Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yeroo Har’aatti Haala Kaayyoo Waaqayyoo Wajjin Walsimuun Jiraachuu

Yeroo Har’aatti Haala Kaayyoo Waaqayyoo Wajjin Walsimuun Jiraachuu

Yeroo Har’aatti Haala Kaayyoo Waaqayyoo Wajjin Walsimuun Jiraachuu

“Ofii isaaniitiif akka hin jiraannetti, [Yesus] hundumaaf du’eera.”—2 QORONTOS 5:15.

1. Muuxannoo obboleessi misiyoonii ta’ee tajaajilu tokko bakka itti ramadamee argate dubbadhu.

OBBOLEESSI Aaron jedhamuufi misiyoonii ta’ee tajaajilu tokko akkas jedhe: “Waraanni walii waliinii erga dhaabatee booda, konkolaataan kan waraanaa hin taaneefi yeroo jalqabaatiif ganda Afriikaa fagoo keessa galte kan keenya turte. * “Gumii xinnoo ganda kana keessa jiru wajjin hariiroon qabnu waan citeef, wanta obboloota barbaachisu guutuu qabna turre. Nyaata, uffata, barreeffamoota Macaafa Qulqulluu malees, fiilmii vidiyoo Jihoovaas Wiitnasis—Za Oorgaanaayizeeshin Biihaayind za Neem jedhamu fudhannee dhaqne. * Namoonni fedhii qaban baay’een ‘tiyaatirii’ ganda kanaa keessatti argisiifamu ilaaluuf waan yaa’aniif, mana citaa guddaa viidiyoofi televijiinii argisiisuuf gargaaru keessatti fiilmii kana al lama argisiisuuf dirqamnee turre. Yeroo lamaanuu namoota Macaafa Qulqulluu qayyabachuu barbaadan baay’een argamaniiru. Carraaqqiin goone hundinuu bu’aa guddaa argamsiiseera.”

2. (a) Kiristiyaanonni jireenyasaanii Waaqayyoon tajaajiluuf itti fayyadamuuf kan murteessan maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

2 Aaroniifi hiriyoonnisaa hojii rakkisaa kana jalqabuuf kan isaan kakaase maal ture? Dinqisiifannaa furii aarsaa Yesus Kiristos isaaniif dhiheesseef qaban argisiisuuf Waaqayyoof ofmurteessuusaanii caalaattiyyuu, haala kaayyoosaa wajjin walsimuun jiraachuu waan barbaadaniifidha. Akkuma obboloota misiyoonii ta’anii tajaajilan kanaa, Kiristiyaanonni ofmurteessan hundi hamma danda’anitti “ofii isaaniitiif” utuu hin ta’in, ‘wangeelaaf jedhanii’ jiraachuuf murteessaniiru. (2 Qorontos 5:15; 1 Qorontos 9:23) Yeroo sirni kun badutti, qarshiniifi ulfinni biyya lafaa kana keessatti argamu hundi gatii akka hin qabanne beeku. Kanaaf, hamma lubbuudhaan jiraataniifi fayyaa qabanitti, haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun itti fayyadamuu barbaadu. (Lallaba 12:1) Nutoo murtoo akkasii gochuu kan dandeenyu akkamitti? Ija jabinaafi humna murtoo kana gochuuf nudandeessisu eessaa argachuu dandeenya? Carraawwan tajaajilaa nuu banaman maalfa’i?

Tarkaanfiiwwan Sirriifi Hojiirra Oluu Danda’an Irraa Jalaan Fudhachuu

3. Jaalala Waaqayyoo raawwachuun tarkaanfiiwwan bu’uura ta’an akkamii dabalata?

3 Kiristiyaanota dhugaatiif, jaalala Waaqayyoo raawwachuun jireenyasaanii guutuu waan gochuu qabanidha. Yeroo baay’ee tarkaanfiiwwan bu’uuraa kana kan jalqaban, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti galmeeffamuudhaan, guyyaa guyyaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, hojii lallabaarratti hirmaachuufi ofmurteessanii cuuphamuudhaanidha. Guddina argisiisaa yeroo adeemnu jecha Phaawulos, “Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!” jedhu yaadanna. (1 Ximotewos 4:15) Guddina argisiisaa kan adeemnu namoota duratti ulfina argachuuf utuu hin ta’in, haala ofittummaarraa walaba ta’een jaalala Waaqayyoo raawwachuuf murteessuu keenya argisiisuufidha. Tarkaanfii akkasii fudhachuun, Waaqayyo karaa hundaan adeemsa keenya akka nuu qajeelchuufi karaa fooyya’aa ta’een akka nugeggeessu heyyamuu keenya kan argisiisudha.—Faarfannaa 32:8.

4. Sodaa hin barbaachisne ofirraa fageessuu kan dandeenyu akkamitti?

4 Haata’u malee mamiiniifi garmalee waa’ee ofii yaadda’uun, tajaajila Waaqayyoof dhiheessinu akka hin fooyyeffanne gufuu nutti ta’uu danda’a. (Lallaba 11:4) Kanaaf, Waaqayyoofi namoota tajaajiluudhaan gammachuu argachuuf, jalqaba sodaa nutti dhaga’amu mo’uu nubarbaachisa ta’a. Fakkeenyaaf, Eeriik, gumii afaan biyya garabiraatiin geggeeffamu keessatti tajaajiluu yaadaa ture. Garuu, obboloonni kun ‘Nasimatuu? Obboloota achi jiran nan jaalladhaa? Isaanoo na jaallatuu?’ jedhee yaadda’a ture. Akkas jedha: “Dhumarratti wanti caalaatti na yaaddessuu qabu waa’ee obbolootakoo malee waa’ee ofiikoo ta’uu akka hin qabne nan hubadhe. Yaadda’uu dhiisuuf murteessuudhaan, haala ofittummaarraa walaba ta’een wantan obbolootaaf gochuu danda’urratti xiyyeeffachuufan murteesse. Kadhannaadhaan gargaarsa ergan gaafadhee booda wantan yaade raawwachuun jalqabe. Amma gumii sana keessatti tajaajilan raawwadhutti baay’een gammada.” (Roomaa 4:20) Eeyyee, haala ofittummaarraa walaba ta’een Waaqayyoofi namoota tajaajiluun gammachuu guddaa argamsiisa.

5. Haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraachuuf, ofeeggannoodhaan karoora baafachuun keenya barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Fakkeenya kenni.

5 Haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraachuuf, karoora keenyarratti ofeeggannoodhaan yaaduu qabna. Liqii guddaa yaada biyya lafaatti qabamuudhaan mirga waan hundumaarraa walaba taanee Waaqayyoon akka hin tajaajille nudaangessurraa fagaachuu qabna. Macaafni Qulqulluun, “Inni liqeeffatus abbaa liqiitiif hojjetaa dha” jechuudhaan nuhubachiisa. (Fakkeenya 22:7) Yihowaatti amanamuufi wantoota hafuuraatiif dursa kennuun wanta sirrii ta’erratti xiyyeeffachuu keenya akka itti fufnu nugargaara. Fakkeenyaaf, Guwoominiifi obboleettonnisaa lamaan haadhasaanii wajjin bakka manni kiraayii mi’aafi hojii dhaabbataa argachuun rakkisaa ta’e keessa jiraatu turan. Qarshii argatan qusannaadhaan itti fayyadamuufi baasii isaan barbaachisu walgargaaruunsaanii, yeroo hundisaanii hojii hin qabaannetti wanta jireenyaaf barbaachisu argachuuf isaan gargaareera. Guuwoomiin akkas jedha: “Yeroo tokko tokko hundi keenyayyuu hojii hin qabaannu. Ta’us, qajeelchitoota taanee tajaajiluufi haadha keenya kunuunsuu itti fufneerra. Haati keenya jireenya qannoo jiraachuuf jettee, sochiiwwan hafuuraa keenya akka dhiisnu waan hin barbaanneef guddaa ishee galateeffanna.”—2 Qorontos 12:14; Ibroota 13:5.

6. Fakkeenyi, jireenya keenya kaayyoo Waaqayyoo wajjin haala walsimuun jiraachuu akka dandeenyu argisiisu isa kamidha?

6 Wantoota qarshii wajjin wal qabatanis ta’e dhimmawwan kaaniin garmalee kan qabamte yoo ta’e, kaayyoo Waaqayyootiif dursa kennuuf sirreeffama gurguddaa gochuu sigaafata ta’a. Jijjiiramawwan kunimmoo yeroo baay’ee halkanuma tokkotti kan godhaman miti; jalqabarratti dogoggora raawwattuyyuu, sii hin mijaa’u jechuu miti. Mee Kooyichii, isa bashannanarratti yeroo dheeraa dabarsuudhaan rakkoo qabu haa’ilaalu. Kooyichiin yeroo umrii kurnanii keessa ture Macaafa Qulqulluu kan qayyabate ta’uyyuu, taphni viidiyoo waggoota baay’eedhaaf guutummaa jireenyasaa to’atee ture. Kooyichiin gaaf tokko akkas jedhee of gaafate: ‘Maal gochaa jirta? Amma waggoota soddomaa keessa jirta; jireenyakee kan kaayyoo qabu gochuuf garuu waanuma tokkoyyuu hin goone!’ Kooyichiin qayyabannaa Macaafa Qulqulluusaa kan itti fufe yommuu ta’u, gargaarsa gumiin godheefis fudhateera. Jijjiirama gochuun yeroo itti fudhatus abdii hin kutanne. Jabeessee kadhachuufi gargaarsa warra kaanirraa argateen, dhumarratti amalasaa kanarraa walaba ba’uu danda’eera. (Luqaas 11:9) Kooyichiin yeroo ammaatti tajaajilaa gumii ta’ee gammachuudhaan tajaajilaa jira.

Ilaalcha Sirrii Qabaachuu Baradhaa

7. Yeroo hojii Waaqayyoo raawwannu, ilaalcha sirrii qabaachuu kan qabnu maaliifi?

7 Haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraachuun garaa guutuudhaan carraaqqii gochuu gaafata. Kaayyoo Waaqayyoo raawwachuuf carraaqqii kan hin goone ykn dhibaa’oo ta’uu hin qabnu. (Ibroota 6:11, 12) Ta’us, Yihowaan qaama, sammuu ykn miira keenya akka dadhabsinu hin barbaadu. Dandeettii mataa keenyaan Waaqayyoon tajaajiluu akka hin dandeenye gadi of qabuudhaan amannee fudhachuun keenya ilaalcha sirrii qabaachuu keenya argisiisa. (1 Phexros 4:11) Yihowaan humna jaalalasaa raawwachuuf nubarbaachisu akka nuukennu abdii kennuyyuu, humna keenya malee wanta inni nurraa hin eegne gochuuf of dirqisiisuu hin qabnu. (2 Qorontos 4:7) Utuu of hin dadhabsiisin, Waaqayyoon tajaajiluu keenya ittifufuuf, humna keenyatti ogummaadhaan fayyadamuu qabna.

8. Shamarreen tokko biyya lafaafi Yihowaa qixxee tajaajiluu barbaaduusheetiin maaltu ishee mudate? Sirreeffama akkamii goote?

8 Fakkeenyaaf, Jii Hayeen isheen Baha Eeshiyaa jiraattu, qajeelchaa taatee utuu jirtuu waggaa lamaaf, hojii dadhabsiisaa hojjetti turte. Akkas jetti: “Yihowaafi biyya lafaa qixxee tajaajiluuf yaaleen ture;” “haata’u malee kanan rafu sa’aatii shaniif qofa ture. Dhumarrattis humna dhugaadhaaf ta’u waanan hin qabaanneef, gammachuun ani Yihowaa tajaajiluudhaan argadhu xinnoo ture.” Jii Hayeen ‘garaa guutuu, jireenya guutuu, yaada guutuufi humna guutuudhaan’ Yihowaa tajaajiluuf, hojii mindaa muraasa argamsiisuufi yeroo baay’ee hin fudhanne barbaachuu jalqabde. (Maarqos 12:30) Akkas jetti: “Maatiinkoo hojii mindaa guddaa naaf argamsiisu akkan hojjedhu dhiibbaa narraan ga’aniyyuu, kaayyoo Waaqayyootiif dursa kennuufan carraaqqii godhe. Ammas qarshii wantoota bu’uuraa nabarbaachisan, jechuunis uffata gaarii bitachuuf na dandeessisu nan argadha. Irriba gaarii argachuunkoos na gammachiisa! Tajaajilakoottis kanan gammadu si’a ta’u, amma karaa hafuuraa cimeera. Kunis kan ta’e, wantoota nama hawwisiisan, akkasumas xiyyeeffannaa namaa harkisaniifi biyyi lafaa dhiheessuuf yeroo waanan hin qabneefidha.”—Lallaba 4:6; Maatewos 6:24, 28-30.

9. Carraaqqiin nuyi goonu namoota tajaajilarratti argannurratti dhiibbaa gochuu kan danda’u akkamitti?

9 Namni hundumtuu tajaajilaa yeroo guutuu ta’ee Yihowaa tajaajiluu akka hin dandeenye beekamaadha. Dulluma, dhukkubaafi wantoota kaaniin humna dhabuu wajjin kan qabsooftu yoo ta’e, Yihowaan amanamummaakeefi tajaajila ati garaa guutuudhaan dhiheessitu guddaa akka dinqisiifatu yaadadhu. (Luqaas 21:2, 3) Kanaafuu, hundi keenya tajaajilli Waaqayyoof dhiheessinu muraasa ta’uyyuu, dhiibbaa tajaajilli keenya namoota kaanirratti gessisu akka laayyootti ilaaluu hin qabnu. Fakkeenyaaf, manneen muraasa rurrukunnee nama ergaa keenyaaf fedhii qabu tokkoyyuu hin arganne haajennu. Erga deebinee booda garuu, namoonni kun balbala nuuf banuu haadhiisaniyyuu malee, dhaquu keenya ilaalchisee sa’aatii dheeraadhaaf ykn guyyoota baay’eedhaaf waa’ee keenya odeessu ta’a! Namoonni hundi ergaa keenya ni dhaga’u jennee eeguu baannus, namoonni tokko tokko fedhii kan qaban ta’u danda’u. (Maatewos 13:19-23) Warri kaanimmoo, haalli biyya lafaa ykn haalli jireenyaasaanii yeroo jijjiiramutti ergaa keenya fudhachuu danda’u ta’a. Maaliyyuu yoo ta’e, hamma dandeenye tajaajila keenyarratti hirmaachuudhaan, hojii Waaqayyoo ni raawwanna. Nuyi “[Waaqayoo] wajjin in hojjena.”—1 Qorontos 3:9, 1899.

10. Carraawwan namoota gumii keessatti argaman hundumaaf banaman maalfa’i?

10 Akkasumas hundi keenya miseensota maatii keenyaa, obbolootaa keenya gumii Kiristiyaanaa keessatti argaman gargaaruu ni dandeenya. (Galaatiyaa 6:10) Dhiibbaa gaariin warra kaanirratti goonu cimaafi yeroo dheeraaf kan turu ta’uu danda’a. (Lallaba 11:1, 6) Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii hojiisaanii dhimmanii yoo hojjetan, namoonni gumii keessa jiran Yihowaa wajjin hariiroo gaariifi dhaabataa ta’e akka qabaatan kan gargaaran ta’uusaarrayyuu, sochiin gumichi karaa hafuuraa godhu ni dabala. ‘Hojii gooftaa caalchisnee yoo hojjenne’ dadhabuun keenya ‘akkasumaan akka hin taane’ nuu mirkaneeffameera.—1 Qorontos 15:58.

Kaayyoo Waaqayyoo Kaayyoo Jireenya Keenyaa Godhachuu

11. Gumii keenyaa keessatti tajaajiluu malees carraawwan tajaajilaa nuu banaman maalfa’i?

11 Kiristiyaanota waan taaneef, lubbuudhaan jiraachuun keenya kan nugammachiisu ta’uusaarrayyuu, gocha keenya hundaan Waaqayyoof ulfina kennuuf hawwina. (1 Qorontos 10:31) Misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti amanamummaadhaan kan hirmaannuufi abboommii Yesus kenne hundaa akka eeganiif warra kaan kan gargaaruu yoo ta’e, carraawwan tajaajilaa eebba nuuf argamsiisan baay’eetu nuu banama. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Gumii keenyaa wajjin hojjechuu qofa utuu hin ta’in, naannoo tajaajilaa labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan, afaan kan biraa dubbatamuufi biyya kan biraa dhaqnee tajaajiluufis carraan nuu banamuu danda’a. Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii hin fuuneefi ga’eessa ta’an, Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galanii leenjii argachuuf ni afeeramu ta’a; achiis gumiiwwan Kiristiyaanota muuxannoo qaban barbaachisanitti, biyyasaaniitti ykn biyya alaatti ergamu. Abbaan manaafi haati manaa tajaajila yeroo guutuu keessatti hirmaatanis, Giil’aad bakka misiyoononni itti leenjifamanitti erga leenjifamanii booda biyya alaa dhaqanii tajaajilu danda’u. Kana malees, Bet’el keessatti, hojiiwwan addaddaa waajjiroota damee suphuufi ijaaruuf namoonni fedhiidhaan hojjetan yeroo hundaa ni barbaachisu.

12, 13. (a) Carraa tajaajilaa isa kamiin akka filannu murteessuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Muuxannoon hojii tokkorraa arganne isa kaanirratti nufayyaduu akka danda’u ibsu dubbadhu.

12 Atoo gosa tajaajilaa isa kamirratti hirmaachuu filatta? Tajaajilaa Yihowaadhaaf ofmurteessite waan taateef, yeroo hundumaa qajeelfama argachuuf garasaafi gara jaarmiyaasaa ilaaluu qabda. ‘Hafuurrisaa inni gaariinis’ murtoo sirrii akka gootu si gargaara. (Nahimiiyaa 9:20) Hojiin inni tokko isa kaaniif kan nu qopheessu yommuu ta’u, muuxannoofi beekumsi gosa tajaajilaa tokkorratti arganne hojii ittaanuuf kan nugargaaru ta’uu danda’a.

13 Fakkeenyaaf, Deenisiifi haati manaasaa Jeeniin, hojii Galma Mootummaa ijaaruurratti yeroo hundumaa hirmaatu turan. Kibbi Yuunaayitid Isteets buubbee Kaatriinaa jedhamuun erga miidhamee booda, namoota achitti argamaniifi balaan irra ga’e gargaaruuf fedhiidhaan of dhiheessan. Deenis akkas jedha: “Beekumsa yeroo Galma Mootummaa ijaaraa tureetti arganne obboloota keenya gargaaruuf waan nudandeessiseef baay’ee nugammachiiseera. Dinqisiifannaan namoonni nuti gargaarre argisiisan baay’ee garaa nama kan tuqudha. Gareewwan gargaarsa kennan kaan hojiin manneen diigaman deebisanii ijaaruuf godhan isaanii hin milkoofne. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu manneen 5,300 ta’an, akkasumas Galmawwan Mootummaa hedduu suphuu ykn deebisanii ijaaruu danda’aniiru. Namoonni kana hubachuudhaan yeroo ammaatti ergaa keenyaaf fedha guddaa argisiisaniiru.”

14. Tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuu kan barbaaddu yoo ta’e maal gochuu dandeessa?

14 Tajaajila yeroo guutuu filachuudhaan haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun jiraachuu ni dandeessaa? Taanaan, eebbawwan baay’ee akka argattu beekamaadha. Haalli ati amma keessatti argamtu kana gochuuf kan siif hin heyyamne yoo ta’e, haalawwankee tokko tokko sirreessuu sibarbaachisa ta’a. Hojii tokko jalqabuukee dura akkuma Nahimiiyaa “hadaraa yaa Waaqayyo, . . . [garbichakeetii qajeelchi, 1899]” jedhii kadhadhu. (Nahimiiyaa 1:11) Achiis, ‘Isa kadhata namaa dhaga’uutti’ amanamuudhaan, tarkaanfii kadhannaakee wajjin walsimu fudhadhu. (Faarfannaa 65:2) Yihowaan caalaatti isa tajaajiluu akka dandeessuuf carraaqqiikee akka sii eebbisutti, jalqaba ati dursitee tarkaanfiiwwan kana fudhachuu qabda. Tajaajila yeroo guutuurratti hirmaachuuf erga murteessitee booda, haala murtookee kanaa wajjin walsimuun jiraadhu. Yeroon darbaa ennaa adeemu, muuxannoonkee, beekumsikeefi gammachuunkee dabalaa adeema.

Jireenya Nama Kiisu

15. (a) Kiristiyaanota yeroo dheeraadhaaf Waaqayyoon tajaajilaa turanii wajjin mari’achuufi seenaasaanii dubbisuun kan nufayyaduu akkamitti? (b) Seenaa jireenyaa baay’ee sijajjabeesse tokko caqasi.

15 Haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun yoo jiraatte eebba maalii argachuu dandeessa? Namoota waggoota dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilan, keessumaa warra tajaajila yeroo guutuurratti waggoota hedduu dabarsanii wajjin mari’adhu. Jireenya gammachiisaafi kaayyoo qabu jiraataniiru! (Fakkeenya 10:22) Yihowaan haala rakkisaa ta’e keessattillee, wanta isaan barbaachisu caalaatti akka isaaniif kenne sitti himuu danda’u. (Filiphisiiyus 4:11-13) Bara 1955 hanga 1961⁠tti, mataduree “Haala Kaayyoo Jireenyaakoo Wajjin Walsimuun Jiraachuu” jedhuun, seenaa namoota amanamoo ta’anii walitti aanee Masaraa Eegumsaarratti ba’a ture. Yeroo sanaa kaasee, seenaan jireenyaa namoota dhibbaan lakka’aman kaan ni ba’a. Tokkoon tokkoon seenaa jireenyaa kanaa, hinaaffaafi gammachuu kitaaba Macaafa Qulqulluu Hojii Ergamootaa keessatti argaman kan nuyaadachiisanidha. Seenaawwan nama gammachiisan akkasii yeroo dubbistu, ‘Kun jireenya ani jiraachuu barbaadudha!’ jettee akka dubbatu sikakaasu.

16. Jireenya Kiristiyaana tokkoo kaayyoo kan qabuufi gammachiisa akka ta’u wanti godhu maalidha?

16 Aaron inni keeyyata jalqabaarratti caqasame waan yaadatu akkas jechuudhaan dubbata: “Afriikaa keessatti, yeroo baay’ee dargaggoota kaayyoo jireenyaa argachuu barbaadanii wajjin walargeera. Baay’eensaanii kaayyoo kana tasumaa hin argatan. Kana gochuun carraaqqii cimaa kan gaafatu ta’ullee, misiraachoo Mootummichaa babal’isuudhaan, jireenya kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimu jiraachaa jirra. Fudhachuurra kennuudhaan gammachuu guddaan akka argamu muuxannoo keenyarraa hubachuu dandeenyeerra.”—Hojii Ergamootaa 20:35.

17. Yeroo ammaatti jireenya keenya haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun itti fayyadamuu kan qabnu maaliifi?

17 Atoo? Galma akkamiirra ga’uuf carraaqii gochaa jirta? Galma hafuuraa ifa ta’e hin qabdu taanaan, yeroofi humnikee wantoota kaaniin qabama. Wantoota sirni Seexanaa kun akka waan faayidaa qabanitti dhiheessuun jireenyakee maaliif balleessita? “Rakkinni guddaan” yeroo dhi’ootti ennaa dhufu, qabeenyiifi ulfinni biyya lafaa hundinuu gatii kan hin qabne ta’u. Wanti gatii guddaa qabu hariiroo Yihowaa wajjin qabnudha. Yeroo sanatti Waaqayyoofi namoota tajaajiluufi guutummaa jireenya keenyaa haala kaayyoo Waaqayyoo wajjin walsimuun itti fayyadamuu keenya guddaa dinqisiifanna!—Maatewos 24:21; Mul’ata 7:14, 15.

[Miiljaleewwan]

^ key. 1 Maqaan tokko tokko jijjiiramaniiru.

^ key. 1 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

Ibsuu Ni Dandeessaa?

• Yihowaan tajaajila isaaf dhiheessinu akkamitti ilaala?

• Tarkaanfiiwwan hojiirra ooluu danda’an fudhachuufi ilaalcha sirrii qabaachuun keenya, Waaqayyoofi namoota tajaajiluuf kan nugargaaru akkamitti?

• Carraawwan tajaajilaa nuu banaman garabiraan maalfa’i?

• Yeroo ammaatti jireenya kaayyoo dhugaa qabu jiraachuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]