Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Jabaadhaa Dhaabadhaatii Gocha Yihowaan Isin Fayyisuudhaaf Raawwatu Ilaalaa!’

‘Jabaadhaa Dhaabadhaatii Gocha Yihowaan Isin Fayyisuudhaaf Raawwatu Ilaalaa!’

‘Jabaadhaa Dhaabadhaatii Gocha Yihowaan Isin Fayyisuudhaaf Raawwatu Ilaalaa!’

“Waaqayyo gara koo erga ta’ee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu danda’a?”—FAARFANNAA 118:6.

1. Ilmaan namootaa wantoota sodaachisaa akkamiitu isaanitti dhufuuf jedha?

YEROO har’aatti, ilmaan namootaa haalawwan hamma ammaatti argamanii hin beekne keessa jiru. Yeroo amma keessa jiraannu ilaalchisee Yesus akkas jedhee raajii dubbatee ture: “Yommus rakkinni guddaan ta’uuf jira; rakkinni akkasiis jalqaba biyya lafaatii jalqabee hamma ammaatti hin taane, deebi’ees hin ta’u. Guyyoonni sun utuu gabaabbachuu dhaabaatanii, namni tokko iyyuu hin fayyu ture; amma garuu warra fo’amaniif jedhanii guyyoonni sun gabaabbachuuf jiru.”—Maatewos 24:21, 22.

2. Rakkinni inni guddaan akka hin jalqabne kan qabe maalidha?

2 Rakkina guddaa kana ergamoonni ijaan hin argame qabanii jiru. Yesus, karaa mul’ata karaasaa kennameen, ergamoonni rakkina kana maaliif akka qaban Yohannis ergamaatti himee ture. Yohannis ergamaan inni dulloome akkas jechuudhaan dhimma kana ibsa: “Ergamoonni afur golee lafaa arfan irra dhaabatanii, . . . qilleensota golee arfanii ittisuu isaanii nan arge. Ergamaan tokko immoo Waaqayyo isa jiraataa biraa mallattoo fudhatee karaa boruu utuu ba’uu nan arge. Ergamichis ergamoota arfan sagalee guddaadhaan waamee . . . ‘Hamma nuyi adda hojjetoota Waaqayyo keenyaatti mallattoo goonutti lafa, galaana, mukas hin miidhinaa!’”—Mul’ata 7:1-3.

3. Wanti rakkina isa guddaarratti jalqaba raawwatamu maalidha?

3 Yeroon ‘hojjetoota Waaqayyo keenyaa’ warra dibamtootatti mallattoon inni xumuraa itti godhamu dhi’aateera. Ergamoonni arfan sun qilleensota balleessan sana gadhiisuuf qophaa’aniiru. Yeroo qilleensicha gadhiisan jalqaba maaltu ta’a? Ergamaan sun: “Baabilon mandarri guddittiin akkas furguggifamtee, gad in darbatamti, deebitees hin argamtu!” jechuudhaan gaaffii kana deebisa. (Mul’ata 18:21) Yeroo kun raawwatamu, jechuunis bulchiinsi amantii sobaa addunyaa maraa itti balleeffamu samiirratti gammachuu guddaatu ta’a!—Mul’ata 19:1, 2.

4. Rakkinni inni guddaan akkamitti xumurama?

4 Saboonni lafarraa hundumtuu tokko ta’anii saba Yihowaarratti ka’u. Kiristiyaanota amanamoo lafarraa balleessuuf yaaliin godhan isaaniif milkaa’aa? Kan danda’an isaanitti fakkaata. Yeroo kanatti garuu macci Yesus Kiristos duukaa jiru humnoota ilmaan namootaa ni barbadeessu. (Mul’ata 19:19-21) Dhumarrattis, Diiyaabilosiifi ergamoonnisaa bakka sochii tokko gochuu itti hin dandeenyetti darbatamu. Waggaa kuma tokkoof waan hidhamaniif isaan booda ilmaan namootaa gowwoomsuu hin danda’an. Namoota soonaan baay’ee achirraa oolaniif aara galfii akkamii ta’aa!—Mul’ata 7:9, 10, 14; 20:1-3.

5. Warri Yihowaadhaaf amanamoo ta’an eebba akkamiitu isaan eeggata?

5 Yeroo dhi’oo keessatti wantoota dinqisiisaa ta’an arguuf jirra. Wantoonni kun hundi olaantummaa Yihowaa mirkaneessuuf kan raawwatamanidha. Mee waa’ee kanaa yaadi: Yihowaadhaaf amanamoo yoo taaneefi olaantummaasaa kan deggerru yoo ta’e, maqaansaa akka qulqullaa’uufi kaayyoonsaa akka galma ga’u ga’ee qabaanna. Kunimmoo gammachuu hangana hin jedhamne nuu argamsiisa!

6. Wantoota yeroo dhi’ootti raawwataman ilaalchisee jajjabina argachuuf waa’ee maalii qorra?

6 Yeroo wantoonni gurguddaa ta’an kun itti raawwatamaniif qophoofneerraa? Yihowaan humna nu oolchuuf qabutti ni amanamnaa? Yeroo barbaachisaa ta’etti haala gaarii ta’een nugargaaruu akka danda’u ni amanamnaa? Gaaffiiwwan akkasii dhuunfaadhaan deebisuuf, wanta Phaawulos Kiristiyaanota Roomaa hidhatasaa ta’anitti hime yaadachuu dandeenya: “Nuyi obsaa fi jajjabina caaffanni qulqullaa’oon nuuf kennaniin abdii akka argannutti, wanti caaffata qulqullaa’oo keessatti caafaman hundinuu nu barsiisuuf caafaman.” (Roomaa 15:4) Wantoota nu barsiisuuf, nu jajjabeessuufi abdii akka irraa argannuuf nuu caafaman keessaa tokko seenaa Yihowaan saba Israa’el garbummaa Gibxii jalaa baase ibsudha. Haalawwan dinqisiisoo yeroo Yihowaan Israa’eloota oolche raawwataman gad fageenyaan qoruun keenya, yeroo rakkinni inni guddaan ariitiidhaan dhufaa jiru kanatti jajjabina nuuf argamsiisa.

Yihowaan Sabasaa Ni Oolcha

7. Dh.K.D. bara 1513⁠tti warri Gibxii dhiphina akkamii keessa turan?

7 Yihowaan Dh.K.D. bara 1513⁠tti warra Gibxiirratti dha’icha sagal fideera. Dha’icha salgaffaa booda Fara’oon Musee waamuudhaan: “Ana irraa adeemi! Fuula koo dura deebitee yoo dhufte in duuta, kanaaf lammaffaa deebitee fuula koo dura akka hin dhufne, of eeggadhu!” jechuudhaan isa ari’e. Museenis, “Akkuma ati jette iyyuu, ani deebi’ee fuula kee dura hin dhufu!” jedhee deebiseef.—Ba’uu 10:28, 29.

8. Israa’eloonni badiisa sanarraa akka oolaniif qajeelfama maaliitu isaaniif kennamee ture? Bu’aan isaan argatan maalidha?

8 Yihowaan Fara’ooniifi warra Gibxiirratti dha’icha dhumaa tokko akka isaanitti fidu Museetti hime. Ji’a Abiib (Niisaan), gaafa 14 hangafa warra Gibxiifi horiinsaanii akka ajjeefaman itti hime. Haata’u malee, Israa’eloonni qajeelfama Waaqayyo karaa Musee isaaniif kenne of eeggannoodhaan hordofanii lubbuusaanii oolfachuu ni danda’u turan. Balbalasaaniitti dhiiga korbeessa hoolaa dibuufi manasaaniitii utuu hin ba’in turuu qabu turan. Halkan sanatti maaltu raawwatameree? Museen akkas jechuudhaan nutti hima: “Halkan walakkaa yommuu ta’e Waaqayyo biyya Gibxii keessaa angafa kan ta’e hundumaa, . . . in dha’e.” Fara’oon yerooma sana tarkaanfii ariifachiisaa fudhate. Museefi Aaroniin ofitti waamuudhaan akkas jedhee isaanitti hime: “Ka’aa, isin, Israa’eloonni saba koo keessaa ba’aa! Akkuma gaafattanii turtan dhaqaa Waaqayyoof [Yihowaaf] hojjedhaa!” Yerooma sana Israa’eloonni miliyoona sadii ol ta’aniifi warra Gibxii keessaa “tuuti saba garaa garaa isaanii wajjin in ba’an.”—Ba’uu 12:1-7, 29, 31, 37, 38.

9. Waaqayyo, Israa’eloota biyya Gibxii kan baase karaa kam ture? Maaliif?

9 Israa’eloonni gara biyya abdachiifamtetti galuuf karaan isaanitti dhihaatu, karaa Galaana Mediteraaniyaa gara Filiisxiyaa adeemuudha. Haata’u malee kun naannoo diinonnisaanii jiraatanidha. Yihowaan sabnisaa lola keessa akka hin galle gochuuf karaa Galaana Diimaa gara lafa onaatti isaan geesse. Namoonni godaanan kun miliyoonaan kan lakkaa’aman ta’aniyyuu, haala qindaa’aa ta’een adeemu turan. Gabaasni Macaafa Qulqulluu: “Israa’eloonni mi’a lolaa akkuma hidhatanitti [‘lolaaf qophaa’anii,’ 1899] biyya Gibxii keessaa ol ba’an” jedha.—Ba’uu 13:17, 18.

“Gocha Yihowaan Isin Fayyisuudhaaf Raawwatu Ilaalaa!”

10. Waaqayyo Israa’eloonni Phiihahiirot dura akka buufatan kan isaanitti hime maaliifi?

10 Achii booda wanta nama dinqisiisu tokkotu raawwatame. Yihowaan Museedhaan akkas jedhe: “Garagalanii Phiihahiirot dura, Miigdolii fi galaana diimaa gidduu, Ba’aal-Zefon fuula duraan akka buufataniif Israa’elootatti himi!” Israa’eloonni qajeelfama kana hordofuudhaan yeroo adeeman gaarotaafi qarqara Galaana Diimaa gidduu ga’an. Kunimmoo iddoo keessaa ba’uu hin dandeenye keessa kan galan fakkaata. Haata’u malee Yihowaan sababii kana godheef qaba. Museedhaan akkas jedheen: “Ani immoo mooticha garaa isaa nan jabeessa; innis faana dha’ee isin in hordofa; ani mootichaa fi loltuu isaa hundumaa irratti ulfina nan argadha; warri Gibxiis ani Waaqayyo akkan ta’e kanaan beekuuf jiru!”—Ba’uu 14:1-4.

11. (a) Fara’oon tarkaanfii akkamii fudhate? Israa’elootattoo maaltu isaanitti dhaga’ame? (b) Museen Israa’elootaaf deebii maalii kenne?

11 Fara’oon Israa’eloonni Gibxiin gadhiisanii akka ba’an heyyamuunsaa dogoggora akka ta’e waan isatti dhaga’ameef, konkolaattota filatamoo ta’aniifi fardaan harkifaman 600 fudhatee isaan faana bu’e. Israa’eloonni loltoota Gibxii yommuu argan sodaatanii akkas jedhanii Museetti iyyan: “Biyya Gibxii keessa iddoon awwaalaa waan hin jirreef, as lafa onaatti akka dhumnuuf nu fiddee?” Museen, Yihowaan akka isaan fayyisu amanuudhaan akkas jedhee deebiseef: “Hin sodaatinaa, jabaadhaa dhaabadhaatii har’a gocha [‘Yihowaan,’ NW] isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaalaa! Amma Waaqayyo isiniif in lola, isin gabii argadhaa!”—Ba’uu 14:5-14.

12. Yihowaan sabasaa kan fayyise akkamitti?

12 Akkuma Museen dubbate Yihowaan ergamaasaatiin isaaniif lola. Ergamaan Yihowaa utubaan duumessaa Israa’eloota geggeessu karaa duubasaaniitiin akka ta’u godhe. Kunis warra Gibxiitti dukkana, Israa’elootaafimmoo ifa fideera. (Ba’uu 13:21, 22; 14:19, 20) Museen ajaja Waaqayyo isaaf kenneen galaanicharratti harkasaa diriirse. Seenaansaa akkas jechuudhaan itti fufa: “Waaqayyo immoo halkan sana guutuu qilleensa ba’a-biiftuu isa jabaadhaan galaanicha gara booddeetti in deebise . . . Israa’eloonni galaanicha gidduu lafa gogaa irra in adeeman; bishaanichis mirga isaanii fi bitaa isaaniitti akka keenyanii isaaniif ta’e.” Warri Gibxii Israa’eloota ari’uusaanii kan itti fufan yeroo ta’u, Yihowaan garuu sabasaa wajjin ture. Warri Gibxii akka joonja’an gochuudhaan, Yihowaan Museedhaan akkas jedhe: “Bishaanichi warra Gibxii irratti, konkolaattota isaanii fi abboota fardeenii isaanii irratti walitti akka deebi’uuf, ati harka kee galaanicha irratti diriirsi!” Karaa kanaan loltoonni Fara’oon tokkoyyuu utuu hin hafin dhumaniiru!—Ba’uu 14:21-28; Faarfannaa 136:15.

Gocha Israa’eloota Fayyisuudhaaf Godhamerraa Barachuu

13. Israa’eloonni badiisarraa yeroo oolan maal godhan?

13 Israa’eloonni haala dinqii ta’een ooluunsaanii maal akka isaanitti dhaga’amu godheera? Museeniifi Israa’eloonni gammachuu guddaadhaan faarfannaa galataa Yihowaadhaaf dhiheessaniiru! Akkas jedhanii faarfatan: “Waaqayyo mo’uu isaatiin guddaa dha! Kanaaf ani isa nan faarfadha. . . . Waaqayyo yeroo hundumaa, baruma baraanis in mo’a.” (Ba’uu 15:1, 18) Eeyyee wanti yeroo jalqabaatiif isaanitti dhaga’ame Waaqayyoon faarfachuudha. Haala kanaan olaantummaan Yihowaa mirkaneeffameera.

14. (a) Wanta Israa’eloota mudaterraa waa’ee Yihowaa maal baranna? (b) Caqasni waggaa 2008 maal kan jedhudha?

14 Haalawwan dinqisiisaa ta’an kanarraa barumsa, jajjabinaafi abdii maalii arganna? Yihowaan qorumsa sabasaarra ga’u kamirraayyuu isaan oolchuu akka danda’u hubanna. Yihowaan qilleensi bahaa hamaan dhufee Galaanni Diimaan akka hiramu waan godheef Israa’eloonni rakkoo tokko malee akka ce’an godheera. Kana malees, loltoota Fara’ooniif bakka awwaalaasaanii isaaniif gochuu danda’eera. Seenaa kanarratti xiinxaluun keenya akkuma faarfatichaa: “Waaqayyo gara koo erga ta’ee ani hin sodaadhu, namni maal na gochuu danda’a?” jechuuf dandeenya. (Faarfannaa 118:6) Jechoota Phaawulos Roomaa 8:31⁠rratti, “Waaqayyo gara keenya erga ta’ee, eenyutu nu irratti ka’a jenna ree?” jechuudhaan dubbaterraas jajjabina argachuu dandeenya. Jechoonni geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun [Yihowaatti akka amanamnu nugargaaru] amanannaa akkamii nuuf kennu! Sodaafi shakkii nutti dhaga’amu garaa keenya keessaa baasuudhaan abdiidhaan akka guutamnu nu godhu. Kanaafuu, caqasni waggaa 2008: “Jabaadhaa dhaabadhaatii har’a gocha Yihowaan isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaalaa!” kan jedhu ta’uunsaa sirriidha—Ba’uu 14:13, NW.

15. Israa’eloonni Gibxii yeroo ba’anitti kan abboomaman ta’uunsaanii hangam barbaachisaa ture? Har’ahoo hangam barbaachisaadha?

15 Israa’eloonni harka warra Gibxii jalaa ba’uusaaniirraa barumsa garabiraa akkamii arganna? Wanta Yihowaan akka goonu barbaadu kamiyyuu abboomamuu akka qabnu nubarsiisa. Israa’eloonni qophii Faasikaadhaaf godhan ilaalchisee qajeelfama kennameef abboomamaniiru. Niisaan 14 halkan manasaaniitii hin baane. Dhumarratti yeroo Gibxii ba’an “mi’a lolaa akkuma hidhatanitti [‘lolaa[f] qophaa’anii,’ 1899]” adeeman. (Ba’uu 13:18) Nuyis yeroo har’aatti, qajeelfama “hojjetaan amanamaa fi ogeessi” nuuf kennu hordofuun keenya barbaachisaadha! (Maatewos 24:45) Sagalee Waaqayyoo isa: “Yommuu isin gara mirgaatti yookiis gara bitaatti adeemuudhaaf jettan, . . . ‘Karichi isa kana, isa irra adeemaa!’” jedhu of eeggannoodhaan dhaga’uu qabna. (Isaayaas 30:21) Yeroo rakkinni inni guddaan jalqabuuf dhihaachaa jiru kanatti qajeelfamoonni nuu kennamuu danda’u. Yeroo rakkisaa kana keessatti adeemsi keenya amansiisaa kan ta’u, tajaajiltoota Yihowaa amanamoo ta’anii wajjin waltaanee kan adeemnu yoo ta’edha.

16. Karaa Yihowaan saba Israa’el oolchuuf itti fayyadamerraa maal barachuu dandeenya?

16 Yihowaan Israa’eloota gaarawwaniifi Galaana Diimaa gidduu bakka rakkisaa ta’e keessatti isaan geggeessaa akka tures yaadadhu. Karaa sirriirra kan adeeman hin fakkaatu ture. Haata’u malee, Yihowaan wanta kana godheef kan qabu si’a ta’u, haalawwan akkasii kun isaaf ulfina sabasaaf immoo fayyina argamsiisaniiru. Yeroo har’aattis, akkaataa hojiiwwan jaarmiyaa kana keessatti itti hojjetaman nuuf galu baatus, sababiiwwan jaarmiyaa amanamaa karaa Yihowaan qajeelfama itti kennu kanatti akka amanamnu nu godhan baay’een jiru. Yeroo tokko tokko diinonni keenya kan milkaa’an fakkaachuu danda’u. Hubannaan keenya muraasa waan ta’eef dhimma sana ilaalchisee guutummaatti hubannaa hin qabnu ta’a. Ta’us Yihowaan saba Israa’el duriitiif akkuma godhe, har’as yeroo barbaachisaa ta’etti haalawwan sana sirreessuu danda’a.—Fakkeenya 3:5.

Yihowaatti Amanamaa

17. Qajeelfama Waaqayyo nuuf kennutti guutummaatti amanamuu kan dandeenyu maaliifi?

17 Israa’eloonni guyyaa, utubaa duumessaatiin halakanimmoo, utubaa ibiddaatiin isaan geggeessuusaa ennaa yaaddu amanannaan akkamii akka isaanitti dhaga’amu tilmaamuu dandeessaa? “Ergamaan Waaqayyo” isa dhugaa isaan geggeessaa akka ture beekamaadha. (Ba’uu 13:21, 22; 14:19) Yeroo har’aattis Yihowaan sabasaa akka geggeessu, akka eeguufi akka oolchu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Waadaa: “[Yihowaan] warra isaaf of kennanis hin gatu; isaan bara baraan in eegamu” jechuudhaan galame amanuu dandeenya. (Faarfannaa 37:28) Ergamoonni humna guddaa qaban, tajaajiltoota Waaqayyoo warra yeroo har’aatti jiran gargaaraa akka jiran tasumaa dagachuu hin qabnu. Gargaarsasaaniitiin, ‘jabaannee dhaabachuudhaan gocha Waaqayyo nu fayyisuudhaaf raawwatu ilaaluu’ dandeenya.—Ba’uu 14:13.

18. ‘Mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhachuun’ kan nubarbaachisu maaliifi?

18 Hundi keenya karaa dhugaatti jabaannee ‘dhaabachuuf’ maaltu nugargaaruu danda’a? Mi’a lolaa hafuuraa ilaachisee Phaawulos ergamaan xalayaa Kiristiyaanota Efesooniif barreesserratti ibse hidhachuun keenya nugargaaruu danda’a. Gorsa Phaawulos, “mi’a lolaa isa kan Waaqayyoo guutummaatti hidhadhaa!” jechuudhaan kenne hubachuu qabna. Mi’a lolaa hafuuraa kana guutummaatti hidhanneerraa? Waggaa dhufu kanatti tokkoon tokkoon keenya mi’a lolaa hafuuraa kana sirriitti hidhachuu keenya ilaalchisee of qoruu qabna. Diina keenya kan ta’e Seexanni inni Diiyaabilos jedhamu dadhabbii keenya waan beekuuf dagachiisee nu qabuufi nu miidhuuf yaala. Hafuurota hamoo wajjin “wal’aansoo wal qabna.” Haata’u malee, humna Yihowaan nuuf kennuun mo’uu dandeenya!—Efesoon 6:11-18; Fakkeenya 27:11.

19. Jabaannee yoo dhaabanne mirga akkamii argachuu dandeenya?

19 Yesus duuka buutotasaatiin, “Egaa rakkina obsuu keessaniin jireenya keessan isa dhugaa in argattu” jedheera. (Luqaas 21:19) Qorumsa isaan mudatu kamiyyuu amanamummaadhaan kan danda’an, gaarummaa Waaqayyootiin ‘jabaatanii kan dhaabataniifi gocha Yihowaan isaan fayyisuudhaaf raawwatu kan ilaalan’ keessaa tokko ta’uuf mirga addaa argatu.

Maal Jettee Deebista?

• Wantoota gammachiisaa akkamiitu nu’eega?

• Yihowaan Dh.K.D. bara 1513⁠tti humna fayyisuuf qabu kan argisiise akkamitti?

• Gara fuulduraatti maal gochuuf murteessiteetta?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 24rra jiru]

Caqasni waggaa 2008 akkas kan jedhu ta’a: “Jabaadhaa dhaabadhaatii har’a gocha Yihowaan isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaalaa!”—Ba’uu 14:13, NW.