Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Olaantummaa Yihowaafi Mootummaa Waaqayyoo

Olaantummaa Yihowaafi Mootummaa Waaqayyoo

Olaantummaa Yihowaafi Mootummaa Waaqayyoo

“Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan kee ti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan kee ti. Yaa Waaqayyo, mootummaan kan kee ti.”—1 SEENAA 29:11.

1. Yihowaan uumama cufarratti Olaantummaa qabaachuuf mirga hin sarbamne qaba kan jennu maaliifi?

“WAAQAYYO teessoo isaa bantiiwwan waaqaa keessa dhaabbateera, mootummaan isaas waan hundumaa irratti gooftummaa qaba.” (Faarfannaa 103:19) Faarfatichi jechoota kanaan bulchiinsa ilaalchisee dhugaasaa ibseera. Yihowaan Uumaa waan ta’eef, uumama cufarratti Olaantummaa qabaachuuf mirga hin sarbamne qaba.

2. Daani’el bal’ina bulchiinsa Yihowaa isa hafuuraa kan ibse akkamitti?

2 Bulchaan tokko olaantummaasaa argisiisuuf namoonni isaaf bitaman jiraachuu akka qaban beekamaadha. Jalqabarratti, Yihowaan olaantummaasaa kan argisiise uumamawwan hafuuraa keessaa isa duraa kan ta’e Ilmasaa isa hangafaafi macca ergamootarratti ture. (Qolosaayis 1:15-17) Yeroo dheeraa boodammoo, Daani’el raajichi bulchiinsi Yihowaa maal akka fakkaatu hamma tokko mul’ataan argeera. Akkas jedhe: “Mul’ata ani arge keessatti teessonni kaa’amanii, inni bara baay’ee dheeraa jiraate tokko teessoo irra taa’e. . . . Warri kuma kumaatamatti lakkaa’aman isaaf in hojjetu, warri miliyoonii baay’eetti lakkaa’amanis isa dura in dhaabatu.” (Daani’el 7:9, 10) Yihowaan “inni bara baay’ee dheeraa jiraate” ilmaansaa hafuuraa baay’ee ta’an, akkasumas maatii seeraan gurmaa’eefi ‘hojjetootasaa’ warra fedhasaa raawwatan Olaanaadhaan bulchaa tureera.—Faarfannaa 103:20, 21.

3. Olaantummaan Yihowaa umama cufarratti kan babal’ate akkamitti?

3 Yeroo boodas, Yihowaan lafa dabalatee uumama cufa hubannaa ol ta’e uumuudhaan bulchiinsasaa bal’ise. (Iyoob 38:4, 7) Nama lafarraa isaan ilaalu tokkoof qaamonni samiirratti argaman kun dogoggora tokko malee seeraan yommuu socho’an arguunsaa qaamni isaan geggeessu ykn to’atu kan isaan barbaachisu itti hin fakkaatu ta’a. Haata’u malee, faarfatichi akkas jedheera: “[Yihowaan] abboomnaan waan uumamaniif, . . . Inni yeroo hundumaaf baruma baraan cimsee isaan dhaabe, seerrata isaan irra darbuu hin dandeenyes isaaniif in kenne.” (Faarfannaa 148:5, 6) Yihowaan yoomiyyuu uumamawwan hafuuraafi umama cufa geggeessuu, to’achuufi bulchuudhaan olaantummaasaa argisiisaa tureera.—Nahimiiyaa 9:6.

4. Yihowaan ilmaan namootaarratti olaantummaasaa kan argisiisu akkamitti?

4 Waaqayyo, haadha manaafi abbaa manaa jalqabaa yeroo uumettis, olaantummaasaa karaa garabiraa argisiiseera. Yihowaan ilmaan namootaa jireenya kaayyoo qabuufi gammachiisaa akka jiraataniif wanta isaan barbaachisu guutuu malees, uumamawwan lafarratti argamaniifi isaanii gad ta’an akka bulchaniif aboo kenneeraaf. (Uumama 1:26-28; 2:8, 9) Kanaaf, Waaqayyo ilmaan namootaa kan bulchu gaarummaafi karaa isaaniif bu’aa argamsiisuun qofa utuu hin ta’in, karaa bitamtootasaa akka kabajuufi akka ulfina kennuuf argisiisuun ta’uusaa kanarraa ifatti hubachuun ni danda’ama. Addaamiifi Hewwaan, hamma olaantummaa Yihowaatiif abboomamanitti lafa jannata taaterra barabaraan jiraachuuf abdii qabu turan.—Uumama 2:15-17.

5. Akkaataa Yihowaan olaantummaasaa itti argisiisu ilaalchisee maal jechuu dandeenya?

5 Kanarraa ka’uudhaan xumura maaliirra ga’uu dandeenya? Jalqaba, Yihowaan yeroo hundumaa olaantummaasaa ykn bulchiinsasaa uumamawwansaa mararratti argisiisaa tureera. Lammaffaa, bulchiinsi Waaqayyoo gaariifi namoota isaaf bitamaniif ulfina akka kennu kan argisiisudha. Dhumarrattis, bulchiinsa Waaqayyootiif abboomamuufi deggeruun keenya eebba barabaraa nuu argamsiisa. Daawit Mootichi inni bara durii jiraate akkas jechuunsaa kan nama dinqisiisu miti: “Yaa Waaqayyo, waaqa irraa fi lafa irra kan jiru hundinuu kan kee ti; guddinni, aangoon, ulfinni, gooftummaanii fi surraan kan kee ti. Yaa Waaqayyo, mootummaan kan kee ti, ati waan hundumaa ol, mataa waan hundumaa tis.”—1 Seenaa 29:11.

Mootummaan Waaqayyoo Maaliif Barbaachise?

6. Olaantummaa Waaqayyoofi Mootummaasaa gidduu walitti dhufeenya maaliitu jira?

6 Yihowaan, Uumama Cufarratti Olaantummaa kan qabu, yeroo hundumaa humnasaafi aangoosaa kan argisiisu erga ta’ee, Mootummaan Waaqayyoo maaliif barbaachise? Yeroo baay’ee bulchaan olaantummaa qabu, namoota isaaf bitamanirratti aangoosaa kan argisiisu karaa bakka buutotasaatiinidha. Kanaaf, Mootummaan Waaqayyoo karaa inni olaantummaa uumamasaarratti qabu itti argisiisu ykn bakka bu’aa uumamasaa bulchuuf inni itti fayyadamudha.

7. Yihowaan karaa olaantummaasaa itti argisiisu haaraa kan qopheessee maaliifi?

7 Yihowaan olaantummaasaa karaafi yeroo addaddaatti itti fayyadamaa kan ture si’a ta’u, haalli haaraan yeroo uumamettis karaa olaantummaasaa itti argisiisu garabiraa qopheesseera. Kunis ilmaan Waaqayyoo warra hafuuraa keessaa tokko kan ture Seexanni, Addaamiifi Hewwaan olaantummaa Waaqayyoorratti akka ka’an yeroo godhettidha. Mormiin kun fincila olaantummaa Waaqayyoorratti ka’edha. Karaa kamiin? Seexanni, Hewwaan ija mukaa dhowwamte sana yoo nyaatte akka ‘hin duune’ yeroo itti hime, Yihowaan sobduufi kan hin amanamne akka ta’e malaan dubbachuusaa ture. Kana malees Seexanni akkas isheedhaan jedhe: “Isin ija mukichaa irraa yeroo nyaattan iji keessan akka banamu, hamaa fi gaarii beekuudhaanis akka Waaqayyo akka isin taatan, Waaqayyo in beeka.” Seexanni, Addaamiifi Hewwaan abboommii Waaqayyoo cabsuudhaan ofiin of bulchuunsaanii kan caalu akka ta’e isaanitti himuusaa ture. (Uumama 3:1-6) Kunimmoo, mirga Waaqayyo uumamawwansaa bulchuuf qaburratti gaaffii kallattiidhaan ka’edha. Yeroo kanatti Yihowaan maal godha laata?

8, 9. (a) Namni bulchaa ta’e tokko bulchiinsasaarratti fincilli yoo ka’e maal godha? (b) Yihowaan Eeden keessatti yeroo fincilli ka’e maal godhe?

8 Bulchaan tokko bulchiinsasaarratti fincilli yoo ka’e maal godha jennee eegna? Namoonni seenaa beekan yeroo haalawwan akkasii itti raawwataman yaadachuu danda’u. Yeroo baay’ee bulchaan tokko baay’ee gaarii ta’ullee, dhimma kana akkasumatti dhiisuu mannaa warra isarratti ka’anirratti murtoo dabarsuudhaan, gantummaasaanii saaxila. Achiis bulchaan sun namoota hamoota sana to’annaa jala oolchuudhaan nagaa buusuuf nama tokko muuda ta’a. Haaluma walfakkaatuun, Yihowaanis namoota fincila isarratti kaasanirratti yeruma sana tarkaanfii fudhachuufi, murtoo dabarsuudhaan haalasaa guutummaatti akka to’ate argisiiseera. Addaamiifi Hewwaaniif kennaan jireenya barabaraa kan hin malle ta’uusaa ibsuudhaan, dhaaba Eeden keessaa isaan ari’e.—Uumama 3:16-19, 22-24.

9 Yihowaan Seexanarratti murtoo yeroo dabarsu, karaa haaraa olaantummaasaa itti argisiisuufi bulchiinsa hundaa keessaatti nagaa akka fidu argisiisu dubbateera. Waaqayyo Seexanaan akkas jedheera: “Ani sii fi dubartittii gidduu, sanyii isheetii fi sanyii kee gidduus diinummaa nan buusa; inni mataa kee in buruqsa, atis koomee isaa in iddita.” (Uumama 3:15) Kanaaf, Yihowaan, “sanyii” Seexanaafi maccasaa buruqsu akkasumas karaan inni olaantummaasaa itti argisiisu sirrii ta’uusaa mirkaneessu muuduun kaayyoosaa akka ta’e mul’iseera.—Faarfannaa 2:7-9; 110:1, 2.

10. (a) Karaa Yihowaan olaantummaasaa itti mirkaneesse inni haaraan isa kamidha? (b) Phaawulos akkaataa raajiin inni jalqabaa raawwiisaa itti argate ilaalchisee maal jedhe?

10 Sanyiin kun, Yesus Kiristosiifi garee namootaa muraasa isaa wajjin bulchan kan argisiisudha. Waliin ta’uudhaan, Mootummaa Waaqayyoo isa Masiihichaan geggeeffamu hundeessaniiru. (Daani’el 7:13, 14, 27; Maatewos 19:28; Luqaas 12:32; 22:28-30) Haata’u malee, wantoonni kun hundi ifa kan ta’an yeruma tokkotti miti. Karaa raajiin inni jalqabaa kun itti raawwatamu, “dhoksaa isa bara duriitii jalqabee hin dubbatamin ture” ta’ee tureera. (Roomaa 16:25) Namoonni amantii waggoota hedduudhaaf yeroo “dhoksaan” kun itti mul’atuufi olaantummaan Yihowaa itti mirkaneeffamu hawwiidhaan eeggachaa turan.—Roomaa 8:19-21.

“Dhoksaa” Qulqulluu Irraa Jalaan Mul’ifame

11. Wanti Yihowaan Abrahaamitti beeksise maalidha?

11 Yihowaan ennaa yeroon darbaa adeemu, “dhoksaan mootummaa Waaqayyoo” irraa jalaan akka beekamu godhe. (Maarqos 4:11) Namoota Yihowaan wanta kana ibseef keessaa tokko Abrahaam isa “fira Waaqayyoo” jedhamee waamamedha. (Yaaqoob 2:23) Yihowaan sanyiisaa keessaa ‘sabni guddaan’ akka argamu Abrahaamiif kakuu galee ture. Yeroo boodas Waaqayyo Abrahaamiin: ‘mootonnis si keessaa ni ba’u’ “sabni biyya lafaa irraa hundinuu sanyii keetiin in eebbifamu” ittiin jedheera.—Uumama 12:2, 3; 17:6; 22:17, 18.

12. Bishaan Badiisaa booda sanyiin Seexanaa kan mul’ate akkamitti?

12 Bara Abrahaamitti, ilmaan namootaa warra kaan bulchuufi cunqursuuf yaalii gochuu jalqabanii turan. Fakkeenyaaf, Naamrud, ilma ilma Nohi ilaalchisee Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Biyya lafaa keessatti nama jabaa isa duraa ture. Inni Waaqayyo duratti iyyuu adamsaa jabaa ture.” (Uumama 10:8, 9) Naamrudiifi bulchitoonni ofiin of muudan kaan, to’annaa Seexanaa jala akka turan kanarraa ifatti hubachuun ni danda’ama. Isaanis ta’an namoonni isaan deggeran kutaa sanyii Seexanaa ta’aniiru.—1 Yohannis 5:19.

13. Yihowaan karaa Yaaqoob maal beeksise?

13 Seexanni ilmaan namootaa bulchitoota akka ta’an gochuuf carraaqus, Yihowaan kaayyoonsaa akka raawwatamu gochuusaa itti fufeera. Yihowaan, Yaaqoob isa ilma ilma Abrahaam ta’e ilaalchisee akkas jedheera: “Siiqqeen Yihudaa irraa hin darbu, uleen mootummaas dhala dhala isaa harkaa hin dhabamu! Kunis hamma inni sabni abboomamuuf sun [Shiiloon, miiljalee] dhufutti in ta’a.” (Uumama 49:10) Jechi “Shiiloo” jedhu “Kan Isaaf Ta’u; Inni qabachuun ta’uuf” jechuudha. Kanaaf, raajiin kun inni qabachuun ta’uuf, “siiqqee” ykn olaantummaa, “ulee mootummaa” ykn bulchiinsa “saba” ykn ilmaan namootaa hunda bulchu akka dhufu kan argisiisudha. Namni kun eenyudha?

‘Hamma Shiiloon Dhufutti’

14. Yihowaan Daawitii wajjin Kakuu akkamii gale?

14 Yihowaan sanyii Yihudaa keessaa sabasaarratti mootii akka ta’uuf jalqaba kan filate, Daawit ilma Iseyi isa tiksee turedha. * (1 Saamu’el 16:1-13) Daawit cubbuufi dogoggora kan hojjete ta’uyyuu, olaantummaa Yihowaa amanamummaadhaan waan deggereef isa duratti fudhatama argatee ture. Yihowaan raajii Eeden keessatti dubbate caalaatti ifa gochuuf, akkas jechuudhaan Daawitii wajjin kakuu galee ture: “Sanyii kee keessaa tokko iddoo kee mootii nan godha; innis warra ati dhalchite keessaa tokko in ta’a; mootummaa isaas nan jabeessa.” Kunimmoo Solomoon isa isatti aanee Mootii ta’uufi kakuun galameef malees kan biraa akka dabalatu kan argisiisu waan ta’eef kakichi: “Ani immoo teessoon mootummaa isaa bara baraan jabaatee akka dhaabatu nan godha” jedha. Kakuun Daawitii wajjin galame kun ‘sanyiin’ Mootummichaa inni abdachiifame karaa hidda dhalootaa Daawit kan dhufu ta’uusaa yeroo booda ifa godheera.—2 Saamu’el 7:12, 13.

15. Mootummaan Yihudaa akka Mootummaa Waaqayyootti kan ilaalamu maaliifi?

15 Daawitirraa kaasee, bulchiinsi mootota dibata qulqulluudhaan dibamanii ni jalqabe. Kanaafuu, mootonni kun kan dibaman ykn masiihota jedhamanii waamamuu ni danda’u. (1 Saamu’el 16:13; 2 Saamu’el 2:4; 5:3; 1 Mootota 1:39) Isaanis, teessoo Yihowaarra taa’anii Yerusaalemiin Yihowaadhaaf kan bulchan akka ta’anitti ibsamaniiru. (2 Seenaa 9:8, 1899) Haala kanaan, mootummaan Yihudaa Mootummaa Waaqayyoo kan bakka bu’u, jechuunis karaa olaantummaan Yihowaa ittiin ibsamu ta’ee ture.

16. Dhumni bulchiinsa mootota Yihudaa maal ture?

16 Mootonniifi sabichi olaantummaa Yihowaatiif yeroo abboomaman, eegumsasaafi eebbasaa argatu turan. Keessumaa bulchiinsi Solomoon inni baay’ee adda ture nagaafi badhaadhina kan qabu yommuu ta’u, kunis dhiibbaan Seexanaa guutummaatti balleeffamee Mootummaan Waaqayyoo yommuu bulchuu jalqabuufi olaantummaan Yihowaa yeroo mirkanaa’u, haalli jiru maal akka fakkaatu raajii akka gaadidduu ta’ee argisiisudha. (1  Mootota 4:20, 25) Mootonni karaa hidda dhaloota Daawit dhufan hedduun ulaagaa Yihowaa utuu hin guutin hafuusaaniitiin, sabni sun waaqolii tolfamoo akka waaqeffataniifi gocha ciigga’amaa akka raawwatan gochuudhaan kufaatii isaanitti fiduunsaanii nama gaddisiisa. Dhumarrattis, Yihowaan mootummaan kun Dh.K.D. bara 607 warra Baabiloniin akka balleeffamu yeroo heyyametti, yaaliin Seexanni olaantummaa Yihowaa balleessuuf godhe kan milkaa’e fakkaatee ture.

17. Bulchiinsi mootota karaa hidda dhalootaa Daawit ka’an kufuyyuu, Yihowaan bulchaa olaanaa akka ture kan argisiisu maalidha?

17 Jalqaba mootummaan Israa’el kaabaa, achiis mootummaan karaa hidda dhaloota Daawit hundeeffamerratti kufaatiin ga’uunsaa, Yihowaan bituuf mirga akka hin qabne ykn sirriitti bulchuu akka dadhabe kan argisiisu utuu hin ta’in, dhiibbaa Seexanni geessiseefi yaalii ilmaan namootaa Waaqayyo malee jiraachuuf godhan rakkoo akkamii akka geessisu kan argisiisudha. (Fakkeenya 16:25; Ermiyaas 10:23) Yihowaan ammayyuu bulchaa olaanaa ta’uusaa hubachiisuuf karaa Hisqi’el raajichaa akkas jedheera: “Marata of irraa baasi! Gonfoos of irraa fuudhi! . . . Badiisa! Badiisa! Badiisa nan fida; kunis hamma abbaan firdii sun dhufee, ani isatti kennutti hin ta’u.” (Hisqi’el 21:26, 27) Jechoonni kun “sanyiin” abdachiifame jechuunis “inni qabachuun ta’uuf” sun yeroo sanatti akka hin dhufne kan argisiisudha.

18. Gabri’el ergamaan Maariyaamiin maal jedhe?

18 Mee amma wanta Dh.K.D. bara 2⁠tti raawwatametti haa ceenu. Gabri’el ergamaan durba Naazireet kibba Phaalasxiinaa magaalaa Galiilaa jiraatuufi Maariyaam jedhamtutti ergame. Akkas jedhe: “Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa, maqaa isaa immoo Yesus jedhii moggaasi! Inni guddaa in ta’a ilma abbaas jedhamee in waamama, Waaqayyo gooftaanis teessoo abaabilii isaa Daawit in kennaaf. Mana Yaaqoob irratti bara baraan in mo’a, barri mootummaa isaas dhuma hin qabu.”—Luqaas 1:31-33.

19. Yeroo dinqisiisaa akkamiitu dhihaachaa ture?

19 Dhumarratti, yeroo “dhoksaan” kun itti mul’ifamu ni ga’e. ‘Sanyiin’ abdachiifame inni guddaan mul’achuuf jedha. (Galaatiyaa 4:4; 1 Ximotewos 3:16) Seexanni koomeesaa ni idda. Haata’u malee, ‘sanyichis’ mataa Seexanaa buruqsuudhaan isas ta’e duuka buutotasaa barabaraaf ni balleessa. Akkasumas badii Seexanni geessise hundi Mootummaa Waaqayyootiin akka sirreeffamuufi olaantummaan Yihowaa akka mirkanaa’u dhugaa ba’a. (Ibroota 2:14; 1 Yohannis 3:8) Yesus kana kan raawwate akkamitti? Fakkeenya akkamii nuu kaa’eera? Deebiisaa mataduree ittaanurratti ilaalla.

[Miiljalee]

^ key. 14 Saa’ol, sanyii Beniyaamin keessaa Israa’eliin akka bulchuuf nama Waaqayyoon jalqaba filatame ture.—1 Saamu’el 9:15, 16; 10:1.

Ibsuu Dandeessaa?

• Yihowaan uumama cufarratti Bulchaa Olaanaa ta’uuf mirga akka qabu maaltu argisiisa?

• Yihowaan Mootummaa kan hundeesse maaliifi?

• Yihowaan wanta “dhoksaa” qulqulluu ta’e irraa jalaan akka beekamu kan godhe akkamitti?

• Mootummaan karaa hidda dhalootaa Daawit bulfamu kufuyyuu Yihowaan guutummaatti to’achaa akka ture kan argisiisu maalidha?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]