Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Guyyaa Yihowaatiif Qophoofteettaa?

Guyyaa Yihowaatiif Qophoofteettaa?

Guyyaa Yihowaatiif Qophoofteettaa?

“Guyyaan [Yihowaa, NW] inni guddaan dhi’aateera, dhi’aateera, dafees in dhufa.”—SEFAANIYAA 1:14.

1-3. (a) Macaafni Qulqulluun waa’ee guyyaa Yihowaa maal jedha? (b) ‘Guyyaa Yihowaa’ isa kamtu dhi’aachaa jira?

GUYYAAN Yihowaa inni guddaan, sa’aatii 24 qofa kan turu utuu hin ta’in, yeroo dheeraa Waaqayyo hamootarratti faradu kan argisiisudha. Namoota Waaqayyoon hin tajaajilleef, guyyaa dukkanaa, dheekkamsaa, dhiphinaafi badiisaa waan ta’eef guyyaa sodaachisaa ta’uunsaa beekamaadha. (Isaayaas 13:9; Amos 5:18-20; Sefaaniyaa 1:15) Raajiin Yo’el: “Wayyoo! Guyyaan [Yihowaa, NW] dhi’aateera! Maal guyyaan sodaachisaan akkasii! Inni isa hundumaa danda’u biraa akka balleessiitti in dhufa” jedha. (Yo’el 1:15) Haata’u malee, guyyaa guddaa sanatti Waaqayyo “warra yaadni garaa isaanii qajeele” ni oolcha.—Faarfannaa 7:10.

2 Jechi “guyyaa Yihowaa” jedhu, guyyaa firdii Waaqayyoo yeroo addaddaatti raawwatameefis kan hojjetudha. Fakkeenyaaf, Baabilononni Dh.K.D. bara 607⁠tti yeroo Yerusaalemiin balleessanitti ‘guyyaan Yihowaa’ isheerratti dhufee ture. (Sefaaniyaa 1:4-7) Haaluma walfakkaatuun, Waaqayyo Yihudoonni Ilmasaa simachuu yeroo didanitti, warri Roomaa Dh.K.B. bara 70⁠tti akka isaan balleessan yeroo godhettis guyyaan firdii Yihowaa isaanitti dhufee ture. (Daani’el 9:24-27; Yohannis 19:15) Akkasumas, Macaafni Qulqulluun ‘guyyaa Yihowaan’ ‘saba hundumaa itti lolu’ akka dhufu raajii dubbateera. (Zakaariyaas 14:1-3) Phaawulos, ergaa hafuuraan geggeeffamee barreesserratti guyyaa kana argamuu Yesus, jechuunis bara 1914 samiirratti Mootii ta’ee muudamuusaa wajjin kan walqabate ta’uusaa ibseera. (2 Tasaloniiqee 2:1, 2) Wanti naannoo keenyatti raawwatamaa jiru guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa kan argisiisu waan ta’eef, caqasni waggaa 2007 Dhugaa Baatonni Yihowaa filatan yeroosaatiif kan ta’udha. Caqasichi Sefaaniyaa 1:14⁠rraa kan fudhatame yeroo ta’u, “Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhi’aateera” kan jedhudha.

3 Guyyaan Yihowaa inni guddaan dhi’aachaa kan jiru waan ta’eef, yeroo kun yeroo itti of qopheessitudha. Guyyaa sanaaf qophaa’uu kan dandeessu akkamitti? Guyyaa Yihowaatiif qophaa’uuf, tarkaanfiiwwan dabalataa fudhachuu si barbaachisaa?

Qophaa’aa Ta’i!

4. Yesus qorumsa guddaa isa kamiif of qopheessee ture?

4 Yesus Kiristos guyyoota gara dhumaa kana ilaalchisee raajii dubbaterratti bartootasaatiin, “qophaa’oo ta’aa!” jedhee ture. (Maatewos 24:44) Yesus yeroo akkas jedhutti qorumsa guddaa, jechuunis du’ee aarsaa furii ta’uuf qophaa’ee ture. (Maatewos 20:28) Karaa Yesus itti of qopheesserraa barumsa maalii arganna?

5, 6. (a) Jaalalli Waaqayyoofi namootaaf qabnu guyyaa Yihowaatiif qophaa’uuf kan nugargaaru akkamitti? (b) Namoota jaallachuu ilaalchisee Yesus fakkeenya akkamii ta’eera?

5 Yesus, Yihowaafi ulaagaalee qajeelummaasaa isa qulqulluudhaaf jaalala guddaa qaba ture. Ibroonni 1:9 Yesusiin ilaalchisee akkas jedha: “Ati qajeelina jaallattee jal’ina jibbite; kanaaf Waaqayyo kee, waaqayyichatu si dibee, dibata gammachuu kanaanis warra sii wajjin jiran irra si caalchise.” Yesus Abbaasaa isa samii waan jaallatuuf amanamaa isaaf ta’eera. Nuyis akkumasaa Waaqayyoon kan jaallannuufi haala ulaagaaleesaa wajjin walsimuun kan jiraannu yoo ta’e eegumsa nuu godha. (Faarfannaa 31:23) Akkasitti kan isa jaallannuufi kan isaaf abboomamnu taanaan, guyyaa Yihowaa isa guddaadhaaf qophaa’uuf nugargaara.

6 Amala Yesus ittiin beekamu keessaa inni guddaan namoota jaallachuudha. Dhugumayyuu, “Inni namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii turan sana yommuu arge isaaniif oo’e[era].” (Maatewos 9:36) Kanaan kan ka’es, misiraachicha namootaaf kan lallabe yommuu ta’u, nutis namootaaf misiraachicha akka lallabnu kan nu kakaasu jaalala namootaaf qabnudha. Jaalalli Waaqayyoofi namootaaf qabnu tajaajilarratti hinaaffaadhaan akka hirmaannuufi guyyaa Yihowaa isa guddaadhaaf qophaa’uuf nugargaara.—Maatewos 22:37-39.

7. Guyyaa Yihowaa yeroo eeggannu kanatti akka gammannu kan nu godhu maalidha?

7 Yesus fedha Yihowaa gochuun isatti tola ture. (Faarfannaa 40:8) Nuyis ilaalcha akkasii kan qabnu yoo ta’e, Waaqayyoon tajaajiluu keenyaan gammachuu arganna. Akka Yesus ofittummaa malee kan kenninu yommuu ta’u, kunimmoo gammachuu dhugaa nuu argamsiisa. (Hojii Ergamootaa 20:35) Eeyyee, ‘gammachuu [Yihowaan] nuu kennu jabina keenyadha.’ Gammachuun kunimmoo, caalaatti guyyaa Yihowaa isa guddaaf nuqopheessa.—Nahimiiyaa 8:10.

8. Caalaatti kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaachuu kan qabnu maaliifi?

8 Yesus jabeessee gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessuunsaa qorumsa amantaa isa eeggatuuf akka qophaa’u isa gargaareera. Yeroo Yohannis isa cuuphe kadhachaa ture. Ergamootasaa filachuusaa dura halkan guutuu kadhachaa buleera. (Luqaas 6:12-16) Halkan jireenyisaa inni lafarraa yeroo xumuramuu ga’etti kadhannaa Yesus garaadhaa dhiheesse Macaafa Qulqulluurraa dubbisee kan garaansaa hin tuqamne eenyu? (Maarqos 14:32-42; Yohannis 17:1-26) Akkuma Yesus yeroo hundumaa kadhannaa ni dhiheessitaa? Yeroo gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessitu ariifachuurra kadhannaa dheeraa gochuu amaleeffadhu; hafuurri qulqulluu akka si geggeessu gaafadhu; akkasumas qajeelfama sii kennamu yerooma sana hojiirra oolchi. Yeroo rakkisaa guyyaan Yihowaa ariitiidhaan dhihaachaa jiru kanatti, Abbaa keenya isa samii wajjin hariiroo cimaa qabachuun keenya baay’ee barbaachisaadha. Yeroo kamiyyuu caalaa kadhannaadhaan gara Yihowaatti dhihaachuurraa duubatti hin jedhin.—Yaaqoob 4:8.

9. Maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee akka eegamu yaaduun keenya hammam barbaachisaadha?

9 Kana malees, fedhiin Yesus maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee akka eegamuu qabu qorumsa isa eeggatuuf akka qophaa’u isa gargaareera. Bartoonnisaas kadhannaa Waaqayyoof dhiheessan keessatti, “Maqaan kee qulqulluu ta’ee haa eegamu” jedhu dabalanii akka kadhatan isaan barsiiseera. (Maatewos 6:9) Maqaan Yihowaa qulqulluu ta’ee akka eegamu kan hawwinu yoo ta’e, wanta maqaasaa xureessu ykn arrabsiisu kamiyyuu gochuurraa of qusanna. Kunis guyyaa Yihowaa isa guddaadhaaf caalaatti qophaa’uuf nugargaara.

Sirreeffamni Gochuu Qabdu Tokko Tokko Jiraa?

10. Of qoruun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

10 Guyyaan Yihowaa bor utuu dhufe, badiisarraa ooluuf qophoofteettaa? Tokkoon tokkoon keenya, gocha ykn ilaalcha sirreeffamu qabaachuufi dhiisuu keenya baruuf of qoruu qabna. Jireenyi namootaa gabaabaafi amansiisaa akka hin taane yaadachuudhaan, tokkoon tokkoon keenya guyyaa hundumaa karaa hafuuraa dammaqoo taanee jiraachuu nubarbaachisa. (Lallaba 9:11, 12; Yaaqoob 4:13-15) Kanaaf, haalawwan jireenya keenya keessatti xiyyeeffannaa kennuufii qabnu tokko tokko haa’ilaallu.

11. Macaafa Qulqulluu dubbisuu ilaalchisee galma maalii qabda?

11 Isaan keessaa inni guddaan gorsa ‘hojjetaan amanamaaniifi ogeessi’ guyyaa hundumaa Macaafa Qulqulluu akka dubbisnu nuu kennudha. (Maatewos 24:45) Waggaatti takkaa Seera Uumamaa hamma Mul’ataatti irratti xiinxalaa Macaafa Qulqulluu dubbisuuf galma baafachuu dandeessa. Guyyaatti gara boqonnaawwan afurii yoo dubbiste waggaatti boqonnaawwan 1,189 Macaafa Qulqulluu keessatti argaman dubbisuu dandeessa. Mootonni Israa’el hundi “bara jireenya [isaanii] hundumaatti” Seera Yihowaa akka dubbisan irraa eegama ture. Iyaasuunis akkas akka godhe haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. (Keessa Deebii 17:14-20; Iyaasuu 1:7, 8) Jaarsoliin gumii keessa jiran, “barsiisa sirrii” warra kaaniif hiruuf guyyaa guyyaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuunsaanii baay’ee barbaachisaadhaa!—Tiitoos 2:1.

12. Guyyaan Yihowaa dhihaachuunsaa maal gochuuf si kakaasuu qaba?

12 Guyyaan Yihowaa dhihaachuunsaa, yeroo hundmaa walga’iiwwan Kiristiyaanaarratti argamuufi hamma danda’ame achirratti hirmaachuuf si kakaasuu qaba. (Ibroota 10:24, 25) Mootummicha kan labsitu waan taateef, akkas gochuunkee dandeettii namoota jireenya barabaraatiif qophaa’an barbaaduufi gargaaruuf qabdu fooyyeffachuuf sigargaara. (Hojii Ergamootaa 13:48, 1899) Gumii keessattis ta’e bakka kaanitti, namoota dullooman gargaaruufi dargaggoota jajjabeessuudhaan sochii gootu caalaatti guddisuu dandeessa. Akkas gochuunkee gammachuu guddaa akka siif argamsiisu beekamaadha!

Hariiroo Namoota Kaanii Wajjin Qabdu

13. Namummaa haaraa uffachuu ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu dandeenya?

13 Guyyaan Yihowaa dhufuunsaa waan hin oolleef, gorsa “Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!” jedhu hordofuuf carraaqqii guddaa gochuun si barbaachisaa laata? (Efesoon 4:20-24) Amalawwan Waaqayyoo qabaachuuf yeroo carraaqxu, namoonni kaan ‘hafuuraa Waaqayyootiin akka geggeeffamtu’ akkasumas ija hojii hafuuraa argisiisaa kan jirtu ta’uukee hubachuunsaanii hin oolu. (Galaatiyaa 5:16, 22-25) Namummaa haaraa uffachuuf tarkaanfii atis taate maatiinkee fudhataniifi akka fakkeenyaatti caqasuu dandeessu qabdaa? (Qolosaayis 3:9, 10) Fakkeenyaaf, namoota hidhata amantiikee ta’aniifi kaan biratti gaarummaa argisiisuudhaan beekamtaa? (Galaatiyaa 6:10) Caaffata Qulqullaa’oo yeroo hundumaa qayyabachuunkee, amalawwan guyyaa Yihowaa qophooftee akka eegdu horachuuf si gargaaruu danda’a.

14. Namni tokko amala of qabuu horachuuf carraaqqii yommuu godhu gargaarsa hafuura qulqulluu argachuuf kadhachuu kan qabu maaliifi?

14 Daftee kan aartu ykn of qabuun caalaatti kan si barbaachisu ta’uusaa yoo hubatte maal gochuu dandeessa? Of qabuun amalawwan hafuurri Waaqayyoo keessa keenyatti akka horannu nu godhu keessaa isa tokkodha. Kanaaf, jechoota Yesus akkas jechuudhaan wajjin haala walsimuun hafuura qulqulluu argachuuf kadhadhu: “Barbaadaa in argattuu, balbala rukutaa isiniif in banama. Kan kadhatu hundinuu in fudhata, kan barbaadus in argata, balbala kan rukutuufis in banama. . . . Egaa isin hamoota taatanii utuu jirtanii, ijoollee keessaniif kennaa gaarii kennuu erga beektanii, abbaan keessan inni waaqa irraa immoo, hammam isin caalaa warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu kenna!”—Luqaas 11:9-13.

15. Siifi nama hidhata amantiikee ta’ee gidduutti walitti bu’iinsi yoo uumame maal gochuu qabda?

15 Siifi nama hidhata amantiikee ta’ee gidduutti walitti bu’iinsi uumameera haajennu. Yeroo kanatti, hariiroo gidduu keessan jiru fooyyessuuf hamma dandeesse carraaquunkee, tokkummaan gumii akka eegamu godha. (Faarfannaa 133:1-3) Gorsa Yesus Maatewos 5:23, 24fi Maatewos 18:15-17⁠rra jiru hojiirra oolchi. Akkuma aarteen aduun akka sitti lixxu heyyamuu mannaa, haalasaa dafii sirreessi. Yeroo baay’ee dhiifama gochuun qofti ga’aa ta’uu danda’a. Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta’aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!”—Efesoon 4:25, 26, 32.

16. Gaa’ela keessatti garaa waliif laafuun kan barbaachisu karaawwan kamiini?

16 Hiriyoota gaa’ela gidduuttis gara laafinni, yeroo tokko tokkommoo dhiifama waliif gochuun barbaachisaadha. Hariiroo hiriyaa gaa’elaakee wajjin qabduun jaalalaafi gara laafina argisiisuun kan si barbaachisu yoo ta’e, gargaarsa Waaqayyoofi Dubbiisaatiin amalawwan kana caalaatti foyyeessuuf galma baafadhu. Gorsa 1 Qorontos 7:1-5⁠rra jiruu wajjin haala walsimuun, dhiphinaa hir’isuufi amanamummaa dhabuu hambisuuf wanti gochuun sibarbaachisu jiraa? Kun karaawwan haati manaafi abbaan manaa akka ‘garaa waliif laafan’ itti argisiisan keessaa isa tokkodha.

17. Namni tokko cubbuu cimaa yoo hojjete tarkaanfii maalii fudhachuu qaba?

17 Cubbuu cimaa yoo hojjette maal gochuu qabda? Haalasaa sirreessuuf yerooma sana tarkaanfii fudhadhu. Gargaarsa jaarsolii gaafachuurraa duubatti hin jedhin. Kadhannaansaaniifi gorsisaanii karaa hafuuraa fayyaakee eeguuf si gargaaruu danda’a. (Yaaqoob 5:13-16) Haala qalbii diddiirrachuukee argisiisuun Yihowaa kadhadhu. Akkas gochuu baannaan, yeroo hundaa balleessaankee kan sitti dhaga’amu ta’uusaarrayyuu, yaanni garaakees sijeeqa. Daawitis al tokko wanti kun isa mudatee kan ture si’a ta’u, cubbuusaa erga himatee booda sammuunsaa boqonnaa argateera. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Namni irra-daddarbaan isaa dhiifameef, cubbuun isaas deebi’ee akka hin argamne godhameef haa gammadu! Namni Waaqayyo yakka tokko illee irratti hin lakkoofne, yaada isaa keessas haxxummaan hin jirre haa gammadu!” (Faarfannaa 32:1-5) Yihowaan namoonni cubbuu hojjetan, garaadhaa qalbii yoo diddiirratan dhiifama isaaniif godha.—Faarfannaa 103:8-14; Fakkeenya 28:13.

Kan Biyya Lafaa Ta’uu Dhiisuu

18. Biyya lafaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabda?

18 Addunyaa haaraa dinqisiisaa, Abbaan keenya inni samii fiduuf abdii kenne akka eeggattu homaa hin shakkisiisu. Egaa, haawaasa ilmaan namootaa isa Waaqayyoorraa fagaateefi biyya lafaa isa jal’aa kanaaf ilaalcha akkamii qabda? Seexanni, ‘inni biyya lafaa kana seerratu’ Yesus Kiristosirratti aboo tokkollee hin qabu ture. (Yohannis 12:31; 14:30) Diiyaabilosis ta’e biyyi lafaa inni seerratu sirratti aboo akka qabaatu akka hin barbaanne beekamaadha; kanaafuu, gorsa Yohannis ergamaa: “Biyya lafaa yookiis waan biyya lafaa jaallachuutti hin hidhaminaa” jedhu hordofi. Gorsa kana hordofuunkee tarkaanfii sirriidha: “Biyyi lafaa, hawwiin isaas hundinuu in darba, namni fedha Waaqayyoo raawwatu garuu bara baraan in jiraata.”—1 Yohannis 2:15-17.

19. Dargaggoonni Kiristiyaanaa galmawwan akkamii akka baafatan jajjabeeffamaniiru?

19 Warra kan taatan, ijoolleen keessan ‘xuraa’ummaa biyya lafaa irraa akka of eegan’ gargaaraa jirtuu? (Yaaqoob 1:27) Seexanni, akkuma namni tokko qurxummii qabutti ijoollee keessan qabuu barbaada. Gareewwan addaddaafi jaarmiyaawwan kaan dargaggoonni kutaa biyya lafaa isa Seexanni seerratu akka ta’an gochuuf yaadamanii kan qophaa’anidha. Haata’u malee, tajaajiltonni Yihowaa miseensota jaarmiyaa tokkicha isa badiisa sirna hamaa kanarraa ooluu ta’aniiru. Kanaaf, dargaggoonni Kiristiyaana ‘hojii gooftaa caalchisanii akka hojjetan’ jajjabeeffamuu qabu. (1 Qorontos 15:58) Warri namoota Waaqayyoo ta’an, ijoolleensaanii galma hafuuraa, gammachuu, jireenya Waaqayyoof ulfina fiduufi guyyaa Yihowaatiif isaan qopheessu akka baafatan gargaaruu qabu.

Wanta Guyyaa Yihowaa Isa Guddaa Duuba Jiru Ilaali

20. Jireenya barabaraarratti xiyyeeffachuu kan qabnu maaliifi?

20 Qalbiinkee jireenya barabaraarratti kan xiyyeeffate yoo ta’e, guyyaa Yihowaa gabiidhaan eeggachuu dandeessa. (Yihudaa 20, 21) Barabaraaf Jannata keessa jiraachuuf abdii qabda; yeroon kunis yeroo jabinni dargaggummaakee itti haaromu, galmawwan gaarii dhuma hin qabneefi waa’ee Yihowaa caalaatti barachuuf yeroo ga’aa argachuuf si dandeessisudha. Waaqayyoon ilaalchisee beekumsi namoonni yeroo har’aatti qaban “fiixee hojii isaa” qofa yommuu ta’u, yeroo sanatti garuu waa’ee Waaqayyoo barabaraaf barachuukee itti fufuu dandeessa. (Iyoob 26:14) Yeroo gammachiisaa akkamiitu nu’eeggata!

21, 22. Namoonni du’aa ka’an waa’ee maalii nutti himu? Nutoo maal isaan barsiifna?

21 Jannata keessatti, namoonni du’aa ka’an beekumsa nuyi kanaan dura hin beekne nutti himu. Henok namoota Waaqayyo malee jiraataniif lallabuuf akkamitti ija jabina argachuu kan danda’e nutti hima. (Yihudaa 14, 15) Nohi doonii ijaaruun maal akka fakkaatu akka nuu ibsu homaa hin shakkisiisu. Abrahaamiifi Saaraan jireenya qannoo Ur keessatti qaban dhiisanii dunkaana keessa jiraachuusaaniitiin maaltu akka isaanitti dhaga’ame nutti himu. Asteer sabashee oolchuuf maal akka gooteefi haxxummaa Haamaan isaanirratti yaade akkamitti akka busheessite tokko tokkoon nutti himti. (Asteer 7:1-6) Yoonaas guyyaa sadii yeroo garaa qurxummii keessa ture, akkasumas Yohannis Cuuphaan yeroo Yesusiin cuuphetti maaltu akka isaanitti dhaga’ame tilmaamuu dandeessa. (Luqaas 3:21, 22; 7:28) Dhugumayyuu, wantoota nama gammachiisan hedduu baranna!

22 Bulchiinsa Kiristos isa Waggaa Kumaa keessatti, namoonni du’aa ka’an “beekuma Waaqayyooyis” akka argatan gargaaruuf mirga argatta ta’a. (Fakkeenya 2:1-6, 1899) Yeroo har’aatti, namoonni beekumsa Yihowaa ennaa argataniifi haala isaan walsimuun yommuu jiraatan arguun baay’ee nama gammachiisa! Gara fuulduraattis carraaqqii namoota barsiisuuf goote Yihowaan yeroo sii eebbisuufi galateeffannaa garaadhaa maddeen namoonnis yommuu wanta baratan hojiirra oolchan arguunkee hangam akka sigammachuu tilmaamuu dandeessa!

23. Murtoon keenya maal ta’uu qaba?

23 Ammumallee, eebbawwan saba Yihowaa ta’uu keenyaan argachaa jirru tarreessinee fixuu hin dandeenyu. (Faarfannaa 40:5) Keessumaa qophiiwwan hafuuraa nuu godhamaniif guddaa galateeffanna. (Isaayaas 48:17, 18) Haalli keenya maaliyyuu yoo ta’e, guyyaa Yihowaa isa guddaa yeroo eeggannu kanatti, garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya ittaafufnu.

Deebiinkee Maalidha?

• ‘Guyyaan Yihowaa’ maalidha?

• Guyyaa Yihowaatiif of qopheessuukee mirkaneessuu kan dandeessu akkamitti?

• Guyyaan Yihowaa inni guddaan baay’ee yeroo dhi’aachaa jiru kanatti, jijjiirama akkamii gochuu nubarbaachisa?

• Guyyaan Yihowaa erga darbee booda maal hawwiidhaan eeggatta?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]