Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Fakkeenya Misiyoonii Isa Guddaa Hordofaa

Fakkeenya Misiyoonii Isa Guddaa Hordofaa

Fakkeenya Misiyoonii Isa Guddaa Hordofaa

“Egaa akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!”—1 QOR. 11:1.

1. Fakkeenya Yesus Kiristos hordofuu kan qabnu maaliifi?

PHAAWULOS ERGAMAAN, fakkeenya Yesus Kiristos, Misiyoonii isa guddaa hordofeera. Kiristiyaanota hidhatasaa ta’aniinis, “Egaa akkuma ani fakkeenya Kristos fudhadhe, isinis immoo fakkeenya koo fudhadhaa!” jedhee gorseera. (1 Qor. 11:1) Yesus gad of qabuudhaan miilla ergamootasaa erga dhiqee booda, “Ani akkuman isiniif godhe, isinis immoo akka gootanitti fakkeenya isiniif ta’eera” jedheenii ture. (Yoh. 13:12-15) Kiristiyaanonni yeroo har’aatti jirrus, dubbii, gochaafi amala argisiisnuun fakkeenya Yesus hordofuuf dirqamni nurra jira.—1 Phe. 2:21.

2. Qaama Olaanaadhaan misiyoonii taatee muudamuu baattus, ilaalcha akkamii qabaachuu dandeessa?

2 Mataduree darbeerratti, misiyoonii jechuun nama Wangeela lallabudhaan namoota kaanitti misiraachoo himu jechuu akka ta’e baranneerra. Phaawulos Kana ilaalchisee, gaaffiiwwan xiyyeeffannaa namaa harkisan tokko tokko gaafateera. (Roomaa 10:11-15 dubbisi.) Ergamaan kun maal akka gaafate qalbeeffadhu: “Namni utuu isaanitti hin lallabin, attamitti waa’ee isaa dhaga’u ree?” Achiis jecha raajii Isaayaasirraa caqasuudhaan: “Warri oduu gaarii fidanii dhufan maal maal nama gammachiisu!” jedheera. (Isa. 52:7) Misiyoonii taatee kan hin muudamneefi biyyakeetii alatti akka tajaajiltuuf kan hin ergamne taatus, Wangeela lallabuutti cimuudhaan fakkeenya Yesus isa misiraachicha hinaaffaadhaan labse hordofuu dandeessa. Waggaa darbe, labsitoonni Mootummichaa 6,957,852 ta’an biyyoota 236 ta’anitti ‘hojii lallaba wangeelaa’ hojjetaniiru.—2 Xim. 4:5.

“Nuyi Hundumaa Dhiifnee Si Duukaa Buune”

3, 4. Yesus samiirratti maal dhiisee dhufe? Nutoo duuka buutotasaa ta’uuf maal gochuu qabna?

3 Yesus hojii lafarratti akka raawwatuuf kennameef bakkaan ga’uuf, jireenyaafi aangoo samiirratti qabu dhiisuudhaan, “akka waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate.” (Filp. 2:7) Wanti fakkeenya Yesus hordofuuf goonu kamiyyuu, wanta inni yeroo gara lafaa dhufe godhee wajjin wal hin gitu. Haata’u malee, duuka buutotasaa ta’uudhaan jabaannee dhaabanna malee, wanta biyya lafaa Seexanni seerratu keessatti dhiisne duubatti deebinee hin hawwinu.—1 Yoh. 5:19.

4 Yeroo tokko Phexros Yesusiin: “Kunoo, nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buune” jedhee ture. (Mat. 19:27) Yesus Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobiifi Yohaannis akka isa duukaa bu’an yeroo isaan afeere, yeruma sana kiyyoosaanii dhiisanii isa duukaa bu’an. Qurxummii qabuutti beekamoo ta’uu dhiisuudhaan, hojiisaanii isa guddaa tajaajila godhataniiru. Akka Wangeela Luqaasitti, Phexros: “Kunoo, nuyi qe’ee keenya dhiifnee si duukaa buuneerra” jedheera. (Luq. 18:28) Baay’een keenya Yesus duukaa bu’uuf “qe’ee keenya” hunda dhiisuun nu hin barbaachisne. Haata’u malee, duuka buutota Kiristos ta’uufi garaa guutuu Yihowaa tajaajiluuf, ‘waa’ee ofii keenyaa dhiisuu’ nu barbaachiseera. (Mat. 16:24) Tarkaanfiin akkasii eebba baay’ee argamsiisa. (Maatewos 19:29 dubbisi.) Akka Yesus wangeela lallabuuf hinaaffaa qabaachuun, keessumaa namni tokko gara Waaqayyoofi Ilmasaa isa jaallatamaatti akka dhihaatu gargaaruurratti hirmaannaa muraasa goonullee gammachuu arganna.

5. Muuxannoo godaantonni, dhugaa Macaafa Qulqulluu yommuu baratan biyyasaaniitti deebi’uuf akka murteessan isaan godhe maal akka ta’e ibsu dubbadhu.

5 Namichi lammii Biraaziil, biyya Suriinaam jiraatuufi Vaalmeer jedhamu tokko nama warqee qotee baasu ture. Dhugaatii alkoolii garmalee kan dhuguufi jireenya addaggummaa kan jiraatu ture. Yeroo tokko, magaalaa keessa utuu jiraatuu, Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu isa qayyabsiisuu jalqaban. Guyyaa guyyaan kan qayyabatu yommuu ta’u, jijjiirama guddaa gochuudhaan utuu hin turin cuuphame. Hojiinsaa amantiisaa isa haaraa wajjin haala walsimuun jiraachuuf ulfaataa ta’uusaa waan hubateef, daldalasaa isa galii guddaa argamsiisuuf gurguruudhaan, maatiinsaa dhugaa akka argatan gargaaruuf gara Biraaziilitti deebi’e. Godaantonni baay’een, dhugaa Macaafa Qulqulluu yeroo baratan firoottansaaniifi namoonni kaan Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruuf jecha, hojiisaanii isa biyyoota sooreyyii ta’an keessatti qaban fedhiisaaniitiin dhiisanii gara biyyasaaniitti deebi’u. Babal’istoonni Mootummichaa akkasii kun, wangeela lallabuuf hinaaffaa dhugaa argisiisaa jiru.

6. Bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqnee tajaajiluu kan hin dandeenye yoo ta’e maal gochuu dandeenya?

6 Dhugaa Baatonni hedduun bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajiluu danda’aniiru. Tokko tokko biyya kan biraa dhaqanii tajaajilu. Dhuunfaadhaan akkas gochuu baannus, yeroo hundaa hamma dandeenyu tajaajilarratti hirmaachuudhaan fakkeenya Yesus hordofuu dandeenya.

Yihowaan Leenjii Barbaachisu Ni Kenna

7. Obboloota labsitoota Mootummichaa ta’anii leenji’uu barbaadaniif manneen barumsaa akkamii qophaa’aniiru?

7 Akkuma Yesus Abbaasaarraa leenjii argate, nutis barumsa Yihowaan yeroo ammaatti kennaa jirurraa faayidaa argachuu dandeenya. Yesus: “Macaafa raajotaa keessatti, ‘Hundumti isaanii warra Waaqayyo isaan barsiise in ta’u’ jedhamee caafameera” jedheera. (Yoh. 6:45; Isa. 54:13) Yeroo har’aatti, keessumaa manneen barumsaa labsitoota Mootummichaa akka taanu nuhidhachiisuuf qophaa’an jiru. Hundi keenyayyuu, Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasii gumii keessatti kennamanirraa karaa tokkoon faayidaa akka arganne beekamaadha. Qajeelchitoonni mirga Mana Barumsaa Tajaajila Qajeelchitootaarratti hirmaachuu qabu. Qajeelchitoonni waggaa dheeraaf bifa tajaajilaa kanarratti hirmaachaa turan mirga yeroo lammataaf mana barumsaa kanarratti hirmaachuu argataniiru. Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumiimmoo, dandeettii barsiisuusaaniifi akkaataa obbolootasaanii itti tajaajilan fooyyeffachuuf, Mana Barumsaa Tajaajilaa Mootummaarratti hirmaataniiru. Jaarsoliiniifi tajaajiltoonni qeenxee hedduun, leenjii hojii lallabaarratti warra kaan gargaaruuf isaan fayyadu, Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaarraa argataniiru. Obboloonni biyyasaanii alatti misiyoonii ta’anii tajaajilan baay’eenis, Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Masaraa Eegumsaa Giil’aad galanii leenji’aniiru.

8. Obboloonni tokko tokko leenjii Yihowaan kennu fudhachuuf jecha maal aarsaa godhaniiru?

8 Dhugaa Baatonni Yihowaa baay’een manneen barumsaa kanarratti hirmaachuuf jecha sirreeffamawwan godhaniiru. Yuuguun Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa Kaanaadaatti taasifamurratti hirmaachuuf hogganaansaa heyyama waan isa dhowwateef hojiisaa dhiiseera. Yuuguun akkas jedha: “Matumaa hin gaabbu. Dhugaa dubbachuuf utuu heyyama naa kennaniiru ta’ee akka waan gaarii naa oolanitti ilaaluudhaan, yeroo hundaa amanammummaadhaan dhaabbaticha keessa hojjechuukoo akkan itti fufu narraa eegu turan. Amma garuu hojii Yihowaan naa kennu kamiyyuu fudhachuuf haalli naamijaa’eera.” Babal’istoonni baay’een leenjii Waaqayyo kennu fudhachuuf jecha, wanta kanaan dura bakka guddaa kennaniif fedhasaaniitiin aarsaa godhaniiru.—Luq. 5:28.

9. Muuxannoo, Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’anii barsiisuufi carraaqqii cimaa gochuun bu’aa kan argamsiisu ta’uusaa ibsu dubbadhu.

9 Barumsi Caaffata Qulqullaa’oorratti hundaa’eefi carraaqii cimaa gochuun namoonni jijjiirama dinqisiisaa akka godhan gargaara. (2 Xim. 3:16, 17) Mee wanta Saa’uloo isa biyya Guwaatimaalaa jiraaturratti raawwatame haa’ilaallu. Yeroo dhalatee kaasee dhibee sammuu xinnoo kan qabu waan tureef, barsiisotasaa keessaa tokko haadhasaatiin mucichi dirqamaan dubbisuu akka danda’u gochuuf yaalii kan gootu yoo ta’e, abdii isa kutachiisa malee faayidaa hin qabu jettee itti himte. Kanaan kan ka’es, Saa’uloon dubbisuu utuu hin beekin mana barumsaatii ba’e. Haata’u malee, Dhugaa Baatuun tokko birooshura Dubbisuufi Barreessuu Barachuuf Carraaqqii Godhi jedhamuun fayyadamee dubbisuu isa barsiise. Achiis Saa’uloon Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirratti haasawaa dhiheessuu jalqabe. Yeroo booda haati Saa’uloo utuu manaa gara manaatti tajaajiltu barsiistuusaa wajjin walargite. Barsiistuttiinis, Saa’uloon dubbisuu akka barate yeroo dhageessu, torban ittaanutti isa fiddee akka dhuftu ishee gaafatte. Barsiistuttiin torban ittaanutti yommuu Saa’uloo argitu, “Maal na barsiisuuf jetta?” jettee gaafatte. Saa’uloonis kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamurraa keeyyata tokko dubbisuufii jalqabe. Isheenis “Na barsiisaa jirta jechuudhaa! Ani hin amanuu” jetteen. Imimmaanshee to’achuu waan dadhabdeef Saa’uloo hammatte.

Barumsa Garaa Namootaa Tuqu

10. Dhugaa Macaafa Qulqulluu ittiin barsiisuuf kitaaba gaarii isa kamtu nuuqophaa’e?

10 Yesus kallattiidhaan wanta Yihowaan isa barsiiseefi Dubbii Waaqayyoo keessatti barreeffamerratti hundaa’ee barsiisaa ture. (Luq. 4:16-21; Yoh. 8:28) Nutis, gorsa Yesus kenne hojiirra oolchuufi Caaffata Qulqullaa’oorratti hundoofnee barsiisuudhaan fakkeenya Yesus hordofna. Hundumti keenya yaanniifi dubbii keenya kan waliigallu ta’uunsaa, tokkummaa keenya akka jabaatu godha. (1 Qor. 1:10) “Hojjetaan amanamaanii fi ogeessi,” barreeffamoota Macaafa Qulqulluu tokkummaa keenya eeguufi hojii Wangeela lallabuu raawwachuuf nugargaaran waan nuu qopheessuuf guddaa galateeffanna! (Mat. 24:45; 28:19, 20) Barreeffamoota kana keessaa tokko, kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhuufi yeroo ammaatti afaan 179n argamudha.

11. Obboleettiin Itoophiyaatti argamtu kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan mormii isheerratti ka’e akkamitti moote?

11 Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti fayyadamuudhaan Caaffata Qulqullaa’oo qayyabsiisuun, garaa mormitootaallee jijjiiruu danda’a. Qajeelchituun Luulaa jedhamtuufi Itoophiyaatti argamtu yeroo tokko, utuu Macaafa Qulqulluu qayyabsiisaa jirtuu, firri ishee qayyabattuu mormuudhaan qayyabannaan akkasii akka isaan hin barbaachisne dubbatte. Luulaanis kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluurraa boqonnaa 15 baastee, fakkeenya waa’ee qarshii sobaa dubbatu itti argisiisuudhaan fira ishee qayyabachaa jirtu sanaa tasgabbiidhaan haasofsiifte. Dubartittiinis kan qabanoofte si’a ta’u qayyabannicha akka itti fufan heyyamteef. Qayyabannaa ittaanurratti kan argamte si’a ta’u, isheenis qarshii kan kaffalchiisu ta’ullee qayyabachuu akka barbaaddu dubbatte! Baay’ee utuu hin turinis, torbanitti guyyaa sadii qayyabachaa kan jirtu si’a ta’u, yeroo ammaatti karaa hafuuraa guddina gaarii gochaa jirti.

12. Fakkeenya ijoolleen dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuuf bu’a qabeeyyii ta’uu akka danda’an argisiisu dubbadhu.

12 Ijoolleenis kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti fayyadamanii namoota gargaaruu danda’u. Mucaa waggaa 11 kan ta’eefi biyya Haawaayi kan jiraatu Ke’aanuun mana barumsaatti kitaaba kana utuu dubbisaa jiruu mucaan isaa wajjin baratu, “Guyyoota ayyaana maaliif hin kabajjan?” jedhee isa gaafate. Ke’aanuunis kutaa dabalataa mataduree, “Guyyoota Ayyaanaa Kabajuu Qabnaa?” jedhu baasee achirraa kallattiidhaan dubbiseef. Achiis, baafata mataduree kitaabichaa baasee, matadureen caalaatti fedhiisaa kakaase isa kam akka ta’e mucicha gaafate. Karaa kanaanis qayyabannaan Macaafa Qulqulluu ni jalqabame. Waggaa darbe, Dhugaa Baatonni Yihowaa qayyabannaawwan Macaafa Qulqulluu 6,561,426 ta’an kan geggeessan si’a ta’u, baay’eensaanii kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluutti akka gaariitti fayyadamanii turan. Atoo qayyabannaa Macaafa Qulqulluu geggeessuuf kitaaba kanatti fayyadamaa jirtaa?

13. Macaafa Qulqulluu qayyabachuun jireenya namootaarratti jijjiirama guddaa fiduu kan danda’u karaa kamiini?

13 Kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamutti fayyadamanii Caaffata Qulqullaa’oo qayyabsiisuun, jireenya namoota jaalala Waaqayyoo raawwachuuf fedhii guddaa qabanirratti jijjiirama guddaa fiduu danda’a. Qajeelchitoonni addaa haadha manaafi abbaa manaa biyya Noorweey jiraatan, maatii Zaambiyaadhaa dhufan Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuu jalqaban. Namoonni kun ijoollee durbaa sadii waan qabaniif, mucaa kan biraa godhachuu hin barbaadan turan. Kanaafuu, yeroo haati manaa ulfooftu ulfa sana baasisuuf murteessan. Doktoora mariisisuusaanii guyyoota muraasa dura, mataduree, “Ilaalcha Waaqayyo Lubbuudhaaf Qabu Qabaadhu” jedhu qayyabatan. Fakkiin boqonnaa sanarra jiruufi mucaa gadameessa keessaa jiru argisiisu garaasaanii waan tuqeef, ulfa baasisuu dhiisuuf murteessan. Maatiin kun karaa hafuuraa guddina argisiisuusaanii kan itti fufan yommuu ta’u, maqaa ilmasaanis maqaa obboleessa isa Macaafa Qulqulluu isaan qayyabsiisuutti moggaasan.

14. Fakkeenya, wanta barsiisnuu wajjin haala walsimuun jiraachuun bu’aa gaarii akkamii akka argamsiisu ibsu dubbadhu.

14 Karaa Yesus ittiin barsiisaa ture keessaa inni guddaan, wanta barsiisuu wajjin haala walsimuun jiraachuusaati. Namoonni baay’een amala gaarii Dhugaa Baatota Yihowaa fakkeenya Yesus hordofan ni dinqisiifatu. Daldalaan biyya Niiwu Ziilaand jiraatu tokko, konkolaataansaa caccabsamee, boorsaansaas jalaa hatame. Haalasaa poolisiidhaaf kan gabaase yommuu ta’u, poolisichis, “Boorsaakee argachuu kan dandeessu Dhugaa Baatonni Yihowaa yoo argatan qofa” jedheen. Dhugaa Baatuun gaazexaa geessitu tokko boorsaasaa argachuushee yommuu dhaga’u; namichi kun gara mana obboleettittii dhufe. Ragaan baay’ee isa barbaachisu achi keessa waan tureef argamuusaatti baay’ee gammade. Obboleettiin sunis, “Dhugaa Baatuu Yihowaa waanan ta’eefan boorsaakee siideebise” jetteen. Daldaltichis, wanta poolisiin ganama isaan jedhe yaadachuudhaan baay’ee dinqisiifate. Dhugumayyuu, Kiristiyaanonni dhugaa barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin haala walsimuun akka jiraataniifi fakkeenya Yesus akka hordofan hubachuun ni danda’ama.—Ibr. 13:18.

Ilaalcha Yesus Namootaaf Qabu Hordofaa

15, 16. Namoota gara ergaa lallabnutti harkisuu kan dandeenyu akkamitti?

15 Ilaalchi Yesus namootaaf qabu garasaatti akka harkifaman godheera. Fakkeenyaaf, jaalalliifi gad of qabuunsaa namoonni gadadamoo ta’an garasaatti akka dhihaatan godheera. Namoota garasaatti dhufanitti oo’a itti argisiisuusaarrayyuu, jechoota gaariidhaan isaan jajjabeesseera, hedduusaaniis dhukkubasaaniittii fayyiseera. (Maarqos 2:1-5 dubbisi.) Nuti akka Yesus dinqiiwwan raawwachuu kan hin dandeenye ta’us, amalawwan namoonni gara dhugaatti akka dhufan godhan, jaalala, gad of qabuufi oo’a argisiisuu garuu ni dandeenya.

16 Qajeelchituun addaa Taari’uwaa jedhamtu odoolawwan Kibba Paasiifiikitti fagaatanii argaman keessaa mana maanguddoo Beeree jedhamuufi odoola Kiriibaat keessa jiraatu tokkoo yommuu rurrukutte, haalli ishee mudate bu’aa garalaafina argisiisuun qabu ifa godha. Maanguddoon kun dhaggeeffachuuf fedha kan hin argisiisane, ta’uyyuu Taari’uwaan gartokkoo qaamasaanii sochoosuu akka hin dandeenye yommuu argitu waan gadditeef garaa laafteef. “Abdii Waaqayyo warra dhukkubsataniifi dulloomaniif kenne dhageessanii beektuu?” jettee gaafatteen. Achiis, raajii Macaafa Isaayaasirra jiru tokko dubbisteef. (Isaayaas 35:5, 6 dubbisi.) Wanti dhaga’an qalbiisaanii waan hawwateef, akkas jedheen: “Waggoota dheeraadhaaf Macaafa Qulqulluu dubbisaa kanan tureefi misiyooniin miseensa amantiikoo dhufee nagaafachaa kan ture ta’uyyuu, yaada kana Macaafa Qulqulluurraa argadhee hin beeku.” Beereen qayyabannaa Macaafa Qulqulluu kan jalqaban si’a ta’u, karaa hafuuraas guddina argisiisaa jiru. Qaamnisaanii guddaa kan miidhame ta’us, yeroo ammaatti cuuphamanii garee fagoo jiru tokko gargaaruuf dursa fudhachuudhaanis, guutummaa odoolattii keessa miillasaaniitiin naanna’anii misiraachoo lallabaa jiru.

Kiristosiin Hordofuu Keessan Itti Fufaa

17, 18. (a) Labsitoota wangeelaa bu’a qabeeyyii ta’uu kan dandeenyu akkamitti? (b) Namoota tajaajilasaaniitiif xiyyeeffannaa guddaa kennan eebba akkamii argatu?

17 Akkuma muuxannoowwan tajaajilarraa argannu baay’een argisiisanitti, amalawwan Yesus kan horannuufi kan calaqqisiisnu yoo ta’e, nutis labsitoota wangeelaa bu’a qabeeyyii ta’uu dandeenya. Kanaaf, hinaaffaadhaan wangeela lallabuudhaan fakkeenya Yesus hordofuun keenya baay’ee barbaachisaadha!

18 Jaarraa jalqabaatti namoonni tokko tokko duuka buutota Yesus yeroo ta’anitti Phexros, “Kunoo, nuyi hundumaa dhiifnee si duukaa buune’otii, egaa maal arganna laata ree?” jedhee gaafatee ture. Yesusis akkas jechuudhaan deebisee: “Namni maqaa kootiif jedhee manneen yookiis obboloota yookiis obboleettota yookiis abbaa yookiis haadha yookiis ijoollee yookiis araddaa dhiise, dachaa dhibba in fudhata; jireenya bara baraas in argata.” (Mat. 19:27-29) Misiyoonii isa guddaa, jechuunis fakkeenya Yesus Kiristos hordofuu keenya yoo itti fufne, jechoonni kun dhugaa ta’uusaanii mirkaneessina.

Maal Jettee Deebista?

• Yihowaan labsitoota wangeelaa akka taanu kan nuleenjisu akkamitti?

• Kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu tajaajila keenyarratti bu’a qabeeyyii ta’uuf kan nugargaaru akkamitti?

• Ilaalcha Yesus namootaaf qabu hordofuu kan dandeenyu akkamitti?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 17rra jiru]

Yesus Phexros, Indiriyaas, Yaaqoobiifi Yohannis akka isa duukaa bu’an yeroo afeere yeruma sana duukaa bu’aniiru

[Fakkii fuula 19rra jiru]

Barreeffamoonni akka kitaaba “Barumsa Macaafa Qulqulluu” fakkaatan barsiisuurratti tokkummaa akka qabaannu nugargaaru