Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Abbaan Keessan Oo’a Qabeessa”

“Abbaan Keessan Oo’a Qabeessa”

“Abbaan Keessan Oo’a Qabeessa”

“Abbaan keessan oo’a-qabeessa akka ta’e isinis oo’a-qabeeyyii ta’aa!”—LUQAAS 6:36.

1, 2. Wanti Yesus barsiisotaafi Fariisotaan jedhe, oo’a argisiisuun barbaachisaa ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?

SEERRI karaa Musee kenname, ulaagaafi qajeelfama gara 600 ta’u kan qabate ture. Wanta Seerri Musee gaafatu raawwachuun barbaachisaa kan ture ta’uyyuu, oo’a argisiisuunis baay’ee barbaachisaa ture. Yesus Fariisota oo’a hin qabneen maal akka jedhe hubadhaa. Yesus al lama Waaqayyo, ‘Gara-laafinan barbaada malee aarsaa miti’ jechuusaa isaanitti himuudhaan isaan ifateera. (Maatewos 9:10-13; 12:1-7; Hose’aa 6:6) Yesus naannoo xumura tajaajilasaatti akkas jedhee ture: “Barsiisota seeraa fi Fariisota of hin arginee nana, isiniif wayyoo! Baala kefoo, inchilaala, ija dimbilaalaas kudhan keessaa tokko Waaqayyoof in kennitu; garuu seera Waaqayyoo keessaa isa caalaa barbaachisu kan akka firdii qajeelaa, gara-laafina, amanamummaa in dhiiftu.”—Maatewos 23:23.

2 Yesus oo’aaf bakka guddaa akka kenne beekamaadha. Duuka buutotasaatiin, “Abbaan keessan oo’a-qabeessa akka ta’e isinis oo’a-qabeeyyii ta’aa!” jedheera. (Luqaas 6:36) Karaa kanaan ‘fakkeenya Waaqayyoo fudhachuu’ yoo barbaanne oo’a jechuun maal jechuu akka ta’e beekuun keenya barbaachisaadha. (Efesoon 5:1) Kana malees, oo’a argisiisuun faayidaa maalii akka qabu hubachuun keenya, amala kana caalaatti argisiisuuf nu kakaasa.

Namoota Rakkataniif Oo’a Qabaachuu

3. Oo’i dhugaan maal akka ta’e beekuuf, Yihowaarraa barachuu kan qabnu maaliifi?

3 Faarfatichi akkas jechuudhaan faarfateera: “Waaqayyo araara-qabeessaa fi oo’a-qabeessa; aariitti suuta in jedha, gaarummaan isaas guddaa dha. Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha; hojii harka isaa hundumaafis in oo’a.” (Faarfannaa 145:8, 9) Yihowaan, ‘abbaa araara hundumaafi Waaqa jajjabina hundumaati.’ (2 Qorontos 1:3) Oo’i, warra kaan gara laafinaan kunuunsuudhaan argisiifama. Kun amalawwan Yihowaa warra gurguddaa keessaa isa tokkodha. Fakkeenyi inni nuu kaa’eefi barumsisaa, oo’i dhugaan kan akkamii akka ta’e nu barsiisuu danda’a.

4. Oo’a ilaalchisee Isaayaas 49:15 maal barsiisa?

4 Isaayaas 49:15irratti akka ibsametti, Yihowaan akkas jedheera: “Haati mucaa ishee isa harma hodhu irraanfachuu in dandeessii? Mucaa ishee isa ofii deesseef hin ootuu ree?” Miirri Yihowaan oo’a akka argisiisu isa kakaasu, miira haati mucaasheetiif qabduu wajjin wal bira qabameera. Daa’imtichi beela’uu ykn wanta biraa barbaaduu danda’a. Yeroo kanatti, haadhattiin miira isaaf gadduudhaan isheetti dhaga’amuun kakaatee wanta isa barbaachisu gootiif. Yihowaanis namoota oo’a itti argisiisuuf miira akkasii qaba.

5. Yihowaan Israa’elootaaf ‘araarrisaa baay’ee’ ta’uusaa kan argisiise akkamitti?

5 Warra kaaniif gadduun gaarii ta’uyyuu, nama rakkate sana fayyaduuf jecha tarkaanfii fudhachuun caalaatti barbaachisaadha. Yeroo waaqeffattoonnisaa waggoota 3,500 dura biyya Gibxiitti garboota ta’an Yihowaatti maaltu akka dhaga’ame hubadhaa. Museedhaan akkas jedhee ture: “Gad qabamuu saba koo warra Gibxi jiranii argeera; isa isaan warra humnaan isaan hojjechiisan jalaa ba’uudhaaf iyyatanis dhaga’eera; dhiphina isaaniis ani beeka; ani harka warra Gibxii keessaa isaan baasuudhaaf gad bu’eera; biyya sana keessaa gara biyya gaariitti, biyya bal’aatti, biyya aannanii fi damma baasutti, . . . ol isaan nan baasa.” (Ba’uu 3:7, 8) Israa’eloonni biyya Gibxii erga ba’anii gara waggaa 500 booda Yihowaan, “Ani biyya Gibxiitii isin baaseen, harka warra Gibxii fi mootummoota warra isin dhiphisanii hundumaa isin oolche” jechuudhaan isaan yaadachiisee ture. (1 Saamu’el 10:18) Israa’eloonni, ulaagaalee qajeelummaa Yihowaan baaserraa jal’achuusaaniitiin kan ka’e yeroo baay’ee dhiphina keessa galanii turan. Yihowaan garuu isaaniif gadduudhaan, si’a baay’ee isaan oolcheera. (Abboota Firdii 2:11-16; 2 Seenaa 36:15) Kun, Waaqa jaalalaa kan ta’e Yihowaan namoota rakkataniifi dhiphatan akka gargaaru kan argisiisudha. Yihowaan ‘araarrisaa baay’eedha.’—Efesoon 2:4.

6. Yesus Kiristos oo’a argisiisuudhaan fakkeenya Abbaasaa kan hordofe akkamitti?

6 Yesus yeroo lafarra turetti oo’a argisiisuudhaan fakkeenya Abbaasaa guutummaatti hordofeera. Yesus namoonni ijisaanii hin argine lama, “Gooftaa, yaa ilma Daawit nu maari!” jedhanii yommuu isa kadhatan, maal godhe? Yesus dinqiidhaan ijasaanii akka isaanii fayyisu isa kadhachaa turan. Yesus kana isaaniif godheera; kana kan godhe garuu oo’a utuu hin qabaatin miti. Macaafni Qulqulluun, “Yesusis gara-laafinaan ija isaanii qaqqabnaan, achumaan agartuun isaanii deebi’eef” jedha. (Maatewos 20:30-34) Gara laafinni Yesus, warra ijisaanii arguu hin dandeenyeef, warra hafuura hamaadhaan qabamaniif, warra dhukkuba lamxiitiin qabamaniifi ijoolleensaanii jalaa dhibamaniif furmaata akka kennu isa kakaaseera.—Maatewos 9:27; 15:22; 17:15; Maarqos 5:18, 19; Luqaas 17:12, 13.

7. Oo’a ilaalchisee fakkeenya Yihowaafi Ilmisaarraa maal baranna?

7 Fakkeenya Yihowaafi Yesus Kiristosirraa akka arginutti, oo’i waan lama of keessaa qaba, kunis: namaaf gadduu ykn nama rakkateef garaa laafuufi rakkinasaa sanaaf furmaata argamsiisuuf tarkaanfii fudhachuu kan dabalatudha. Oo’a qabeeyyii ta’uuf wantoonni kun lamaan barbaachisaadha. Caaffata Qulqullaa’oo keessatti, yeroo baay’ee oo’i nama rakkateef waan gaarii gochuu argisiisa. Haata’u malee, firdii wajjin haala wal qabateen oo’a argisiisuun kan danda’amu akkamitti? Oo’a argisiisuun namoota wanta sirrii hin taane hojjetan adabuurraa duubatti jechuufaa kan dabalatudhaa?

Namoota Cubbuu Hojjetaniif Oo’uu

8, 9. Daawit Baat-Sheebaa wajjin cubbuu erga hojjetee booda oo’i isaaf godhame maal kan dabalatu ture?

8 Naataan raajichi, ejja Daawit Mootiin Israa’el durii Baat-Sheebaa wajjin raawwate ilaalchisee erga isa haasofsiisee booda wanta ta’e hubadhaa. Daawit waan hojjetetti gaabbee akkas jechuudhaan kadhate: “Yaa Waaqayyo, akka gaarummaa keetti araara anatti argisiisi! Akka oo’a kee isa guddaatti irra-daddarbaa koo haxaa’ii balleessi! Yakka koo raawwadhuu ana irraa dhiqi, cubbuu koottiis ana qulleessi! Anoo irra-daddarbaa koo beeka, cubbuun koos gaafa hundumaa ija koo dura jira; ani si yakkeera, si’uma duwwaan yakkes, wanta ija kee duratti hamaa ta’es hojjedheera.”—Faarfannaa 51:1-4.

9 Daawit baay’ee ofitti gaddee ture. Yihowaanis cubbuusaa isaaf dhiisuudhaan, isaafi Baat-Sheebaarratti utuu hin faradin hafeera. Akka Seera Museetti, Daawitis ta’e Baat-Sheebaan ajjeefamuu qabu turan. (Keessa Deebii 22:22) Rakkina cubbuusaaniitiin itti dhufe jalaa ba’uu baatanis, lubbuunsaanii ooleera. (2 Saamu’el 12:13) Oo’i Waaqayyoo, balleessaa namaa dhiisuus kan dabalatudha. Ta’uyyuu, adaba barbaachisaa ta’e kennuurraa duubatti hin jedhu.

10. Yihowaan yommuu faradu oo’a qabeessa ta’uyyuu, oo’asaatti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu kan hin qabne maaliifi?

10 “Cubbuun, karaa nama tokkoo biyya lafaatti” waan galeefi “beenyaan nama cubbuu hojjetuu du’a” waan ta’eef, ilmaan namootaa hundi du’uun isaaniif ta’a. (Roomaa 5:12; 6:23) Yihowaan yeroo firdii nuu kennu oo’a qabeessa ta’uusaatiif baay’ee galateeffachuu hin qabnuu? Haata’u malee, oo’a Yihowaatti karaa sirrii hin taaneen akka hin fayyadamne ofeeggachuu qabna. Keessa Deebii 32:4, “Karaan [Yihowaa] hundinuus qajeelaadha” jedha. Yihowaan oo’a argisiisuuf jecha ulaagaa qajeelummaadhaaf baase hin dhiisu.

11. Yihowaan cubbuu Daawit Baat-Sheebaa wajjin hojjete ilaalchisee firdii yeroo kennu, qajeelinaaf ilaalcha sirrii qabaachuusaa kan argisiise akkamitti?

11 Daawitiifi Baat-Sheebaan ajjeefamuunsaanii akka hafu murteessuu dura, cubbuunsaanii dhiifamuufii qaba ture. Abbootiin firdii Israa’el keessa turan cubbuusaanii isaaniif dhiisuuf mirga hin qaban turan. Dhimma kanarratti murtoo gochuuf utuu isaanii heyyamameera ta’ee, du’a isaanitti faraduudhaan ala wanti godhan hin jiru ture. Kun waan Seerichi ajajudha. Haata’u malee, Yihowaan waadaa Daawitii wajjin galee tureen kan ka’e, sababii itti dhiifama isaaf godhu barbaade. (2 Saamu’el 7:12-16) Kanaafuu, Yihowaan “abbaan firdii guutummaa biyya lafaa,” ‘inni garaa namaa qoree ilaalu,’ dhimma kana ilaalchisee ofumasaatiif firdii kennuu filate. (Uumama 18:25; 1 Seenaa 29:17) Waaqayyo garaa Daawit sirriitti beekuu, dhugumaan qalbii geddarachuusaa hubachuufi dhiifama isaaf gochuu danda’eera.

12, 13. Ilmaan namootaa oo’a Yihowaarraa faayidaa argachuu kan danda’an akkamitti?

12 Oo’i Yihowaan cubbuu dhaalleen kan ka’e adabamuurraa akka oollu gochuudhaan nutti argisiisu, firdiisaa isa qajeelaa wajjin kan walsimudha. Yihowaan, utuu firdiin hin jal’atin dhiifamni cubbuu akka argamu gochuuf jecha Ilmisaa Yesus Kiristos aarsaa furii ta’ee akka dhihaatu godheera; kunis oo’a hundarra caaludha. (Maatewos 20:28; Roomaa 6:22, 23) Oo’a Waaqayyoo, isa cubbuu dhaalleen adabamuu nu oolchuu danda’urraa faayidaa argachuuf “Ilma Waaqayyootti amanu[u]” qabna.—Yohannis 3:16, 36.

13 Oo’i Yihowaa firdiisaa isa qajeelaa kan hin cabsine ta’uyyuu, hamma tokko dhiibbaa isarratti geessisaa laata? Oo’i, qajeelina Yihowaa laaffisuudhaan faayidaa inni qabu ni hir’isaa? Matumaa, hin hir’isu.

Waaqa Oo’a Qabeessaafi Firdiinsaa Qajeelaa Ta’e

14. Oo’i Waaqayyoo qajeelina firdiisaa ni hir’isaa? Ibsi.

14 Yihowaan karaa Hose’aa raajichaa Israa’elootaan, “Ani yeroo hundumaaf kan koo sin godhadha; qajeelina, dhugaa, jaalala, oo’as argisiisuudhaan kan koo sin godhadha” jedhee ture. (Hose’aa 2:21) Jechoonni kun akka ibsanitti, Yihowaan oo’a kan argisiisu qajeelina dabalatee amalawwansaa kaanii wajjin haala walsimuunidha. Yihowaan ani “Waaqayyo isa oo’a-qabeessaafi araara qabeessa; . . . yakka irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa; haa ta’u iyyuu malee, isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu” jedheera. (Ba’uu 34:6, 7) Inni Waaqa oo’a qabeessaafi firdii qajeelaati. Macaafni Qulqulluun, “Inni kattaa jabaa dha, wanti inni godhus mudaa hin qabu, karaan isaa hundinuus qajeelaa dha” jechuudhaan waa’eesaa dubbata. (Keessa Deebii 32:4) Firdiin Waaqayyoo akkuma oo’asaa mudaa kan hin qabnedha. Inni tokko isa tokkorra hin caalu ykn inni tokko faayidaa inni kaan qabu hin hir’isu. Kanaa mannaa, amalawwan kun lamaanuu guutummaatti walsimu.

15, 16. (a) Firdiin Waaqayyoo kan nama dhiphisu akka hin taane kan argisiisu maalidha? (b) Yihowaan biyya lafaa hamaa kanarratti yeroo faradu, waaqeffattoonnisaa waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu danda’u?

15 Firdiin Yihowaa kan nama dhiphisu miti. Firdii qajeelaan yeroo baay’ee seeraa wajjin kan wal qabatedha; faraduunimmoo namoota balleessaa hojjetaniif adaba isaaniif ta’u kennuu gaafata. Firdiin Waaqayyoo garuu, namoota isaaniif ta’uuf fayyina argamsiisuus ni danda’a. Fakkeenyaaf, namoonni hamoon magaalaa Sodomiifi Gomoraa keessa turan yeroo balleeffaman, abbaa amantaa kan ta’e Loxiifi intaloonnisaa lama oolaniiru.—Uumama 19:12-26.

16 Yihowaan biyya lafaa hamaa amma jiru kanarratti ennaa faradu, waaqeffattoonni dhugaa “tuuta sonaan baay’ee” ta’aniifi “uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffatan,” badiisa sanarraa akka oolan mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. “Rakkina guddaa keessaa ba’anii dhuf[u]” kan jedhames kanaafi.—Mul’ata 7:9-14.

Oo’a Qabeeyyii Ta’uu Kan Qabnu Maaliifi?

17. Sababii guddaan oo’a qabeeyyii akka taanu godhu maalidha?

17 Fakkeenyi Yihowaaniifi Yesus Kiristos argisiisan, oo’i dhugaan kan akkamii akka ta’e sirriitti nu barsiia. Fakkeenyi 19:17 oo’a qabaachuu kan qabnu maaliif akka ta’e yeroo ibsu, “Namni hiyyeessaaf garaa laafu akka waan Waaqayyoof liqeessuu ti; Waaqayyos gatii isaa isaaf in deebisa” jedha. Yihowaan, walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnuun oo’a qabaachuudhaan fakkeenyasaafi fakkeenya Ilmasaa yeroo hordofnu ni gammada. (1 Qorontos 11:1) Oo’a qabaachuun keenya warri kaanis oo’a qabeeyyii akka ta’an isaan jajjabeessa.—Luqaas 6:38.

18. Oo’a qabeeyyii ta’uuf carraaquu kan qabnu maaliifi?

18 Oo’i, bu’aa amalawwan gaarii hedduuti. Araara qabeeyyii ta’uu, jaalala, arjummaafi gaarummaa dabalata. Namaaf gadduun, namootaaf oo’a qabaachuu keenya hojiidhaan akka argisiisnu nu kakaasa. Waaqayyo oo’a qabaachuunsaa firdii akka jal’isu kan isa hin goone ta’uyyuu, aariitti suuta jedhaa, akkasumas namoonni cubbuu hojjetan qalbii akka geddaratan yeroo ga’aa isaanii kennuudhaan obsa kan argisiisudha. (2 Phexros 3:9, 10) Kanaafuu oo’i, obsaa wajjin kan wal qabatedha. Oo’i, amalawwan ija hojii hafuura qulqulluu ta’an addaddaa dabalatee amalawwan gaarii waan of keessaa qabuuf, gochi akkasii amalawwan kana horachuuf carraa nuu bana. (Galaatiyaa 5:22, 23) Oo’a qabeeyyii ta’uuf carraaquun keenya baay’ee barbaachisaadha!

“Warri Namaaf Oo’an Haa Gammadan”

19, 20. Oo’i firdiirratti kan mo’u akkamitti?

19 Yaaqoob, yeroo hundumaa oo’a qabeeyyii ta’uu kan qabnu maaliif akka ta’e ennaa ibsu, ‘Oo’i firdiirratti in mo’a’ jedhee ture. (Yaaqoob 2:13b) Yaaqoob dubbachaa kan ture, waa’ee oo’a namni Yihowaa waaqeffatu tokko warra kaanitti argisiisuu qabuuti. Yeroo namni tokko “waan godhe sababii isaa wajjin Waaqayyotti himuuf” jedhutti, Yihowaan namichi sun warra kaaniif oo’a argisiisaa kan ture ta’uusaa xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan, aarsaa furii Ilmasaarratti hundaa’ee dhiifama isaaf waan godhuuf, oo’i firdiirratti ni mo’a. (Roomaa 14:12) Daawit Baat-Sheebaa wajjin cubbuu yeroo hojjetetti dhiifamni kan godhameef, innis oo’a qabeessa waan tureef akka ta’e beekamaadha. (1 Saamu’el 24:4-7) Karaa gara biraatiin garuu, “nama oo’a hin qabnetti oo’a malee firdiin itti in faradama.” (Yaaqoob 2:13a) Namoonni ‘oo’a hin qabne,’ warra ‘duuni isaaniif ta’u’ keessatti maqaansaanii akka galmeeffame homaa hin shakkisiisu!—Roomaa 1:31, 32.

20 Yesus lallabasaa isa Gaara Gubbaarratti, “Warri namaaf oo’an haa gammadan, isaan oo’a in argatu” jedhee ture. (Maatewos 5:7) Jechoonni kun, namoonni oo’a Waaqayyoo barbaadan oo’a qabeeyyii ta’uun akka isaan barbaachisu akka gaariitti ibsu. Matadureen ittaanu, guyyaa guyyaadhaan oo’a argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e ibsa.

Maal Baratte?

• Oo’i maalidha?

• Oo’i karaawwan kamiin argisiifama?

• Yihowaan Waaqa oo’a qabeessaafi qajeelaa kan ta’e karaawwan kamiini?

• Oo’a qabeeyyii ta’uu kan qabnu maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]