Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaa Waaqayyootiif Kan Malan Ta’uu

Mootummaa Waaqayyootiif Kan Malan Ta’uu

Mootummaa Waaqayyootiif Kan Malan Ta’uu

“Kana danda’uun keessan immoo firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta’uu isaa, isin immoo mootummaa Waaqayyoo[tiif] . . . kan maltan ta’uu keessan in argisiisa.”—2 TAS. 1:5.

1, 2. Firdii ilaalchisee kaayyoon Waaqayyoo maalidha? Firdii kana kan kennu eenyu?

PHAAWULOS Dh.K.B. naannoo bara 50⁠tti Ateenaa ture. Waaqeffannaan waaqolii tolfamoo babal’achuusaanii argee waan aareef, namoota kanaaf akka gaariitti dhugaa ba’uu akka qabu itti dhaga’ame. Sana boodas yaada xiyyeeffannaa namoota waaqolii tolfamoo waaqeffatanii harkisu dubbachuudhaan haasawaasaa xumure. Akkas jedhe: “Amma garuu [Waaqayyo] namni hundinuu iddoo hundumaatti yaada garaa isaa akka geddaratu abboomeera. Guyyaa itti harka nama fo’ate sanaatiin, biyya lafaatti qajeeltootti faraduuf jedhu, muree kaa’eera; namicha fo’ate sana du’aa kaasuu isaatiin, kana nama hundumaaf cimseera.”—HoE. 17:30, 31.

2 Waaqayyo gara fuulduraatti ilmaan namootaarratti faraduuf guyyaa muree kaa’uunsaa dhimma irratti yaaduu qabnudha. Phaawulos Ateenaatti nama firdii kennu kana kan maqaa hin dhoofne ta’us, namni kun Yesus Kiristos isa du’aa ka’e ta’uusaa beekna. Firdiin Yesus kennu jireenya ykn du’a kan fidudha.

3. Yihowaan Abrahaamii wajjin kakuu kan gale maaliifi? Raawwii kakuu kanaa keessatti shoora olaanaa kan qabu eenyu?

3 Guyyaan Firdii sun waggaa 1,000 kan turudha. Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan ta’eef, dursa fudhachuudhaan maqaa Yihowaatiin firdii kan kennu isa ta’us, kana kan godhu isa qofa miti. Yihowaan warri kaanis waggaa kuma kanatti Yesusii wajjin akka bulchaniifi akka faradan ilmaan namootaa keessaa filateera. (Luqaas 22:29, 30 waliin ilaali.) Yihowaan waggoota gara 4,000 dura yommuu Abrahaam tajaajilaasaa isa amanamaa ta’ee wajjin kakuu galetti waa’ee Guyyaa Firdii ilaalchisee bu’uura kaa’eera. (Uumama 22:17, 18 dubbisi.) Haalasaarraa hubachuun akka danda’amutti kakuun kun hojiirra ooluu kan jalqabe Dh.K.D. bara 1943⁠tti ture. Kakuun kun ilmaan namootaatiif faayidaa akkamii akka argamsiisu Abrahaam guutummaatti hin hubanne ture. Nuti garuu kakuu Abrahaamiif galame keessatti sanyiin Abrahaam kaayyoo Waaqayyo ilmaan namootaarratti faraduuf qabu keessatti shoora olaanaa akka qabu hubanneerra.

4, 5. (a) Sanyiin Abrahaam inni duraa eenyu? Innoo waa’ee Mootummichaa maal jedhe? (b) Abdii qophii Mootummichaa keessatti hirmaachuuf kenname argachuuf carraan kan baname yoomi?

4 Sanyiin Abrahaam inni jalqabaa Yesus yommuu ta’u, innis Dh.K.B. bara 29⁠tti hafuura qulqulluutiin cuuphamuudhaan Masiihii abdachiifame ykn Kiristos ta’eera. (Gal. 3:16) Yesus waggaa sadiifi walakkaa sana booda jiru misiraachoo Mootummichaa saba Yihudiitiif lallabuudhaan dabarseera. Yohannis Cuuphaan erga hidhamee booda, Yesus akkas jedhee dubbachuudhaan warri kaan Mootummicha keessatti hirmaachuuf abdii akka qaban ibseera: “Yeroo Yohannis cuuphaan barsiisuu jalqabee ka’ee hamma ammaatti mootummaan waaqaa humnaan dhiibbachaa jira; warri itti galuudhaaf dhiibbatanis isa in fudhatu.”—Mat. 11:12.

5 Yesus namoota samii keessatti Mootummicha ‘argatan’ utuu hin caqasin dura akkas jechuunsaa xiyyeeffannaa kan harkisudha: “Dhuguman isiniin jedha, nama ta’ee lafa irratti kan dhalate keessaa, Yohannis cuuphaa irra kan caalu takkaa hin kaane; garuu mootummaa waaqaatti inni hundumaa irra xinnaatu iyyuu isa irra in caala.” (Mat. 11:11) Yesus kana kan jedhe maaliif ture? Sababiinsaa, carraan Mootummicha keessatti iddoo qabaachuuf gargaaru hanga Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti hafuurri qulqulluun dhangala’etti tajaajiltoota amanamoo turaniif waan hin banamneef ture. Yeroo sanatti Yohannis Cuuphaan du’ee ture.—HoE. 2:1-4.

Sanyiin Abrahaam Qajeelaa Jedhameera

6, 7. (a) Sanyiin Abrahaam “akka urjoota waaqaa” kan ta’e akkamitti? (b) Abrahaam eebba akkamii argate? Sanyiinsaahoo eebba walfakkaatu akkamii argata?

6 Abrahaam sanyiinsaa “akka urjoota waaqaa” akkasumas akka cirracha qarqara galaanaa baay’ee akka ta’u itti himameera. (Uma. 13:16; 22:17) Kana jechuun, bara Abrahaamitti lakkoofsi sanyii kanaa meeqa akka ta’e namni beeku hin jiru ture jechuudha. Ta’us, yeroo booda lakkoofsi sirriin sanyii hafuuraa kun meeqa akka ta’e argisiisu suutuma suuta ifa ta’e. Yesusiin alatti lakkoofsi namoota kanaa 144,000 ture.—Mul. 7:4; 14:1.

7 Amantaa Abrahaam ilaalchisee, Dubbiin Waaqayyoo, “Abraam Waaqayyotti amane, inni immoo qajeelummaatti in lakkaa’eef” jedha. (Uma. 15:5, 6) Namni guutummaatti qajeelaa ta’e akka hin jirre beekamaadha. (Yaq. 3:2) Ta’us, Abrahaam amantaa guddaa waan qabuuf Yihowaan qajeelaa godhee kan isa ilaale ta’uusaarrayyuu, fira [michuu] koo jedhee isa waameera. (Isa. 41:8) Yesusiifi warri sanyii hafuuraa Abrahaam ta’an qajeeloo kan jedhaman yommuu ta’u, kunimmoo eebbawwan Abrahaam argate caalu isaanii argamsiisa.

8. Miseensonni sanyii Abrahaam eebbawwan akkamii argatu?

8 Kiristiyaanonni dibamoon aarsaa furii Yesusitti waan amananiif qajeeloo jedhamaniiru. (Rom. 3:24, 28) Namoonni kun Yihowaa duratti hidhaa cubbuu jalaa kan furaman yommuu ta’u, karaa hafuuraa ilmaan Waaqayyoofi obboloota Yesus Kiristos ta’uuf hafuura qulqulluutiin dibamuu danda’aniiru. (Yoh. 1:12, 13) Kakuu haaraa keessatti kan galan yommuu ta’u, saba haaraa jechuunis “Israa’el Waaqayyoo” ta’aniiru. (Gal. 6:16; Luq. 22:20) Kun hundumtuu ulfina guddaa akka argatan kan ibsu mitii? Waaqayyo isaaniif jecha tarkaanfii akkasii waan fudhateef, Kiristiyaanonni dibamoon barabaraaf lafarra jiraachuuf hin abdatan. Guyyaa Firdiitti Yesusii wajjin ta’uufi samiirratti bulchuudhaan gammachuu hangana hin jedhamne argachuuf jecha abdiisaanii kana aarsaa godhaniiru.—Roomaa 8:17 dubbisi.

9, 10. (a) Kiristiyaanonni yeroo jalqabaatiif hafuura qulqulluutiin kan dibaman yoom ture? Fuuldurasaaniitii maaltu isaan eega? (b) Kiristiyaanonni dibamoon gargaarsa akkamii argataniiru?

9 Namoonni amanamoo ta’an muraasni Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti, carraa Guyyaa Firdiitti Yesusii wajjin bulchuuf isaan dandeessisu argataniiru. Duuka buutonni Yesus 120 ta’an hafuura qulqulluutiin cuuphamanii Kiristiyaanota dibamoo warra jalqabaa ta’aniiru. Haata’u malee, hafuura qulqulluutiin dibamuunsaanii samiirratti jireenya barabaraa argachuuf tarkaanfii isa duraa qofa ture. Yeroo sanaa jalqabee, Seexanni qorumsa akkamiiyyuu yoo isaanitti fide Yihowaadhaaf amanamoo ta’uusaanii argisiisuu qabu turan. Gonfoo jireenya waaqarraa argachuu yoo fedhan hanga du’aatti amanamoo ta’uu qabu turan.—Mul. 2:10.

10 Kanaaf jechas, Yihowaan karaa Dubbiisaafi karaa gumii Kiristiyaanaa, Kiristiyaanota dibamoodhaaf gorsaafi jajjabina isaan barbaachisu kenneera. Fakkeenyaaf, Phaawulos Kiristiyaanota dibamoo Tasaloniiqee keessa turaniif akkas jechuudhaan barreesseera: “Nus tokkon tokkon keessan akka abbaan itti ijoollee isaa ilaalutti isin ilaaluu keenya gaarii gootanii in beektu. Waaqayyo isa mootummaa isaatii fi ulfina isaatti isin waame sanaaf akka ta’utti akka jiraattaniif isin in gorsina isin in jajjabeessina, dhugaas isinitti in baana.”—1 Tas. 2:11, 12.

11. Yihowaan miseensota “Israa’el Waaqayyoo” ta’aniif barreeffama akkamii qopheesse?

11 Kiristiyaanonni dibamoon warri jalqabaa erga filatamanii waggoota 60 booda, Yihowaan tajaajila Yesus isa lafarraa akkasumas Yesus Kiristiyaanota dibamoo jaarraa jalqabaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka godheefi gorsa akkamii akka isaanii kenne ilaalchisee galmee yoomiyyuu hin banne galmeesseera. Kanaan kan ka’es Yihowaan Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaatiin turanitti Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikiitiin barreeffaman akka dabalaman godhe. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Ibrootaa jalqaba kan barreeffaman saba Israa’eliif yommuu ta’u kunis kan ta’e yeroo isaan Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya adda ta’e qaban ture. Caaffanni Qulqullaa’oon afaan Giriikiimmoo jalqaba kan barreeffaman “Israa’el Waaqayyoo,” jechuunis obboloota Kiristos warra dibamoofi ijoollee Waaqayyoo warra hafuuraatiif ture. Kana jechuun garuu namoonni Israa’eloota hin taane Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaarraa matumaa faayidaa hin argatan jechuu miti. Haaluma walfakkaatuun, Kiristiyaanonni hafuura qulqulluutiin hin dibamnes Caaffata Qulqullaa’oo afaan Giriikii qayyabachuufi gorsa achi keessatti argamu hojiirra oolchuudhaan faayidaa hangana hin jedhamne argachuu danda’u.— 2 Ximotewos 3:15-17 dubbisi.

12. Phaawulos Kiristiyaanota dibamoodhaaf maal jechuudhaan barreesseera?

12 Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa badhaasasaanii isa samii argachuu akka danda’aniif qajeelota jedhamaniiru, hafuura qulqulluutiinis dibamaniiru. Hafuura qulqulluutiin dibamuunsaanii, yeroo lafarra jiranitti obbolootasaanii warra hafuuraan dibaman kaanirra akka caalan isaan hin godhu. Haalasaarraa hubachuun akka danda’amutti, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa turan tokko tokko dhimma kana sirriitti utuu hin hubatin hafuudhaan obbolootasaanii warra gumii keessatti argamanirratti gooftummaa argisiisuuf yaalii godhanii turan. Kanaan kan ka’es, Phaawulos akkas jedhee dubbachuuf kaka’eera: “Ammas isin guuttattaniittu! Sooromtaniittu! Nuyi malee, isin dur mootota taatan! Nuyis isinii wajjin mootota akka taanutti, utuu dhuguma mootota taatanii iyyuu nan jaalladhan ture.” (1 Qor. 4:8) Kanaaf, Phaawulos dibamtoota barasaa turan akkas jechuudhaan yaadachiiseera: “Isin gammachiisuudhaaf isinii wajjin hojjenna malee, nuyi amantii keessan irratti gooftummaa argisiifna jennee miti.”—2 Qor. 1:24.

Lakkoofsa Raajiidhaan Dubbatame Guutuu

13. Waamamuun Kiristiyaanota dibamoo Dh.K.B. bara 33 asitti saffisaan raawwatamaa kan adeeme akkamitti?

13 Kiristiyaanonni dibamoon 144,000 ta’an kan filataman jaarraa jalqabaatti qofa hin turre. Waamamuun kun yeroo ergamoonni turan hundaatti kan itti fufe yommuu ta’u, haalasaarraa hubachuun akka danda’amutti sana booda lakkoofsi namoota filataman kanaa hir’achaa dhufeera. Haata’u malee, waamamuun kun jaarraawwan ittaansanii jiranirraa kaasee hanga har’aatti itti fufeera. (Mat. 28:20) Yeroo boodas, erga Yesus bara 1914⁠tti bulchuu jalqabee kaasee waamamuunsaanii saffisaan itti fufuu jalqabe.

14, 15. Dibamtoota filachuu ilaalchisee bara keenyatti maaltu ta’aa jira?

14 Jalqaba, Yesus humnoota bulchiinsa Waaqayyoo morman hunda samiidhaa ari’e. (Mul’ata 12:10, 12 dubbisi.) Sana booda, warra gara fuulduraatti miseensota Mootummaasaa ta’uudhaan lakkoofsa 144,000 guutan sassaabuurratti xiyyeeffateera. Naannoo bara 1935⁠tti hojiin kun xumuramuu jala ga’ee kan ture yommuu ta’u, namoota dhugaa fudhatan keessaa hedduun samii dhaquuf fedhii kan hin qabne turan. Hafuurri qulqulluun ijoollee Waaqayyoo ta’uusaanii dhugaa isaaniif hin ba’u ture. (Roomaa 8:16 waliin ilaali.) Kanaa mannaa, miseensota “hoolota kan biraa” barabaraaf lafa jannata taaturra jiraachuuf abdii qaban ta’uusaanii hubatanii turan. (Yoh. 10:16) Kanaaf, bara 1935 booda hojiin lallabaa “tuuta sonaan baay’ee” Yohannis mul’ataan argeefi “rakkina guddaa keessaa ba’an” sassaabuurratti xiyyeeffachuu jalqabe.—Mul. 7:9, 10, 14.

15 Haata’u malee, bara 1935 boodas hanga har’aatti waggoota dheeraadhaaf namoonni muraasni jireenya samiitiif waamamaa turaniiru. Maaliif? Takka takka namoota kanaan dura waamamanii amanamoo utuu hin ta’in hafan akka bakka bu’aniif ta’uu danda’a. (Mul’ata 3:16 waliin ilaali.) Phaawulos warri inni beeku dhugaa akka dhiisan dubbateera. (Filp. 3:17-19) Yihowaan namoota kana bakka buusuuf eenyufaa filata? Murtoon kun isaaf kan dhiifame akka ta’e beekamaadha. Haata’u malee, namoota yeroo dhihoo dhugaa fudhatan utuu hin ta’in, akkuma Yesus yommuu Ayyaana Yaadannoo qopheessetti bartootasaatiin jedhe, warra guutummaatti amanamoo ta’uusaanii argisiisan filata jedhanii yaaduun sirrii fakkaata. *Luq. 22:28.

16. Dibamtoota ilaalchisee waa’ee maalii galateeffachuu qabna? Waa’ee maalii garaa guutuudhaan amanna?

16 Haata’u malee, namoonni bara 1935 jalqabee abdii jireenya samiitiif waamamaa turan hundi warra amanamummaasaanii eeguu didan bakka bu’uuf filatamu jechuu miti. Yihowaan guyyoota gara dhumaa kanattis ta’e hanga “Baabilon Guddittiin” baddutti Kiristiyaanonni dibamoon nuu wajjin akka ta’an akka nuu mirkaneesse haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. * (Mul. 17:5) Guyyaa Yihowaan jedhetti lakkoofsi namoota 144,000 kanaa akka guutuufi yeroo boodas hundisaanii bulchiinsa Mootummichaarratti akka hirmaatan mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Akka raajiin Dubbii Waaqayyoo jedhuttis tuutni sonaan baay’ee inni yeroo kamiyyuu caalaa guddachaa jiru, tuutaan amanamaa ta’uusaa akka itti fufu ni amanna. Yeroo dhihoo boodas, “rakkina guddaa” biyya lafaa Seexanni seerratu kanatti dhufu “keessaa ba’anii” gammachuudhaan addunyaa haaraa Waaqayyo fidutti galu.

Bulchiinsi Waaqayyoo Inni Samii Guutuuf Jedha

17. Akka 1 Tasaloniiqee 4:15-17⁠fi Mul’ata 6:9-11⁠rratti ibsametti, Kiristiyaanonni amanamummaasaanii eeganii du’an maal argataniiru?

17 Dhaloota Kiristos Booda bara 33 jalqabee Kiristiyaanonni dibamoon kumaatama kudhaniin lakkaa’aman, amantii cimaa akka qaban argisiisuudhaan hanga du’aatti amanamoo ta’aniiru. Namoonni kun Mootummicha argachuuf kan malanidha, akkasumas Kiristos Mootummaasaarratti erga argamuu jalqabee gatiisaanii argachaa akka jiran haalasaarraa hubachuun ni danda’ama.1 Tasaloniiqee 4:15-17; Mul’ata 6:9-11 dubbisi.

18. (a) Kiristiyaanonni dibamoon lafarra jiran waa’ee maalii mirkanaa’oodha? (b) Hoolonni kan biraan obbolootasaanii warra Kiristiyaanota dibamoo ta’aniif ilaalcha akkamii qabu?

18 Kiristiyaanonni amanamoon lafarratti argamanis, amanamummaasaanii yoo eegan dhihootti badhaasa akka argatan guutummaatti ni amanu. Hoolonni kan biraan miliyoonaan lakkaa’aman yommuu amantaa obbolootasaanii warra dibamoo ta’anirratti yaadan, jecha Phaawulos Kiristiyaanota dibamoo Tasaloniiqeetti argaman ilaalchisee dubbatee wajjin walii galu. Akkas jedhe: “Ari’atamuu keessan hundumaatti rakkina baattan keessattis obsaa fi amantii isin qabdaniif nuyi waldoota Waaqayyoo keessatti isiniin of in jajna. Kana danda’uun keessan immoo firdiin Waaqayyoo qajeelaa ta’uu isaa, isin immoo mootummaa Waaqayyoo isa amma dhiphachaafii jirtan kanaaf kan maltan ta’uu keessan in argisiisa.” (2 Tas. 1:3-5) Miseensota Kiristiyaanota dibamoo keessaa inni dhumaa yommuu du’u yeroo kamittiyyuu, bulchiinsi Waaqayyoo inni samii guutuu ta’a. Kunimmoo samiirrattis ta’e lafarratti gammachuu guddaa argamsiisa.

[Miiljaleewwan]

^ key. 15 Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 1992, ful. 20, key. 17 ilaali.

^ key. 16 “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Caamsaa 1, 2007⁠rra jiru ilaali.

Ibsuu Dandeessaa?

• Waaqayyo haala Guyyaa Firdii wajjin walqabateen Abrahaamiif maal ibse?

• Abrahaam qajeelaa kan jedhame maaliifi?

• Sanyiin Abrahaam qajeeloo jedhamuunsaanii maal isaanii argamsiisa?

• Kiristiyaanonni hundi waa’ee maalii mirkanaa’oo ta’u?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 20rra jiru]

Yesus duuka buutonnisaa Mootummicha argachuuf carraaqqii akka godhan jajjabeesseera

[Fakkii fuula 21rra jiru]

Yihowaan Dh.K.B. bara 33 Guyyaa Phenxeqosteetti, sanyii Abrahaam keessaa miseensota sadarkaa lammaffaa filachuu jalqabe

[Fakkii fuula 23rra jiru]

Hoolonni kan biraan bara dhumaa kanatti Kiristiyaanonni dibamoon isaanii wajjin waan jiraniif ni galateeffatu