Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Jireenyisaanii Kaayyoo Akka Qabaatu Godhaniiru Atoo Kana Gochuu Dandeessaa?

Jireenyisaanii Kaayyoo Akka Qabaatu Godhaniiru Atoo Kana Gochuu Dandeessaa?

Jireenyisaanii Kaayyoo Akka Qabaatu Godhaniiru Atoo Kana Gochuu Dandeessaa?

OBBOLEESSI biyya Kaanaadaa Maark jedhamu tokko, kubbaaniyyaa dhaabbata roobootii hawaa keessatti ittiin fayyadaman oomishu keessatti qacaramee hojjeta ture. Obboleessi kun guyyaa walakkaa kan hojjetu yommuu ta’u, yeroo hafettimmoo qajeelchaa ta’ee tajaajila. Hoogganaansaa Maark yeroo guutuu hojjechuudhaan guddinaafi mindaa gaarii akka argatu afeere. Yeroo kanatti Maark maal godhe?

Obboleettiin biyya Fiilippiins Eemii jedhamtu tokko, barumsashee yeroo xumuruuf jettu qajeelchaa taatee tajaajiluu jalqabde. Erga barumsashee xumurtee booda, hojii yerooshee fudhatuufi mindaa gaarii argamsiisu argatte. Eemiin filannaa akkamii goote?

Maarkiifi Eemiin filannaa garaagaraa kan godhan yommuu ta’u, bu’aan addaddaa filannaa godhanirraa argatan gorsi Kiristiyaanota Qorontos ishee durii keessatti argamaniif kenname gaarii akka ta’e kan ibsu ture. Phaawulos gumichaaf: “Warri biyya lafaatti [guutummaatti, NW] dhimma ba’an, akka warra itti dhimma hin ba’inii haa ta’an!” jechuudhaan barreesseera.—1 Qor. 7:29-31.

Biyya Lafaatti Guutummaatti Dhimma Hin Ba’inaa

Maarkiifi Eemiin maal akka murteessan ilaaluu keenya dura, hiikni jecha “biyya lafaa” (ykn afaan Giriikiitiin koosmos) jedhuufi Phaawulos xalayaa warra Qorontosiif barreesserratti itti fayyadamee maal akka ta’e haa’ilaallu. Caqasa Macaafa Qulqulluu sana keessatti jechi koosmos jedhu, sirna biyya lafaa keessa jiraannu, jechuunis hawaasa keessa jiraannu guutummaatti kan argisiisudha. Kunis, wantoota guyyaa guyyaadhaan nu barbaachisan kan akka mana, nyaataafi uffata argachuu kan dabalatudha. * Baay’een keenya wantoota jireenyaaf nu barbaachisan akkasii argachuuf hojii hojjechuu qabna. Akka Caaffanni Qulqullaa’aan jedhutti wanta ofiifis ta’e maatii keenyaaf barbaachisu dhiheessuuf biyya lafaatti fayyadamuun dirqamadha. (1 Xim. 5:8) Haata’u malee, ‘biyyi lafaa akka darbu’ beekna. (1 Yoh. 2:17) Kanaan kan ka’es biyya lafaatti hanga barbaachisaa ta’etti malee ‘guutummaatti’ itti hin fayyadamnu.—1 Qor. 7:31, NW.

Gorsa Macaafni Qulqulluun guutummaatti biyya lafaatti akka hin fayyadamne nuu kennu hojiirra oolchuuf jecha, obboloonni hedduun haalasaanii irra deebi’anii gamaaggamuudhaan sa’aatii hojii dhuunfaarratti dabarsan hir’suufi haala jireenyaasaanii salphaa gochuu danda’aniiru. Kana gochuudhaanis, yeroo maatiisaanii wajjin dabarsaniifi tajaajilaaf itti fayyadaman hedduu waan argataniif, jireenyisaanii kaayyoo kan qabu ta’uusaa hubataniiru. Kana malees, akkaataa jireenyaa salphaa ta’e jiraachuunsaanii biyya lafaa caalaa Yihowaarratti akka hirkatan isaan godheera. Atoo fedhii Mootummaa Waaqayyoo dursuuf jecha jireenya salphaa jiraachuudhaan, wanta walfakkaatu gochuu ni dandeessaa?—Mat. 6:19-24, 33.

“Yeroo Kamiyyuu Caalaa Yihowaatti Akka Dhihaanne Nutti Dhaga’ama”

Maark inni seensarratti ibsame, gorsa Macaafni Qulqulluun guutummaatti biyya lafaatti akka hin fayyadamne nuu kennu hojiirra oolcheera. Guddina hojii faayidaa guddaa isaa argamsiisu utuu hin fudhatin hafe. Guyyoota muraasa booda, hogganaan Maark hojii haaraa akka jalqabu isa amansiisuuf jecha, hojiin kun mindaa gaarii akka isaa argamsiisu itti hime. Maark, “Qorumsa ture, ta’uyyuu ammas utuun hin fudhatin hafeera” jedhe. Maark afeerrii kana maaliif fudhachuu akka dide akkas jechuudhaan ibseera: “Haati manaakoo Poolaaniifi ani jireenya keenya hanga danda’ametti tajaajila Yihowaatiif oolchuu barbaanna. Kanaafuu, jireenya keenya salphaa gochuuf murteessineerra. Galma keenyarra ga’uuf akka nu gargaaruufi guutummaatti Isa tajaajiluuf yoomii kaasnee akka of dhiheessinu murteessuuf ogummaa akka nuu kennu Yihowaa kadhanneerra.”

Poolaan akkas jetti: “Torbanitti guyyaa sadii barreessituu hospitaala tokkoo ta’ee waanan hojjedhuuf mindaa gaariin argadha. Kana malees, qajeelchituu ta’een tajaajila. Haata’u malee, anis akkuma Maark bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan deemee Yihowaa tajaajiluuf of dhiheessuun barbaade. Ta’us, yommuun hojicha dhiisuuf iyyata galfadhutti itti gaafatamtuunkoo hoogganatuu barreessitootaa akkan ta’u carraan akka naa baname natti himte. Hojiin kun mindaa barreessitoonni hospitaalichaa kaan argatanirra baay’ee caalu kan namaa argamsiisu ta’us, murtoon hojii kana dhiisuuf godhe hin jijjiirre. Sababiin hojii kana itti hin barbaanne yommuun itti gaafatamtuukootti himu, amantaakootiif na galateeffatte.”

Sana booda utuu baay’ee hin turin, Maarkiifi Poolaan gumii xinnoo Kaanaadaatti argamutti qajeelchitoota addaa ta’anii akka tajaajilan afeeraman. Achi deemuunsaanii bu’aa akkamii argamsiise? Maark akkas jedha: “Umriikoo walakkaa hojii jireenya gaarii jiraachuuf na dandeessisu ergan hojjedhee booda, waa’ee gara fuulduraa sodaadheen ture. Ta’us Yihowaan tajaajila keenya nuu eebbiseera. Kennaawwan hafuuraa warra kaaniif hiruudhaan gammachuu guddaa akka arganne nutti dhaga’ama. Tajaajilli yeroo guutuu gaa’ela keenyas nuu jabeesseera. Mareen keenya wantoota dhugumaan barbaachisaa ta’anirratti, jechuunis dhimmawwan hafuuraarratti kan xiyyeeffatedha. Yeroo kamiyyuu caalaa Yihowaatti akka dhihaanne nutti dhaga’ama.” (HoE. 20:35) Poolaan itti dabaluudhaan akkas jetti: “Yommuu hojiifi jireenya gaarii bartan sana dhiistanii baatan, guutummaatti Yihowaatti amanamuu qabdu. Nuti kana gochuu keenyaan Yihowaan nu eebbiseera. Obboloonni jaallatamoon gumii haaraa keenya kana keessa jiran, akka jaallatamnuufi akka barbaadamnu akka nutti dhaga’amu godhaniiru. Humna ani hojiikootti dhangalaasaa ture, yeroo ammaatti karaa hafuuraa namoota gargaaruufan itti fayyadamaa jira. Hojii kanarratti hirmaachuukootti gammachuu kana hin jedhamnetu natti dhaga’ama.”

‘Waan Hunda Qabaadhus Gammachuu Hin Qabun Ture’

Obboleettiin Eemii jedhamtuufi armaan olitti ibsamte garuu filannaa kanarraa adda ta’e goote. Hojii yeroo guutuu akka hojjettu afeerrii isheedhaa dhihaate fudhatteetti. Eemiin akkas jetti: “Waggaa jalqabaa, tajaajilarratti hinaaffaadhaan kanan hirmaadhe yommuu ta’u, suutuma suuta garuu xiyyeeffannaankoo fedhii Mootummichaarraa gara guddina hojiitti jijjiiramaa adeeme. Guddina hojii argachuuf afeerriiwwan nama qoran fudhachuudhaan humnakoo hojii guddina namaa argamsiisurratti fixuuttan ka’e. Itti gaafatamummaan hojiikoorratti qabu yommuu dabalaa adeemu, yeroon tajaajilarratti dabarsu suutuma suuta xinnaachaa adeeme. Dhumarrattis, hojii lallabaarratti hirmaachuu guutummaatti nan dhaabe.”

Eemiin waa’ee yeroo sanaa yaadachuudhaan akkas jetti: “Karaa qarshii waan hundumaa qaban ture. Beekamummaa ani hojiikoorratti qabu biyyoota hedduu dhaquudhaaf carraa naa argamsiiseera. Ta’us, gammachuu hin qabun ture. Qarshii yoon qabaadhes, rakkoowwan hedduun qaba ture. Kun maaliif akka ta’e naaf hin galu ture. Dhumarrattis hojii biyya lafaatiif bakka guddaa kennuu kootiin ‘amantiirraa baduuf’ xinnoon na hafee akka turen hubadhe. Kanaan kan ka’es akkuma Dubbiin Waaqayyoo jedhu ‘waraansa baay’eedhaan’ miidhamaan’ ture.”—1 Xim. 6:10.

Sana booda Eemiin maal goote? Akkas jetti: “Jaarsoliin karaa hafuuraa akkan jajjabaadhu akka na gargaaran gaafadhe walga’iirrattis argamuun jalqabe. Yommuu faarfannaan faarfatamu boo’uuttan ka’e. Hiyyeessa ta’uyyuu qajeelchaa ta’uudhaan hojii makaraarratti yeroon hirmaachaa turetti, gammachuu akkamii akkan qabu nan yaadadhe. Qarshii argachuuf jecha yeroo balleessuukoo dhaabuufi fedhii Mootummichaatiif dursa kennuu akkan qabun hubadhe. Hojii gadaanaafi mindaa isa duriirra harka 50 xinnaatu argamsiisu hojjechaa lallabarratti hirmaachuun jalqabe.” Eemiin gammachuudhaan akkas jetti: “Waggoota muraasaaf qajeelchaa ta’uudhaan gammachuu argadheera. Amma gammachuu ennaan yerookoo biyya lafaatiif hojjechuudhaan fixetti hin arganne argadheera.”

Atoo, haalakeerratti sirreeffama gochuufi jireenyakee salphaa gochuu ni dandeessaa? Fedhii Mootummichaa dursuuf yeroo qabdutti yoo fayyadamte atis jireenya kaayyoo qabu jiraachuu dandeessa.—Fak. 10:22.

[Miiljaleewwan]

^ key. 6 Kitaaba Caaffata Qulqullaa’oo Gad Fageenyaan Hubachuu, Jildii 2, ful. 1207-1208 ilaali.

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Atoo, haalakee sirreessuufi jireenyakee salphaa gochuu ni dandeessaa?

[Saanduqa/Fakkii fuula 19rra jiru]

“Ammumayyuu Jaalladheera!”

Jaarsi gumii Deevid jedhamuufi Yuunaayitid Isteetsitti argamu, tajaajila yeroo guutuu haati manaafi ijoolleensaa irratti hirmaatanirratti hirmaachuu fedhe. Kubbaaniyyaa kanaan dura hojjechaa ture keessatti, hojii guyyaa walakkaa argachuudhaan qajeelchaa ta’ee tajaajiluu jalqabe. Jijjiirama kana gochuunsaa jireenyisaa kaayyoo akka qabaatu godheeraa? Deevid ji’oota muraasa booda hiriyaasaa tokkoof akkas jechuudhaan xalayaa barreessera: “Maatii ofii wajjin ta’uudhaan guutummaatti Yihowaa tajaajiluu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru. Hangan qajeelchaa ta’uu wajjin walbarutti yeroo muraasa natti fudhata jedhee yaadeen ture. Haata’u malee, ammumayyuu jaalladheera! Baay’ee kan nama gammachiisudha.”

[Fakkii fuula 18rra jiru]

Maarkiifi Paawulaan tajaajilarra utuu jiranii