Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadawwan Ijoo Macaafa Maatewos

Yaadawwan Ijoo Macaafa Maatewos

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha

Yaadawwan Ijoo Macaafa Maatewos

NAMNI yeroo jalqabaa seenaa gammachiisaa waa’ee jireenyaafi tajaajila Yesus dubbatu barreesse Maatewos isa michuusaa ta’eefi yeroo tokkotti qaraxxuu turedha. Wangeelli Maatewos jalqaba afaan Ibrootaatiin kan barreeffame yommuu ta’u, boodas gara afaan Giriikiitti hiikamuudhaan kan xumurame Dh.K.B. bara 41⁠tti ture. Macaafni kun Caaffata Qulqullaa’oo afaan Ibrootaafi afaan Giriikiitiin barreeffaman walqabsiisuudhaan akka riqichaatti tajaajila.

Macaafni kun jalqaba Yihudootaaf kan barreeffame yommuu ta’u, wangeelli nama gammachiisuufi hiika guddaa qabu kun, Yesus Masiihii abdachiifameefi Ilma Waaqayyoo akka ta’e ibsa. Ergaa macaafichaatiif xiyyeeffannaa guddaa kennuun keenya, amantaa Waaqa dhugaarratti, Ilmasaafi abdiiwwan Inni kennerratti qabnu nuu jabeessa.—Ibr. 4:12.

“MOOTUMMAAN WAAQAA DHIHAATEERA”

(Mat. 1:1–20:34)

Maatewos ergaa Mootummichaafi barumsawwan Yesus ibsuurratti xiyyeeffachuunsaa, wantoota raawwataman duraa duuba yerootiin akka hin keenye isa dhowwuyyuu akkas godheera. Fakkeenyaaf, Yesus Lallaba Isa Gaararraa kan dubbate tajaajilasaa isa lafarraa gara walakkaatti ta’us, lallabni kun kan barreeffame gara jalqaba wangeelichaarrattidha.

Yesus yommuu Galiilaatti tajaajilaa ture, dinqiiwwan raawwateera, qajeelfama tajaajilaaf isaan gargaaru ergamootasaa 12f kenneera, Fariisota balaaleffateera, akkasumas fakkeenyawwan addaddaa waa’ee Mootummichaa ibsan dubbateera. Achiis Galiilaadhaa ka’ee gara “kutaa biyya Yihudaa isa laga Yordaanos gamaa dhaqe.” (Mat. 19:1) Karaarrattis, Yesus akkas jechuudhaan bartootasaatti himeera: ‘Nuyi gara Yerusaalemitti ol ba’uu keenya, ilma namaattimmoo duuti in murama; guyyaa sadaffaattimmoo du’aa in kaafama.’—Mat. 20:18, 19.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oorratti Hundaa’aniifi Deebiisaanii

3:16—Yesus yeroo cuuphame ‘bantiiwwan waaqaa isaaf kan banaman’ akkamitti? Yesus nama ta’ee dhalachuusaa dura jireenya samiirratti jiraachaa ture yaadachuusaa kan argisiisu fakkaata.

5:21, 22 [NW]—Nama arrabsuun, aarii garaatti qabachuu caalaa cubbuu ta’aa? Yesus namni obboleessasaatti aarii qabatu cubbuu cimaa hojjechuusaa akka ta’e akeekkachiiseera. Haata’u malee, aarii ofii jecha tuffiitiin ibsuun caalaatti cubbuu waan ta’eef, yaa’ii biyya seerratuufi abboota firdii caalu biratti nama gaafachiisa.

5:48—Dhugumaan ‘abbaan keenya inni waaqarraa mudaa malee akkuma ta’e, nutis warra mudaa hin qabne ta’uu’ ni dandeenyaa? Eeyyee, hanga nurraa eegamutti kana gochuu ni dandeenya. Yesus asirratti waa’ee jaalalaa ibsaa kan ture yommuu ta’u, dhaggeeffattoonnisaa fakkeenya Waaqayyoo fudhachuudhaan jaalalasaanii mudaa kan hin qabneefi guutuu akka godhan itti himee ture. (Mat. 5:43-47) Akkamitti? Diinotasaaniillee jaallachuudhaan kana gochuu danda’u turan.

7:16—‘Iji hojii’ amantiin dhugaa ittiin beekamu maalidha? Iji kun amala gaarii qabaachuu qofatti kan daangeffame miti. Amantaa, jechuunis barumsawwan hordofnu kan dabalatudha.

10:34-38—Maatiin wal qoqqooduusaatiif Caaffanni Qulqullaa’aan komatamuu qabaa? Hin qabu. Wal qoqqooduun kan uumamu filannaa miseensonni maatii hin amanne godhaniin kan ka’edha. Namoonni kun Kiristiyaanummaa fudhachuu diduu ykn mormuudhaan maatiin akka wal qoqqoodu gochuu danda’u.—Luqaas 12:51-53.

11:2-6—Yohannis Yesus Masiihii ta’uusaa yommuu Waaqayyo sagaleedhaan mirkaneessu kan dhaga’e erga ta’ee, “Kan dhufuudhaaf jiru si’i moo?” jedhee Yesusiin maaliif gaafate? Yohannis gaaffii kana kan gaafate deebiisaa dhuunfaatti Yesusirraa mirkaneeffachuu waan barbaadeef ta’uu danda’a. Kana malees, Yohannis, inni humna Mootummaatiin dhufee abdii Yihudoonni eeggatan isaanii raawwatu “kan biraa” jiraachuusaa beekuu barbaadee ture. Deebiin Yesus isaaf kenne kan isa booda dhufu garabiraan akka hin jirre kan argisiisu ture.

19:28—‘Gosni Israa’el kudha lamaan’ firdiin kennamuuf eenyuun argisiisu? Namoonni kun gosa Israa’el hafuuraa 12n kan bakka bu’an miti. (Gal. 6:16; Mul. 7:4-8) Ergamoonni ergaa Yesus kana dhaggeeffachaa turan, kutaa Israa’el hafuuraa ta’u malee, miseensotasaaniirratti hin faradan. Yesus ‘Mootummaadhaaf isaanii wajjin kakuu kan gale’ yommuu ta’u, isaanis mootummdhaafi luboota Waaqayyoo’ ta’u. (Luq. 22:28-30; Mul. 5:10) Namoonni Israa’el hafuuraa ta’an ‘biyya lafaatti faradu.’ (1 Qor. 6:2) Kanaaf, ‘gosti Israa’el kudha lamaan,’ abbootii firdii samii jiranirraa firdii argatan, ilmaan namootaa kutaa moototaafi lubootaatiin ala ta’aniifi gosoota 12n Guyyaa Araaraatti fakkeeffaman kan argisiisanidha.—Lew., boq. 16.

Barumsa Akkamii Arganna?

4:1-10. Seenaan kun Seexanni dhugumaan kan jiru malee, amala hamminaa akka hin taane nu barsiisa. Seexanni ‘hawwii fooniitti, hawwii ijaafi jireenyaan kooruutti [naa argaadhaan]’ fayyadamee nuqoruu danda’a. Haata’u malee, seerawwan bu’uuraa Caaffata Qulqullaa’oorratti argaman hojiirra oolchuun keenya Waaqayyoof amanamoo taanee akka jiraannu nugargaara.—1 Yoh. 2:16.

5:1–7:29. Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuun akka sibarbaachisu hin dagatin. Nagaa jaalladhu. Yaadawwan amala addaggummaarraa fagaadhu. Waadaa galte eegi. Yommuu kadhannaa gootu, dhimmawwan foonii caalaa dhimmawwan hafuuraatiif dursa kenni. Waaqayyo biratti badhaadhaa ta’i. Duraan dursii yaadakee Mootummaa Waaqayyoofi qajeelummaasaarra kaa’adhu. Warra kaanitti hin faradin. Jaalala Waaqayyoo raawwadhu. Dhugumayyuu, Lallaba Gaararratti kennamerraa barumsawwan hojiirra ooluu danda’an hedduu arganna.

9:37, 38. Hojii bartoota taasisuurratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan, kadhannaa Gooftaan ‘hojjetoota warra midhaan sassaaban akka yaafatuuf’ goonuu wajjin haala walsimuun jiraachuu qabna.—Mat. 28:19, 20.

10:32, 33. Matumaa waa’ee amantaa keenyaa dubbachuuf sodaachuu hin qabnu.

13:51, 52. Dhugaa Mootummichaa hubachuun keenya, warra kaan barsiisuufi barumsawwan gaggaarii kana isaanii hiruuf nu dirqisiisa.

14:12, 13, 23. Kophaa ta’uun akka gaariitti xiinxaluuf nugargaara.—Mar. 6:46; Luq. 6:12.

17:20. Gufuuwwan akka gaaraatti ilaalamaniifi guddina hafuuraa akka hin goone nu dhowwan akkasumas, rakkoowwan nurra ga’an mo’uuf amantaa qabaachuu qabna. Yihowaafi abdiiwwan inni kennerratti amantaa qabaachuufi amantaa kanas jabeeffachuuf duubatti jechuu hin qabnu.—Mar. 11:23; Luq. 17:6.

18:1-4; 20:20-28. Bartoonni Yesus mudaa kan qaban ta’uunsaaniifi amantiin isaan kanaan dura qaban, beekamummaadhaaf bakka guddaa akka kennan isaan godheera. Fedhiiwwan cubbuurraa fagaachuu, akkasumas mirgaafi itti gaafatamummaa argannuuf ilaalcha sirrii qabaachuudhaan amala gad of qabuu horachuu qabna.

‘ILMI NAMAA DABARFAMEE KENNAMUUF JIRA’

(Mat. 21:1–28:20)

Yesus Dh.K.B. Niisaan 9, bara 33⁠tti “ilmoo harree irra taa’ee” gara Yerusaalem dhufe. (Mat. 21:5) Guyyaa ittaanutti, gara mana qulqullummaa dhufee warra hojii sirrii hin taane raawwatan achii ari’e. Gaafa Niisaan 11, mana qulqullummaatti barsiisee barsiisota seeraafi Fariisota erga balaaleffatee booda, ‘Milikkinni dhufasaa, kan dhuma barichaas maal akka ta’e’ bartootasaatiif ibse. (Mat. 24:3) Guyyaa ittaanutti, akkas isaaniin jedhe: “Guyyaa lama booddee ayyaanni Faasiikaa akka dhufu isin in beektu, ilmi namaa immoo fannifamuudhaaf dabarfamee kennamuuf jira.”—Mat. 26:1, 2.

Yesus du’asaa isa hin oolleef Ayyaana Yaadannoo erga dhaabee booda, dabarfamee kan kenname, kan hidhame, kan qorameefi kan fannifame Niisaan 14 ture. Guyyaa sadaffaatti du’aa ka’e. Yesus inni du’aa ka’e gara samiitti utuu ol hin ba’in dura, “Dhaqaa, . . . saba hundumaa bartoota koo godhaa!” jechuudhaan bartootasaa abboome.—Mat. 28:19.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oorratti Hundaa’aniifi Deebiisaanii:

22:3, 4, 9—Waamichi cidhichaa sadan kan godhame yoomi? Waamichi jalqabaa warra kutaa misirrittii ta’an sassaabuuf godhame kan jalqabe, Dh.K.B. bara 29 yommuu Yesusiifi duuka buutonnisaa lallabuu jalqaban si’a ta’u, kunis hanga Dh.K.B. bara 33⁠tti itti fufeera. Waamichi lammaffaanimmoo Dh.K.B. bara 33 guyyaa Phenxeqosteetti yommuu hafuurri qulqulluun dhangala’ee jalqabee hanga Dh.K.B. bara 36⁠tti kan itti fufe ture. Waamichi lamaanuu Yihudootaaf, warra gara Yihudiitti geddaramaniifi warra Samaariyaatiif qofa kan dhihaate ture. Haata’u malee, waamichi inni sadaffaan namoota magaalaadhaa ala karaarra jiran hundaaf dhihaate, waamicha warra Yihudoota hin taaneefi dhagna hin qabanneef dhihaate kan argisiisu si’a ta’u, kunis Dh.K.B. bara 36, yommuu ajajaan waraanaa warra Roomaa Qorneelewos jijjiiramee jalqabee hanga bara keenyaatti itti fufeera.

23:15—Namni Fariisonni amantiisaa gara Yihuudiitti jijjiirsisan tokko ‘hamminnisaa harka lama isatti naanna’ee qilillee kan dhaqu’ maaliifi? Namoota gara amantii Fariisotaatti jijjiiraman keessaa tokko tokko kanaan dura cubbuu guddaa kan hojjetan turan. Ta’us namoonni kun erga jijjiiramanii booda, Fariisota keessa ba’an waan ta’aniif, barsiisotasaanii warra balaaleffataman caalaayyuu hamoota ta’u turan. Kanaan kan ka’es Fariisotarra caalaa ‘qilillee akka dhaqan’ ibsameera.

27:3-5—Yihudaan kan gaabbe maalif ture? Yihudaan gaabbuunsaa dhugumaan qalbii geddarachuusaa kan argisiisu hin turre. Araara Waaqayyoo kadhachuu mannaa, cubbuusaa luboota warra angafootaafi maanguddootatti himate. Yihudaan ‘cubbuu du’a barabaraatti nama geessu’ waan raawwateef, ta’e jedhee balleessaa raawwachuunsaafi abdii kutachuunsaa isa dhiphisee ture. (1 Yoh. 5:16) Gaabbiinsaa, akka abdii hin qabne hubachuudhaan kan dhufedha.

Barumsa Akkamii Arganna?

21:28-31. Yihowaa biratti wanti bakki guddaan kennamuuf fedhasaa raawwachuu keenyadha. Fakkeenyaaf, Mootummicha lallabuufi hojii bartoota taasisuurratti hinaaffaadhaan hirmaachuu qabna.—Mat. 24:14; 28:19, 20.

22:37-39. Abboommiiwwan gurguddaan lamaan, wanta Waaqayyo namoota isa waaqeffatanirraa barbaadu akka gaariitti ibsu.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

© 2003 Bible Places.com

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Hojii midhaan sassaabuurratti hinaaffaadhaan hirmaachaa jirtaa?

[Fakkii fuula 31rra jiru]

Maatewos ergaa Mootummichaarratti xiyyeeffateera