaniif bakka guddaa akka kennu homaa hin shakkisiisu. Ta’uyyuu, wanta yeroo ammaatti maqaasatiif jecha gochaa jirtaniifis bakka guddaa akka kennu beekamaadha. (Ibroota 6:10) Mataduree ittaanurratti, faayidaa guddaa amanamummaan akkasii argamsiisu ilaalla.

Maal Jettee Deebista?

• Haannaan Kiristiyaanota dullooman yeroo har’aatti argamaniif fakkeenya akkamii taati?

• Dullumni qofaan wanta namni tokko raawwachuu danda’u ni daangessa kan hin jedhamne maaliifi?

• Namoonni dullooman Waaqayyoof kan bulan ta’uusaanii itti fufuu kan danda’an akkamitti?

• Yihowaan tajaajila warri dullooman isaaf dhiheessan akkamitti ilaala?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]