Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mi’i Waraanaa Si Balleessuudhaaf Qopheeffame Si Miidhuu Hin Danda’u

Mi’i Waraanaa Si Balleessuudhaaf Qopheeffame Si Miidhuu Hin Danda’u

Mi’i Waraanaa Si Balleessuudhaaf Qopheeffame Si Miidhuu Hin Danda’u

“Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u.”—ISAAYAAS 54:17.

1, 2. Muuxannoon Dhugaa Baatota Yihowaa biyya Albaaniyaa jiraatanii, Isaayaas 54:17 dhugaa ta’uusaa kan mirkaneesse akkamitti?

WAGGOOTA kurnaniin dura, biyya xinnoo gaarota hedduu qabduufi Kibba Baha Awurooppaa jirtu tokko keessa, tuutni Kiristiyaanota ija jabeeyyii ta’anii jira ture. Sirni Koomiinistii Waaqayyo jiraachuusaatti hin amanne Kiristiyaanota kana balleessuuf carraaqqii guddaa godheera. Mootummaan gidiraa baay’ee isaanirra geessisuyyuu, kaampota bakka hojiin humnaa itti hojjetamutti isaan erguyyuu, akkasumas waa’eesaanii olola sobaa oofuyyuu Kiristiyaanota kana balleessuu hin dandeenye. Namoonni kun eenyufa’i? Dhugaa Baatota Yihowaa biyya Albaaniyaa keessa jiraatanidha. Waggoota kudhaniin lakkaa’amaniif walga’ii geggeessuunis ta’e lallabuun baay’ee rakkisaa isaanitti ta’us, Kiristiyaanonni kun jabaatanii dhaabachuunsaanii Kiristiyaanummaa kabachiiseera, akkasumas maqaa Yihowaatiif ulfina argamsiiseera. Waggaa darbe waajjirri damee biyyichaa inni haaraan tajaajila Waaqayyootiif yeroo murteeffametti, obboleessi yeroo dheeraadhaaf tajaajile tokko, “Seexanni carraaqqii cimaa yoo godheyyuu milkaa’eefii hin beeku; Yihowaan garuu mo’uusaa itti fufeera!” jechuudhaan dubbateera.

2 Kun hundumtuu abdiin Yihowaan Isaayaas 54:17⁠rratti akkas jechuudhaan kenne dhugaa ta’uusaa kan mirkaneessudha: “Si balleessuudhaaf mi’i waraanaa yoo qopheeffame iyyuu, si miidhuu hin danda’u, dubbii warra firdii duratti si hammeessaniis in busheessita.” Wanti biyyi lafaa Seexanni seerratu raawwatu tokkollee waaqeffannaa tajaajiltonni Waaqayyoo Yihowaadhaaf dhiheessan dhaabsisuu akka hin dandeenye seenaan ni mirkaneessa.

Mi’i Waraanaa Seexanni Qopheessu Hin Milkaa’u

3, 4. (a) Mi’i waraanaa Seexanni ittiin fayyadamu maalfaa kan dabalatudha? (b) Mi’i waraanaa Seexanni itti fayyadamu akka hin milkoofne kan mirkaneeffame akkamitti?

3 Mi’a waraanaa waaqeffattoota dhugaarratti qopheeffamu keessaa tokko tokko hojiisaanii dhowwuu, hammeenya hawaasaa, mana hidhaa isaan galchuufi ‘seera jal’isanii wanta hamaa isaanirratti qopheessuudha.’ (Faarfannaa 94:20) Yeroo Dhugaa Baatonni Yihowaa mataduree kana qayyabatan kanattillee, Kiristiyaanonni kun Waaqayyoof amanamoo ta’anii jiraachuusaaniitiin biyyoota tokko tokkotti ‘qorumsi’ isaanirra ga’aa jira.—Mul’ata 2:10.

4 Fakkeenyaaf, waajjirri damee Dhugaa Baatota Yihowaa tokko, waggaa tokko keessatti tajaajiltoonni Waaqayyoo utuu tajaajilarra jiranii al 32 reebichi akka isaanirra ga’e galmeesseera. Kana malees, Dhugaa Baatonni Yihowaa lallabaa turan, ijoollee, jaarsa ykn dhiira dubartii utuu hin jedhin al 59 poolisiidhaan qabamanii hidhamaniiru. Dhugaa Baatota kana keessaa tokko tokko, akka goolii uumtotaatti lakkaa’amanii ashaaraa qubasaanii akka kennaniifi suuraa akka kaafaman akkasumas akka hidhaman godhamaniiru. Kaanis reebamaniiru. Biyya tokkottimmoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa hidhamuusaanii, qarshiidhaan adabamuufi reebamuusaanii ilaalchisee dhimmoonni 1,100 ta’an galmeeffamaniiru. Dhimmoota kana keessaa 200 ol kan ta’an, obboloonni Ayyaana Yaadannoo kabajuuf yeroo walitti sassaabaman kan raawwatamanidha. Haata’u malee, Yihowaan hafuurasaatiin sabnisaa biyyoota kanattis ta’e kan birootti haalawwan rakkisaa isaanirra ga’an kana akka mo’an isaan dandeessiseera. (Zakaariyaas 4:6) Diinni aarii cimaadhaan kaka’ee maaliyyuu yoo raawwate, namoonni Yihowaa faarsan akka afaansaanii qabatan gochuu hin danda’u. Mi’i waraanaa kamiyyuu kaayyoo Waaqayyoo busheessuu akka hin dandeenye mirkanaa’oo ta’uu dandeenya!

Dubbiin Warra Nama Hammeessanii Ni Bushaa’a

5. Tajaajiltoonni Yihowaa jaarraa jalqabaa himanni sobaa akkamii isaanirratti dhihaatee ture?

5 Isaayaas, sabni Waaqayyoo arraba isaan hammeessu hundumaa akka busheessan raajii dubbateera. Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa akka hamootti waan ilaalamaniif maqaansaanii ni balleeffama ture. Jechoonni Hojii Ergamootaa 16:20, 21⁠rratti argaman kana ibsu: “Jarreen kun mandara keenya raasaa jiru. . . . Amala nuyi warri Roomaa fudhachuun, ittiin hojjechuunis, nuuf hin taane nu barsiisaa jiru.” Yeroo kan biraattimmoo mormitoonni amantii, “Jarreen kun lafa dhaqan hundumaatti biyya garagalchu; amma immoo mandara keenya dhufan. . . . Abboommii mootii warra Roomaa in cabsu” jedhanii isaan himachuudhaan, bulchitoonni magaalattii duuka buutota Kiristosirratti akka ka’an gochuuf yaalaniiru. (Hojii Ergamootaa 17:6, 7) Phaawulos ergamaan, “sodaachisaa akka dhukkuba darbuu” akka ta’e, akkasumas dura buutuu garee namoota ‘lafarra jiraatan hundumaatti’ goolii qaqabsiisuu ta’uusaa dubbatanii turan.—Hojii Ergamootaa 24:2-5.

6, 7. Karaan Kiristiyaanonni dhugaa himanni isaanirratti dhihaatu soba ta’uusaa itti mirkaneessan tokko maalidha?

6 Haaluma walfakkaatuun, Kiristiyaanonni dhugaa yeroo har’aa jiraatanis, ololli maqaa balleessuu isaanirratti raawwatamuunsaa kan nama dinqisiisu miti. Himanni nurratti dhihaatu soba ta’uusaa mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?—Isaayaas 54:17.

7 Amalli gaariin Dhugaa Baatota Yihowaa, himanniifi ololli akkasii soba ta’uusaa ni mirkaneessa. (1 Phexros 2:12) Kiristiyaanonni lammiilee seera kabajaniifi amala gaarii qabaachuudhaan namoota kaaniif garaadhaa yaadan ta’uusaanii hojiidhaan yeroo argisiisan, himanni kun soba ta’uunsaa ni mirkanaa’a. Amalli keenya inni gaariin namoota akkamii ta’uu keenya kan argisiisudha. Namoonni yeroo hundumaa waan gaarii gochuuf carraaquu keenya yeroo ilaalan, Abbaa keenya isa samiitiif ulfina kennuusaanirrayyuu, jireenyi tajaajiltootasaa hundarrayyuu fooyya’aa ta’uusaa hubatu.—Isaayaas 60:14; Maatewos 5:14-16.

8. (a) Al tokko tokko ejjennoo keenya isa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e beeksisuuf maal gochuun barbaachisaadha? (b) Fakkeenya Yesus hordofuudhaan mormitoota nu hammeessan soba ta’uusaa mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Amala Kiristiyaanummaa argisiisuu malees, yeroo ejjennoo keenya isa Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’e ija jabinaan dubbachuun itti barbaachisu jira. Karaan kana itti gochuu dandeenyu inni tokko, eegumsa argachuuf mootummaafi manneen murtiitti ol iyyannoo dhiheeffachuudha. (Asteer 8:3; Hojii Ergamootaa 22:25-29; 25:10-12) Yesus yeroo lafarra turetti, himata sobaa isarratti dhihaatu yeroo tokko tokko ifatti mormuudhaan namoota isa himatan saaxileera. (Maatewos 12:34-37; 15:1-11) Nuyis fakkeenya Yesus hordofuudhaan, carraawwan wantoota itti amannu ilaalchisee ibsa kennuuf nu dandeessanitti akka gaariitti fayyadamna. (1 Phexros 3:15) Namoonni mana barumsaatti ykn bakka hojiitti argannu, yookiinimmoo firoonni keenya nutti ga’isuunsaanii, dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessa jiru namootatti himuuf gufuu akka nutti ta’u heyyamuu hin qabnu.—2 Phexros 3:3, 4.

Yerusaalem Ishee “Akka Dhagaa Ulfaataa” Taate

9. Yerusaalem isheen Zakaariyaas 12:3⁠rratti “dhagaa ulfaataa” jedhamte ishee kami? Lafarrattoo eenyuun kan argisiistudha?

9 Raajiin Zakaariyaas, sababii saboonni Kiristiyaanota dhugaa itti morman ifa nuu godha. Wanta Zakaariyaas 12:3 jedhu qalbeeffadhu: “Yeroo sabni lafa irraa hundinuu Yerusaalem irratti walitti qabaman, ani immoo akka dhagaa ulfaataa ishee nan godha.” Raajiin kun Yerusaalem ishee kamiin kan argisiisudha? Raajiin Zakaariyaas Yerusaalemiin ilaalchisee dubbate, “Yerusaalem ishee waaqa irraa” jechuunis Mootummaa isa samiirraa Kiristiyaanonni dibamoon dhaalan kan argisiisudha. (Ibroota 12:22) Namoota Mootummaa Masihiichaa dhaalan keessaa muraasni ammayyuu lafarratti argamu. Dibamtoonni kun “hoolota kan biraa” michootasaanii ta’anii wajjin, yeroonsaa dhumuusaa dura namoonni Mootummaa Waaqayyootiif akka bitaman ni jajjabeessu. (Yohannis 10:16; Mul’ata 11:15) Saboonni afeerrii kanaaf deebii akkamii kennaa jiru? Yihowaan tajaajiltoota dhugaa yeroo har’aa jiraniif deggersa akkamii kennaa jira? Zakaariyaas boqonnaa 12 qoraa yeroo adeemnu, gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna. Karaa kanaan, dibamtootarrattis ta’e michootasaanii of murteessanirratti ‘mi’i waraanaa qopheeffame isaan miidhuu akka hin dandeenye’ mirkanaa’oo ta’uu dandeenya.

10. (a) Sabni Waaqayyoo kan ari’ataman maaliifi? (b) Namoonni “dhagaa ulfaataa” sana garagalchuuf yaalan maal ta’aniiru?

10 Zakaariyaas 12:3 saboonni akka ‘caccaban’ ibsa. Kun kan ta’u akkamitti? Waaqayyo misiraachoon Mootummaasaa akka lallabamu ajajeera. Dhugaa Baatonni Yihowaa itti gaafatamummaa akka lallaban isaanii kennameef bakka guddaa kennu. Haata’u malee, abdiin ilmaan namootaa Mootummaa Waaqayyoo qofa akka ta’e lallabamuunsaa sabootatti “dhagaa ulfaataa” ta’eera. Kanaafuu, labsitoota Mootummichaa mormuudhaan “dhagaa ulfaataa” kana garagalchuuf yaalu. Saboonni kana godhanis “caccabaniiru.” Kufaatii cimaan waan isaanirra ga’eef maqaansaanii badeera. Saboonni, waaqeffattoota dhugaa yeroon dhumaa dhufuusaa dura “wangeela isa bara baraa” waa’ee Mootummaa Masiihichaa dubbatu lallabuuf mirga argataniif bakka guddaa kennan afaan qabsiisuu hin danda’an. (Mul’ata 14:6) Namni mana adabaa biyya Afriikaa keessatti argamu eegu tokko gocha hamaa tajaajiltoota Yihowaarratti raawwatamu erga hubatee booda, ‘Namoota kana ari’achuudhaan humna keessan lafumatti balleessaa jirtu. Isaan tasumaa ejjennoosaanii hin laaffisan. Lakkoofsisaaniillee dabalaa adeema’ jechuudhaan dubbatee ture.

11. Waaqayyo waadaa Zakaariyaas 12:4⁠rratti galee ture kan eege akkamitti?

11 Zakaariyaas 12:4 dubbisi. Yihowaan namoota labsitoota mootummichaa ija jabeeyyii ta’an morman, fakkeenyaan akka jaamsuufi akka ‘naasisu’ waadaa kan gale si’a ta’u, waadaasaa kanas eegeera. Fakkeenyaaf, biyya waaqeffannaan dhugaa ittifamee ture tokko keessatti, mormitoonni, sabni Waaqayyoo nyaata hafuuraa akka hin arganne gochuu hin dandeenye. Gaazexaan tokko, Dhugaa Baatonni Yihowaa barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an gara biyyattiitti galchuuf afuuffeewwanitti fayyadamaa akka turan galmeesseera! Waadaan Waaqayyo: “ija fardeen saba sana hundumaa nan jaamsa” jechuudhaan tajaajiltootasaa amanamoo ta’aniif gale dhugaa ta’uunsaa mirkaneeffameera. Diinonni Mootummichaa aariin ijasaanii waan jaamseef garatti goran wallaalaniiru. Haata’u malee, Yihowaan sabasaa walumatti qabaatti akka eeguufi akka isaaniif yaadu amanamuu dandeenya.—2 Mootota 6:15-19.

12. (a) Yesus yeroo lafarra ture ibidda qabsiisuu jalqabee ture kan jennu maaliifi? (b) Dibamtoonni lafarratti hafan karaa hafuuraa ibidda kan qabsiisan akkamitti? Bu’aansaa maal ture?

12 Zakaariyaas 12:5, 6 dubbisi. ‘Geggeessitoota Yihudaa’ yeroo jedhu namoota saba Yihowaa gidduutti ilaaltoota olaanaa ta’an kan argisiisudha. Yihowaan, Ilaaltonni olaanaa hafuuraan dibaman kun, hojiiwwan dhimmoota Mootummichaa wajjin walqabatan akka raawwataniif hinaaffaa akka boba’aa ibiddaa akka qabaatan godha. Yeroo tokko Yesus duuka buutotasaatiin: “Ani ibidda lafa irra buusuudhaafan dhufe” jedhee ture. (Luqaas 12:49) Dhugumayyuu, Yesus fakkeenyaan ibidda qabsiisee ture. Hinaaffaadhaan lallabuusaatiin mootummaan Waaqayyoo dhimma jabaa irratti mari’atamu akka ta’u godheera. Kunis Yihudoota gidduutti falmii cimaan akka ka’u godheera. (Maatewos 4:17, 25; 10:5-7, 17-20) Haaluma walfakkaatuun, Kiristiyaanonni yeroo har’aatti argaman fakkeenya Yesus hordofuudhaan “akka xuwwee ibiddaa isa qoraan irra tuulamee, akka guca iddoo tuullaa midhaanii keessaa boba’uus” karaa hafuuraa ibidda qabsiisaniiru. Bara 1917 kitaabni Za Fiiniishdi Mistirii * jedhamu, of tuulummaa Saba Kiristiyaanaa saaxileera. Haalli kun geggeessitoota amantii baay’ee dheekkamsiiseera. Tiraaktiin Oduu Mootummichaa Lak. 37, “Badiisni Amantii Sobaa Dhihaateera!” jedhuufi dhiheenyatti raabsine, namoonni baay’een Mootummaa Waaqayyoo deggeruu ykn mormuu akka filataniif isaan kakaaseera.

‘Dunkaanni Yihudaa’ Ni Oole

13. Jechoonni ‘dunkaanota Yihudaa’ jedhan maal argisiisu? Yihowaan namoota miidhaan isaanirra ga’u kan oolchu maaliifi?

13 Zakaariyaas 12:7, 8 dubbisi. Tiksoonni Israa’el durii keessa turan tokko tokkoofi namoonni qonnaan bultoota ta’an tokko tokko dunkaana keessa jiraachaa waan turaniif, biyyicha keessatti dunkaanni baramaadha. Diinonni Yerusaalemiin rukutuu yoo dhufan dura kan argatan namoota kana waan ta’eef eegumsi isaan barbaachisa. Jechoonni ‘dunkaanota Yihudaa’ jedhan, dibamtoonni yeroo ammaa lafarra jiran dirreerra, jechuunis fakkeenyaan biyyoota eegumsa hin qabne keessa akka jiraatan kan argisiisanidha. Haala kana keessa utuu jiranii dhimmoota Mootummaa Masiihichaa wajjin walqabataniif ija jabinaan falmu. Seexanni ‘dunkaanota Yihudaarratti’ waan xiyyeeffatuuf gooftaa maccaa kan ta’e Yihowaan “dursee” isaan oolcha.

14. Yihowaan warra “dunkaana Yihudaa” keessa jiran kan eegeefi akka isaan hin dadhabne kan godhe akkamitti?

14 Dhugumayyuu, Yihowaan ambaasaaddaroota Mootummichaa dibamoo ta’aniifi ‘dunkaanasaanii’ keessa jiran akka eege seenaan nuu mirkaneessa. * Yihowaan dibamtoota kana akka hin ‘dadhabne,’ jechuunis akkuma Daawit Mooticha loltuu turee cimoofi ija jabeeyyii isaan taasisa.

15. Yihowaan ‘saba hundumaa balleessuu kan barbaadu’ maaliifi? Kana kan godhu yeroo kamidha?

15 Zakaariyaas 12:9 dubbisi. Yihowaan ‘saba hunduma balleessuu kan barbaadu’ maaliifi? Utuu walirraa hin kutin Mootummaa Masiihichaa waan mormaniifidha. Saba Waaqayyoo waan rakkisaniifi ari’ataniif isaanitti farada. Yeroo dhihootti bakka buutonni Seexanaa lafarra jiran waaqeffattoota dhugaarratti yeroo dhumaatiif lola banu; kunis haala Macaafni Qulqulluu Armaagedoon jedhee waamutti kan geessu ta’a. (Mul’ata 16:13-16) Yeroo kanatti Abbaan Firdii inni Guddaan tajaajiltootasaa kan oolchu ta’uusaarrayyuu, saboota gidduuttis maqaasaa ni qulqulleessa.—Hisqi’el 38:14-18, 22, 23.

16, 17. (a) ‘Dhaalli garboonni Waaqayyoo isa biraa argatan’ maalidha? (b) Lola Seexanni kaase mo’uun keenya maal kan mirkaneessudha?

16 Seexanni mi’a waraanaa, amantaa saba Waaqayyoo addunyaa mararra jiranii ittiin laaffisuu ykn hinaaffaasaanii ittiin qabbaneessuu danda’u hin qabu. Nageenyi hafuuraa Yihowaan akka nu oolchu beekuudhaan argannu, ‘dhaala nuyi garboonni Waaqayyoo isa biraa argannudha.’ (Isaayaas 54:17, 1899) Nagaa keenyaafi badhaadhina hafuuraa keenya eenyullee humnaan nu harkaa fudhachuu hin danda’u. (Faarfannaa 118:6) Seexanni saba Waaqayyoorratti mormii kaasuusaafi rakkina fiduusaa ittuma fufa. Utuma maqaa nu balleessanii amanamummaa keenya eegnee jabaannee dhaabachuun keenya, hafuura Waaqayyoo akka qabnu kan mirkaneessudha. (1 Phexros 4:14) Misiraachoon waa’ee Mootummaa Yihowaa isa bulchaa jiru ibsu addunyaa maratti lallabamaa jira. Mormiin ‘dhagaa furuursaarra’ jirutti fakkeeffame, hojii saba Waaqayyoo dhaabsisuuf isaanirratti furguggifamaa tureera. Ta’us, tajaajiltoonni Yihowaa jabina isarraa argataniin dhagoota akkasii busheessuudhaan miidhaa akka hin geessisne godhaniiru. (Zakaariyaas 9:15) Dibamtoonni lafarratti hafaniifi michoonnisaanii amanamoo ta’an hojiisaanii akka dhaaban gochuun hin danda’amu!

17 Yeroo lola Seexanaarraa guutumaan guutuutti walaba itti taanu hawwiidhaan eegganna. ‘Mi’i waraanaa nu balleessuudhaaf qopheeffame nu miidhuu akka hin dandeenye, akkasumas dubbiin warra firdii duratti nu hammeessanii akka bushaa’u’ abdiin nuu kenname baay’ee kan nu jajjabeessudha!

[Miiljaleewwan]

^ key. 12 Dhugaa Baatota Yihowaatiin kan qophaa’e si’a ta’u, yeroo ammaatti maxxanfamaa hin jiru.

^ key. 14 Ibsa dabalataa argachuuf, kitaaba Jehovaas Wiitinasis—Pirookleemars oov Goods Kiingidam, jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ful. 675-676 ilaali.

Maal Jettee Deebista?

• Mi’i Seexanni itti fayyadamu akka bushaa’u kan mirkaneessu maalidha?

• Yerusaalem isheen waaqarraa “dhagaa ulfaataa” kan taate akkamitti?

• Yihowaan “dunkaana Yihudaa” kan oolche akkamitti?

• Yeroo Armaagedoon dhihaachaa jiru kanatti, waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’uu dandeenya?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]