Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Olantummaa Yihowaa Ni Deggertaa?

Olantummaa Yihowaa Ni Deggertaa?

Olantummaa Yihowaa Ni Deggertaa?

“Saba lafa irraa keessatti, ‘Waaqayyo mootii dha!’ . . . jedhaa!”—FAARFANNAA 96:10.

1, 2. (a) Wanti guddaan Dh.K.B. bara 29 naannoo ji’a Onkoloolessaatti raawwatame maalidha? (b) Wanti raawwatame kun Yesusiif hiika maalii qaba ture?

DHALOOTA KIRISTOS BOODA bara 29, ji’a Onkoloolessaatti wanta guddaa lafarratti takkaa ta’ee hin beekne tokkotu raawwatame. Barreessaa Wangeelaa kan ta’e Maatewos haalasaa akkas jechudhaan ibsa: “Yesus cuuphamee bishaanicha keessaa akkuma ba’een, kunoo, bantiiwwan waaqaa hundinuu [isaaf] banaman; achumaanis [Yohannis Cuuphaan] hafuurri Waaqayyoo akka gugeetti gad dhufee [Yesus] irra bu’uu isaa in arge. Kunoo, sagaleen immoo, ‘Inni kun ilma koo isa jaallatamaa dha, gammachuun koos isatti in raawwatama’ jedhee waaqa irraa in dubbate.” Kun wantoota muraasa barreessitoonni Wangeelaa arfan barreessan keessaa isa tokkodha.—Maatewos 3:16, 17; Maarqos 1:9-11; Luqaas 3:21, 22; Yohannis 1:32-34.

2 Hafuurri qulqulluun Yesusirra bu’uunsaa, Isa Dibame, jechuunis Masiihii ykn Kiristos ta’uusaa adda baasee kan mirkaneessu ture. (Yohannis 1:33) Yeroo dheeraa booda, ‘sanyiin’ abdachiifame ni dhufe! Inni Yohaannis Cuuphaa dura dhaabate sun isa koomeensaa iddamu yommuu ta’u, innis mataa Seexanaa isa Yihowaafi olaantummaasaatiif diina hamaa ta’e buruqsa. (Uumama 3:15) Yeroo sanaa kaasee, Yesus olaantummaa Yihowaafi Mootummaasaa wajjin haala walqabateen kaayyoo inni qabu guutummaatti raawwachuuf carraaqqii gochuu akka qabu hubatee ture.

3. Yesus ga’ee olaantummaa Yihowaa deggeruuf qabuuf kan of qopheesse akkamitti?

3 Hojii isaaf kenname raawwachuuf qophaa’uuf, “Yesus hafuura qulqulluudhaan erga guutamee booddee Yordaanosii deebi’ee, hafuuruma sanaan lafa onaa keessa guyyaa afurtama geggeeffame.” (Luqaas 4:1; Maarqos 1:12) Yesus guyyaa 40f yommuu achi turetti, gaaffii Seexanni olaantummaa Yihowaarratti kaaseefi ga’ee inni olaantummaa Yihowaa deggeruuf qaburratti gad fageenyaan xiinxaluuf yeroo argatee ture. Gaaffiin kun samiirrattis ta’e lafarratti uumamawwan dandeettii yaaduu qaban hunda kan dabalatudha. Kanaaf, nuyis olaantummaa Yihowaa deggeruu akka barbaannu argisiisuuf maal gochuu akka qabnu hubachuuf, amanamummaa Yesus argisiise qoruun keenya barbaachisaadha.—Iyoob 1:6-12; 2:2-6.

Gaaffii Seexanni Olaantummaa Yihowaarratti Kaase

4. Gaaffii olaantummaa ilaalchisee ka’eef, Seexanni tarkaanfii akkamii fudhate?

4 Wantoonni olitti ibsaman kun hundi ija Seexanaa jalaa kan dhokatan miti. Seexanni yeruma sana “sanyii” “dubartittii” isa duraarratti lola bane. (Uumama 3:15) Wanta Abbaansaa akka godhu barbaadu utuu hin ta’in wanta ofiisaatiif fayyadu akka raawwatu itti himuudhaan Seexanni si’a sadii Yesusiin qore. Keessumaa qorumsi inni sadaffaan gaaffii kallattiidhaan olaantummaarratti ka’e kan ilaallatudha. “Mootummoota biyya lafaa hundumaa, ulfina isaaniis itti argisiisee, ‘Lafa dhooftee anaaf yoo sagadde, isaan kana hundumaa siif nan kenna’ jedheen.” Diiyaabilos “Mootummoota biyya lafaa” akka to’atu waan hubateef, gaaffii olaantummaa ilaalchisee ka’erratti eenyuun akka deggeru yeroo ibsu Yesus akkas jedheen: “Seexana nana, argaa koo duraa turi! ‘Waaqayyo kee gooftichaaf jilbeenfattee sagadi isa duwwaafis hojjedhu!’ kan jedhu caafameera.”—Maatewos 4:8-10.

5. Ergaa ulfaataa Yesus raawwachuu qabu maal ture?

5 Akkaataan jireenyaa Yesus wanti isa yaaddessu inni guddaan olaantummaa Yihowaa deggeruu akka ta’e kan argisiisu ture. Yesus bulchiinsi Waaqayyoo sirrii ta’uusaa mirkaneessuuf, hanga harka Seexanaatiin ajjeefamutti amanamaa ta’uufi akkuma raajiidhaan dubbatame koomeen “sanyii” dubartittii iddamuu akka qabu hubatee ture. (Maatewos 16:21; 17:12) Akkasumas, Seexana isa hamaa akka balleessuufi ilmaan namootaa guutummaatti nagaa akka argatan gochuuf wanti Yihowaan ittiin gargaaramu Mootummaa Waaqayyoo ta’uusaa dhugaa ba’uu qaba ture. (Maatewos 6:9, 10) Yesus ergaa ulfaataa kennameef kana raawwachuuf maal godha laata?

‘Mootummaan Waaqayyoo Dhi’aateera’

6. Yesus, Waaqayyo ‘hojii Seexanaa diiguuf’ Mootummaa kanaan akka gargaaramu kan beeksise akkamitti?

6 Tajaajilasaa yeroo jalqabu, “Yesus kutaa biyya Galiilaa dhufee wangeela Waaqayyoo lallabe. ‘Barichi raawwatameera, mootummaan Waaqayyoos dhi’aateera, yaada garaa geddaradhaa wangeelatti amanaa!’ jedhe.” (Maarqos 1:14, 15) “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo mandaroota warra kaanittis lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedhee dubbateera. (Luqaas 4:18-21, 43) Yesus biyyicha keessa naanna’ee, “mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture.” (Luqaas 8:1) Kana malees, Yesus hojiiwwan dinqisiisoo kan akka namoota nyaachisuu, haala qilleensaa hamaa ta’e to’achuu, namoota dhukkubsatan fayyisuufi namoota du’an du’aa kaasuudhaan raajiiwwan hedduu raawwateera. Yesus dinqiiwwan kana raawwachuunsaa, Waaqayyo miidhaa fincilli Eeden keessatti ka’e geessise hundumaa akka balleessu kan mirkaneessu ta’uusaarrayyuu, ‘hojii Seexanaa kan diigudha.’—1 Yohannis 3:8.

7. Yesus duuka buutonnisaa maal akka godhan isaan ajaje? Isaanoo bu’aa akkamii argatan?

7 Yesus misiraachoon Mootummichaa guutummaatti akka lallabamuuf, duuka buutotasaa warra amanamoo hojii kana akka raawwataniif leenjiseera. Jalqaba ergamootasaa 12n, “Mootummaa Waaqayyoo haa labsaniif . . . isaan erge.” (Luqaas 9:1, 2) Achiis warri 70 kaan: “Mootummaan Waaqayyoo isinitti dhi’aateera” jedhanii akka lallaban erge. (Luqaas 10:1, 8, 9) Ergamoonni kun Yesusitti deebi’anii milkaa’ina waa’ee Mootummichaa lallabuudhaan argatan ennaa isatti himan akkas jedhee isaaniif deebise: “Seexanni akka bakakkaa waaqa keessaa bu’uutti, utuu inni kufuun arge” isaaniin jedhe.—Luqaas 10:17, 18.

8. Akkaataan jireenya Yesus maal ifatti mirkaneesseera?

8 Yesus guutummaatti kan of dhiheesse yeroo ta’u, carraan waa’ee Mootummichaa dhugaa itti ba’u tokkoyyuu akka isa darbuu hin goone. Wanta jireenyaaf isa barbaachisullee dhiisuudhaan utuu walirraa hin kutin halkaniifi guyyaa lallabeera. “Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann’ee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu” jedheera. (Luqaas 9:58; Maarqos 6:31; Yohannis 4:31-34) Yesus du’uusaa yeroo muraasa dura: “Dhugaadhaaf dhugaa ba’uufan dhaladhe, kanumaafanis gara biyya lafaa dhufe” jedhee Phonxos Philaaxositti ija jabinaan dubbateera. (Yohannis 18:37) Yesus gara lafaa kan dhufe barsiisaa guddaa ta’uuf, dinqiiwwan gurguddaa hojjechuuf ykn Fayyisaa ta’ee aarsaa of gochuuf utuu hin ta’in, olaantummaa Yihowaa deggeruufi Waaqayyo karaa Mootummaasaa fedhasaa raawwachuuf dandeettii akka qabu dhugaa ba’uuf akka ta’e guutummaa jireenyasaatiin mirkaneessuufidha.—Yohannis 14:6.

“Fiixaan Ba’eera”!

9. Seexanni dhumarratti koomee “sanyii” dubartittii idduuf kan milkaa’e akkamitti ture?

9 Wanti Yesus Mootummichaaf jecha godhe hundi, Diiyaabilos, Seexana isa hamajaajii hin gammachiisne. Kutaa “sanyii” isaa warra lafarraa, jechuunis siyaasaafi amantiidhaan fayyadamee, “sanyii” dubartii Waaqayyoo ajjeesuuf irra deddeebi’ee yaalii godheera. Yeroo dhalatee kaasee hamma xumura jireenyasaa isa lafarraatti Seexanniifi bakka buutonnisaa, Yesusirratti xiyyeeffatanii turan. Dhumarrattis, Dh.K.B. birraa bara 33 yeroon itti Ilmi namaa harka Diinaa isa koomeesaa iddutti dabarfamee kennamu ni ga’e. (Maatewos 20:18, 19; Luqaas 18:31-33) Gabaasoonni Wangeelaarra jiran, Seexanni, Yihudaa isa biyya Keriyot hangafoota lubaatti, barsiisota seeraa, Fariisotaafi warra Roomaatti Yesusiin dabarsanii akka kennaniifi mukarratti fannifamee akka du’u gochuuf akkamitti akka dhimma isaanitti ba’e sirriitti ibsu.—Hojii Ergamootaa 2:22, 23.

10. Wanti guddaan Yesus mukarratti fannifamee du’uusaatiin fiixaan baase maalidha?

10 Yesus mukarratti fannifamee yeroo dheeraadhaaf dhiphatee du’uusaa yeroo yaaddu maaltu sitti dhaga’ama? Aarsaa furii Yesus haala ofittummaarraa walaba ta’een ilmaan namootaatiif dhiheesse ni yaadatta ta’a. (Maatewos 20:28; Yohannis 15:13) Tariimmoo, jaalala guddaa Yihowaan aarsaan kun akka nuu dhihaatu gochuudhaan argisiise ni dinqisiifatta ta’a. (Yohannis 3:16) Yookiinimmoo akkuma loltuu warra Roomaa: “Namni kun dhuguma ilma Waaqayyoo ture” jechuuf kakaata ta’a. (Maatewos 27:54) Deebiiwwan kun hundumtuu sirriidha. Karaa biraatiin, jecha Yesus yommuu fannifamee turetti yeroo dhumaatiif: “Fiixaan ba’eera” jedhe yaadadhu. (Yohannis 19:30) Maaltu fiixaan ba’e? Yesus yeroo lubbuudhaan lafarra turettis ta’e yeroo du’etti wantoota baay’ee raawwatuyyuu, sababii guddaan inni gara lafaa itti dhufe gaaffii olaantummaarratti ka’eef deebii argamsiisuu ture. ‘Sanyichi’ maqaa Yihowaa arrabsoorraa qulqulleessuuf harka Seexanaatti gidiraa guddaan akka irra ga’u raajiidhaan dubbatamee ture. (Isaayaas 53:3-7) Itti gaafatamni kun guddaa ta’uyyuu, Yesus, guutummaatti raawwateera. Dhugumayyuu, itti gaafatamummaa isatti kenname fiixaan baaseera!

11. Yesus, raajiin Eeden keessatti dubbate guutummaatti akka raawwatamuuf maal godha?

11 Yesus amanamaa ta’uusaatiin akka namaatti utuu hin ta’in, ‘hafuura jireenya kennu ta’ee’ du’aa ka’eera. (1 Qorontos 15:45; 1 Phexros 3:18) Abdii Yihowaan Ilmasaa isa kabajamaadhaaf kenne: “Diinota kee ejjeta miilla kee hamman siif godhutti, ati gara mirga koo taa’i!” kan jedhu ture. (Faarfannaa 110:1) Asirratti, “diinota” kan jedhaman Seexana isa hamajaajii duree ta’eefi “sanyii” isaa kan dabalatudha. Yesus Kiristos Mootii Mootummaa Yihowaa isa kan Masihiichaa waan ta’eef, samiirraas ta’e lafarraa hamoota hundumaa balleessuuf tarkaanfii duraa kan fudhatu isadha. (Mul’ata 12:7-9; 19:11-16; 20:1-3, 10) Achiis raajiin Uumama 3:15⁠rratti dubbatameefi duuka buutonni Yesus akka kadhataniif barsiifaman guutummaatti raawwatama: “Mootummaan kee haa dhufu, jaalalli kee waaqa irratti akka ta’u, akkasuma immoo lafa irratti haa ta’u!”—Maatewos 6:10; Filiphisiiyus 2:8-11.

Yesus Fakkeenya Gaarii Nuu Kaa’eera

12, 13. (a) Yeroo har’aatti misiraachoo Mootummichaaf deebii akkamiitu kennamaa jira? (b) Fakkeenya Kiristos hordofuu yoo barbaannee gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna?

12 Yeroo har’aatti, akkuma Yesus raajiidhaan dubbate misiraachoon Mootummichaa biyyoota hedduutti lallabamaa jira. (Maatewos 24:14) Kanaan kan ka’es, namoonni miliyoonaan lakkaa’aman Yihowaaf of murteessaniiru. Eebba Mootummichi fidu beekuusaaniitti baay’ee gammadaniiru. Yeroo nagaafi tasgabbii argatanii lafa jannata taaturra barabaraaf itti jiraatan abdiidhaan kan eeggatan si’a ta’u, abdiisaanii kanas namoota kaanitti gammachuudhaan himu. (Faarfannaa 37:11; 2 Phexros 3:13) Atoo labsitoota Mootummaa kana keessaa tokkodhaa? Taanaan galateeffatamuu qabda. Haata’u malee, wanti tokkoon tokkoon keenya irratti yaaduu qabnu kan biraas jira.

13 Phexros ergamaan: “Kristos immoo isiniif dhiphatee, faana isaa duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif kenneera” jechuudhaan barreesseera. (1 Phexros 2:21) Wanti Phexros asirratti caqase, hinaaffaa Yesus hojii lallabaarratti argisiise ykn mala barsiisaa inni itti fayyadamaa ture utuu hin ta’in, rakkina isarra ga’e ta’uunsaa hubatamuu qaba. Phexros, Yesus olaantummaa Yihowaatiif bitamuufi Seexanni sobduu ta’uusaa mirkaneessuuf jecha rakkina isarra ga’e hundumaa simachuuf hangam akka inni fedhii argisiise argeera. Erga akkas ta’ee, karaawwan fakkeenya Yesus itti hordofuu dandeenyu kamfa’i? Akkas jennee of gaafachuu qabna: ‘Olaantummaa Yihowaa deggeruufi ulfina kennuuf jecha, lubbuukoo dabarsee nan kennaa? Akkaataan jireenyakoofi tajaajillikoo wanti caalaatti na yaaddessu olaantummaa Yihowaa akka ta’e argisiisaa?’—Qolosaayis 3:17.

14, 15. (a) Yesus yaadaafi afeerrii dogoggoraa isaa dhihaateef tarkaanfii akkamii fudhate? Maaliif? (b) Wanti yeroo hundumaa yaadachuu qabnu maalidha? (Yaadawwan saanduqa “Yihowaa Cina Dhaabachuu” jedhurra jiran dabalii deebisi.)

14 Guyyaa hundumaa, qorumsawwan, murtoowwan gurguddaafi xixinnoon akka goonu nu godhantu nu mudata. Tarkaanfiin gama kanaan fudhannu maalirratti kan hundaa’e ta’uu qaba? Fakkeenyaaf, kallattiidhaan amanamummaan keenya yeroo qoramu tarkaanfii akkamii fudhanna? Yeroo Phexros si haa oolchu jedhetti deebiin Yesus maal ture? “Na duraa turi Seexana nana! Ati gufuu anatti taate, ati kan namootaa malee kan Waaqayyoo hin yaaddu” jedheen. (Maatewos 16:21-23) Carraawwan mindaa ykn hojii keenya fooyyessan, garuu sochii Kiristiyaanummaa keenyaafi hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa daangessan yeroo nuu dhihaatan tarkaanfii Yesus fudhate fudhannaa? Namoonni dinqii Yesus raawwate argan “dhufanii humnaan isa qabanii, mootii isa godhachuudhaaf abbaluutti akka jiran” yeroo hubatu dafee isaan jalaa sokke.—Yohannis 6:15.

15 Yesus yeroo kanaafi kan biraatti tarkaanfii akkasii kan fudhate maaliifi? Nageenya ykn wanta isaaf gaarii ta’e kan caalu akka jiru hubatee waan tureefidha. Jaalala Abbaasaa raawwachuudhaan karaa hundaanuu olaantummaa Yihowaa deggeruu barbaada ture. (Maatewos 26:50-54) Yeroo hundaa akka Yesus gaaffiin olaantummaa Yihowaarratti ka’e gara sammuu keenyaatti hin dhufu taanaan, wanta sirrii gochuun nu rakkisuu danda’a. Kan akkas jennu maaliifi? Akkuma Hewwaan, mala Seexanaa isa wanta dogoggora ta’e sirrii fakkeessee dhiheessuu beekuun salphaadhumatti gowwoomfamuu waan dandeenyuufidha.—2 Qorontos 11:14; 1 Ximotewos 2:14.

16. Yeroo warra kaan gargaarru, kaayyoon keenya inni guddaan maal ta’uu qaba?

16 Tajaajila keenyaarratti, wanta namoota yaaddessurratti mari’achuudhaan deebiisaa Macaafa Qulqulluurraa isaanitti argisiisuuf carraaqna. Kun karaa bu’a qabeessa fedhii qayyabannaa Macaafa Qulqulluuf qaban itti kakaasamudha. Kaayyoon keenya inni guddaan garuu wanta Macaafni Qulqulluun jedhuufi eebba Mootummichi fidu namootatti himuu qofa miti. Gaaffii olaantummaa Yihowaa ilaalchisee ka’e akka hubatan isaan gargaaruu qabna. Kiristiyaanota dhugaa ta’uuf, “fannoo” isaanii baachuufi Mootummichaaf jedhanii rakkachuuf fedhii qabuu? (Maarqos 8:34) Namoota olaantummaa Yihowaa deggeraniifi Seexanni sobduu, akkasumas maqaa kan balleessu ta’uusaa mirkaneessan keessaa akka isa tokkootti lakkaa’amuuf qophaa’aniiru? (Fakkeenya 27:11) Olaantummaa Yihowaa cina dhaabachuufi namoonni kaanis akkas akka godhan gargaaruuf mirga guddaa arganneerra.—1 Ximotewos 4:16.

‘Yeroo Waaqayyo Karaa Hundumaan Waan Hundumaa Ta’u’

17, 18. Olaantummaa Yihowaa kan deggerru ta’uu keenya yoo argisiisne, yeroo gammachiisaa akkamii abdiidhaan eeggachuu dandeenya?

17 Amala keenyaafi tajaajila keenyaan hamma dandeenyu olaantummaa Yihowaa akka deggerru argisiisuuf kan carraaqnu yoo ta’e, yeroo Yesus Kiristos “mootummicha deebisee Waaqayyo abbaatti” kennu abdiidhaan eeggachuu dandeenya. Kun yoom raawwatama? Phaawulos ‘gooftummaa hundumaa, aboo hundumaa, humna hundumaas erga golgoleessee booda’ akka ta’e dubbateera. Itti fufuudhaan akkas jedha: “Waaqayyo diinota hundumaa miillan isaa jala hamma kaa’ufitti, Kristos mo’uutu ta’a. . . . Ilmi immoo ofii isaatii, Waaqayyo isa waan hundumaa miilla isaa jala galche jala in gala; akkasitti Waaqayyo karaa hundumaa waan hundumaa irra in ta’a.”—1 Qorontos 15:24, 25, 28.

18 Yeroon Waaqayyo “karaa hundumaa waan hundumaa irra” ta’u, yeroo baay’ee nama gammachiisu ta’a! Mootummichi kaayyoosaa guutummaatti raawwata. Kan olaantummaa Yihowaatiin morman hundi ni barbadeeffamu. Uumama cufarratti nagaafi tasgabbiin deebi’ee dagaaga. Uumamni hundumtuu akkuma faarfatichaa: “Ulfina maqaa isaatiif ta’u Waaqayyoof dhi’eessaa! . . . Saba lafa irraa keessatti, ‘Waaqayyo mootii dha!’ jedhaa!” jedhee faarfata.—Faarfannaa 96:8, 10.

Deebisuu Dandeessaa?

• Yesus gaaffii olaantummaarratti ka’eef bakka guddaa kennee kan ture akkamitti?

• Wanti guddaan Yesus tajaajilasaafi du’asaatiin raawwate maal ture?

• Gama olaantummaa Yihowaa deggeruutiin karaawwan fakkeenya Yesus itti hordofuu dandeenyu kamfa’i?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Saanduqa fuula 12rra jiru]

YIHOWAA CINA DHAABACHUU

Akkuma obboloota Kooriyaa hedduufi bakka biraa jiranii, kallattiidhaan qorumsi cimaan yeroo Kiristiyaanotarra ga’u sababii rakkinni kun isaanirra itti ga’uuf sirriitti beekuunsaanii barbaachisaadha.

Dhugaa Baatuun Yihowaa bulchiinsa Sooviyeet durii keessatti hidhamee ture tokko yeroo dubbatu: “Wanti jabaannee akka dhaabannu nu gargaare, gaaffii Eeden keessatti olaantummaa Waaqayyoorratti ka’e sirriitti hubachuu keenya ture. . . . Carraa bulchiinsa Yihowaa akka deggerru itti argisiisnu ta’uusaa hubannee turre. . . . Kana hubachuun keenya kan nu jabeesse ta’uusaarrayyuu amanamummaa keenya eegnee akka jiraannu nu gargaareera.”

Dhugaa Baatuun Yihowaa kaampii hojiin humnaa itti hojjechiifamu keessa jiru tokkos, isas ta’e Dhugaa Baatota kaan kan gargaare maal akka ta’e yeroo ibsu Akkas jedheera: “Haalawwan rakkisaa ta’an keessa jiraannuyyuu hariiroon Yihowaa wajjin qabnu cimaa waan tureef, Yihowaan nugargaareera. Yeroo hundumaa gaaffii olaantummaarratti ka’e ilaalchisee, Yihowaa cina kan dhaabanne ta’uu keenya wal yaadachiisuudhaan wal jajjabeessina turre.”