Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Kan Badu Maaliifi?
Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Kan Badu Maaliifi?
“Inni kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu.” —KEESSA DEEBII 32:4.
1, 2. (a) Abdii bara baraaf jiraachuutiif bakka guddaa kan kennitu maaliifi? (b) Namoonni baay’een Waaqayyo isa gara fuulduraatiif abdii dinqisiisaa kennetti akka hin amanne kan isaan dhowwu maalidha?
JIREENYI Jannata keessaa maal akka fakkaatu yaaduun si gammachiisaa? Tarii, lafa dinqisiisaa ta’e kanarra nanaannoftee waa’ee lubbu qabeeyyii lakkoofsa hin qabnee yommuu barattu achi keessatti of ilaalta ta’a. Yookiin, lafa kunuunsuufi gara jannataatti jijjiiruuf warra kaan wajjin hojjechuudhaan gammachuu yeroo sana argatturratti yaadda ta’a. Yookiinimmoo, ogummaa harkaatiin, ijaarsa gamootiin, muuziqaadhaan ykn hojii jireenya dhiphisaa ammaa kana keessatti hojjechuuf yeroo dhabde kan biraa hojjechuuf dandeettii qabaatturratti xiinxalta ta’a. Sanas ta’e kana, abdii jireenyaa Macaafni Qulqulluun “jireenya dhugaa” jedhee waamu, isa Yihowaan bara baraaf akka jiraannu yaade ilaalchisee kennameef bakka guddaa akka laattu beekamaadha.—1 Ximotewos 6:19.
2 Abdii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kana namoota kaaniif hiruun gammachuufi ulfina guddaa argamsiisa. Mitiiree? Haata’u malee namoonni baay’een ergaa akkasii kana hin fudhatan. Akka abjuufi, akka gowwoomsaatti fudhatu. Waaqayyo isa Jannata keessatti jireenya bara baraa nuu kennuuf abdii kennetti amanuuniyyuu isaanitti ulfaachuu danda’a. Maaliif? Akka yeroo baay’ee jedhamutti, namoota tokko tokkotti gufuu kan ta’u hammeenya raawwatamudha. Waaqayyo utuu jiraatee, akkasumas hundumaa kan danda’uufi jaalala qabeessa utuu ta’ee, hammeenyiifi dhiphinni addunyaarra hin jiraatu ture jedhanii yaadu. Waaqni hammeenya obsu jiraachuu hin danda’u, yoo jiraatemmoo hundumaa kan danda’u miti ykn nuuf hin yaadu jechuudha sababii jedhu dhiheessu. Namoonni tokko tokko sababiin kun akka nama amansiisu itti dhaga’ama. Dhugumayyuu Seexanni ilmaan namootaa wallaalchisuuf dandeettii akka qabu mirkaneesseera.—2 Qorontos 4:4.
3. Namoonni gaaffii ulfaataa kamiif deebii akka argatan gargaaruu dandeenya? Kana gochuuf haala adda ta’e kan qabnuhoo maaliifi?
3 Dhugaa Baatota Yihowaa waan 1 Qorontos 1:20; 3:19) Namoonni baay’een abdii Macaafni Qulqulluun kennutti kan hin amanne maaliif akka ta’e nuu gala. Yihowaa waan hin beeknefidha. Maqaasaafi hiika maqaa kanaa hin beekan, waa’ee amalawwansaa ykn abdii kenne raawwachuu ilaalchisee seenaa inni qabuu wajjin haala wal qabateen wanti beekan xiqqoodha ykn homaayyuu hin beekan. Beekumsa akkasii qabaachuu keenyaan baay’ee eebbifamneerra. Namoota gaaffii hunda caalaa ulfaataa ta’e isa “Waaqayyo hammeenyiifi dhiphinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi?” jedhuuf deebii akka hin arganneef ‘sammuun isaanii dukkaneeffame’ gargaaruu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e yeroo yeroodhaan utuu qorree gaariidha. (Efesoon 4:18) Dura, deebii quubsaa ta’e akkamitti kennuu akka dandeenyu ilaalla. Achiis, amalawwan Yihowaa, furmaata inni rakkoo hammeenyi geessiseef kenneen kan mul’atan akkamitti akka ta’e mari’anna.
taaneef, haala addaa namoota Seexanaafi ogummaa biyya lafaatiin gowwoomfaman gargaaruuf nu dandeessisurra jirra. (Gaafficha Karaa Sirrii Ta’een Deebisuu
4, 5. Namni tokko Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka ta’e yommuu gaafatu, dura maal gochuun nu barbaachisuu danda’a? Ibsi.
4 Namni tokko Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka ta’e yommuu gaafatu maal jennee deebisnaaf? Wanta dhaaba Eeden keessatti raawwatamerraa kaasnee ibsa bal’aa kennuufii barbaanna ta’a. Akkas gochuun yeroo tokko tokko gaarii ta’uu danda’a. Ta’uyyuu of eeggannoodhaan dubbachuu, akkasumas dura yaada bu’uuraa tokko tokko kaa’uun barbaachisaadha. (Fakkeenya 25:11; Qolosaayis 4:6) Gaaffii ka’eef deebii kennuu keenya dura, qabxiiwwan gabaabaa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’an sadii haa ilaallu.
5 Tokkoffaa, namni tokko hammeenyi addunyaarratti babal’achuun akka isa dhiphise ifatti kan mul’atu yoo ta’e, hammeenyi isarratti ykn namoota inni jaallaturratti dhiibbaa geessiseera jechuudha. Kanaaf, garaadhaa akka isaaniif yaannu argisiisuudhaan jalqabuun gaariidha. Phaawulos ergamaan, “Warra boo’anii wajjinis boo’aa!” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (Roomaa 12:15) Miirasaa hubachuun ykn jaalala itti argisiisuun keessan namicha kakaasuu danda’a. (1 Phexros 3:8) Waa’eesaa akka yaannu yoo hubate yeroo baay’ee wanta jennu dhaggeeffachuuf kaka’uu danda’a.
6, 7. Nama garaasaatii gaaffiiwwan Macaafa Qulqulluu isa rakkisan gaafatu galateeffachuun keenya sirrii kan ta’e maaliifi?
6 Lammaffaammoo, nama gaaffii kana garaa qulqulluudhaan gaafate galateeffachuu dandeenya. Namoonni Faarfannaa 10:1) Haaluma wal fakkaatuun, Anbaaqom raajichis akkas jechuudhaan gaafateera: “Yaa Waaqayyo! Hamma yoomiittan gargaarsaaf gara keetti iyya? Atis hamma yoomiitti hin dhageessu? Hamma yoomiitti anis gara keetti wawwaadha? Atis hamma yoomiitti warra humnaan nama irratti ka’an jalaa nu hin oolchitu? Balleessuu fi humnaan nama irratti ka’uu waanan arguuf, gargar ba’uunii fi lolli ka’aa waan jiraniif, maaliif wanta jal’aa na argisiifta? Maaliifis yommuu namni gad nama qabu cal jettee ilaalta?”—Anbaaqom 1:2, 3.
tokko tokko gaaffiiwwan akkasii gaafachuunsaanii Waaqayyorratti amantaa dhabuu ykn ulfina isa dhowwachuusaanii akka argisiisu itti dhaga’ama. Geggeessitoonni amantiis akkas jedhanii isaanitti himanii ta’uu danda’a. Haata’u malee gaaffii akkasii gaafachuun amantaa dhabuu hin argisiisu. Namoonni amanamoon bara Macaafni Qulqulluun barreeffametti turan gaaffiiwwan akkasii gaafatanii turan. Fakkeenyaaf Daawit faarfatichi, “Yaa Waaqayyo, ati maaliif achi fagaattee dhaabatta? Yeroo rakkinaattis maaliif of dhoksita?” jechuudhaan gaafatee ture. (7 Namoonni kun namoota amanamoo Waaqayyoof ulfina guddaa kennan turan. Gaaffii rakkisaa kana gaafachuusaaniitiin ifatamanii turanii? Kanaa mannaa Yihowaan gaaffiin garaasaaniitii gaafatan kun Dubbiisaa keessatti akka galmeeffamu godheera. Yeroo har’aa, namni hammeenyi babal’achuunsaa isa yaaddessu tokko, deebii Macaafni Qulqulluun qofti kennuu danda’u barbaaduudhaan karaa hafuuraa dhugumaan akka beela’e argisiisa ta’a. Yesus namoota karaa hafuuraa beela’an ykn “karaa hafuuraatti hiyyeessota” ta’an akka jajate yaadadhaa. (Maatewos 5:3) Namoonni akkasii gammachuu Yesus abdachiise akka argatan gargaaruun mirga guddaa mitii?
8. Barumsawwan dogoggoraa akkamiitu namoonni rakkina ilmaan namootaarra ga’uuf kan itti gaafatamu Waaqayyodha jedhanii akka amanan godhe? Namoota kana akkamitti gargaaruu dandeenya?
8 Sadaffaa, namichi hammeenya addunyaarratti babal’ateef kan itti gaafatamu Waaqayyo akka hin taane akka hubatu isa gargaaruun nu barbaachisa ta’a. Namoonni baay’een, Waaqayyo biyya lafaa kana bulchaa akka jiru, bara dheeraa dura wantoota nurra ga’an hundumaa akka murteesse, akkasumas rakkina ilmaan namootaarratti fideef sababii ifa hin taane kan qabu godhanii yaadu. Barumsawwan akkasii kun sobadha. Waaqayyoon kan salphisan ta’uusaaniirrayyuu, hammeenyaafi rakkina addunyaarra jiruuf itti gaafatamaa isa fakkeessa. Kanaaf dhimmawwan akkasii kana sirreessuuf Dubbii Waaqayyootti fayyadamuu qabna. (2 Ximotewos 3:16) Sirna jal’aa kana kan bulchu Yihowaa utuu hin ta’in Diiyaabilos Seexanichadha. (1 Yohannis 5:19) Yihowaan uumamawwansaa warra lubbu qabeeyyii ta’aniif hireesaanii dursee hin murteessine; tokkoon tokkoonsaanii gaariifi gadhee, wanta sirriifi dogoggora filachuu akka danda’anitti mirgaafi carraa kenneeraaf. (Keessa Deebii 30:19) Yihowaan tasumaa madda hammeenyaa miti; hammeenya ni jibba, namoota jal’ina isaanirratti raawwatamuun dhiphataniifis ni yaada.—Iyoob 34:10; Fakkeenya 6:16-19; 1 Phexros 5:7.
9. Barreeffamoonni “hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” namoonni Yihowaan rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka ta’e akka hubatan gargaaruuf qopheesse tokko tokko kamfa’i?
9 Bu’uura akkasii erga keessee booda, namni si dhaggeeffachaa ture Waaqayyo rakkinni akka itti fufu kan heyyame maaliif akka ta’e hubachuu danda’a. “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” si gargaaruuf barreeffamoota hedduu qopheesseera. (Maatewos 24:45-47) Fakkeenyaaf, Walga’ii Koonyaa 2005/06 “Waaqayyoof Abboomamaa” jedhamurratti, tiraaktiin Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Ni Bada! jedhamu ba’ee ture. Qabiyyee tiraaktii kanaa akka gaariitti akka hubattu si jajjabeessina. Haaluma wal fakkaatuun, kitaabni Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi afaan 157n qophaa’e, gaaffii kanaaf boqonnaa tokko guutuurratti ibsa kenna. Barreeffamoota bu’a qabeessa ta’an kanatti guutummaatti fayyadami. Barreeffamoonni kun, uumama cufarratti olaantummaa kan qabu eenyu akka ta’e ilaalchisee gaaffii Eeden keessatti ka’erratti ibsa Macaafni Qulqulluun kennu kan qabatan yommuu ta’u, Yihowaan gaaffii ka’eef dafee deebii kan hin kennine maaliif akka ta’e ibsu. Mataduree kanarratti yommuu mari’attan, nama si dhaggeeffatuuf beekumsa hunda caalaa barbaachisaa ta’e ibsaafii akka jirtu yaadadhu. Kunis beekumsa waa’ee Yihowaafi amalawwansaa dinqisiisaa ta’aniiti.
Amalawwan Yihowaarratti Xiyyeeffadhaa
10. Waaqayyo rakkinni akka jiraatu heyyamuusaa ilaalchisee, wanti namoonni baay’een hubachuun isaanitti ulfaatu maalidha? Beekumsa akkamii qabaachuutu isaan gargaaruu danda’a?
10 Yihowaan, namoonni dhiibbaa Seexanaa jalatti akka of geggeessan kan heyyame maaliif akka ta’e akka hubatan yeroo gargaartanitti, amalawwan dinqisiisaa Yihowaan qaburratti akka xiyyeeffatan godhaa. Namoonni baay’een Waaqayyo humna qabeessa akka ta’e beeku; warri kaan Waaqa Hundumaa Danda’u jedhanii yommuu isa waamanis ni dhaga’u. Haata’u malee, dafee jal’inaafi rakkina balleessuuf humnasaa isa guddaatti kan hin fayyadamne maaliif akka ta’e hubachuun isaan rakkisuu danda’a. Amalawwan Yihowaa kanneen akka qulqullina, Keessa Deebii 32:4) Gaaffii dhimma kanarratti ka’uuf deebii yeroo kennitu, waa’ee amalawwan kanaa ibsuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyawwan muraasa haa ilaallu.
qajeelina, ogummaafi jaalalaa hubachuu kan dadhaban fakkaata. Yihowaan amalawwan kana karaa mudaa hin qabneefi wal hin faallessineen argisiisa. Macaafni Qulqulluun, “Wanti inni godhus mudaa hin qabu” kan jedhu kanaafi. (11, 12. (a) Addaamiifi Hewwaan yeroo cubbuu hojjetanitti, dhiifama isaaniif gochuun kan hin danda’amne maaliif ture? (b) Yihowaan bara baraaf cubbuu kan hin obsine maaliifi?
11 Waaqayyo Addaamiifi Hewwaaniif salphumatti dhiifama gochuu ni danda’a turee? Dhiifama isaaniif gochuun waan hin danda’amne ture. Addaamiifi Hewwaan gonkummaa kan qaban waan turaniif, olaantummaa Yihowaa jala buluu didanii qajeelfama Seexanni isaaniif kenne fudhachuu kan filatan ta’e jedhaniiti. Namoonni Yihowaarratti ka’an kun cubbuusaaniitti kan hin gaabbine ta’uunsaanii nama hin dinqisiisu. Haata’u malee, namoonni Yihowaan maaliif dhiifama isaaniif hin goone jedhanii yeroo gaafatan, Yihowaan ulaagaa baase laaffisuudhaan cubbuufi hammeenya raawwatame obsaan darbuu qaba ture jechuusaaniiti. Deebiinsaa amala barbaachisaa Yihowaan ittiin beekamu, jechuunis qulqullummaasaa wajjin kan wal qabatedha.—Ba’uu 28:36; 39:30.
12 Macaafni Qulqulluun waa’ee qulqullummaa Yihowaa si’a hedduu caqasa. Kan nama gaddisiisu garuu, addunyaa manca’aa kana keessatti amala kana kan hubatan namoota muraasa ta’uusaaniiti. Yihowaan Waaqa qulqulluufi cubbuurraa fagaatedha. (Isaayaas 6:3; 59:2) Cubbuu keenya nurraa fageessuudhaan dhiifama cubbuu nuuf argamsiisuuf qophii godheera; garuu bara baraaf isa hin obsu. Yihowaan bara baraaf cubbuu kan obsu utuu ta’ee, gara fuulduraatiif abdii hin qabaannu turre. (Fakkeenya 14:12) Yeroo murteessetti uumamni hundumtuu qulqullummaatti akka deebi’u ni godha. Kun fedhii Waaqa Isa Qulqulluu waan ta’eef mirkanaa’aadha.
13, 14. Yihowaan hamoota Eeden keessa turan balleessuu kan dhiise maaliifi?
13 Yihowaan warra Eeden keessatti isarratti ka’an kana balleessee namoota biraa uumuu danda’a turee? Kana gochuuf humna akka qabu beekamaadha; yeroo dhihootti namoota hamoo balleessuuf humnasaa kanatti ni fayyadama. Namoonni tokko tokko, ‘Uumama cufa keessa cubbamoonni sadii qofti yeroo turanitti isaaniin balleessuu kan dhiise maaliifi? Utuu akkas godhee hammeenyiifi rakkinni addunyaarratti hin babal’atu ture mitiiree?’ jedhanii gaafatu Keessa Deebii 32:4, “Wanti inni godhus mudaa hin qabu” jedha. Yihowaan qajeelinaaf ilaalcha guddaa qaba. “Waan dhugaa ta’e in jaallata.” (Faarfannaa 37:28) Qajeelina jaallachuusaatiin kan ka’e, hamoota Eeden keessatti isarratti ka’an utuu hin balleessin hafeera. Maaliif?
ta’a. Yihowaan akkas gochuuf kan hin filanne maaliifi?14 Hammeenyi Seexanaa, olaantummaan Yihowaa sirrii ta’uusaarratti gaaffii kaaseera. Ilaalchi Yihowaan qajeelinaaf qabu, mormii Seexanni kaaseef deebii qajeelaa akka kennu isa gaafata. Hamoonni sun yeruma sana balleeffamuun kan isaaniif malu ta’uyyuu, akkas gochuun deebii qajeelaa hin ta’u. Yeruma sana utuu balleeffamanii Yihowaan humna qabeessa ta’uunsaa caalaatti mirkanaa’a ture; ta’uyyuu Yihowaan humna qabaachuusaarratti gaaffiin ka’e hin jiru. Kana malees, Yihowaan kaayyoosaa Addaamiifi Hewwaaniif ibseera. Ijoollee godhatanii lafa guutuu, harka jala isa galfachuufi uumama lafarraa hunda of jalatti bulchuu qabu turan. (Uumama 1:28) Yihowaan yeruma sana Addaamiifi Hewwaaniin utuu balleessee, kaayyoon ilmaan namootaa ilaalchisee dubbate kun bakkasaa ga’uu hin danda’u ture. Kaayyoon Yihowaa yeroo hundumaa waan raawwatamuuf, qajeelinnisaa miidhaan akkasii akka ga’u tasumaa hin heyyamu ture.—Isaayaas 55:10, 11.
15, 16. Mormii Eeden keessatti ka’eef deebii kennuu ilaalchisee, namoota akkas gochuun ‘furmaata’ ta’a ture jedhanii yaada kennan akkamitti gargaaruu dandeenya?
15 Uumama cufa keessaa qaamni Yihowaa caalaa hamoota kanaaf deebii ogummaarratti hundaa’e kennuu danda’u jiraa? Namoonni tokko tokko hammeenya Eeden keessatti ka’e ilaalchisee “yaadawwan furmaataa” mataasaanii kennu ta’a. Kana gochuunsaanii garuu, Yihowaa caalaa rakkina uumameef furmaata argamsiisuu dandeenya jechuusaanii mitii? Kana kan godhan hammeenyaan kaka’anii miti ta’a; kanaa mannaa, Yihowaafi ogummaasaa isa dinqisiisaa ilaalchisee hubannaa hin qaban. Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Roomaatiif yeroo barreessetti, waa’ee ogummaa Waaqayyoo gadi fageenyaan qoreera; ogummaan kunis “dhoksaa dhugaa” jechuunis, kaayyoo Yihowaan Mootummaa Masiihichaatti fayyadamuudhaan ilmaan namootaa amanamoo ta’an cubbuurraa walaba baasuufi maqaansaa inni qulqulluun, qulqulluu ta’ee akka jiraatu gochuuf qabu kan dabalatudha. Ogummaa Waaqayyo isa kaayyoo akkasii baase kanaa ilaalchisee Phaawulositti maaltu itti dhaga’ame? Ergamaan kun akkas jechuudhaan xalayaasaa xumureera: “Karaa Yesus Kristos Waaqayyo isa ogeessa tokkichaaf hooqubaan bara baraan haa ta’u! Ameen!”—Roomaa 11:25; 16:25-27.
16 Phaawulos, Yihowaan “ogeessa Iyoob 9:4) Ogummaa Yihowaa caalaatti hubachaa yoo adeemne, karaan inni uumamasaa itti bulchu hunda caalaa gaarii ta’uusaarratti caalaatti amanamna.—Fakkeenya 3:5, 6.
tokkicha” jechuunis uumama cufarratti ogummaa olaanaa kan qabu ta’uusaa hubatee ture. Namoota cubbamoo keessaa eenyutu gaaffii ulfaataa Seexanni ogummaa Waaqayyoorratti kaase dhiisaatii, gaaffii akkamiitiifiyyuu karaa kanarra wayyuun deebii kennuuf yaaduu danda’a? Kanaaf, namoonni kabaja nuyi Waaqa ‘ogummaansaa gad fagoo’ ta’eef qabnu akka qabaatan isaan gargaaruu qabna. (Amala Yihowaa Isa Guddaa Hubachuu
17. Namoonni Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka ta’e gaafatan, waa’ee jaalala Yihowaa caalaatti hubachuunsaanii kan isaan gargaaru akkamitti?
17 “Waaqayyo jaalala.” (1 Yohannis 4:8) Macaafni Qulqulluun jechoota dinqisiisaa kana dubbachuudhaan amalli Yihowaa inni guddaan kam akka ta’e ibsa; amalli kun amalawwansaa hunda caalaa kan nama gammachiisuufi namoota hammeenyi babal’achuusaatiin dhiphatan kan jajjabeessudha. Karaa badiisa guddaa cubbuun uumamasaarra geessise itti qabe hundaan Yihowaan jaalala argisiiseera. Jaalallisaa kun, ilmaan Addaamiifi Hewwaan cubbamoo ta’an, Isatti dhihaachuufi isaa wajjin walitti dhufeenya uumuu akka danda’an gochuudhaan abdii akka isaaniif kennu Isa kakaaseera. Jaalalli Waaqayyoo, guutummaatti dhiifama cubbuu argamsiisuufi jireenya bara baraa gonkummaa qabu deebisee fiduuf furii akka qopheessu isa kakaaseera. (Yohannis 3:16) Ilmaan namootaa Seexana akka balaaleffataniifi Yihowaa Gooftaasaanii isa Hundaa Olii akka filatan hamma danda’ame carraa isaaniif kennuudhaan akka isaaniin obsu isa kakaaseera.—2 Phexros 3:9.
18. Hubannaa akkamii qabaachuudhaan eebbifamneerra? Mataduree ittaanu keessatti waa’ee maalii baranna?
18 Lubni tokko namoota yaadannoo guyyaa shororkeessitoonni miidhaa itti geessisaniif walitti qabamanii turaniin, “Waaqayyo hammeenyiifi dhiphinni akka itti fufu kan heyyame Keessa Deebii 29:29) Kana maleesimmoo, Yihowaan ogeessa, qajeelaafi jaalala qabeessa waan ta’eef, yeroo dhihootti rakkina hundumaa akka balleessu beekna. Kana gochuufis abdii kenneera. (Mul’ata 21:3, 4) Namoota waggoota dhibbaan lakkaa’amaniif du’an hundaafoo abdiin kenname jiraa? Akkaataan Yihowaan mormii Eeden keessatti ka’eef deebii itti kenne, warri du’an kun abdii malee akka hafan godheeraa laata? Lakki. Jaalallisaa, isaaniinis du’aa kaasuudhaan waan barbaachisu akka godhuuf isa kakaaseera. Kun barumsa mataduree ittaanuu ta’a.
maaliif akka ta’e hin beeknu” jedhaniiru. Baay’ee kan nama gaddisiisu mitii? Nuyi dhimma kana gadi fageenyaan beekuu keenyatti baay’ee hin gammannuu? (Maal Jettee Deebista?
• Nama, Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka ta’e gaafatuuf maal jennee deebisuu dandeenya?
• Qulqullummaafi qajeelummaan Yihowaa, hammeenyi Eeden keessatti ka’e akka turu heyyamuusaatiin kan mul’ate akkamitti?
• Namoonni jaalala Yihowaa caalaatti akka hubatan isaan gargaaruu kan qabnu maaliifi?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]