Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa Mo’aa’

‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa Mo’aa’

‘Waan Gaariidhaan Isa Hamaa Mo’aa’

“Waan gaariidhaan isa hamaa mo’i malee, hamaan si hin mo’in!”—ROOMAA 12:21.

1. Hamaa mo’uu akka dandeenyu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?

NAMOONNI waaqeffannaa dhugaa garmalee yeroo morman jabaannee dhaabachuu dandeenyaa? Dhiibbaawwan gara biyya lafaa Waaqayyorraa adda ba’e kanatti akka deebinu nu gochuuf yaalan mo’uun ni danda’amaa? Deebiinsaa eeyyee ni danda’ama kan jedhudha. Kana kan jennu maaliifi? Xalayaa Phaawulos warra Roomaatiif barreesseen kan ka’edha. Akkas jedhe: “Waan gaariidhaan isa hamaa mo’i malee, hamaan si hin mo’in!” (Roomaa 12:21) Yihowaatti yoo amanamneefi dhiibbaan biyya lafaa akka nu hin moone yoo murteessine, hammeenyisaa nu mo’uu hin danda’u. Kana malees, yaanni “waan gaariidhaan isa hamaa mo’i” jedhu, wal’aansoo kan goonu yoo ta’e hamaa mo’uu akka dandeenyu kan argisiisudha. Biyya lafaa isa jal’aa Seexanni inni hamaan bulchu kanaan kan mo’aman, namoota of dagataniifi wal’aansoo gochuu dhaaban qofadha.—1 Yohannis 5:19.

2. Wantoota jireenya Nahimiiyaa keessatti raawwataman kan qorru maaliif?

2 Bara Phaawulos jiraaterraa waggaa 500 dura, tajaajilaan Yihowaa Yerusaalem jiraatu tokko, wanti Phaawulos hamaa wajjin wal’aansoo wal qabuu ilaalchisee dubbate dhugaa ta’uusaa mirkaneesseera. Namni Waaqayyoo Nahimiiyaa jedhamu kun, mormii namoonni Waaqayyoon hin sodaanne isarraan geessisan ittisuu qofa utuu hin ta’in, waan gaariidhaan isa haamaa mo’eera. Wantoonni rakkisaan isarra ga’an maalidha? Wanti qorumsawwan kana mo’uuf isa gargaare maalidha? Fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Gaaffiiwwan kana deebisuuf wantoota jireenya Nahimiiyaa keessatti raawwataman haa ilaallu. *

3. Nahimiiyaan haala akkamii keessa jiraachaa ture? Hojii guddaa akkamii raawwateera?

3 Nahimiiyaan mana mootummaa Artashaastaa Mootii Faares keessa tajaajila ture. Nahimiiyaan namoota hin amanne gidduu jiraachaa kan ture ta’uyyuu, ‘fakkeenya jireenya bara isa darbu sanaa duukaa hin buune.’ (Roomaa 12:2) Wanti Yihudaa keessatti raawwatamuu qabu akka jiru yeroo hubatu, jireenyasaa isa qananii aarsaa godhee gara Yerusaalemitti deebi’uuf karaa isa rakkisaa adeemuu eegale; achiis dallaa mandarattii deebisee ijaaruuf hojii ulfaataa jalqabe. (Roomaa 12:1) Nahimiiyaan bulchaa Yerusaalem ta’uyyuu, “guyyaa guyyaatti barii lafaatii hamma urjiin ba’utti” Israa’eloota kaan wajjin hojjeta ture. Kanaafuu, ji’a lama gidduutti hojichi ni xumurame! (Nahimiiyaa 4:21; 6:15) Yeroo ijaaranitti mormiin adda addaa isaanirra ga’aa waan tureef, hojiin kun xumuramuunsaa ajaa’ibsiisaa ture! Namoonni Nahimiiyaadhaan mormaa turan eenyufa’i? Kaayyoonsaanii maal ture?

4. Kaayyoon mormitoota Nahimiiyaa maali ture?

4 Mormitoota gurguddaa kan turan, Sanbalaax, Xobiiyaafi Geshem, namoota kabajamoo naannoo Yihudaa jiraatan turan. Jarri kun diinoota saba Waaqayyoo waan turaniif, “[Nahimiiyaan] namoota Israa’eliif waan gaarii barbaaduu akka dhufe dhaga’uun baay’ee isaan aarse.” (Nahimiiyaa 2:10, 19) Diinonni Nahimiiyaa tooftaalee hammeenyaa qopheessuudhaan hojii ijaarsaa Nahimiiyaan jalqabe dhaabsisuuf kutatanii ka’anii turan. Nahimiiyaan hamaan akka isa mo’u’ godhaa laata?

“Baay’ee Aaree In Dheekkame”

5, 6. (a) Diinonni Nahimiiyaa ijaarsicha ilaalchisee maal jedhan? (b) Nahimiiyaan mormitootasaa kan hin sodaanne maaliif ture?

5 Nahimiiyaan ija jabinaan namoota isaatiin, “Kottaa dallaa Yerusaalem deebifnee in ijaarraa” jedhee isaan jajjabeesse. Isaanis “Deebifnee ijaaruu in jalqabna” jedhan. Nahimiiyaan akkas jechuudhaan dubbata: “Humna isaanii jabeeffatanii hojii gaarii kanaaf in ka’an;” diinoonni garuu “Nu tuffatanii nutti ga’isanii, ‘Wanti isin hojjechaa jirtan kun maali? Isin mooticha irratti ka’uuf jettuu?’” jedhan. Nahimiiyaan arrabsoofi himata sobaasaanii hin sodaanne. Mormitootaan akkas jedhe: “Nuyi garboonni isaa kaanee ijaaruu in jalqabna Waaqayyo gooftaan bantii waaqaa immoo nuuf in qajeelcha.” (Nahimiiyaa 2:17-20) Nahimiiyaan “hojii gaarii” hojjechuusaa itti fufuuf garaa kutatee ture.

6 Mormitoota keessaa tokko kan ture Sanbalaax “baay’ee aaree in dheekkame;” achiis isaan arrabsuutti ka’e. Akkas jechuudhaan isaanitti ga’ise: “Yihudoonni dadhaboonni kun maal hojjechaa jiru?” “Amma dhagaa gubatee caccabee tuulame kanaan akkuma inni jirutti deebisanii ittiin ijaaruu danda’uu ree?” Xobiiyaanis akkas jechuudhaan isaanitti ga’ise: “Dallaa isaan dhagaadhaan ijaaran kana, waangoon iyyuu utuu yaabdee in caccabsiti.” (Nahimiiyaa 4:1-3) Yeroo kanatti Nahimiiyaan maal godhe?

7. Nahimiiyaan himata mormitoonnisaa kaasaniif karaawwan kamiin deebii kenne?

7 Nahimiiyaan warra isatti ga’isaniif iddoo hin kennine. Abboommii Waaqayyoo hordofe malee ijaa ba’uuf hin yaalle. (Lewwoota 19:18) Kanaa mannaa, dhimmicha harka Yihowaatti dabarsee kennuudhaan akkas jedhee kadhate: “Yaa Waaqayyo keenyaa, tuffatamuu keenya dhaga’i! Arrabsoo isaan nu arrabsan matuma isaaniitti deebisi!” (Nahimiiyaa 4:4) Nahimiiyaan abdii Yihowaan, “Ijaa baasuunii fi adabuun kan koo ti” jechuudhaan kennetti amanameera. (Keessa Deebii 32:35) Kana malees, Nahimiiyaafi namoonni kaan, ‘dallicha ijaaruusaanii’ itti fufan. Wanti tokkollee xiyyeeffannaasaanii akka fudhatu hin heyyamne. Kanaa mannaa, ‘namoonni garaa isaanii guutuu waan hojjetaniif, dafanii dallicha ijaaruudhaan asii olii isaa walakkaa godhan.’ (Nahimiiyaa 4:6) Diinonni waaqeffannaa dhugaa, yaaliin isaan hojii ijaarsichaa dhaabsisuuf godhan jalaa fashalaa’e! Fakkeenya Nahimiiyaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

8. (a) Mormitoonni yeroo sobaan nu himatan fakkeenya Nahimiiyaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Muuxannoo ijaa ba’uu dhiisuun gaarii akka ta’e argisiisu kan kees ta’e kan dhageesse dubbadhu.

8 Yeroo har’aatti mormitoonni mana barumsaatti, bakka hojiitti ykn mana keessatti nutti ga’isuufi himata sobaa nurratti dhiheessuu danda’u. Haata’u malee, yommuu sobaan himatamnutti yeroo baay’ee seera bu’uuraa Macaafa Qulqulluu “calluma jechuun yeroo qaba” jedhu hojiirra oolchuun gaariidha. (Lallaba 3:1, 7) Kanaaf nuyis akkuma Nahimiiyaa, deebisnee arrabsuudhaan ijaa ba’uurraa of qusanna. (Roomaa 12:17) Waaqa isa, “Ani hojii namaa mataa isaa irratti nan deebisa” jechuudhaan nuu mirkaneessetti amanamuudhaan garasaatti kadhannaa dhiheessina. (Roomaa 12:19; 1 Phexros 2:19, 20) Yoo akkas goone, mormitoonni hojii hafuuraa yeroo har’aatti hojjennu jechuunis, misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi bartoota taasisuu akka nu dagachiisan isaaniif hin heyyamnu. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Mormiin nurra ga’u akka nu gufachiisu heyyamuu dhiisuudhaan hojii lallabaarratti hamma hirmaannetti gara kuteenya akka Nahimiiyaa qabaachuu keenya argisiisna.

‘Isaan Ajjeesna’

9. Diinonni Nahimiiyaa mormiisaanii kan ibsan akkamitti? Nahimiiyaan maal godhe?

9 Mormitoonni waaqeffannaa dhugaa bara Nahimiiyaa turan, ‘dallaan Yerusaalem deebifamee ijaaramaa akka jiru’ yeroo dhaga’an billaasaanii fudhatanii “Yerusaalemin loluuf” ka’an. Haalli kun Yihudoota abdii kan kutachiisu ture. Karaa kaabaa warra Samaariyaa, karaa bahaa Amoononni, karaa kibbaa Araboonni, karaa dhihaammoo warri Ashdood isaanitti ka’anii turan. Yerusaalem marfamteetti; warri dallicha ijaaran karaa ba’an kan hin qabne fakkaata! Maal godhan laata? Nahimiiyaan, “Nuyi Waaqayyo keenya in kadhanne” jechuudhaan dubbata. Mormitoonni isaaniimmoo, “Isaan ajjeefnee hojichi akka dhaabatu in goona” jedhanii isaan doorsisu turan. Nahimiiyaan namoonni dallicha ijaaran “billaa fi eeboo, iddaas” qabatanii magaalattii akka eegan ramade. Akka ilaalcha namootaatti,Yihudoonni muraasni diinotasaanii baay’ee turan sana kan mo’an hin fakkaatu ture; haata’u malee, Nahimiiyaan akkas jedhee isaan jajjabeesse: “Isaan hin sodaatinaa! Waaqayyoon isa guddaa isa sodaatamaa yaadadhaa!”—Nahimiiyaa 4:7-9, 11, 13, 14.

10. (a) Haalli diinota Nahimiiyaa akka jijjiiramu kan godhe maalidha? (b) Nahimiiyaan tarkaanfii akkamii fudhate?

10 Haalawwan akka tasaa jijjiiraman. Diinonni isaan loluurraa deebi’an. Maaliif? Nahimiiyaan akkas jedha: “Waaqayyos yaada isaan qopheessan hojii irra akka hin oolchine in hubatan.” Haata’u malee, Nahimiiyaan diinonnisaanii kun ammayyuu akka isaan yaaddessan hubatee ture. Kanaaf, akkaataa namoonni hojii ijaarsaarratti hirmaatan itti hojjetanirratti of eeggannoodhaan jijjiirama godhe. Yeroo sanaa kaasee, “hojjetoonni harka tokkoon hojicha hojjechaa, harka tokkoon immoo mi’a waraanaa in baatu turan.” Kana malees Nahimiiyaan, namoota hojii ijaarsaarratti hirmaatan akeekkachiisuuf nama yeroo diinonnisaanii dhufan “malakata afuufu” ramadee ture. Hunda caalaa garuu, Nahimiiyaan ‘Waaqayyo keenya nuuf in lola’ jechuudhaan namoota jajjabeessee ture. (Nahimiiyaa 4:15-20) Namoonni dallicha ijaaran lolli yoo isaanirratti ka’e ittisuuf jajjabaatanii akkasumas qophaa’anii hojiisaanii itti fufanii turan. Seenaa kanarraa barumsaa maalii arganna?

11. Kiristiyaanonni dhugaa biyyoota hojiin Mootummaa Waaqayyoo dhorkametti hamaa akka mo’an kan isaan gargaare maalidha? Waan gaariidhaan isa hamaa kan mo’an akkamitti?

11 Yeroo tokko tokko, Kiristiyaanota dhugaarra mormii cimaan ni ga’a. Biyyoota tokko tokkotti, namoonni waaqeffannaa dhugaa morman humna diinaa cimaa ta’e ni qopheessu. Akka ilaalcha namootaatti, warri hidhata amantaa keenyaa biyyoota akkasii keessa jiraatan diinotasaanii mo’uu hin danda’an. Haata’u malee, Dhugaa Baatonni Yihowaa kun ‘Waaqayyo akka isaaniif lolu’ mirkanaa’oodha. Dhugumayyuu, namoonni amantiisaaniitiif jedhanii ari’ataman hundi, Yihowaan kadhannaasaanii akka dhaga’uufi akeeka diinotasaanii “hojii irra akka hin oolchine” irra deddeebi’anii arganiiru. Biyyoota hojiin Mootummaa Waaqayyoo akka hin geggeeffamne dhorkamettillee, Kiristiyaanonni karaa misiraachoo lallabuusaanii itti fufan barbaadu. Namoonni dallaa Yerusaalem ijaaran mala ijaarsaasaanii akkuma jijjiiran, Dhugaa Baatonni yeroo ammaa jiranis yeroo mormiin isaanirra ga’u tooftaa itti lallaban ni jijjiiru. Meeshaa waraanaatti akka hin fayyadamne garuu beekamaadha. (2 Qorontos 10:4) Mormitoonni miidhaa qaamaa akka isaanirra geessisan isaan dorsisuunsaanii, hojii lallabaasaanii isaan hin dhaabsiisne. (1 Phexros 4:16) Haala kanarraa faallaa ta’een, Dhugaa Baatonni ija jabeeyyii ta’an kun ‘waan gaariidhaan isa hamaa mo’u.’

‘Kottuutii, Wal Arginaa!’

12, 13. (a) Mormitoonni Nahimiiyaa tooftaa akkamiitti fayyadaman? (b) Nahimiiyaan afeerrii mormitootaa wajjin akka wal arguuf isaaf dhihaate kan hin fudhanne maaliifi?

12 Diinonni Nahimiiyaa, tooftaan kallattiidhaan itti fayyadaman akka isaan jalaa fashalaa’e yeroo hubatan, tooftaalee dhoksaa ta’aniin fayyadamanii mormuutti ka’an. Tooftaalee dhoksaa ta’an sadii fayyadamuuf yaalaniiru. Tooftaaleen kun maal turan?

13 Jalqaba, diinonnisaa kun Nahimiiyaa gowwoomsuu barbaadan. “Kottu, gandeen dachaa Onoo isa tokkotti wal arginaa!” jedhaniin. Onoon bakka Yerusaalemiifi Samaariyaa gidduu jirudha. Kanaafuu, rakkoo kana hiikuuf bakka qixxe lamaansaanii gidduu jirutti akka wal arganiif isa waaman. Nahimiiyaan, ‘Kun yaada gaarii fakkaata; wal loluurra mari’achuu wayya’ jedhee yaaduu danda’a ture. Inni garuu yaadasaanii hin fudhanne. Sababiisaas, “Wanta hamaa ana irrati hojjechuudhaaf in yaadan” jechuudhaan ibseera. Tooftaasaanii waan isaanirratti beekeef hin gowwoomfamne. Akkas jechuudhaan si’a afur mormitootasaatti erge: “Ani . . . gad bu’uu hin danda’u; hamma ani dhiisee gara keessanitti gadi bu’uttis hojichi maaliif dhaabata ree?” Yaaliin diinonni Nahimiiyaan ejjennoosaa akka laaffisuuf godhan hin milkoofneef. Inni hojii ijaarsichaarratti xiyyeeffachuusaa itti fufee ture.—Nahimiiyaa 6:1-4.

14. Nahimiiyaan himata sobaa isarratti dhihaateef deebii maalii kenne?

14 Lammaffaa, diinonni Nahimiiyaa “mootummaa [Artashaastaa Mootichaa] irratti ka’uu” akka yaade dubbachuudhaan olola sobaa oofuu jalqaban. Ammas Nahimiiyaadhaan: “Kottu walii wajjin waa’ee isaa in dudubbannaa!” jedhaniin. Nahimiiyaan garuu waan isaan gochuu barbaadan waan hubateef utuu hin dhaqin hafeera. “‘Humna isaan buufnee hojichi akka dhaabatu in goona’ jedhanii waan yaadaniif, hundumti isaanii nu sodaachisuu in yaalan” jechuudhaan dubbateera. Yeroo kanatti garuu Nahimiiyaan, “Dubbiin kun wanta ati of keessaa fuutee dubbatte malee, dhugaa miti” jechuudhaan himanni diinotasaa soba ta’uusaa mirkaneesse. Kana malees, gargaarsa Yihowaa argachuuf, “Yaa Waaqayyo humna ana jabeessi!” jedhee kadhateera. Gargaarsa Yihowaatiin tooftaa hammeenyaa kana fashaleessuu akka danda’uufi hojii ijaarsichaatti akka fufu amanamee ture.—Nahimiiyaa 6:5-9.

15. Raajiin sobaa tokko maal jedhee Nahimiiyaa gorse? Nahimiiyaan gorsasaa kan hin fudhanne maaliif?

15 Sadaffaa, diinonni Nahimiiyaa akka inni seera Waaqayyoo cabsuuf Shemaa’iyaa, nama Israa’el isa gantuu ta’etti fayyadaman. Shemaa’iyaan, Nahimiiyaadhaan akkas jedheen: “Namoonni dhufanii si ajjeesan waan jiraniif, . .  kottu anii fi ati mana qulqullummaatti ol gallee balbala isaa cufannee in dhokannaa!” Shemaa’iyaan, Nahimiiyaan akka ajjeefamuuf jedhuufi mana qulqullummaa keessa dhokatee lubbuusaa oolfachuu akka danda’u itti hime. Haata’u malee, Nahimiiyaan luba waan hin taaneef mana qulqullummaa keessa dhokachuun cubbuu isatti ta’a. Nahimiiyaan lubbuusaa oolfachuuf jedhee seera Waaqayyoo ni cabsaa laata? Nahimiiyaan, “Mana qulqullummaa keessa dhokachuudhaan of oolchuu kanan yaalu sitti fakkaataa? Ani kana hin godhu” jechuudhaan deebiseef. Nahimiiyaan kiyyoo isaaf qophaa’e keessaatti kan hin kufne maaliif? Shemaa’iyaan nama Israa’el ta’uyyuu, ‘Waaqayyo akka isa hin ergine hubatee’ ture. Kana malees, raajii Waaqayyoo isa dhugaa utuu ta’ee seera Waaqayyoo akka cabsu isa hin gorsu ture. Yeroo kanattis taanaan Nahimiiyaan mormitoota hamoo ta’aniin hin mo’amne. Kun erga ta’ee yeroo muraasa booda, “Ijaarsi dallichaa guutummaatti guyyaa shantamii lama keessatti ji’a Elul keessaa gaafa guyyaa digdamii shanii in raawwate” jechuudhaan gabaasuu danda’eera.—Nahimiiyaa 6:10-15; Lakkoobsa 1:51; 18:7.

16. (a) Michoonni sobaa, namoonni sobaan nu himataniifi obboloonni sobaa yeroo nu mudatan maal gochuu qabna? (b) Mana keessatti, mana barumsaattiifi bakka hojiitti qorumsa amantiikee akka laaffistuuf sitti dhufu akka hin fudhanne argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

16 Nuyis akkuma Nahimiiyaa, michoota sobaarraa, namoota himata sobaa dhiheessaniifi obboloota sobaarraa mormiin nurra ga’uu danda’a. Namoonni tokko tokko ejjennoo keenya akka laaffisnu nu afeeru ta’a. Hinaaffaa tajaajila keenyaaf qabnu xinnumashee yoo hir’isne, galmawwan biyya lafaa hordofuu akka dandeenyu nu amansiisuuf yaalu ta’a. Haata’u malee, jireenya keenya keessatti bakka gudddaa kan qabu Mootummaa Waaqayyoo waan ta’eef ejjennoo keenya hin laaffisnu. (Maatewos 6:33; Luqaas 9:57-62) Mormitoonnis sobaan nu himachuu danda’u. Nahimiiyaan mootirratti akka koratu sobaan akkuma himatame, nuyis biyyoota tokko tokkotti mootummaarratti fincila kaasu jedhamnee ni himatamna. Himanni tokko tokko soba ta’uusaa mana murtiitti mirkaneessuu dandeenyeerra. Haata’u malee, haalawwan kana keessatti bu’aansaa maaliyyuu yoo ta’e, Yihowaan dhimmawwan kana akka fedhasaatti akka geggeessu amantiidhaan ni kadhanna. (Filiphisiiyus 1:7) Mormiin namoota Yihowaa tajaajilla jedhanirraas dhufuu ni danda’a. Namni Yihudii tokko Nahimiiyaan lubbuusaa oolchuuf jecha seera Waaqayyoo akka cabsu isa amansiisuuf akkuma yaale, gantoonni Dhugaa Baatota turanis ejjennoo keenya akka laaffisnu gochuuf karaa adda addaa dhibbaa nurratti gochuuf yaalu. Nuyi garuu lubbuu keenya kan oolchu seera Waaqayyoo cabsuu utuu hin ta’in isaaf abboomamuu akka ta’e waan beeknuuf, waan gantoonni jedhan hin fudhannu! (1 Yohannis 4:1) Eeyyee, gargaarsa Yihowaatiin hammeenya akkamiiyyuu mo’uu ni dandeenya.

Hamminni Nurratti Raawwatamuyyuu Misiraachoo Lallabuu

17, 18. (a) Seexanniifi bakka buutonnisaa maal gochuuf yaalu? (b) Atoo maal gochuuf murteessiteetta? Maaliif?

17 Dubbiin Waaqayyoo obboloota Kiristos hafuuraan dibaman ilaalchisee, “Dubbii isa dhugaa ba’aniinis [Seexana] mo’aniiru” jedha. (Mul’ata 12:11) Kanaaf, Seexana isa madda hammeenyaa ta’e mo’uuniifi ergaa Mootummichaa lallabuun kallattiidhaan kan wal qabatedha. Seexanni dibamtoota lafarratti hafanirrattis ta’e ‘tuuta soonaan baay’eerratti’ mormii kaasuudhaan, utuu walirraa hin kutin isaan miidhuuf carraaquunsaa kan nama dinqisiisu miti!—Mul’ata 7:9; 12:17.

18 Akkuma armaan olitti ilaalle, mormiin arrabsoodhaan ykn akka isaan reeban sossodaachisuudhaan ykn karaa hin beekamne kan biraatiin nurra ga’uu danda’a. Tooftaan isaan itti fayyadaman maaliyyuu yoo ta’e kaayyoon Seexanaa tokkodha; innis hojiin lallabaa akka dhaabatu gochuudha. Haata’u malee, sabni Waaqayyoo fakkeenya Nahimiiyaa isa bara durii hordofuudhaan, ‘waan gaariidhaan isa hamaa mo’uuf’ waan kutataniif, carraaqqiin Seexanaa hundi ni fashalaa’a. Yihowaan hojichi raawwateera hanga jedhutti misiraachoo lallabuusaanii itti fufuudhaan kana godhu!—Maarqos 13:10; Roomaa 8:31; Filiphisiiyus 1:27, 28.

[Miiljalee]

^ key. 2 Wantoota raawwataman kana caalaatti beekuuf Nahimiiyaa 1:1-4; 2:1-6, 9-20; 4:1-23; 6:1-15 dubbisi.

Ni Yaadattaa?

• Mormiin tajaajiltoota bara durii turaniifi Kiristiyaanota yeroo ammaarra ga’u maalidha?

• Kaayyoon diinota Nahimiiyaa inni guddaan maal ture? Kaayyoon diinota Waaqayyoo yeroo ammaa jiranii maalidha?

• Yeroo har’aa waan gaariidhaan isa hamaa mo’uu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Barumsawwan Macaafa Nahimiiyaarraa Argaman

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Wantoota tajaajiltoota Waaqayyoo mudatan

ga’isa

doorsisa

gowwoomsaa

Gowwoomsaan karaa

michoota sobaa

namoota himata sobaa dhiheessaniin

obboloota sobaatiin nurra ga’uu danda’a

Tajaajiltoonni Waaqayyoo

hojii Waaqayyoo isaanii kenne jabaatanii hojjechuudhaan hamaa ni mo’uu