Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Argamuun Kirstos Hiika Maalii Siif Qaba?

Argamuun Kirstos Hiika Maalii Siif Qaba?

Argamuun Kirstos Hiika Maalii Siif Qaba?

“Milikkinni argamuu keetii, kan xumura barichaas maali?” —MAT. 24:3, NW.

1. Ergamoonni Yesus gaaffii qalbii namaa hawwatan akkamii isa gaafatan?

NAANNOO waggaa kuma lamaa dura utuu Gaara Ejersaarra jiranii ergamoota Yesus keessaa arfansaanii qofatti Yesusii wajjin utuu haasa’anii, “Kun yoom ta’a? Milikkinni argamuu keetii, kan xumura barichaas maali?” jedhanii isa gaafatan. (Mat. 24:3, NW) Ergamoonni sun gaaffii kana keessatti wantoota xiyyeeffannaa namaa hawwatan lama, jechuunis jechoota “argamuu kee” akkasumas “xumura barichaa” jedhuun fayyadamaniiru. Jechoonni kun hiika maalii qabu?

2. Jechi “xumura” jedhu maal kan argisiisudha?

2 Jalqaba, jecha “xumura” jedhu haa’ilaallu; jechi afaan Giriikii siintalayaa jedhu, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraarratti, bakka hundaatti “xumura” kan jedhame si’a ta’u, jechi afaan Giriikii kanaa wajjin walgitu teloos yommuu ta’u hiiknisaas “dhuma” jechuudha. Garaagarummaa jechoota kanaa hubachuuf haasawaa sabaa Galma Mootummaatti dhihaatu akka fakkeenyaatti fudhachuun ni danda’ama. Obboleessi haasawaa dhiheessaa ture yeroo muraasa fudhatee obboloonni akkamitti hojiirra oolchuu akka danda’aniifi mataduree dhiheessaa turerra yeroo deebi’u xumura haasawaasaatti jechuudha. Haasawichi dhumeera kan jedhamu yeroo obboleessi haasawaa dhiheessu waltajjiirraa bu’udha. Haaluma walfakkaatuun, akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, jechi “xumura barichaas” jedhu xumuraa kaasee hamma dhumaatti yeroo jiru kan dabalatudha.

3. Wantoonni yeroo Yesus argamu raawwataman tokko tokko maalfa’i?

3 Gaaffiin ergamoonni “argamuun” jedhanii gaafatanoo maal argisiisa? Jechi kun jecha afaan Giriikii paaruusiyaa jedhamurraa kan hiikamedha. * Paaruusiyaan ykn argamuun Kiristos, bara 1914 yeroo Yesus samiirratti Mootii ta’ee muudamee kaasee hamma ‘rakkina isa guddaa’ hamoota balleessutti yeroo jiru kan itti fufudha. (Mat. 24:21) ‘Guyyoonni gara dhumaa’ sirna hamaa kanaa, du’aa ka’uufi sassaabamuu namoota akka samiirra jiraataniif filatamanii dabalatee wantoonni hedduun garabiraan yeroo itti raawwataman jechuunis yeroo Yesus itti argamuttidha. (2 Xim. 3:1; 1 Qor. 15:23; 1 Tas. 4:15-17; 2 Tasa. 2:1) Kanaaf, yeroon ‘xumura barichaa’ (siintalayaa) jedhamee ibsameefi yeroo argamuu Kiristos (paaruusiyaa) jedhamee waamame wal fakkaatudha jechuun ni danda’ama.

Yeroo Dheeraa

4. Argamuun Yesus wantoota bara Nohi raawwatamanii wajjin kan walfakkaatu akkamitti?

4 Jechi paaruusiyaa jedhu, wanta Yesus yeroo argamutti akka raawwataman dubbatee wajjin haala walsimuun yeroo dheeraa kan argisiisu akka ta’e beekamaadha. (Maatewos 24:37-39 dubbisi.) Yesus argamuusaa, yeroo gabaabaa Bishaan Badiisaa bara Nohi turee wajjin akka wal hin fakkeessine qalbeeffadhu. Kanaa mannaa, argamuusaa wajjin kan inni walfakkeesse yeroo dheeraa hamma Bishaan Badiisaa ga’etti jiruu wajjinidha. Nohi markabicha kan ijaareefi hojii lallabaa kan raawwate hamma Bishaan Badiisaa sun ga’utti ture. Haalawwan kun waggoota kurnan hedduudhaaf kan raawwataman turan. Haaluma walfakkaatuun, argamuun Kiristosis haalawwan yeroo rakkina isa guddaatti raawwataman kan dabalatudha.—2 Tas. 1:6-9.

5. Yaanni Mul’ata boqonnaa 6⁠rra jiru argamuun Yesus yeroo dheeraa kan fudhatu ta’uusaa kan argisiisu akkamitti?

5 Raajiiwwan Macaafa Qulqulluu kaanis, argamuun Kiristos yeroo dheeraa kan argisiisu malee, yeroo hamoota balleessuudhaaf dhufu qofa akka hin taane ibsu. Macaafni Mul’ataa, Yesus farda adiirra taa’ee gulufaa akka jiruufi gonfoon akka isaaf kenname ibsa. (Mul’ata 6:1-8 dubbisi.) Bara 1914⁠tti erga gonfoon mootii ta’uusaa argisiisu isaaf kennamee kaasee, Yesus ‘mo’ee ammas mo’uudhaaf akka ba’e’ ibsameera. Gabaasni kun fardeen bifa addaddaa qaban gulufaa isa duukaa akka ba’aniis ni ibsa. Raajiiwwan kun waraana, beelaafi dha’icha kan argisiisan yommuu ta’u, kan raawwatamanis yeroo dheeraa “guyyoota gara dhumaa” jedhaman kana keessattidha. Bara keenyatti raajiin kun yeroo raawwatamu argaa jirra.

6. Mul’anni boqonnaa 12 argamuu Kiristosiin ilaalchisee maal akka hubannu nugargaara?

6 Mul’anni boqonnaa 12 Mootummaan Waaqayyoo samiirratti hundeeffamuusaa ilaalchisee ibsa dabalataa kenna. Achirratti lolli waaqarratti taasifamuusaa dubbisna. Mikaa’el, jechuunis Yesus Kiristos inni samiirratti aangoosaa qabateefi ergamoonnisaa Diyaabiloosiifi ergamootasaa wajjin wal lolan. Dhumarrattis, Seexana inni Diiyaabilos jedhameefi maccisaa gara lafaatti darbataman. Gabaasni kun yeroo sanatti maal akka ta’e yommuu ibsu, Diiyaabilos “yeroo gabaabduu duwwaa akka qabu waan beekuuf” aarii guddaadhaan akka guutame dubbata. (Mul’ata 12:7-12 dubbisi.) Mootummaan Kiristos samiirratti hundeeffamuunsaa lafaafi namoota isheerra jiraatanirratti ‘wayyoon’ akka dabalu haalasaarraa ifatti hubachuun ni danda’ama.

7. Faarfannaan lammaffaan waa’ee maalii dubbata? Carraan achirratti ibsame maalidha?

7 Faarfannaan boqonnaa lamas Yesus Tulluu Xiyoon isa samiirratti akka muudamu raajiidhaan dubbata. (Faarfannaa 2:5-9; 110:1, 2 dubbisi.) Haata’u malee, caqasni kun bulchitoonni biyya lafaafi namoota isaaniif bitaman, bulchiinsa Kiristosiif bitamuuf yeroon isaaniif kennamuusaas kan argisiisudha. “Qalbii qabaadhaa!” akkasumas “gorfamaa!” jedhamanii akeekkachiifamaniiru. Eeyyee, warri yeroo isaaniif kenname kanatti Yihowaafi Mootii inni muude tajaajiluudhaan ‘[Waaqayyotti] kooluu galan ni gammadu.’ Kanaaf, yeroo Yesus aboo mootummaasaatiin argamu kanatti bulchitoonniifi namoonni isaan jalatti bulan jijjiirama barbaachisaa ta’e akka godhaniif carraan ni kennama.—Far. 2:10-12.

Milikkiticha Adda Baasanii Hubachuu

8, 9. Milikkita argamuu Kiristos kan beekuufi hiika maalii akka qabu kan hubatu eenyufa’i?

8 Fariisonni, Yesus mootummaasaatiin yoom akka dhufu ennaa isa gaafatan “milikkitaan himamee hin dhufu” jedhee deebii isaaniif kenneera. (Luq. 17:20, 21) Namoonni hin amanne haala kana hubachuu hin danda’an. Matumaa hubannaa akkasii qabaachuu hin danda’an. Yesus Mootii ta’uuf akka jirullee hin hubanne. Egaa argamuu Kiristosiifi milikkitasaa argamuusaa adda baasee hubachuu kan danda’u eenyuree?

9 Yesus itti fufuudhaan, bartoonnisaa akkuma “balaqqeessi bantii waaqaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti balaqqeessa’ee akka ibsu” milikkitasaa ifatti arguu akka danda’an dubbateera. (Luqaas 17:24-29 dubbisi.) Kiristos asirratti waa’ee argamuusaa dubbachaa akka ture yaada Maatewos 24:23-27⁠rratti argamurraa dubbachaa akka ture ifatti hubachuu ni danda’ama.

Dhaloota Milikkiticha Argu

10, 11. (a) ‘Dhaloota’ Maatewos 24:34⁠rratti caqasame ilaalchisee, kanaan dura ibsa akkamiitu kennamee ture? (b) Bartoonni Yesus jechi ‘dholoota’ jedhu eenyufaa akka dabalatu utuu hin yaadin hin oolan?

10 Barruun kun kanaan dura, yaanni Maatewos 24:34⁠rratti caqasameefi ‘dhaloota si’anaa’ jedhame, “Yihudoota hin amanneefi bara Yesusitti turan” kan argisiisu ta’uusaa dubbatee ture. * Yesus jecha ‘dhaloota’ jedhu, caqasoota garabiraarratti yeroo baay’ee balleessaa isaan hojjetanii wajjin wal qabsiisee dubbachaa waan tureefi dhaloota ‘hamaa’ yeroo sanatti ture argisiisuuf jechoota kanaan waan fayyadameef ibsi caqasa kanarratti kenname sirrii fakkaata ture. (Mat. 12:39; 17:17; Mar. 8:38) Kanaaf, bara keenya kanatti Yesus ‘dhaloota’ jedhee yeroo dubbatu, dhaloota milikkita “xumura barichaa” (siintalayaa) argu qofa utuu hin ta’in dhaloota hamaa hin amanneefi dhuma barichaa (teloos) keessatti argamu kan argisiisu akka ta’etti hubatama ture.

11 Yesus jecha ‘dhaloota’ jedhu haala balleessaa wajjin walqabateen kan itti fayyadame waa’ee namoota hamoo barasaatti turanii dubbachaa akka ture ifaadha. Haata’u malee, Yesus Maatewos 24:43⁠rratti jecha ‘dhaloota’ jedhuun kan fayyadame namoota hamoo yeroo sana turan argisiisuuf turee? Ergamoonni Yesus arfan garasaa kan dhufan “kophaatti” akka turan yaadadhu. (Mat. 24:3) Yesus ‘dhaloota si’anaa’ yeroo jedhu, ergamoonnisaafi duuka buutonnisaa kutaa ‘dhaloota’ “wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti” hin darbu jedhe sanaa akka ta’an hubatanii akka turan homaa hin shakkisiisu.

12. Yaanni naannoo caqasichaa jiru Yesus ‘dhaloota’ yeroo jedhu eenyuun jechuusaa akka ta’e kan argisiisu akkamitti?

12 Akkas jechuuf kan nu dandeessisu maalidha? Yaada naannoo caqasichaa jiru eeggannoodhaan qoruun keenya xumura akkasiirra akka geenyu nu gargaara. Akka Maatewos 24:32, 33⁠rratti galmeeffame jirutti Yesus akkas jedheera: “Muka harbuu fakkeenya godhadhaatii irraa baraa! Dameen isaa quqquuqee baala yommuu biqilchu, bonni akka dhi’aate in hubattu. Akkasuma isinis immoo, kana hundumaa yommuu argitan, akka inni balbalatti dhi’aate beekaa!” (Maarqos 13:28-30; Luqaas 21:30-32 waliin ilaali.) Achiis, Maatewos 24:34⁠rratti: “Dhuguman isinitti hima, wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si’anaa kun hin darbu” jedha.

13, 14. “Dhaloonni” Yesus caqase duuka buutotasaa kan argisiisuu ta’uu qaba jechuu kan dandeenyu maaliif?

13 Yesus, bartoonnis yeroo muraasa booda yeroo hafuurri qulqulluu isaanirra bu’u, “wanti kun hundinuu” raawwatamuusaa arguudhaan xumura kanarra ga’uu akka danda’an dubbateera. Kanaaf, “Wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si’anaa kun hin darbu” jedhee yommuu dubbate bartootasaa argisiisuuf ta’uu qaba.

14 Haala namoota hin amannerraa faallaa ta’een, bartoonni Yesus milikkitasaa qofa utuu hin ta’in hiika milikkinni kun qabus ni hubatu. Milikkiticharraa ‘barumsa’ argachuusaaniitiin alatti hiikasaa isa dhugaas ‘hubataniiru.’ Kanarratti hundaa’uudhaanis “Akka inni balbalatti dhi’aate” guutummaatti hubatu. Yihudoonni hin amannes ta’e Kiristiyaanonni amanamoofi dibamoon jaarraa jalqabaatti wanti Yesus dubbate hanga tokko yommuu raawwatame arguunsaanii hin mamsiisu; haata’u malee, wantoota arganirraa barumsa kan argataniifi hiika wantoota kanaa sirriitti hubachuu kan danda’an dibamtootasaa qofadha.

15. (a) “Dhaloonni” Yesus caqaseefi yeroo har’aatti jiru eenyuun argisiisa? (b) Yeroon ‘dhaloota kanaa’ hammam akka dheeratu kallattiidhaan herreguu kan hin dandeenye maaliif? (Saanduqa ful. 25⁠rra jiru ilaali.)

15 Yeroo har’aatti namoonni hubannaa hafuuraa hin qabne, argamuun Yesus milikkita ‘ijaan argamuun hin dhufu’ jedhanii yaadu. Wanti hundumtuu akkuma kanaan duraatti itti fufa jedhanii dubbatu. (2 Phe. 3:4) Karaa biraammoo, obboloonni Kiristos amanamoofi dibamoota kutaa Yohaannis yeroo ammaa lafarratti argaman, milikkitasaafi hiikasaa akkuma balaqqeessa balaqqeessa’uu ifatti hubataniiru. Dibamtoonni kun, ‘dhaloota’ yeroo ammaa “wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti” hin darbu jedhaman tuutaan kan bakka bu’udha. * Kunimmoo, obboloonni Kiristos warra dibamoo keessaa tokko tokko yeroo rakkinni inni guddaa raajiidhaan dubbatame jalqabutti lafarra akka jiraatan argisiisa.

“Dammaqaa!”

16. Bartoonni Kiristos hundi maal gochuu qabu?

16 Milikkitasaa beekuu caalaa wanti barbaachisu jira. Yesus itti fufuudhaan, “Kanan isiniin jedhus nama hundumaan nan jedha, dammaqaa!” jedheera. (Mar. 13:37) Dibamtotas taane tuuta soonaan baay’ee, gorsi akka dammaqoo taanuuf nukenname baay’ee barbaachisaadha. Yesus bara 1914⁠tti Mootii ta’ee erga muudamee waggaa 90 caaleera. Yeroonsaa rakkisaa ta’us qophaa’oofi dammaqoo ta’uu qabna. Kiristos haala ijaan hin argamneen samiirratti Mootii ta’ee bulchuu jalqabuusaa hubachuun keenya kana akka goonuufi, dhihootti “yeroo [nuyi] isa hin eegnetti” yeroo inni diinotasaa balleessu dammaqoo akka taanu nugargaara.—Luq. 12:40.

17. Argamuu Yesus hubachuun keenya maal akka goonu nu kakaasuu qaba? Murtoon keenya maal ta’uu qaba?

17 Argamuun Kiristos hiika maalii akka qabu hubachuun miira ariitii keenya nuu jabeessa. Yesus bara 1914 kaasee haala ijaan hin mul’anneen argamee samiirratti Mootii ta’uusaa beekna. Yeroo dhihoottis hamoota balleessuudhaan guutummaa lafaarratti jijjiirama guddaa fida. Kanaaf, hojii Yesus akkas jechuudhaan raajesserratti caalaatti hirmaachuuf murtoo haagoonu: “Saba hundumaatti akka dhugaa ba’uuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni [teloos] in dhufa.”—Mat. 24:14.

[Footnotes]

^ key. 3 Jecha paaruusiyaa jedhu jecha Phaawulos 2 Qorontos 10:10, 11fi Filiphisiiyus 2:12⁠rratti ‘argamuufi’ ‘bira jiraachuu dhiisuu’ jechuudhaan dubbate walbira qabanii ilaaluudhaan hiika jecha kanaa sirriitti hubachuun ni danda’ama. Ibsa dabalataa argachuuf, Insaayit Oon za Iskiriipchars, Jildii 2, ful. 676-9 ilaali.

^ key. 10 Masaraa Eegumsaa, Sadaasa 1, 1995, ful. 11-15, 19, 30, 31 ilaali (Amaariffa).

^ key. 15 Barri namoonni ‘dhaloota si’anaa’ jedhaman jiraatan, yeroo mul’anni jalqabaa macaafa Mul’ataarratti ibsame raawwatamuu wajjin kan wal fakkaatu hin ta’in hin oolu. (Mul. 1:10–3:22) Wanti guyyaa Gooftaatti raawwatamu kun, bara 1914 kaasee hamma dibamaa amanamaan lafarratti hafe inni dhumaa du’ee du’aa ka’utti kan turudha.—Raawwiin Mul’ataa Inni Guddaan Dhihaateera!ful. 24, key. 4 ilaali (Amaariffa).

Maal Jettee Deebista?

• Argamuun Yesus, yeroo dheeraadhaaf akka turu akkamitti beekuu dandeenya?

• Milikkita argamuu Yesus kan beekaniifi hiikasaa kan hubatan eenyufa’i?

• Dhaloonni si’anaa Maatewos 24:34⁠rratti caqasame eenyuun argisiisa?

• Yeroon ‘dhaloota si’anaa’ hammam akka dheeratu kallattiidhaan herreguu kan hin dandeenye maaliifi?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 25rra jiru]

Jechi ‘Dhaloota Si’anaa’ Jedhu Hammam Akka Dheeratu Herreguu Dandeenyaa?

Jechi ‘dhaloota’ jedhu, yeroo baay’ee namoota umrii addaddaa qabaniifi yeroo ykn haala tokko keessa jiraatan kan argisiisudha. Fakkeenyaaf, Ba’uun 1:6 akkas jedha: “Barri isaanii geenyaan Yoseef, obboloonni isaa hundinuu, dhaloonni bara sana keessa turan hundinuus in du’an.” Yoseefiifi obboloonnisaa umrii addaddaa keessatti kan argaman ta’anis, wantoota yeroo tokko keessatti raawwataman walii wajjin arganiiru. “Dhaloonni bara sanaa” obboloota Yoseef isa dura dhalatanis kan dabalatu ture. Isaan keessaa tokko tokkos Yoseef erga du’ee booda jiraataniiru. (Uma. 50:24) Kan akka Beniyaamiiniif “dhaloo[ta] bara sanaa” keessatti kan lakkaa’aman kaanimmoo, Yoseef booda kan dhalatan yommuu ta’u, erga inni du’ee boodas jiraachuusaanii itti fufanii ta’uu danda’a.

Kanaaf jechi ‘dhaloota’ jedhu namoota yeroo murtaa’aa tokkotti jiraatan argisiisuuf erga itti hojjetamee, yeroon namoonni kun itti jiraatan dhuma akka qabuufi garmalee akka hin dheeranne ibsuu qofa malee yeroo murtaa’aa sirrii ta’e ibsuu hin dandeenyu. Yesus Maatewos 24:34⁠rratti jecha ‘dhaloota si’anaa’ jedhuun yommuu fayyadame, bartoonnisaa guyyaa isa ‘dhumaa’ akka herreganiif isaanitti himuusaa hin turre. Kanaa mannaa, Yesus jabeessee kan inni ibse “guyyicha sanaa fi yericha sana” eenyullee beekuu akka hin dandeenyedha.—2 Xim. 3:1; Mat. 24:36.

[Fakkii fuula 22rra jiru]

Yesus bara 1914⁠tti Mootii ta’ee erga muudamee kaasee “mo’aa” akka jiru ibsameera

[Fakkii fuula 24rra jiru]

“Wanti kun hundinuu hamma raawwatamutti dhaloonni si’anaa kun hin darbu”