Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Sassata Hundumaarraa Of Eeggadhaa!’

‘Sassata Hundumaarraa Of Eeggadhaa!’

‘Sassata Hundumaarraa Of Eeggadhaa!’

“Jireenyi eenyuu illee baay’ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu.”—LUQAAS 12:15.

1, 2. (a) Fedhiifi yaada namootaa ilaalchisee yeroo ammaatti maal hubattan? (b) Ilaalchi akkasii dhiibbaa nurraan ga’uu kan danda’u akkamitti?

NAMOONNI hedduun qarshii, qabeenya, beekamummaa, hojii mindaa gaarii argamsiisuufi maatii qabaachuun jireenya gammachuufi gabii qabu jiraachuuf nama gargaara jedhanii amanu. Biyyoota hiyyeeyyiis ta’an sooreyyii keessatti fedhiifi yaanni namoota hedduu qabeenyaafi gammachuu argachuurratti kan xiyyeeffate ta’uunsaa ifadha. Karaa garabiraammoo wantoota hafuuraatiif fedhii yoo qabaatanillee, fedhiin kun saffisaan hir’achaa jira.

2 Kunimmoo wanta Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan dursee dubbatedha: “Guyyoota gara dhumaatti yeroon sodaachisaan akka dhufu hubadhu! Namoonni warra ofittoo, sassatoota, . . . Waaqayyoon jaallachuu caalaa, warra waan isaan gammachiisu jaallatan ta’uuf jiru. Akka bakkeedhaan mul’atutti nama Waaqayyoo in fakkaatu, humna isa nama akkasii keessa jiru garuu in ganu.” (2 Ximotewos 3:1-5) Kiristiyaanonni dhugaan yeroo hundumaa namoota akkasii gidduu waan jiraataniif, ilaalchaafi akkaataa jireenyaa warra kanaa akka hordofan dhiibbaan walirraa hin cinne isaanirra ga’a. Carraaqqii biyyi lafaa ‘karaa mataasaarra nu deemsisuuf’ godhu kana mo’uuf maaltu nu gargaaruu danda’a?—Roomaa 12:2, Za Niiwu Teestaamant iin Moodarn Ingilish, Jee. Bii. Fiilipsiin kan qophaa’e.

3. Amma gorsa Yesus kenne isa kam baranna?

3 Yesus Kiristos, inni “amantii keenya jalqabee fiixaan baasu,” dhimma kana ilaalchisee barumsa gaarii nu barsiiseera. (Ibroota 12:2) Yeroo tokko Yesus wantoota waaqeffannaa dhugaa wajjin wal qabatan ilaalchisee utuu barumsa gaarii barsiisaa jiruu, namni tokko haasawaasaa gargar kutee: “Yaa barsiisaa, dhaala abbaan keenya nuuf dhiisee du’e, anaaf haa hiruuf obboleessa kootti anaaf himi!” jedhee isa gaafate. Yeroo kanatti Yesus namichaafis ta’e warra isa dhaggeeffachaa turan hundaaf gorsa cimaa kenne. Sassata ilaalchisee akeekkachiisa cimaa kan kenne yommuu ta’u, dhimma kana isaan hubachiisuuf jechas fakkeenya yaada namaa kakaasutti fayyadameera. Nutis wanta Yesus yeroo sanatti barsiiseef xiyyeeffannaa kennuufi gorsa kana hojiirra oolchuun keenya faayidaa akkamii akka nuuf argamsiisu hubachuu qabna.—Luqaas 12:13-21.

Gaaffii Sirrii Hin Taane

4. Namichi haasawaa Yesus gargar kutuunsaa sirrii kan hin turre maaliifi?

4 Namichi haasawaasaa gidduu utuu hin galin dura, Yesus bartootasaafi warra kaanitti waa’ee of hin arginee ta’uurraa fagaachuu, Ilma namaatiif dhugaa ba’uuf jecha ija jabina qabaachuufi gargaarsa hafuura qulqulluu argachuu dubbachaa ture. (Luqaas 12:1-12) Bartoonnisaa dhimmawwan kana yaadatti qabachuunsaanii barbaachisaa akka ture homaa hin shakkisiisu. Haata’u malee, namichi haasawaa qalbii namaa hawwatu kana gidduu galee, Yesus maatii qabeenya hirachuurratti waldhabiinsa qabu tokkoof furmaata akka kennu gaafate. Haata’u malee, nutis wanta yeroo sanatti ta’erraa barumsa gaarii arganna.

5. Gaaffiin namichaa, yaada keessasaa jiru kan ibse akkamitti?

5 Barreeffamni tokko, “Yeroo baay’ee amalli nama tokkoo yommuu waa’ee amantii dhaggeeffatu wanta sammuusaatti yaaduun mul’achuu dadna’a” jedha. Namichi armaan olitti ibsame kun, utuu Yesus dhimmawwan hafuuraa barbaachisaa ta’an dubbachaa jiruu, qabeenya ta’e tokko argachuuf maal gochuu akka danda’u yaadaa ture ta’a. Namichi qabeenya sanaa wajjin haala wal qabateen gaaffiinsaa sirrii ta’uusaa ykn sassataan kaka’ee kana gochuusaa ilaalchisee wanti ibsame hin jiru. Namichi kun, tarii aboofi maqaa gaarii Yesus namootaaf firdii gaarii kennuuf qabutti fayyadamee firdii argachuuf yaalii gochaa ture ta’a. (Isaayaas 11:3, 4; Maatewos 22:16) Sababiinsaa maaliyyuu yoo ta’e, gaaffiin inni gaafate namni kun dhimmawwan hafuuraatiif bakka guddaa akka hin laanne kan argisiisu ture. Yaanni kun of gamaaggamuuf sababii gaarii kan nuu ta’u mitii? Fakkeenyaaf, walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti yaanni keenya baduu ykn wanta walga’icha booda goonutti qabamuu danda’a. Haata’u malee, wanta jedhamerratti xiyyeeffachuufi barumsa arganne sana akkamitti hojiirra akka oolchinu yaaduudhaan, karaa walitti dhufeenya Abbaa keenya isa samii kan ta’e Yihowaafi obboloota keenyaa wajjin qabnu itti fooyyessinurratti yaaduu qabna.—Faarfannaa 22:22; Maarqos 4:24.

6. Yesus wanta namichi gaafate utuu hin godhiniif kan hafe maaliifi?

6 Namichi gaaffii kana akka gaafatu kan isa kakaase maaliyyuu yoo ta’e, Yesus wanta inni jedhe hin gooneef. Kanaa mannaa, “Namicha nana, eenyutu isin lamaan gidduutti abbaa firdii ta’uutti yookiis dhaala hir’uutti na fo’e?” ittiin jedhe. (Luqaas 12:14) Yesus akkas jechuunsaa, wanta namoonni beekan tokko jechuunis akka Seera Museetti abbootiin firdii magaalaa keessatti argaman dhimmawwan akkasii akka ilaalaniif kan filataman ta’uusaanii caqasuusaa ture. (Keessa Deebii 16:18-20; 21:15-17; Ruut 4:1, 2) Yesus garuu, wanta caalaatti barbaachisaa ta’e, jechuunis waa’ee dhugaa Mootummichaa dhugaa ba’uufi fedhiin Waaqayyoo maal akka ta’e namoota barsiisuurratti xiyyeeffata ture. (Yohannis 18:37) Nutis dhimmawwan biyya lafaatiin qabamnee duubatti jechuu mannaa, fakkeenya Yesus hordofuudhaan yeroofi humna keenya misiraachoo kana lallabuufi ‘saba hundumaa bartoota gochuuf’ itti fayyadamna.—Maatewos 24:14; 28:19.

Sassatarraa Of Eegaa

7. Yesus hubannaa cimaa akka qabu kan argisiise akkamitti?

7 Yesus yaada dhokataa garaa namootaa keessa jiru waan beekuuf, gaaffii namichi dhimma dhuunfaa keessa akka galu isa gaafate keessa wanti sirrii hin taane akka jiru hubateera. Kanaaf, gaaffii sana tuffatee bira darbuu mannaa, Yesus yaada gaaffii sana duuba ture hubachuudhaan, “Ilaalladhaa, sassata hundumaattiis of eeggadhaa! Jireenyi eenyuu illee baay’ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu” jedhe.—Luqaas 12:15.

8. Sassanni maalidha? Amalli kun gara maaliitti geessuu danda’a?

8 Qarshiiniifi wantoonni tokko tokko faayidaafi kaayyoo barbaachisaadhaaf ooluu waan danda’aniif, ‘sassanni’ wantoota kana qabaachuuf hawwuu qofa miti. Kanaa mannaa, galmeen jechootaa tokko jecha sassata jedhu, “hawwii gadhee horii ykn qabeenya argachuuf qabnu ykn qabeenya warra kaanii hawwuu” jechuudhaan hiikeera. Jechi kun yeroo hundumaa hawwuufi quufuu dadhabuu, utuu hin barbaachisin ykn utuu warra kaaniif hin yaadin tarii wantoota kan namaa ta’an argachuuf hawwuu kan dabalatudha. Namni sassattuu ta’e, wanti inni hawwu ilaalchasaafi gochasaa to’achuudhaan isarratti gooftaa akka ta’u godha. Phaawulos ergamaan, nama sassatu nama waaqolii tolfamoo waaqeffatuufi Mootummaa Waaqayyootti hin gallee wajjin wal fakkeessuudhaan akka ibse yaadadhaa.—Efesoon 5:5; Qolosaayis 3:5.

9. Sassanni karaawwan akkamii mul’achuu danda’a? Fakkeenya tokko tokko kenni.

9 Yesus: “Sassata hundumaattiis of eeggadhaa” jechuudhaan akeekkachiisa kenneeraa. Sassanni karaa addaddaa mul’achuu danda’a. Abboommiiwwan Kurnan keessaa inni dhumaa wantoota sassata jedhaman keessaa tokko tokko akkas jechuudhaan ibsa: “Mana namaa duraa fudhachuudhaaf hin hawwin! Haadha manaa namaa, hojjetaa isaa, hojjettuu isaa, qotiyyoo isaa, harree isaa, waanuma kan isaa ta’e duraa fudhachuudhaaf hin hawwin!” (Ba’uu 20:17) Macaafni Qulqulluun fakkeenya namoota sassata addaddaatiin cubbuu guddaa hojjetanii baay’ee qabateera. Seexanni wanta kansaa hin taane jechuunis, ulfinaafi aangoo kan Yihowaa qofa ta’e hawwuudhaan sassattuu isa duraa ta’uusaa argisiiseera. (Mul’ata 4:11) Hewaan sassataan kakaatee mirga hiree mataashee ofiin murteeffachuuf qabdutti karaa sirrii hin taaneen fayyadamtee gowwoomfamuudhaan, ilmaan namootaa gara cubbuufi du’aatti oofteetti. (Uumama 3:4-7) Hafuuronni hamoon, ergamoota wanta qabanitti gammaduu dhiisanii wanta isaaniif hin heyyamamne argachuuf jecha, ‘aboo isaanitti kenname irra darbanii lafa taa’umsa isaanii gad dhiisanidha.’ (Yihudaa 6; Uumama 6:2) Waa’ee Bala’aam, Akaan, Gehaaziifi Yihudaa isa biyya Keriyotis yaadaa. Wanta qabanitti gammadanii jiraachuu mannaa, qabeenyaaf bakka guddaa kennuudhaan, itti gaafatamummaa isaanii kennametti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuunsaanii badiisa isaanitti fideera.

10. Akkuma Yesus nu gorse ‘ilaallachuu’ kan qabnu akkamitti?

10 Yesus sassata ilaalchisee akeekkachiisa kenne keessatti jecha “Ilaalladhaa”! jedhuun jalqabuunsaa sirrii ture. Maaliif? Sababiinsaa, namni tokko warri kaan sassattoota akka ta’an salphaatti ilaaluu kan danda’u yommuu ta’u, rakkina ofiisaatii gama kanaan qabu hubachuun rakkisaa waan itti ta’uufidha. Haata’u malee Phaawulos ergamaan, “Horii jaallachuun hundee wanti hamaan hundinuu irraa latuu dha” jechuudhaan ibseera. (1 Ximotewos 6:9, 10) Yaaqoob, hawwiin dogoggora ta’e “erga iddoo ga’ee cubbuu in dhala; cubbuunis erga raawwatamee du’a in dhala” jechuudhaan ibseera. (Yaaqoob 1:15) Kanaaf, gorsa Yesus kennee wajjin haala wal simuun, warri kaan sassattoota akka ta’an ‘ilaaluu’ mannaa, nuti ‘sassata hundumaarraa of eeguuf’ hawwiin garaa keenyaa maal akka ta’e beekuuf of qoruu qabna.

Jireenya Baay’ina Qabeenyaarratti Hundaa’e

11, 12. (a) Yesus, sassata ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kenne? (b) Akeekkachiisa Yesus hojiirra oolchuu kan qabnu maaliifi?

11 Sababiin sassatarraa itti fagaannu garabiraanis jira. Wanta Yesus ittaansuudhaan jedhe qalbeeffadhaa: “Jireenyi eenyuu illee baay’ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu.” (Luqaas 12:15) Yeroo namoonni badhaadhina argachuun gammachuu argachuufi jireenya gaarii jiraachuuf gargaara jedhanii yaadan kanatti, dhimma kanaaf xiyyeeffannaa kennuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Yesus namni tokko hamma fedheyyuu yoo qabaate, jireenya kaayyoofi gammachuu qabu jiraachuun qabeenya argachuusaarratti kan hundaa’e akka hin taane ibseera.

12 Namoonni tokko tokko garuu yaada kana ni mormu ta’a. Qabeenya qabaachuun jireenya mijaa’aafi gammachuu qabu jiraachuuf waan nama gargaaruuf, wanta kanaaf dhama’uu qabna jedhanii yaadu. Kanaan kan ka’es, sochiiwwan wanta hawwan argachuuf isaan dandeessisurratti hirmaatu. Kana gochuun jireenya gaarii qabaachuuf nama gargaara jedhanii yaadu. Haata’u malee, ilaalchisaanii kun barumsa Yesus barsiisaa ture utuu hin hubatin akka hafan argisiisa.

13. Jireenyaafi qabeenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuu jechuun maal jechuudha?

13 Yesus qabeenya baay’ee qabaachuun sirriidha ykn dogoggoradha jechuurratti xiyyeeffachuu mannaa, jireenyi nama tokkoo ‘baay’ina qabeenyasaarratti’ jechuunis wanta inni qaburratti kan hundaa’e akka hin taane ifa godheera. Hundi keenya, jiraachuuf ykn wanta jireenyaaf nu gargaaru argachuuf wanti baay’een akka hin barbaachisne beekna. Wanta nyaannu, wanta uffannuufi wanta keessa jiraannu qofatu nu barbaachisa. Warri sooressi wantoota kana baay’inaan kan qaban yommuu ta’u, warri hiyyeessi garuu wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuuf dhama’uun isaan barbaachisa. Haata’u malee, hiyyeessis ta’e sooressi yommuu du’an homaa wal hin caalan. (Lallaba 9:5, 6) Kanaaf, kaayyoon jireenyaa wanta ykn qabeenya namni tokko qaburratti kan hundaa’e miti. Yesus waa’ee jireenya akkamii dubbachaa akka ture qoruudhaan yaada kana hubachuu dandeenya.

14. Hiika jechi Macaafa qulqulluu “jireenya” jedhu qaburraa maal baranna?

14 Yesus “jireenyi eenyuu illee baay’ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu” yommuu jedhu, jechi ‘jireenya’ (afaan Giriikiitiin zo’ee) jedhuufi Wangeela Luqaasirratti ibsame akkaataa jireenyaa nama tokkoo utuu hin ta’in, lubbuu nama tokkoo kan argisiisudha. * Yesus, hiyyeessas ta’e sooressa yoo taane, jireenya keessa ba’aas ta’e jireenya gadadoo yoo jiraanne, yeroo hammamiitiif jiraachuu akka dandeenyu murteessuu akka hin dandeenye ykn guyyaa boriillee jiraachuu keenya akka hin beekne dubbachuusaa ture. Yesus Lallabasaa Isa Tabbaarratti, “Isin keessaa namni tokko hammam yaadda’u illee, bara jireenya isaatiitti yeroo gabaabaa dabalachuu kan danda’u jiraa ree?” jechuudhaan gaafateera. (Maatewos 6:27) Macaafni Qulqulluun, “burqaan jireenya kennu” Yihowaa qofa akka ta’eefi namoota isaaf amanamoo ta’aniif samiirrattis ta’e lafarratti “jireenya dhugaa” jechuunis “jireenya bara baraa” isa dhuma hin qabne kennuu kan danda’u isa qofa ta’uusaa ibsa.—Faarfannaa 36:9; 1 Ximotewos 6:12, 19.

15. Namoonni hedduun qabeenyatti kan amanaman maaliifi?

15 Jechoonni Yesus, namoonni salphaadhumatti jireenyaaf ilaalcha sirrii hin taane qabaachuu akka danda’an argisiisu. Sooressas ta’an hiyyeessa, namoonni hundi cubbuu dhaalaniiru, dhumarrattis iddoo tokko dhaqu. Bara duriitti kan ture Museen akkas jechuudhaan dubbateera: “Barri jireenya keenyaa waggaa torbaatama, yoo baay’ates waggaa saddeettama; wanti isaan keessaa guddaatti lakkaa’amus dadhabbii fi rakkina, isaan dafanii in darbu nuyis baallee baafnee in sokkina.” (Faarfannaa 90:10; Iyoob 14:1, 2; 1 Phexros 1:24) Kanaan kan ka’es, akkuma Phaawulos jedhe namoonni Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii hin qabne yeroo baay’ee ilaalcha “bor waan duunuuf, kottaa in nyaannaa, in dhugnas” jedhu qabaatu. (1 Qorontos 15:32) Warri kaanimmoo, jireenya ammaa yeroo ce’umsaafi kan hin amansiifne godhanii waan ilaalaniif, qabeenya horachuudhaan tasgabbii argachuufi yeroo dheeraa jiraachuuf yaalii godhu. Namoonni kun tarii qabeenya hedduu qabaachuun hamma ta’e jireenya gaarii jiraachuuf gargaara jedhanii yaadu ta’a. Kanaaf, wantoonni kun tasgabbiifi gammachuu namaa argamsiisu jedhanii yaaduudhaan, humnasaanii qabeenya walitti qabachuuf oolchu.—Faarfannaa 49:6, 11, 12.

Jireenya Gara Fuulduraa Amansiisaa Ta’e

16. Jireenyi dhugaan maalirratti kan hundaa’edha?

16 Jireenya gaarii jiraachuun jechuunis nyaata, uffata bakka jireenyaafi wantoota kan biraa baay’inaan qabaachuun, jireenya namatti tolu jiraachuuf ykn yaalii fayyaa gaarii argachuudhaan bara jireenyaa keenyatti waggoota muraasa dabaluuf gargaara ta’a. Haata’u malee, jireenyi akkasii dhuguma jireenya kaayyoofi tasgabbii qabudha jedhamuu danda’aa? Jireenyi dhugaan umrii ykn qabeenya nama tokkootiin kan madaalamu miti. Phaawulos ergamaan, garmalee qabeenyarratti amanamuun balaa akkamii akka qabu xalayaa Ximotewosiif barreesserratti akkas jechuudhaan ibseera: “Warri amma biyya lafaa kanatti sooressota ta’an waan guddaa akka of hin seene, abdii isaaniis sooruma isa hin amansiifne irra akka hin kaa’anne isaan hubachiisi! Abdii isaanii Waaqayyo isa waan hundumaa akka ittiin dhimma baanuuf baay’isee nuuf kennu irra haa kaa’atan!”—1 Ximotewos 6:17.

17, 18. (a) Qabeenyaa wajjin haala wal qabateen fakkeenya eenyuufaa hordofuu qabna? (b) Mataduree ittaanurratti jechoota Yesus warra kam ilaalla?

17 Namni tokko, abdiisaa sooruma isa hin ‘amansiifnerra’ kaa’achuunsaa gowwummaadha. Abbaa amantaa kan ture Iyoob baay’ee sooressa ture; ta’us akka tasaatti yeroo balaan isarra ga’e, soorumnisaa isa gargaaruu mannaa yeroo gabaabaatti akka jirutti badeera. Yeroo rakkinniifi gidiraan irra ga’e, kan isa eege walitti dhufeenya cimaa inni Waaqayyoo wajjin qabu ture. (Iyoob 1:1, 3, 20-22) Abrahaam, sooressa ta’uunsaa hojii rakkisaa Yihowaan isaa kenne fudhachuurraa duubatti akka jedhu isa hin goone. Kana gochuusaatiinis “saba sonaan baay’eedhaaf abbaa” ta’uudhaan eebbifameera. (Uumama 12:1, 4; 17:4-6) Fakkeenya namoota kanaafi warra kaanii hordofuu qabna. Dargaggootas taane maanguddoota, wanta dhugumaan barbaachisaa ta’e hubachuufi abdii keenya maalirra akka kaa’annu beekuun nu barbaachisa.—Efesoon 5:10; Filiphisiiyus 1:10.

18 Dhugumayyuu, wanti Yesus sassataafi jireenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuu ilaalchisee dubbate hiika guddaa kan qabuufi barumsa kan kennudha. Haata’u malee, Yesus barumsa dabalataa dabarsu waan qabuuf, namicha sooressa gowwaa sana ilaalchisee fakkeenya qalbii namaa hawwatu dubbate. Fakkeenyi sun nu fayyaduu kan danda’u akkamitti? Barumsa akkamiis irraa barachuu dandeenya? Matadureen ittaanu gaaffiiwwan kanaaf deebii kenna.

[Miiljalee]

^ key. 14 Jechi garabiraan afaan Giriikiitiin baayoos jedhamu hiika ‘jireenya’ jedhu kan qabu yommuu ta’u, jechoonni Ingiliffaan baayoogiraafiifi baayooloojii jedhaman jecha kanarraa kan fudhatamanidha. Galmeen jechootaa Vaayins Ekispoozitarii Dikshinarii oov Oold eend Niiwu Teestaamant Woordis, jedhamu akka jedhutti, jechi baayoos jedhamu kun, “umrii namootaa,” “akkaataa jireenyaa,” akkasumas “wanta ittiin jiraatan” kan argisiisudha.

Deebiinkee Maalidha?

• Yesus, nama soonaan baay’ee keessatti gaaffii isa gaafateef karaa namichi barbaadeen deebii kennuu dhiisuusaarraa maal baranna?

• Sassatarraa of eeguu kan qabnu maaliifi? Kanahoo gochuu kan dandeenyu akkamitti?

• Jireenyi nama tokkoo qabeenyarratti kan hundaa’e miti kan jennu maaliifi?

• Jireenya dhugaafi tasgabbii qabu argachuuf kan nu gargaaru maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]