Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Rakkina Danda’uudhaan Faayidaa Argachuu Dandeenya

Rakkina Danda’uudhaan Faayidaa Argachuu Dandeenya

Rakkina Danda’uudhaan Faayidaa Argachuu Dandeenya

“Warra obsa-qabeeyyii turan sana, nuyi akka warra gammachuu qabaniitti isaan in ilaalla.”—YAAQOOB 5:11.

1, 2. Kaayyoon Yihowaa ilmaan namootaa akka rakkataniif akka hin turre kan argisiisu maalidha?

NAMNI sammuu fayyaa qabu kamiyyuu rakkachuu hin barbaadu; Yihowaan inni Uumaa keenya ta’es ilmaan namootaa akka rakkatan hin barbaadu. Macaafa Qulqulluu hafuurasaatiin barreeffame qoruudhaan, wanta namichiifi dubartiin jalqabaa erga uumamanii booda raawwatame yommuu ilaallu kana hubachuu dandeenya. Waaqayyo jalqaba namicha uume. “Waaqayyo gooftaan biyyoo lafaattii nama tolchee, hafuura jireenya itti godhu funyaan isaatti in baafate; akkasitti namni uumama lubbuu qabaatee jiraatu ta’e.” (Uumama 2:7) Addaam qaamniifi sammuunsaa cubbuu kan hin qabne waan ta’eef, hin dhukkubsatu akkasumas hin du’u ture.

2 Addaam haala akkamii keessa jiraata ture? “Waaqayyo gooftaan biyya gara ba’a-biiftuu keessaa Eedenitti iddoo dhaabaa tokko in dhaabe; nama isa tolche sanas achi keessa in kaa’e. Waaqayyo gooftaan mukkeetii ija namaa hawwatan garaa garaa, iji isaaniis nyaataaf ba’eessa ta’an lafa keessaa in biqilche.” (Uumama 2:8, 9) Dhugumayyuu, Addaam bakka jireenyaa ajaa’ibsiisaa keessa jiraata ture. Eeden keessa rakkinni hin jiru ture.

3. Dhiiraafi dubartiin jalqabaa abdii akkamii qabu turan?

3 Uumamni 2:18, “Waaqayyo gooftaan, ‘Namichi kophaa isaa ta’uun gaarii miti; kan akka isaatii kan isa gargaartu, ani isaaf nan tolcha’ jedhe” jechuudhaan dubbata. Yihowaan Addaamiif haadha manaa cubbuurraa walaba taate kan uume, jireenyi maatii gammachiisaa akka ta’uuf ture. (Uumama 2:21-23) Macaafni Qulqulluun itti fufuudhaan, “Waaqayyo isaaniin, ‘Horaa, baay’adhaas, lafa guutaa, isas harka jala galfadhaa!’ . . . jedhee isaan in eebbise” jedha. (Uumama 1:28) Haati manaafi abbaan manaa jalqabaa, Jannata Eeden babal’isanii yeroo booda guutummaa lafaa gara jannataatti akka jijjiiraniif mirgi dinqisiisaan kennameefii ture. Akkasumas, ijoollee rakkinarraa walaba ta’aniifi gammachuu qaban godhachuu danda’u turan. Jalqabnisaa akkam dinqisiisaa ture!—Uumama 1:31.

Rakkinni Ni Jalqabe

4. Seenaan haala ilmaan namootaa keessa jiran ilaalchisee maal mirkaneesseera?

4 Haata’u malee, seenaa ilmaan namootaa hanga ammaatti jiru yeroo ilaallu, dogoggorri guddaan tokko akka uumame ifadha. Gochawwan hammeenyaa raawwatamuusaaniitiin kan ka’e maatiin ilmaan namootaa garmalee rakkachaa jira. Jaarraawwan hedduudhaaf, ilmaan Addaamiifi Hewwaan hundi dhukkubsachaa, dulloomaafi dhumarrattis du’aa turaniiru. Lafti, jannata namoota gammadoo ta’aniin guutamte akka hin taane beekamaadha. Roomaan 8:22: ‘Uumamni hundinuu hamma ammaatti ni aadu akkasumas ni ciniinsifatu’ jechuudhaan haalasaa akka gaariitti ibseera.

5. Warri keenya jalqabaa ilmaan namootaarratti rakkina kan fidan akkamitti?

5 Yihowaan rakkina guddaa yeroo dheeraadhaaf ture kanatti hin gaafatamu. (2 Saamu’el 22:31) Rakkina kanaaf hamma tokko itti gaafatamuu kan qabu ilmaan namootaati. “Isaan amalli isaanii manca’aa dha, wanta ciiggaasisaa in hojjetu.” (Faarfannaa 14:1) Wanti warra keenya jalqabaatiif kenname hundi gaarii ture. Kun hundi akka itti fufuuf, Waaqayyoof abboomamuu qofatu isaanirraa barbaadama ture; haata’u malee, Addaamiifi Hewwaan Yihowaadhaaf abboomamuu mannaa ofiisaaniitiin buluuf filatan. Warri keenya jalqabaa erga Yihowaatti dugda gatanii kaasee, isa duratti cubbuurraa walaba ta’uu hin dandeenye. Haallisaanii hanga du’anitti gaduma adeema ture. Nuyis cubbuu dhaalleerra.—Uumama 3:17-19; Roomaa 5:12.

6. Rakkinni akka dhufu gochuurratti Seexanni ga’ee maalii qaba ture?

6 Rakkinni akka dhufu kan godhe kan biraanimmoo, uumama hafuuraa Diiyaabilos isa Seexana jedhamedha. Mirgi filannaa isaafis kennamee ture. Haata’u malee, waaqeffannaa argachuuf hawwuusaatiin, mirga filannaa isaaf kenname kanatti karaa sirrii hin taaneen itti fayyadame. Waaqeffatamuu kan qabu garuu uumamawwansaa utuu hin ta’in Yihowaa qofadha. ‘Hamaafi gaarii beekuudhaan akka Waaqayyoo taatu’ jedhee Addaamiifi Hewwaan Yihowaa akka ganan kan godhe Seexana ture.—Uumama 3:5.

Bulchuuf Mirga Kan Qabu Yihowaa Qofadha

7. Yihowaarratti hammaachuun miidhaa geessisuunsaa maal mirkaneesseera?

7 Miidhaan, Yihowaa isa uumama cufarratti olaanaa ta’erratti hammaachuudhaan dhufe, bulchuuf mirga kan qabu isa ta’uusaafi qajeelaa kan ta’e bulchiinsasaa qofa ta’uusaa mirkaneesseera. Waggoota kumaatama darbanitti, Seexanni inni ‘biyya lafaa kana seerratu’ bulchiinsi hamaan, jal’aafi guutummaatti nama hin gammachiisne akka babal’atu gochuunsaa mirkanaa’eera. (Yohannis 12:31) Bulchiinsi ilmaan namootaa yeroo dheeraadhaaf ture kun, to’annaa Seexanaa jala kan jiruufi rakkinaan kan guutame yommuu ta’u, ilmaan namootaa qajeelummaadhaan bulchuuf dandeettii akka hin qabaane mirkaneesseera. (Ermiyaas 10:23) Kanaaf, bulchiinsi Yihowaarraa adda ta’e kamiyyuu kufuunsaa akka hin oolle beekamaadha. Seenaan ilmaan namootaa wanti kun dhugaa ta’uusaa akka gaariitti mirkaneesseera.

8. Yihowaan bulchiinsa ilmaan namootaa hunda ilaalchisee kaayyoo maalii qaba? Kaayyoosaa kana galmaan kan ga’u akkamitti?

8 Yihowaan, ilmaan namootaa bulchiinsa isarraa adda ba’een of bulchuun maal akka fakkaatu akka ilaalaniif waggoota kumaan lakkaa’aman waan heyyameef, amma bulchiinsa akkasii kana hunda lafarraa balleessee bulchiinsasaatiin bakka buusuuf sababii qaba. Kana ilaalchisee raajiin dubbatame akkas jedha: “Bara mootota [bulchiinsa ilmaan namootaa] sanaatti Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa [bulchiinsasaa isa samii Kiristosiin geggeeffamu] deebi’ee matumaa hin badne, . . . dhaabuuf jira; inni mootummoota sana hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa.” (Daani’el 2:44) Bulchiinsi hafuurota xuraa’oos ta’e ilmaan namootaa hin jiraatu; Mootummaa Waaqayyoo isa samii qofatu biyya lafaa bulcha. Mootiinsaa Kiristos yommuu ta’u, ilmaan namootaa amanamoon lafarraa filatamaniifi 144,000 ta’an isaa wajjin ni bulchu.—Mul’ata 14:1.

Rakkinarraa Faayidaa Argachuu

9, 10. Yesus rakkina isarra ga’erraa faayidaa maalii argateera?

9 Ulaagaalee namoota Mootummaa samii keessatti bulchan guutan qoruun keenya barbaachisaadha. Jalqaba, Kiristos Yesus Mootii ta’ee bulchuuf ga’eessa akka ta’e argisiiseera. “Ijaartuu isa gaarii” ta’ee jaalala Abbaasaa raawwachuudhaan, bara hammana hin jedhamneef isaa wajjin jiraateera. (Fakkeenya 8:22-31) Boodas, Yihowaan gara lafaatti isa erguuf qophii ennaa godhu Yesus abboomameera. Yeroo lafarra turettis, waa’ee olaantummaa Yihowaafi Mootummaasaa lallabuurratti xiyyeeffatee ture. Olaantummaa Yihowaatiif guutummaatti abboomamuudhaan hunda keenyaaf fakkeenya guddaa ta’a.—Maatewos 4:17; 6:9.

10 Yesus ari’atamni kan isarra ga’e ta’uusaarrayyuu, ajjeefameera. Yeroo tajaajillutti haala gaddisiisaa namoonni naannoosaa jiran keessa turan hubachuu danda’ee ture. Wanta argeefi dhuunfaatti isarra ga’erraa bu’aa argatee turee? Eeyyee. Ibroonni 5:8, “Utuma ilma Waaqayyoo ta’ee jiruu immoo, dhiphina isatti dhufe hundumaa keessaa abboomamuu bare” jedha. Rakkinni yeroo Yesus lafarra ture isarra ga’e, caalaatti haala namootaa akka hubatuufi akka isaaniif gaddu isa godheera. Rakkinni maatii ilmaan namootaarra ga’u isarras ga’eera. Namoota rakkataniif gadduufi isaan fayyisuuf dhufuunsaa barbaachisaa akka ta’e caalaatti hubachuu danda’eera. Phaawulos ergaman macaafa Ibrootaa keessatti haala kana akkamitti akka ibse qalbeeffadhaa: “Inni fuula Waaqayyoo duratti angafa lubootaa isa oo’a-qabeessaa fi amanamaa ta’uudhaaf, namoota dhiifamuu cubbuu argachiisuudhaaf, karaa hundumaa obboloota isaa fakkaachuu isa barbaachise. Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu gargaaruu in danda’a.” “Cubbuutu irraa dhabame malee, angafa lubootaa isa karaa hundumaan akka keenya qorame qabna; isa dadhabbiin keenya garaa isaa hin rukunne garuu hin qabnu. Yeroo barbaachisetti akka nu gargaaraniif araara isaa fudhachuudhaaf, ayyaana isaas argachuudhaaf, kottaa ija-jabinaan gara teessoo Waaqayyoo isa ayyaanaan guututti in dhi’aanna.”—Ibroota 2:17, 18; 4:14-16; Maatewos 9:36; 11:28-30.

11. Rakkinni namoota gara fulduraatti lafarratti moototaafi luboota ta’anii bulchanirra ga’u kan isaan fayyadu akkamitti?

11 Namoota 144,000 Mootummaa samiirratti Yesusii wajjin bulchuuf “furaman” ilaalchisees akkasuma jechuun ni danda’ama. (Mul’ata 14:4) Isaanis akkuma namoota kaanii lafarratti kan dhalatan, addunyaa rakkinaan guutame keessatti kan guddataniifi rakkinni kan isaanirra ga’edha. Baay’eensaanii ari’atamaniiru, tokko tokkommoo Yihowaadhaaf amanamoo waan ta’aniifi Yesus duukaa bu’uuf waan filataniif ajjeefamaniiru. Ta’uyyuu, ‘wangeelaaf rakkachuu keessaa qooda qabaatu malee, gooftaasaaniif dhugaa ba’uusaanitti hin yeellaane.’ (2 Ximotewos 1:8) Rakkinni lafarratti isaanirra ga’e, samiirra taa’anii ilmaan namootaarratti faraduuf ga’eessota isaan godheera. Caalaatti namaaf kan gaddan, gaarummaa kan qabaniifi namoota gargaaruuf kan hawwan akka ta’an isaan godheera.—Mul’ata 5:10; 14:2-5; 20:6.

Gammachuu Namoonni Lafarra Jiraachuuf Abdatan Qaban

12, 13. Namoonni lafarra jiraachuuf abdatan rakkina isaanirra ga’urraa faayidaa argachuu kan danda’an akkamitti?

12 Rakkinni yeroo ammaatti ga’u, namoota dhukkuba, gaddaafi du’a malee barabaraaf lafa jannata taaturra jiraachuuf abdataniif faayidaa qabaa? Dhiphinniifi cinqiin rakkinni fidu wantoota barbaadaman miti. Haata’u malee rakkinni nurra ga’uunsaa amalawwan gaarii akka horannuufi gammachuu akka qabaannu nu godha.

13 Kana ilaalchisee Dubbiin Waaqayyoo geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffame maal akka jedhu qalbeeffadhu: “Wanta qajeelaadhaaf utuu dhiphattanii iyyuu immoo attam gammaddu laata!” “Maqaa Kristosiif jettanii yommuu arrabsamtan, isin warra gammadanii dha.” (1 Phexros 3:14; 4:14) “Anaaf jedhanii namoonni yommuu isin arrabsan, yommuu isin ari’atan, (sobaan) waan hundumaa yommuu isin irratti dudubbatanis gammadaa! . . . egaa yeroo hundumaa gammadaa ililchaa waaqa irratti gatiin keessan guddaa in ta’a.” (Maatewos 5:11, 12) “Namni qoramsa isatti dhufu obsaan danda’e, haa gammadu! Qoramee erga ilaalamee booddee, jireenya . . . akka gonfootti argachuuf jira.”—Yaaqoob 1:12.

14. Rakkinni namoota Yihowaa waaqeffataniif gammachuu kan argamsiisu akkamitti?

14 Rakkinni nurra ga’u mataasaatti gammachuu akka nuuf hin argamsiisne beekamaadha. Rakkinni nurra kan ga’u, jaalala Yihowaa raawwachuufi fakkeenya Yesus hordofuu keenyaan akka ta’e beekuu keenyatu gammachuu nuu argamsiisa. Fakkeenyaaf, jaarraa jalqabaatti, ergamoonni Yesus tokko tokko mana hidhaa buufamanii akkasumas waa’ee Yesus Kiristos lallabuusaaniitiin mana murtii Yihudootaa duratti balaaleffatamanii turan. Achiis erga reebamanii booda gadi dhiifaman. Maaltu isaanitti dhaga’amee ture? Seenaan Macaafa Qulqulluu, “Ulfinni maqaa kanaaf salphachuu waan isaaniif ta’eef, gammadaa yaa’icha biraa gad ba’an” jedha. (Hojii Ergamootaa 5:17-41) Reebamuusaaniitti ykn miidhaa qaamaa isaanirra ga’een utuu hin ta’in, Yihowaadhaaf amanamoo ta’uuf fakkeenya Yesus hordofuusaaniitiin akka ari’ataman waan hubataniif gammadoo turan.—Hojii Ergamootaa 16:25; 2 Qorontos 12:10; 1 Phexros 4:13.

15. Rakkina yeroo ammaatti nurra ga’u obsaan danda’uun keenya gara fuulduraatti nu fayyaduu kan danda’u akkamitti?

15 Mormiifi ari’atama nurra ga’uuf ilaalcha sirrii qabaachuun keenya, jabaannee akka dhaabannu nu godha. Kunimmoo rakkina gara fuulduraattis nu mudatu akka dandeenyuuf nu gargaara. Akkas kan jedhu dubbisna: “Yaa obboloota ko! Qoramsa garaa garaatiin ilaalamuun yommuu isinitti dhufu, gammachuu guutuutti fudhadhaa! Amantiin keessan qoramee ilaalamuun isaa obsaan danda’uu akka fidu in beektu.” (Yaaqoob 1:2, 3) Haaluma wal fakkaatuun, Roomaan 5:3-5 akka jechuudhaan nutti hima: “Gidiraan obsa akka fidu beeknee, gidiraa nutti dhufes gammachuudhaan in himanna. Obsi qoramanii ba’uu fida, qoramanii ba’uunis abdii fida. . . . abdiin immoo nu hin yeellaasisu.” Rakkoo Kiristiyaanota ta’uu keenyaan nurra ga’e obsaan danda’uun keenya, rakkoowwan gara fuulduraatti sirna hamaa kana keessatti nurra ga’an obsaan danda’uuf caalaatti nu qopheessa.

Yihowaan Ni Kiisa

16. Yihowaan, namoota gara fuulduraatti moototaafi luboota ta’aniifi rakkinni irra ga’e kiisuuf maal godha?

16 Daandii Kiristiyaanummaatti maxxanuu keenyaan mormii nurra ga’een ykn ari’atamaan qabeenya keenya yoo dhabne, Yihowaan guutummaatti akka nu kiisu beekuudhaan gammaduu dandeenya. Fakkeenyaaf, Phaawulos namoota gara samii dhaquudhaan Mootummaa Waaqayyoorratti bulchuuf abdii qaban tokko tokkoof, “Isin . . . qabeenya isa caalaa wayyuu fi isa hin darbine akka qabdan waan beektaniifis, saamamuu qabeenya keessanii gammachuudhaan fudhattaniittu” jedhee barreessee ture. (Ibroota 10:34) Namoonni kun, qajeelfama Yihowaafi Yesus jalatti addunyaa haaraa keessatti ilmaan namootaatiif eebbawwan dhangalaasuurratti yeroo hirmaatan hangam akka gammadan tilmaamuu dandeessu. Dhugumayyuu, Phaawulos Kiristiyaanota amanamoo ta’aniin akkas jechuunsaa sirriidha: “Dhiphinni keenya si’anaa kun, ulfina isa nuuf mul’ifamuuf jiruu wajjin wal bukkee qabamee, ilaalamuu akka hin dandeenyetti nan lakkaa’a.”—Roomaa 8:18.

17. Yihowaan namoota yeroo ammaatti amanamummaadhaan isa tajaajilaniifi lafarra jiraachuuf abdataniif maal godha?

17 Haaluma wal fakkaatuun, namoonni lafarra jiraachuuf abdatan Yihowaa tajaajiluuf jecha amma wanta akkamiiyyuu yoo dhaban ykn fedhasaaniitiin yoo dhiisan, inni wanta gara fuulduraatti isaaniif godhuun baay’inaan isaan kiisa. Lafa jannata taaturratti jireenya cubbuurraa walaba ta’eefi dhuma hin qabne isaanii kenna. Addunyaa haaraa sana keessatti, Yihowaan “imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa; . . . duuni deebi’ee hin argamu, gadduun, iyyuun, waraansis si’achi hin jiru!” (Mul’ata 21:4) Abdii dinqisiisaa akkamiiti! Biyya lafaa keessatti, wanti Yihowaadhaaf jecha jallannees ta’e utuu hin jaallatin dhiisnu, jireenya gammachiisaa inni tajaajiltootasaa amanamoo rakkina isaanirra ga’e obsaniif gara fuulduraatti kennuu wajjin matumaa kan wal gitu miti.

18. Yihowaan Dubbiisaa keessatti abdii nama jajjabeessu akkamii nuu kenneera?

18 Rakkinni gara fuulduraatti nurra ga’u kamiyyuu, gammachuu addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti argannu nu jalaa hin hir’isu. Rakkinni kun hundi, haalawwan addunyaa haaraa wantoota dinqisiisaa ta’aniin guutummaniin bakka buufama. Isaayaas 65:17, 18, “Wanti dur ta’e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu. . . . Isin wanta ani uumutti bara baraan gammadaa, ililchaas!” jechuudhaan dubbata. Kanaafuu obboleessa Yesus kan ta’e Yaaqoob, “Warra obsa-qabeeyyii turan sana, nuyi akka warra gammachuu qabaniitti isaan in ilaalla” jechuunsaa sirrii ture. (Yaaqoob 5:11) Eeyyee, rakkina yeroo ammaatti nurra ga’u obsaan yoo dandeenye, ammas ta’e gara fuulduraatti faayidaa arganna.

Maal Jettee Deebista?

• Ilmaan namootaa rakkinarra kan bu’an akkamitti?

• Rakkinni namoota gara fuulduraatti bulchitoota ta’aniifi isaan jalatti bulanirra ga’u faayidaa akkamii argamsiisuu danda’a?

• Yeroo ammaatti rakkinni nurra ga’uyyuu gammaduu kan dandeenyu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]