Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Kan Eebbifaman “Soquu Akka Jalqaban” Jajjabeeffamaniiru

Kan Eebbifaman “Soquu Akka Jalqaban” Jajjabeeffamaniiru

Eebba Giil’aad Kutaa 123⁠ffaa Giil’aadii

Kan Eebbifaman “Soquu Akka Jalqaban” Jajjabeeffamaniiru

SANBADDURAA Fulbaana 8, 2007, Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Masaraa Eegumsaa Giil’aad kutaa 123⁠ffaa godhamerratti biyyoota 41 namoonni 6,352 sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Miseensa Qaama Olaanaafi dura ta’aa sagantichaa kan ta’e Antoonii Mooris, ganama sa’aatii 4:00⁠rratti namoota achitti argamaniin baga nagaan dhuftan jechuudhaan saganticha jalqabe. Obboleessi Mooris haasawaa seensaa erga dhiheessee booda, miseensa waajjira damee Yuunaayitid Isteetis kan ta’e Gaarii Biroo haasawaa jalqabaa akka dhiheessu afeere.

Obboleessi Birooksi, haalli miidhagina qaama barattootaa maaliyyuu yoo ta’e, namoonni fedha Yihowaa raawwatan hundi isa biratti ulfina kan qaban ta’uusaanii ibse. (Er. 13:11) Barattoonni kunis miidhagina akkasii qabatanii akka itti fufan isaan jajjabeesse. Ittaansuudhaanis, miseensa Qaama Olaanaa kan ta’e obboleessa Geerit Loosh, yommuu Yihowaa tajaajillu badhaasa akka argannu eeguun keenya sirrii ta’uusaa jabeessee ibse. (Ibr. 11:6) Haata’u malee, Yihowaa tajaajiluuf kan nu kakaasu jaalala ofittummaarraa walaba ta’e ta’uu akka qabu ibseera.

Ittaansuudhaanis, Kutaa Mana Barumsaa Ti’ookraasii olaantummaadhaan to’atuufi obboleessa Wiiliyaam Saamu’eelson, hojii ulfina qabeessa waa’ee mootii isa bitaa jiru cimsanii akka qabataniifi amalasaanii isa gaariidhaan hojiinsaanii ulfina qabeessa ta’uusaa akka argisiisan eebbifamtoota jajjabeesse. * Obboleessi Saaroo Roobarsan jedhamuufi ittaanaa Kutaa Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiimmoo, eebbifamtoonni yeroo hundaa amala namootaa isa gaariirratti akka xiyyeeffatan jajjabeesse. Eebbifamtoonni ‘obbolummaa amantootaa yoo jaallatan’ kana gochuu akka danda’an ibse.—1 Phe. 2:17.

Haasawaawwan hojiif nama kakaasan kun erga dhihaatanii booda, barsiisaa Mana Barumsaa Giil’aad kan ta’e Maark Numeer barattoota hedduudhaaf gaafannoo kan godhe yommuu ta’u, isaanis Giil’aaditti yommuu leenjii fudhatan muuxannoo tajaajila dirreerratti isaan mudate dubbataniiru. Eebbifamtoonni kun tajaajila akka jaallataniifi warra kaan gargaaruu akka hawwan ifatti mul’ata ture. Obboleessi Waajjira Bet’el Paatarsanitti argamu keessaa tajaajiluufi Keenti Fiishar jedhamu biyyoota misiyoononni itti ergaman keessaa miseensotata Koree Waajjira Damee sadiif gaafannoo godhee ture. Yaadawwan obboloonni gaarii ta’an kun kennan, obboloonni biyyoota misiyoononni haaraan itti ramadaman keessatti argaman akka isaan kunuunsaniifi michuuwwansaanii akka ta’an namoonni achitti walitti qabaman hundi hubachuu danda’aniiru. Obboleessi Esaak Maree jedhamuufi Kutaa Hiika Afaanii tajaajilu, misiyoonota waggoota dheeraa tajaajilan tokko tokkoof gaafannoo gochuudhaan eebbifamtoonni gara fuulduraatti yeroon gammachiisaan akkamii akka isaan eegu akka hubatan godheera.

Ijoo haasawaa guyyichaa kan dhiheesse obboleessa Je’ooferii Jaaksan jedhamuufi miseensa Qaama Olaanaa ta’e yommuu ta’u, matadureen haasawaasaas, “Kana Hundaa Erga Dhageessanii Booda Maal Gootu?” kan jedhu ture. Kibba Paasfiikitti naannoo waggaa 25 ta’uuf misiyoonii ta’ee tajaajilaa kan ture obboleessi Jaaksan yaadawwan Lallaba Gaararraa warra dhumaa ibse. Yesus lallabasaa sanarratti waa’ee namoota ogeeyyiifi gowwaa mana ijaaran dubbatee ture. Obboleessi Jaaksanis manneen kun naannoo tokkotti ta’uu akka danda’u ibse. Haata’u malee, namichi inni gowwaan manasaa kan ijaare cirracha hundee hin qabnerratti yommuu ta’u, inni ogeessi garuu hamma hundee dhagichaa argatutti gadi fageessee qoteera. Buubbee cimaan yommuu ka’u manni inni dhagaarratti ijaarame jabaatee kan dhaabate yommuu ta’u, inni cirracha hundee hin qabnerratti ijaarame garuu jigeera.—Mat. 7:24-27; Luq. 6:48.

Yesus, namichi inni gowwaan namoota barumsasaa dhaga’anii hojiirra hin oolchine, inni ogeessimmoo namoota dubbisaa dhaga’aniifi isa dhaga’an hojiirra oolchan kan argisiisu ta’uusaanii ibseera. Obboleessi Jaaksan eebbifamtootaan akkas jedhe, “Barumsa qo’annaa Macaafa Qulqulluurraa argattan hojii misiyoonummaa keessanitti hojiirra kan oolchitan yoo ta’e namicha isa ogeessa fakkaatu.” Haasawaasaa yommuu xumuruttis, bakka misiyoonii ta’anii akka tajaajilaniif itti ramadamanitti, “soquu akka jalqaban” isaan jajjabeesseera.

Dhumarrattis, eebbifamtoonni diipiloomaasaanii fudhatanii bakki itti ramadaman erga isaanitti himamee booda, obboleessi Mooris gorsa xumuraa isaaniif kenne. Eebbifamtoonni yeroo hundaa fakkeenya Yesus akka hordofaniifi jabina argachuuf matumaa Yihowaatti amanamuurraa duubatti akka hin jenne isaan jajjabeesseera. Sagantaan eebbaas haala kanaan xumurame.

[Miiljalee]

^ key. 5 Kutaan Mana Barumsa Tajaajila Ti’ookraasii, Koree Barumsaa jalatti kan argamu yommuu ta’u, Mana Barumsaa Giil’aad, Miseensota Koree Waajjira Dameefi mana barumsaa daawwattoota olaanaa aanaa olaantummaadhaan kan to’atudha.

[Fakkii fuula 31rra jiru]

ODEEFFANNOO BARATTOOTA ILAALU

Baay’ina biyyoota barattoonni keessaa dhufan: 10

Baay’ina biyyoota isaan itti ramadaman: 24

Baay’ina barattootaa: 56

Umrii giddu galeessaan: 33.5

Waggoota isaan dhugaa keessa turan giddu galeessaan: 17.9

Waggoota isaan tajaajila yeroo guutuu keessa turan giddu galeessaan: 13.8

[Fakkii fuula 32rra jiru]

Eebbifamtoota Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Masaraa Eegumsaa Giil’aad Kutaa 123⁠ffaa

Ibsa armaan gaditti argamuun, lakkoofsi tokkoon tokkoon toorichaatiif kenname, duraa gara duubaatti yommuu ta’u, maqoonnis kan kaa’aman bitaa gara mirgaattidha.

(1) Esteer Espaarsaa; Saaraa Paapaayi; Aniitaa Bilaal; Miiriyaam Suwaarees; Ilawiis Eevars; Kaatii Dimichiinoo (2) Maadleen Roozaa; Riyookoo Fuujii; Oolgitaa Reetii; Joonaa Leevatan; Miikee Vaanliimputan (3) Aanaa Booskiyeenoo; Kiristiin Beek; Haaykee Budaanoof; Kaatrii Biraaz; Kiristii Peeltis; Afuwaa Siyaawuu (4) Iskaat Leevatan; Haannaa Saantiikoo; Saaraa Koontee; Jeniifar Wiilsan; Jiinii Raayileet; Shoonaa Piirs; Kunihiiroo Fuujii (5) Deevid Roosaa; Mikaa’el Booskaayinoo; Veeneesaa Ostiin; Paatriishaa Roodiyeel; Pool Bilaal; Pool Dimichiinoo (6) Baaraak Reetii; Deev Chiziik; Kaamiil Kilaark; Aniyee Reedal; Faawustoo Espaarsaa; Piriinsi Siyaawu; Toom Vaan Liimputan (7) Hosee Roodiyal; Joon Eevars; Jaakii Giriin; Juulii Chiizik; Miikaa Saantiikoo; Maat Raayileet (8) Laazloo Peetis; Daani’eel Oostiin; Toobiyaas Riidal; Maark Beek; Wiiliyaam Piirs; Istiivii Koontii; Istiiv Giriin (9) Josee Suwaarees; Jeramii Kilaark; Seeb Paapaayi; Miishaa Budaanoof; Reeyi Wiilsan; Riik Biraaz