Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Wanta Yaanni Garaa Keessan Jedhuuf Ajajamaa

Wanta Yaanni Garaa Keessan Jedhuuf Ajajamaa

Wanta Yaanni Garaa Keessan Jedhuuf Ajajamaa

“Warra qullaa’aniif wanti hundinuu qullaa’aa dha, warra xuraa’oodhaaf warra hin amanneef garuu, wanti tokko illee qullaa’aa miti.” —TIITOOS 1:15.

1. Phaawulos gumii Qareexis kan dhaqe akkamitti?

PHAAWULOS ERGAMAAN adeemsa misiyoonummaasaa sadanuu erga raawwatee booda, qabamee yeroo booda gara Roomaatti ergamuudhaan achitti waggaa lama hidhameera. Yommuu hiikame maal godhe? Hiikamee utuu baay’ee hin turin Tiitoosiif akkas jedhee barreesse: “Sababiin ani Qareexis biyya bishaan keessaatti si hambiseefis wanta toora hin qabatin hafe akka toora qabsiiftuuf, . . . jaarsolii hojii waldaa geggeessuu irra akka dhaabduuf ture.” (Tiitoos 1:5) Tiitoos namoota yaanni garaasaanii sirriitti hojjetuufi hin hojjennee wajjin hojii kana hojjechuu qaba ture.

2. Tiitoos biyya bishaan keessaa Qareexis jedhamtutti rakkoowwan akkamii sirreessuu qaba ture?

2 Phaawulos ulaagaa jaarsolii gumiirraa eegamu ilaalchisee Tiitoosiif gorsa erga kennee booda, “Namoonni hin abboomamne, warri dubbii midhaan hin qabne dubbatan, warri nama wallaalchisan baay’een jiru” jedheera. Namoonni kun ‘waan barsiisuun isaaniif hin taane barsiisuudhaan, mana guutuu gargar diigu’ turan. Kanaan kan ka’es Tiitoos ‘cimsee balleessaasaanii itti mul’isuu’ qaba ture. (Tiitoos 1:10-14; 1 Ximotewos 4:7) Phaawulos sammuufi yaanni garaa namoota kanaa “xuraa’aa” ta’uusaa yommuu ibse, jecha uffata bareedaarratti qalamni faca’uusaatiin uffanni sun manca’uusaa argisiisuun fayyadameera. (Tiitoos 1:15) Namoota kana keessaa tokko tokko ‘seera dhagna qabaa kan eegan’ waan ta’aniif Yihudoota hin ta’in hin oolan. Gumiiwwan yeroo ammaatti argaman, namoota, dhagna qabachuun ulaagaa barbaachisaadha jedhaniin hin gowwoomfaman; haata’u malee, gorsa Phaawulos Tiitoosiif kennerraa yaada garaa ilaalchisee barumsa guddaa arganna.

Warra Yaanni Garaasaanii Xuraa’e

3. Phaawulos yaada garaa ilaalchisee Tiitoosiif maal jedhee barreesse?

3 Phaawulos waa’ee yaada garaa maaliif akka caqase qalbeeffadhaa. “Warra qullaa’aniif wanti hundinuu qullaa’aa dha, warra xuraa’oodhaaf warra hin amanneef garuu, wanti tokko illee qullaa’aa miti; sammuun isaanii fi yaadni garaa isaanii iyyuu xuraa’aa dha. Isaan Waaqayyoon in beekna jedhu, hojii isaaniitiin garuu isa in ganu.” Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, namoota yeroo sana turan keessaa tokko tokko “amantii isaaniitti seelkoo akka hin qabaanne” jijjiirama barbaachisaa gochuu qabu turan. (Tiitoos 1:13, 15, 16) Namoonni kun, wanta qulqullaa’aafi xuraa’aa gargar baasuu kan hin dandeenye waan ta’aniif, yaanni garaasaanii rakkina qaba ture jechuudha.

4, 5. Namoonni gumiiwwan Qareexis keessa turan tokko tokko rakkina akkamii qabu turan? Kunoo isaanirratti rakkina akkamii fide?

4 Qaamni olaanaan, waggoota kudhan dura, namni tokko Kiristiyaana dhugaa ta’uu yoo barbaade dhagna qabachuun akka isa hin barbaachifne murteessee ture. Murtoo godhe kanas gumiiwwaniif beeksisaniiru. (Hojii Ergamootaa 15:1, 2, 19-29) Namoonni Qareexis tokko tokko garuu ammayyuu ‘seera dhagna qabaa eeguu’ turan. “Waan barsiisuun isaaniif hin taane barsiisuudhaan” qaama olaanaa ifatti mormaniiru. (Tiitoos 1:10, 11) Ilaalcha sirrii hin taane qabaachuudhaan, Seera Musee seerawwan waa’ee nyaataafi sirna qulqullinaa dubbatu babal’isu turan. Wanta Seerri Musee jedhutti dabalanii barsiisuudhaan akkuma abbootiisaanii warra bara Yesus turanii afoola Yihudootaafi seera namootaa babal’isaa turan ta’a.—Maarqos 7:2, 3, 5, 15; 1 Ximotewos 4:3.

5 Ilaalchisaanii kun, murtoo godhanirrattiifi seerawwan amalaaf baasanirratti dogoggora uumee ture. Phaawulos: “Warra xuraa’oodhaaf warra hin amanneef . . . wanti tokko illee qullaa’aa miti” jechuudhaan barreesseera. Yaanni garaasaanii micciiramaa waan ta’eef, wanta godhaniifi wanta gamaaggaman ilaalchisee qajeelfama sirrii isaanii kennuu hin danda’u. Kana malees, dhimmawwan dhuunfaa namni tokko karaa tokkoon inni kaanimmoo karaa biraatiin murtoo irratti gochuu danda’urratti Kiristiyaanota hidhatasaanii ta’anitti faradu turan. Kana waan ta’eefis namoonni Qareexis wanta dhugumaan xuraa’aa hin taane xuraa’aadha jedhu turan. (Roomaa 14:17; Qolosaayis 2:16) Waaqayyoon beekna jedhanii haa dubbatan malee, hojiinsaanii kanarraa faallaa ture.—Tiitoos 1:16.

‘Warra Qullaa’aniif Qullaa’aadha’

6. Phaawulos waa’ee namoota akkamii ibseera?

6 Ergaa Phaawulos Tiitoosiif barreesserraa faayidaa kan argannu akkamitti? Yaadawwan kana lamaan qalbeeffadhaa: “Warra qullaa’aniif wanti hundinuu qullaa’aa dha, warra xuraa’oodhaaf warra hin amanneef garuu, wanti tokko illee qullaa’aa miti; sammuun isaanii fi yaadni garaa isaanii iyyuu xuraa’aa dha.” (Tiitoos 1:15) Phaawulos, Kiristiyaanota amala qulqulluu qabaniif wanti hundi qulqulluufi kan heyyamamedha jechuusaa hin turre. Phaawulos xalayaasaa garabiraarratti namni halalummaa raawwatu, waaqayyolii tolfaman waaqessu, qoricha namatti godhuufi kan kana fakkaatan raawwatu, “mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye” waan ibseef yaada olitti argamu dabarsaa akka hin turre beekamaadha. (Galaatiyaa 5:19-21) Kanarraa ka’uudhaan, Phaawulos waa’ee namoota karaa amalaafi karaa hafuuraa qulqulluu ta’aniifi hin taanee dubbachaa akka ture hubachuu qabna.

7. Ibroonni 13:4 maal akka hin goone nu dhowwa? Haata’u malee, gaaffiin akkamii ka’uu danda’a?

7 Kiristiyaanni yaada qajeelaa qabu tokko, kan fagaatu wantoota Macaafni Qulqulluun kallattiidhaan dhowwu qofarraa miti. Fakkeenyaaf yaada kallattiidhaan dubbatame kana ilaalaa: “Gaa’elli hundumaa biratti ulfina-qabeessa haa ta’u, ciisichi gaa’elaas hin xureeffamin! Waaqayyo warra halalee fi ejjituutti faraduuf jira.” (Ibroota 13:4) Namoonni Kiristiyaanota hin taaneefi waa’ee Macaafa Qulqulluu homaa hin beeknellee, caqasni kun ejja raawwachuu akka dhowwu yeruma sana hubachuu danda’u. Waaqayyo namni tokko haadha manaa ykn abbaa manaasaatiin alatti saalqunnamtii raawwachuusaa akka balaaleffatu, caqasa kanaafi caqasawwan Macaafa Qulqulluu kaanirraa ifatti hubachuu danda’a. Namoonni wal hin fuune lama saalqunnamtii afaanii raawwachuunsaanii sirriidhaa? Dargaggoonni umrii kurnanii keessatti argaman hedduun, gochi akkasii saalqunnamtii waan hin taaneef miidhaa hin qabu jedhanii dubbatu. Kiristiyaanni tokko gocha akkasii akka qulqulluutti ilaaluu danda’aa?

8. Afaaniin saalqunnamtii raawwachuu ilaalchisee, Kiristiyaanonni namoota biyya lafaa kaanirraa ilaalcha adda ta’e kan qaban akkamitti?

8 Ibroonni 13:4fi 1 Qorontos 6:9 Waaqayyo halalummaafi ejja (afaan Giriikiitiin poorniyaa) akka jibbu nutti himu. Jechi poorniyaa jedhu kun maalfaa kan dabalatudha? Jechi afaan Giriikii kun, qaama saalaatiin karaa uumamaatiin ykn uumamaan ala haala ciiggaasisaa ta’een itti fayyadamuus kan dabalatudha. Jechi kun saalqunnamtii dhorkaa namoota seeraan wal hin fuune gidduutti raawwatamu hunda kan argisiisudha. Kanaaf, addunyaa maratti dargaggoonni umrii kurnanii keessatti argaman hedduun afaaniin saalqunnamtii gochuun fudhatama akka qabu kan itti himame ykn akkas jedhanii kan amanan ta’uyyuu, jechi kun gocha kanas ni dabalata. Kiristiyaanonni dhugaan ilaalcha ykn gocha ‘warra dubbii midhaan hin qabne dubbataniifi warra nama wallaalchisan’ duukaa hin bu’an. (Tiitoos 1:10) Seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo sadarkaa olaanaa qaban hordofu. Afaaniin saalqunnamtii raawwachuuf sababii hin taane dhiheessuu mannaa, akka Caaffanni Qulqullaa’aan jedhutti gochi kun ejja ykn poorniyaa akka ta’e ni hubatu, yaada garaasaaniis akka kanaan leenjisu. *Hojii Ergamootaa 21:25; 1 Qorontos 6:18; Efesoon 5:3.

Sagalee Yaada Garaa Addaddaa, Murtoo Addaddaa

9. “Wanti hundinuu qullaa’aa” yoo ta’e, ga’een yaada garaa maalidha?

9 Haata’u malee Phaawulos “warra qullaa’aniif wanti hundinuu qullaa’aa dha” yeroo jedhu maal jechuusaa ture? Phaawulos, waa’ee Kiristiyaanota ilaalchasaaniifi amalasaanii seera bu’uuraa Waaqayyo Dubbiisaa keessatti kennee wajjin walsimsiisanii dubbachuusaa ture. Kiristiyaanonni kun, dhimmawwan hedduu kallattiidhaan hin dhowwamne ilaalchisee obboloonni yaada garaagaraa qabaachuu akka danda’an ni amanu. Kanaan kan ka’es jarjaranii warra kaanitti faraduu mannaa, wantoota Waaqayyo hin jibbine akka “qulqullaa’aatti” ilaalu. Haalawwan jireenyaa Macaafni Qulqulluun kallattiidhaan qajeelfama itti hin laannerratti, warri kaanis ilaalchuma akkasaanii akka qabaatan isaanirraa hin eegan. Mee fakkeenya tokko tokko haa’ilaallu.

10. Chidhi fuudhaaf heerumaa (ykn sirni awwaalchaa) rakkina uumuu kan danda’u akkamitti?

10 Maatiiwwan hedduu keessatti hiriyaan gaa’elaa tokko kan amanu yommuu ta’u hiriyaan gaa’elaa kaanimmoo kan hin amanne ta’uu danda’a. (1 Phexros 3:1; 4:3) Kun cidha ykn sirna awwaalchaa firootasaaniirratti rakkina addaddaa fiduu danda’a. Haala haadha manaa Kiristiyaana taateefi abbaan manaasheemmoo hin taane tokkoo haa’ilaallu. Firootasaa keessaa tokko kan fuudhu/heerumtu yommuu ta’u, sirni gaa’elaa kunis mana sagadaa amantiin sobaa itti geggeeffamutti raawwatama. (Yookiin firri, tariimmoo abbaa/haatisaa du’anii sirni awwaalchaa mana sagadaasaaniitti godhama.) Lamaansaaniiyyuu waamamaniiru, abbaan manaammoo haati manaasaa isaa wajjin akka dhaqxu barbaada. Bakka kanatti argamuu ilaalchisee yaanni garaashee maal isheedhaan jedha? Maal gochuu dandeessi? Wantoota godhamuu danda’an lama ilaalaa.

11. Haati manaa tokko cidha mana sagadaatti godhamurratti argamuu ilaalchisee maal yaaduu dandeessi? Kunoo murtoo akkamii gochuuf ishee kakaasa?

11 Caaltuun ajaja Macaafni Qulqulluun ‘Baabilon Guddittii’ bulchiinsa amantii sobaa addunyaa maraa taate “keessaa ba’aa!” jedhurratti gad fageenyaan yaaddi. (Mul’ata 18:2, 4) Kanaan dura amantii mana sagadaa fuudhaaf heerumni kun itti raawwatamu hordofaa turte. Kanaaf, yommuu sirni gaa’elaa kun raawwatamu namoonni achitti argaman hundi sochiiwwan waaqeffannaa tokko tokkorratti akka hirmaatan, jechuunis kadhannaa, faarfannaafi sochiiwwan qaamaa amantii akka raawwatan kan gaafataman ta’uusaa beekti. Sochii sanarratti hirmaachuus ta’e, bakka amanamummaashee akka dhabdu dhiibbaa isheerraan geessisu kana dhaquu hin barbaanne. Caaltuun abbaa manaashee kan kabajju ta’uusheerrayyuu, inni mataashee waan ta’eef isaa wajjin walii galtee jiraachuu barbaaddi; ta’us, seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo cabsuu hin barbaaddu. (Hojii Ergamootaa 5:29) Kanaaf, inni achitti argamuu yoo barbaadellee isheen achitti argamuu akka hin dandeenye malaan abbaa manaasheetiif ibsiti. Achitti argamtee sochiiwwan achitti godhaman tokko tokkorratti utuu hin hirmaatin yoo hafte, isa qaanessuu waan danda’uuf achitti argamuu dhiisuunshee isaafis gaarii akka ta’e ibsuufii dandeessi. Murtoonshee kun yaanni garaashee akka ishee hin ceephaane godha.

12. Namni tokko waamicha gaa’elaa mana sagadaatti raawwatamurratti akka argamu afeerriin yoo isaa dhihaate sababii akkamii dhiheessuufi tarkaanfii akkamii fudhachuu danda’a?

12 Ayyaantuunis haaluma kanaa wajjin walfakkaatu keessa jirti. Abbaa manaashee ni kabajji, Waaqayyoof amanamuuf murteessiteetti, yaada garaashee isa Macaafa Qulqulluutiin leenjifame dhaggeeffachuus ni barbaaddi. Qabxiiwwan Caaltuun irratti xiinxalte tokko tokkorratti erga xiinxaltee booda, Ayyaantuun Masaraa Eegumsaa Caamsaa 15, 2002⁠rraa mataduree “Gaaffii Dubbistootaa” jedhu irra deebitee ilaalti. Ibroonni sadan bakka waaqayyolii tolfamoon waaqeffataman deemanii akka waaqeffatan ajaja kenname fudhatanii achitti kan argaman ta’us, sochiiwwan waaqayyolii tolfamoo waaqeffachuuf godhamurratti hirmaachuu diduudhaan amanamummaasaanii akka eegan ni yaadatti. (Daani’el 3:15-18) Abbaa manaashee wajjin dhaquuf kan murteessite ta’us, sochiiwwan amantaa kamirrattiyyuu hirmaachuurraa fagaachuudhaan wanta yaada garaashee wajjin walsimu gooti. Yaanni garaashee maal gochuuf akka isheedhaaf heyyamuufi hin heyyamne abbaa manaasheetti malaan garuu ifatti itti himti. Ayyaantuun abbaan manaashee garaagarummaa waaqeffannaa dhugaafi sobaa gidduu jiru akka hubatu abdatti.—Hojii Ergamootaa 24:16.

13. Kiristiyaanonni lama tarkaanfii addaddaa fudhachuunsaanii nu dhiphisuu kan hin qabne maaliifi?

13 Kiristiyaanonni lama murtoo addaddaa gochuunsaanii, namni tokko maaliyyuu yoo godhe rakkina hin qabu ykn isaan keessaa inni tokko yaada garaa dadhabaa qaba jechuudhaa? Miti. Caaltuun muuxannoo darberraa ka’uudhaan muuziqaafi sochiiwwan mana sagadichaatti godhaman maal isheerraan geessisuu akka danda’an waan beektuuf, achitti argamuunshee isheedhaaf gadhee ta’uusaa ni amanti. Amantii ilaalchisee wanti abbaa manaashee wajjin irratti mari’achaa turan yaada garaasheerratti dhiibbaa fidee ta’uu danda’a. Kanaaf murtoonshee isheedhaaf sirrii ta’uusaa ni amanti.

14. Kiristiyaanonni dhimmawwan namni tokko dhuunfaatti murteessu ilaalchisee maal sammuutti qabachuu qabu?

14 Haata’u malee, murtoon Ayyaantuu sirrii miti jechuudhaa? Eenyuyyuu kana jechuuf mirga hin qabu. Filannoo isheen sirna sanarratti argamuufi sochiiwwan amantii kamirraayyuu fagaachuuf goote balaaleffachuu ykn mormuu hin qaban. Nyaatawwan tokko tokko nyaachuufis ta’e dhiisuuf murtoo namni tokko dhuunfaasaatti godhu ilaalchisee gorsa Phaawulos akkas jechuudhaan kenne yaadatti qabadhaa: “Inni nyaata hundumaa sooratu, isa nyaata hundumaa hin sooranne sana hin ceepha’in; inni nyaata hundumaa hin soorannes isa sooratutti hin faradin! . . . Inni yoo dhaabates, yoo kufes gooftaa isaatu beeka; haa ta’u iyyuu malee, gooftichi isa dhaabachiisuu waan danda’uuf inni in dhaabata.” (Roomaa 14:3, 4) Kiristiyaanni dhugaan kamiyyuu, namni tokko qajeelfama yaanni garaasaa inni leenjifame isaa kennu akka didu akka isa hin gorsine beekamaadha. Kana gochuun, sagalee ergaa lubbu baraarsaa ta’e dabarsu tokko diduu wajjin walfakkaata.

15. Yaada garaafi miira warra kaanii tilmaama keessa galchuun dhimma akka gaariitti irratti yaaduu qabnu kan ta’e maaliifi?

15 Yaada olitti ibsame kana yommuu ilaallu, Kiristiyaanonni lamaan wanta garabiraas tilmaama keessa galchuu kan qaban yommuu ta’u, innis dhiibbaa murtoonsaanii warra kaanirratti geessisudha. Phaawulos akkas jechuudhaan nu gorseera: “Isin gufuu dura keessanii obboleessa keessan karaa Waaqayyoo irraa akka hin gufachiifneef murtoo godhaa.” (Roomaa 14:13) Caaltuun kanaan dura haalli walfakkaatu raawwatamee namoota gumii keessatti argamanis ta’e maatiishee baay’ee akka aarse beekti, kana malees wanti isheen gootu ijoolleesheerratti dhiibbaa guddaa akka geessisu beekti. Karaa garabiraammoo, Ayyaantuun filannaa akkasii gochuunshee warra gumii keessatti argamanirrattis ta’e namoota naannooshee jiranirratti gaaffii akka hin kaasne beekti. Dubartoota lamaan dabalatee hundi keenya, yaanni garaa sirriitti leenjii argate, wanti godhamu tokko warra kaanirratti dhiibbaa akkamii akka geessisu akka beeku hubachuu qabna. Yesus akkas jedheera: “Eenyu illee warra xixinnaa anatti amanan kana keessaa tokko gufachiisuu irra, dhagaan daakuu guddaan morma isaatti hidhamee tuujjuba galaanaa keessatti liqimsiifamuu isaaf wayya ture.” (Maatewos 18:6) Namni tokko dhimma warra kaan gufachiisuu danda’uuf xiyyeeffannaa utuu hin kennin yoo hafe, akkuma Kiristiyaanota Qareexis tokko tokkoo yaanni garaasaa xuraa’aa adeemuu danda’a.

16. Kiristiyaanni tokko yeroo yeroodhaan jijjiirama akkamii akka godhu irraa eegna?

16 Kiristiyaanni tokko yaada garaasaa dhaggeeffachuufi wanta sana hojiirra oolchuudhaan guddina argisiisuu akkuma qabu walitti dhufeenya Waaqayyoo wajjin qabus akkasuma cimsaa adeemuu qaba. Haaluma walfakkaatuun. Obboleessi Tolasaa jedhamu tokko dhihootti cuuphame haa jennu. Yaanni garaasaa gochawwan kanaan dura raawwachaa tureefi Caaffata Qulqullaa’oorratti balaaleffataman, jechuunis waaqolii tolfamoo waaqeffachuufi dhiigarraa fagaachuu akka qabu itti hima. (Hojii Ergamootaa. 21:25) Kanarrayyuu darbee obboleessi kun wantoota xixinnoo seera Waaqayyoo wajjin kallattiidhaan wal hin faallessinerraallee baay’ee of eeggata. Karaa garabiraammoo, warri kaan wanta inni sirriidha jedhu kan akka sagantaawwan televijiinii tokko tokko maaliif akka jibban hubachuun isa rakkisa.

17. Yerooniifi karaa hafuuraa guddachuun yaada garaafi murtoo Kiristiyaana tokkoorratti akkamitti jijjiirama fiduu akka danda’u ibsi.

17 Yeroo booda Tolasaan beekumsaan guddachaafi caalaatti Waaqayyotti dhihaachaa dhufa. (Qolosaayis 1:9, 10) Kunoo jijjiirama akkamii argamsiise? Yaanni garaasaa leenjii ga’aa argateera. Tolasaan yaada garaasaa dhaggeeffachuufi seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo keessatti argaman ofeeggannoodhaan ilaaluu jalqaba. Sana booda wantoonni “xixinnoon” irraa fagaachaa ture yaada Waaqayyoo wajjin kan wal hin faallessine ta’uusaanii hubata. Kana malees, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hordofuufi yaada garaasaa isa akka gaariitti leenjifameef abboomamuunsaa, sagantaawwan kanaan dura sirriidha jedhee yaadaa ture kanarraa akka fagaatu isa kakaaseera. Eeyyee, yaanni garaasaa sirreeffameera jechuudha.—Faarfannaa 37:31.

18. Gammaduuf sababii maalii qabna?

18 Gumiiwwan hedduu keessatti, Kiristiyaanonni guddina hafuuraa addaddaarratti argaman jiru. Isaan keessaa tokko tokko amantii dhugaa erga hubatanii hin turre. Dhimmawwan tokko tokko ilaalchisee murtoon isaan godhan yaada garaasaanii kan hin ceephaane yommuu ta’u, dhimmawwan kaanirratti garuu sagaleen yaada garaasaanii isaan rakkisu danda’a. Namoonni akkasii qajeelfama Yihowaa wajjin akka walsimaniif yaada garaasaanii leenjii argateef akka ajajaman yeroofi gargaarsi isaan barbaachisa. (Efesoon 4:14, 15) Gumiidhuma sana keessa, namoonni beekumsa guddaa qaban, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuutti muuxannoo kan qabaniifi yaada garaa ilaalcha Waaqayyoo wajjin walsimu qaban hedduun jiraachuunsaanii nama gammachiisa. ‘Namoota qullaa’oo’ wantoota Gooftaa biratti fudhatama qaban karaa amalaas ta’e hafuuraa akka “qullaa’aatti” ilaalanii wajjin jiraachuun baay’ee kan nama gammachiisu mitii? (Efesoon 5:10) Hundi keenya dhugaa beekuufi nama Waaqayyoof bulle ta’uudhaan yaada garaa sirrii ta’e qabaachuufi isas eegnee jiraachuuf galma haa baafannu.—Tiitoos 1:1.

[Miiljalee]

^ key. 8 Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15, 1983, ful. 30-31 abbaa manaafi haadha manaa ilaalchisee yaadawwan irratti xiyyeeffatamuu qaban qabateera.

Maal Jettee Deebista?

• Kiristiyaanonni Qareexis keessa jiran tokko tokko yaada garaa xuraa’aa kan qabaatan maaliif ture?

• Kiristiyaanonni yaada garaa qullaa’aa qaban lama dhimma tokkorratti murtoo addaddaa gochuu kan danda’an akkamitti?

• Yeroo booda, yaanni garaa keenya maal ta’uu qaba?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]