Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kiristiyaanonni Akka Qamadiitti Yommuu Gingilchaman

Kiristiyaanonni Akka Qamadiitti Yommuu Gingilchaman

Kiristiyaanonni Akka Qamadiitti Yommuu Gingilchaman

YESUS ajjeefamuusaa yeroo xinnoo dura, “Seexanni akka namni qamadii gingilchu isin gingilchuudhaaf isin falmeera” jechuudhaan bartootasaa akeekkachiiseera. (Luq. 22:31) Yesus yommuu kana dubbatu maal jechuusaa ture?

Akkuma qonnaan bultoonni naannoo keenyatti argaman hedduun beekan, bara Yesusittis qamadii oomishuun yeroo dheeraafi carraaqqii cimaa kan gaafatu ture. Jalqaba, qonnaan bultoonni qamadicha maasiirraa walitti qabu. Achiis, qamadii maasiirraa sassaaban sana oobdiirratti uleedhaan ykn horii irra deemsisuudhaan dha’u. Hojiin kun midhaanicha mukaafi qola qamadiirraa gadhiisisuuf gargaara. Ittaansuudhaanis qamadiifi habaqiisaa qilleensatti darbachuudhaan afarsu. Sana booda qilleensi habaqiisaa fudhatee kan adeemu yommuu ta’u, iji qamadii garuu gara oobdiitti deebi’a. Dhumarrattis midhaanichi of eeggannoodhaan afarsamee wanti hin barbaachisne irraa balleeffama.

Akkuma Yesus jedhe, Seexanni gara jabinaan bartoota Yesus warra yeroo sana turanirratti lola kan bane yommuu ta’u, yeroo ammaattis nurratti lola baneera. (Efe. 6:11) Rakkina numudatu hunda kallattiidhaan kan nutti fidu Seexana akka hin taane beekamaadha. (Lal. 9:11) Haata’u malee, Seexanni wanta gochuu danda’u hundatti gargaaramee amanamummaa keenya balleessuuf hawwii guddaa qaba. Fakkeenyaaf, qabeenyaaf bakka guddaa akka laannu, bashannana sirrii hin taane akka filannu ykn amala addaggummaarratti akka hirmaannu nuqoruu danda’a. Hiriyoota mana barumsaafi bakka hojiitti ykn firoota keenya warra hin amannetti gargaaramuudhaan barumsaafi hojii biyyi lafaa kun nuu argamsiisuu danda’u hundumaa akka hordofnu dhiibbaa nurraan geessisuu danda’a. Kana malees, Seexanni, Waaqayyoof amanamoo akka hin taane nu gochuuf kallattiidhaan ari’atamaan gargaaramuu danda’a. Seexanni nu gingilchuuf malawwan hedduutti gargaaramuu akka danda’u beekamaadha.

Diina keenya isa humna guddaa qabu kana mo’uu kan dandeenyu akkamitti? Humna keenyaan isa mo’uu hin dandeenyu. Seexanni nu caalaa humna qabeessadha; ta’us, Yihowaan Seexana caalaa humna guddaa akka qabu beekna. Guutummaatti Yihowaarratti kan amanamnu, ogummaafi ija jabina amanamoo ta’uuf nugargaaru akka nuu kennu kan kadhannuufi guutummaatti qajeelfamasaatti kan amanamnu yoo ta’e, lola Seexanni nurratti bane mo’uuf humna nuu kennuu danda’a.—Far. 25:4, 5.

Yommuu qorumsi nurra ga’u malawwan Seexanaatiin gowwoomfamuurraa ooluuf, dandeettii “hamaa fi gaarii gargar baasuu” itti dandeenyu qabaachuun keenya barbaachisaadha. (Ibr. 5:13, 14) Yihowaan dandeettii kana akka guddifannu nugargaaruu danda’a. Kanaaf, kan fedheyyuu yoo dhufe wanta sirrii gochuu keenya itti fufuun nubarbaachisa. Qajeelfama Yihowaa yoo hordofne, ija jabinaan wanta gaarii ta’e gochuuf murtoo goonerratti akka nugargaaru shakkii hin qabnu.—Efe. 6:10.

Seexanni akkuma qamadii nu gingilchuuf yaalii gochuu danda’a. Ta’us, jabina Yihowaa biraa argannuun isaan mormuufi amantiidhaan jabaannee dhaabachuu dandeenya. (1 Phe. 5:9) Eeyyee, Dubbiin Yihowaa, “Seexanaan immoo mormaa! Innis isin dhiisee in baqata” jechuudhaan nuu mirkaneessa.—Yaq. 4:7.