Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dogoggora Israa’elootaarraa Barachuu

Dogoggora Israa’elootaarraa Barachuu

Dogoggora Israa’elootaarraa Barachuu

ISRAA’ELOONNI Biyyattii Abdachiifamtetti yommuu galan Yihowaan maal akka isaanirraa barbaadu beeku turan. Yihowaan karaa Musee abboommii akkas jedhu kenneefii ture: “Warra biyyicha keessa jiraatan hundumaa of duraa ari’aa baasaa! Dhagaa isaanii warra bifni itti baafaman hundumaa, waaqayyolii isaan wanta baqfamaa irraa tolfatan hundumaas balleessa! Iddoo sagadaa isaanii warra ol ka’oo hundumaa balleessaa!”—Lak. 33:52.

Israa’eloonni namoota biyyichaa wajjin kakuu galuu ykn soddoomuu hin qaban turan. (Kes. 7:2, 3) Saba Waaqayyo filateef akeekkachiisni: “Biyya itti galuuf jirtu kana keessatti warra achi jiraatanii wajjin kakuutti galtee, isaan achi keessatti wanta kiyyootti si galchu akka sitti hin taaneef of eeggadhu!” jedhu kennameefii ture. (Bau. 34:12) Haata’u malee, Israa’eloonni Waaqayyoof abboomamuu diduudhaan kiyyootti galaniiru. Kiyyootti akka galan kan isaan godhe maalidha? Seenaasaaniirraa barumsa akeekkachiisa nuuf ta’u akkamii arganna?—1 Qor. 10:11.

Michooma Uumuunsaanii Waaqa Tolfamaa Akka Waaqessan Godheera

Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamte yeroo qabatan, namoota achi jiraatan salphaatti injifachuu danda’aniiru. Ta’us, Israa’eloonni Waaqayyoof guutummaatti utuu hin ajajamin hafaniiru. Diinotasaanii biyyattii keessaa hin baasne. (Abo. 1:1–2:10) Kanaa mannaa, ‘saboota torban’ biyyattii keessa jiraatanii wajjin jiraachuu jalqabaniiru; jiraattota biyyichaa wajjin yeroo hundaa walarguunsaaniis akka michooman isaan godheera. (Kes. 7:1) Kun Israa’elootarratti dhiibbaa kan geessise akkamitti? Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Durboota saba garaa garaa kana in fuudhan, durboota ofii isaanii dargaggoota warra biyya sanaatti in heerumsiisan, waaqayyolii isaaniis in waaqessan. Israa’eloonni, Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan; Waaqayyoon gooftaa isaanii irraanfatanii, Ba’aalii fi Asheeraa waaqayyolii tolfamoo in waaqessan.” (Abo. 3:5-7) Israa’eloonni namoota biyyichaa wajjin michomuunsaanii akka soddoomaniifi waaqa tolfamaasaanii akka waaqessan isaan godheera. Soddoomuunsaanii ajaja Waaqayyo namoota biyyichaa waaqa tolfama waaqessan akka baasan isaan abboome raawwachuun akka isaan rakkisu godha. Waaqeffannaan dhugaa manca’uusaarrayyuu, Israa’eloonni waaqa tolfamaa waaqeffachuu jalqaban.

Miidhaan namoonni Biyyattii Abdachiifamte keessa turan yeroo michootasaanii turan geessisan miidhaa yeroo diinoota Israa’elootaa turan geessisanirra baay’ee kan caaludha. Sababii amantiisaanii akka manca’u godhe garabiraas ilaali.

Hariiroo Qonnaafi Waaqeffannaa Ba’aal Gidduu Jiru

Israa’eloonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii booda, baay’eensaanii iddoo tokkoo gara iddoo biraa deemuu dhiisanii qonnaan bultoota ta’an. Tooftaa qonnaasaanii namoota isaan dura biyyatti keessa jiraachaa turanii wajjin kan walfakkaatu utuu hin ta’in hin oolu. Ta’us, Israa’eloonni kan fudhatan tooftaa qonnaa Kana’aanotaa qofa hin turre. Namoota naannoo sanaa wajjin michoomuunsaanii waaqeffannaa qonnaa wajjin walqabate akka hordofan isaan godheera.

Kana’aanonni, lafattiin akka ija godhattu gargaaru jedhanii waan amananiif waaqolii Ba’aal hedduu waaqeffatu turan. Israa’eloonni qotuufi midhaan sassaabuu malees, midhaan baay’ee lafatti hafu kan isaanii kenne waaqolii Kana’aanotaa akka ta’an yaaduudhaan suuta suuta isaan waaqeffachuu jalqaban. Israa’eloonni hedduun Yihowaa akka waaqeffatan dubbatanis, dhugaansaa garuu guutummaatti Yihowaa gananii akka turan argisiisa.

Akeekkachiisa Cimaa Yeroo Keenyaaf Ta’u

Israa’eloonni jalqaba yeroo namoota Biyyattii Abdachiifamtee wajjin walargan, waaqeffannaa Ba’aalis ta’e wantoota ciiggaasisoo amantiin kun dabalaturratti hirmaachuuf fedhii akka hin qabaanne beekamaadha. Haata’u malee, michoomni isaan uuman Ba’aaliin waaqeffachuutti isaan geesseera. Nutoo michoota Yihowaa hin waaqeffanneefi seerawwan bu’uuraa nuyi ittiin geggeeffamnu hin fudhannee wajjin hariiroo uumuun, miidhaa gadhee akkasii akka nurraan ga’u eeguu hin qabnuu? Bakka hojiitti, mana barumsaatti, mana keessattillee namoota amantii keenya hin hordofne wajjin hamma tokko hariiroo uumuun dirqama akka ta’e beekamaadha. Haata’u malee, seenaan Israa’elootaa akka argisiisutti, michooma akkasii uumuun rakkina ofitti waamuudha. Macaafni Qulqulluun: “Hiriyaan gadheen amala gaarii in mancaasa” jechuudhaan kun dhugaa ta’uusaa mirkaneessa.—1 Qor. 15:33.

Yeroo har’aattis, qorumsa Israa’elootarra ga’ee wajjin walfakkaatu numudata. Hawaasni yeroo ammaa jirus wantoota akka waaqaatti ilaalu baay’ee qaba. Isaanis qarshii, namoota bashannanaafi ispoortiitti beekamoo ta’an, sirna siyaasaa, geggeessitoota amantiifi miseensota maatii kan dabalatanidha. Isaan kana keessa tokko jireenya keenya keessatti bakka guddaa kan qabate ta’uu danda’a. Namoota Yihowaa hin jaallanne wajjin michoomuun hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nujalaa mancaasa danda’a.

Saalqunnamtiin seeraa ala ta’e waaqeffannaa Ba’aal keessaa isa guddaa yommuu ta’u, Israa’eloota baay’ees karaarraa maqseera. Yeroo har’aattis, saba Waaqayyoo keessaa tokko tokko kiyyoo walfakkaatuun qabamaniiru. Fakkeenyaaf, namni waa beekuu hawwu ykn dammaqina hin qabne tokko qofaasaa ta’ee karaa Intarneetii wanta gadhee yaada garaasaa xureessu ilaaluu danda’a. Kiristiyaanni tokko karaa Intarneetii kiyyoo fakkiiwwan safuu dhabuu argisiisan ilaaluudhaan yoo qabame baay’ee nama gaddisiisa!

“Warri Abboommii Isaaf Dhugaa Ba’u Eegan” Haagammadan

Nama michuu nuu ta’u yeroo filannu Yihowaaf abboomamuun ykn diduun wanta dhuunfaatti nuu dhiisamedha. (Kes. 30:19, 20) Kanaaf, akkas jennee of gaafachuun barbaachisaadha: ‘Bashannanuu kanan filadhu eenyuu wajjini? Namoonni kun seera Waaqayyootiif ilaalcha akkamii qabu? Amala akkamii qabu? Yihowaa waaqeffatuu? Isaanii wajjin ta’uunkoo caalaatti Kiristiyaana gaarii akkan ta’u najajjabeessaa?’

Faarfatichi akkas jechuudhaan faarfateera: “Warri balleessaa malee deddeebi’an, warri akka seera Waaqayyootti jiraatan haa gammadan! Warri abboommii isaaf dhugaa ba’u eegan, warri garaa guutuudhaan Waaqayyoon barbaadan.” (Far. 119:1, 2) Dhugumayyuu, “Namni Waaqayyoon sodaatu hundinuu, inni karaa isaa irra adeemus gammachuu qaba!” (Far. 128:1) Namoota michuu nuu ta’an yeroo filannu dogoggora Israa’elootaarraa barumsa argachuudhaan guutummaatti Yihowaadhaaf haa’abboomamnu.—Fak. 13:20.

[Fakkii fuula 26rra jiru]

Namoota Yihowaa hin jaallannetti michoomuun waaqa tolfamaa waaqessuutti nama geessuu danda’a