Guyyaa Yihowaa Obsaan Danda’uudhaan Eeggachuu
Guyyaa Yihowaa Obsaan Danda’uudhaan Eeggachuu
‘Amantii qabdan obsaan danda’uudhaan argisiisaa.’ —2 PHEXROS 1:5, 6.
1, 2. Obsaan danda’uu jechuun maal jechuudha? Kiristiyaanotaaf barbaachisaa kan ta’ehoo maaliifi?
GUYYAAN Yihowaa baay’ee dhihaateera. (Yo’el 1:15; Sefaaniyaa 1:14) Kiristiyaanota Waaqayyoof amanaman taanee itti fufuuf murteessine waan taaneef, yeroo olaantummaan Yihowaa itti mirkaneeffamu sana hawwiidhaan eegganna. Hammasitti garuu amantaa keenyaan kan ka’e jibbi, arrabsoon, ari’atamniifi duuti nurra ga’a. (Maatewos 5:10-12; 10:22; Mul’ata 2:10) Kunimmoo rakkina nurra ga’u obsaan danda’uu gaafata. Phexros ergamaan, ‘amantii qabdan obsaan danda’uudhaan argisiisaa’ jechuudhaan nu gorsa. (2 Phexros 1:5, 6) Yesus, “Namni hamma dhumaatti jabaatee dhaabatu . . . in fayya” waan jedheef, jabaannee dhaabachuun nu barbaachisa.—Maatewos 24:13.
2 Dhukkubni, gaddiifi rakkinni kan biraanis nurra ga’a. Amantaa yeroo dhabnu Seexanni baay’ee gammada. (Luqaas 22:31, 32) Gargaarsa Yihowaatiin qorumsawwan nurra ga’an addaddaa mo’uu ni dandeenya. (1 Phexros 5:6-11) Seenaawwan dhugaa, obsaafi amantaa jabaadhaan guyyaa Yihowaa eeggachuu akka dandeenyu argisiisan tokko tokko haa ilaallu.
Dhukkubni Isaan Hin Ittisne
3, 4. Fakkeenya, dhukkubsannuyyuu amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu akka dandeenyu argisiisu dubbadhu.
3 Waaqayyo yeroo ammaatti dinqiidhaan nu fayyisuu baatus, dhukkuba keenya obsaan akka dandeenyuuf jabina nuu kenna. (Faarfannaa 41:1-3) Shaaron akkas jetteetti: “Hamman yaadadhutti, barcumni namoonni adeemuu hin dandeenye itti fayyadaman narraa adda ba’ee hin beeku. Dhukkubni serebiraal poolzi jedhamu yeroon dhaladhee kaasee gammachuun ijoollummaa kootii argachuu qabu na dhabsiiseera.” Shaaron waa’ee Yihowaafi waadaa inni fayyaa guutuu nuu kennuuf gale barachuunshee abdii isheedhaaf kenneera. Dubbachuunis ta’e miillaan deemuun ishee rakkisuyyuu tajaajilarratti hirmaachuudhaan ni gammaddi. Waggoota 15 dura akkas jettee turte: “Tarii dhukkubnikoo natti cimaa deemuu danda’a ta’a, amantaan Yihowaarratti qabuufi walitti dhufeenyi ani isaa wajjin qabu garuu jireenya kootiif utubaadha. Saba Yihowaa gidduutti argamuufi gargaarsasaa isa walirraa hin cinne argachuukootti baay’een gammada!”
4 Phaawulos, ‘Warra dhiphatan jajjabeessaa’ jechuudhaan Kiristiyaanota 1 Tasaloniiqee 5:14, NW) Garmalee abdii kutachuuniifi wantoonni kaan dhiphina fiduu danda’u. Shaaron bara 1993tti akkas jechuudhaan barreessiteetti: “Dukkana keessa akkan jiru natti dhaga’amee waan tureef, . . . waggaa sadiif dhiphina guddaa keessan ture. . . . Jaarsoliin jajjabinaafi gorsa naa kennan. . . . Yeroon dhiphina guddaadhaan miidhametti Yihowaan barumsawwan Masaraa Eegumsaarratti ba’aniin fayyadamee hubannaa guddaa naa kenneera. Eeyyee, inni sabasaa ni eega. Miira keenyas ni hubata.” (1 Phexros 5:6, 7) Shaaron ammayyuu guyyaa Yihowaa isa guddaa eeggachaa amanamummaadhaan Waaqayyoon tajaajilaa jirti.
Tasaloniiqee gorsee ture. (5. Kiristiyaanonni dhiphina cimaa obsuu akka danda’an kan argisiisu ragaa isa kami?
5 Kiristiyaanonni tokko tokko dhiphina cimaa haala jireenyaa kanaan dura jiraataniin itti dhufe qabu. Haarliin Waraana Addunyaa Lammaffaatti lola cimaa waan argeef waa’ee waraanaa abjoota ture. Hirriba keessa utuu jiruu, ‘Eeggadhu! Ilaalladhu!’ jedhee iyya. Yommuu dammaqu dafqaan cuuphamee of arga. Haata’u malee, jireenya qajeelfama Waaqayyoo wajjin wal simu jiraachuu kan danda’e yommuu ta’u, yeroo boodas abjuun akkasii kun sodaachisaa ta’uunsaafi dafee isatti deddeebi’uunsaa hafeera.
6. Kiristiyaanni tokko rakkina miiraa isa qunname kan mo’e akkamitti?
6 Kiristiyaanni dhukkuba baayipoolaar diisordar jedhamuun qabame tokko, manaa gara manaatti lallabuun baay’ee isatti ulfaatee ture. Ta’uyyuu, tajaajilli isaafis ta’e namoota isa dhaggeeffataniif jireenya akka argamsiisu waan hubateef ittuma fufe. (1 Ximotewos 4:16) Manaa gara manaa ennaa dhaqu Yeroo tokko tokko bilbila balbalaa bilbiluun isa sodaachisa; haata’u malee akkas jedheera: “Yeroo booda akkuma ta’etti miirakoo to’achuudhaan, balbala itti aanu nan rurrukuta. Hirmaannaan tajaajilarratti godhu itti fufuudhaan karaa hafuuraa haala gaarii qabaachuu danda’eera.” Walga’iirratti argamuunis baay’ee kan isa rakkisu ta’uyyuu, obboleessi kun walga’iiwwan akkasii bu’aa guddaa akka qaban ni amana ture. Kanaafuu, walga’iirratti argamuuf carraaqqii barbaachisu godheera.—Ibroota 10:24, 25.
7. Namoonni tokko tokko namoota duratti haasawaa dhiheessuunis ta’e walga’iirratti argamuun isaan sodaachisuyyuu, obsaan danda’uusaanii kan argisiisan akkamitti?
7 Kiristiyaanonni tokko tokko haalawwan ykn wantoota tokko tokko garmalee sodaatu. Fakkeenyaaf, namoota duratti haasawaa dhiheessuu ykn walga’iirratti argamuuniyyuu isaan sodaachisa ta’a. Walga’iirratti yaada kennuun ykn Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti kutaa dhiheessuun hammam akka isaanitti ulfaatu tilmaamuun ni danda’ama! Ta’us miira akkasii kana mo’uuf waan carraaqaniif, walga’iirratti argamuufi hirmaannaa gochuunsaanii baay’ee nu jajjabeessa.
8. Rakkina miira keenyarra ga’u mo’uuf keessumaa maaltu nu gargaaruu danda’a?
8 Namni tokko boqonnaafi hirriba dabalataa argachuunsaa rakkina miiraa isarra ga’e danda’uuf isa gargaara ta’a. Yaalamuunsaas gaarii ta’uu danda’a. Hunda caalaa bu’aa kan qabu garuu, gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessuudhaan isatti amanamuudha. Faarfannaan akkas jedha: “Wanta yaada sitti ta’u Waaqayyotti gatii dhiisi, inni akka ati hin kufnetti si irkisa! Namni qajeelaan raawwatee akka hin mittiqne in godha.” Kanaaf, waan hundumaan “garaa kee guutuu Waaqayyoon amanadhu.”— 55:22Fakkeenya 3:5, 6.
Gadda Nama Jaallannu Du’aan Dhabuudhaan Nurra Ga’u Danda’uu
9-11. (a) Gadda nama jaallannu du’aan dhabuudhaan nurra ga’u obsuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Fakkeenyi Haannaa, gadda nurra ga’e obsuuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti?
9 Duuti miseensota maatii gargar yommuu baasu gaddi guddaan namarra ga’uu danda’a. Abrahaam haati manaasaa Saaraan ennaa jalaa duute boo’eera. (Uumama 23:2) Nama cubbuu hin qabne kan ture Yesusillee michuunsaa Alaazaar yommuu du’e ‘imimmaansaa dhangalaaseera.’ (Yohannis 11:35) Kanaaf, yeroo namni jaallannu nu jalaa du’u gadduun waanuma jirudha. Haata’u malee, Kiristiyaanonni namni du’e akka ka’u beeku. (Hojii Ergamootaa 24:15) Kanaafuu, ‘akka namoota abdii hin qabnetti hin gaddan.’—1 Tasaloniiqee 4:13.
10 Gadda nurra ga’e mo’uu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenya tokko ilaaluun nu gargaaruu danda’a. Yeroo baay’ee michuun keenya tokko biyya biraa yoo dhaqe, ennaa deebi’u akka wal arginu waan beeknuuf yeroo dheeraadhaaf hin gaddinu. Kiristiyaanni amanamaan tokko yoo du’e akka ka’u mirkanaa’oo waan taaneef, du’aafis ilaalcha akkasii qabaachuun gadda keenya nuu hir’isuu danda’a.—Lallaba 7:1.
11 “Waaqayyo jajjabina hundumaa,” guutummaatti amanachuun keenya, gadda nurra ga’u obsaan danda’uuf nu gargaara. (2 Qorontos 1:3, 4) Wanta haati hiyyeessaa jaarraa jalqabaatti turte Haannaan gooterratti yaaduunis nu gargaaruu danda’a. Heerumtee waggaa torba qofa akkuma turteen abbaan manaashee irraa du’e. Ta’uyyuu, hamma umriinshee waggaa 84 ta’uttillee mana qulqullummaa keessatti Yihowaadhaaf ni hojjetti turte. (Luqaas 2:36-38) Guutummaa jireenyashee tajaajila Yihowaatiif oolchuunshee gaddaafi kophummaa ishee mudate mo’uuf akka ishee gargaare beekamaadha. Hojii lallabaa dabalatee sochiiwwan Kiristiyaanaarratti yeroo hundumaa hirmaachuun, miidhaa gaddi nurraan geessisu mo’uuf nu gargaaruu danda’a.
Rakkina Addaddaa Mo’uu
12. Kiristiyaanonni tokko tokko qorumsa jireenya maatii wajjin wal qabate akkamii danda’uun isaan barbaachiseera?
12 Kiristiyaanonni tokko tokko rakkina maatiisaanii wajjin wal qabate danda’anii jiraachuun dirqama isaanitti ta’a. Fakkeenyaaf hiriyaan gaa’elaa ejja yoo raawwate maatiisaarra rakkina hammana hin jedhamnetu ga’a! Hiriyaan gaa’elaa cubbuun irratti hojjetame sun naasuufi gaddaan kan ka’e hirriba dhabuufi halkaniifi guyyaa boo’uu danda’a. Yeroo dogoggorri hojjetame ykn balaan uumametti, hojii salphaa ta’ellee hojjechuun nama dhiphisuu danda’a. Hiriyaan gaa’elaa hin yakkine nyaata dhiisuu, huuqqachuufi miirrisaa jeeqamuu danda’a. Sochiiwwan Kiristiyaanaarratti hirmaachuunis itti ulfaachuu danda’a. Ijoolleenis hammam akka miidhaman yaadaa!
13, 14. (a) Kadhannaa Solomoon yeroo manni qulqullummaa murteeffametti dhiheesserraa jajjabina akkamii arganna? (b) Hafuura qulqulluu argachuuf kan kadhannu maaliifi?
Faarfannaa 94:19) Kadhannaa Solomoon Mootichi yeroo manni qulqullummaa Yihowaa murteeffametti dhiheesserratti akkuma ibsame, Waaqayyo kadhannaa sabasaa ni dhaggeeffata. Solomoon akkas jechuudhaan Waaqayyoon kadhate: “Kadhata isaanii dhaggeeffadhuuf! Guutummaa saba kee Israa’el biraa yookiis nama tokko biraa kadhannii fi waammanni gara keetti yommuu dhi’aatu, tokkon tokkon isaanii rakkina yaada isaaniitti dhaga’ame kanaaf harka isaanii gara mana qulqullummaa kanaatti yommuu bal’isan, ati waaqa irraa iddoo jireenya keetiitii isaaniif dhaga’i, isaaniifis dhiisi! Ati hojjedhu! Si duwwaatu garaa namaa beeka, kanaafis adduma addaan akka hojii isaaniitti isaaniif deebisi! Yommus isaan biyya isa ati abboota keenyaaf kennite keessa bara jiraatan hundumaatti si in sodaatu.”—1 Mootota 8:38-40.
13 Qorumsi akkasii yommuu nurra ga’u, Yihowaan gargaarsa nu barbaachisu nuu kenna. (14 Keessumaa hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuun keenya nu gargaaruu danda’a. (Maatewos 7:7-11) Iji hojii hafuuraa, amalawwan akka gammachuufi nagaa of keessaa qaba. (Galaatiyaa 5:22, 23) Abbaan keenya inni samii kadhannaa keenyaaf deebii yommuu nuu kennu, jechuunis gadduu dhiisnee yeroo gammannu, akkasumas dhiphinni hafee nagaa yeroo argannu boqonnaa guddaatu nutti dhaga’ama!
15. Caqasawwan kamtu akka hin yaaddofneef nu gargaaruu danda’a?
15 Dhiphinni guddaan yommuu nu mudatu hamma ta’e yaadda’uun keenya hin oolu. Haata’u malee, wanta Yesus dubbate yoo yaadanne yaaddoon kun hamma ta’e nurraa salphachuu danda’a. Yesus akkas jedheera: “Waa’ee jireenya keessanitti, waan nyaattanii fi [waan dhugdaniif] yookiis dhagna keessaniif waan uffattaniif hin yaadda’inaa! . . . Duraan dursitanii yaada keessan mootummaa Waaqayyoo fi qajeelummaa isaa barbaaduutti hidhaa! Kana malees kan barbaachisu hundinuu immoo isiniif in kennama.” (Maatewos 6:25, 33, 34) Phexros ergamaan, ‘inni nuuf waan yaaduuf, yaaddoo keenya hundumaa Waaqayyotti gannee akka dhiisnu’ nu gorsa. (1 Phexros 5:6, 7) Rakkina tokkoof furmaata argachuuf yaaluun sirriidha. Haata’u malee, waan dandeenyu erga goonee booda kadhachuu malee dhiphachuun furmaata hin ta’u. Faarfatichi, “Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata” jechuudhaan faarfateera.—Faarfannaa 37:5.
16, 17. (a) Yaaddoorraa guutummaatti walaba ta’uu kan hin dandeenye maaliifi? (b) Yaada Filiphisiiyus 4:6, 7rratti argamu hojiirra yoo oolchine maal arganna?
16 Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waan hundumaatti, kadhataa fi himataan galataa wajjin wanti isin barbaachisu Waaqayyo duratti akka beekamu godhaa malee, waanuma tokkotti yaaddoo hin qabaatinaa! Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa namaa hundumaa irra caalus, karaa Kristos Yesus garaa keessanii fi yaada keessan in eega.” (Filiphisiiyus 4:6, 7) Sanyiin Addaam cubbamoo waan ta’aniif yaaddoorraa guutummaatti walaba ta’uu akka hin dandeenye beekamaadha. (Roomaa 5:12) Haadhotiin manaa Esaawu warri Heetota turan, abbaafi haadhasaa Yisihaqiifi Ribqaa warra namoota Waaqayyoo turan ‘garaa gubaniiru.’ (Uumama 26:34, 35) Kiristiyaanota akka Ximotewosiifi Xirofimoos jiran dhukkubnisaanii isaan yaaddessee akka ture beekamaadha. (1 Ximotewos 5:23; 2 Ximotewos 4:20) Phaawulosis namoota hidhata amantaasaa ta’aniif ni yaadda’a ture. (2 Qorontos 11:28) Ta’us, ‘Inni kadhata namaa dhaga’u’ kadhata namoota isa jaallatanii dhaga’uuf yeroo hundumaa qophaa’aadha.—Faarfannaa 65:2.
17 Guyyaa Yihowaa eeggachaa yeroo jirrutti, “Waaqayyo inni nagaa kennu” gargaarsaafi jajjabina nuu kenna. (Filiphisiiyus 4:9) Yihowaan waaqa “oo’a-qabeessaa fi araara qabeessa,” ‘gaariifi jaalalasaatiin namaaf cubbuu kan dhiisudha;’ “biyyoo ta’uu keenyas in yaadata.” (Ba’uu 34:6; Faarfannaa 86:5; 103:13, 14) Kanaafuu, ‘nagaa Waaqayyoo’ isa tasgabbii guddaa argamsiisu akka qabaannu waan godhuuf, ‘kadhanni keenya isa duratti akka beekamu haa goonu.’
18. Akka Iyoob 42:5 jedhutti, Waaqayyo nutti ‘mul’achuu’ kan danda’u akkamitti?
18 Kadhannaan keenya deebii yommuu argatu Waaqayyo nuu wajjin akka ta’e beekna. Iyoob qorumsa isarra ga’e obsaan erga danda’ee booda, “Ani waa’ee kee dur gurraan dhaga’eera, amma garuu ati anatti mul’atteetta” jedheera. (Iyoob 42:5) Ija hubannaatiin, amantiifi galateeffannaadhaan, akkaataa Waaqayyo itti nu kunuunsurratti xiinxaluufi isa kanaan duraa caalaa akka nutti ‘mul’atu’ gochuu dandeenya. Walitti dhihaachuun akkasii garaafi sammuu keenyaaf nagaa guddaa argamsiisa.
19. ‘Wanta yaada nutti ta’u Yihowaarratti gannee yoo dhiisne’ bu’aansaa maal ta’a?
19 ‘Wanta yaada nutti ta’u Yihowaarratti gannee kan dhiisnu’ yoo ta’e, tasgabbii garaa keenyaafi yaada keenya eegu qabaachuudhaan rakkina obsaan danda’uu ni dandeenya. Keessi keenya dhiphina, sodaafi naasuurraa walaba ta’a. Sammuun keenya waan godhu wallaaluufi yaaddoodhaan hin dhiphatu.
20, 21. (a) Haalli Isxifaanos, tasgabbii yeroo ari’atamnu argannu ilaalchisee maal nuu mirkaneessa? (b) Fakkeenya namoota bara keenyatti yeroo qorumsaatti tasgabbii argatanii caqasi.
20 Isxifaanos amantaasaatiin kan ka’e qorumsi cimaan yommuu isarra ga’ee turetti, tasgabbii guddaa akka qabu argisiiseera. Yeroo dhumaatiif dhugaa ba’uusaa dura, yaa’icha keessa kan turan hundi “fuulli isaa akka fuula ergamaa Waaqayyoo ta’ee argan.” (Hojii Ergamootaa 6:15) Fuullisaa akkuma fuula ergamaa Waaqayyoo tasgabbii kan qabu ture. Isxifaanos, du’a Yesusii wajjin haala wal qabateen yakka raawwatan erga saaxilee booda, abbootiin seeraa “aarii guddaa irraa kan ka’e, isatti in ciniinnatu turan.” “Isxifaanos garuu hafuura qulqulluudhaan guutamee, utuu ija irraa hin buqqifatinis waaqa keessa ol ilaalee, ulfina Waaqayyoo, Yesusinis gara mirga Waaqayyoo dhaabatee arge.” Isxifaanos mul’ata sanaan jajjabina waan argateef hamma du’aatti amanamaa ta’eera. (Hojii Ergamootaa 7:52-60) Nuyis mul’ata arguu baannuyyuu, ari’atamni yommuu nurra ga’u tasgabbii Waaqayyo kennu argachuu dandeenya.
21 Kiristiyaanonni Waraana Addunyaa Lammaffaatti harka Naaziitiin ajjeefaman wanta isaanitti dhaga’amee ture haa ilaallu. Obboleessi tokko muuxannoo mana murtii keessatti qabu akkas jechuudhaan dubbateera: “Duuti natti murteeffameera. Kana ergan dhaggeeffadhee booda, ‘Ati hamma du’aatti amanamaa ta’i,’ isa jedhuufi jechoota Gooftaan keenya dubbate kan biraa muraasa ergan dubbadhee booda, qorumsichi ni dhaabate. Amma garuu isa isin tilmaamtan caalaa nagaafi tasgabbii waanan qabuuf waa’eesaa hin yaadinaa!” Kiristiyaanni dargaggeessi mormisaa kutamuudhaan ajjeefamuuf jedhu tokkos akkas jechuudhaan warrasaatiif barreesseera: “Yeroonsaa halkan walakkaa darbeera. Yaadakoo jijjiiruuf yeroo qaba. Garuu, Gooftaa keenya ergan ganee booda addunyaa kanarratti gammachuudhaan jiraachuu nan danda’aa? Tasumaa hin danda’u! Amma garuu addunyaa kanarraa kanan adda ba’e gammachuufi nagaadhaan akka ta’e mirkanaa’oo ta’uu dandeessu.” Yihowaan tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’an akka gargaaru homaa hin shakkisiisu.
Jabaattanii Dhaabachuu Ni Dandeessu
22, 23. Guyyaa Yihowaa obsaan yeroo eeggattu waa’ee maalii mirkanaa’aa ta’uu dandeessa?
22 Qorumsi akka armaan olii isinirra ga’ee hin beeku ta’a. Ta’uyyuu, wanti Iyoob inni Waaqayyoon sodaatu akkas jechuudhaan dubbate sirriidha: “Nama ta’ee lafa irratti kan dhalate, barri isaa gabaabaa dha, rakkinni isaa immoo baay’ee dha.” (Iyoob 14:1) Tarii, haadha ykn abbaa ijoollee keessaniif qajeelfama Macaafa Qulqulluu kennuuf carraaqqii gochaa jirtu ta’a. Mana barumsaatti qorumsi isaanirra ga’uyyuu, Yihowaafi seerawwan bu’uraa qajeelummaa inni baase ija jabinaan yommuu deggeran hammam gammaddu! Isinis bakka hojiitti rakkinniifi qorumsi isin mudachuu danda’a. Haata’u malee, ‘Yihowaan guyyuma guyyaatti ba’aa keessan waan isiniif baatuuf’ haalawwan akkasiis ta’e kan biraa obsaan mo’uu dandeessu.—Faarfannaa 68:19.
23 Nama bakka guddaa hin qabne gootee of ilaalta ta’a. Haata’u malee, Yihowaan hojiikeefi jaalala ati maqaasaa isa qulqulluudhaaf argisiiste akka hin irraanfanne hin dagatin. (Ibroota 6:10) Qorumsa amantii keetiin sirra ga’u gargaarsasaatiin mo’uu dandeessa. Kadhannaafi karoorakee keessatti fedha Waaqayyoo tilmaama keessa galchi. Sana booda guyyaa Yihowaa obsaan danda’uudhaan yeroo eeggattutti eebbaafi deggersasaa akka argattu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.
Maal Jettee Deebista?
• Kiristiyaanonni obsaan danda’uun kan isaan barbaachisu maaliifi?
• Dhukkubaafi gadda obsaan danda’uuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
• Kadhannaan qorumsa obsaan danda’uuf kan nu gargaaru akkamitti?
• Obsaan danda’uudhaan guyyaa Yihowaa eeggachuun kan danda’amu maaliifi?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]