Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Bartoota Gochuudhaan Isa Hunda Caalu Fakkaadhaa

Bartoota Gochuudhaan Isa Hunda Caalu Fakkaadhaa

Bartoota Gochuudhaan Isa Hunda Caalu Fakkaadhaa

“Akka itti dhageessanitti akeekkadhaa!” —LUQAAS 8:18.

1, 2. Yesus tajaajilasaarratti namoota akkamitti qabaa akka ture beekuu kan qabdu maaliifi?

YESUS KIRISTOS yeroo duuka buutotasaatiin, “Akka itti dhageessanitti akeekkadhaa!” jedheen, Barsiisaa Guddichaafi warra kaan bartoota kan godhu ta’uudhaan ga’eesaa raawwachaa ture. (Luqaas 8:16-18) Atis Kiristiyaana waan taateef seerri bu’uuraa kun tajaajila keetiif ni hojjeta. Barumsawwan waa’ee Waaqayyoofi kaayyoosaa dubbatanirratti yoo xiyyeeffatte, barumsawwan kana hojiirra oolchuufi labsituu Mootummichaa ta’uudhaan bu’aa argachuu dandeessa. Yeroo har’aatti sagalee Yesus dhaga’uu akka hin dandeenye beekamaadha; ta’uyyuu wanta inni jedheefi godhe ilaalchisee wanta Caaffata Qulqullaa’oorratti barreeffame dubbisuu dandeessa. Akkaataa Yesus tajaajilasaarratti namoota itti qabe ilaalchisee Caaffanni Qulqullaa’oon maal dubbatu?

2 Yesus misiraachicha lallabuudhaan bu’a qabeessa yommuu ta’u, dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo akka gaariitti barsiisuudhaanis beekamaa ture. (Luqaas 8:1; Yohannis 8:28) Bartoota gochuun, lallabuufi barsiisuu kan dabalatudha. Ta’us, Kiristiyaanonni akka gaariitti lallabuu danda’an tokko tokko, karaa bu’a qabeessa ta’een namoota barsiisuun isaan rakkisa. Lallabuu jechuun, ergaa tokko labsuu jechuudha. Waa’ee Yihowaafi kaayyoosaa namoota barsiisuun garuu, warra barsiisnuu wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuus ni gaafata. (Maatewos 28:19, 20) Fakkeenya Yesus Kiristos Barsiisaa Guddichaafi bartoota gochuutti hundarra caalu hordofuudhaan kana gochuun ni danda’ama.—Yohannis 13:13.

3. Fakkeenya Yesus hordofuunkee, bartoota gochuuf carraaqqii gootuun bu’aa akkamii argamsiisuu danda’a?

3 Malawwan Yesus ittiin barsiise kan hordoftu yoo ta’e, gorsa Phaawulos ergamaan akkas jechuudhaan kenne ni fudhatta: “Yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjechuudhaan, namoota waldaa kristiyaanaa keessa hin jirree wajjin akka itti jiraattan ogummaadhaan amaleeffadhaa! Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta’u beekaa!” (Qolosaayis 4:5, 6) Hojii bartoota gochuutiin fakkeenya Yesus hordofuun carraaqqii gaafata. Ta’uyyuu akkuma barbaachisummaasaatti ‘namaaf adduma addaan deebii deebisuuf’ waan si gargaaruuf, barumsikee bu’a qabeessa akka ta’u godha.

Yesus Warri Kaan Akka Dubbatan Jajjabeesseera

4. Yesus akka gaariitti dhaggeeffata ture jechuu kan dandeenyu maaliifi?

4 Yesus ijoollummaasaatii kaasee namoota dhaggeeffachuufi yaadasaanii akka ibsan gochuu amaleeffatee ture. Fakkeenyaaf yeroo umriinsaa waggaa 12 turetti, warrisaa mana qulqullummaa keessatti barsiistota gidduu taa’ee “isaan utuu dhaggeeffatuu gaaffiis utuu isaan gaafatuu” argatan. (Luqaas 2:46) Yesus gara mana qulqullummaa kan dhaqe beekumsasaatiin barsiistota qaanessuuf hin turre. Gaaffii kan gaafate ta’uyyuu, kan achi dhaqe dhaggeeffachuuf ture. Akka gaariitti kan dhaggeeffatu ta’uunsaa, sababii Waaqayyo birattis ta’e namoota biratti fudhatama akka argatu godhe keessaa tokko ta’uu danda’a.—Luqaas 2:52.

5, 6. Yesus yaada namoota barsiisaa turee dhaggeeffachuusaa akkamitti beekna?

5 Yesus cuuphamee Masiihii ta’ee erga dibamee booda, fedhiin namoota dhaggeeffachuuf qabu hin hir’anne. Xiyyeeffannaansaa wanta barsiisaa turetti guutummaatti harkifamuusaatiin kan ka’e, warri isa dhaggeeffachuuf dhufan yeroo dubbatan dhaggeeffachuu hin dadhabne. Yeroo baay’ee, haasaasaa gidduutti dhaabee yaadasaanii gaafachuudhaan wanta dubbatan ni dhaggeeffata ture. (Maatewos 16:13-15) Fakkeenyaaf Yesus Maartaadhaan obboleessishee Alaazaar erga du’ee booda, “Kan anatti amanu hundinuu immoo bara baraan hin du’u” jedheenii ture. Achiis, “Kana amantaa ree?” jedhee ishee gaafate. Yeroo isheen, “Eeyyee gooftaa, ati Kristos, isa gara biyya lafaa dhufuuf jiru, ilma Waaqayyoo akka taate amaneera” jettuun akka ishee dhaggeeffate beekamaadha. (Yohannis 11:26, 27) Yeroo Maartaan jechoota kana dubbachuudhaan amantaashee ibsitu dhaga’uunsaa baay’ee isa gammachiisee ta’uu qaba!

6 Yesus bartoonnisaa hedduun isa dhiisanii yommuu deeman, ilaalcha ergamoonnisaa qaban dhaga’uu barbaadee ture. Kanaafuu, “Isinis immoo adeemuu in barbaadduu iyyuu?” jedhee isaan gaafate. Simoon Phexros deebisee akkas jedheen: “Si dhiifnee eenyu bira dhaqna ree? Gooftaa, dubbii waa’ee jireenya bara baraa nama barsiisu situ qaba’o. Nuyi isa tokkicha qulqulluu Waaqayyoo akka ati taate amanneerra, beekneerras.” (Yohannis 6:66-69) Jechoonni kun Yesusiin baay’ee akka gammachiisan beekamaadha! Namni Macaafa Qulqulluu qayyabsiistu amantiisaa akkasitti ibsuunsaa akka si gammachiisu beekamaadha.

Yesus Kabajaan Dhaggeeffateera

7. Namoonni Samaariyaa hedduun Yesusitti kan amanan maaliifi?

7 Sababiin Yesus bartoota gochuudhaan bu’a qabeessa itti ta’e kan biraanimmoo, namootaaf kan yaaduufi kabajaan kan isaan dhaggeeffatu ta’uusaati. Fakkeenyaaf, Yesus yeroo tokko boolla bishaanii Yaaqoob isa Siikaaritti argamu biratti dubartii Samaariyaa tokkoof lallabeera. Yeroo mari’achaa turanitti Yesus inni qofaan dubbachuu mannaa waan isheen jettu ni dhaggeeffata ture. Yesus ishee dhaggeeffachuusaatiin waaqeffannaadhaaf fedhii akka qabdu waan hubateef, Waaqayyo warra hafuuraafi dhugaadhaan isa waaqeffatan akka barbaadu isheetti hime. Yesus dubartii kana akka kabajuufi akka isheedhaaf yaadu argisiisuusaatiin kan ka’e, waa’eesaa warra kaanitti himte. “Sababii dubartittiin . . . dhugaa baateef, mandara sanaa warri Samaariyaa baay’een isatti amanan.”—Yohannis 4:5-29, 39-42.

8. Yeroo baay’ee namoonni yaadasaanii ibsuu kan jaallatan ta’uunsaanii, tajaajilarratti marii jalqabuuf sigargaaruu kan danda’u akkamitti?

8 Yeroo baay’ee namoonni ilaalchasaanii ibsuun isaan gammachiisa. Fakkeenyaaf, jiraattonni Ateenaa durii, ilaalchasaanii ibsuufi wanta haaraa tokko dhaggeeffachuun isaan gammachiisa ture. Kun ta’uunsaa, Phaawulos ergamaan magaalaa sana keessatti yaa’ii gaara Aariyophaagosirratti walga’uuf haasawaa bu’a qabeessa ta’e akka kennu godheera. (Hojii Ergamootaa 17:18-34) Yeroo har’aa tajaajilarratti si’a nama tokko haasofsiistu akkas jechuu dandeessa: “[Yaada tokko kaasuudhaan] dhimma kanarratti ilaalcha akkamii akka qabdu beekuu waanan barbaadeefan garakee dhufe.” Yaadasaa dhaggeeffadhuutii yaada irratti kenni ykn gaaffii isa gaafadhu. Achiis, gaarummaadhaan dhimma sana ilaalchisee Macaafni Qulqulluun maal akka jedhu itti argisiisi.

Yesus Maal Jechuu Akka Qabu Beeka Ture

9. Yesus “macaafa keessatti kan caafame” Qileyophaafi hiriyaasaatiif ibsuusaa dura maal godhe?

9 Yesus maal jechuu akka qabu tasumaa rakkatee hin beeku. Akka gaariitti kan nama dhaggeeffatu ta’uusaa malees, waan namoonni yaadan waan beekuuf waan jechuu qabu sirriitti beeka ture. (Maatewos 9:4; 12:22-30; Luqaas 9:46, 47) Fakkeenyaaf, Yesus du’aa ka’ee utuu baay’ee hin turin, bartoonnisaa lama Yerusaalemii gara Emaahus deemu turan. Wangeelichi akkas jedha: “Utuu isaan haasa’aa, irrattis dudubbachaa adeemanii, Yesus ofii isaa isaan bira ga’ee, isaan wajjinis adeeme. Iji isaanii garuu, isa akka hin hubanneef ittifamee ture. Yommus Yesus, ‘Inni isin walii wajjin haasa’aa adeemtan kun, maali?’ jennaan, nyaara guuranii achuma dhaabatan. Isaan keessaa inni Qileyophaa jedhamu tokko deebisee, ‘Warra Yerusaalem jiraatan keessaa waan gidduu kana mandaricha keessatti ta’e kan hin beekne, si’uma duwwaa dhaa?’ jedhe. Inni, ‘Waan attamii ti?’ isaaniin je[dhe.]” Barsiisaa Guddichi, jarri kun Yesus Naazrichi namoota barsiisuusaa, dinqiiwwan raawwachuusaafi ajjeefamuusaa yeroo ibsaniif isaan dhaggeeffata ture. Isaan keessaa tokko tokko inni du’aa akka ka’e dubbachaa turan. Yesus Qileyophaafi hiriyaansaa yaadasaanii akka ibsan godhe. Achiis, “macaafa keessatti kan caafame” isaanii ibsuudhaan, wanta beekuun isaan barbaachisu ibseef.—Luqaas 24:13-27, 32.

10. Namni tajaajilarratti argattu tokko amantiidhaaf ilaalcha akkamii akka qabu akkamitti beekuu dandeessa?

10 Namni tokko amantiidhaaf ilaalcha akkamii akka qabu hin beektu ta’a. Kana beekuuf, kadhannaa ilaalchisee yaanni namootaa maal akka ta’e dhaggeeffachuun akka si gammachiisu itti himuu dandeessa. Achiis, “Kadhannaa namaa kan dhaga’u jira jettee yaaddaa?” jettee gaafachuu dandeessa. Deebiin inni sii kennu, namichi amantiidhaaf ilaalcha akkamii akka qabuufi amantiinsaa maal akka ta’e si hubachiisuu danda’a. Nama amantii yoo ta’e, akkas jettee gaafachuudhaan caalaatti ilaalchasaa beekuu dandeessa: “Waaqayyo kadhannaa hundumaa kan dhaga’u sitti fakkaatamoo, kadhannaan isa biratti fudhatama hin qabne jira jettee yaadda?” Gaaffiiwwan akkasii, utuu hin dhiphatin waliin mari’achuuf gargaaruu danda’u. Wanta Caaffanni Qulqullaa’oon jedhan dubbachuun yeroo barbaachisutti, amantaa namichaa mormuudhaan utuu hin ta’in malaan dubbachuunkee gaariidha. Si dhaggeeffachuun yoo isa gammachiise, deebitee akka dhaqxu barbaada ta’a. Gaaffii ati deebisuu hin dandeenye yoo si gaafatehoo? Qorannaawwan tokko tokko gochuufi qophooftee dhaquudhaan, ‘waa’ee abdii si keessa jiru arraba laafaadhaaniifi nama safeeffachuudhaan deebii ga’u deebisuu’ dandeessa.—1 Phexros 3:15, 16.

Yesus Namoota Isaaniif Ta’u Barsiiseera

11. Namoota barachuun isaaniif ta’u argachuuf maaltu sigargaara?

11 Yesus inni cubbuu hin qabne, hubannaa waan qabuuf namoota isarraa barachuun isaaniif ta’u addaan baasee beeka ture. Namoota ‘jireenya barabaraatiif qophaa’an’ argachuun nuuf baay’ee rakkisaadha. (Hojii Ergamootaa 13:48, 1899) Ergamoonni Yesus, warri inni, “Mandara yookiis ganda kamitti illee yommuu galtan, nama ta’u barbaadaa” jedheenis haaluma akkasiitu isaan mudate. (Maatewos 10:11) Atis akkuma ergamoota Yesus, namoota barumsawwan dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argaman dhaggeeffachuufi barachuu fedhan barbaaduu qabda. Namoota haasofsiistu hunda ofeeggannoodhaan dhaggeeffattee ilaalchasaanii hubachuudhaan, warra isaaniif ta’u argachuu dandeessa.

12. Nama fedhii argisiise gargaaruukee itti fufuu kan dandeessu akkamitti?

12 Nama ergaa Mootummichaatiif fedhii qabu haasofsiistee erga biraa adeemtee booda, waa’ee dhugaa Macaafa Qulqulluu isa kamii barachuu akka qabu yaaduukee itti fufuu qabda. Nama tokkoo wajjin waa’ee misiraachichaa erga haasoftee booda wanta hubatte tokko barreeffachuunkee, karaa hafuuraa namicha gargaaruukee akka itti fuftu sigargaara. Amantaa, ilaalcha ykn haalawwan namichaa caalaatti beekuu yoo barbaadde, yeroo deddeebitee isa gaafattu sirriitti isa dhaggeeffachuu qabda.

13. Ilaalcha namni tokko Macaafa Qulqulluudhaaf qabu hubachuuf maaltu sigargaaruu danda’a?

13 Namoonni Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee wanta isaanitti dhaga’amu akka sitti himan gochuu kan dandeessu akkamitti? Naannoowwan tokko tokkotti, “Yaada Macaafa Qulqulluu hubachuuf yaaltee beektaa?” jedhanii gaafachuun bu’aa qaba. Yeroo baay’ee gaaffiin akkasii ilaalcha namichi dhimmawwan hafuuraatiif qabu ifa godha. Malli kan biraanimmoo, caqasa tokko erga dubbisanii booda, “Kun sirriidha jettee yaaddaa?” jedhanii gaafachuudha. Akkuma Yesus, gaaffiiwwan gaggaariitti fayyadamuudhaan tajaajilakee akka gaariitti raawwachuu dandeessa. Haata’u malee, ofeeggannoo gochuunis barbaachisaadha.

Yesus Gaaffiiwwaniin Akka Gaariitti Fayyadameera

14. Namoota utuu hin qorin ilaalchasaaniitiif bakka guddaa akka laattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?

14 Ilaalcha namootaa kabaji malee akka qaana’an hin godhin. Mala Yesus fayyadame hordofi. Inni akkasumaan gaaffii isatti dhufe utuu hin ta’in, gaaffiiwwan namni tokko yaadasaa akka ibsu godhan gaafata ture. Kana malees Yesus, gaarummaadhaan nama dhaggeeffachuudhaan namoota garaa qajeelaa qaban kan gammachiisuufi akka hin dhiphanne kan godhu ture. (Maatewos 11:28) Namoonni haala addaddaa keessatti argaman hundi isatti dhihaatanii rakkinasaanii itti himuu hin sodaatan turan. (Maarqos 1:40; 5:35, 36; 10:13, 17, 46, 47) Namoonni waa’ee Macaafa Qulqulluufi barumsawwansaa wanta yaadan sitti himuu yoo barbaadan, isaan qoruurraa of qusachuu qabda.

15, 16. Namoonni dhimmawwan amantiirratti akka mari’atan gochuu kan dandeessu akkamitti?

15 Karaa bu’aa qabuun gaaffiiwwaniin fayyadamuu malees, wanta nama gammachiisu tokko dubbachuufi wanta warri kaan deebisan dhaggeeffachuudhaan mariidhaaf isaan kakaasuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Yesus Niqoodemosiin, “Eenyu illee olii yoo dhalachuu dhaabaate, mootummaa Waaqayyoo arguu iyyuu hin danda’u” jedhee ture. (Yohannis 3:3) Jechoonni sun fedhii namaa kan kakaasan waan ta’aniif, Niqoodemos Yesusii wajjin akka mari’atuufi akka isa dhaggeeffatu godhaniiru. (Yohannis 3:4-20) Atis akkuma kanaan namoonni sii wajjin akka mari’atan gochuu dandeessa ta’a.

16 Yeroo har’aa ardiiwwan akka Afriikaa, Awurooppaa Bahaafi Laatiin Ameerikaatti amantiiwwan haaraa hedduun hundeeffamuunsaanii dhimma namoonni baay’een irratti mari’atan ta’eera. Biyyoottan akkasiitti yeroo baay’ee akkas jechuudhaan marii jalqabuu dandeessa: “Amantiiwwan baay’achuunsaanii na yaaddessaa jira. Haata’u malee, yeroo dhihootti saboota hundumaa keessaa namoonni waaqeffannaa dhugaadhaan tokko akka ta’an nan abdadha. Utuu akkas ta’ee ni gammaddaa?” Abdii qabdu ilaalchisee wanta nama gammachiisu tokko erga dubbattee booda, namoonni ilaalchasaanii akka ibsan gochuu dandeessa. Gaaffiiwwan deebii lama qaban gaafachuun gaafficha salphaa godha. (Maatewos 17:25) Namichi gaaffii gaafatterratti yaada erga kennee booda, atumti caqasa tokko ykn lama dubbisuudhaan gaafficha deebisi. (Isaayaas 11:9; Sefaaniyaa 3:9) Deebii namichi kennu sirriitti dhaggeeffachuufi hubachuudhaan, wanta yeroo ittaanuirratti mari’attan murteessuu dandeessa.

Yesus Ijoollee Dhaggeeffateera

17. Yesus ijoolleedhaaf bakka guddaa akka kennu kan argisiisu maalidha?

17 Yesus namoota gurguddaa qofaaf utuu hin ta’in ijoolleedhaafis xiyyeeffannaa kenna ture. Tapha ijoolleen taphataniifi waan isaan jedhan beeka ture. Yeroo tokko tokko ijoolleen garasaa akka dhufan afeera ture. (Luqaas 7:31, 32; 18:15-17) Namoota hedduu Yesusiin dhaggeeffatan gidduu ijoollee baay’eetu argama ture. Yeroo ijoollee xixinnoon sagalee guddaadhaan Masiihicha faarfatan, Yesus xiyyeeffannaa kennuudhaan, kun Caaffata Qulqullaa’oorratti raajiidhaan dubbatamee akka ture ibseera. (Maatewos 14:21; 15:38; 21:15, 16) Yeroo ammaa ijoollee hedduun bartoota Yesus ta’aa jiru. Akkamitti isaan gargaaruu dandeessaree?

18, 19. Mucaankee duuka buutuu Yesus akka ta’u gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

18 Mucaakee karaa hafuuraa gargaaruuf, isa dhaggeeffachuu qabda. Yaadawwan ilaalcha Yihowaa wajjin wal hin simne akkamii akka qabu hubachuun sibarbaachisa. Mucaankee wanta akkamiiyyuu yoo dubbate dura isa galateeffachuun barbaachisaadha. Sana booda Mucaankee dhimmawwan tokko tokkorratti ilaalcha Yihowaan qabu akka hubatu gargaaruuf caqasoota barbaachisaa ta’anitti fayyadamuu dandeessa.

19 Gaaffii isaan gaafachuun miirasaanii hubachuuf isin gargaara. Haata’u malee, akkuma nama guddaa ijoolleenis gaaffiidhaan qoramuu hin barbaadan. Mucaankee gaaffiiwwan ulfaataa ta’an hedduu akka deebisu gaafachuu mannaa, waa’ee ofiikeetii yaada tokko yoo dubbatte hin wayyuu? Wanta irratti mari’achaa jirtanirratti hundaa’uudhaan, wanti tokko sitti dhaga’amaa akka tureefi akkas kan sitti dhaga’ame maaliif akka ta’e ibsuu dandeessa. Achiis, “Atis akkas sitti dhaga’amaa?” jettee gaafachuu dandeessa. Deebiin mucaakee, marii gaarii Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e akka gootan karaa banuu danda’a.

Bartoota Gochuudhaan Isa Hunda Caalu Fakkaachuu Keessan Itti Fufaa

20, 21. Bartoota gochuuf sirriitti nama dhaggeeffachuu kan qabdu maaliifi?

20 Mucaa keessanis ta’e nama kaanii wajjin dhimma tokkorratti mari’achaa kan jirtan yoo ta’e, akka gaariitti dhaggeeffachuun keessan baay’ee barbaachisaadha. Kunimmoo dhugumaan jaalala kan argisiisudha. Dhaggeeffachuun keessan, kan gad of qabdan ta’uu keessan kan argisiisu yommuu ta’u, inni dubbatummoo ulfinaafi jaalala argachaa jira. Nama tokko dhaggeeffachuun, wanta namni sun dubbatuuf xiyyeeffannaa kennuu akka gaafatu beekamaadha.

21 Tajaajila Kiristiyaanaarratti yeroo hirmaattu, nama haasofsiistu sana ofeeggannoodhaan dhaggeeffachuukee itti fufi. Wanta jedhan sirriitti yoo dhaggeeffatte, keessumaa dhugaan Macaafa Qulqulluu garaasaanii tuqu isa kam akka ta’e hubatta. Achiis, malawwan addaddaa Yesus ittiin barsiisetti fayyadamuudhaan isaan gargaaruuf carraaqqii godhi. Kana yoo goote, bartoota gochuudhaan isa hunda caalu fakkaachaa waan jirtuuf gammachuu guddaa argatta.

Maal Jettee Deebista?

• Yesus warri kaan yaadasaanii akka ibsan kan jajjabeesse akkamitti?

• Yesus namoota barsiisaa ture kan dhaggeeffate maaliifi?

• Tajaajilarratti gaaffiiwwanitti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?

• Ijoolleenkee duuka buutuu Yesus akka ta’an gargaaruu kan dandeessu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]