Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Hafuura Qulqulluurratti Cubbuu Hojjetteettaa?

Hafuura Qulqulluurratti Cubbuu Hojjetteettaa?

Hafuura Qulqulluurratti Cubbuu Hojjetteettaa?

“Cubbuun du’a bara baraatti nama geessu jira.” —1 YOHANNIS 5:16.

1, 2. Hafuura Waaqayyoorratti cubbuu hojjechuun akka danda’amu akkamitti beekna?

DUBARTIIN biyya Jarman tokko Waaqayyoon tajaajilaa kan turte ta’uyyuu, “Hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjedheeraa laata jedhee yaaduudhaan dhiphina guddaa keessa galeen ture” jetteetti. Dhugumaan Kiristiyaanni tokko hafuura Waaqayyoorratti ykn humnasaarratti cubbuu hojjechuu ni danda’aa?

2 Eeyyee, hafuura Yihowaarratti cubbuu hojjechuun ni danda’ama. Yesus akkas jechuudhaan dubbateera: “Cubbuun kam illee arrabsoonis namootaaf in dhiifama; arrabsoon hafuura qulqulluu irratti ka’u garuu hin dhiifamu.” (Maatewos 12:31) Akeekkachiisni akkas jedhu nuu kennameera: “Nuyi dhugaa hubannee erga beeknee booddee, jaallannee beekaa cubbuu yoo hojjenne, aarsaan sababii cubbuutiif dhi’aatu si’achi hin jiru. Firdiin . . . garuu, sodaadhaan eeggatamaa jir[a].” (Ibroota 10:26, 27) Yohannis ergamaanis, “Cubbuun du’a bara baraatti nama geessu jira” jechuudhaan barreesseera. (1 Yohannis 5:16) Haata’u malee, ‘cubbuu du’a barabaraatti nama geessu’ hojjechuufi dhiisuusaa kan murteessu nama cubbuu cimaa hojjete sanadhaa?

Qalbii Geddarachuun Dhiifama Argamsiisa

3. Cubbuu hojjechuu keenyaan baay’ee gadduun keenya maal argisiisa?

3 Cubbamootarratti firdii isa dhumaa kan faradu Yihowaadha. Hundi keenya Yihowaa biratti kan itti gaafatamnu yeroo ta’u, innimmoo yeroo hundumaa waan sirrii ta’e godha. (Uumama 18:25; Roomaa 14:12) Cubbuun hojjenne dhiifama kan argatuufi kan hin arganne ta’uusaa kan murteessu, akkasumas hafuurasaa nurraa fudhachuu kan danda’u Yihowaadha. (Faarfannaa 51:11) Ta’uyyuu, cubbuu hojjenne tokkotti baay’ee yoo gaddine, dhugumaan qalbii geddaranneerra jechuudha. Haata’u malee, dhugumaan qalbii geddarachuu jechuun maal jechuudha?

4. (a) Qalbii geddarachuu jechuun maal jechuudha? (b) Jechoonni faarfatichaa Faarfannaa 103:10-14⁠rratti argaman kan nama jajjabeessan maaliifi?

4 Qalbii geddarachuu jechuun, ilaalcha dogoggora kanaan dura hojjenneef ykn hojjechuuf yaanneef qabnu jijjiiruu jechuudha. Gaddi ykn gaabbiin waan nutti dhaga’amuuf gocha cubbuu sanarraa deebina jechuudha. Cubbuu cimaa hojjennee kan turre ta’uyyuu, qalbii geddarachuu keenya argisiisuuf tarkaanfii barbaachisaa yoo fudhanne, jechoota faarfatichaa akkas jedhanirraa jajjabina argachuu dandeenya: “[Yihowaan] akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin hojjetu, akka yakka keenyaattis nutti hin deebisu. Bantiiwwan waaqaa lafa irraa fagaachuun isaanii guddaa akka ta’e, gaarummaan Waaqayyoos akkasuma warra isa sodaataniif guddaa jabaa dha. Ba’i-biiftuu lixa-biiftuutii akka fagaatu, innis irra-daddarbaa keenya nuttii in fageessa; abbaan ijoollee isaatiif akka garaa laafu, Waaqayyos akkasuma warra isa sodaataniif garaa in laafa. Akka nuyi itti hojjetamne inni in beeka, biyyoo ta’uu keenyas in yaadata.”—Faarfannaa 103:10-14.

5, 6. Yaanni ijoo 1 Yohannis 3:19-22⁠rra jiru maalidha? Jechoonni Yohannis dubbate kun hiika maalii akka qaban ibsi.

5 Jechoonni Yohannis ergamaan akkas jechuudhaan barreesses kan nama jajjabeessanidha: “Nuyi kan dhugaa ta’uu keenya kanaan hubachuuf jirra, fuula Waaqayyoo durattis garaa keenya calluma in jechisiifna. Garaan keenya yeroo nutti faradutti immoo, Waaqayyo garaa keenya irra caalee waan hundumaa akka hubatu in beekna. Yaa michoota ko! Garaan keenya yeroo nutti hin farannettis, Waaqayyo duratti ija-jabina qabna. Nuyi waanuma isa kadhannu isa biraa in fudhanna; abboommota isaa in eegna, waan isa gammachiisus in hojjenna.”—1 Yohannis 3:19-22.

6 Jaalala obbolummaa waan walii qabnuufi cubbuu raawwachuurraa waan fagaannuuf, ‘kan dhugaa ta’uu keenya hubanneerra.’ (Faarfannaa 119:11) Sababii tokkoon keessi keenya kan nu ceepha’u yoo ta’e, “Waaqayyo garaa keenya irra caalee waan hundumaa akka hubatu” yaadachuu qabna. Yihowaan “obboloota garaa qulqulluudhaan jaallachuu” keenya, wal’aansoo cubbuu wajjin goonuufi carraaqqii fedhasaa raawwachuuf goonu waan beekuuf oo’a nutti argisiisa. (1 Phexros 1:22) Yihowaatti kan amanamnu, obboloota keenya kan jaallannuufi ta’e jennee cubbuu kan hin hojjenne yoo ta’e, ‘garaan keenya nutti hin faradu.’ Kadhannaadhaan isatti dhihaachuuf “Waaqayyo duratti ija jabina” qabaanna; innis abboommiisaa waan eegnuuf kadhannaa keenyaaf deebii nuu kenna.

Warra Hafuura Qulqulluurratti Cubbuu Hojjetan

7. Cubbuun tokko dhiifama akka qabaatuufi akka hin qabaanne kan murteessu maalidha?

7 Cubbuuwwan dhiifama hin qabne kan akkamiiti? Gaaffii kana deebisuuf, fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko haa ilaallu. Qalbii erga geddarannee boodayyuu cubbuu cimaa hojjennetti garmalee kan dhiphannu yoo ta’e, fakkeenyawwan kana qoruudhaan jajjabina argachuu dandeenya. Dhiifama argachuun keenya kan hundaa’e cubbuu akkamii hojjechuu keenyarratti utuu hin ta’in, kaka’umsa, yaadaafi fedhii cubbuu sana itti hojjennerrattidha.

8. Geggeessitoonni amantii Yihudii jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko hafuura qulqulluurratti cubbuu kan hojjetan akkamitti?

8 Geggeessitoonni amantii Yihudii jaarraa jalqabaatti Yesusiin garmalee mormaa turan hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjetaniiru. Yesus hafuura qulqulluutiin fayyadamee dinqiiwwan Yihowaadhaaf ulfina fidan yeroo hojjetu arganiiru. Ta’us namoonni diinota Kiristos ta’an kun, humni Yesus dinqii itti hojjete kan Seexanaati jechuudhaan dubbatan. Yesus, namoonni hafuura Waaqayyoo arrabsan sun cubbuu “bara kanatti, bara dhufuttis” dhiifama hin arganne hojjechuusaanii akka ta’e dubbateera.—Maatewos 12:22-32.

9. Arrabsoon maalidha? Yesus dhimma kana ilaalchisee maal jedhe?

9 Arrabsoo jechuun, maqaa balleessuufi dubbii nama miidhu dubbachuu ykn salphisuu jechuudha. Maddi hafuura qulqulluu Waaqayyo waan ta’eef, hafuura sana mormuudhaan waa dubbachuu jechuun Yihowaa mormuu jechuudha. Beekaa waan hamaa akkasii dubbachuufi qalbii geddarachuu dhiisuun cubbuu dhiifama hin qabnedha. Haalli Yesus dhimma kana itti dubbate, namoonni cubbuu akkasii hojjetan warra ta’e jedhanii hojii hafuura qulqulluu morman ta’uusaanii argisiisa. Fariisonni Yesus hafuura Yihowaatiin gargaaramee dinqii akka hojjete utuma arganii, dinqiin kun humna Seexanaatiin hojjetame jechuudhaan hafuura qulqulluu arrabsaniiru. Kanaaf Yesus: “Eenyu illee hafuura qulqulluudhaan mormee isa irratti yoo dubbate garuu, cubbuu bara baraatiin yakkaa ta’a malee, bara baraan dhiifamuu hin argatu” jechuudhaan dubbateera.—Maarqos 3:20-29.

10. Yesus Yihudaadhaan “ilma badiisaa” kan jedhee maaliifi?

10 Haala Yihudaa isa biyya Keriyot haa ilaalu. Amanamaa waan hin turreef, saanduqa buusii imaanaadhaan itti kenname keessaa hata ture. (Yohannis 12:5, 6) Yihudaan yeroo boodas, gara geggeessitoota amantii Yihudii dhaquudhaan Yesusiin meetii 30⁠tti dabarsee kennuuf qophii godhe. Yihudaan erga dabarsee isa kennee booda kan gaddeefi kan gaabbe ta’us, cubbuu ta’e jedhee raawwate kanaaf qalbii hin geddaranne. Yihudaan du’aa hin kaafamu; kanaan kan ka’es Yesus “ilma badiisaa” jedhee isa waameera.—Yohannis 17:12; Maatewos 26:14-16.

Warra Hafuura Qulqulluurratti Cubbuu Hin Hojjenne

11-13. Daawit Mootichi Baat-Sheebaa wajjin haala wal qabateen cubbuu kan hojjete akkamitti? Haala itti Waaqayyo dhiifama isaanii godherraa barumsa nama jajjabeessu akkamii arganna?

11 Darbee darbee, Kiristiyaanonni cubbuu cimaa hojjetan himatanii karaa hafuuraa jaarsolii gumiirraa gargaarsa argatanillee, kanaan dura seera Waaqayyoo cabsuunsaanii baay’ee isaan dhiphisuu danda’a. (Yaaqoob 5:14) Nutis yaada akkasiitiin kan dhiphannu yoo ta’e, namoota cubbuunsaanii dhiifameef ilaalchisee wanta Caaffanni Qulqullaa’oon jedhan qoruudhaan faayidaa argachuu dandeenya.

12 Daawit Mootichi haadha manaa Uriyaa kan taate Baat-Sheebaa wajjin haala wal qabateen cubbuu cimaa hojjeteera. Daawit, bantii manasaarraa yommuu gad ilaalu dubartii bareedduun kun yommuu dhagnashee dhiqattu argee gara manasaatti fudhachuudhaan ishee wajjin saalqunnamtii raawwate. Sana boodas ulfaa’uushee yeroo itti himan, ejja raawwate sana dhoksuuf jecha abbaan manaashee Uriiyaan akka ishee wajjin ciisu mala dha’e. Mallisaa kun yommuu isa baasuu didetti, Uriiyaan dirree waraanaatti akka ajjeefamu godhe. Sana booda, Baat-Sheebaan haadha manaa Daawit taatee ilma kan deesseef ta’uyyuu mucaan sun du’eera.—2 Saamu’el 11:1-27.

13 Yihowaan ofumasaatii dhimma Daawitiifi Baat-Sheebaa kanaaf furmaanni akka argamu godheera. Waaqayyo Daawit qalbii waan geddarateefi isaa wajjin kakuu Mootummaa waan galeef dhiifama isaa godheera. (2 Saamu’el 7:11-16; 12:7-14) Baat-Sheebaan haadha Solomoon Mootichaafi akaakilii Yesus Kiristos ta’uuf mirga waan argatteef isheenis qalbii geddarattee turte jechuun ni danda’ama. (Maatewos 1:1, 6, 16) Nutis cubbuu yoo hojjenne, Yihowaan qalbii geddarachuu keenya akka ilaalu yaadachuun keenya gaariidha.

14. Seenaan Minaasee Mootichaa Yihowaan hangam dhiifama akka namaa godhu kan argisiisu akkamitti?

14 Yihowaan hangam dhiifama akka namaa godhu, seenaa Minaasee Mootii Yihudaarraas hubachuun ni danda’ama. Minaaseen wanta ija Yihowaa duratti hamaa ta’e hojjeteera. Ba’aaliif iddoowwan aarsaa ijaareera, “macca bantiiwwan waaqaa” keessa jiraniif sagadeera, oobdiiwwan mana qulqullummaa lama keessatti waaqolii tolfamoodhaaf iddoowwan aarsaa ijaareera. Ilmaansaa ibiddaan gubeera, hojiiwwan hafuurota xuraa’oo akka hojjetaman godheera, akkasumas namoonni Yihudaafi Yerusaalem jiraatan “warra Waaqayyo fuula guutummaa Israa’elootaa duraa balleesse caalaa waan hamaa” akka hojjetan godheera. Akeekkachiisa raajonni Waaqayyoo dubbatan utuu hojiirra hin oolchin hafaniiru. Yeroo booda mootiin Sooriyaa Minaasee boojuudhaan fudhate. Minaaseen utuu biyya itti booji’ame jiruu, yaada garaa geddaratee gara Waaqayyootti kadhannaa gochuusaa kan itti fufe yommuu ta’u, Waaqayyos dhiifama isaa gochuudhaan gara mootummaasaa isa Yerusaalem jirutti isa deebisee waaqeffannaa dhugaa akka babal’isu godheera.—2 Seenaa 33:2-17.

15. Seenaan Phexros, Yihowaan ‘araarrisaa guddaadha’ akka jennu kan nu godhu akkamitti?

15 Waggoota dhibbaan lakkaa’aman booda, Phexros Yesusiin ganuudhaan cubbuu guddaa hojjeteera. (Maarqos 14:30, 66-72) Haata’u malee, Yihowaan ‘araara guddaadhaan’ Phexrosiif dhiifama godheera. (Isaayaas 55:7) Maaliif? Phexros garaadhaa qalbii geddaratee waan tureefidha. (Luqaas 22:62) Guyyaa 50 booda gaafa Phenxeqosteetti Phexros ija jabinaan waa’ee Yesus dhugaa ba’uuf mirga argachuunsaa, Yihowaan akka dhiifama isaa godhe kan argisiisu ture. (Hojii Ergamootaa 2:14-36) Yihowaan Kiristiyaanota yeroo ammaatti garaadhaa qalbii geddarataniif dhiifama hin godhu jennee amanuuf sababii qabnaa? Faarfatichi “Yaa Waaqayyo, utuu ati irra-daddarbaa namatti lakkooftee, silaa eenyutu si dura dhaabata, yaa gooftaa? . . . Cubbuu namaaf dhiisuun si bira jira” jechuudhaan faarfateera.—Faarfannaa 130:3, 4.

Cubbuu Hojjedheeraa Laata Jedhanii Dhiphachuu Dhiisuu

16. Waaqayyo dhiifama kan nuu godhu yoo maal goonedha?

16 Fakkeenyawwan armaan gaditti ibsaman, Hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjedheeraa laata jennee akka hin yaaddofne nu gargaaru. Fakkeenyawwan kun Yihowaan cubbamoota qalbii geddarataniif dhiifama akka godhu argisiisu. Wanti hundumaa caalaa barbaachisu garaadhaa Waaqayyoon kadhachuudha. Cubbuu hojjenneerra taanaan, aarsaa furii Yesusirratti, oo’a Yihowaarratti, cubbuu dhaalleefi tajaajila kanaan dura amanamummaadhaan raawwannerratti hundoofnee dhiifamni akka nuu godhamu kadhachuu dandeenya. Yihowaan gaarummaa akka qabu hubachuudhaan, dhiifama akka nuu godhu amannee isa kadhachuu dandeenya.—Efesoon 1:7.

17. Cubbuu yoo hojjenneefi karaa hafuuraa gargaarsi yoo nu barbaachise maal gochuu qabna?

17 Cubbuu hojjennee karaa hafuuraa dhukkubsachuu keenyaan, kadhachuu yoo dadhabne maal gochuu qabna? Kana ilaalchisee Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Inni [namni akkasii] jaarsolii waldaa kristiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif. Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta’es in dhiisaaf.”—Yaaqoob 5:14, 15.

18. Namni cubbuu hojjete tokko gumiidhaa yoo baafamellee, cubbuunsaa isaaf hin dhiisamu jechuu kan hin dandeenye maaliifi?

18 Namni tokko cubbuu erga hojjetee booda qalbii geddarachuu didee gumii keessaa yoo baafamellee, cubbuunsaa dhiifama hin qabu jechuu miti. Phaawulos Kiristiyaana dibamaa gumii Qorontos keessa tureefi cubbuu hojjetee gumiidhaa baafame tokko ilaalchisee akkas jechuudhaan barreesseera: “Nama akkasii kana, adabni baay’een keessan irratti walii galtanii kanaan dura isa adabdan, in ga’a. Namichi gadda baay’ee guddaadhaan liqimfamuu isaa irra, isin yakka isaa dhiiftaniifii isa jajjabeessuun isiniif ta’a.” (2 Qorontos 2:6-8; 1 Qorontos 5:1-5) Haata’u malee, namoonni cubbuu hojjetan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuu yoo barbaadan, gorsa jaarsoliin Macaafa Qulqulluurratti hundaa’uudhaan isaanii kennan fudhachuufi dhugumaan qalbii geddarachuusaanii hojiidhaan argisiisuu qabu. ‘Yaada garaa geddarachuusaanii ija gaarii godhachuudhaan’ argisiisuu qabu.—Luqaas 3:8.

19. ‘Amantiitti warra seelkoo’ hin qabne ta’uuf maaltu nu gargaaruu danda’a?

19 Hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjedheeraa laata jennee akka dhiphannu kan nu godhu maal ta’uu danda’a? Humna keenyaa ol ofirraa eeguu, rakkina qaamaafi sammuu qabaachuu ta’uu danda’a. Rakkina akkasii yoo qabaanne, kadhannaa gochuufi boqonnaa gaarii fudhachuun keenya nu gargaaruu danda’a. Keessumaa Seexanni abdii nu kutachiisuudhaan Waaqayyoon tajaajiluu keenya akka nu dhaabsisu gochuu hin qabnu. Yihowaan du’a namoota hamoottillee kan hin gammanne erga ta’ee, badiisa tajaajiltootasaatti matumaa hin gammadu. Kanaaf hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjedheeraa laata jennee kan dhiphannu yoo ta’e, yaadawwan Macaafa Faarfannaarratti argamaniifi nama jajjabeessan dabalatee Dubbii Waaqayyoo soorachuu keenya itti fufuu qabna. Walga’iiwwan gumiirratti argamuufi hojii lallabaa Mootummichaarratti hirmaachuu keenya itti fufuu qabna. Kana gochuun keenya, ‘amantiitti warra seelkoo’ hin qabne akka taanuufi cubbuu dhiifama hin qabne hojjedheeraa laata jennee akka hin dhiphanne nu gargaara.—Tiitos 2:2.

20. Namni tokko hafuura qulqulluurratti cubbuu akka hin hojjenne beekuuf maaltu isa gargaara?

20 Namoonni hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjedheeraa laata jedhanii dhiphatan hundi akkas jedhanii of gaafachuu danda’u: ‘Hafuura qulqulluu arrabseeraa? Ergan qalbii geddaradhee kaasee, wanta sanarraa of eegeeraa? Waaqayyo dhiifama akka namaa godhu nan amanaa? Ani gantuu beekumsa hafuuraa jibbedhaa?’ Namoonni akkasii hafuura Waaqayyoo akka hin arrabsineefi gantoota akka hin taane ni hubatu ta’a. Yaada garaasaanii ni geddaratu, Yihowaan dhiifama akka namaa godhus akka gaariitti ni amanu. Kana taanaan, namoonni kun hafuura qulqulluurratti cubbuu hin hojjenne jechuudha.

21. Matadureen ittaanu gaaffiiwwan akkamiitiif ibsa kenna?

21 Hafuura qulqulluurratti cubbuu akka hin hojjenne beekuun keenya boqonnaa guddaa nuu hin kennuu? Mataduree ittaanurratti, gaaffiiwwan armaan gaditti argamaniifi dhimma kanaa wajjin walitti dhufeenya qabanirratti mari’anna. Fakkeenyaaf, akkas jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Ani dhuguma hafuura qulqulluudhaan geggeeffamaan jiraa? Iji hojii hafuura qulqulluu anarratti ni mul’ataa?’

Deebiinkee Maalidha?

• Hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjechuun ni danda’ama kana jennu maaliifi?

• Qalbii geddarachuu jechuun maal jechuudha?

• Yesus yommuu lafarra ture hafuura qulqulluurratti cubbuu kan hojjetan eenyu fa’i?

• Namni tokko cubbuu dhiifama hin qabne hojjedheeraa laata jedhee dhiphachuu dhiisuu kan danda’u akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]