Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Namni Hamaa Yoo Isin Irratti Hojjete, Deebiftanii Hamaa Irratti Hin Hojjetinaa!”

“Namni Hamaa Yoo Isin Irratti Hojjete, Deebiftanii Hamaa Irratti Hin Hojjetinaa!”

“Namni Hamaa Yoo Isin Irratti Hojjete, Deebiftanii Hamaa Irratti Hin Hojjetinaa!”

“Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa! Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta’e yaadatti qabadhaa!”—ROOMAA 12:17.

1. Amala akkamiitu baramaadha?

MUCAAN tokko obboleessisaa yoo isa darbate, yeroo baay’ee innis deebisee isa darbata. Kan nama gaddisiisu garuu gochi akkasii kun ijoollee qofarratti kan mul’atu miti. Namoonni gurguddaan baay’eenis akkasuma godhu. Yeroo nama tokkotti aaran, ijaa ba’uu barbaadu. Namoonni gurguddaan kallattiidhaan nama hin darbatan ta’a; haata’u malee baay’eensaanii karaa hin mul’anneen ijaa ba’u. Nama isaan mufachiise sana ilaalchisee hamii gadhee babal’isu ta’a ykn namni sun akka hin milkoofne gochuuf carraaqu ta’a. Malli isaan itti fayyadaman maaliyyuu yoo ta’e, fedhiinsaanii ijaa ba’uudha.

2. (a) Kiristiyaanonni dhugaa ijaa ba’uurraa kan of qusatan maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamiifi boqonnaa Macaafa Qulqulluu isa kam ilaalla?

2 Ilmaan namootaa ijaa ba’uuf fedhii guddaa qabaataniyyuu, Kiristiyaanonni dhugaa kana hin hordofan. Kanaa mannaa gorsa Phaawulos, “Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa!” jedhu hojiirra oolchuuf carraaqu. (Roomaa 12:17) Seera bu’uuraa guddaa kanaa wajjin haala wal simuun jiraachuuf wanti nu kakaasu maalidha? Keessumaa hamaa hamaadhaan deebisuu kan hin qabne eenyufa’iifi? Hamaa hamaadhaan deebisuu yoo dhiisne bu’aa maalii arganna? Gaaffiiwwan kana deebisuuf yaadawwan naannoo jechoota Phaawulos dubbaterratti argaman haa qorru; akkasumas Roomaan boqonnaa 12, ijaa ba’uu dhiisuun sirrii, gocha jaalalaafi gad of qabummaa hordofuu qabnu ta’uusaa kan argisiisu akkamitti akka ta’e; wantoota sadan kana tokko tokkoon haa ilaallu.

‘Ammas Isin Nan Gorsa’

3, 4. (a) Roomaa boqonnaa12⁠rraa jalqabee Phaawulos waa’ee maalii ibseera? Jecha “ammas” jedhu fayyadamuunsaa maal kan argisiisudha? (b) Araarri Waaqayyoo Kiristiyaanota Roomaa jiran maal akka godhaniif isaan kakaasee ta’uu qaba?

3 Phaawulos Roomaa boqonnaa 12⁠rraa jalqabee wantoota jireenya Kiristiyaanotaa tuqan afur ibseera. Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin, obboloota hidhata amantaa keenya ta’anii wajjin, namoota hin amannee wajjiniifi qaama bulchitoota mootummaa ta’anii wajjin qabnu ibseera. Phaawulos, fedhii ijaa ba’uu dabalatee fedhiiwwan gadhee ta’an ofirraa ittisuuf wanti nu kakaasu inni guddaan maal akka ta’e yeroo ibsu, ‘Ammas yaa obboloota ko, araara Waaqayyoof jedheen isin gorsa’ jedheera. (Roomaa 12:1) Jechi “ammas” jedhu “kanaan dura akkuma ilaalletti” jechuu akka ta’e qalbeeffadhaa. Phaawulos, ‘Kanaan dura akkuman isinitti himetti wantan kanatti aansee isiniin jedhu akka raawwattan isiniin kadhadha’ jechuusaa ture. Wanti Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatti duraan dursee hime maal ture?

4 Phaawulos, xalayaawwan jalqabaa boqonnaawwan 11⁠rratti Kiristiyaanota Roomaatiif barreesse keessatti, mirgi addaa Mootummaa Waaqayyoo keessatti Kiristosii wajjin bulchuuf kenname, inni namoonni dhalootaan Israa’eloota ta’an fudhachuu didan Yihudootaafi namoota Yihudii hin taaneef akka kenname ibseera. (Roomaa 11:13-36) Mirgi addaa kun argamuu kan danda’u ‘araara Waaqayyootiin’ qofadha. Kiristiyaanonni mirga guddaa kanaaf maaltu isaanitti dhaga’amuu qaba? Garaansaanii dinqisiifannaa guddaadhaan guutamuufi akka Phaawulos kanatti aansee jedhe gochuuf kaka’uu qabu: “Namummaan keessan qulqullaa’aadhaa fi Waaqayyo duratti fudhatamaa akka ta’utti, aarsaa jiraatu gootanii akka isa dhi’eessitan isin nan gorsa.” (Roomaa 12:1) Haata’u malee, Kiristiyaanonni kun Waaqayyoof “aarsaa” godhanii of dhiheessuu kan danda’an akkamitti?

5. (a) Namni tokko Waaqayyoof mataasaa “aarsaa” godhee dhiheessuu kan danda’u akkamitti? (b) Seerri bu’uuraa jireenya Kiristiyaana tokkoorratti dhiibbaa gochuu qabu isa kamidha?

5 Itti fufuudhaan Phaawulos akkas jedheera: “Fakkeenya jireenya bara isa darbu kanaa duukaa hin bu’inaa! Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baasuudhaaf, yaada garaa keessanii haareffachuudhaan of diddiiraa! Jaalalli Waaqayyoo immoo waan gaarii ta’e, waan isa duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan baasus hubachuu dha.” (Roomaa 12:2) Kiristiyaanonni biyyi lafaa ilaalchasaanii akka to’atu gochuu mannaa, yaanni garaasaanii haareffamee, ilaalcha akka Kiristos qabaachuuf carraaquu qabu. (1 Qorontos 2:16; Filiphisiiyus 2:5) Seerri bu’uuraa sun warra yeroo har’aatti argamnu dabalatee jireenya Kiristiyaanota dhugaa hundumaarratti dhiibbaa gaarii geessisuu qaba.

6. Phaawulos Roomaa 12:1, 2⁠rratti akka ibsetti, ijaa ba’uurraa akka of qusannu kan nu godhu maalidha?

6 Ibsi Phaawulos Roomaa 12:1, 2⁠rratti kenne kan nu gargaaru akkamitti? Akkuma Kiristiyaanota dibamoo Roomaa keessa turanii, nuyis araara Waaqayyo jireenya keenya keessatti yeroo hundumaa karaawwan adda addaa nutti argisiisuuf guddaa isa galateeffanna. Kanaaf garaan keenya dinqisiifannaadhaan guutamuunsaa humna, qabeenyaafi dandeettii keenya hundaan isa tajaajiluuf nu kakaasa. Fedhiin akkasii kunimmoo, ilaalcha biyya lafaa utuu hin ta’in ilaalcha Kiristos qabaachuuf hamma dandeenye akka carraaqnu nu kakaasa. Ilaalcha akka Kiristos qabaachuun keenyammoo, obboloota hidhata amantaa keenya ta’anii wajjinis ta’e namoota hin amannee wajjin walitti dhufeenya gaarii akka qabaannu godha. (Galaatiyaa 5:25) Fakkeenyaaf, ilaalcha Kiristos yoo qabaanne fedhii ijaa ba’uuf qabnu mo’uu dandeenya.—1 Phexros 2:21-23.

“Nama Jaallachuun Keessan Jaalala Dhugaa Haa Ta’u”

7. Jaalalli Roomaa boqonnaa 12⁠rratti ibsame isa kamidha?

7 Hamaa hamaadhaan deebisuurraa kan of qusannu, kana gochuun waan sirrii ta’e qofaaf utuu hin ta’in, gocha jaalalaas waan ta’eefidha. Phaawulos ergamaan jaalalli maal gochuuf akka nu kakaasu yeroo ibsu maal akka jedhe haa ilaallu. Macaafa Roomaa keessatti “jaalala” (afaan Giriikiitiin agaappee) Waaqayyoofi Kiristos yeroo ibsu jecha kanatti si’a baay’ee fayyadameera. (Roomaa 5:5, 8; 8:35, 39) Haata’u malee, boqonnaa 12⁠rratti Phaawulos jecha agaappee jedhu karaa adda ta’een jechuunis jaalala namootaaf argisiisuu qabnu ibsuuf itti fayyadameera. Phaawulos, kennaawwan hafuuraa adda adda akka ta’aniifi namoonni amanan tokko tokko kennaawwan akkasii akka qaban erga dubbatee booda, amala Kiristiyaanonni hundi horachuu qaban ibseera. Akkas jedhe: “Nama jaallachuun keessan jaalala dhugaa haa ta’u.” (Roomaa 12:4-9) Namoota jaallachuun mallattoo isa guddaa Kiristiyaanonni dhugaa ittiin addaan baafamanidha. (Maarqos 12:28-31) Phaawulos, Kiristiyaanota hamma taanetti jaalalli keenya kan dhugaa ta’uu akka qabu nu gorseera.

8. Jaalala dhugaa qabaachuu keenya argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Itti dabalees Phaawulos: “Waan hamaa jibbaa, wanta gaarii ta’etti qabamaa jiraadhaa!” jechuudhaan akkamitti jaalala dhugaa argisiisuun akka danda’amu ibseera. (Roomaa 12:9) Jechoonni “jibbaa” akkasumas “itti qabamaa jiraadhaa” jedhan jechoota cimaadha. Miidhaa wanti hamaan geessisu qofa utuu hin ta’in wanta hamaa sanas jibbuu qabna. (Faarfannaa 97:10) Jechoonni “qabamaa jiraadhaa” jedhan afaan Giriikiitiin kallattiidhaan yeroo hiikamu “maxxanuu” jechuudha. Kiristiyaanni jaalala dhugaa qabu tokko gaarummaatti waan maxxanuuf ykn waan cichuuf gaarummaan amala inni ittiin beekamu ta’a.

9. Gorsi Phaawulos irra deddeebi’ee kenne maalidha?

9 Phaawulos karaa addaa jaalalli dhugaan itti argisiifamu tokko irra deddeebi’ee ibseera. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Warra isin ari’atan eebbisaa, isaan eebbisaa malee hin abaarinaa!” “Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa!” “Michoota ko! . . . ofii keessanii ijaa hin baafatinaa!” “Waan gaariidhaan isa hamaa [mo’aa] malee, hamaan [isin] hin mo’in!” (Roomaa 12:14, 17-19, 21) Jechoonni Phaawulos, walitti dhufeenya namoota hin amanne, akkasumas namoota nu morman wajjinillee qabaachuu qabnu ibsu.

“Warra Isin Ari’atan Eebbisaa”

10. Namoota nu ari’atan eebbisuu kan dandeenyu karaa kamiini?

10 Gorsa Phaawulos, “Warra isin ari’atan eebbisaa” jechuudhaan kenne hojjiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? (Roomaa 12:14) Yesus duuka buutotasaatiin, “Diinota keessan jaalladhaa, warra isin ari’ataniifis kadhadhaa!” jedheera. (Maatewos 5:44; Luqaas 6:27, 28) Karaan warra nu ari’atan itti eebbisnu inni tokko, namoonni sun wallaalummaadhaan kan nu morman yoo ta’e, Yihowaan dhugaa akka beekaniif ijasaanii akka isaaniif banu kadhachuudhaanidha. (2 Qorontos 4:4) Waaqayyo nama nu ari’atu akka eebbisu kadhachuun waan hin baramne fakkaachuu danda’a. Haata’u malee, yaanni keenya yaada Kiristosii wajjin wal fakkaachaa yeroo adeemutti, caalaatti diinota keenya jaallachuu dandeenya. (Luqaas 23:34) Jaalala akkasii argisiisuun bu’aa maalii argamsiisuu danda’a?

11. (a) Muuxannoo Isxifaanosirraa maal barachuu dandeenya? (b) Akkuma jireenya Phaawulosirratti mul’ate, ari’attonni jijjiirama akkamii gochuu danda’u?

11 Isxifaanos, namoota isa ari’ataniif kadhatee ture; kadhannaansaas lafatti hin banne. Dh.K.D. bara 33 guyyaa Phenxeqostee booda utuu baay’ee hin turin, namoonni gumii Kiristiyaanaatiin morman Isxifaanosiin magaalaa Yerusaalem keessaa gadi baasanii dhagaadhaan rukutan. Du’uusaa dura sagalee guddaadhaan: “Yaa gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaa’in!” jedhee kadhatee ture. (Hojii Ergamootaa 7:58–8:1) Namoota Isxifaanos gaafa sana kadhateef keessaa tokko, Saa’ol isa yeroo inni ajjeefame argeefi ajjeefamuusaarratti walii galee turedha. Yeroo booda, Yesus inni du’aa ka’e Saa’olitti mul’ate. Namichi ari’ataa ture kun duuka buutuu Kiristos ta’e; yeroo boodas Phaawulos ergamaa kan jedhamee si’a ta’u, Kiristiyaanota Roomaatiif xalayaa kana kan barreesse isadha. (Hojii Ergamootaa 26:12-18) Kadhannaa Isxifaanos dhiheesseen, Yihowaan cubbuu Phaawulos Kiristiyaanota ari’achuusaatiin raawwate akka isaaf dhiise hubachuu dandeenya. (1 Ximotewos 1:12-16) Phaawulos “warra isin ari’atan eebbisaa” jechuudhaan Kiristiyaanota gorsuunsaa nama hin dinqisiisu. Namoonni ari’achaa turan tokko tokko dhumarratti tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uu akka danda’an muuxannoo mataasaarraa hubatee ture. Bara keenyattis, namoonni Dhugaa Baatota Yihowaa ari’achaa turan tokko tokko, tajaajiltoonni Yihowaa amala gaarii argisiisuusaaniitiin amantoota ta’aniiru.

‘Nama Hundumaa Wajjin Nagaatti Jiraadhaa’

12. Yaadawwan Roomaa 12:9fi 17⁠rra jiran walitti dhufeenya kan qaban akkamitti?

12 Ittaansee Phaawulos, walitti dhufeenya namoota amananiifi hin amannee wajjin qabaachuu qabnu ilaalchisee gorsa, “Namni hamaa yoo isin irratti hojjete, deebiftanii hamaa irratti hin hojjetinaa!” jedhu kenneera. Wanti Phaawulos asirratti dubbate kun wanta kanaan dura “waan hamaa jibbaa” jedhee wajjin walitti dhufeenya qabu. Namni tokko hamaa hamaadhaan kan deebisu taanaan, wanta hamaa ta’e garaasaatii akka jibbu akkamitti dubbachuu danda’a? Hamaa hamaadhaan deebisuun “jaalala dhugaa” wajjin kan wal faallessudha. Phaawulos itti fufuudhaan, “Waan fuula nama hundumaa duratti fudhatamaa ta’e yaadatti qabadhaa!” jedheera. (Roomaa 12:9, 17) Gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

13. “Nama hundumaa duratti” amala akkamii argisiisuu qabna?

13 Kanaan dura Phaawulos ari’atama ergamootarra ga’e ilaalchisee Kiristiyaanota Qorontosiif yeroo barreessu akkas jedhee ture: “[Waaqayyo] akka warra tuuta namootaa keessatti ajjeefamuun itti faradameetti namaa gad nu godhe; nuyi ergamoota waaqa irraa fi namoota biyya lafaafis ilaalchaaf taaneerra. . . . yeroo nu abaaran in eebbifna, yeroo nu ari’atanis obsaan in dandeenya; yeroo nu arrabsanis deebii gaarii in deebifna.” (1 Qorontos 4:9-13) Haaluma wal fakkaatuun, namoonni biyya lafaa Kiristiyaanota dhugaa yeroo ammaatti argaman ni hubatu. Namoonni naannoo keenya jiran, hammeenyi nurratti raawwatamaa utuu jiruu waan gaarii gochuu keenya yommuu hubatan, waan nuyi lallabnu fudhachuu danda’u.—1 Phexros 2:12.

14. Nagaadhaan jiraachuuf kan carraaqnu hanga maalitti?

14 Haata’u malee, naga qabeeyyii ta’uu kan qabnu hanga maaliittidha? Wanta dandeenye gochuu qabna. Phaawulos Kiristiyaanota obbolootasaa ta’aniin akkas jedhee ture: “Nama hundumaa wajjin nagaatti jiraachuudhaaf karaa keessan wanta danda’amu hundumaa godhaa!” (Roomaa 12:18) Jechoonni “wanta danda’amu” akkasumas “karaa keessan” jedhan, namootaa wajjin nagaatti jiraachuun yeroo hundumaa kan danda’amu akka hin taane kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, namootaa wajjin nagaatti jiraachuuf jennee abboommii Waaqayyoo hin cabsinu. (Maatewos 10:34-36; Ibroota 12:14) Ta’us, seerawwan qajeelummaarratti hundaa’an utuu hin cabsin “nama hundumaa wajjin” nagaadhaan jiraachuuf wanta dandeenye hundaa ni goona.

“Ofii Keessanii Ijaa Hin Baafatinaa!”

15. Roomaa 12:19⁠rratti sababii ijaa ba’uurraa akka of qusannu nu godhu maaltu ibsame?

15 Phaawulos sababii quubsaa ijaa ba’uu hin qabneef kan biraa ibseera; akkas gochuu dhiisuun amala gad of qabuu qabaachuu keenya kan argisiisudha. Akkas jedhe: “Michoota ko! Ijaa baasuu dheekkamsa Waaqayyootti dhiisaa malee, ofii keessanii ijaa hin baafatinaa! Caaffata qulqullaa’aa keessatti, Waaqayyo gooftaan, ‘Ijaa baasuun kan koo ti, ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa’ jedhee dubbateera.” (Roomaa 12:19) Kiristiyaanni ijaa ba’uuf yaalu kan of tuuludha. Tarkaanfii Waaqayyo fudhachuu qabu ofiisaatii fudhata. (Maatewos 7:1) Kana malees, wanta isarra ga’eef ijaa ba’uunsaa Yihowaa isa “Ijaa baasuun kan koo ti” jedherratti akka hin amanamne kan argisiisudha. Haala kanarraa faallaa ta’een, Kiristiyaanonni dhugaa Yihowaan ‘warra isaaf fo’amaniif dhugaasaanii akka baasuuf’ ni amanu. (Luqaas 18:7, 8; 2 Tasaloniiqee 1:6-8) Waaqayyo ijaa akka isaaniif baasu isatti dhiisuudhaan kan gad of qaban ta’uusaanii argisiisu.—Ermiyaas 30:23, 24; Roomaa 1:18.

16, 17. (a) Yaanni “giimii ibiddaa mataasaarratti walitti ni qabda’oo” jedhu maal jechuudha? (b) Gaarummaan ilaalcha nama hin amanne tokkoo yommuu jijjiiru argitee beektaa? Yoo ta’e fakkeenya kenni.

16 Diina ofiirratti ijaa ba’uun garaasaa jabeessuu danda’a; gaarummaa isatti argisiisuun garuu garaasaa laaffisuu danda’a. Kan akkas jennu maaliifi? Wanta Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiif barreesse qalbeeffadhaa. Akkas jedhe: “Diinni kee yoo beela’e nyaachisi, yoo dheebotes obaasi! Kana gochuu keetiinis gaabbee akka inni yeella’u in goota [“giimii ibiddaa mataasaarratti walitti ni qabda’oo,” 1899].” (Roomaa 12:20; Fakkeenya 25:21, 22) Kana jechuun maal jechuudha?

17 Yaanni “giimii ibiddaa mataasaarratti walitti ni qabda’oo” jedhu, mammaaksa mala bara Macaafa Qulqulluutti sibiila itti baqsanirraa fudhatamedha. Sibiilli hin qulqulleeffamne barbadaa ibiddaa keessa ruuqama. Cileen sibiilicha jalatti qofa utuu hin ta’in gubbaasaarrattis ni naqama ture. Barbadaan ibiddaa inni irra keessaa sibiilichi akka baqu waan godhuuf xuriin sibiilichaa irraa ba’a. Haaluma wal fakkaatuun, nama nu mormutti gaarummaa argisiisuudhaan amallisaa inni hamaan “baqee” inni gaariin akka ba’u gochuu dandeenya. (2 Mootota 6:14-23) Kiristiyaanonni baay’een, jalqaba gara waaqeffannaa dhugaa akka dhufan kan isaan godhe gaarummaa tajaajiltoonni Yihowaa isaanitti argisiisanidha.

Ijaa Ba’uu Kan Hin Qabne Maaliifi?

18. Ijaa ba’uurraa of qusachuun sirrii, gocha jaalalaafi amala gadi of qabuu qabaachuu keenya kan argisiisudha kan jennu maaliifi?

18 Marii gabaabaa Roomaa boqonnaa 12⁠rratti gooneen, sababiiwwan baay’ee ‘namni hamaa yoo nurratti hojjete, deebifnee hamaa irratti akka hin hojjenne’ nu godhan ilaalleerra. Jalqaba, ijaa ba’uu dhiisuurraa of qusachuun gocha sirrii hordofuu qabnudha. Waaqayyo gaarummaa waan nutti argisiiseef, Isaaf of dhiheessuufi diinota keenya jaallachuu dabalatee abboommiiwwansaatiif fedhiidhaan ajajamuun keenya sirriifi waan nurraa eegamudha. Lammaffaa, hamaa hamaadhaan deebisuurraa of qusachuun karaa jaalalaa hordofuu qabnudha. Ijaa ba’uurraa of qusachuufi nagaa buusuudhaan, namoonni mormitoota cimoo turanillee tajaajiltoota Yihowaa ta’uu akka danda’an abdachuudhaan jaalalaan isaan gargaaruu dandeenya. Sadaffaa, hamaa hamaadhaan deebisuu dhiisuun amala kan gad of qabne ta’uu keenya argisiisudha. Yihowaan, “Ijaa baasuun kan koo ti” waan jedheef ofii keenyaa ijaa ba’uuf yaaluun of tuulummaadha. Dubbiin Waaqayyoos, “Yommuu of gurguddisuun dhufu, salphinni in dhufa; yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jechuudhaan akeekkachiisa. (Fakkeenya 11:2) Jal’ina nurratti raawwatamu harka Waaqayyootti kennuun, amala gad of qabuu qabaachuu keenya kan argisiisudha.

19. Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii mari’anna?

19 Phaawulos walitti dhufeenya namootaa wajjin qabaachuu qabnu ilaalchisee yaadasaa yeroo xumuru, “Waan gaariidhaan isa hamaa mo’i malee, hamaan si hin mo’in!” jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (Roomaa 12:21) Humnoonni hafuuraa cimoon yeroo har’aa nu mudatan maalidha? Akkamitti isaan mo’uu dandeenya? Mataduree ittaanu keessatti gaaffiiwwan kanaafi kan biroorratti mari’anna.

Ibsuu Dandeessaa?

Roomaa boqonnaa 12⁠rratti gorsi irra deddeebi’amee ibsame maalidha?

• Akka ijaa hin baaneef kan nu kakaasu maalidha?

• ‘Nama hamaa nurratti hojjeteef hamaa deebisuu’ dhiisuun keenya nuufis ta’e namoota kaaniif faayidaa akkamii argamsiisa?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Roomaa boqonnaa 12 walitti dhufeenya Kiristiyaanni tokko:

• Yihowaa wajjin,

• namoota hidhata amantiisaa ta’anii wajjin,

• namoota hin amannee wajjin qabu ibsa