Karaa Yihowaarra Adeemi
Karaa Yihowaarra Adeemi
“Namni Waaqayyoon sodaatu hundinuu, inni karaa isaa irra adeemus gammachuu qaba!”—FAR. 128:1.
1, 2. Namni tokko gammachuu argachuu danda’a kan jennu maaliifi?
GAMMACHUUN wanta namni hundi barbaadudha. Haata’u malee, gammachuu hawwuuniifi argachuuf carraaquun, gammachuu argachuu jechuu akka hin taane akka walii galtu hin shakkisiisu.
2 Ta’us, gammachuu qabaachuun ni danda’ama. Faarfannaan 128:1, “Namni Waaqayyoon sodaatu hundinuu, inni karaa isaa irra adeemus gammachuu qaba!” jedha. Jaalala Waaqayyoo raawwachuudhaan isa yoo sodaanneefi karaasaarra yoo adeemne gammadoo ta’uu dandeenya. Kun amalaafi namummaa keenyarratti jijjiirama akkamii fiduu danda’aa?
Amanamaa Ta’i
3. Amanamummaan keenya Waaqayyoof of murteessuu keenyaa wajjin walitti dhufeenya akkamii qaba?
3 Namoonni Yihowaa sodaatan akkumasaa amanamoodha. Yihowaan waadaa Israa’eloota duriitiif gale hunda raawwateera. (1 Mot. 8:56) Yeroo Waaqayyoof of murteessinetti waadaa hundarra caalu kan galle yommuu ta’u, yeroo hunda kadhannaa gochuun keenya waadaa kana eegnee jiraachuuf nugargaara. Akkuma Daawit akkas jennee kadhachuu dandeenya: “Yaa Waaqayyo, ati wareega koo dhageesseetta, . . . Guyyaa guyyaatti wareega koo of irraa baasuuf, yeroo hundumaa mi’a garaa garaatiin maqaa kee nan faarfadha!” (Far. 61:5, 8; Lal. 5:4-6) Michuu Waaqayyoo ta’uu yoo barbaanne amanamoo ta’uu qabna.—Far. 15:1, 4.
4. Yiftaafi intallisaa wareega inni Yihowaadhaaf galeef ilaalcha akkamii qabu turan?
4 Bara Abbootii Firdii Israa’elitti Yiftaan Yihowaan warra Amoonota akka mo’u yoo isa gargaare, wanta yommuu waraanaa deebi’u isa simachuuf gadi ba’u isa duraa “aarsaa gubamu” godhee Yihowaadhaaf akka dhiheessu wareega gale. Yeroo kanattis jalqaba isatti kan baate intalasaa tokkittii turte. Yiftaanis ta’e intallisaa isheen hin heerumne, Yihowaatti amanamuudhaan wareegasaanii raawwataniiru. Biyya Israa’elitti heerumuufi ijoollee godhachuun akka waan guddaatti ilaalamus, intalli Yiftaa fedhiidhaan utuu hin heerumin kan hafte si’a ta’u mana qulqullummaa Yihowaatti tajaajiluuf mirga argatteetti.—Abo. 11:28-40.
5. Haannaan amanamtuu ta’uushee kan argisiiste karaa kamiini?
5 Haannaan isheen Waaqayyoon sodaattus amanamtuu ta’uushee argisiifteetti. Abbaa manaashee isa sanyii Leewii ta’e Elqaanaafi haadha manaasaa kan biraa Phiniinaa jedhamtuu wajjin biyya gaararraa Efreem jedhamu keessa jiraachaa turte. Phiniinaan ijoollee hedduu kan godhatte yommuu ta’u, keessumaa yeroo maatichi gara mana Waaqayyoo adeemu Haannaa ishee maseena turtetti ga’isti turte. Yeroo kanatti Haannaan ilma yoo godhatte Yihowaadhaaf akka kennitu wareegde. Utuu baay’ee hin turin ilma kan deesse yommuu ta’u, maqaasaas Saamu’el jettee moggaafte. Mucichi erga harma gu’ee booda, Haannaan “guutummaa bara jireenya isaatiitti” Yihowaa akka tajaajilu Shiilootti isa geessite. (1 Sam. 1:11) Yeroo booda ijoollee baay’ee akka godhattu kan hin beekne ta’us, waadaa galte raawwatteetti.—1 Sam. 2:20, 21.
6. Xikiqoos amanamaa ta’uusaa kan argisiise akkamitti?
6 Kiristiyaana jaarraa jalqabaa kan ture Xikiqoos tajaajilaa ‘amanamaa’ ture. (Qol. 4:7) Xikiqoos Phaawulosii wajjin Giriikii ka’ee Maqedooniyaa keessa ba’ee gara Asiyaa Xinnootti erga deemee booda, tariimmoo gara Yerusaalemittis isaa wajjin deebi’uu hin oolu. (HoE. 20:2-4) ‘Obboleessi’ kennaa obboloota harka qalleeyyii Yihudaa jiraniif godhame hiruurratti Tiitoosiin gargaaree hojjete isa ta’uu danda’a. (2 Qor. 8:18, 19; 12:18) Phaawulos yeroo jalqaba biyya Roomaatti hidhame, namni amanamaan Xikiqoos jedhamu kun isa bakka bu’uudhaan amantoota biyya Efesooniifi Qolosaayis jiraniif xalayaa geessa ture. (Efe. 6:21, 22; Qol. 4:8, 9) Phaawulos yeroo lammataatiif Roomaatti yommuu hidhame Xikiqoosin gara Efesoonitti ergeera. (2 Xim. 4:12) Nutis amanamoo yoo taane tajaajila Yihowaa keessatti mirga argachuu dandeenya.
7, 8. Daawitiifi Yonaataan hiriyoota dhugaa turan kan jennu maaliifi?
7 Waaqayyo michoota amanamoo akka taanu barbaada. (Fak. 17:17, hiika bara 1899) Ilmi Saa’ol Mootichaa Yonaataan, michuu Daawit ture. Yonaataan, Daawit Goliyaadiin ajjeesuusaa yommuu dhaga’e, “Yonaataan ilmi Saa’ol baay’isee Daawititti in maxxane; akka lubbuu isaatiittis isa in jaallate.” (1 Sam. 18:1, 3) Yonaataan, yommuu abbaansaa Saa’ol Daawitiin ajjeesuuf turettillee akka of eeggatu isa akeekkachiiseera. Daawit erga baqatee booda, Yonaataan isa barbaadee isaa wajjin kakuu gale. Yonaataan Daawitiin haasofsiisuusaatiin hamma xinnootti ajjeefamuurraa kan oole ta’uyyuu, michoonni lamaan yeroo lammataatiif wal argatanii walitti dhufeenyasaanii cimsataniiru. (1 Sam. 20:24-41) Yeroo dhumaatiif yommuu wal argan, Yonaataan Daawitiin “maqaa Waaqayyootiin” isa jajjabeesse.—1 Sam. 23:16-18.
8 Yonaataan waraana Filisxeemotaa wajjin godhamerratti du’e. (1 Sam. 31:6) Daawit akkas jechuudhaan gaddasaa ibseera: “Yaa Yonaataan obboleessa ko, ani siif nan gadda; baay’ee na mararta turte, jaalalli ati na jaallatte, jaalala dubartootaa caalaa dinqisiisaa ture.” (2 Sam. 1:26) Daawitiifi Yonaataan michoota jaalala dhugaa waliif qaban turan.
Yeroo Hundumaa ‘Gad Of Deebisi’
9. Gad of deebisuun barbaachisaa akka ta’e macaafni Abboota Firdii boqonnaan 9 kan ibsu akkamitti?
9 Michuu Waaqayyoo ta’uuf ‘gad of deebisuu’ qabna. (1 Phe. 3:8; Far. 138:6) Gad of deebisuun barbaachisaa akka ta’e macaafa Abboota Firdii boqonnaa 9rratti ibsameera. Ilma Giidewon kan ture Yotaam akkas jedheera: “Al tokko mukkeetiin mootii moosifachuuf ba’an.” Ejersi, harbuufi wayniin caqasamaniiru. Mukkeetiin kun namoota gaarii Israa’eloota obbolootasaanii ta’anirratti bulchuu hin barbaanne kan bakka bu’an turan. Haata’u malee, laaftoon inni boba’uuf qofa gargaaru, mooticha of bokoksu, isa nama ajjeesuufi warra kaanirratti olaantummaa qabaachuu barbaadu Abiimelekiin bakka buufame. Abiimelek ‘waggaa sadiif yoo mo’eyyuu’ yeroosaa malee ajjeefameera. (Abo. 9:8-15, 22, 50-54) Dhugumayyuu, ‘gad of deebisuun’ baay’ee barbaachisaadha!
10. Herodis ‘Waaqayyoof ulfina kennuu’ diduusaarraa maal baratta?
10 Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, Mootii Yihudaa isa of tuulu Herodis Agriiphaafi namoota Xiiroosiifi Sidoon warra nagaadhaan isaa wajjin jiraachuu barbaadan gidduutti diinummaan uumamee ture. Yeroo Herodis haasawaa dhiheesse tokko sagaleesaanii ol fudhatanii, “Kun sagalee namaa miti, sagalee Waaqayyoo ti malee” jedhan. Herodis namoota isa faarsan kana waan hin didneefi “Ulfina kana dabarsee Waaqayyoof waan hin kenniniif” ergamaa Yihowaatiin dha’amee du’a gadhee du’e. (HoE. 12:20-23) Dhugaa Macaafa Qulqulluurratti hundoofnee haasawaa dhiheessuudhaanis ta’e barsiisuudhaan dandeettii gaarii yoo qabaanne maal gochuu qabna? Wanta Waaqayyo akka hojjennu nuu heyyameef isaaf ulfina haakenninu.—1 Qor. 4:6, 7; Yaq. 4:6.
Ija Jabeessaafi Cimaa Ta’i
11, 12. Muuxannoon Henok, Yihowaan tajaajiltootasaatiif ija jabinaafi cimina barbaachisu akka kennu kan argisiisu akkamitti?
11 Gad of deebisuudhaan daandii Yihowaarra yoo adeemne, inni ija jabinaafi cimina nuu kenna. (Kes. 31:6-8, 23) Addaamirraa kaasee dhaloota torbaffaa kan ta’e Henok, namoonni barasaatti turan hamoota ta’anis daandii qajeelaarra adeemuudhaan Waaqayyoo wajjin deddeebi’eera. (Uma. 5:21-24) Jechis ta’e gochisaanii Waaqayyoon kan hin gammachiisne waan ta’eef, Yihowaan Henokiin jajjabeessuudhaan ergaa cimaa akka isaanitti himu godheera. (Yihudaa 14, 15 dubbisi.) Atoo firdii Waaqayyoo labsuuf ija jabina barbaachisaa ta’e qabdaa?
12 Bara Nohitti Yihowaan namoota isaaf hin abboomamne Bishaan Badiisaatiin balleesseera. Haata’u malee, bara keenyattis namoonni Waaqayyoof hin abboomamne dhihootti macca qulqulloota Waaqayyootiin waan balleeffamaniif, raajii Henokirraa jajjabina arganna. (Mul. 16:14-16; 19:11-16) Yihowaan, firdiisaas ta’e eebbawwan bulchiinsa Mootummaasaa keessatti argaman akka lallabnu ija jabina nuu kennuudhaan, kadhannaa keenya nuu deebisa.
13. Waaqayyo ija jabinaafi cimina rakkoowwan nu dhiphisan mo’uuf nugargaaru akka nuu kennu mirkanaa’oo ta’uu kan dandeenyu maaliifi?
13 Rakkoowwan nama dhiphisan mo’uufis ija jabinniifi ciminni Waaqayyo kennu nubarbaachisa. Durboonni gosa Heet lamaan Esaawu fuudhe, “[warrasaa] Yisihaqii fi Ribqaa garaa guban.” Ribqaan akkas jechuudhaan gaddashee ibsiteetti: “Sababii durboota Heet kanaaf, ani jireenya koo nan jibbe; [ilmi keenya] Yaaqoobis immoo durboota Heet sanyii durboota biyya kanaa keessaa niitii yoo fuudhe, jireenyi maal anaaf godha ree?” (Uma. 26:34, 35; 27:46) Yisihaq, Yaaqoob namoota Yihowaa waaqeffatan bira dhaqee akka haadha manaa barbaaddatu erguudhaan tarkaanfii fudhate. Yisihaqiifi Ribqaan wanta Esaawu raawwate jijjiiruu kan hin dandeenye ta’us, Waaqayyo isaaf amanamoo ta’uusaanii akka itti fufan ogummaa, ija jabinaafi cimina isaanii kenneera. Yihowaan gargaarsa nubarbaachisu akka nuu kennu yoo isa kadhanne nuunis nugargaara.—Far. 118:5.
14. Intalli biyya Israa’el tokko ija jabina akka qabdu kan argisiiste akkamitti?
14 Jaarraawwan hedduu booda, intalli tokko biyya Israa’elii saamtotaan erga booji’amtee booda, mana nama ajajaa waraana Sooriyaa Na’amaan jedhamuufi dhukkuba lamxiitiin qabame tokkotti hojjettuu taatee tajaajilti turte. Dinqii Waaqayyo karaa Na’amaan hojjete waan dhageesseef, intalattiin ija jabinaan haadha manaa Na’amaaniin akkas jette: ‘Gooftaan koo gara Israa’el utuu dhaqee 2 Mot. 5:1-3) Intalli kun, ijoollee ija jabina argachuuf Yihowaatti amanamuudhaan barsiisotasaanii, warra wajjin barataniifi warra kaaniif dhugaa ba’aniif fakkeenya gaarii taati!
raajiin Yihowaa dhukkuba lamxiisaarraa isa fayyisa ture.’ Na’amaanis gara Israa’el dhaqee, dinqiidhaan dhukkubasaarraa fayyeera. (15. Itti gaafatamaa maatii Ahaab kan ture Obaadiyaan ija jabinaan tarkaanfii akkamii fudhate?
15 Ija jabinni Waaqayyo kennu ari’atama mo’uuf nama gargaara. Haala Obaadiyaa isa bara Elsaa’itti itti gaafatamaa mana Ahaab Mootichaa turee akka fakkeenyaatti fudhadhu. Yommuu Iizaabel Mootittiin raajota Waaqayyoo ajjeesisuuf ajaja dabarsitetti, Obaadiyaan raajota 100 ta’an “shantama shantamaan holqa dhagaa keessa” dhokse. (1 Mot. 18:13; 19:18) Atoo akkuma Obaadiyaan raajota Yihowaa gargaare, Kiristiyaanota hidhata amantiikee ta’aniifi ari’ataman ija jabinaan ni gargaartaa?
16, 17. Arisxaarkosiifi Gaayos yommuu ari’atamni isaanirra ga’e maal godhan?
16 Yommuu ari’atamnu Yihowaan nuu wajjin akka ta’u mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. (Rom. 8:35-39) Efesoonitti bakka tiyaatirri alatti argisiifamutti, namoonni kuma hedduudhaan lakkaa’aman obboloota Phaawulosii wajjin turanirratti jechuunis Arisxaarkosiifi Gaayosirratti ka’anii turan. Jeequmsa kana kan kakaase Demeexros isa meetii baqsu ture. Inniifi hiriyoonnisaa meetii baqsuudhaan fakkii waaqayyittii Arxemiis jedhamtuu tolchanii gurguru turan. Lallabni Phaawulos, namoonni magaalattii hedduun waaqayyolii tolfamoo akka dhiisan waan godheef, hojiin namoonni kun bu’aa guddaa irraa argatan dhaabachuuf jedhee ture. Namoonni hedduun kun Arisxaarkosiifi Gaayosiin gara bakka tiyaatiriitti erga gototanii booda: “Arxemiis warra Efesoon, guddittii dha” jedhanii iyyan. Tarii Arisxaarkosiifi Gaayos ni ajjeefamna jedhanii kan yaadda’an ta’uyyuu, caafaan mandarichaa namoota kana cal jechisiiseera.—HoE. 19:23-41.
17 Haalli akkasii utuu si mudatee, lammata rakkinni akkasii akka si hin mudanne fedhuudhaan jireenya rakkinarraa walaba ta’e jiraachuuf yaadda turtee? Arisxaarkosiifi Gaayos ija jabina dhabuusaanii wanti argisiisu hin jiru. Arisxaarkos nama Tasaloniiqee waan ta’eef misiraachoo kana lallabuun ari’atama akka fidu beeka ture. Kun ta’uusaa yeroo muraasa dura utuu Phaawulos Tasaloniiqeetti lallabaa jiruu jeequmsi ka’eera ture. (HoE. 17:5; 20:4) Arisxaarkosiifi Gaayos Yihowaadhaaf waan abboomamaniif, Waaqayyo biraa ciminaafi ija jabina ari’atama mo’uuf isaan gargaaru argataniiru.
Wanta Warra Kaanitti Tolu Ilaaluu
18. Aqiilaafi Phrisqiilaan waan warra kaanitti tolu kan ‘ilaalan’ akkamitti?
18 Yeroo ammaatti ari’atamni nurra ga’us ga’uu baatus, waa’ee Kiristiyaanota hidhata keenya ta’anii yaaduu qabna. Phrisqiilaafi Aqiilaan wanta warra kaanitti tolu ‘ilaalu’ turan. (Filiphisiiyus 2:4 dubbisi.) Haati manaafi abbaan manaa fakkeenya gaarii ta’an kun, yommuu Demeexros inni meetii baqsu jeequmsa asii olitti ibsame kaase, Phaawulosiif bakka jireenyaa qopheessanii ta’uu danda’a. Haalli uumame sun Aqiilaafi Phrisqiilaan Phaawulosiif, ‘mormasaanii kennuuf” akka kaka’an godhee ta’uu danda’a. (Rom. 16:3, 4; 2 Qor. 1:8) Yeroo ammaatti, obboloota keenya warra ari’atamaniif yaaduun “akka bofaa afchaala” nugodha. (Mat. 10:16-18) Afchaalummaadhaan hojii keenya hojjechuu keenya itti fufuudhaan, maqaa obboloota keenyaa namoota ari’atama kana geessisanitti himuu ykn odeeffannoo garabiraa kennuudhaan dabarsinee isaan kennuurraa of qusachuu qabna.
19. Dorkaas warra kaaniif wanta gaarii akkamii hojjette?
19 Karaa addaddaatiin waan warra kaanitti tolu ilaaluu dandeenya. Kiristiyaanonni tokko tokko wanta isaan barbaachisu waan hin qabneef wanta kana isaanii guutuu dandeenya. (Efe. 4:28; Yaq. 2:14-17) Jaarraa jalqabaatti gumii Yophee keessa dubartii arjaan Dorkaas jedhamtu jirti turte. (Hojii Ergamootaa 9:36-42 dubbisi.) Dorkaas, “yeroo ishee hundumaa hojii gaarii hojjechuudhaaf hiyyeessota gargaaruudhaan in dabarsiti turte.” Kunimmoo haadhotii hiyyeessaatiif uffata dha’uus akka dabalatu haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Yommuu Dorkaas Dh.K.B. bara 36tti duute haadhotiin hiyyeessaa baay’ee gaddan. Waaqayyo Phexrositti gargaaramee du’aa kan ishee kaase yommuu ta’u, isheenis jireenyashee sana booda turetti gammachuudhaan misiraachoo kana lallabuufi warra kaaniif wanta gaarii hojjechuushee akka itti fufte homaa hin shakkisiisu. Yeroo ammaattis dubartoonni Kiristiyaana ta’aniifi jireenya ofittummaarraa walaba ta’e jiraatan nu gidduu jiraachuusaaniitti baay’ee gammanna!
20, 21. (a) Warra kaan jajjabeessuun, isaaniif yaaduu wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? (b) Warra kaan jajjabeessuuf maal gochuu dandeessa?
20 Warra kaan jajjabeessuudhaan akka isaaniif yaannu argisiisna. (Rom. 1:11, 12) Hidhata Phaawulos kan ture Siilaas madda jajjabinaa ture. Dhimmi dhaqna qabaa Dh.K.B. naannoo bara 49tti erga furmaata argatee booda, qaamni olaanaan Yerusaalem ture murtoo godhame xalayaadhaan bakka amantoonni jiran kaanitti akka geessaniif namoota amanamoo ta’an ergee ture. Siilaas, Yihudaan, Baarnaabaasiifi Phaawulos xalayaa kana gara Anxokiyaatti geessan. Achittis Siilaasiifi Yihudaan “dubbii baay’ee amantoota gorsanii isaan cimsan.”—HoE. 15:32.
21 Sana booda Phaawulosiifi Siilaas Filiphisiiyusitti hidhamanii kan turan yommuu ta’u, sababii socho’a lafaatiinis mana hidhaatii hiikamaniiru. Achittis dhugaa ba’uusaaniitiin ajajjuun mana hidhaafi maatiinsaa amantoota ta’uunsaanii baay’ee akka isaan gammachiise beekamaadha. Siilaasiifi Phaawulos magaalaa sanaa deemuusaanii dura obboloota jajjabeessaniiru. (HoE. 16:12, 40) Akkuma Phaawulosiifi Siilaas atis yaadawwan kennituun, haasawaa dhiheessituufi hinaaffadhaan tajaajilarratti hirmaachuudhaan warra kaan jajjabeessuuf yaali. ‘Dubbii nama cimsu’ akkamiiyyuu yoo qabaatte ‘dubbachuurraa’ duubatti hin jedhin.—HoE. 13:15.
Karaa Yihowaarra Adeemuukee Itti Fufi
22, 23. Seenaawwan Macaafa Qulqulluurraa faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti?
22 Seenaa dhugaa, Dubbii “Waaqayyo jajjabina hundumaa” ta’e keessatti galmeeffamerraa arganneef baay’ee galateeffanna. (2 Qor. 1:3) Seenaawwan kanarraa faayidaa argachuu yoo barbaanne, barumsa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuufi hafuura qulqulluutiin geggeeffamuuf of qopheessuu qabna.—Gal. 5:22-25.
23 Seenaawwan Macaafa Qulqulluurratti xiinxaluun keenya, amalawwan Waaqayyoo argisiisuuf nugargaara. Walitti dhufeenya Waaqayyoo isa ‘ogummaa, beekumsaafi gammachuu’ namaa kennuu wajjin qabnu nuu cimsa. (Lal. 2:26) Nutis garaa Waaqayyo isa nu jaallatuu ciibsuu dandeenya. (Fak. 27:11) Karaawwan Yihowaarra adeemuu keenya itti fufuudhaan, kana gochuuf kan murteessine haataanu.
Maal Jettee Deebista?
• Amanamaa ta’uukee argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
• ‘Gad of deebisuu’ kan qabnu maaliifi?
• Seenaan Macaafa Qulqulluu ija jabeeyyii ta’uuf kan nugargaaru akkamitti?
• Wanta warra kaanitti tolu ‘ilaaluu’ kan dandeenyu karaawwan kamiini?
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
[Fakkii fuula 8rra jiru]
Yiftaaniifi intallisaa warri amanamoo ta’an rakkisaa yoo ta’eyyuu wareega galan raawwataniiru
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Dargaggootaa, intala biyya Israa’elirraa maal barattan?
[Fakkii fuula 11rra jiru]
Dorkaas wanta Kiristiyaanota hidhata amantiisheetiif barbaachisu kan guutte akkamitti?