Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Ogummaa Ittiin Barsiistuuf’ Xiyyeeffannaa Kenni!

‘Ogummaa Ittiin Barsiistuuf’ Xiyyeeffannaa Kenni!

‘Ogummaa Ittiin Barsiistuuf’ Xiyyeeffannaa Kenni!

“Dubbicha lallabi, . . . Nama balleessaa isaa hubachiisi, ifadhu! Obsa hundumaan gorsi [‘ogummaadhaan,’ NW] barsiisis.”—2 XIM. 4:2.

1. Yesus bartootasaatiif abboommii akkamii kenne? Fakkeenya maalii isaaniif kaa’eera?

YESUS yeroo lafarratti tajaajilaa ture dinqiiwwan gurguddaa kan raawwate ta’uyyuu, fayyisaa ta’uu ykn dinqii raawwachuudhaan utuu hin ta’in barsiisaa ta’uusaatiin beekama ture. (Mar. 12:19; 13:1) Yesus misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuuf dursa waan kenneef, duuka buutonnisaa yeroo ammaa jiranis akkasuma gochuu qabu. Kiristiyaanonni, wanta Yesus abboome hundumaa akka eegan namoota barsiisuudhaan, hojii bartoota akka taasisaniif isaanii kenname raawwachuusaanii itti fufuu qabu.—Mat. 28:19, 20.

2. Hojii lallabaa nuu kenname raawwachuuf maal gochuu qabna?

2 Hojii bartoota taasisuu nuu kenname guutummaatti raawwachuuf, yeroo hundumaa dandeettii ittiin barsiisnu fooyyessuu keenya itti fufuu qabna. Phaawulos ergamaan, xalayaa Ximotewos isa hidhatasaa hojii lallabaa waliin raawwataniif barreesserratti dandeettiin barsiisuu barbaachisaa ta’uusa addeesseera. Akkas jedhe: “Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhaga’anis gara fayyinaatti in geessita.” (1 Xim. 4:16) Phaawulos asirratti barsiisa yeroo jedhu, akkasumaan beekumsa dabarsuu qofa hin turre. Kiristiyaanonni bu’a qabeeyyii ta’an garaa namootaa tuquudhaan, jireenyasaanii keessatti jijjiirama akka godhan isaan kakaasu. Kunimmoo ogummaadha. Yeroo waa’ee misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo namootatti himnu ogummaa ittiin ‘barsiisnu’ fooyyeffachuu kan dandeenyu akkamitti?—2 Xim. 4:2.

‘Ogummaa Ittiin Barsiisnu’ Fooyyeffachuu

3, 4. (a) Ogummaa ittiin ‘barsiisnu’ fooyyessuu kan dandeenyu akkamitti? (b) Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii barsiisota bu’a qabeeyyii ta’uuf kan nugargaaru akkamitti?

3 Galmeen jechootaa tokko jecha “ogummaa” jedhu “dandeettii qorannaa, shaakala ykn hubannaadhaan argamu” jechuudhaan hiikeera. Misiraachoo Mootummichaa karaa bu’a qabeessa ta’een barsiisuuf wantoota kana sadaniif xiyyeeffannaa kennuu qabna. Mataduree tokko sirriitti hubachuu kan dandeenyu qo’annaa kadhannaarratti hundaa’e yoo goone qofadha. Barumsicha ilaalchisee karaan itti hubannaa argachuu dandeenyu kadhannaadhaan qayyabannaa yoo goone qofadha. (Faarfannaa 119:27, 34 dubbisi.) Tajaajiltoonni dandeettii gaarii qaban yommuu barsiisan ilaaluufi mala isaan ittiin barsiisan hubachuun isaan fakkaachuuf nugargaara. Yeroo hundumaa wanta baranne hojiirra oolchuuf carraaqqii cimaa gochuun, dandeettii barsiisuu keenya fooyyessuuf nugargaara.—Luq. 6:40; 1 Xim. 4:13-15.

4 Barsiisaan keenya inni Guddaan Yihowaadha. Tajaajiltoonnisaa lafarratti argaman hojii lallabaa isaanitti kenname karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuu akka danda’aniif, karaa kutaa jaarmiyaasaa isa ijaan mul’atuu qajeelfama isaanii kenna. (Isa. 30:20, 21) Karaa kanaan, gumiin hundi kutaawwan torban torbaniin Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii kan fudhatu yommuu ta’u, kaayyoonsaas namoota mana barumsichaa keessatti hirmaatan hundaa labsitoota Mootummichaa bu’a qabeeyyii akka ta’an gargaaruufidha. Kitaabni mana barumsaa kanaa inni guddaan Macaafa Qulqulluudha. Dubbiin Yihowaa inni hafuurasaatiin barreeffame maal barsiisuu akka qabnu nutti hima. Kana malees, malawwan barsiisaa bu’a qabeeyyiifi sirrii ta’an warra kam akka ta’an ibsa. Manni Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii, barsiisota bu’a qabeeyyii ta’uuf yeroo hundumaa, barsiisa keenya Dubbii Waaqayyoorratti hundeessuu, gaaffiiwwanitti karaa bu’aa qabuufi salphaa ta’een akka fayyadamnu, akkasumas namootaaf yaaduu keenya akka argisiisnu nuhubachiisa. Mee qabxiiwwan kana tokko tokkoon haa’ilaallu. Achiis garaa baratichaa tuquu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e mari’anna.

Wanti Barsiistu Dubbii Waaqayyoorratti Akka Hundaa’u Godhi

5. Wanti irratti hundoofnee barsiisnu maal ta’uu qaba? Maaliif?

5 Yesus inni barsiisota ilmaan namootaa hundaarra caalu, barumsisaa Caaffata Qulqullaa’oorratti kan hundaa’e ture. (Mat. 21:13; Yoh. 6:45; 8:17) Kan inni dubbataa ture maqaasaatiin utuu hin ta’in maqaa Isa isa ergeenidha. (Yoh. 7:16-18) Kun fakkeenya hordofuu qabnudha. Kanaaf, yeroo manaa gara manaatti tajaajillus ta’e yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessinu, Dubbii Waaqayyoorratti xiyyeeffachuu qabna. (2 Xim. 3:16, 17) Dandeettiin keenya hammamiyyuu cimaa yoo ta’e, bu’aafi humna Caaffata Qulqullaa’oo hafuura Waaqayyootiin barreeffamee wajjin matumaa walgituu hin danda’u. Macaafni Qulqulluun humna guddaa qaba. Barumsi baratichi akka hubatu gargaaruu barbaannu maaliyyuu yoo ta’e, malli gaariin itti fayyadamuu qabnu dhimma sana ilaalchisee wanta Caaffanni Qulqullaa’oon jedhan akka dubbisu gochuudha.—Ibroota 4:12 dubbisi.

6. Barsiisaan tokko baratichi barumsa qayyabachaa jiru hubachuusaa mirkanaa’aa ta’uu kan danda’u akkamitti?

6 Kana jechuun garuu, Kiristiyaanni barsiisaa ta’e tokko Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuuf qophaa’uu hin qabu jechuu miti. Kanaa mannaa, caqasoota yeroo qayyabannaa godhanitti barsiisichi ykn baratichi Macaafa Qulqulluurraa dubbisuu qaban murteessuuf dursanii of eeggannoodhaan yaaduun barbaachisaadha. Yeroo baay’ee caqasoota amantii keenyaaf bu’uura ta’an dubbisuun gaariidha. Baratichi caqasa dubbisu hunda sirriitti akka hubatu gargaaruunis barbaachisaadha.—1 Qor. 14:8, 9.

Gaaffiiwwan Bu’a Qabeeyyii Ta’anitti Fayyadami

7. Gaaffiiwwanitti fayyadamuun mala barsiisaa gaarii kan ta’an maaliifi?

7 Gaaffiiwwanitti akka gaariitti fayyadamuun, yaada baratichaa kan kakaasu ta’uusaarrayyuu garaansaa akka tuqamu gochuu danda’a. Kanaaf, caqasoota baratichaaf ibsuukee mannaa, innumti akka sii ibsu gaafadhu. Yeroo tokko tokko gaaffiiwwan dabalataa walittaansanii gaafachuudhaan baratichi barumsicha akka hubatu gochuun barbaachisaa ta’uu danda’a. Gaaffiiwwanitti fayyadamtee barataakee yeroo barsiistu, barumsicha akka hubatu qofa utuu hin ta’in, akka ittamanu gargaarta.—Mat. 17:24-26; Luq. 10:36, 37.

8. Wanta garaa baratichaa keessa jiru hubachuu kan dandeenyu akkamitti?

8 Malli qayyabannaa barreeffamoota keenyarratti itti fayyadamnu gaaffiifi deebiidhaan geggeessuudha. Namoota Macaafa Qulqulluu nuduukaa qayyabatan keessaa baay’eensaanii, gaaffii gaafatameef keeyyaticharraa dafanii deebiisaa akka argatan beekamaadha. Ta’us, barsiisaan hubannaa gaarii qabu deebii sirrii baratichi deebisetti qofa hin gammadu. Fakkeenyaaf, baratichi halalummaa ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu akka gaariitti ibsuu danda’a. (1 Qor. 6:18) Haata’u malee, gaaffiiwwan malaan gaafataman ilaalcha baratichi barumsa sanaaf qabu hubachuuf gargaaruu danda’u. Kanaafuu barsiisichi akkas jedhee isa gaafachuu danda’a: “Macaafni Qulqulluun gaa’elaan ala saalqunnamtii raawwachuu kan balaaleffatu maaliifi? Waaqayyo seera kana kennuusaatiin maaltu sitti dhaga’ama? Qulqullina ofii eeganii jiraachuu ilaalchisee abboommii Waaqayyo kenne kanaa wajjin haala walsimuun jiraachuun bu’aa qaba jettee yaadaa?” Deebii inni gaaffiiwwan kanaaf kennu wanti garaasaa keessa jiru maal akka ta’e ifatti kan mul’isu ta’uu danda’a.Maatewos 16:13-17 dubbisi.

Barumsichi Salphaatti Akka Hubatamu Godhi

9. Caaffata Qulqullaa’oorraa yeroo barsiisnu maal yaadatti qabachuu qabna?

9 Dhugaa Macaafa Qulqulluu keessatti argaman keessaa baay’eensaanii salphaatti hubatamuu kan danda’anidha. Ta’uyyuu, namoonni nuu wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabatan barumsawwan amantii sobaatiin kan burjaajja’an ta’uu danda’u. Barsiisota waan taaneef, karaa salphaatti Macaafa Qulqulluu hubachuun danda’amuun barsiisuu qabna. Barsiisonni bu’a qabeeyyii ta’an barumsicha karaa salphaa, ifaafi sirrii ta’een ibsu. Qajeelfama kana sirriitti kan hordofnu yoo ta’e, karaa hubachuun rakkisaa ta’een dhugaa hin barsiisnu. Ibsa bal’aa barbaachisaa hin taane kennuurraa of qusadhu. Caqasa dubbisne hundumaarrattis yaada kennuun nu hin barbaachisu. Kanaa mannaa, xuqaawwan barumsa qayyabatamaa jiru ibsanirratti xiyyeeffachuu qabna. Hubannaan baratichaa dabalaa ennaa adeemu, suuta suuta dhugaawwan gad fagoo ta’an hubachuu jalqaba.—Ibr. 5:13, 14.

10. Yeroo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu goonu tokkotti wantoonni hamma qayyabannu murteessan maalidha?

10 Sagantaa qayyabannaa tokkotti barumsa hammamiitu qayyabatamuu qaba? Asirratti hubannaan barbaachisaadha. Dandeettiin, haalli baratichaafi barsiisichaa addadda ta’uu danda’a; haata’u malee, barsiisota waan taaneef kaayyoon keenya inni guddaan baratichi amantii cimaa akka qabaatu gargaaruu akka ta’e irraanfachuu hin qabnu. Kanaaf dubbisuuf, hubachuufi dhugaa Dubbii Waaqayyoo keessatti caqasaman akka fudhatu gochuuf yeroo ga’aa kennuufii qabna. Hamma inni hubachuu danda’u qofa isa qayyabsiisna malee, qayyabanicha hin dhaabnu. Barataan keenya barumsicha erga hubatee booda isa kaanitti ceena.—Qol. 2:6, 7.

11. Barsiisuu ilaalchisee Phaawulosirraa barumsa maalii arganna?

11 Phaawulos ergamaan namoota haaraadhaaf misiraachicha yeroo lallabe ergaasaa karaa salphaatti hubatamuu danda’uun dabarsa ture. Nama barumsa guddaa qabu kan ture ta’uyyuu jechoota cimoodhaan hin fayyadamne. (1 Qorontos 2:1, 2 dubbisi.) Dhugaa Caaffata Qulqullaa’oo haala salphaa ta’een dhiheessuun, qalbii namoota garaa qajeelaa qaban kan hawwataniifi kan gammachiisanidha. Namni tokko dhugaa kana hubachuuf baay’ee kan barate ta’uun isa hin barbaachisu.—Mat. 11:25; HoE. 4:13; 1 Qor. 1:26, 27.

Barattoonni Wanta Baratan Akka Dinqisiifatan Gargaari

12, 13. Barataan tokko wanta barate hojiirra akka oolchu kan isa kakaasu maal ta’uu danda’a? Fakkeenyaan ibsi.

12 Bu’a qabeeyyii ta’uuf, akkaataan itti barsiisnuun garaa baratichaa tuquu qaba. Baratichi, barumsi kun akkamitti dhuunfaadhaan akka isa tuquu danda’u, faayidaa maalii akka isaaf qabu, qajeelfamoota Caaffata Qulqullaa’oo hordofuunsaa jireenyasaa akkamitti akka isaa fooyyessu hubachuu qaba.—Isa. 48:17, 18.

13 Fakkeenyaaf, Ibroota 10:24, 25, isa Kiristiyaanonni hidhata amantaasaanii wajjin akka sassaabaman jajjabeessu qayyabachaa jirra haa jennu. Baratichi walga’iiwwan gumiirratti argamuu hin jalqabne taanaan, akkaataa walga’iiwwan kun itti geggeeffamaniifi wanta achirratti mari’atamu gabaabsinee itti himuu dandeenya. Walga’iiwwan gumii kutaa waaqeffannaa keenyaa akka ta’aniifi dhuunfaatti akka nufayyadan itti himuu dandeenya. Achiis baratichi walga’iiwwan kanarratti akka argamu ni afeerra ta’a. Abboommii Caaffanni Qulqullaa’oon kennuuf ajajamuuf kan isa kakaasu, nama isa qayyabsiisu gammachiisuu utuu hin ta’in fedhii Yihowaa gammachiisuuf qabu ta’uu qaba.—Gal. 6:4, 5.

14, 15. (a) Barataan Macaafa Qulqulluu tokko waa’ee Yihowaa maal hubachuu danda’a? (b) Barataan tokko amalawwan Yihowaa beekuunsaa, isa fayyaduu kan danda’u akkamitti?

14 Faayidaa guddaa barattoonni Macaafa Qulqulluu qayyabachuufi seerawwan bu’uuraa achi keessatti argaman hojiirra oolchuudhaan argatan, sirriitti Yihowaa beekuufi isa jaallachuudha. (Isa. 42:8) Inni Abbaa jaalala qabeessa, Uumaafi uumamni cufti kansaa ta’e qofa utuu hin ta’in, Waaqa namoota isa jaallataniifi isa tajaajiluu barbaadaniif amalasaafi dandeettisaa mul’isudha. (Ba’uu 34:6, 7 dubbisi.) Yeroo Museen saba Israa’el garbummaa Gibxii jalaa baasee isaan geggeessaa turetti, Yihowaan: “Wantan ta’uu barbaadu hundaa nan ta’a” jedhee eenyummaasaa beeksisee ture. (Bau. 3:13-15, NW) Kana jechuun, haala sabasaa warra filatamanii wajjin walqabateen Yihowaan kaayyoosaa galmaan ga’uuf wanta ta’uu barbaadu hundaa ta’uu akka danda’u kan argisiisudha. Kanaan kan ka’es, Israa’eloonni Yihowaan Fayyisaa, kan isaaniif lolu, wanta isaan barbaachisu kan kennu, humna abdiiwwan kenne raawwachuuf isa dandeessisu kan qabuufi karaawwan kan biraa kan isaan gargaaru ta’uusaa hubataniiru.—Bau. 15:2, 3; 16:2-5; Iya. 23:14.

15 Namoonni Macaafa Qulqulluu qayyabsiisnu akka Musee Yihowaan qajeelfama isaaniif hin kennine ta’a. Haata’u malee, amantiidhaan yeroo guddataniifi dinqisiifannaan wanta barataniif qaban dabalaa yeroo adeemu, akkasumas wanta baratan hojiirra oolchuu yommuu jalqaban ija jabina, ogummaafi qajeelfama argachuuf Yihowaatti amanamuun barbaachisaa ta’uusaa hubatu. Kana gochuunsaaniimmoo, Yihowaan ogeessaafi Gorsaa amanamu, kan isaan eeguufi wanta barbaachisu hundaa kan isaanii kennu ta’uusaa akka hubatan isaan gargaara.—Far. 55:22; 63:7; Fak. 3:5, 6.

Akka Isaan Jaallattuufi Akka Isaaniif Yaaddu Argisiisi

16. Barsiisaa bu’a qabeessa ta’uuf dandeettiin uumamaa baay’ee barbaachisaa kan hin taane maaliifi?

16 Dandeettii barsiisuu akka hin qabne kan sitti dhaga’amu yoo ta’e abdii hin kutatin. Yihowaafi Yesus sagantaa barumsaa yeroo ammaa addunyaa maratti geggeeffamaa jiru olaantummaadhaan to’achaa jiru. (HoE. 1:7, 8; Mul. 14:6) Wanti barsiisnu namoota garaa qajeelaa qaban akka tuquufi gara dhugaatti akka dhufan gochuudhaan carraaqqii keenya nuu eebbisu. (Yoh. 6:44) Jaalalli barsiisichi barataasaatiif qabu, hir’ina inni uumamaan qabu hundaa isaaf guuta. Phaawulos ergamaan barattoota jaallachuun barbaachisaa ta’uusaa hubatee ture.1 Tasaloniiqee 2:7, 8 dubbisi.

17. Barattoota Macaafa Qulqulluu keenya hundaaf garaadhaa akka yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?

17 Haaluma walfakkaatuun, barataa Macaafa Qulqulluu tokko beekuuf yeroo ramaduudhaan garaadhaa akka isaaf yaannu argisiisuu dandeenya. Seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oo yeroo isaa wajjin mari’annu, haala inni keessa jiru sirriitti beekuu dandeenya. Wantoota Macaafa Qulqulluurraa barate tokko tokkoo wajjin haala walsimuun jiraachuu jalqabuusaa hubanna ta’a. Karaawwan kaaniin ammayyuu sirreeffama gochuun isa barbaachisa ta’a. Baratichi wanta barate akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’u akka hubatu gochuufi jaalalaan isa gargaaruudhaan duuka buutuu Kiristos akka ta’u isa gargaaruu dandeenya.

18. Barataa keenyaa wajjiniifi dhuunfaattis waa’eesaa kadhachuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

18 Hundumaa caalaa garuu, barataa keenya wajjiniifi dhuunfaattis waa’eesaa kadhachuu dandeenya. Kaayyoon keenya, namni tokko akka gaariitti Uumaasaa akka beeku, isatti akka dhihaatuufi qajeelfama Waaqayyo kennurraa faayidaa akka argatu gargaaruu akka ta’e hubachuu qaba. (Faarfannaa 25:4, 5 dubbisi.) Carraaqqii baratichi wanta barate hojiirra oolchuuf godhu Yihowaan akka eebbisuuf yeroo kadhannu, ‘dubbicha hojiirra oolchuun’ barbaachisaa ta’uusaa akka hubatu isa gargaara. (Yaq. 1:22) Baratichi kadhannaa garaadhaa madde yommuu dhiheessinu dhaga’uunsaa, innis akkamitti kadhachuu akka danda’u isa barsiisa. Barattoonni Macaafa Qulqulluu hariiroo Yihowaa wajjin qaban akka guddifatan gargaaruun baay’ee nama gammachiisa!

19. Mataduree ittaanu keessatti maaltu qoratama?

19 Addunyaa maratti Dhugaa Baatonni miliyoona ja’aafi walakkaa ta’an, namoonni garaa qajeelaa qaban wanta Yesus abboome hundaa akka eegan gargaaruu yaadatti qabatanii ogummaadhaan ‘barsiisuuf’ akka carraaqan beekuun kan nama jajjabeessudha. Sochii hojii lallabaa gooneen bu’aan argame maalidha? Deebii gaaffii kanaa mataduree ittaanurratti arganna.

Ni Yaadattaa?

• Kiristiyaanonni ogummaa ittiin ‘barsiisan’ fooyyeffachuu kan qaban maaliifi?

• Caalaatti bu’a qabeeyyii ta’uuf, malawwan barsiisuu akkamiitti fayyadamuu dandeenya?

• Hir’ina dandeettii barsiisuu uumamaan qabnu maaltu nuu guuta?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 9rra jiru]

Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti qooda fudhachaa jirtaa?

[Fakkii fuula 10rra jiru]

Barataankee Macaafa Qulqulluurraa akka dubbisu gochuun barbaachisaa kan ta’e maaliifi?

[Fakkii fuula 12rra jiru]

Barataakee wajjin, akkasumas waa’eesaa kadhadhu