Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Yaada Waaqayyoo Isa Gad Fagoo” Qoruu

“Yaada Waaqayyoo Isa Gad Fagoo” Qoruu

“Yaada Waaqayyoo Isa Gad Fagoo” Qoruu

“Hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga’a.”—1 QORONTOS 2:10.

1. Yeroo jalqabaatiif dhugaawwan Macaafa Qulqulluu kamfaatu barattoota Macaafa Qulqulluu tokko akka gammadu godha?

GUMII Kiristiyaanaa keessatti kan argamnu keessaa baay’een keenya guyyaa jalqaba dhugaa itti dhageenye hammam akka gammannee turre yaadachuu dandeenya. Sababii maqaa Yihowaatiif bakki guddaan kennamuu qabu, rakkinni akka jiraatu maaliif akka heyyamame, namoonni muraasi gara samii kan dhaqan maaliif akka ta’e, akkasumas ilmaan namootaa amanamoo ta’an hundi gara fuulduraatti abdii akkamii akka qaban baranneerra. Isaan dura Macaafa Qulqulluu qayyabachaa kan turre ta’uyyuu, akkuma ilmaan namootaa baay’ee, wantoonni kun nu jalaa dhokatanii turan. Haalli keenya nama ganama barii karaa adeemuu jalqabee wajjin walfakkaachuu danda’a. Namni kun yeroo karaa adeemuu jalqabu dukkana waan isatti ta’uuf waan baay’ee arguu hin danda’u. Haata’u malee, yeroo aduun ba’aa adeemtu wantoota baay’ee arguu jalqaba. Dhumarrattis yeroo aduun mataasaarra geessu wanta naannoosaa jiru qofa utuu hin ta’in wanta fagoo jiruullee akka gaariitti arguu jalqaba. Haaluma walfakkaatuun, nutis, namni tokko “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” Caaffata Qulqullaa’oorraa akka hubannuuf yeroo nu gargaaru hamma tokko hubachuu dandeenyeerra.—1 Qorontos 2:8-10.

2. Gammachuun Dubbii Waaqayyoo barachuudhaan argamu itti fufuu kan danda’udha kan jennu maaliifi?

2 Dhugaa Macaafa Qulqulluu muraasa arganne qofatti gammaduu qabnaa? Jechi “yaada gad fagoo” jedhu, hubannaa ogummaa Waaqayyoo namoota kaanitti hin mul’anneefi karaa hafuura qulqulluu Kiristiyaanotaaf ibsame hubachuu kan dabalatudha. (1 Qorontos 2:7) Ogummaan Waaqayyoo dhuma kan hin qabne waan ta’eef, karaasaa qoruudhaan gammachuu guddaa argachuu dandeenya! Matumaa ogummaa Waaqayyoo guutummaatti beekuu hin dandeenyu. Gammachuu barumsawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu yeroo jalqabaatiif dhageenye akka hin dhabneef, utuu walirraa hin kutin “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” qoruu keenya itti fufuu qabna.

3. Wantoota amantaa keenyaaf bu’uura ta’an sirriitti hubachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

3 “Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi? Wanta ittamannu beekuu qofa utuu hin ta’in, sababii ittamannu, jechuunis wantoota amantaa keenyaaf bu’uura ta’an hubachuun amantaa keenya jabeeffachuuf nugargaara. Caaffanni Qulqullaa’oon, “Jaalalli Waaqayyoo isa kam akka ta’e gargar baasuudhaaf . . . waan gaarii ta’e, waan isa duratti fudhatamaa ta’e, waan akeeka isaa fiixaan baasus” “hubachuu” akka dandeenyu nujajjabeessu. (Roomaa 12:1, 2) Yihowaan, akkaataa itti jiraachuu qabnu ilaalchisee maaliif qajeelfama akka nuu kenne hubachuun keenya murtoo isaaf abboomamuuf goone nuu jabeessa. Kanaaf, ‘yaadawwan gad fagoo’ ta’an beekuun keenya qorumsa wanta seeraa ala ta’e akka raawwannu nuu dhihaatu ofirraa ittisuufi namoota “hojii gaariitiif hinaafaan” akka taanu nukakaasa.—Tiitoos 2:14.

4. Macaafa Qulqulluu qayyabachuun maalfaa dabalata?

4 Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo hubachuuf qayyabannaa gochuun barbaachisaadha. Haata’u malee, qayyabannaan waan tokko akkasumaan dubbisuu qofa utuu hin ta’in waan dabalatu qaba. Barumsichi wanta kanaan dura barannee wajjin akkamitti akka walqabatu of eeggannoodhaan qoruu kan dabalatudha. (2 Ximotewos 1:13) Sababii wanti sun itti jedhameef hubachuu gaafata. Macaafa Qulqulluu yeroo qayyabannu wanti baranne murtoo sirrii gochuufi warra kaan gargaaruuf akkamitti akka itti fayyadamnu xiinxaluus kan dabalatu ta’uu qaba. Akkasumas “Caaffanni qulqullaa’aan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame[efi]” faayidaa kan qabu waan ta’eef, qayyabannaan keenya “dubbii afaan Waaqayyoo keessaa ba’u hundumaa” kan dabalatu ta’uu qaba. (2 Ximotewos 3:16, 17; Maatewos 4:4) Qayyabannaan carraaqqii cimaa gochuu kan gaafatudha! Haata’u malee, qayyabannaan akkasii kan nama gammachiisuudha; ‘yaada Waaqayyoo isa gad fagoo’ hubachuunis kan nama rakkisu miti.

Yihowaan Namoonni Gad Of Deebisan Dubbiisaa Akka Hubatan Gargaara

5. Namoonni “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuu danda’an eenyufa’i?

5 Yeroo mana barumsaa turtetti barumsakeetti cimaa kan hin turre ykn barsiifata qayyabannaa kan hin qabne taatuyyuu, “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuu hin danda’u jettee yaaduu hin qabdu. Yesus tajaajilasaa isa lafarraarratti, Yihowaan kaayyoosaa kan ibse beektotaaf utuu hin ta’in, namoota bakki guddaan hin kennamneefi tajaajiltoota Waaqayyoo ta’uuf gad of qabaniif ture. Namoonni kun warra mana barumsaa galanii baratan biratti akka mucoolitti kan ilaalaman turan. (Maatewos 11:25; Hojii Ergamootaa 4:13) Phaawulos namoota hidhata amantaasaa ta’aniif “Waan Waaqayyo warra isa jaallataniif qopheesse” yeroo barreessu akkas jedhee ture: “Waaqayyo garuu hafuura qulqulluudhaan isa kana nutti mul’ise; hafuurri qulqulluun waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo iyyuu qoree bira in ga’a.”—1 Qorontos 2:9, 10.

6. Hafuurri Waaqayyoo “waan hundumaa” kan qoru akkamitti?

6 Hafuurri Waaqayyoo “waan hundumaa, yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” kan qoru akkamitti? Yihowaan dhuunfaatti Kiristiyaana tokkoof dhugaa mul’isuu mannaa, hafuurasaatiin jaarmiyaasaa kan geggeessu si’a ta’u, jaarmiyaansaa kunis saboonnisaa tokkummaadhaan isa tajaajilan Macaafa Qulqulluu akka hubatan isaan gargaara. (Hojii Ergamootaa 20:28; Efesoon 4:3-6) Gumiiwwan addunyaa maratti argaman sagantaa qayyabannaa Macaafa Qulqulluu walfakkaatu qabu. Gumiiwwan kun waggoota muraasa keessatti barumsawwan Macaafni Qulqulluun qabate hundaa baratu. Hafuurri qulqulluun, gumiiwwaniitti fayyadamuudhaan namoonni ilaalcha “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuuf isaan gargaaru akka qabaatan godha.—Hojii Ergamootaa 5:32.

‘Yaanni Waaqayyoo Inni Gad Fagoon’ Maalfaa Dabalata?

7. Namoonni baay’een “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” kan hin hubanne maaliifi?

7 “Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuun hin danda’amu jennee yaaduu hin qabnu. Beekumsi “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” namoota baay’ee jalaa kan dhokate ogummaa Waaqayyoo hubachuun ulfaataa waan ta’eef utuu hin ta’in, Seexanni gargaarsa Yihowaan karaa jaarmiyaasaa kennu akka hin fudhanneef waan isaan gowwoomsuufidha.—2 Qorontos 4:3, 4.

8. Yaadawwan gad fagoon Phaawulos Efesoon boqonnaa sadiirratti caqase maalfa’i?

8 Xalayaa Phaawulos warra Efesooniif barreesse boqonnaa sadaffaarratti, ‘yaadawwan Waaqayyoo warri gad fagoon’ dhugaawwan sabni Yihowaa akka gaariitti hubatan baay’ee kan dabalatan akka ta’e argisiisa; isaanis eenyummaa Sanyii isa abdachiifameefi Uumama 3:15⁠rratti ibsame, namoota samiirra jiraachuuf ilmaan namootaa gidduudhaa filataniifi Mootummaa Masihiichaa addaan baasanii beekuus kan dabalatudha. Phaawulos akkas jedhee barreesseera: “Dhaloota darban keessatti dhoksaan kun ilmaan namaatti hin argisiifamne; amma garuu Waaqayyo hafuura isaatiin ergamoota qulqullootaa fi raajotatti mul’iseera. Dhoksaan kunis warri saba Waaqayyoo hin ta’in wangeelatti amanuudhaan wanta Yihudoonni argatan akka argatan, isaanii wajjin bu’aa dhagna tokkoo akka ta’an, abdii isa Waaqayyo karaa Kristos Yesus kenne keessaas akka hirmaatan gochuuf kan qophaa’e ture.” Phaawulos “akeeki dhokataan kun bara durii durii jalqabee yaada Waaqayyoo yaada isa hundumaa uume keessa dhokfamee ture” beeksisuuf akka ramadame dubbatee ture.—Efesoon 3:5-9.

9. “Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuun mirga guddaa kan ta’e maaliifi?

9 Phaawulos itti fufuudhaan jaalalli ykn fedhiin Waaqayyoo, “Ogummaan Waaqayyoo inni dachaa baay’ee qabu bara si’anaa karaa waldaa kristiyaanaa warra bantii waaqaa keessaa gooftummaa qabanii[f] . . . akka beeksifamuuf kun ta’e” jechuudhaan ibseera. (Efesoon 3:10) Ergamoonni, walitti dhufeenya Waaqayyo gumii Kiristiyaanaa wajjin qabuun haala ogummaasaa itti argisiise ilaaluufi hubachuudhaan barumsa argatu. Wantoota qalbii ergamootaa hawwatan hubachuun keenya mirga guddaa mitii? (1 Phexros 1:10-12) Achiis, Phaawulos amantaan Kiristiyaanaa “hammam akka bal’atu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatu, hammam akka gad fagaatus hubachuu[f]” carraaquu akka qabnu dubbateera. (Efesoon 3:11, 18) Mee fakkeenyota yaadawwan gad fagoo hubannaa qabnu nuu bal’isaniifi kanaan dura irratti yaannee hin beekne tokko tokko haa’ilaallu.

Fakkeenyota Yaada Gad Fagoo

10, 11. Akka Caaffanni Qulqullaa’oon jedhanitti, Yesus kutaa “sanyii” “dubartii” Waaqayyoo ishee samiirratti argamtuufi isa guddaa kan ta’e yoomi?

10 Yesus, kutaa “sanyii” “dubartittii” Waaqayyoo ishee samiirratti argamtuufi Uumamaa 3:15⁠rratti caqasamte keessaa isa duraa akka ta’e beekna. Hubannaa keenya caalaatti bal’isuuf akkas jennee gaafachuu dandeenya: “Yesus Sanyii isa abdachiifame kan ta’e yoomi? Utuu nama ta’ee hin dhalatinimoo? erga nama ta’ee dhalatee? Yeroo cuuphamemoo yeroo du’aa ka’e?’

11 Waaqayyo raajicha keessatti ‘dubartiin’ kutaa jaarmiyaasaa isa samiitti fakkeeffamte, sanyii mataa bofichaa buruqsu akka godhattu abdii kennee ture. Haata’u malee, dubartiin jaarmiyaa Waaqayyoo isa samiitti fakkeeffamte kun sanyii Seexanaafi hojiiwwansaa balleessu utuu hin godhatin waggoonni kumaan lakkaa’aman darbaniiru. Kanaafuu, Isaayaas raajiisaa keessatti ishee “dhala hin godhatin hafte” ykn “garaa ishee keessatti baay’ee gadditee” jedhee ishee waameera. (Isaayaas 54:1, 5, 6) Yeroo booda garuu, Yesus Betlihemitti dhalate. Haata’u malee, Yihowaan “ilma koo” jedhee kan beeksise erga cuuphamee hafuura qulqulluudhaan dibamee booda si’a ta’u, yeroo kanattis Yesus Yihowaa wajjin walitti dhufeenya adda ta’e uumeera. (Maatewos 3:17; Yohannis 3:3) Dhumarrattis kutaan “sanyii” dubartittii inni guddaan ni beekame. Boodas, duuka buutonni Kiristos hafuura qulqulluudhaan dibamanii ilmaan Waaqayyoo ta’aniiru. ‘Dubartiin’ Yihowaa ishee yeroo dheeraadhaaf ‘ijoollee dhabdee’ turte, ‘gammaddee ililchuu’ dandeesseetti.—Isaayaas 54:1; Galaatiyaa 3:29.

12, 13. Caqasoonni Kiristiyaanonni dibamoon lafarratti argaman hundi ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ ta’uusaanii argisiisan kamfa’i?

12 Fakkeenya yaadawwan Waaqayyoo warra gad fagoo nuu ibsaman keessaa inni lammaffaanimmoo, kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaa keessaa 144,000 ta’an filachuuf qabudha. (Mul’ata 14:1, 4) Dibamtoonni yeroo tokko keessatti lafarra jiraatan hundi, maatiisaatiif “nyaata” yeroosaatiif ta’u akka qopheessu ilaalchisee wanti Yesus dubbate barumsa kutaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaan’ dhihaatu kan argisiisu ta’uusaa ni amanna. (Maatewos 24:45) Caqasoonni Macaafa Qulqulluu hubannaan kun sirrii ta’uusaa mirkaneessan kamfa’i? Yesus asirratti waa’ee Kiristiyaana nyaata hafuuraa obbolootasaatiif dhiheessu tokko dubbachuusaa kan argisiisudhaa?

13 Waaqayyo saba Israa’eliin, “Isin dhuga-baatuu koo ti, garbichi ani fo’adhes isinuma” jedhee ture. (Isaayaas 43:10) Haata’u malee Yesus, Dh.K.B. Niisaan 11 bara 33⁠tti, Waaqayyo sabni Israa’el tajaajiltootasaa akka hin taaneef akka isaan dhiise geggeessitoota sabichaatti dubbateera. Akkas jedhe: “Egaa mootummaan Waaqayyoo isin irraa fudhatamee, saba ija isaaf godhatuuf akka kennamu isinittan hima.” Saba sanaanis, “manni keessan onee in hafa” jedhe. (Maatewos 21:43; 23:38) Hojjetaa Yihowaa kan ture sabni Israa’el amanamaa ykn ogeessa hin taane. (Isaayaas 29:13, 14) Guyyuma sana takka turee Yesus, “Egaa hojjetaan amanamaanii fi ogeessi . . . isa kam ree?” jedhee yeroo gaafatu, ‘Sabni ogeessaafi amanamaan Israa’eliin bakka bu’u isa kami?’ jedhee akka gaafatetti kan ilaalamudha. Phexros ergamaan waa’ee gumii Kiristiyaanota dibamoo yeroo dubbatu deebii kanaa kenneera: “Isin . . . saba qulqullaa’aa dha, warra dhuunfaa Waaqayyoo ta’anii dha.” (1 Phexros 1:4; 2:9) Sabni hafuuraa sun, hojjetaa Yihowaa isa haaraa, jechuunis “Israa’el Waaqayyoo” ta’e. (Galaatiyaa 6:16) Akkuma miseensonni Israa’el durii walumatti ‘hojjettoota’ ta’an, Kiristiyaanonni dibamoon yeroo tokkotti lafarra jiraatan hundis, walumatti akka ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ tokkotti ilaalamu. Karaa hojjetaa Waaqayyoo kanaa “nyaata” argachuun keenya mirga guddaa akkamiiti!

Qayyabannaan Dhuunfaa Kan Nama Gammachiisu Ta’uu Ni Danda’a

14. Akkasumaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu mannaa qayyabannaa gochuun gammachuu argamsiisa kan jennu maaliifi?

14 Beekumsawwan Caaffata Qulqullaa’oo haaraa yeroo argannu, amantaa keenya waan nuu jabeessuuf, hin gammannuu? Qayyabannaan, Macaafa Qulqulluu akkasumaan dubbisuu caalaa kan nama gammachiisu kanumaafidha. Kanaaf, barreeffamoota keenya yeroo dubbistu gaaffiiwwan kana of gaafadhu: ‘Ibsi kenname kun barumsa ani kanaan dura hubadhee wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? Caqasoonni ykn ragaaleen dabalataa ibsa mataduree kana keessatti dhihaatan garabiraan kamfa’i?’ Qorannaa dabalataa gochuun kan si barbaachisu yoo ta’e, gaaffiiwwan deebii argachuufii barbaadde barreeffadhuutii, gara fuulduraatti qo’annaa irratti godhi.

15. Waa’ee maalii qayyabachuudhaan gammachuu argachuu dandeessa? Bu’aa itti fufiinsa qabu akka argamsiisu gochuu kan dandeessu akkamitti?

15 Hubannaa haaraa argachuudhaan gammaduu kan dandeessu waa’ee maalii yoo qayyabattedha? Kakuu Waaqayyo ilmaan namootaa fayyaduuf jecha isaanii wajjin gale gad fageenyaan qayyabachuudhaan beekumsakee bal’ifachuu dandeessa. Raajiiwwan waa’ee Yesus Kiristos dubbataman ykn raajiiwwan Macaafa Qulqulluu keessaa tokko lakkoofsa lakkoofsaan qayyabachuudhaan amantaakee jabeessuu dandeessa. Waa’ee seenaa Dhugaa Baatota Yihowaa ammayyaa kitaaba Pirookleemars jedhamu dubbisuudhaanis amantaakee jabeeffachuu dandeessa. * Matadureewwan Masaraa Eegumsaa “Gaaffiiwwan Dubbistootaa” kanaan dura ba’an, hubannaa caqasoota tokko tokkorratti qabdu caalaatti ifa siif godhu. Ragaa Caaffata qulqullaa’oo amansiisoo ta’aniifi mataduree sanaaf kennamanirratti xiyyeeffannaa addaa godhi. Kun dandeettii “gargar baasuu” kee leenjisuufi hubannaakee guddifachuuf sigargaara. (Ibroota 5:14) Qayyabannaa gochaa yeroo adeemtu, qayyabannaankee siifis ta’e namoota gargaartuuf bu’aa itti fufiinsa qabu akka argamsiisuuf, Macaafa Qulqulluu keerratti ykn waraqaarratti yaadannoo qabachuu dandeessa.

Ijoolleen Qayyabannaa Macaafa Qulqulluurraa Gammachuu Akka Argatan Gargaaraa

16. Ijoolleen qayyabannaa Macaafa Qulqulluurraa gammachuu akka argatan gargaaruu kan dandeessan akkamitti?

16 Warri ijoolleensaanii Yihowaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaatan isaan gargaaruu danda’u. Ijoolleen yaadawwan gad fagoo hubachuu hin danda’an jettanii hin yaadinaa. Ijoolleen keessan qo’annaa maatichi Macaafa Qulqulluurratti godhuufi mataduree tokkorratti akka qophaa’an erga itti himtanii booda, qo’annaa godhanirraa barumsa maalii akka argatan isaan gaafachuu dandeessu. Qayyabannaan maatii, shaakala gaaffii amantaasaaniifi dhugaa baratan ilaalchisee ka’uuf akkamitti akka deebisan argisiisu kan dabalatu ta’uus ni danda’a. Kana malees, biyyoota Macaafa Qulqulluu keessatti argamaniifi dubbisa Macaafa Qulqulluurratti isin mudatan eessatti akka argaman barsiisuuf, birooshura “Sii Zak Gud Laand” jedhutti fayyadamuu dandeessu. *

17. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa yeroo goonu yeroo keenya hundumaa akka nu jalaa hin fudhanne gochuu kan qabnu maaliifi?

17 Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu dhuunfaa gochuun kan nama gammachiisuufi amantaa namaa kan jabeessu ta’u ni danda’a; haata’u malee, yeroo itti walga’iiwwan gumiitiif qophooftu akka si hin dhabsiisne ofeeggannoo gochuu qabda. Walga’iin gumii, karaa Yihowaan ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaan’ itti nubarsiisu keessaa isa tokkodha. Haata’u malee, qorannaa dabalataa gochuun, Qayyabanna Kitaabaarratti ykn dubbisni Macaafa Qulqulluu torbanii Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti yaada bu’aa guddaa qabu kennuuf sigargaaruu danda’a.

18. “Yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” qayyabachuuf carraaqqii gochuun kan nama kiisudha kan jennu maaliifi?

18 Dubbii Waaqayyoo gad fageenyaan qayyabachuunkee, caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaattu sigargaara. Macaafni Qulqulluun bu’aa qayyabannaan akkasii qabu yeroo ibsu akkas jedha: “Akkuma horiin nama golgu, akkasuma ogummaan nama in golgiti; caalaatti immoo ogummaan jireenya warra ishee argatanii nagaatti in eegdi.” (Lallaba 7:12) Kanaaf, yaadawwan hafuuraa gad fagoo ta’an hubachuuf carraaqqii gochuunkee kan sikiisudha. Macaafni Qulqulluun wanta namoonni qayyabannaa godhan argatan ilaalchisee abdii, ‘beekumsa Waaqayyoo in argatta’ jedhu kenna.—Fakkeenya 2:4, 5.

[Miiljaleewwan]

^ key. 15 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

^ key. 16 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e.

Ibsuu Dandeessaa?

• ‘Yaadawwan Waaqayyoo warri gad fagoon’ maalidha?

• Qayyabannaan yaadawwan Waaqayyoo warra gad fagoo ta’anirratti goonu matumaa dhaabuu kan hin qabne maaliifi?

• Kiristiyaanonni hundinuu, “yaada Waaqayyoo isa gad fagoo” hubachuudhaan gammachuu argachuu kan danda’an maaliifi?

• ‘Yaada Waaqayyoo isa gad fagoorraa’ guutummaatti faayidaa argachuu kan dandeessu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]