Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dubbiin Yihowaa Matumaa Utuu Hin Raawwatamin Hin Hafu

Dubbiin Yihowaa Matumaa Utuu Hin Raawwatamin Hin Hafu

Dubbiin Yihowaa Matumaa Utuu Hin Raawwatamin Hin Hafu

“Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne . . . beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.”—IYAASUU 23:14.

1. Iyaasuun eenyu ture? Yeroo du’uu jala ga’etti maal godhe?

AJAJAA WARAANAA humna guddaa qabu, ija jabeessaafi nama amantii ture. Namni kun Musee wajjin kan tureefi saba Israa’el karaa lafa onaa sodaachisaa gara biyya aannaniifi damma baasuutti akka geggeessuuf Yihowaadhaan filatameera. Namni Iyaasuu jedhamuufi guddaa kabajamaa ta’e kun, dhuma bara jireenyasaarratti jaarsolii Israa’eliif haasawaa garaasaanii rukutu isaanii dhiheesse. Haasawaansaa kun amantii namoota isa dhaggeeffatanii akka jabeesse homaa hin shakkisiisu. Siifis amantiikee jabeessuu danda’a.

2, 3. Iyaasuun yeroo jaarsolii Israa’eliif haasawaa dhiheesse, Israa’eloonni haala akkamii keessa turan? Iyaasuun maal isaaniin jedhe?

2 Mee haala Macaafa Qulqulluurratti caqasame kana qalbii ijakeetiin ilaali: “Waaqayyos diinota isaanii warra naannoo isaanii jiran hundumaa irraa Israa’eliin erga boqochiisee bara baay’ee booddee Iyaasuun nama dulloomee lafa guure yommuu ta’e, guutummaa Israa’el, maanguddoota isaanii, dura-buutota isaanii, abboota firdii isaanii fi warra hojii geggeessan walitti waamee, ‘Kunoo, ani dulloomeera, lafas guureera.’”—Iyaasuu 23:1, 2.

3 Amma Iyaasuun umriinsaa waggaa 110⁠tti kan dhihaate si’a ta’u, yeroo seenaa saba Waaqayyoo keessatti wantoonni baay’ee murteessaa ta’an itti raawwatamanitti jiraateera. Waaqayyo gochawwan gurguddaa dinqisiisoo ta’aniifi abdiiwwan kenne yeroo raawwatu ijasaatiin argeera. Kanaaf, wanta ijasaatiin argerraa ka’uudhaan mamii tokko malee akkas jedheera: “Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.”—Iyaasuu 23:14.

4. Yihowaan Israa’elootaaf abdii maalii kennee ture?

4 Abdii Yihowaan kenne keessaa warra kamtu bara Iyaasuutti raawwatame? Abdii Yihowaan Israa’elootaaf kenne keessaa sadansaanii, jechuunis sabasaa garbummaa jalaa baasuusaa, eeguusaafi kunuunsuusaa ilaalla. Haaluma walfakkaatuun Yihowaan namoota yeroo har’aatti jiraataniifis abdii kan kenne si’a ta’u, abdiiwwan kun bara keenyattis yeroo raawwataman argineerra. Haata’u malee, wantoota Yihowaan yeroo har’aatti raawwate ilaaluu keenya dura, wanta inni bara Iyaasuutti raawwate haa’ilaallu.

Yihowaan Sabasaa Walaba Baasa

5, 6. Yihowaan saba Israa’el garbummaa Gibxii jalaa kan baase akkamitti? Kunoo maal mirkaneesse?

5 Israa’eloonni garbummaa Gibxii jala utuu jiranii yeroo Waaqayyotti boo’an, Yihowaan isaan dhaga’eera. (Ba’uu 2:23-25) Yihowaan huxxii boba’u keessaa Museedhaan akkas jedhe: “Ani harka warra Gibxii keessaa [sabakoo] baasuudhaaf gad bu’eera; biyya sana keessaa gara biyya gaariitti, biyya bal’aatti, biyya aannanii fi damma baasutti, . . . ol isaan nan baasa.” (Ba’uu 3:8) Yeroo Yihowaan kana raawwatu ijaan arguun akkam nama gammachiisa! Fara’oon saba Israa’el Gibxii gadhiisuu yeroo didu, Yihowaan Laga Abbayyaa dhiigatti akka jijjiiru karaa Musee itti himee ture. Wanti Yihowaan dubbates raawwatameera. Bishaan Laga Abbayyaa gara dhiigaatti jijjiirame. Qurxummiin achi keessa jiran kan du’an si’a ta’u, warri Gibxiis bishaanicha dhuguu hin dandeenye. (Ba’uu 7:14-21) Fara’oon didee yeroo mataa jabaatetti, Yihowaan dha’ichawwan sagal kan biraa akka isatti fidu kan akeekkachiise yommuu ta’u, kanas raawwateera. (Ba’uu, boqonnaa 8-12) Ijoolleen hangafaa Gibxootaa dha’icha kurnaffaadhaan erga du’anii booda garuu, Fara’oon akka gadhiifaman heyyamuusaatiin Israa’eloonni Gibxiin gadhiisanii ba’an!—Ba’uu 12:29-32.

6 Yihowaan karaa kanaan Israa’eloota Gibxii baasuunsaa, saba filatamaa godhee akka isaan fudhatuuf karaa baneera. Kunis, Yihowaa Waaqa isa abdii kenne hundi tokko utuu hin hafin kan raawwatu ta’uusaa mirkaneessuudhaan ol ol kan isa godhu ture. Waaqolii sabootaa caalaa olaantummaa kan qabu ta’uusaas argisiiseera. Seenaa waa’ee sabasaa walaba baasuusaa ibsu dubbisuun amantaa keenya jabeessa. Namoonni yeroo kun raawwatamu ijaan argan maaltu akka itti dhaga’amee ture yaadi! Iyaasuun, Yihowaan “guutummaa biyya lafaa irratti gooftaa isa hundumaa gararraa jiru” ta’uusaa argeera.—Faarfannaa 83:18.

Yihowaan Sabasaa Ni Eega

7. Loltoonni Gibxii Israa’eloota akka hin balleessine Yihowaan kan isaan eege akkamitti?

7 Waa’ee waadaa lammaffaa, Yihowaan sabasaa akka eegu dubbate maal jechuu danda’ama? Yihowaan sabasaa garbummaa Gibxii jalaa baasee Biyyattii Abdachiifamtetti akka isaan galchu yommuu dubbate eegumsas akka isaaniif godhu mirkaneessuusaa ture. Fara’oon aariidhaan loltoota jajjaboo konkolaataa fardaan harkifamaniifi dhibbaan lakkaa’aman fudhatee Israa’eloota duukaa bu’uusaa yaadadhu. Namni of tuulaa ture kun, keessumaa Israa’eloonni tulluufi galaana gidduu bakka garri itti goran hin jirre fakkaatu yeroo ga’anitti, isaan qabuu akka danda’u yaadee ture! Yeroo kanatti, Yihowaan sabasaa eeguuf jecha, qixxe lamaansaanii duumessi akka dhaabatu godhe. Garri Gibxootaa dukkana yeroo ta’u, garri Israa’elootaammoo ifa ture. Duumessichi Gibxoonni gara fuulduraatti akka hin adeemne yeroo isaan dhowwu, Museen uleesaa ol fudhee Galaana Diimaa lamatti hire; kunis Israa’elootaaf karaa itti miliqan yeroo isaaniif banu, Gibxootaaf garuu kiyyoo ture. Yihowaan loltoota Fara’oon jajjaboo ta’an guutummaatti balleessuudhaan sabasaatiif eegumsa godheera.—Ba’uu 14:19-28.

8. Israa’eloonni (a) lafa onaafi (b) yeroo Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf jedhanitti Yihowaan eegumsa akkamii godheefii ture?

8 Sabni Israa’el Galaana Diimaa erga ce’anii booda, “lafa onaa bal’aa fi sodaachisaa, lafa gogaa bishaan hin qabne, lafa bofni hadhaa qabuu fi torbaanqabaan kan keessa guute sana keessa” deemaniiru. (Keessa Deebii 8:15) Achittis Yihowaan sabasaa eegeera. Yeroo Biyyattii Abdachiifamtetti galuuf jedhanoo maaltu isaan mudate? Kana’aanonni humna cimaa qaban isaan morman. Haata’u malee Yihowaan Iyaasuudhaan akkas jedhe: “Amma atii fi sabni kun hundinuu ka’aatii laga Yordaanos kana ce’aatii gara biyya isa ani saba Israa’eliif kennu sanaa dhaqaa! Bara jireenya kee hundumaatti namni si dura dhaabachuu danda’u hin jiru; Musee wajjin akkuman ture sii wajjinis nan ta’a; ani si hin dhiisu, si hin irraanfadhus!” (Iyaasuu 1:2, 5) Wanti Yihowaan dubbate kunis tokko utuu hin hafin raawwatamaniiru. Iyaasuun waggoota ja’a gidduutti, mootota 31 injifachuudhaan kutaalee Biyyattii Abdachiifamte gurguddaa ta’an to’ateera. (Iyaasuu 12:7-24) Eegumsa Yihowaa malee tasumaa injifannoon akkasii argamuu hin danda’u.

Yihowaan Sabasaa Ni Kunuunsa

9, 10. Yihowaan lafa onaa keessatti sabasaa kan kunuunse akkamitti?

9 Ammammoo waadaa Yihowaan sabasaa akkamitti akka kunuunsu mirkaneessu isa sadaffaa haa’ilaallu. Erga Gibxii ba’anii yeroo muraasa booda Waaqayyo Israa’elootaan: “Kunoo ani waaqa keessaa buddeena isiniif nan roobsa; sabni kun gad ba’ee ga’aa guyyaa tokko tokko haa funaannatu!” jedhee waadaa galeefii ture. Akkuma jedhes “waaqa keessaa buddeena” kenneeraaf. “Israa’eloonni isa arganii, maal akka inni ta’e waan hin beekneef walii isaaniitiin, ‘Kun maali?’ jedhan.” Mannaa, buddeena Yihowaan akka isaaniif kennu waadaa gale ture.—Ba’uu 16:4, 13-15.

10 Israa’eloonni waggaa 40f yeroo lafa onaa keessa turanitti, Yihowaan waan nyaataniif waan dhugan isaaniif kennuudhaan isaan kunuunseera. Uffannisaanii akka irratti hin dhumne, miillisaaniis akka hin iitofne argee ture. (Keessa Deebii 8:3, 4) Iyaasuun kana hundumaa ijasaatiin argeera. Yihowaan akkuma waadaa galee turetti sabasaa garbummaa jalaa baaseera, eegeera, akkasumas kunuunseera.

Yihowaan Bara Keenyattis Sabasaa Walaba Baaseera

11. Onkoloolessa 1914 Biruukiliin Niiwu Yoorkitti beeksisa akkamiitu himame? Yeroon kunoo yeroo Yihowaan maal itti godhu ture?

11 Waa’ee yeroo keenyaahoo maal jechuutu danda’ama? Jimaata ganama, Onkoloolessa 2, 1914, Chaarlis Teez Raasil, inni yeroo sanatti hojii Barattoota Macaafa Qulqulluu olaantummaadhaan geggeessaa ture, kutaa itti maatiin Bet’el nyaata nyaatan isa Biruukiliin Niiwu Yoorkitti argamutti ol galee, gammachuudhaan, “Hundi keessan akkam bultan!” jedhee nagaa isaan gaafate. Achiis utuu hin taa’in, “Barri namoota Waaqayyoo hin ta’inii ni raawwatame; barri moototasaaniis ni xumurame” jedhee gammachuudhaan dubbate. Yihowaan inni uumama hundaarratti Olaantummaa qabu sabasaatiif jecha yeroon inni tarkaanfii itti fudhatu ga’ee ture. Dhugumayyuu tarkaanfii fudhateera.

12. Yihowaan bara 1919⁠tti sabasaa maal jalaa baaseera? Bu’aansaa maaliif karaa bane?

12 Raasil beeksisa armaan olii erga dubbatee waggaa shan booda, Yihowaan “Baabilon Guddittii” bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maratti argamtu jalaa sabasaa walaba baaseera. (Mul’ata 18:2) Baay’een keenya haala kana ija keenyaan arguuf mirga hin arganne. Ta’us, bu’aasaa bal’inaan argaa jirra. Yihowaan waaqeffannaa dhugaa deebisee hundeessuudhaan namoota isa waaqessuu hawwan tokko godheera. Isaayaas raajichi kana ilaalchisee akkas jedhee dubbatee ture: “Bara booddeetti tulluun manni qulqullummaa inni kan Waaqayyoo irra jiru, tulloota hundumaa keessaa akka isa caaluutti jabaatee in dhaabata, gaarota hundumaa gararraattis ol in ka’a; sabni lafa irraa hundinuus gara isaatti in yaa’u.”—Isaayaas 2:2.

13. Lakkoofsi saba Yihowaa hangamiin yeroo dabalu argiteetta?

13 Wanti Isaayaas dubbates raawwatameera. Bara 1919⁠tti, dibamtoonni hafan ija jabinaan addunyaa maratti lallabuu kan jalqaban si’a ta’u, kunimmoo waaqeffannaan Waaqa dhugaa ol ol akka jedhu godheera. Bara 1930 booda ‘hoolonni kan biraa’ sassaabamaa akka jiran ifa ta’e. (Yohannis 10:16) Jalqaba kumaan, achiis kuma dhibbaan, yeroo ammaattimmoo namoonni miliyoonaan lakkaa’aman waaqeffannaa dhugaa deggeraa jiru! Mul’ata Yohannis ergamaa keessatti namoonni kun, “tuuta sonaan baay’ee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan, warra homtinuu lakkaa’uu hin dandeenye” akka ta’an ibsamaniiru. (Mul’ata 7:9) Atoo bara jireenyakee keessatti maaltu yeroo raawwatamu argiteetta? Yeroo jalqaba dhugaa dhageesse baay’inni Dhugaa Baatotaa hammam ture? Yeroo har’aatti namoonni Yihowaa tajaajilan 6,700,000 ol ta’aniiru. Yihowaan sabasaa Baabilon Guddittii jalaa baasuusaatiin, addunyaa maratti lakkoofsi dinqisiisaa kun akka argamuuf karaa baneera.

14. Yihowaan yeroo dhihootti gocha namoota hundumaa oolchu akkamii raawwata?

14 Yihowaan ammas gocha namoonni lafarratti argaman hundinuu akka oolan godhu kan biraa raawwachuuf jedha. Humnasaa isa ajaa’ibsiisaa ta’eetti fayyadamuudhaan, namoota isa morman hundaa balleessee, sabasaa addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufaterra akka jiraatan godha. Hammeenyi hundi badee, seenaa ilmaan namootaa keessatti yeroo dinqisiisaa ta’e yommuu dhufu arguun baay’ee kan nama gammachiisu ta’a.—Mul’ata 21:1-4.

Eegumsa Yihowaan Bara Keenyatti Godhu

15. Yeroo har’aattis eegumsi Yihowaa barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

15 Akkuma armaan olitti ilaalle, Israa’eloonni bara Iyaasuutti turan eegumsi Yihowaa isaan barbaachisee ture. Haalli saba Yihowaa yeroo har’aatti jiranii kanarraa addadhaa? Matumaa! Yesus, “Yommus rakkinatti dabarsanii isin in kennu; isin in ajjeesu; anaaf jettanii saba hundumaa biratti kan jibbamtan in taatu” jedhee duuka buutotasaa akeekkachiisee ture. (Maatewos 24:9) Waggoota hedduudhaaf, Dhugaa Baatota Yihowaa biyya addaddaa jiraatanirra mormiifi ari’atamni cimaan ga’aa tureera. Haata’u malee, Yihowaan yeroo kanattis sabasaa gargaaraa akka ture beekamaadha. (Roomaa 8:31) Dubbiin Waaqayyoo “mi’i waraanaa [kamiyyuu] yoo qopheeffame” hojii Mootummicha lallabuufi barsiisuu keenya nu dhaabsisuu akka hin dandeenye nuu mirkaneessa.—Isaayaas 54:17.

16. Yihowaan sabasaatiif eegumsa akka godhu wanta ijakeetiin argite qabdaa?

16 Biyyi lafaa isaan jibbuyyuu, lakkoofsi saba Yihowaa dabalaa adeemeera. Dhugaa Baatonni Yihowaa biyyoota 236 keessa haala gaarii ta’een kan jiraatan yommuu ta’u, kunis Yihowaan namoota nu balleessuu ykn afaan keenya cufuu barbaadanirraa nu eeguuf akka nuu wajjin jiru sirriitti kan mirkaneessudha. Maqaa geggeessitoota siyaasaa ykn amantii, saba Waaqayyoo garmalee hacuucaa turan yaadachuu ni dandeessaa? Wanti namoota kanarra ga’e maalidha? Yeroo ammaattoo eessa jiru? Baay’eensaanii akkuma Fara’oon isa bara Museefi Iyaasuu turee lubbuudhaan hin jiran. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara keenya kanatti amanamummaasaanii eeganii du’anoo eessa jiru? Macaafa yaadannoo Yihowaa keessatti barreeffamanii jiru. Isaaniif bakki amansiisaan kana caale hin jiru. Yihowaan, waadaa sabasaa eeguuf gale akka raawwate kanarraa ifatti hubachuun ni danda’ama.

Yihowaan Yeroo Har’aattis Sabasaa Ni Kunuunsa

17. Nyaata hafuuraa isaa wajjin hariiroo uumuuf gargaaru ilaalchisee Yihowaan waadaa maalii nuu galeera?

17 Yihowaan akkuma lafa onaa keessatti sabasaa kunuunsee ture, yeroo har’aattis sabasaa ni kunuunsa. “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi” Yihowaatti akka dhihaannuuf nyaata hafuuraa akka argannu nugargaaraa jira. (Maatewos 24:45) Dhugaawwan hafuuraa, waggoota hedduudhaan lakkaa’amaniif iccitii ta’anii turan beekuu dandeenyeerra. Ergamaan tokko Daani’eliin akkas jedhee ture: “Hamma bara isa dhumaa sanatti dubbicha cufii, macaafichattis mallattoo godhii kaa’i! Baay’een isa bira ga’uudhaaf in dhama’u, beekumsis baay’achuuf jira.”—Daani’el 12:4.

18. Yeroo har’aatti beekumsi dhugaa baay’ateera jechuu kan dandeenyu maaliifi?

18 Dhugumayyuu, bara dhumaa beekumsi dhugaa baay’achaa adeemu keessa jiraachaa jirra. Hafuurri qulqulluun, namoonni dhugaa jaallataniifi addunyaa maratti argaman Waaqa dhugaa, akkasumas kaayyoosaa ilaalchisee beekumsa sirrii akka argatan gochaa jira. Yeroo har’aatti Macaafni Qulqulluun baay’inaan kan argamu si’a ta’u, barreeffamoonni dhugaa gati jabeessa Macaafa Qulqulluu keessatti argaman namoonni akka hubatan gargaaranis bal’inaan raabsamaniiru. Fakkeenyaaf, baafata mataduree kitaaba qayyabannaa Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuu mee ilaalaa. * Boqonnaawwan achi keessatti argaman keessaa kanaa gaditti ibsamaniiru: “Waaqayyoon Ilaalchisee Barumsi Sirrii Ta’e Isa Kami?,” “Warri Du’an Eessa Jiru?,” “Mootummaan Waaqayyoo Maalidha?,” akkasumas “Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu Maaliif Heyyame?” Ilmaan namootaa waggoota kumaan lakkaa’amaniif gaaffiiwwan kana gaafachaa turaniiru. Yeroo ammaatti gaaffiiwwan kanaaf salphaadhumatti deebii argachuun ni danda’ama. Sababa Sabni Kiristiyaanaa gantummaa barsiisaa turteef, namoonni waa’ee Macaafa Qulqulluu utuu hin beekin jaarraawwan hedduun darbaniiru; Dubbiin Waaqayyoo namoonni Yihowaa tajaajiluu hawwan hundi beekumsa akka argatan gochuudhaan mo’aa jira.

19. Abdiiwwan kam yeroo raawwataman argiteetta? Atoo kanarraa ka’uudhaan xumura maalirra geesseetta?

19 Wanta ija keenyaan arginerraa ka’uudhaan, shakkii tokko malee akkas jechuu dandeenya: “Abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne . . . gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu’ee hin hafne.” (Iyaasuu 23:14) Yihowaan tajaajiltootasaa ni oolcha, ni eega akkasumas ni kunuunsa. Abdiiwwan inni kenne keessaa yeroosaatti utuu hin raawwatamin kan hafe tokkollee caqasuu ni dandeessaa? Matumaa hin dandeessu. Dubbii Waaqayyoo isa dhugaa ta’erratti amantaa guutuu qabaachuun keenya ogummaadha.

20. Yeroo gara fuulduraa amantaadhaan kan eeggannu maaliifi?

20 Waa’ee gara fuulduraa maal jechuutu danda’ama? Yihowaan, baay’een keenya lafa jannata taaturratti jireenya gammachiisaa akka jiraannu abdii nuu kenneera. Namoonni muraasni nu gidduutti argamanimmoo samiirratti Kiristosii wajjin bulchuuf abdii qabu. Abdiin keenya isa kamiyyuu yoo ta’e, hundi keenya akkuma Iyaasuu amanamoo ta’uuf sababii ga’aa qabna. Guyyaan abdiin keenya itti raawwatamu ni dhufa. Yeroo sanatti abdii Yihowaan nuu kennee ture yaadachuudhaan, “abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru” jenna.

[Miiljalee]

^ key. 18 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

Ibsuu Dandeessaa?

• Iyaasuun abdiiwwan Yihowaan kenne warri kam yeroo raawwataman argeera?

• Atoo abdiiwwan Yihowaan kenne warri kam yeroo raawwataman argiteetta?

• Dubbii Waaqayyoo ilaalchisee waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]