Maanguddoonni Dargaggoota Ni Jajjabeessu
Maanguddoonni Dargaggoota Ni Jajjabeessu
“Irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo ta’e illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!”—FAARFANNAA 71:18.
1, 2. Tajaajiltoonni Waaqayyoo warri dullooman maal hubachuu qabu? Amma waa’ee maalii ilaalla?
JAARSI GUMII Lixa Afriikaa keessa jiraatu tokko obboleessa dibamaa dulloome tokko daawwachuu dhaqee, “Akkam jirta?” jedhee nagaa isa gaafate. Obboleessis deebisee, waan dubbatu hojiidhaan argisiisuuf yaaluudhaan “Fiiguu nan
danda’a, burraaquu nan danda’a, utaaluu nan danda’a” jedheen. Itti dabalees, “Balali’uu garuu hin danda’u” jechuudhaan dubbateera. Wanti inni jechuu barbaade ifa ture. ‘Wantan gochuu danda’u gammachuudhaan nan godha, wantan hin dandeenye garuu hin godhu’ jechuusaa ture. Jaarsi gumii obboleessa kana daawwate sun amma umriinsaa waggoota 80 keessa kan jiru yommuu ta’u, obboleessi sun taphataa ta’uusaafi amanamummaasaa akka gaariitti yaadata.2 Amalli gaariin warri dullooman argisiisan, warra kaanirratti dhiibbaa gaarii yeroo dheeraadhaaf turu geessisuu danda’a. Namni tokko dulluma qofaan ogummaa qabaachuus ta’e amala akka Kiristos horachuu hin danda’u. (Lallaba 4:13) Macaafni Qulqulluun, “harriin gonfoo ulfinaa ti, barri dheeraan gatii qajeelinaa ti” jedha. (Fakkeenya 16:31) Kiristiyaana dulloomte yoo taate, wanti dubbattuufi gootu warra kaanirratti dhiibbaa guddaa geessisuu akka danda’u hubatteettaa? Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu warri dullooman akkamitti dargaggoota jajjabeessuu akka danda’an argisiisan tokko tokko haa ilaallu.
Amantii Bu’aa Guddaa Qabu
3. Amantaan Nohi, namoota amma jiraatan hundarratti dhiibbaa kan geessise akkamitti?
3 Amantiiniifi jabinni Nohi argisiise namoota yeroo ammaatti jiraannus fayyadeera. Nohi markaba ennaa ijaaru, bineensota yommuu walitti qabuufi yeroo lallabu umriinsaa gara waggaa 600 ture. (Uumama 7:6; 2 Phexros 2:5) Nohi nama Waaqayyoon sodaatu waan tureef, inniifi maatiinsaa Bishaan Badiisaa isa guddaarraa ooluu danda’aniiru; kana malees Nohi namoota amma jiraatan hundaaf abbaa ta’uu danda’eera. Nohi kan jiraate yeroo namoonni bara dheeraadhaaf jiraatanitti ta’uunsaa dhugaadha. Ta’uyyuu, yeroo umriinsaa baay’ee deemee turettillee amanamummaadhaan itti fufuunsaa eebba guddaa isaaf argamsiiseera. Akkamitti?
4. Jabinni Nohi argisiise yeroo har’aa tajaajiltoota Waaqayyoo kan fayyade akkamitti?
4 Yeroo Naamrud ajaja Yihowaan “lafas guutaa” jechuudhaan kenne mormuudhaan Gamoo Baabel ijaaruu jalqabetti, Nohi nama gara waggaa 800 ture. (Uumama 9:1; 11:1-9) Haata’u malee, Nohi hammeenya Naamrudirratti hirmaannaa hin qabu ture. Kanaafuu qooqni namoota hammaatan sanaa ennaa mammakamu, qooqni Nohi kan hin jijjiiramne fakkaata. Amantiiniifi jabinni Nohi yeroo dulloometti qofa utuu hin ta’in umriisaa guutuu argisiise, amala tajaajiltoonni Waaqayyoo umrii kamirrattiyyuu argaman hordofuu qabanidha.—Ibroota 11:7.
Dhiibbaa Maatii Keessatti Geessisan
5, 6. (a) Abrahaam nama waggaa 75 yeroo turetti Yihowaan maal akka godhu isa ajaje? (b) Abrahaam ajaja Waaqayyootiif deebii akkamii kenne?
5 Dhiibbaan maanguddoonni amantii miseensota maatiisaaniirratti geessisuu danda’an, jireenya abbootii amantaa bara Nohi booddee turaniirratti mul’achuu danda’a. Abrahaam yeroo Waaqayyo akkas isaan jedhu umriinsaa waggaa 75 ture: “Biyya kee keessaa, lammii kee keessaa, maatii abbaa kee keessaas ba’iitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi! Ani saba guddaa sin godha, sin eebbisa, maqaa kee nan guddisa, eebbas in taata.”—Uumama 12:1, 2.
6 Manakee, hiriyootakee, biyya itti dhalatteefi firootakee dhiistee biyya hin beekne akka dhaqxu utuu sitti himamee maaltu sitti dhaga’ama? Abrahaam akkas akka godhu isatti himamee ture. “Akkuma Waaqayyo isatti dubbatetti ka’ee in adeeme;” jireenyasaa isa hafettis biyya Kana’aan keessa ormaafi godaantuu ta’ee dunkaana keessa jiraate. (Uumama 12:4; Ibroota 11:8, 9) Yihowaan Abrahaamiin “saba guddaa” akka isa godhu dubbatuyyuu, inni kan du’e sanyiinsaa baay’achuusaa yeroo dheeraa duradha. Haati manaasaa Saaraayi, mucaa tokko, jechuunis Yisihaq qofa kan deesseef si’a ta’u, innis Abrahaam Biyyattii Abdachiifamte keessa waggaa 25 erga turee boodadha. (Uumama 21:2, 5) Ta’uyyuu Abrahaam abdii kutatee gara magaalaa itti dhalateetti hin deebine. Fakkeenya amantiifi jabinaa akkamiitii!
7. Abrahaam amantiidhaan jabaachuunsaa ilmasaa Yisihaqirratti dhiibbaa akkamii geessiseera? Ilmaan namaatiif bu’aa maalii argamsiise?
7 Jabinni Abrahaam ilmasaa Yisihaqirratti dhiibbaa cimaa waan geessiseef, Yisihaqis jireenyasaa guutuu jechuunis waggaa 180f biyya Kana’aan keessa orma ta’ee jiraateera. Jabinni Yisihaq, amantaa inni abdii Waaqayyo kennerratti qaburratti kan hundaa’e yommuu ta’u, amantiin kunis haadhaafi abbaasaa warra dulloomanirraa kan argateefi boodas wanta Yihowaan isatti dubbateen kan jabaatedha. (Uumama 26:2-5) Jabinni Yisihaq argisiise, ‘hiddi’ ilmaan namootaa ittiin eebbifaman maatii Abrahaam keessaa dhufuusaa ilaalchisee abdiin Yihowaan kenne akka raawwatamu godheera. Waggoota dhibbaan lakkaa’amaniin booda, Yesus Kiristos inni kutaa “hidda” sanaa isa duraa ta’e, namoonni isatti amanan hundi Waaqayyoo wajjin araaramanii jireenya bara baraa akka argatan karaa baneeraaf.—Galaatiyaa 3:16; Yohannis 3:16.
8. Yaaqoob amantii cimaa qabaachuusaa kan argisiise akkamitti? Bu’aansaa maal ture?
8 Yisihaqis, ilmisaa Yaaqoob amantii cimaa bara dullumaa keessatti eegumsa isaaf ta’e akka qabaatu isa gargaareera. Yaaqoob eebba argachuuf jecha ergamaa tokkoo wajjin halkan guutuu wal’aansoo yeroo wal qabe sanatti umriinsaa waggaa 97 ture. (Uumama 32:24-28) Yaaqoob waggaa 147tti du’uusaa dura, ilmaansaa 12n tokko tokkoon eebbisuuf of jajjabeessee ture. (Uumama 47:28) Raajiin Yaaqoob dubbate inni Uumama 49:1-28rratti galmeeffamee jiru, dhugaa akka ta’e kan mirkanaa’e ta’uusaarrayyuu, yeroo ammaattis raawwatamaa jira.
9. Dhiibbaa maanguddoonni karaa hafuuraa cimoo ta’an maatiisaaniirratti geessisan ilaalchisee maal jechuutu danda’ama?
9 Kanaafuu, maanguddoonni amanamoon tajaajiltoota Waaqayyoo ta’an, miseensota maatiisaaniirra dhiibbaa gaarii geessisuu akka danda’an beekamaadha. Qajeelfamni Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’eefi gorsi ogummaa, akkasumas jabina qabaachuudhaan fakkeenya ta’uun, mucaan tokko amantii jabaa qabaatee akka guddatuuf gargaarsa guddaa gochuu danda’a. (Fakkeenya 22:6) Warri dullooman maatiisaaniirratti dhiibbaa cimaa gaarii ta’e geessisuu akka danda’an dagachuu hin qaban.
Dhiibbaa Namoota Hidhata Amantiisaanii Ta’anirratti Geessisan
10. Yoseef ‘waa’ee awwaala lafee isaa Israa’elootatti maal hime?’ Kunoo bu’aa maalii argamsiise?
10 Maanguddoonni namoota hidhata amantiisaanii ta’anirrattis dhiibbaa gaarii geessisuu ni danda’u. Amantiin Yoseef ilmi Yaaqoob bara dullumaasaatti argisiise, waaqeffattoota dhugaa isa booda jiraataniifi miliyoonaan lakkaa’amanirratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Yoseef yeroo ‘waa’ee awwaala lafee isaa Israa’elootatti hime’ jechuunis dhumarratti Gibxii yommuu ba’an lafeesaa fuudhanii akka deeman ennaa isaanitti hime umriinsaa waggaa 110 ture. (Ibroota 11:22; Uumama ) Ajajni inni isaaniif kenne kun, sabni Israa’el erga Yoseef du’ee booda waggoota baay’ee garbummaa cimaa jala turanitti yeroon itti birmaduu ba’an akka dhufu isaaniif mirkaneesseera. 50:25
11. Museen maanguddichi Iyaasuurratti dhiibbaa akkamii geessisee ta’uu qaba?
11 Namoota wanta Yoseef dubbateen jajjabina argatan keessaa tokko Musee ture. Museen umriinsaa waggaa 80 yommuu turetti, lafee Yoseef fuudhee biyya Gibxiitii baasuuf mirga argatee ture. (Ba’uu 13:19) Yeroo sanaatti Museen Iyaasuu isa isarra baay’ee ijoollee ta’ee wajjin wal arge. Waggoota 40 sanaan booda turanitti Iyaasuun gargaartuu Musee ta’ee tajaajileera. (Lakkoobsa 11:28) Yeroo Museen tulluu Siinaarra ba’etti Iyaasuun isaa wajjin kan deeme si’a ta’u, hamma Museen gabatoota dhuga-baatuu qabatee bu’uttis achumatti isa eegeera. (Ba’uu 24:12-18; 32:15-17) Iyaasuun Musee maanguddicharraa gorsa cimaafi ogummaa guddaa argatee ture.
12. Iyaasuun hamma lubbuudhaan jiraatetti, sabni Israa’el waan gaarii akka godhu dhiibbaa kan godhe akkamitti?
12 Iyaasuunis bara jiraate hundumaatti saba Israa’el jajjabeesseera. Abboonni Firdii 2:7 akkas jedha: “Guutummaa bara Iyaasuu fi bara jaarsoliin warri isa booddee hafanii hojii guddaa Waaqayyo saba Israa’eliif godhe hundumaa argan jiraatanitti, sabni sun Waaqayyoof hojjechaa turan.” Haata’u malee, Iyaasuuniifi maanguddoonni kaan erga du’anii booda hamma bara Saamu’elitti waggoota 300f waaqeffannaa dhugaafi sobaa gidduutti garaan sabichaa hiramee ture.
Saamu’el ‘Waan Qajeelaa Hojiirra Oolcheera’
13. Saamu’el ‘waan qajeelaa hojiirra oolchuuf’ maal godheera?
13 Macaafni Qulqulluun Saamu’el waggaa meeqatti akka du’e hin dubbatu. Haata’u malee, seenaan Macaafa Saamu’el Isa Duraa keessatti ibsame gara waggaa 102 kan fudhatu yommuu ta’u, seenaawwan kana keessaa baay’eensaanii yommuu raawwataman Saamu’el lubbuudhaan jira ture. Ibroota 11:32, 33rratti, abboonni firdiifi raajonni qajeeloon “waan qajeelaa hojii irra oolchanii” akka turan dubbisna. Eeyyee, Saamu’el namoonni barasaatti turan tokko tokko balleessaa hojjechuurraa akka fagaatan dhiibbaa isaanirra geessisee ture. (1 Saamu’el 7:2-4) Kana kan godhe akkamitti? Bara jireenyaasaa hundatti Yihowaadhaaf amanamaa ture. (1 Saamu’el 12:2-5) Mootiidhaafillee yoo ta’e gorsa cimaa kennuu hin sodaatu ture. (1 Saamu’el 15:16-29) Saamu’el yeroo ‘dulloomee harrii baasetti’ warra kaaniif kadhachuudhaan fakkeenya ta’uusaa argisiiseera. Israa’eloota sabasaa ta’aniif ‘kadhachuu dhiisuudhaan Waaqayyo duratti cubbuu hojjechuun isarraa akka fagaatu’ dubbateera.—1 Saamu’el 12:2, 23.
14, 15. Kadhannaa ilaalchisee maanguddoonni yeroo har’aa fakkeenya Saamu’el hordofuu kan danda’an akkamitti?
14 Kun hundumtuu, karaa barbaachisaa maanguddoonni namoota isaanii wajjin Yihowaa tajaajilanirratti dhiibbaa gaarii geessisuu itti danda’an kan argisiisudha. Obboloonni maanguddoota ta’an dhukkubaanis ta’e sababii biraatiin humnisaanii daangeffamuyyuu, warra kaaniif kadhachuu ni danda’u. Isin warri maanguddoota taatan, kadhannaan keessan gumiidhaaf faayidaa akkamii akka argamsiisu ni hubattuu? Dhiiga Kiristos isa dhangala’erratti amantii qabaachuu keessaniin Yihowaa biratti fudhatama argattaniittu; akkasumas obsaan danda’uu keessan waan argisiistaniif amantiin keessan ‘qoramee ilaalameera.’ (Yaaqoob 1:3; 1 Phexros 1:7) ‘Kadhannaan nama qajeelaa waan baay’ee hojjechuu akka danda’u’ hin irraanfatinaa.—Yaaqoob 5:16.
15 Kadhannaan hojii Mootummaa Yihowaa deggeruudhaan dhiheessitan barbaachisaadha. Obboloonni keenya tokko tokko siyaasa keessa galuu diduusaaniitiin kan ka’e mana hidhaa galaniiru. Kaanis balaa uumamaatiin, waraanaafi walitti bu’iinsa walii waliitiin miidhaan isaanirra ga’eera. Warri gumii keenya keessatti argaman kaanimmoo qorumsiifi mormiin isaanirra ga’a. (Maatewos 10:35, 36) Obboloonni dura bu’anii hojii lallabaarratti hirmaataniifi gumii keessatti ilaaltota olaanaa ta’anis kadhannaan keessan isaan barbaachisa. (Efesoon 6:18, 19; Qolosaayis 4:2, 3) Akkuma Ephaafraan godhe, isinis kadhannaa keessan keessatti waa’ee hidhattoota amantii ibsuun keessan baay’ee gaariidha!—Qolosaayis 4:12.
Dhaloota Dhufu Barsiisuu
16, 17. Faarfannaa 71:18rratti raajiin akkamii dubbatamee ture? Kunoo raawwatame akkamitti?
16 ‘Hoolonni kan biraan’ bara baraaf lafarra jiraachuuf abdii qaban, Luqaas 12:32; Yohannis 10:16) Kana ilaalchisee raajiin Faarfannaa 71:18rratti dubbatame akkas jedha: “Irree kee dhaloota amma jirutti, aangoo kees dhaloota dhufu hundumaatti hamman himutti, dulloomee mataan koo harrii yoo ta’e illee, ati ana hin dhiisin, yaa Waaqayyo!” Kiristiyaanonni hafuuraan dibaman kun Yesus Kiristos wajjin ulfina argachuuf isaan dhiisanii deemuusaanii dura, michootasaanii warra hoolota kan biraa ta’an itti gaafatamummaa dabalataatiif leenjisuudhaaf hawwii guddaa qabu.
“karra xinnayyoo” amanamoo ta’aniifi samiitti waamamanii wajjin hojjechuunsaanii, leenjii barbaachisaa akka argatan godheera. (17 Yaanni Faarfannaa 71:18rratti “dhaloota dhufu” leenjisuu ilaalchisee dubbatu, seerri bu’uuraasaa hoolota kan biraa Kiristiyaanota Waaqayyo diberraa leenjii argatanirrattis hojjechuu danda’a. Yihowaan, maanguddoonni namoota reefuu waaqeffannaa dhugaa fudhachaa jiraniif waa’eesaa akka dhugaa ba’an mirga addaa isaaniif kenneera. (Yo’el 1:2, 3) Hoolonni kan biraan Kiristiyaanota dibamoorraa barachuusaaniitiin akka eebbifaman isaanitti dhaga’amuunsaa, barumsa Caaffata Qulqullaa’aarraa argatan namoota Yihowaa tajaajiluu barbaadan kaan barsiisuuf isaan kakaasa.—Mul’ata 7:9, 10.
18, 19. (a) Tajaajiltoonni Yihowaa warri maanguddoota ta’an, odeeffannoo barbaachisaa akkamii nuu hiruu danda’u? (b) Kiristiyaanonni maanguddoota ta’an waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu qabu?
18 Kiristiyaanota dibamoos ta’an hoolota kan biraa tajaajiltoonni Yihowaa maanguddoota ta’an, seenaawwan bakki guddaan kennamuuf yommuu raawwataman arganiiru. Warra ‘Diraamaan Fotoo Uumamaa’ yeroo argisiifamu turan keessaa muraasni ammayyuu jiru. Maanguddoota kana keessaa tokko tokko, obboloota geggeessitoota Keessa Deebii 32:7.
turaniifi bara 1918tti hidhamanii turan qaamaan beeku. Kaanimmoo, buufata raadiyoo Masaraa Eegumsaa WBBR jedhamuun lallabuurratti hirmaataniiru. Kaanis, waa’ee yeroo Dhugaa Baatonni Yihowaa birmaduu argachuuf manneen murtiitti itti falmanii dubbachuu ni danda’u. Obboloonni kaanimmoo, mootummoota isaan hacuucan jala utuu jiranii waaqeffannaa dhugaa cinaa dhaabataniiru. Dhugaadha, maanguddoonni beekumsi dhugaa akkamitti suuta suutaan ifa ta’aa akka dhufe nutti himuu ni danda’u. Macaafni Qulqulluun muuxannoo akkasiirraa faayidaa akka argannu nu jajjabeessa.—19 Kiristiyaanonni maanguddoota ta’an dargaggootaaf fakkeenya gaarii akka ta’an gorfamaniiru. (Tiitos 2:2-4) Tarii dhiibbaan jabinnikee, kadhannaafi gorsikee warra kaanirratti qabu amma sitti hin mul’atu ta’a. Nohi, Abrahaam, Yoseef, Museeniifi warri kaan, amanamummaansaanii dhaloota dhufurratti dhiibbaa akkamii akka geessisu guutummaatti hin beekan ta’a. Ta’uyyuu amanamummaafi jabinni argisiisan, dhiibbaa guddaa geessiseera; fakkeenyi keessanis dhaloota ammaarratti faayidaa kanaan wal fakkaatu ni qabaata.
20. Namoonni abdiisaanii hamma dhumaatti jabeessanii qabatan eebba akkamii argatu?
20 ‘Rakkina guddaa’ jalaa ooltaniis ta’e du’aa kaatanii “jireenya dhugaa” argachuun keessan hammam kan nama gammachiisudha! (Maatewos 24:21; 1 Ximotewos 6:19) Mee waa’ee Bulchiinsa Kiristos Isa Waggaa Kumaa Yihowaan rakkoowwan dullumaan dhufan itti balleessuu yaadaa. Haalli qaama keenyaa yeroo hundumaa gadi deemaa dhufuu mannaa, guyyaa hundumaatti yeroo hirribaa kaanu qaamni keenya ni haaromfama, humni keenya dabalaa, iji keenyaafi gurri keenya qara ta’aa, bifti keenya bareedaa deema! (Iyoob 33:25; Isaayaas 35:5, 6) Namoonni addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessa jiraachuuf eebbifaman, jireenya bara baraaf jiraatanii wajjin yeroo walitti ilaalamu yeroo hundumaa dargaggoota ta’anii jiraatu. (Isaayaas 65:22) Egaa hundi keenya abdii keenya hamma dhumaatti jabeessinee qabachuudhaan garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti haa fufnu. Yihowaan abdii kenne hundumaa akka raawwatuufi wanti inni gochuuf jedhu wanta nuyi eegnurra baay’ee akka caalu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Faarfannaa 37:4; 145:16.
Maal Jettee Deebista?
• Jabinni Nohi maanguddichi argisiise ilmaan namootaa hundaaf eebba kan argamsiise akkamitti?
• Amantiin abboonni amantii argisiisan ijoolleesaaniitiif bu’aa akkamii argamsiisee ture?
• Yoseef, Museen, Iyaasuuniifi Saamu’el bara dullumaasaaniitti namoota hidhata amantiisaanii ta’an kan jajjabeessan akkamitti?
• Maanguddoonni dhaala akkamii nuu dabarsuu danda’u?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]