Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Waaqayyo Biratti Badhaadhotadhaa’?

‘Waaqayyo Biratti Badhaadhotadhaa’?

‘Waaqayyo Biratti Badhaadhotadhaa’?

“Namni badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin ta’in, kunoo, akkas in ta’a.”—LUQAAS 12:21.

1, 2. (a) Namoonni maal argachuuf jecha aarsaa guddaa kaffalu? (b) Qorumsaafi dhiphina akkamiitu Kiristiyaanota mudata?

SEENAA ilmaan namootaa keessatti, namoonni hawaasa baay’ee keessa jiran qabeenya baay’ee argachuuf jecha cimanii hojjechaa turaniiru. Fakkeenyaaf jaarraa 19⁠ffaatti yommuu warqeen Awustiraaliyaa, Afriikaa Kibbaa, Kaanaadaafi Yuunaayitid Isteetsitti argame, namoonni hedduun badhaadhummaa argachuuf jecha, qe’eesaaniifi michootasaanii dhiisanii biyyoota fagoodhaa ka’anii gara biyyoota hin beekneefi rakkinni itti isaan mudachuu danda’u dhaqaniiru. Eeyyee, namoonni baay’een qabeenya garaansaanii hawwe sana argachuuf jecha, lubbuusaanii balaarra buusuufis ta’e aarsaa guddaa kaffaluuf of qopheessaniiru.

2 Yeroo har’aa namoonni baay’een qabeenya argachuuf kallattiidhaan carraaquu baataniyyuu, wanta ittiin jiraatan argachuuf cimanii hojjechuu qabu. Bara si’anaa kana keessatti wanta ittiin jiraatan argachuun rakkisaa, baay’ee ulfaataafi dadhabsiisaa ta’uu danda’a. Nyaata, uffataafi bakka jireenyaa argachuuf yaadda’uun keenya wantoota caalaatti barbaachisaa ta’aniif dantaa akka dhabnu ykn tasumaa akka irraanfannu nu gochuu danda’a. (Roomaa 14:17) Yesus fakkeenya fedhii namootaa kana akka gaariitti ibsu kenneera. Fakkeenyi kun Luqaas 12:16-21⁠rratti argama.

3. Fakkeenya Yesus Luqaas 12:16-21⁠rratti dubbate gabaabsii ibsi.

3 Yesus fakkeenya kana kan kenne, waa’ee barbaachisummaa sassatarraa fagaachuu isa mataduree darbe keessatti gadi fageenyaan qayyabannee yeroo dubbatetti ture. Yesus sassata ilaalchisee akeekkachiisa erga kennee booda, waa’ee nama badhaadhaa, wanti gaariin gombisaa keessa guuttate isa ga’uu didee, gombisaasaa diiguudhaan gombisaa guddaa wantoota baay’ee itti kuufatu ijaare tokkoo dubbate. Jireenya qannoofi dhiphinarraa walaba ta’e jiraachuu akka danda’u akkuma isatti dhaga’ameen, Waaqayyo duuti namichaa akka dhihaateefi wantoota gaggaarii kuufate hunda namni biraan akka fudhatu isatti hime. Achiis Yesus, “Namni badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin ta’in, kunoo, akkas in ta’a” jechuudhaan xumure. (Luqaas 12:21) Fakkeenya kanarraa barumsa maalii arganna? Barumsa kana jireenya keenya keessatti hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?

Nama Rakkina Qabu Tokko

4. Namichi fakkeenya Yesus keessatti ibame nama akkamii ture jechuu dandeenya?

4 Fakkeenyi Yesus kenne kun biyyoota hedduutti beekamaadha. Yesus, “Kunoo, namni sooressi, midhaan isaa baay’isee toleef tokko ture” jechuudhaan seenaa kana jalqabe. Yesus namichi qabeenyasaa gowwoomsaa raawwachuudhaan ykn karaa seeraan ala ta’een akka argate hin dubbanne. Namichi kun hamaa ta’uunsaa hin ibasamne. Kanaaf, namichi fakkeenya kana keessatti ibsame dhimmee kan hojjetu akka ture wanta Yesus dubbaterraa hubachuu dandeenya. Yoo xinnaatellee, nama karoora baafatee wanta gara fuulduraatti maatiisaatiif barbaachisu kaa’ate ta’uusaa hubachuun ni danda’ama. Kanaafuu akka ilaalcha namootaatti utuu ta’ee, akka nama itti gaafatamummaasaa ba’uuf dhimmee hojjetuutti ilaalamuu danda’a.

5. Namichi fakkeenya Yesus keessatti ibame rakkina akkamiitu isa mudate?

5 Haallisaa maaliyyuu yoo ta’e, Yesus namichi fakkeenyasaa keessatti caqase nama badhaadhaa, jechuunis nama qabeenya baay’ee qabu ta’uusaa ibseera. Ta’uyyuu Yesus namichi kun rakkina akka qabu dubbateera. Maasiisaarraa oomisha hamma yaade caalaa, hundarrammoo hamma isa barbaachisu ykn hamma kunuunsuu danda’u caalaa argatee ture. Maal gochuu qaba ture?

6. Tajaajiltoota Waaqayyoo hedduudhaaf filannoo akkamiitu dhihaata?

6 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo har’aa jiraatan baay’eenis haalli nama badhaadhaa sanaa wajjin wal fakkaatu isaan mudata. Kiristiyaanonni dhugaa amanamoo, dhimmanii kan hojjetaniifi kan tattaafatan ta’uuf ni carraaqu. (Qolosaayis 3:22, 23) Qacaramanii kan hojjetanis ta’e hojii mataasaanii kan hojjetan, yeroo baay’ee wanta hojjetaniin bu’a qabeeyyii ta’u, warra kaanirrayyuu ni caalu. Guddina ykn carraa hojii haaraa yommuu argatan, wanta murteessuu qabantu isaan mudata. Qarshii dabalataa argachuuf afeerrii hojiisaaniitiin akka guddatan isaaniif dhihaate fudhachuu qabuu? Haaluma wal fakkaatuun, dargaggoonni Dhugaa Baatota ta’an hedduun barumsasaaniitiin qabxii olaanaa argatu. Kanaafis badhaasa argachuu ykn biyya alaa dhaqanii dhaabbata beekamaa tokkotti kaffaltii malee barumsa dabalataa akka baratan afeeramuu danda’u. Isaanis akkuma warra kaanii afeerrii kana fudhachuu qabuu?

7. Namni fakkeenya Yesus keessatti caqasame yommuu rakkoon isa mudatu maal godhe?

7 Fakkeenya Yesus dubbatetti ennaa deebinu, namichi badhaadhaan laftisaa baay’ee waan oomisheef bakka itti midhaansaa naqatu dhabe kun maal godhe? Gombisaasaa diigee, gombisaa guddaa midhaaniifi mi’a kan biraa keessa kuufatu ijaaruuf murteesse. Karoora akkasii baafachuunsaa tasgabbiifi gammachuu waan isaaf argamsiiseef, “Ofiinsi, yaa namummaa ko, waggaa baay’eedhaaf kan si ga’u waan gaarii hundumaa lafaa qabda; amma egaa dhimma hin qabaatin, taa’ii, nyaadhuu, dhugii, gammadis!’ nan jedhaan” jedhe.—Luke 12:19.

“Gowwaa” Kan Jedhame Maaliifi?

8. Namichi fakkeenya Yesus keessatti ibsame wanta barbaachisaa akkamii dagate?

8 Akkuma Yesus jedhe karoorri namicha badhaadhaa kanaa tasgabbii dhugaa kan argamsiisu hin turre. Yaannisaa gaarii fakkaatuyyuu, wanta baay’ee barbaachisaa ta’e jechuunis fedha Waaqayyoo dagateera. Namichi waa’ee ofiisaa qofa, jechuunis waa’ee taa’uu, nyaachuu, dhuguufi gammaduu qofa yaada ture. “Waan gaarii hundumaa” waan qabuuf “waggaa baay’eedhaaf” jiraachuu akka danda’u itti dhaga’amee ture. Kan nama gaddisiisu garuu wanti hundumtuu akka inni yaade hin taane. Akkuma Yesus jedhe, “jireenyi eenyuu illee baay’ina qabeenya isaa irra hin dhaabatu.” (Luqaas 12:15) Waaqayyo, “Yaa gowwaa, edana lubbuu kee si duraa fudhachuuf jiru; egaa kan ati qopheessite kun hundinuu eenyuuf ta’a ree?” waan isaan jedheef, halkanuma sanatti wanti itti dhama’e sun hundumtuu gatii dhabeera.—Luqaas 12:20.

9. Namni fakkeenya Yesus keessatti ibsame gowwaa kan jedhame maaliifi?

9 Amma yaada Yesus fakkeenyasaa keessatti dabarsuu barbaade haa ilaallu. Waaqayyo namichi gowwaa ta’uusaa ibseera. Galmeen jechootaa Eeksijeetikaal Dikshinarii oov za Niiwu Teestaamant jedhamu, afaan Giriikiitiin jechi kun “yeroo hundumaa hubannaa dhabuu” akka argisiisu ibseera. Galmeen kun, fakkeenya kana keessatti Waaqayyo jecha kana kan fayyadame “karoorri namichi badhaadhaan kun gara fuulduraatiif baase faayidaa kan hin qabne ta’uusaa” saaxila baasuuf akka ta’e dubbata. Jechi kun, namni kun qarooma dhabuusaa utuu hin ta’in, ‘Waaqayyotti amanamuun akka isa barbaachisu amanuu diduusaa’ kan argisiisudha. Wanti Yesus nama badhaadhaa kanaan jedhe, wanta inni yeroo booda Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa gumii Laa’odiiqeyaa keessa turaniin jedhe nu yaadachiisa. Akkas jedhe: “Atis, ‘Ani sooressa, geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru’ in jetta; ati nama gadadamaa namni boo’uufiin ta’u, deegaa, jaamaa, qullaas ta’uu kee hin beektu.”—Mul’ata 3:17.

10. “Waan gaarii hundumaa” qabaachuun “waggaa baay’eedhaaf” jiraachuuf kan hin dandeessisne maaliifi?

10 Barumsa kanarratti xiinxaluun keenya barbaachisaadha. Nutoo akka nama fakkeenya kana keessatti ibsamee, “waan gaarii hundumaa” qabaachuuf jecha cimnee kan hojjennu, wanta barbaachisaa “waggaa baay’ee” jiraachuuf nu dandeessisu garuu kan dagannu ta’uu ni dandeenyaa? (Yohannis 3:16; 17:3) Macaafni Qulqulluun, “Guyyaa dheekkamsaatti soorumni homaa waa’ee hin baasu,” akkasumas “Namni sooruma isaa amanatu in kufa” jedha. (Fakkeenya 11:4, 28) Kanaaf, Yesus akeekkachiisa “Namni badhaadhummaa ofii isaatiif tuullatee, Waaqayyo biratti immoo badhaadhaa hin ta’in, kunoo, akkas in ta’a” jedhu kennuudhaan fakkeenyasaa xumureera.—Luqaas 12:21.

11. Namni tokko abdiifi nageenyasaa qabeenyarra kaa’achuunsaa gatii kan hin qabne maaliifi?

11 Yesus “akkas in ta’a” ennaa jedhu, wanti nama badhaadhaa fakkeenyicha keessatti ibsamerra ga’e, namoota jireenyasaanii jechuunis abdiisaaniifi nageenyasaanii garmalee qabeenyarra kaa’atanirra akka ga’u dubbachuusaa ture. Dogoggora kan ta’e ‘badhaadhummaa ofiif tuullachuu’ utuu hin ta’in, ‘Waaqayyo biratti badhaadhota ta’uu dhiisuudha.’ Yaaqoobis akkas jedhee barreessuudhaan akeekkachiisa kanaan wal fakkaatu kenneera: “Isin warra, ‘Har’a yookiis bor mandara akkasii fi akkasii dhaqnee waggaa tokko achi in teenya, in naganna, in buufannas’ jettanitti waanan dubbadhu qaba. Isin waan bor ta’uuf jiru, jireenyi keessanis attam akka ta’u hin beektan.” Maal gochuu qabu turan? “Kanaa mannaa, ‘Gooftaan yoo jedhe in jiraanna, kana yookiis sana in goonas’ jechuutu isiniif ta’a ture.” (Yaaqoob 4:13-15) Namni tokko hammamiyyuu badhaadhaa yoo ta’e ykn qabeenya hammamiiyyuu yoo qabaate, Waaqayyo biratti badhaadhaa miti taanaan kun hundumtuu gatii kan hin qabne ta’a. Haata’u malee, Waaqayyo biratti badhaadhota ta’uu jechuun maal jechuudha?

Waaqayyo Biratti Badhaadhota Ta’uu

12. Maal gochuutu Waaqayyo biratti badhaadhota nu godha?

12 Dubbii Yesus keessatti Waaqayyo biratti badhaadhaa ta’uufi ofiif qabeenya kuufachuun ykn qabeenyaan sooromuun garaagarummaa guddaa akka qaban ibsameera. Kanaafuu, Yesus xiyyeeffannaan keenya inni guddaan qabeenya kuufachuudhaan badhaadhuurratti ykn gammachuu qabeenya akkasiirraa argannurratti ta’uu akka hin qabne dubbachuusaa ture. Kanaa mannaa qabeenya keenya walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabnu fooyyessuuf ykn cimsuuf itti fayyadamuu qabna. Kana gochuun keenya Waaqayyo biratti badhaadhota nu godha. Maaliif? Isa biraa eebba baay’ee waan nuuf argamsiisuufidha. Macaafni Qulqulluun, “Eebbi Waaqayyoo nama in badhaasa, badhaadhummaattis inni rakkina hin dabalu” jechuudhaan nutti hima.—Fakkeenya 10:22.

13. Eebbi Yihowaa ‘badhaadhummaa kan argamsiisu’ akkamitti?

13 Yihowaan sabasaa yommuu eebbisu, isa hunda caalu kennaaf. (Yaaqoob 1:17) Fakkeenyaaf bakki jireenyaa Yihowaan Israa’elootaaf kenne, “biyya aannanii fi damma baasu” ture. Biyyi Gibxiis haala kanaan kan ibsamte ta’uyyuu, biyyi Yihowaan Israa’elootaaf kenne yoo xinnaate karaa baay’ee barbaachisaa ta’e tokkoon adda turte. Museen Israa’elootaan, “Biyyichi biyya Waaqayyo gooftaan kee ilaaluu dha” jedheera. Kana jechuunis, Yihowaan waan isaan ilaaluuf ykn kunuunsuuf badhaadhina argatu jechuudha. Israa’eloonni Yihowaadhaaf amanamoo ta’anii yoo jiraatan, isa biraa eebba guddaa argachuu, akkasumas jireenya saboota naannoosaanii jiranirra baay’ee caalu jiraachuu danda’u turan. Eeyyee, ‘badhaadhummaa kan argamsiisu’ eebba Waaqayyooti!—Lakkoobsa 16:13; Keessa Deebii 4:5-8; 11:8-15.

14. Namoonni Waaqayyo biratti badhaadhota ta’an maal argatu?

14 Namoota qabeenya fooniitiin badhaadhota ta’an, maqaa namoota kaan biratti qabantu caalaatti isaan yaaddessa. Kunis yeroo baay’ee akkaataa jireenyasaaniitiin ni mul’ata. Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti ‘jireenyaan kooruudhaan’ namoota ajaa’ibsiisuu barbaadu. (1 Yohannis 2:16) Namoonni Waaqayyo biratti badhaadhota ta’an garuu, Isa biratti fudhatama qabu, surraafi gaarummaasaa baay’inaan ni argatu, akkasumas Isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu. Haala gaarii akkasii keessa jiraachuunsaanii nageenyaafi tasgabbii qabeenyi foonii akkamiiyyuu argamsiisuu danda’urra caalu isaaniif kenna. (Isaayaas 40:11) Amma gaaffiin ka’u, Waaqayyo biratti badhaadhota ta’uuf maal gochuu qabna? kan jedhudha.

Waaqayyo Biratti Badhaadhota Ta’uu Kan Dandeenyu Akkamitti?

15. Waaqayyo biratti badhaadhota ta’uuf maal gochuu qabna?

15 Fakkeenya Yesus keessatti, namichi badhaadhummaa argachuuf qofa karoora baafateefi cimee hojjete gowwaa jedhameera. Kanaafuu, Waaqayyo biratti badhaadhota ta’uuf, ciminaan hojjechuufi sochiiwwan Waaqayyo biratti gati jabeessa ta’anirratti guutummaatti hirmaachuuf carraaquu qabna. Kanneen keessaa tokko abboommii Yesus, “Egaa dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jechuudhaan kennedha. (Maatewos 28:19) Yeroo, humnaafi dandeettii keenya jireenya keenya fooyyessuuf utuu hin ta’in, hojii Mootummicha lallabuufi bartoota taasisuutiif fayyadamuun, qabeenya ofii hojiirra oolchuu wajjin wal qabachuu danda’a. Fakkeenyi kanaa gadi jiru akka argisiisutti, namoonni akkas godhan karaa hafuuraa bu’aa guddaa argatu.—Fakkeenya 19:17.

16, 17. Akkaataan jireenyaa Waaqayyo biratti badhaadhota nama godhu kam akka ta’e argisiisuuf muuxannoowwan akkamii dubbachuu dandeessa?

16 Fakkeenya Kiristiyaana biyya Baha Fagoo tokkoo haa ilaallu. Ogeessa kompiitaraa waan ta’eef mindaa gaarii argata ture. Haata’u malee, hojiinsaa yeroo waan isa dhabsiiseef, karaa hafuuraa hir’ina akka qabu isatti dhaga’ame. Booddee, haala sanaan itti fufuu mannaa wanta karaa hafuuraa isa barbaachisu gochuufi itti gaafatamummaasaa raawwachuuf yeroo ga’aa akka argatuuf, hojiisaa gadhiisee aayiskireemii hojjechuudhaan karaarratti gurguruu jalqabe. Namoonni kanaan dura isaa wajjin hojjechaa turan isatti qoosaniyyuu bu’aa akkamii argateera? Akkas jedheera: “Dhugaasaa dubbachuuf yeroon kompiitara hojjedhu caalaa maallaqa kanan qabu ammadha. Dhiphinniifi yaaddoon hojiikoo duriirratti na mudatu amma waan hin jirreef gammachuun qaba. Hundumaarrammoo amma caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhe natti dhaga’ama.” Jijjiiramni kun, Kiristiyaanni kun tajaajila yeroo guutuu keessa akka galu isa godheera; yeroo ammaatti waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaa jiru keessatti tajaajilaa jira. Dhugumayyuu eebbi Yihowaa “nama in badhaasa.”

17 Fakkeenyi kan biraanimmoo, waa’ee dubartii maatii barumsaaf bakka guddaa kennu keessatti guddatteeti. Biyyoota Faransaayi, Meeksiikoofi Siwiizarlaanditti yunivarsiitii galtee kan baratte yommuu ta’u, hojii gaarii akka argattus abdii qabdi turte. Akkas jetteetti: “Wanti hundumtuu naa milkaa’ee ture; ulfinaafi mirga addaddaa argadheen ture. Keessa kootti garuu gatii akkan hin qabne natti dhaga’ama; gammachuus hin qabun ture.” Booddee waa’ee Yihowaa baratte. Akkas jetti: “Karaa hafuuraa guddachaa yommuun adeemu, Yihowaa gammachiisuufi wanta inni naa kenne keessaa waanuma xinnoollee deebisuuf fedhiin ani qabu, filannoo sirrii akkan godhu, jechuunis yeroo guutuu akkan isa tajaajilu na gargaareera.” Hojiishee gadhiistee baay’ee utuu hin turin ni cuuphamte. Waggoota 20 darbaniif gammachuudhaan tajaajila yeroo guutuurratti hirmaatteetti. Akkas jetteetti: “Namoonni tokko tokko beekumsakoo lafatti akkan balleesse itti dhaga’ama. Haata’u malee, gammachuu akkan qabu beeku; seerawwan bu’uuraa ani ittiin jiraadhus ni dinqisiifatu. Naman gad of qabu ta’ee isa biratti fudhatama akkan argadhu akka na gargaaru, guyyaa hundumaa Yihowaa nan kadhadha.”

18. Akkuma Phaawulos, nuyis Waaqayyo biratti badhaadhota ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

18 Saa’ol inni booddee Phaawulos ergamaa ta’e, hojii faayidaa guddaa isaaf argamsiisu argachuu danda’a ture. Ta’uyyuu booddee akkas jechuudhaan barreesseera: “Gooftaa koo Kristos Yesusin beekuun hundumaa irra waan caaluuf, ani waan hundumaa akka waan gatameetti nan lakkaa’a.” (Filiphisiiyus 3:7, 8) Phaawulosiif, wanta biyyi lafaa argamsiisuu danda’u kamirrayyuu, badhaadhummaa karaa Kiristosiin argamutu bakka olaanaa qaba ture. Nuyis, hawwii ofittummaarratti hundaa’erraa fagaachuufi nama Waaqayyoo ta’uudhaan, jireenya Waaqayyo biratti badhaadhota nu godhu jiraachuu dandeenya. Dubbiin Waaqayyoo, “Gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaaf in kenna” jechuudhaan nuu mirkaneessa.—Fakkeenya 22:4.

Ibsuu Dandeessaa?

• Namni fakkeenya Yesus keessatti caqasame rakkina akkamii qaba ture?

• Namichi fakkeenya sana keessatti ibsame gowwaa kan jedhame maaliifi?

• Waaqayyo biratti badhaadhota ta’uu jechuun maal jechuudha?

• Waaqayyo biratti badhaadhota ta’uu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]