Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Akkaataan Umama Keenyaa ‘Guddaa Dinqisiisaadha’

Akkaataan Umama Keenyaa ‘Guddaa Dinqisiisaadha’

Akkaataan Umama Keenyaa ‘Guddaa Dinqisiisaadha’

‘Ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteetta.’ —FAARFANNAA 139:14.

1. Namoonni hubatoo ta’an baay’een uumamawwan lafarraa dinqisiisaa ta’an Waaqayyotu uume jedhanii akka amanan kan isaan godhe maalidha?

ADDUNYAAN uumamawwan dinqisiisaa ta’aniin kan guutamedha. Uumamawwan kun eessaa dhufan? Namoonni tokko tokko, waa’ee Uumaa dandeettii guddaa qabuu utuu hin caqasin gaaffii kanaaf deebii kennuun ni danda’ama jedhanii amanu. Kaanimmoo, Uumaa xiyyeeffannaa keessa galchuu dhiisuun dandeettii uumama hubachuuf qabnu nu jalaa daangessa jedhanii amanu. Namoonni kun uumamni lafarraa dinqisiisaa ta’an baay’een garmalee wal xaxaafi adda adda, akkasumas ajaa’ibsiisaa waan ta’aniif akkuma tasaa kan argaman miti jedhanii amanu. Saayintiistota tokko tokko dabalatee namoonni hedduun, uumamni cufti Uumaa ogeessa, humna guddaa qabuufi gaarii ta’een kan uumame ta’uusaa amanuuf ragaa argataniiru. *

2. Daawit, Yihowaa akka jajatuuf wanti isa kakaase maalidha?

2 Mootii Israa’el durii kan ture Daawit, Uumaan, uumamawwan dinqisiisaa ta’an waan uumeef galanni akka ta’uuf ni amana ture. Daawit bara saayinsiin guddina amma irra ga’erra utuu hin ga’in kan jiraate ta’uyyuu, uumamawwan dinqisiisaa Waaqayyo uumeen akka marfame hubatee ture. Daawit dandeettii Waaqayyo wantoota uumuuf qabu ajaa’ibsiifachuuf akkaataa ijaarsa qaamasaa ilaaluu qofti isa ga’eera. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Isa ati guddaa dinqisiisaa gootee na uumteef, ani galata siif nan galcha; gochaan kee waanuma raajii ti, anis kana ba’eessa godhee nan beeka.”—Faarfannaa 139:14.

3, 4. Tokkoon tokkoon keenya hojiiwwan Yihowaarratti gadi fageenyaan xiinxaluun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

3 Daawit gadi fageenyaan xiinxaluusaatiin amantii jabaa akkasii qabaachuu danda’eera. Yeroo har’aatti, uumama ilmaan namootaa ilaalchisee sagantaawwan karaa mana barumsaafi sabqunnamtiitiin darban, barumsa amantii namoonni Waaqayyoorratti qaban balleessuun guutameera. Nuyis amantii akka Daawit qabaachuuf, gadi fageenyaan xiinxaluun keenya barbaachisaadha. Keessumaa dhimmawwan bu’uuraa akka, Uumaan jiraachuusaafi uumamarratti qooda qabaachuusaa ilaalchisee jiranirratti, ilaalchi namootaa dhiibbaa akka nurratti godhu matumaa heyyamuu hin qabnu.

4 Kana malees, hojiiwwan Yihowaarratti xiinxaluun, dinqisiifannaa isaaf qabnuufi amantii abdii gara fuulduraa inni kennerratti qabnu nuu jabeessa. Kunimmoo, caalaatti Yihowaa beekuufi isa tajaajiluuf nu kakaasuu danda’a. Kanaafuu, mee amma wanta Daawit “guddaa dinqisiisaa” taanee uumamuu keenya ilaalchisee dubbate saayinsiin ammayyaa akkamitti akka mirkaneesse haa ilaallu.

Ijaarsa Qaama Keenyaa Isa Dinqisiisaa

5, 6. (a) Hundi keenya jireenya kan jalqabne akkamitti? (b) Kaleen keenya hojii akkamii raawwata?

5 “Ati kalee koo uumtetta’oo; garaa haadhakoo keessas nadhoksiteetta’oo.” (Faarfannaa 139:13, 1899) Jireenyi hunda keenyaa, gadameessa haadha keenyaa keessatti seelii qeentee hamma tuqaa hima kana booda jiruu gadi xiqqaatturraa kan jalqabedha. Seeliin garmalee wal xaxaa ta’eefi gargaarsa maaykiroskoppii (meeshaa wanta ijaan hin argamne guddisee argisiisu) malee ijaan hin argamne kun, warshaa xiqqoodha jechuun ni danda’ama! Seeliin kun dafee guddata. Gadameessa keessatti ji’a lammaffaa yeroo fixu qaamonni gurguddaa ta’an hojjetamaniiru. Isaan keessaa kaleenkee isa tokkodha. Yeroo dhalattu, kaleenkee wantoota barbaachisaa ta’an hambisee, wantoota summii ta’aniifi bishaan kuufame baasuudhaan dhiigakee calaluuf qophaa’aadha. Kaleenkee lamaan fayyaa taanaan, bishaan dhiigakee keessatti argamuu keessaa gara liitira shan kan ta’u daqiiqaa 45 gidduutti calala!

6 Kaleenkee lamaan albuudawwan dhiigakee keessa jiran, asiidiifi dhiibbaa dhiigakeetii to’achuufis ni gargaaru. Kaleen, vitaamina D gara wanta lafeen sirriitti akka guddatu godhutti jijjiiruudhaan, akkasumas hormoonii Irithropoyitiin jedhamuufi lafee keessatti seelii dhiiga diimaa saffisaan baay’isu maddisiisuudhaan hojiiwwan barbaachisaa ta’an kan biraas ni raawwata. Namoonni hojii kaleen raawwatutti dinqisiifataniiru! *

7, 8. (a) Mucaan garaa keessa jiru tokko akkamitti akka guddatu ibsi. (b) Mucaan tokko “gadameessa isa akka lafa gad fagootti ilaalamu keessatti” akka tolfame kan ibsame karaa kamiini?

7 “Ani dhoksaatti yommuun hojjetame, gadameessa [isa akka lafa gad fagootti ilaalamu] keessatti yommuun tottolfame lafeen koo iyyuu si duraa hin dhokanne.” (Faarfannaa 139:15) Seeliin inni jalqabaa ni hirama; seeliin inni haaraanis hiramuusaa itti fufa. Seeliiwwan sun xinnoo turanii qoqoodamuu kan jalqaban si’a ta’u, seelii narvii, seelii irree, seelii gogaafi k.k.f. ta’u. Seeliiwwan akaakuu tokko ta’an walitti gurmaa’uudhaan tiishuu, achiis qaamota uumu. Fakkeenyaaf, erga gadameessa keessatti uumamtee jalqabee torban sadaffaatti lafeewwankee hojjetamuu jalqabu. Torban torba yommuu taatummoo, dheerinnikee seentii meetira 2.5 qofa yeroo ta’u, lafeewwan 206 yeroo ga’eessa taatu qabaattu ni uumamu; lafeewwan kun kan hin jabaanne ta’uyyuu iddoosaanii qabataniiru.

8 Guddinni dinqisiisaa kun akka waan gadi fagaatee awwaalameetti ija namootaatti utuu hin mul’atin gadameessa haadhakee keessatti raawwatama. Dhugumayyuu, akkaataan qaamni keenya itti guddatu harki caalaansaa namootaaf ifaa miti. Fakkeenyaaf, jiiniiwwan seeliikee keessa jiran, kutaa qaamaa adda addaa hojjechuuf akka wal qoqqoodan kan taasisu maalidha? Oolee bulee saayinsiin wanta kana bira ga’uu danda’a ta’a; haata’u malee Daawit itti fufuudhaan akka dubbatetti Uumaa keenya kan ta’e Yihowaan waan wallaale hin qabu.

9, 10. Akkaataan qaamota mucaa gadameessa keessa jiruu itti tolfamu ‘macaafa Waaqayyoo keessatti kan caafame’ akkamitti?

9 “Nama ta’uun koo utuu hin beekamin iji kee na arge, dhaladhee barri jireenya koo lakkaa’amuu utuu hin jalqabin, guyyoonni anaaf yaadaman guutummaatti macaafa kee keessatti caafaman.” (Faarfannaa 139:16) Seeliinkee inni jalqabaa guutummaa akkaataa ijaarsa qaamakee kan qabatedha. Utuu hin dhalatin yeroo gadameessa haadhakee keessa ji’a sagaliif turtuttis ta’e, erga dhalattee booda hanga ga’eessa taatu, waggoota 20 ol jiranitti guddinakee kan to’atudha. Yeroo kanatti qaamnikee sadarkaawwan baay’ee keessa kan darbe si’a ta’u, hundumtuu sagantaa odeeffannoo seelii ishee jalqabaatiin ba’een geggeeffamu.

10 Daawit waa’ee seeliifi waa’ee jiinii waan tokko hin beeku; maaykiroskoppiillee hin qabu ture. Haata’u malee, akkaataan guddina qaamasaa dursee kan karoorfame ta’uusaa sirriitti hubatee ture. Daawit akkatti mucaan garaa keessa jiru itti guddatu ilaalchisee hamma tokko beekumsa qabaachuu waan danda’uuf, tarkaanfiin hundi akkuma dursee akeekni ba’eefittiifi yeroosaatti kan raawwatamu ta’uusaa amanuuf sababii ga’aa qaba ture. Akeeka kana “macaafa kee [Waaqayyoo] keessatti caafaman” jechuudhaan walaloodhaan ibseera.

11. Qaamni keenyaa bifa ammaa akka qabaatu kan murteessu maalidha?

11 Yeroo ammaatti, haalawwan warra keerraa dhaalte jechuunis hojjaan, bifni, qalamni ijaafi rifeensa mataa, akkasumas amalawwan hedduun kan biraan, jiiniikeetiin kan murteeffame ta’uunsaa ni beekama. Tokkoon tokkoon seeliikee jiiniiwwan kuma kudhaniin lakkaa’aman qaba; tokkoon tokkoon jiiniiwwan kanaa, kutaa akka fuuncaa dheeraa DNA (dee’oksiriibonukiliik asiidiirraa) hojjetameeti. Qajeelfamni akka itti qaamnikee ijaaramuu qabu ibsu DNA kee keessatti ‘caafameera.’ Yeroo hundumaa seeliiwwankee hiramuudhaan, seeliiwwan haaraa uumu ykn isa moofaa bakka bu’u; DNAn qajeelfama sana dabarsuudhaan jiraachuu akka itti fuftuufi bifnikee akka jirutti akka eegamu godha. Kun humniifi ogummaan Uumaa keenya isa samii hangam guddaa akka ta’e kan argisiisudha!

Sammuu Keenya Isa Ajaa’ibsiisaa

12. Wanti ilmaan namootaa bineensotarraa adda taasisu maalidha?

12 “Yaadni kee maal maal anatti jabaata, yaa Waaqayyo! Guutummaattis maal maal baay’ata! Ani lakkoobsa isaa himuu utuun yaalee, cirracha irra in baay’ata.” (Faarfannaa 139:17, 18a) Bineensonnis dinqisiisaa ta’anii kan uumaman yommuu ta’u, isaan keessaa tokko tokko miiraafi dandeettii namoonni hin qabne qabu. Haata’u malee, Waaqayyo dandeettii yaaduu horii kamiiniyyuu ol ta’e namootaaf kenneera. Kitaabni barnoota saayinsii tokko akkas jedha: “Karaa baay’eedhaan bineensotaa wajjin kan wal fakkaannu ta’uyyuu, qooqaafi dandeettii yaaduu waan qabnuuf lubbu qabeeyyii lafarra jiran hundarraa addadha. Waa’ee ofii keenyaa beekuuf fedhii qabnuunis uumamawwan kaanirraa adda waan taaneef gaaffiiwwan, Qaamni keenya akkamitti ijaarame? Akkamitti uumamne? jedhan ni gaafanna.” Daawitis gaaffiiwwan kanarratti xiinxala ture.

13. (a) Daawit yaadawwan Waaqayyoorratti xiinxaluu kan danda’e akkamitti? (b) Fakkeenya Daawit hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

13 Hunda caalaammoo, haala bineensotarraa adda ta’een, yaadawwan Waaqayyoorratti xiinxaluuf dandeettii addaa qabna. * Kennaan adda ta’e kun, akkaataa ‘bifa Waaqayyootiin itti uumamne’ keessaa isa tokkodha. (Uumama 1:27) Daawit kennaa kanatti akka gaariitti fayyadameera. Ragaawwan Waaqayyo jiraachuusaa mirkaneessaniifi amalawwansaa wantoota lafarra jiranirratti mul’atanirratti xiinxala ture. Akkasumas, Daawit Caaffata Qulqullaa’oo warra jalqabaa waa’ee Waaqayyoofi waa’ee hojiisaa dubbatan qaba ture. Caaffatawwan geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun yaadawwan, amalaafi kaayyoo Waaqayyoo akka hubatu isa gargaaraniiru. Daawit Caaffata Qulqullaa’oorratti, uumamarrattiifi walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qaburratti xiinxaluunsaa, Uumaasaa jajachuuf isa kakaaseera.

Amantaan Maal Kan Dabalatudha?

14. Waaqayyootti amanuuf waan hundumaa beekuun barbaachisaa kan hin taane maaliifi?

14 Daawit uumamaafi Caaffata Qulqullaa’oorratti xiinxaluusaa yeroo itti fufu, beekumsaafi dandeettii Waaqayyoo guutummaatti hubachuun humnasaatii ol akka ta’e caalaatti hubateera. (Faarfannaa 139:6) Haalli keenyas kanaa wajjin wal fakkaata. Hojiiwwan uumamaa Waaqayyoo ilaalchisee hubannaa guutuu qabaachuu hin dandeenyu. (Lallaba 3:11; 8:17) Haata’u malee, Waaqayyo namoonni yeroo kamittiyyuu jiraataniifi dhugaa barbaadan amantaa ragaarratti hundaa’e akka qabaatan gochuuf, karaa Caaffata Qulqullaa’oofi karaa uumamaa beekumsa ga’aa ‘isaanitti mul’ifameera.’—Roomaa 1:19, 20, 1899; Ibroota 11:1, 3.

15. Amantiiniifi hariiroon Waaqayyoo wajjin qabnu kan wal qabatu akkamitti akka ta’e fakkeenyaan ibsi.

15 Amantii qabaachuun, jireenyiifi uumamni hundi Uumaa dandeettii qabu akka qabu beekuu caalaa waan dabalatu qaba. Yihowaan, qaama akka isa beeknuufi isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka uumnu barbaadu ta’uusaa hubachuudhaan isatti amanamuu kan dabalatudha. (Yaaqoob 4:8) Amantii mucaan tokko abbaasaa isa jaalala qabeessaratti qabu akka fakkeenyaatti fudhachuu dandeenya. Namni tokko abbaankee yeroo rakkinaatti si hin gargaaru jechuudhaan shakkiisaa utuu ibsee, abbaankee amanamaa ta’uusaatiif ragaa dhiheessuun si rakkisuu danda’a. Abbaankee gaarii ta’uusaa muuxannoowwan tokko tokkorraa yoo hubatte garuu, yeroo rakkinaatti akka si hin ganne mirkanaa’aa ta’uu dandeessa. Haaluma wal fakkaatuun, Caaffata Qulqullaa’oo qayyabachuudhaan, wantoota uumamanirratti xiinxaluufi deebii kadhannaa keenyaaf argannurratti yaaduudhaan caalaatti Yihowaa beekaa yeroo adeemnu isatti amanamuuf kakaana. Yihowaa beekuun keenya, waa’eesaa caalaatti barachuufi jaalala ofittummaarraa walaba ta’een bara baraaf isa jajachuuf nu kakaasa. Kun kaayyoo guddaa namni tokko hordofuu danda’udha.—Efesoon 5:1, 2.

Qajeelfama Uumaa Keenyaa Gaafadhaa!

16. Daawit Yihowaa wajjin walitti dhufeenya dhihoo kan qabu ta’uusaarraa maal barachuu dandeenya?

16 “Qorii na ilaali, yaa Waaqayyo, garaa koos beeki! Na fonqolchi, yaada koos beeki! Karaa nama miidhu irra bu’een jira yoo ta’e ilaali, karaa bara baraan jiraatu irra na geessi!” (Faarfannaa 139:23, 24) Daawit Yihowaan yaadasaa, dubbiisaafi gochasaa hundaa akka gaariitti akka beeku, jechuunis wanti tokkollee Uumaasaa jalaa akka hin dhokanne hubatee ture. (Faarfannaa 139:1-12; Ibroota 4:13) Akkuma mucaan xinnoon kaasuu warrasaa isa jaallatan keessa jiru tokko tasgabbiin itti dhaga’amu, Daawit Yihowaan waa’eesaa akka gaariitti akka beeku hubachuunsaa tasgabbiin akka isatti dhaga’amu godheera. Daawit hariiroo dhihoo Yihowaa wajjin qabu kanaaf bakka guddaa kan kenne si’a ta’u, waa’ee hojiisaarratti gadi fageenyaan xiinxaluufi Isa kadhachuudhaan hariiroosaa cimsachuuf yaalii gochaa tureera. Faarfannaa 139 dabalatee faarfannaawwan Daawit baay’een kadhannaa muuziqaadhaan qindeeffame kan qabatanidha. Xiinxaluufi kadhannaan nuyis gara Yihowaatti akka dhihaannuuf nu gargaaruu danda’u.

17. (a) Daawit Yihowaan garaasaa qoree akka ilaalu kan barbaade maaliifi? (b) Karaan birmadummaa keenya itti fayyadamnu jireenya keenya kan tuqu akkamitti?

17 Bifa Waaqayyootiin waan uumamneef, waan barbaanne akka filannuuf mirga nuu kenneera. Gaarii ykn hamaa gochuuf filachuu dandeenya. Birmadummaan akkasii Waaqayyo duratti itti gaafatamummaa nutti fidu qaba. Daawit jal’ootaa wajjin lakkaa’amuu hin barbaanne. (Faarfannaa 139:19-22) Balleessaa rakkina isatti fidurraa fagaachuu barbaada ture. Kanaaf, Daawit Yihowaan waan hundumaa akka beeku yaaduudhaan, keessa namummaasaa akka qoruufi gara daandii jireenyaatti akka isa qajeelchu gadi of qabuudhaan isa gaafateera. Sadarkaan ejjennoo qulqullina amalaa Waaqayyo baase namoota hundumaaf kan hojjetu waan ta’eef, nuyis filannaa sirrii gochuu nu barbaachisa. Yihowaan hundi keenya akka isaaf abboomamnu nu jajjabeessa. Akkas gochuun keenya surraasaafi eebba baay’ee nuu argamsiisa. (Yohannis 12:50; 1 Ximotewos 4:8) Guyyaa hundumaa Waaqayyoo wajjin adeemuun keenya, rakkoowwan nama gaddisiisan jiraataniyyuu keessi keenya nagaa akka qabaatu nu gargaara.—Filiphisiiyus 4:6, 7.

Uumaa Keenya Isa Dinqisiisaa Duukaa Bu’aa!

18. Daawit uumamarratti xiinxaluunsaa xumura akkamiirra akka ga’u isa godheera?

18 Daawit yommuu dargaggeessa turetti, yeroo baay’ee hoolota tiksa ture. Hoolonni marga dheeduuf gadi jedhu, inni garuu ijasaa gara samiitti ol qaba ture. Daawit dimimmisa galgalaatiin, ulfina uumama cufaafi ergaa inni dabarsurratti xiinxala ture. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul’atus hojii harka isaa in labsa. Guyyaan guyyaa isatti aanutti kana in dabarsa, halkanis halkan isatti aanutti waa’ee kanaa in beeksisa.” (Faarfannaa 19:1, 2) Daawit, Isa waan hundumaa dinqisiisaa godhee uume barbaaduufi isa dukaa bu’uun akka isa barbaachisu hubatee ture. Nuyis akkasuma gochuu qabna.

19. Dargaggoonnis ta’e maanguddoonni “guddaa dinqisiisaa” godhamnee uumamuu keenya beekuunsaanii maal isaan barsiisa?

19 Daawit, gorsa ilmisaa Solomoon boodarratti akkas jechuudhaan dargaggootaaf kenne hojiirra oolchuudhaan fakkeenya ta’eera: “Bara dargaggummaa keetti uumaa kee [“isa Guddaa,” NW] yaadadhu! Waaqayyoon sodaadhu, abboommii isaas eegi! Kun nama hundumaa irraa in barbaadama.” (Lallaba 12:1, 13) Daawit dargaggeessa yeroo turetti, “guddaa dinqisiisaa” godhamee uumamuusaa hubatee ture. Haala beekumsasaa kanaan wal simuun jiraachuunsaa guutummaa jireenyasaa keessatti eebbawwan gurguddaa isaaf argamsiiseera. Dargaggootas taane maanguddoota, Uumaa keenya Isa Guddaa kan faarsinuufi kan tajaajillu yoo ta’e, jireenyi keenya inni ammaas ta’e gara fuulduraa gammachiisaa ta’a. Namoota Yihowaatti dhihaatanii jiraniifi daandii qajeelummaasaa hordofan ilaalchisee Macaafni Qulqulluun abdii akkas jedhu kenna: “Dulluma keessa iyyuu ija in godhatu, isaan yeroo hundumaa jiidha qabu, in lalisus. Kun qajeelina Waaqayyoo in hima.” (Faarfannaa 92:14, 15) Hojiiwwan dinqisiisaa Uumaa keenyaa ilaaluudhaan bara baraaf gammaduuf abdii qabna.

[Miiljaleewwan]

^ key. 1 Dammaqaa! Waxabajjii 22, 2004 (Ingiliffa) Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali.

^ key. 6 Dammaqaa! Sadaasa 1998, mataduree “Kaleen Calaltuu Jireenyakeetiif Barbaachisaa Ta’e” jedhu ilaali.

^ key. 13 Jechoonni Faarfannaa 139:18b irratti argaman, Daawit guyyaa guutuu hanga galgala hirribni isa fudhatutti yaada Yihowaa utuu lakkaa’ee, buleesaa ganama yeroo dammaqus wanta lakkaa’u kan hin dhabne ta’uusaa kan ibsu fakkaata.

Ibsuu Dandeessaa?

• Karaa mucaan gadameessa keessa jiru itti guddatu ‘guddaa dinqisiisaa godhamne akka uumamne’ kan argisiisu akkamitti?

• Yaadawwan Yihowaarratti xiinxaluu kan qabnu maaliifi?

• Amantiiniifi hariiroon Waaqayyoo wajjin qabnu kan wal qabate akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]