Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Hafuuraan Geggeeffamtanii Jiraachuuf’ Fedhii Qabduu?

‘Hafuuraan Geggeeffamtanii Jiraachuuf’ Fedhii Qabduu?

‘Hafuuraan Geggeeffamtanii Jiraachuuf’ Fedhii Qabduu?

“Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!”—GALAATIYAA 5:16.

1. Hafuura qulqulluurratti cubbuu hojjenna ta’a jennee dhiphachuurraa ooluu kan dandeenyu akkamitti?

HAFUURA Yihowaarratti cubbuu hojjenna jennee akka hin yaaddofne wanti nu gargaaru jira. Innis wanta Phaawulos ergamaan, “Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!” jechuudhaan dubbate hojiirra oolchuudha. (Galaatiyaa 5:16) Hafuurri Waaqayyoo akka nu geggeessu kan goonu yoo ta’e, fedhii foonii sirrii hin taaneen hin mo’amnu.—Roomaa 8:2-10.

2, 3. Hafuuraan geggeeffamuu itti fufuun keenya jireenya keenyarratti jijjiirama kan fidu akkamitti?

2 ‘Hafuuraan geggeeffamuu’ keenya yoo itti fufne, humni hafuura kanarraa argannu Yihowaadhaaf akka abboomamnu nu kakaasa. Tajaajilarratti, gumii keessatti, manattis ta’e bakka biraatti amalawwan Waaqayyoo ni argisiisna. Akkaataa hiriyaa gaa’elaa keenya, ijoollee keenya, namoota hidhata amantaa keenyaafi warra kaanii wajjin jiraannuun, ija hojii hafuuraa qabaachuun keenya ni mul’ata.

3 ‘Hafuuraan jiraachuun’ keenya, cubbuu hojjechuu akka dhiisnu nu gargaara. (1 Phexros 4:1-6) Hafuura qulqulluudhaan yoo jiraanne, matumaa cubbuu dhiifama hin qabne hin hojjennu. Haata’u malee, hafuuraan geggeeffamuun keenya karaa faayidaa qabeessa ta’e kan biraa kamiin jijjiirama nurratti fida?

Waaqayyoofi Kiristositti Maxxanaa Jiraadhaa

4, 5. Hafuuraan geggeeffamnee jiraachuun keenya Yesusiif ilaalcha akkamii akka qabaannu nu godha?

4 Hafuura qulqulluudhaan waan geggeeffamnuuf, Waaqayyoofi Ilmasaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu ni dandeenya. Phaawulos kennaawwan hafuuraa ilaalchisee Kiristiyaanota Qorontosiif ennaa barreessu akkas jedheera: “Namni hafuura Waaqayyootiin geggeeffamu, ‘Yesus abaaramaa dha’ jechuu, namni tokko illees hafuura qulqulluutiin yoo ta’e malee, ‘Yesus gooftaa dha’ jechuu, akka hin dandeenye cimsee isinittan [namoota kanaan dura waaqayyolii tolfamoo waaqeffachaa turtanittan] beeksisa.” (1 Qorontos 12:1-3) Hafuurri namoonni Yesusin akka abaaran godhu Seexanarraa kan dhufedha. Nuyi garuu Kiristiyaanota hafuura qulqulluutiin geggeeffamnu waan taaneef, Yihowaan Yesusiin du’aa akka kaaseefi uumama hundumaarra ol ol akka isa godhe ni amanna. (Filiphisiiyus 2:5-11) Aarsaa furii Yesusitti ni amanna, Waaqayyo Yesusiin nurratti Gooftaa godhee akka isa muudes beekna.

5 Namoonni Kiristiyaana ofiin jedhaniifi jaarraa jalqabaatti turan tokko tokko Yesus fooniin dhufuusaa amanuu didaniiru. (2 Yohannis 7-11) Namoonni tokko tokko ilaalcha dogoggoraa sana fudhachuunsaanii, barumsawwan dhugaa waa’ee Yesus Masiihichaa dubbatutti akka hin amanne isaan godheera. (Maarqos 1:9-11; Yohannis 1:1, 14) Hafuura qulqulluudhaan geggeeffamuun keenya gantummaa akkasiirraa nu eega. Gaarummaa Yihowaa argachuufi ‘dhugaatti qabamnee jiraachuu’ kan dandeenyu, karaa hafuuraa dammaqoo taanee yoo jiraanne qofadha. (3 Yohannis 3, 4) Kanaafuu, Abbaa keenya isa samii wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuu akka dandeenyuuf, gantummaa akkamiiyyuu ofirraa haa fageessinu.

6. Hafuurri Waaqayyoo namoonni hafuuraan geggeeffaman amalawwan akkamii akka qabaatan godha?

6 Phaawulos, waaqayyolii tolfaman waaqeffachuufi barsiisaan gargar cabuu, ‘hojii foonii’ akka halalummaafi jireenya gadhiisii jiraachuu wajjin caqaseera. Karaa biraatiinimmoo, “Warri kan Kristos Yesus ta’an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru. Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu’uu keenya” jechuudhaan ibseera. (Galaatiyaa 5:19-21, 24, 25) Humni Waaqayyoo, namoonni hafuura qulqulluudhaan geggeeffaman amalawwan akkamii akka qabaatan godha? Phaawulos, “Iji hojii hafuuraa . . . jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa, garraamummaa dha” jechuudhaan barreesseera. (Galaatiyaa 5:22, 23) Mee ijawwan hafuuraa kanarratti haa mari’annu.

“Walii Keessan Jaalladhaa”

7. Jaalalli maalidha? Amalawwansaa keessaa tokko tokko kamfa’i?

7 Ija hojii hafuuraa keessaa tokko kan ta’e jaalalli, yeroo baay’ee haala ofittummaarraa walaba ta’een warra kaaniif yaaduufi isaanii wajjin michooma cimaa qabaachuu kan dabalatudha. Waaqayyo amala kana qabaachuudhaan fakkeenya hunda caalu waan ta’eef, Caaffanni Qulqullaa’oon “Waaqayyo jaalala” ta’uusaa dubbatu. Jaalalli cimaan Waaqayyoofi Ilmisaa namootaaf qaban, aarsaa furii Yesus Kiristos dhiheesseen mul’ateera. (1 Yohannis 4:8; Yohannis 3:16; 15:13; Roomaa 5:8) Bartoota Yesus waan taaneef, jaalala waliif qabnuun addaan baafamnee beekamna. (Yohannis 13:34, 35) ‘Walii keenya akka jaallannus’ ajajamneerra. (1 Yohannis 3:23) Phaawulosimmoo, jaalalli danda’aafi gaarummaa kan argisiisu ta’uusaa dubbateera. Jaalalli, kan hin hinaafneefi kan of hin jajne, lafa salphinaa kan hin dhaabanne ykn waan isatti tolu duwwaa kan hin barbaannedha. Hin dallanu ykn waan hamaa namarratti hin lakkaa’u. Qajeelina dhugaatti gammada malee jal’inatti hin gammadu. Jaalalli karaa tokkollee nama hin lafafu, hunduma amana, hunduma abdata, akkasumas hunduma obsa. Hunda caalaammoo jaalalli yoomiyyuu hin badu.—1 Qorontos 13:4-8.

8. Namoota nuu wajjin Yihowaa waaqeffataniif jaalala qabaachuu keenya argisiisuu kan qabnu maaliif?

8 Hafuurri Waaqayyoo jaalala akka nu keessatti horu yoo goone, amalli kun walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjinis ta’e namootaa wajjin qabnuun ni mul’ata. (Maatewos 22:37-39) Yohannis ergamaan akka jechuudhaan barreesseera: “Namni nama hin jaallanne . . . du’a keessatti hafa. Obboleessa isaa kan jibbu hundinuu nama nama ajjeesee dha; namni nama ajjeese abdii jireenya bara baraa of keessaa akka hin qabne isin iyyuu beektu.” (1 Yohannis 3:14, 15) Namni nama ajjeese tokko magaalaa Israa’el ishee baqatanii kooluu itti galan keessatti eegumsa argachuu kan danda’u, nama ajjeese sanarraa jibba kan hin qabne yoo ta’e qofa ture. (Keessa Deebii 19:4, 11-13) Hafuura qulqulluudhaan kan geggeeffamnu yoo ta’e, Waaqayyoof, namoota hidhata amantii keenyaafi warra kaaniif jaalala qabaachuu keenya ni argisiisna.

‘Gammachuun Yihowaan Isiniif Kennu Jabina Keessanidha’

9, 10. Gammachuun maalidha? Gammaduuf sababiiwwan akkamii qabna?

9 Yihowaan “Waaqa gammadaadha.” (1 Ximotewos 1:11, NW; Faarfannaa 104:31) Ilmisaa jaalala Abbaasaa raawwachuun isa gammachiisa. (Faarfannaa 40:8; Ibroota 10:7-9) Nuufis ‘gammachuun Yihowaan nuu kennu jabina keenyadha.’—Nahimiiyaa 8:10.

10 Gammachuun Waaqayyo nuu kennu, yeroo rakkinni, gaddi ykn ari’atamni nurra ga’ullee jaalala Waaqayyoo yommuu raawwannu gammachuu guddaa argachuuf nu gargaara. ‘Beekumsa Waaqayyoo argachuun’ gammachuu guddaa nuuf argamsiisa! (Fakkeenya 2:1-5, NW) Walitti dhufeenyi gammachiisaan Waaqayyoo wajjin qabnu, beekumsa sirriirratti, akkasumas amantaa isarrattiifi aarsaa furii Yesusirratti qabnurratti kan hundaa’edha. (1 Yohannis 2:1, 2) Waldaa obboloota addunyaa maraa isa kan dhugaa ta’e keessaa tokko ta’uun keenyas sababii itti gammannu kan biraadha. (Sefaaniyaa 3:9; Haagee 2:7) Abdiin Mootummaa Waaqayyoofi mirgi guddaan misiraachicha lallabuuf qabnu nu gammachiisa. (Maatewos 6:9, 10; 24:14) Abdiin barabaraaf jiraachuuf qabnus gammachuu nuuf argamsiisa. (Yohannis 17:3) Abdii dinqisiisaa akkasii waan qabnuuf ‘gammaduu’ qabna.—Keessa Deebii 16:15.

Nagaafi Obsa Qabaadhaa

11, 12. (a) Nagaa jechuun maal jechuudha? (b) Nagaan Waaqayyoo maal nuuf argamsiisa?

11 Ijawwan hojii hafuuraa keessaa tokko kan ta’e gammachuun, tasgabbaa’uufi dhiphinarraa walaba ta’uu jechuudha. Abbaan keenya Inni samii Waaqa nagaa waan ta’eef, ‘sabasaa nagaadhaan akka eebbisu’ abdiin nuu kennameera. (Faarfannaa 29:11; 1 Qorontos 14:33) Yesus bartootasaatiin, “Nagaa isin biratti nan hambisa, nagaa koo isiniif nan kenna” jedheera. (Yohannis 14:27) Kana gochuunsaa duuka buutotasaa kan fayyadu akkamitti?

12 Nagaan Yesus bartootasaatiif kenne, garaansaaniifi sammuunsaanii tasgabbii akka qabaatuufi sodaansaanii akka hir’atu godheera. Keessumaa hafuura qulqulluu abdachiifaman sana yommuu argatan nagaa argataniiru. (Yohannis 14:26) Gargaarsa hafuura qulqulluufi deebii kadhannaa keenyaaf argannuun, ‘nagaa Waaqayyoo’ isa kan isaan qixxaatu hin qabneefi garaafi sammuu keenyaaf boqonnaa argamsiisu qabaanna. (Filiphisiiyus 4:6, 7) Kana malees, hafuurri Yihowaa namoota hidhata amantaa keenyaafi warra kaanii wajjin tasgabbiifi nagaadhaan akka jiraannu nu gargaara.—Roomaa 12:18; 1 Tasaloniiqee 5:13.

13, 14. Obsi maalidha? Amala kana argisiisuu kan qabnu maaliifi?

13 Wanti nama aarsu ykn dogoggorri tokko ni fooyya’a jennee abdachuudhaan waan obsinuuf, obsi naga qabeeyyii ta’uuf nu gargaara. Waaqayyo obsa qabeessadha. (Roomaa 9:22-24) Yesusis amala kana argisiiseera. Phaawulos akkas jechuudhaan waan barreesseef, nuyis amala kana argisiisuu qabna: “Yesus Kristos ana isa cubbuutti isa duraa ta’e kana keessaan obsa isaa guutummaatti akka mul’isutti, warra jireenya bara baraatiif isatti amananiif fakkeenya akka ta’uuf, ani araara argadheera.”—1 Ximotewos 1:16.

14 Obsa qabaachuun, ennaa warri kaan wanta hamaa itti hin yaadamne dubbatan ykn raawwatanitti danda’uuf nu gargaara. Phaawulos, ‘namoota hundumaaf danda’aa’ jechuudhaan Kiristiyaanota gorseera. (1 Tasaloniiqee 5:14) Hundi keenyayyuu cubbamoo waan taaneefi dogoggora waan hojjennuuf, namoonni akka nuuf obsaniifi walitti dhufeenya isaanii wajjin qabnuun dogoggora yommuu hojjennu akka nuuf danda’an akka barbaannu beekamaadha. Kanaafuu, “gammachuudhaan waliif danda’uuf” carraaqqii haa goonu.—Qolosaayis 1:9-12.

Arjummaafi Gaarummaa Qabaadhaa

15. Arjummaan maal akka ta’eefi akkamitti akka argisiifame ibsi.

15 Waan gaarii dubbachuufi gochuudhaan warra kaaniif akka yaannu ennaa argisiisnu arjummaa qabaachuun keenya ni mul’ata. Yihowaanis ta’e Ilmisaa arjaadha. (Roomaa 2:4; 2 Qorontos 10:1) Arjummaa argisiisuun wanta namoota tajaajiltoota Waaqayyoofi Kiristos ta’anirraa barbaadamudha. (Miikiyaas 6:8; Qolosaayis 3:12) Namoonni Waaqayyoo wajjin dhuunfaadhaan walitti dhufeenya hin qabnellee “arjummaa guddaa” argisiisaniiru. (Hojii Ergamootaa 27:3, NW; 28:2, NW) Kanaaf, nuyi ‘hafuuraan geggeeffamuudhaan’ arjummaa argisiisuu akka dandeenyu beekamaadha.

16. Haalli arjummaa argisiisuuf nu kakaasu tokko tokko maalidha?

16 Namni tokko waan nama miidhu dubbachuusaatiin ykn gocha dantaa dhabummaadhaan raawwateen yeroo aarruttillee, arjummaa argisiisuu ni dandeenya. Phaawulos akkas jedheera: “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin! Seexanaaf karaa hin kenninaa! Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!” (Efesoon 4:26, 27, 32) Keessumaa warra rakkinni isaanirra ga’uuf arjummaa argisiisuun barbaachisaadha. Jaarsi gumii tokko, miira nama ‘gaarummaa, qajeelummaafi dhugaarraa’ fagaachaa jiru tokkoo akka hin miineef jecha nama sanaaf gorsa Caaffata Qulqulluurratti hundaa’e kennuurraa duubatti yoo jedhe arjummaa hin qabu jechuudha.—Efesoon 5:9.

17, 18. Gaarummaa jechuun maal jechuudha? Amalli kun jireenya keenya keessatti gahee maalii qaba?

17 Gaarummaa qabaachuu jechuun, amala gaarii qabaachuu ykn nama gaarii ta’uu jechuudha. Gaarummaan Waaqayyoo mudaa kan hin qabnedha. (Faarfannaa 25:8; Zakaariyaas 9:17) Yesus gaarummaa kan qabuufi amallisaa gaarii kan ta’edha. Haata’u malee, “Yaa barsiisaa gaarii!” yeroo jedhametti maqaa ulfinaa “gaarii” jedhamuun waamamuu hin barbaanne. (Maarqos 10:17, 18) Kana kan godhe gaarummaa qabaachuudhaan hunda kan caalu Waaqayyo ta’uusaa waan hubateef ture.

18 Cubbuu waan dhaalleef waan gaarii gochuun nu rakkisuu danda’a. (Roomaa 5:12) Ta’uyyuu, Waaqayyo ‘gaarummaa akka nu barsiisu’ yoo kadhanne amala kana argisiisuu ni dandeenya. (Faarfannaa 119:66, 1899) Phaawulos Kiristiyaanota Roomaatiin akkas jedhee ture: “Yaa obboloota ko! Ani ofii kootii gaarummaa guutuu akka qabdan, beekumsa hundumaan akka isin guutamtan, . . . mama tokko malee hubadheera.” Kiristiyaanni ilaaltuu olaanaa ta’e tokko “nama waan gaarii jaallatu” ta’uu qaba. (Tiitos 1:7, 8) Hafuura Waaqayyootiin kan geggeeffamnu yoo ta’e, gaarummaadhaan ni beekamna, Yihowaanis ‘waan goone hundumaa yaadatee gaariitti nuu lakkaa’a.’—Nahimiiyaa 5:19; 13:31.

“Amantii Gowwoomsaa Hin Qabne”

19. Ibroota 11:1⁠rratti akka ibsametti amantaan maalidha?

19 Ija hojii hafuuraa kan ta’e amantaan, “waan abdatan ‘Dhuguma in ta’a’ jedhanii fudhachuu dha; waan ijaan hin argines akka waan arganiitti ‘Jira’ jedhanii lakkaa’uu dha.” (Ibroota 11:1) Amantaa yoo qabaanne, abdiin Yihowaan kenne hundumtuu akka raawwatamu mirkanaa’oo taana. Ragaa amansiisaan wantoota ijaan hin argamne mirkaneessu cimaa ta’uu qaba; amantaanimmoo ragaa akkasii akka ta’e ibsameera. Fakkeenyaaf, wantoonni uumaman jiraachuunsaanii Uumaan jiraachuusaa nuu mirkaneessa. Hafuuraan kan geggeeffamnu yoo ta’e amantaa akkasii qabaanna.

20. ‘Cubbuun salphaatti nutti marsu’ maalidha? Cubbuu kanaafi hojiiwwan fooniirraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?

20 Amantaa dhabuun “cubbuu salphaatti nutti marsudha.” (Ibroota 12:1, NW) Hojiiwwan foonii, jaalala qabeenyaafi barumsawwan sobaa amantaa keenya balleessuu danda’anirraa fagaachuuf, hafuura Waaqayyootti amanamuun keenya barbaachisaadha. (Qolosaayis 2:8; 1 Ximotewos 6:9, 10; 2 Ximotewos 4:3-5) Hafuurri Waaqayyoo, tajaajiltoonni Yihowaa yeroo ammaatti argaman, akka dhugaa baatota Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura turaniifi namoota Macaafa Qulqulluu keessatti ibsaman kaanii, amantaa akka qabaatan godha. (Ibroota 11:2-40) ‘Amantiin keenya inni gowwoomsaa hin qabnes’ amantaa warra kaanii cimsuu danda’a.—1 Ximotewos 1:5; Ibroota 13:7.

Garraamiifi Kan Of Qabdan Ta’aa

21, 22. Garraamummaan maalidha? Amala kana argisiisuu kan qabnu maaliifi?

21 Garraamummaan, miiraafi amala gaarii qabaachuudha. Amalawwan Waaqayyoo keessaa tokko garraamummaadha. Yesus inni garraamii ture amalawwan Yihowaa guutummaatti waan argisiiseef kana beekuu dandeenya. (Maatewos 11:28-30; Yohannis 1:18; 5:19) Tajaajiltoota Waaqayyoo waan taaneef nurraa maaltu barbaadama?

22 Kiristiyaanota waan taaneef ‘nama hundumaatti gara laafina argisiisuun’ nurraa eegama. (Tiitos 3:2) Tajaajilarratti gara laafina ni argisiisna. Obboloonni karaa hafuuraa ga’eessota ta’an, nama dogoggore “hafuura garraamummaatiin” akka sirreessan gorfamaniiru. (Galaatiyaa 6:1) Hundi keenya “gad of deebisuufi garraamummaa” argisiisuudhaan tokkummaafi nagaa Kiristiyaanotaa cimsuu dandeenya. (Efesoon 4:1-3) Yeroo hundumaa hafuuraan kan geggeeffamnuufi kan of qabnu yoo ta’e, garraamummaa argisiisuu dandeenya.

23, 24. Of qabuun maalidha? Kan nu gargaaruhoo akkamitti?

23 Of qabuun, yaada, dubbiifi gochawwan keenya to’achuuf nu dandeessisa. Yihowaan, Baabilonota Yerusaalemin onsanii wajjin haala wal qabateen ‘of qabee ture.’ (Isaayaas 42:14) Ilmisaas yeroo rakkina keessa turetti amala of qabuu argisiisuudhaan ‘fakkeenya nuu kenneera.’ Phexros ergamaanis, Kiristiyaanonni ‘beekumsa keessaan of qabuu akka argisiisan’ gorseera.—1 Phexros 2:21-23; 2 Phexros 1:5-8

24 Kiristiyaanonni jaarsolii ta’an kan of qaban ta’uun isaanirraa barbaadama. (Tiitos 1:7, 8) Hafuura qulqulluudhaan kan geggeeffaman hundi of qabuu waan danda’aniif, addaggummaarraa, haasaa gadhee ykn wanta surraa Yihowaa nama dhabsiisu kan biraarraa of qusachuu akka danda’an beekamaadha. Hafuurri qulqulluun amala of qabuu horachuuf akka nu gargaaru yoo goone, haasaafi amalli keenya Waaqayyoon kan gammachiisu waan ta’uuf warri kaan kan of qabnu ta’uu keenya hubachuu danda’u.

Hafuura Qulqulluudhaan Geggeeffamaa

25, 26. Hafuuraan geggeeffamuun walitti dhufeenya yeroo ammaatti Yihowaa wajjinis ta’e namootaa wajjin qabnu, akkasumas jireenya keenya isa gara fuulduraarratti jijjiirama kan fidu akkamitti?

25 Hafuuraan kan geggeeffamnu yoo ta’e, labsitoota Mootummichaa hinaaffaa qabnu taana. (Hojii Ergamootaa (18:24-26) Michoota nama gammachiisnu taana; keessumaa namoonni Waaqayyoof bulan nuu wajjin ta’uun isaan gammachiisa. Akkuma namoota Waaqayyoof bulanii, nuyis namoota Yihowaa waaqeffataniif madda jajjabina hafuuraa taana. (Filiphisiiyus 2:1-4) Kunimmoo wanta Kiristiyaanonni hundumtuu ta’uu barbaadan mitiiree?

26 Biyya lafaa harka Seexanaa jala jiru kana keessatti hafuuraan geggeeffamuun salphaa miti. (1 Yohannis 5:19) Ta’uyyuu namoonni miliyoonaan lakkaa’aman kana gochaa jiru. Garaa guutuudhaan Yihowaatti kan amanamnu yoo ta’e, yeroo ammaa jireenya gammachiisaa jiraachuu, akkasumas daandii qajeelummaa Waaqayyo isa jaalalaan kaka’ee hafuura qulqulluu nuu kennuurra deddeebi’uu keenya itti fufuu dandeenya.—Faarfannaa 128:1; Fakkeenya 3:5, 6.

Deebiinkee Maalidha?

• ‘Hafuuraan geggeeffamaa jiraachuun’ keenya walitti dhufeenya Waaqayyoofi Ilmasaa wajjin qabnurratti jijjiirama maalii fida?

• Hojiin hafuuraa amalawwan akkamii of keessatti kan qabatedha?

• Karaawwan hojii hafuura Waaqayyoo argisiisuu itti dandeenyu tokko tokko kamfa’i?

• Hafuuraan geggeeffamuun jireenya keenya isa ammaas ta’e isa gara fuulduraarratti jijjiirama kan fidu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]