Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Amala Bartoota Gochuuf Isin Gargaaru Horadhaa

Amala Bartoota Gochuuf Isin Gargaaru Horadhaa

Amala Bartoota Gochuuf Isin Gargaaru Horadhaa

“Dhaqaa . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” —MAATEWOS 28:19.

1. Tajaajiltoota Waaqayyoo bara durii turanirraa dandeettiifi ilaalcha akkamiitu barbaadama ture?

TAJAAJILTOONNI Yihowaa dandeettiifi amala fedhasaa raawwachuuf isaan gargaaru horachuun yeroo itti isaan barbaachisu jira. Fakkeenyaaf, Abrahaamiifi Saaraan ajaja Waaqayyo isaaniif kenne fudhatanii, magaalaa soorettii Uriin gadhiisanii erga deemanii booda, amalaafi dandeettii nama dunkaana keessa jiraaturraa barbaadamu qabaachuun isaan barbaachisee ture. (Ibroota 11:8, 9, 15) Iyaasuun, Israa’eloota gara Biyyattii Abdachiifamtetti geessuuf, ija jabina, Yihowaatti amanamuufi Seericha beekuu qaba ture. (Iyaasuu 1:7-9) Bazaali’eliifi Aholiiyab sanaan dura dandeettii akkamiiyyuu yoo qabaatan, hojii ijaarsa godoofi wantoota isaa wajjin walqabatanirratti hirmaachuu, akkasumas ilaaltota ta’uu akka danda’aniif hafuura Waaqayyootiin dandeettiisaanii akka fooyyessan beekamaadha.—Ba’uu 31:1-11.

2. Gaaffiiwwan hojii lallabaa wajjin walqabatan kamirratti mari’anna?

2 Waggoota dhibbaan lakkaa’aman booda Yesus Kiristos akkas jechuudhaan duuka buutotasaatiif hojii kennee ture: “Dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa! . . . Waanan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa!” (Maatewos 28:19, 20) Mirgi addaa hojii guddaa akkasii hojjechuuf gargaaru sanaan dura namootaaf kennamee hin beeku. Hojii bartoota gochuu kanaaf amalawwan akkamii qabaachuutu barbaachisa? Amalawwan kana qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Waaqayyoof Jaalala Guddaa Qabaachuu Keessan Argisiisaa

3. Abboommiin namoota bartoota akka goonu nuu kenname carraa akkamii nuu bana?

3 Namoota haasofsiisuufi Waaqa dhugaa akka waaqeffatan isaan amansiisuun, Yihowaadhaaf jaalala guddaa qabaachuu gaafata. Israa’eloonni garaa guutuudhaan abboommiiwwan Waaqayyootiif ajajamuudhaan, aarsaawwan fudhatama qaban dhiheessuufi faarfannaadhaan isa jajachuudhaan jaalala Isaaf qaban argisiisuu danda’u turan. (Keessa Deebii 10:12, 13; 30:19, 20; Faarfannaa 21:13; 96:1, 2; 138:5) Warra kaan bartoota kan goonu waan taaneef, nuyis seerawwan Waaqayyoo ni eegna; haata’u malee, waa’eesaafi kaayyoosaa warra kaanitti himuudhaanis jaalala Yihowaadhaaf qabnu ni ibsina. Abdii Waaqayyo nuu kenne warra kaanitti yeroo himnu, jechoota miira keenya sirriitti ibsan filachuudhaan wanta dubbannutti akka amannu karaa argisiisuun dubbachuu qabna.—1 Tasaloniiqee 1:5; 1 Phexros 3:15.

4. Yesus waa’ee Yihowaa namoota barsiisuun kan isa gammachiisu maaliif ture?

4 Yesus, Yihowaadhaaf jaalala guddaa waan qabuuf, waa’ee kaayyoo Waaqayyoo, waa’ee Mootummichaafi waa’ee waaqeffannaa dhugaa dubbachuun baay’ee isa gammachiisa ture. (Luqaas 8:1; Yohannis 4:23, 24, 31) “Nyaanni kan koo jaalala isa na ergee gochuudhaaf hojii isaa raawwachuu dha” jedhee ture. (Yohannis 4:34) Jechoonni faarfatichi akkas jechuudhaan dubbate Yesusiif ni hojjetu: “‘Yaa Waaqayyoo ko, fedha kee gochuun anatti in tola, seerri kees garaa koo keessa jira’ nan jedhe. Ani waldaa guddicha keessatti, waa’ee dhugaa argatanii furamuu misraachoo himeera; yaa Waaqayyo, akkuma ati beektu, kunoo, ani afaan koo kana labsuuttii hin dhowwine.”—Faarfannaa 40:8, 9; Ibroota 10:7-10.

5, 6. Namoonni hojii bartoota gochuurratti hirmaatan amala barbaachisaa isa kam qabaachuu qabu?

5 Namoonni reefuu dhugaa Macaafa Qulqulluu baratan, jaalala Waaqayyoof qabaniin kan ka’e yeroo tokko tokko waa’ee Yihowaafi waa’ee Mootummichaa amantii guutuudhaan dubbachuudhaan, Caaffata Qulqullaa’oo qorachuun barbaachisaa akka ta’e warra kaan amansiisuu danda’aniiru. (Yohannis 1:41) Sababiin hojii bartoota gochuurratti akka hirmaannu nu kakaasu inni guddaan jaalala Waaqayyoof qabnudha. Kanaafuu, yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluudhaan, jaalalli kun akka hin qabbanoofne haagoonu.—1 Ximotewos 4:6, 15; Mul’ata 2:4.

6 Yesus Kiristos Yihowaadhaaf jaalala qabaachuunsaa, barsiisaa hinaaffaa qabu ta’uuf akka isa gargaare beekamaadha. Ta’uyyuu, Mootummicha labsuudhaan bu’a qabeessa ta’uuf kan isa gargaare sababii kana qofa miti. Amalli kan biraan Yesus bartoota gochuutti bu’a qabeessa akka ta’u isa gargaare kami?

Namoota Akka Jaallattan Argisiisaa

7, 8. Yesus namootaaf ilaalcha akkamii qaba ture?

7 Yesus namootaaf ni yaada, akkasumas isaan ni jaallata ture. Nama ta’uusaa dura, yeroo Waaqayyoo biratti “hojjetaa” turetti, ilmaan namootaatti ni gammada ture. (Fakkeenya 8:30, 31, 1899) Yesus nama ta’ee lafarra yeroo turetti, namoota garasaa dhufan jajjabeessuudhaan akka isaaniif gaddu argisiiseera. (Maatewos 11:28-30) Yesus, jaalalaafi gara laafina Yihowaa kan argisiise yommuu ta’u, kunis namoonni Waaqa dhugaa isa tokkicha akka waaqeffatan godheera. Yesus namoota hundumaaf akka yaaduufi haallisaanii akka isa yaaddessu waan argisiiseef, namoonni haala addaddaa qaban hundi isa dhaggeeffachuu danda’aniiru.—Luqaas 7:36-50; 18:15-17; 19:1-10.

8 Namichi tokko jireenya barabaraa argachuuf maal gochuun akka isa barbaachisu yeroo gaafate, “Yesus ilaalee isa jaallate.” (Maarqos 10:17-21) Namoota Yesus Bitaaniyaa keessatti barsiise tokko tokko ilaalchisees, “Yesus immoo Maartaa fi obboleettii ishee, Alaazaariinis in jaallata ture” yaada jedhu dubbisna. (Yohannis 11:1, 5) Yesus namootaaf baay’ee waan yaaduuf, isaan barsiisuuf jecha boqonnaa isa barbaachisu gochuullee dhiiseera. (Maarqos 6:30-34) Yesus namootaaf garaadhaa kan yaadu ta’uunsaa, warra kaan gara waaqeffannaa dhugaatti harkisuudhaan eenyuyyuu caalaa bu’a qabeessa akka ta’u isa godheera.

9. Phaawulos namoota bartoota godhuuf ilaalcha akkamii qaba ture?

9 Phaawulos ergamaanis namoota isaaniif lallabeef garaadhaa ni yaada ture. Fakkeenyaaf, namoota Tasaloniiqeetti Kiristiyaanota ta’aniin akkas jedhee ture: “Firoomaaf baay’ifnee isin in yaadna; sababii isin jaallannuuf wangeela Waaqayyoo duwwaa utuu hin ta’in, lubbuu keenyas immoo isiniin ga’uun nutti in tola.” Phaawulos jaalalaan kaka’ee carraaqqii gochuusaatiin, namoonni Tasaloniiqee tokko tokko ‘waaqayyolii tolfamanirraa gara Waaqayyo isa jiraataatti deebi’aniiru.’ (1 Tasaloniiqee 1:9; 2:8) Akkuma Yesusiifi Phaawulos nuyis namootaaf garaadhaa kan yaannu yoo ta’e, misiraachichi “warri mootummaa Waaqayyootti galuudhaaf yaadataman hundinuu” garaasaanii akka jijjiiran ennaa godhu arguudhaan gammaduu dandeenya.—Hojii Ergamootaa 13:48.

Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu Keessan Argisiisaa

10, 11. Bartoota gochuuf yeroo yaallu, fedhii keenya aarsaa gochuun kan nubarbaachisu maaliifi?

10 Namoonni bartoota gochuudhaan bu’a qabeeyyii ta’an, fedhiisaanii aarsaa gochuu barbaadu. Namoonni akkasii qabeenya horachuun waan hundumaa caalaa barbaachisaadha jedhanii hin yaadan. Yesus bartootasaatiin, “Warra qabeeyyiidhaaf mootummaa Waaqayyootti galuun attam rakkisaa dha!” jedhee ture. Bartoonnisaa wanti dhaga’an kun isaan dinqisiisuyyuu, Yesus garuu itti dabalee akkas jedhchuudhaan dubbateera: “Ijoollee! Warri qabeenya isaanii amanatan mootummaa Waaqayyootti galuun attam dhiphuu dha! Sooressi tokko mootummaa Waaqayyootti galuu irra, gaalli qaawwa lilmoo keessa ba’uutu salphata.” (Maarqos 10:23-25) Yesus, duuka buutonnisaa warra kaan bartoota gochuurratti xiyyeeffachuuf jireenya salphaa akka jiraatan isaan gorseera. (Maatewos 6:22-24, 33) Fedhii ofii aarsaa gochuun keenya bartoota gochuuf kan nu gargaaru akkamitti?

11 Wanta Yesus abboome hunda barsiisuun carraaqqii guddaa gaafata. Kiristiyaanni warra kaan bartoota gochuu barbaadu tokko, nama fedhii qabu tokko torban torbaniin Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf carraaqqii godha. Labsitoonni Mootummichaa tokko tokko, namoota garaansaanii qajeelaa ta’e barbaaduurratti yeroo dabalataa qabaachuuf jecha, hojii yeroo guutuu hojjetan dhiisanii yeroo muraasa qofa hojjechaa jiru. Kiristiyaanonni kumaan lakkaa’aman, namoota naannoosaaniitti argamaniifi qomoonsaanii adda ta’eef lallabuuf jecha afaan kan biraa barataniiru. Kiristiyaanonni kaanimmoo, hojii lallabaa kanarratti caalaatti hirmaachuuf jecha bakka jireenyaasaanii dhiisanii gara naannoo ykn biyya biraa dhaqaniiru. (Maatewos 9:37, 38) Kun hundumtuu fedhii ofii aarsaa gochuu gaafata. Haata’u malee, karaa bu’a qabeessa ta’een bartoota gochuun kana caalaas waan gaafatu qaba.

Obsa Qabaadhaa, Garuu Yeroo Keessan Hin Balleessinaa

12, 13. Namoota bartoota gochuuf obsi baay’ee barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

12 Amalli bartoota gochuuf nu gargaaru inni kaan obsa qabaachuudha. Ergaa keenya dafnee labsuu kan qabnu ta’us, bartoota gochuun yeroofi obsa baay’ee gaafata. (1 Qorontos 7:29) Yesus obboleessasaa Yaaqoobiif obsuu hin dadhabne. Yaaqoob sochii lallabaa Yesus raawwate sirriitti kan beeku ta’uyyuu, yeroo sanatti duuka buutuusaa ta’uurraa duubatti jedhee ture. (Yohannis 7:5) Haata’u malee, Caaffanni Qulqullaa’oon akka jedhanitti haadhaafi obbolootasaa, akkasumas ergamootaa wajjin kadhannaadhaaf walitti qabamee waan tureef, yeroo du’a Kiristosiifi Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqostee gidduu jiru keessatti Yaaqoob duuka buutuu Yesus ta’eera. (Hojii Ergamootaa 1:13, 14) Yaaqoob boodarratti gumii Kiristiyaanaa keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuudhaan karaa hafuuraa guddateera.—Hojii Ergamootaa 15:13; 1 Qorontos 15:7.

13 Hojii qonnaan bultootaa wajjin haala walfakkaatuun Kiristiyaanonni, wantoota suuta suutaan guddatan jechuunis, Dubbii Waaqayyoo hubachuu, Yihowaadhaaf jaalala qabaachuufi ilaalcha akka Kiristos horachuuf obsi isaan barbaachisa. Yaaqoob akkas jechuudhaan barreesseera: “Obboloota ko, hamma gooftaan deebi’ee dhufutti obsaan danda’aa! Kunoo, qottuun hamma lafti bokkaa isa dura ro[o]buu fi isa booddee roobu argatutti, obsaan danda’uudhaan ija lafaa isa gati-jabeessa in eeggata. Isinis immoo obsaan danda’aa! Deebi’ee dhufuun gooftaa waan dhi’aateef garaa keessan jajjabeessaa.” (Yaaqoob 5:7, 8) Yaaqoob, namoonni hidhata amantiisaa ta’an ‘hamma Gooftaan dhufutti obsaan akka eeggatan’ gorsaa ture. Yesus bartoonnisaa waan tokko hubachuu yoo dadhaban, obsaan isaaniif ibsa ykn fakkeenyaan itti hima ture. (Maatewos 13:10-23; Luqaas 19:11; 21:7; Hojii Ergamootaa 1:6-8) Yeroo Gooftaan dhufee jiru kanattis bartoota gochuuf carraaqaa waan jirruuf obsa qabaachuun nu barbaachisa. Namoota yeroo keenya kanatti duuka buutota Yesus ta’aniif obsaan barumsi kennamuufii qaba.—Yohannis 14:9.

14. Obsa qabaannuyyuu, ennaa bartoota goonu yeroo qabnutti malaan fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

14 Obsa qabaannuyyuu, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqabne baay’eesaanii keessatti dubbichi firii hin godhatu. (Maatewos 13:18-23) Kanaafuu, isaan gargaaruuf hamma barbaachisaa ta’e erga carraaqnee booda, namoota akkasii wajjin yeroo balleessuu keenya malaan dhiisuudhaan, namoota dhugaa Macaafa Qulqulluu caalaatti dinqisiifatan barbaaduuf carraaqna. (Lallaba 3:1, 6) Warri dhugaa Macaafa Qulqulluu dinqisiifatanillee, ilaalchasaaniifi wanta dursa kennaniifirratti jijjiirama gochuuf gargaarsi dabalataa akka isaan barbaachisu beekamaadha. Kanaafuu, akkuma Yesus bartootasaa warra ilaalchasaanii sirreessuun yeroo dheeraa itti fudhatee tureef obse, isaanii obsina.—Maarqos 9:33-37; 10:35-45.

Ogummaa Ittiin Barsiistan Guddifadhaa

15, 16. Karaa salphaa ta’een barsiisuufi akka gaariitti qophaa’uun, warra kaan bartoota gochuuf barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

15 Namni tokko bartoota gochuutti bu’a qabeessa ta’uuf, Waaqayyoon jaallachuu, namootaaf yaaduu, fedhiisaa aarsaa gochuufi obsa qabaachuunsaa baay’ee barbaachisaadha. Barumsicha karaa ifaafi salphaa ta’een ibsuuf waan nu dandeessisuuf ogummaa ittiin barsiisnus guddifachuu qabna. Fakkeenyaaf, barumsawwan Yesus kenne salphaa waan turaniif, bu’aa guddaa argamsiisaniiru. Wanta Yesus dubbate keessaa yaada armaan gadii ni yaadatta ta’a: “Badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti . . . walitti qabadhaa!” “Foon aarsaadhaaf qulqullaa’e sarootaaf hin kenninaa!” “Ogummaan Waaqayyoo ija hojii isaatiin dhugaa argate.” “Mootichaaf, kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa; Waaqayyoofis kan fudhachuun isaaf ta’u kennaa!” (Maatewos 6:20; 7:6; 11:19; 22:21) Kana yeroo jennu Yesus himoota gaggabaaboo dubbatee dhiise jechuu miti. Yeroo barbaachisetti wanta dubbaterratti ibsa kennuudhaan barumsa ifa ta’e kenna ture. Mala Yesus ittiin barsiise hordofuu kan dandeessu akkamitti?

16 Karaa salphaafi ifa ta’een barsiisuuf akka gaariitti qophaa’uun barbaachisaadha. Barsiisaan hin qophoofne baay’ee dubbata. Barumsa sana ilaalchisee waan beeku hundumaa waan dubbatuuf yaanni ijoo barumsichaa akka dhokatu godha. Karaa gara biraatiin garuu, barsiisaan akka gaariitti qophaa’e waa’ee barataasaa yaada, barumsicharratti xiinxala, akkasumas waan barbaachisaa ta’e qofa karaa ifa ta’een dabarsa. (Fakkeenya 15:28; 1 Qorontos 2:1, 2) Barataansaa dhimma sana hammam akka beekuufi yeroo qayyabannicha geggeessu qabxiiwwan akkamiirratti xiyyeeffachuu akka qabu yaada. Babal’isaan sun yaadawwan gaggaarii barumsichaa wajjin walitti dhufeenya qaban hedduu kan beeku ta’ullee, barumsa tokko ifa gochuuf yaadawwan barbaachisaa hin taane hambisuu qaba.

17. Namoonni Caaffata Qulqullaa’oorratti akka yaadan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

17 Yesus namootatti waan dhugaa ta’e qofa itti himuu mannaa, akka irratti yaadan godheera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko akkas jedhee Simooniin gaafatee ture: “Maal sitti fakkaata yaa Simoon? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiis gibira eenyu irraa fudhatu? Namoota isaanii irraa moo yookiis warra ormaa irraa fudhatu?” (Maatewos 17:25) Macaafa Qulqulluurratti ibsa hedduu kennuun kan nu gammachiisu yoo ta’e, baratichi yaadasaa akka ibsu ykn barumsa qayyabachaa jirurratti ibsa akka kennu gochuuf of qabuu qabna. Namootatti gaaffii baay’isuu hin qabnu. Kanaa mannaa, fakkeenyawwan gaariifi gaaffiiwwan salphaa ta’aniin malaan fayyadamuudhaan, yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oo barreeffamoota keenya keessatti dhihaatan akka hubatan gargaaruu dandeenya

18. ‘Ogummaan barsiisuu’ maalfaa dabalata?

18 Caaffanni Qulqullaa’oon waa’ee ‘ogummaa ittiin barsiisnuu’ ni dubbatu. (2 Ximotewos 4:2, NW; Tiitoos 1:9) Dandeettiin barsiisuu akkasii kun, namni tokko wantoota kanaan dura beeku akka yaadatu gargaaruu caalaa waan dabalatu qaba. Barataan Macaafa Qulqulluu tokko garaagarummaa dhugaafi soba, gaariifi gadhee, akkasumas ogummaafi gowwummaa gidduu jiru akka hubatu isa gargaaruuf carraaquu qabna. (Maatewos 6:5, 6) Kana yoo gooneefi baratichi jaalala Yihowaadhaaf qabu akka guddisu gochuuf yoo carraaqne, maaliif isaa abboomamuu akka qabu hubachuu danda’a.

Hojii Bartoota Gochuurratti Hinaaffaadhaan Hirmaadhaa

19. Kiristiyaanonni hundumtuu bartoota gochuurratti kan hirmaatan akkamitti?

19 Gumiin Kiristiyaanaa jaarmiyaa namoota bartoota godhudha. Namni haaraan tokko duuka buutuu Yesus yeroo ta’u, gammaduuf sababii kan qabu Dhugaa Baatuu Yihowaa isa argateefi Macaafa Qulqulluu akka baratu isa gargaare sana qofa miti. Namoonni garee mucaa bade barbaadu ennaa gurmeessan, mucicha kan argatu isaan keessaa nama tokko qofadha. Yeroo mucichi argamee warrasaatti deebi’u garuu namoota isa barbaadaa turan hundatu gammada. (Luqaas 15:6, 7) Haaluma walfakkaatuun, namoota bartoota gochuurrattis guutummaa gumiitu hirmaata. Kiristiyaanonni hundumtuu namoota bartoota Yesus ta’uuf jiran barbaaduurratti hirmaatu. Namni haaraan tokko walga’iiwwan Galma Mootummaatti godhamanirratti argamuu yeroo jalqabu, Kiristiyaanonni achitti argaman hundi dinqisiifannaa waaqeffannaa dhugaatiif qabu akka guddifatu isa gargaaru. (1 Qorontos 14:24, 25) Kanaafuu Kiristiyaanonni hundumtuu waggaa waggaadhaan namoonni kumaatama dhibbaan lakkaa’aman bartoota ta’uusaaniitiin gammaduu danda’u.

20. Warra kaan dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuu yoo barbaadde maal gochuu qabda?

20 Kiristiyaanonni amanamoo ta’an hedduun, nama tokko waa’ee Yihowaafi waaqeffannaa dhugaa barsiisuun isaan gammachiisa. Ta’uyyuu, hamma danda’an carraaqanis milkaa’uu dhiisuu danda’u. Wanti akkasii si mudateera taanaan, jaalala Yihowaadhaaf qabdu cimsuuf, caalaatti namootaaf kan yaaddu, fedhii ofii aarsaa gochuuf, obsa qabaachuuf, akkasumas ogummaa ittiin barsiistu guddisuuf yaaluukee itti fufi. Hunda caalaammoo, fedhii dhugaa barsiisuuf qabdu Kadhannaadhaan Yihowaatti himi. (Lallaba 11:1) Hirmaannaan tajaajila Yihowaarratti gootu hundi, hojii bartoota gochuu isa Waaqayyoof ulfina fidu akka deggeru beekuunkee jajjabina siif argamsiisa.

Ibsuu Dandeessaa?

• Bartoota gochuun jaalala Yihowaadhaaf qabnu kan argisiisu akkamitti?

• Namni bartoota godhu tokko amalawwan akkamii qabaachuutu isa barbaachisa?

• ‘Ogummaan barsiisuu’ maalfaa dabalata?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]