Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yihowaan Abboomamuu Keessaniif Bakka Guddaa Kenna

Yihowaan Abboomamuu Keessaniif Bakka Guddaa Kenna

Yihowaan Abboomamuu Keessaniif Bakka Guddaa Kenna

“Yaa ilma ko, . . . ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” —FAKKEENYA 27:11.

1. Amalli yeroo ammaatti biyya lafaarratti babal’atee jiru maalidha?

YEROO AMMAATTI, ofiin buluufi abboomamuu diduun biyya lafaarratti babal’ateera. Phaawulos ergamaan warra Efesooniif xalayaa yeroo barreessu sababiisaa dubbatee ture: “Yeroo sanatti isin toora biyya lafaa kanaa duukaa buutanii deddeebi’aa, aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuuf abboomamaa turtan; hafuurichi hamaan amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jira.” (Efesoon 2:1, 2) Eeyyee, Seexanni ‘aboo qilleensa keessa jiru irratti gooftummaa waan qabuuf,’ guutummaan addunyaa amala ofiin buluutiin akka manca’u godheera jettu ta’a. Jaarraa jalqabaatti akkas gochaa ture; keessumaa naannoo Waraana Addunyaa Tokkoffaatti erga samiirraa gadi darbatamee booda caalaatti mancaasaa jira.—Mul’ata 12:9.

2, 3. Sababiiwwan Yihowaadhaaf akka abboomamnu nu godhan maalidha?

2 Haata’u malee, Kiristiyaanota waan taaneef Yihowaan Uumaa keenya, eegduu lubbuu keenyaa, Waaqa Olaanaa jaalala qabeessa ta’eefi Fayyisaa keenya waan ta’eef, garaa guutuudhaan isaaf abboomamuu akka qabnu beekna. (Faarfannaa 148:5, 6; Hojii Ergamootaa 4:24; Qolosaayis 1:13; Mul’ata 4:11) Israa’eloonni bara Museetti turan, Yihowaan Burqaa Jireenyasaaniifi Isa Isaan Oolchu ta’uusaa beeku turan. Kanaaf Museen, “Of eeggadhaatii akkuma Waaqayyo gooftaan keessan isin abboometti isa eegaa” isaaniin jedhee ture. (Keessa Deebii 5:32) Eeyyee, Yihowaadhaaf abboomamuun isaanirraa eegama ture. Haata’u malee, utuma baay’ee hin turin Isa isaanirratti olaantummaa qabuuf utuu hin ajajamin hafaniiru.

3 Uumaa umama hundaatiif abboomamuun keenya hangam barbaachisaadha? Yeroo tokko Waaqayyo karaa Saamu’el raajichaa Saa’ol Mootichaan, “Abboomamuun aarsaa irra caala” jedhee ture. (1 Saamu’el 15:22, 23) Kun kan ta’e akkamitti?

Abboomamuun ‘Aarsaarra Kan Caalu’ Akkamitti?

4. Yihowaadhaaf wanta kennuu dandeenyu qabna yeroo jennu maal jechuu keenyadha?

4 Yihowaan Uumaa waan ta’eef wanti qabnu hundaa kansaati. Erga akkas ta’ee, wanti isaaf kennuu dandeenyu jiraa? Eeyyee, wanta guddaa gati jabeessa ta’e isaaf kennuu dandeenya. Maalinni? Gorsa armaan gadiirraa deebii argachuu dandeenya: “Yaa ilma ko, nama ana arrabsuuf deebii kennuu akkan danda’utti, ati ogeessa ta’i, garaa na ciibsi!” (Fakkeenya 27:11) Wanti Waaqayyoof kennuu dandeenyu isaaf abboomamuu keenyadha. Haalli keenyaafi akkaataan guddina keenyaa adda adda ta’uyyuu, abboomamoo ta’uudhaan hundi keenya gaaffii Seexanni ilmaan namootaa yeroo qorumsi isaanirra ga’u Waaqayyoof amanamoo hin ta’an, jedhee kaaseef deebii kennuu dandeenya. Kun mirga guddaadha!

5. Abboomamuu dhiisuun Uumaa keenya kan tuqu akkamitti? Fakkeenyaan ibsi.

5 Waaqayyo murtoon nuyi goonu isa yaaddessa. Abboomamuu diduun keenya dhiibbaa isarratti geessisu qaba. Akkamitti? Namni tokko karaa sirrii hin taane filachuusaa yeroo argu ni gadda. (Faarfannaa 78:40, 41) Fakkeenyaaf, namni dhukkuba sukkaaraa qabu tokko wanta nyaatu ilaalchisee qajeelfama fayyaasaatiif isa gargaaru hordofuu dhiisee wanta isaaf hin taane nyaata haa jennu. Ogeessa fayyaa garaadhaa isaaf yaadutti maaltu dhaga’ama? Yihowaanis miidhaa wanta inni jireenyaaf barbaachisaadha jedheef abboomamuu dhiisuun fidu waan beekuuf, yeroo namoonni isaaf abboomamuu dhiisan akka gaddu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.

6. Waaqayyoof akka abboomamnu wanti nu gargaaru maalidha?

6 Dhuunfaadhaan wanti abboomamuuf nu gargaaru maalidha? Tokkoon tokkoon keenya akkuma Solomoon Mootichaa “garaa abboomamu,” [NW] akka nuu kennu Waaqayyoon kadhachuun keenya barbaachisaadha. Garaa abboomamu kan kadhate, ‘hamaa fi gaarii gargar baasee beekuudhaan’ Israa’eloota sabasaa ta’aniif faraduu akka danda’uuf ture. (1 Mootota 3:9) Biyya lafaa amala ofiin buluutiin guutame kana keessatti hamaafi gaarii gargar baasuuf, “garaa abboomamu” qabaachuun nu barbaachisa. Waaqayyo, “garaa abboomamu” akka qabaannuuf Macaafa Qulqulluu, barreeffamoota qayyabannaadhaaf gargaaran, walga’iiwwan Kiristiyaanaafi jaarsolii gumii nuuf yaadan nuu kenneera. Qophiiwwan jaalalaan kaka’ee nuu godhe kanatti akka gaariitti fayyadamaa jirraa?

7. Yihowaan aarsaa dhiheessuu caalaa abboomamuu irra deddeebi’ee kan ibse maaliifi?

7 Haala kanaa wajjin wal qabateen, Yihowaan, abboomamuun aarsaawwan horii dhiheessuurra akka caalu sabasaa duriif ibsee akka ture yaadadhaa. (Fakkeenya 21:3, 27; Hose’aa 6:6; Maatewos 12:7) Aarsaa akkasii akka dhiheessan kan abboome Yihowaa ta’ee utuu jiruu, deebisee kan akkas isaaniin jedhe maaliifi? Nama tokko aarsaa dhiheessuuf kan isa kakaasu maalidha? Waaqayyoon gammachiisuu barbaadeetimoo dirqama amantii ofirraa baasuuf jedheeti? Namni Waaqayyoon waaqeffatu tokko dhugumaan isa gammachiisuu kan barbaadu yoo ta’e, abboommiiwwan Waaqayyoo hundumaaf abboomamuuf of eeggannoo godha. Aarsaan horii Waaqayyoof wanta barbaachisu miti; wanti isaaf kennuu dandeenyu inni guddaan isaaf abboomamuudha.

Fakkeenya Akeekkachiisaa

8. Waaqayyo Saa’ol mootii akka hin taane kan isa tuffate maaliifi?

8 Seenaan Macaafa Qulqulluu waa’ee Saa’ol Mootichaa ibsu, abboomamuun baay’ee barbaachisaa ta’uusaa kan addeessudha. Saa’ol jalqaba yeroo mootii ta’etti kan gad of qabuufi ‘akka xinnaatti kan of ilaalu ture.’ Yeroo booda garuu, murtoowwansaa of tuulummaafi sababii sobaarratti hundaa’uu jalqaban. (1 Saamu’el 10:21, 22; 15:17) Yeroo tokko Saa’ol Filisxeemotaa wajjin wal waraanuuf qophaa’aa ture. Saamu’el, Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuufi qajeelfama dabalataa isaaf kennuuf hamma dhufutti akka isa eegu Saa’ol Mootichatti himee ture. Haata’u malee, Saamu’el yeroo eegametti waan hin dhufneef, namoonni tatamsa’uutti ka’an. Saa’ol yeroo kana argu, “qalmicha gubamu qalee in dhi’eesse.” Kun gocha Yihowaa gaddisiisu ture. Dhumarratti, Saamu’el yeroo dhufu mootichi Saamu’el waan tureef, surraa Yihowaa argachuuf ‘ija jabaatee qalma gubamu akka dhiheesse dubbachuudhaan’ ajajamuu diduusaatiif sababii dhiheesse. Saa’ol Mootichi abboommii Saamu’el isaaf kenneef ajajamuu caalaatti aarsaa dhiheessuudhaaf bakka guddaa kennee ture. Kanaaf Saamu’el akkas jedheen: “Abboommii Waaqayyo gooftaan kee si abboome eeguu dhiiftee gowwummaadhaan kana hojjette.” Yihowaadhaaf abboomamuu dhiisuun mootummaasaa isa dhabsiiseera.—1 Saamu’el 10:8; 13:5-13.

9. Saa’ol Waaqayyoof akka hin abboomamne kan argisiise akkamitti?

9 Mootiin kun wanta isarra ga’erraa barumsa argateeraa? Matumaa! Booddees Yihowaan, Saa’ol Amaaleqoota kanaan dura sababii tokko malee Israa’eloota lolan guutummaatti akka balleessu isa abboomee ture. Saa’ol horii qe’eesaanii tokkollee hambisuu hin qabu ture. ‘Hawiilaadhaa jalqabee hamma Shuuritti Amaaleqoota rukutuudhaan’ hamma tokko abboomameera. Yeroo Saamu’elii wajjin wal argan injifannoo argatetti gammadee, “Waaqayyo si haa eebbisu! Ani wanta Waaqayyo na abboome raawwadheera” jedhee ture. Haata’u malee, qajeelfama ifaa isaaniif kenname cabsuudhaan Saa’oliifi namoonnisaa Agaag Mooticha, akkasumas “karra bushaayee, karra saawwaa, horii dilbii coccoomoo fi ilmoolee keessaa warra gaggaarii hundumaa” utuu hin ajjeesin hafaniiru. Saa’ol Mootichi akkas jechuudhaan balleessaasaa dhokfachuuf yaaluudhaan akkas jedhe: “Namootatu bushaayee fi saawwan gaggaarii isaan mararan Waaqayyo gooftaa keetiif aarsaa dhi’eessuudhaaf biyya Amaaleqootaatii fidan.”—1 Saamu’el 15:1-15.

10. Barumsi Saa’ol utuu hin argatin hafe maalidha?

10 Yeroo sana Saamu’el Saa’oliin akkas jedhe: “Dhugumaan Waaqayyo nama dubbii isaa dhaga’ee abboomamutti akka gammadu, qalma gubamuu fi aarsaatti in gammadaa ree? Kunoo, abboomamuun aarsaa irra caala; dhaggeeffachuunis moora korbeessa hoolaa dhi’eessuu irra in wayya.” (1 Saamu’el 15:22) Yihowaan horiiwwan sun akka balleeffaman murteessee waan tureef, aarsaa ta’uuf fudhatama hin qaban.

Wanta Hundumaan Abboomamaa

11, 12. (a) Yihowaan carraaqqii waaqeffannaa keenyaan isa gammachiisuuf goonu akkamitti ilaala? (b) Namni tokko kan hin ajajamne ta’ee utuu jiruu, jaalala Waaqayyoo raawwachaa akka jiru yaaduudhaan of gowwoomsuu kan danda’u akkamitti?

11 Yihowaan, tajaajiltoonnisaa utuma ari’atamni jiruu jabaatanii ennaa dhaabatan, utuma namoonni danta dhaboota ta’anii jiranii ergaa Mootummichaa ennaa lallabaniifi wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuuf carraaqaa, walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti ennaa argaman hangam akka gammadu yaadaa! Sochiiwwan jireenya hafuuraa barbaachisaa ta’an kanaan abboomamoo ta’uun keenya, baay’ee isa gammachiisa! Yihowaan carraaqqii jaalalaan kakaanee isa waaqessuuf goonuuf bakka guddaa kenna. Namoonni carraaqqii guddaa nuyi goonu kan hin hubanne ta’uyyuu, Waaqayyo aarsaa garaarraa madde dhiheessuu keenya ni hubata, ni yaadatas.—Maatewos 6:4.

12 Haata’u malee guutummaatti Waaqa keenya gammachiisuuf, akkaataa jireenyaa keenya hundaan isaaf abboomamuu qabna. Akkaataa jireenyaa tokko tokkoon Yihowaadhaaf waaqeffannaa hangan dhiheessetti, abboommiiwwansaa tokko tokko yoon eeguu baadhe homaa miti jennee of gowwoomsuu hin qabnu. Fakkeenyaaf, namni tokko sochiiwwan waaqeffannaa baramaa ta’anirratti hamman hirmaadhetti amala addaggummaa ykn cubbuu cimaa kan biraa yoon raawwadhe hin adabamu jedhee of gowwoomsa ta’a. Kun dogoggoradha!—Galaatiyaa 6:7, 8.

13. Yeroo kophaa keenya taanutti Yihowaadhaaf kan abboomamnu ta’uun keenya qoramuu kan danda’u akkamitti?

13 Kanaafuu, akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Dhimmawwan dhuunfaa ta’anillee sochiiwwan ani guyyaa guyyaan godhuun Yihowaadhaaf nan abboomamaa?’ Yesus akkas jedheera: “Waan baay’ee xinnoo irratti amanamaa kan ta’e, waan guddaa irrattis amanamaa in ta’a; waan baay’ee xinnoo irratti amanamaa kan hin ta’in waan guddaa irratti immoo amanamaa hin ta’u.” (Luqaas 16:10) Bakka namoonni kaan nu hin arginetti, jechuunis ‘mana keenya keessattillee garaa balleessaa hin qabneen ni jiraannaa’? (Faarfannaa 101:2) Dhugumayyuu, yeroo mana keenya keessa jirru amanamummaan keenya qoramuu danda’a. Biyyoota kompiitariin mana hundumaatti argamu baay’eetti, fakkiiwwan ciiggaasisoo ta’an argachuun salphaadha. Waggoota muraasa dura, namni tokko bakkawwan bashannanaa fakkiiwwan ciiggaasisoo ta’an itti argisiifaman yoo dhaqe malee wantoota kana arguu hin danda’u ture. Jecha Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechudhaan dubbateef ni abboomamnaa? Fakkiiwwan ciiggaasisoo ta’anillee ilaaluurraa ni fagaannaa? (Maatewos 5:28; Iyoob 31:1, 9, 10; Faarfannaa 119:37; Fakkeenya 6:24, 25; Efesoon 5:3-5) Waa’ee sagantaawwan Televijiinii hammeenyaan guutamanhoo maal jechuutu danda’ama? Waaqa keenya, ‘isa nama humnaan nama irratti ka’uu jaallatu garaa guutuudhaan jibbuu’ wajjin walii gallaa? (Faarfannaa 11:5) Yookiin yeroo kophaa taanu dhugaatii alkoolii garmalee dhuguu amaleeffanneerraa? Macaafni Qulqulluun machii balaaleffachuu qofa utuu hin ta’in, yeroo hundumaa dhuguudhaan “dhugaatiidhaaf garboota” akka hin taaneef Kiristiyaanota akeekkachiisa.—Tiitoos 2:3; Luqaas 21:34, 35; 1 Ximotewos 3:3.

14. Dhimmawwan qarshii wajjin wal qabatanirratti Waaqayyoof kan abboomamnu ta’uun ifatti mul’achuu kan danda’u karaawwan kamiini?

14 Karaa biraan dammaqoo ta’uun itti nu barbaachisu, dhimmawwan qarshii wajjin wal qabatanirrattidha. Fakkeenyaaf, yaada salphaadhumatti dafnee sooromuu jedhu isa gowwoomsaarraa baay’ee adda hin taanerratti ni hirmaannaa? Gibira akka hin kaffalleef wantoota seeraan ala ta’an raawwachuuf ni qoramnaa? Moo abboommii, “Hundumaaf waan isaan isin irraa argachuuf malan, baasaaf; isa gibirri isaaf ta’uuf gibira . . . kennaaf!” jedhuuf guutummaatti ni abboomamna?—Roomaa 13:7.

Jaalalaan Kaka’anii Abboomamuu

15. Abboommiiwwan Yihowaatiif kan ajajamtu maaliifi?

15 Qajeelfama Waaqayyootiif abboomamuun eebba argamsiisa. Fakkeenyaaf, sijaaraa ykn tamboo xuuxuufi jireenya gadhiisii jiraachuurraa fagaachuudhaan, akkasumas qulqullina dhiigaatiif bakka guddaa kennuudhaan, dhukkubawwan tokko tokkorraa ooluu dandeenya. Kana malees, haalawwan jireenya keenyaa kaaniinis dhugaa Macaafa Qulqulluu wajjin haala wal simuun jiraachuudhaan, karaa dinagdee, jireenya hawaasummaafi jireenya maatii faayidaa argachuu dandeenya. (Isaayaas 48:17) Bu’aawwan mul’atan akkasii kana, eebba seerawwan Waaqayyoo eeguudhaan argaman goonee ilaaluu dandeenya. Ta’uyyuu, sababiin Yihowaadhaaf abboomamnuuf inni guddaan waan isa jaallannuufidha. Waaqayyoon kan tajaajillu ofittummaadhaan kakaanee miti. (Iyoob 1:9-11; 2:4, 5) Waaqayyo, abbaa barbaanneef akka abboomamnuuf mirga nuu kenneera. Nuyi Yihowaa gammachiisuufi wanta sirrii ta’e gochuu waan barbaannuuf isaaf abboomamuuf filanneerra.—Roomaa 6:16, 17; 1 Yohannis 5:3.

16, 17. (a) Yesus garaa guutuudhaan Waaqayyoof akka abboomamu kan argisiise akkamitti? (b) Fakkeenya Yesus hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

16 Jaalala Yihowaadhaaf qabuun kaka’ee garaa guutuudhaan Isaaf abboomamuudhaan Yesus fakkeenya gaarii nuu ta’a. (Yohannis 8:28, 29) Yesus yeroo lafarra turetti, “dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare.” (Ibroota 5:8, 9) Akkamitti? Yesus, “gad of deebisee, hamma du’aatti, hamma fannifamee du’utti iyyuu abboomamaa ta’e.” (Filiphisiiyus 2:7, 8) Samiirratti abboomamaa kan ture ta’uyyuu lafarrattis abboomamaa ta’uunsaa qoramee ture. Yesus warra karaa hafuuraa obbolootasaa ta’anis ta’e namoota amanan kan biraa, Hangafa Lubootaa ta’ee tajaajiluuf karaa hundumaanuu ga’eessa ta’uusaa mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.—Ibroota 4:15; 1 Yohannis 2:1, 2.

17 Nutoo? Nuyis fedha Waaqayyootiif abboomamuuf dursa kennuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya. (1 Phexros 2:21) Yeroo Yihowaadhaaf akka hin abboomamneef dhiibbaafi qorumsi nurra ga’uttillee, jaalala isaaf qabnuun kakaanee kan abboomamnu yoo ta’e dhuunfaadhaan gammachuu argachuu dandeenya. (Roomaa 7:18-20) Kunimmoo obboloonni waaqeffannaa dhugaa geggeessan cubbamoo ta’aniyyuu, qajeelfama isaan kennaniif abboomamuuf fedhii qabaachuu kan dabalatudha. (Ibroota 13:17) Yeroo qofaa keenya taanus qajeelfamawwan Waaqayyootiif abboomamuun keenya Yihowaa duratti gatii guddaa qaba.

18, 19. Garaa keenya guutuu Waaqayyoof yoo abboomamne bu’aansaa maalidha?

18 Yeroo har’aatti, Yihowaadhaaf abboomamuun yommuu ari’atamni nurra ga’u amanamummaadhaan jabaannee dhaabachuu kan dabalatu ta’uu danda’a. (Hojii Ergamootaa 5:29) Akkasumas, abboommii Yihowaan akka lallabnuufi akka barsiisnu nuu kenneef ajajamuun, hanga dhuma sirna biyya lafaatti jabaatanii dhaabachuu kan gaafatudha. (Maatewos 24:13, 14; 28:19, 20) Biyya lafaa kanarraa dhiibbaan nurra ga’uyyuu, obboloota keenyaa wajjin walitti qabamuu keenya itti fufuuf jabaannee dhaabachuu nu barbaachisa. Waaqni keenya inni jaalala qabeessa ta’e, karaawwan kanaan isaaf abboomamuuf carraaquu keenya akka gaariitti beeka. Haata’u malee, guutummaatti abboomamuuf, foon keenya isa cubbamaa wal’aansoo qabuufi hamaarraa deebi’uu, akkasumas dinqisiifannaa wanta gaarii ta’eef qabnu guddifachuu qabna.—Roomaa 12:9.

19 Jaalalaafi dinqisiifannaadhaan kakaanee Yihowaa yeroo tajaajillu, ‘warra isa barbaadaniif gatii isaanii akka kennuu’ ni amanna. (Ibroota 11:6) Aarsaawwan karaa sirrii ta’een dhihaatan barbaachisaafi fudhatama kan qaban ta’uyyuu, hunda caalaa wanti Yihowaa gammachiisu jaalalaan kakaanee guutummaatti isaaf abboomamuu keenyadha.—Fakkeenya 3:1, 2.

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaadhaaf wanta kenninu qabna kan jennu maaliifi?

• Saa’ol dogoggora maalii hojjete?

• Abboomamuun aarsaarra caaluusaa akka amantu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

• Yihowaadhaaf akka abboomamtu wanti si kakaasu maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]