Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Misiyoonii Isa Guddaa Kan Ta’e Yesus Kiristos

Misiyoonii Isa Guddaa Kan Ta’e Yesus Kiristos

Misiyoonii Isa Guddaa Kan Ta’e Yesus Kiristos

“Ani garuu isa biraa nan dhufe, isatus na erge.”—YOH. 7:29.

1, 2. Misiyoonii jechuun maal jechuudha? Misiyoonii isa guddaa jedhamuu kan danda’u eenyu?

YOMMUU jecha “misiyoonii” jedhu dhageessu maaltu gara sammuutti si dhufa? Namoonni tokko tokko, misiyoonota Saba Kiristiyaanaa biyya itti tajaajilan sanatti dhimmawwan siyaasaafi dinagdee keessa galan baay’ee yaadatu. Haata’u malee, akka Dhugaa Baatuu Yihowaa tokkotti, misiyoonota Qaamni Olaanaan misiraachoo akka lallabaniif gara biyyoottan addaddaatti erge yaadatta ta’a. (Mat. 24:14) Misiyoononni kun ofittummaa tokko malee yeroofi humnasaaniitti fayyadamanii namoonni kaan Yihowaatti akka dhihaataniifi isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii akka uuman gargaaruudhaan hojii bakki guddaan kennamuuf kana raawwatu.—Yaq. 4:8.

2 Jechi “misiyoonii” fi “misiyoonota” jedhu Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessatti kallattiidhaan hin argamu. Haata’u malee, miiljalee Efesoon 4:11⁠rratti Macaafni Qulqulluun Hiika Jechootaa qabu, afaan Giriikiitiin jechi “warra wangeela lallaban” jedhu “misiyoonota” jedhamee hiikamuu akka danda’u ibsa. Yihowaan Wangeela Lallabduu isa guddaa ta’uyyuu, eenyuyyuu hojii kana akka hojjetu waan isa hin ergineef misiyoonii jedhamuu hin danda’u. Haata’u malee Yesus Kiristos Abbaasaa isa samii ilaalchisee “Isatus na erge; kanaafis isa nan beeka” jedheera. (Yoh. 7:29) Yihowaan jaalala ilmaan namootaa lafaarra jiraniif qabu ibsuuf, Ilmasaa tokkicha gara biyya lafaatti ergeera. (Yoh. 3:16) Yesus “dhugaadhaaf dhugaa ba’uuf” gara lafaatti waan ergameef, Misiyoonii isa guddaa hundarra caalu jedhamuu danda’a. (Yoh. 18:37) Yesus guutummaatti misiraachoo Mootummaa kana lallabuurratti kan milkaa’e ture; yeroo ammaattillee tajaajilasaarraa faayidaa argachaa jirra. Fakkeenyaaf, misiyoonota taanus ta’uu baannus tajaajila keenyarratti malawwan inni barsiisuuf itti fayyadame hojiirra oolchuu dandeenya.

3. Gaaffiiwwan kamirratti mari’anna?

3 Shoora Yesus labsituu Mootummichaa ta’uudhaan qabu ilaalchisee gaaffiiwwan armaan gaditti argaman ka’uu danda’u: Yesus lafarratti maaltu isa mudate? Barumsisaa bu’a qabeessa kan ture maaliifi? Tajaajillisaa akka milkaa’u kan godhe maalidha?

Yesus Naannoo Haaraatti Tajaajiluuf Fedhiidhaan Of Dhiheesseera

4-6. Yesus yommuu gara lafaatti ergame jijjiirama tokko tokko kan godhe akkamiitti?

4 Misiyoononni yeroo ammaatti argamaniifi Kiristiyaanonni bakka labsitoonni Mootummichaa caalaatti barbaachisan dhaqanii tajaajilan, jireenya kanaan dura jiraachaa turanirra gadaanaa ta’ee wajjin walbaruun isaan barbaachisa ta’a. Haata’u malee, Yesus yommuu lafarra tureefi yeroo samiirratti ergamoota garaa qulqulluudhaan Yihowaa tajaajilanii wajjin turetti haallisaa garaagarummaa guddaa qaba. (Iyo. 1:6; 2:1) Biyya lafaa isa manca’aa kana keessatti namoota cubbamoo wajjin ta’uun isaaf baay’ee rakkisaa ture! (Mar. 7:20-23) Yesus bartoonnisaa warri michootasaa ta’an yommuu wal morkatan obsaan danda’eera. (Luq. 20:46; 22:24) Wanta lafarratti isa mudate hunda sirriitti akka hiike homaa hin shakkisiisu.

5 Yesus qooqa namootaa dubbachuu kan jalqabe dinqiidhaan utuu hin ta’in, akkuma mucaa tokkootti suutuma suutaanidha. Yesus samiirratti ergamootaaf ajaja kennaa waan tureef, kun isaaf jijjiirama guddaadha. Yesus yommuu lafarra ture yoo xinnaate ‘afaan namootaa’ keessaa isa tokkoon dubbateera. Kunimmoo ‘afaan ergamootaarraa’ guutummaatti addadha. (1 Qor. 13:1) Haata’u malee, dubbii gaarii dubbachuudhaan Yesusiin kan qixxaatu eenyuyyuu hin jiru.—Luq. 4:22.

6 Wantoota garabiraa yommuu Ilmi Waaqayyoo gara lafaatti dhufe isa mudatan ilaalaa. Yesus Addaamirraa cubbuu kan hin dhaalle ta’uyyuu, akkuma warra yeroo booda “obbolootasaa” ykn Kiristiyaanota dibamoo ta’aniitti nama ta’eera. (Ibroota 2:17, 18 dubbisi.) Yesus galgala du’uusaa dura turetti, Abbaansaa inni samii “ergamoota duula kudha lama irra caalan” akka isaaf ergu gaafachuurraa of qusatee ture. Ta’uyyuu Mikaa’el jechuunis Angafa Ergamootaa ta’uudhaan ergamoota meeqarratti olaantummaa akka qabu mee yaadaa! (Mat. 26:53; Yih. 9) Eeyyee, Yesus dinqiiwwan raawwateera; ta’uyyuu wanti inni lafarratti raawwate wanta utuu samiirra jiraatee raawwachuu danda’urra baay’ee xinnoodha.

7. Yihudoonni Seerichaaf ilaalcha akkamii qabu turan?

7 Yesus nama ta’uusaa dura yommuu “Sagalee” turetti, Sagalee dabarsituu Waaqayyoo ta’uudhaan Israa’eloota lafa onaa keessatti kan geggeesse isa ta’uu hin oolu. (Yoh. 1:1; Bau. 23:20-23) Haata’u malee, isaan ‘seera ergamoonni Waaqayyoo isaanitti kennan fudhatanii eeguu didan.’ (HoE. 7:53; Ibr. 2:2, 3) Dhugaadha, geggeessitoonni amantii Yihudii jaarraa jalqabaa turan kaayyoo Seerichaa utuu hin hubatin hafaniiru. Fakkeenyaaf seera Sanbataaf kenname haafudhannu. (Maarqos 3:4-6 dubbisi.) Barsiisonni seeraafi Fariisonni, “seera Waaqayyoo keessaa isa caalaa barbaachisu kan akka firdii qajeelaa, gara-laafina, amanamummaa” hin eegan turan. (Mat. 23:23) Haata’u malee, Yesus namoonni kun gargaaramuu hin danda’an jedhee abdii kutachuudhaan dhugaa isaanii labsuu hin dhiisne.

8. Yesus kan nu gargaaru danda’u maaliifi?

8 Yesus fedhiidhaan of dhiheessee ture. Kana gochuufis kan isa kakaase jaalala namootaaf qabu yommuu ta’u, isaan gargaaruuf fedhii guddaa qaba ture. Fedhii Wangeela lallabuuf qabu matumaa dhabee hin beeku ture. Yesus lafarratti Yihowaadhaaf amanamaa waan tureef, “warra isaaf abboomaman hundumaaf sababii fayyina bara baraa ta’e.” Kana malees, “Inni waan ofii isaatii dhiphatee, qoramee arge keessatti, warra qoramni itti dhufu [warra akka keenyaa] gargaaruu in danda’a.”—Ibr. 2:18; 5:8, 9.

Akkuma Barsiisaa Tokkootti Leenjii Gaarii Argateera

9, 10. Yesus gara lafaatti ergamuusaa dura leenjii akkamii fudhate ture?

9 Kiristiyaanonni bara keenyatti argaman misiyoonota ta’anii utuu hin ergamin dura, leenjii akka argatan Qaamni Olaanaan qophii godheera. Yesus Kiristos leenjii argatee turee? Eeyyee, haata’u malee, Masiihii ta’ee dibamuusaa dura mana barumsaa amantii Yihudootaa galee hin baranne. Geggeessitoota amantii beekamoo ta’anirraas barumsa hin arganne. (Yoh. 7:15; HoE. 22:3 ilaali.) Yesus, warra kaan barsiisuuf ga’eessa kan ta’e maaliifiree?

10 Wanti inni haadhasaa Maariyaamiifi abbaa buddeenaasaa Yoseefirraa barate maaliyyuu yoo ta’e, leenjii hundarra caalu kan argate Yihowaa isa warra kaan leenjisuuf dandeettii hundarra caalu qaburraa ture. Kana ilaalchisuudhaan Yesus akkas jedheera: “Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne.” (Yoh. 12:49) Ilmi Waaqayyoo warra kaan maal barsiisuu akka qabu barumsi bal’aan isaa kennameera. Yesus gara lafaatti utuu hin dhufin dura, yeroo dheeraadhaaf qajeelfama Abbaasaa dhaggeeffachaa akka ture homaa hin shakkisiisu. Leenjii kana caalu eessaayyuu argachuu hin danda’u ture.

11. Yesus ilaalcha Abbaansaa ilmaan namootaatiif qabu hangam calaqqiseera?

11 Ilmi kun erga uumamee kaasee Abbaasaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba ture. Yesus nama ta’ee dhalachuusaa dura, Abbaansaa namootaa wajjin walitti dhufeenya akkamii akka qabu ilaaluudhaan ilaalcha Waaqayyoo beekuu danda’eera. Ilmi kun akkuma Waaqayyoo namootaaf jaalala waan qabuuf, ogummaatti fakkeeffamuudhaan, ‘nama hundumaatti nan gammadan ture’ jechuu danda’eera.—Fak. 8:22, 31.

12, 13. (a) Yesus akkaataa Yihowaan Israa’eloota itti qaberraa kan barate akkamitti? (b) Yesus leenjii argatetti kan fayyadame akkamitti?

12 Leenjiin Ilmi argate, akkaataa Abbaan dhimmawwan rakkisaa ta’aniif furmaata itti kenne hubachuus kan dabalatu ture. Fakkeenyaaf akkaataa Yihowaan Israa’eloota warra isaaf hin ajajamne itti qabe ilaalaa. Nahimiiyaa 9:28 akkas jedha: “Erga takka aara galfatanii garuu, isaan deebi’anii si [Yihowaa] duratti hamaa hojjechuutti in ka’an; atis harka warra isaan jibbaniitti isaan kennite, warri isaan jibbanii isaan in mo’an; yeroo isaan deebi’anii sitti iyyatan immoo ati bantii waaqaa irraa isaan dhageessee akka araara keetii si’a baay’ee isaan oolchiteetti.” Yesus Yihowaa wajjin hojjechuunsaafi yaadasaa hubachuunsaa, namoota tajaajilarratti argateef gara laafina akkasii akka argisiisu isa gargaareera.—Yoh. 5:19.

13 Yesus bartootasaa gara laafinaan waan qabeef, wanta barate hojiirra oolcheera jechuun ni danda’ama. Galgala du’asaa dura turetti, bartoonnisaa warri inni baay’ee jaallatu hundinuu “isa dhiisanii in baqatan.” (Mat. 26:56; Yoh. 13:1) Phexrosillee al sadii Kiristosiin ganeera! Ta’us, Yesus ergamoonnisaa garasaatti akka deebi’aniif haala mijeesseeraaf. Akkas jechuudhaan Phexirositti himeera: “amantiin kee iddoodhaa akka hin badneef siif kadhadheera; ati yeroo itti gara kootti deebitutti, obboloota kee jabeessi!” (Luq. 22:32) Israa’el hafuuraa “ergamootaafi raajotarratti” kan hundeeffame yommuu ta’u, dhagaan bu’uuraa masaraa Yerusaalem Ishee Haaraas maqaa ergamoota Hoolichaa jechuunis ergamoota Yesus Kiristos 12n kan qabdudha. Hanga har’aattis, hojiin lallabaa Mootummichaa Kiristiyaanonni dibamooniifi hiriyoonnisaanii ‘hoolonni kan biraan’ harka Waaqayyoo isa guddaafi bulchiinsa Ilmasaa isa jaallatamaa jalatti hojjechaa jiran bu’aa guddaa argamsiisaa jira.—Efe. 2:20; Yoh. 10:16; Mul. 21:14.

Akkaataa Yesus Itti Barsiise

14, 15. Barumsi Yesus kan warra barsiisota seeraafi Fariisotarraa adda kan ture karaa kamiini?

14 Yesus duuka buutotasaa yeroo barsiisu leenjii argate hojiirra kan oolche akkamitti? Barumsa Yesusiifi barumsa geggeessitoota amantii Yihudii yommuu walbira qabnee ilaallu, akkaataan Yesus itti barsiise caalmaa akka qabu salphaatti hubachuu dandeenya. Barsiisonni seeraafi Fariisonni ‘seera muka abbaasaaniitiif jedhanii dubbii Waaqayyoo busheessaniiru.’ Haala kanarraa faallaa ta’een, Yesus ofumasaatiin kan dubbate utuu hin ta’in, dubbiifi ergaa Waaqayyoo warra kaan barsiisa ture. (Mat. 15:6; Yoh. 14:10) Nutis akkasuma gochuun nu barbaachisa.

15 Wanti Yesusiifi geggeessitoota amantii adda taasisu garabiraanis jira. Yesus barsiisota seeraafi Fariisota ilaalchisuudhaan akkas jedheera: “Waan isaan isinitti himan hundumaa godhaa, eegaas! Garuu hojii isaanii duukaa hin bu’inaa! Isaan in dubbatu malee, isa dubbatan hojiidhaan hin raawwatan.” (Mat. 23:3) Yesus wanta dubbatu hojiirra oolcha ture. Fakkeenya dhimmi kun dhugaa ta’uusaa argisiisu tokko haa’ilaallu.

16. Yesus wanta Maatewos 6:19-21⁠rratti dubbatee wajjin haala walsimuun jiraateera kan jettu maaliifi?

16 Yesus duuka buutotasaatiin “badhaadhummaa ofii keessaniif waaqa irratti . . . walitti qabadhaa!” jedhe ture. (Maatewos 6:19-21 dubbisi.) Innumtiyyuu gorsa kenne kanaa wajjin haala walsimuun jiraateeraa? Eeyyee, inni waa’ee ofiisaa akkas jechuu danda’eera: “Waangonni boolla qabu, simbirroonnis mann’ee qabu; ilmi namaa garuu iddoo mataa isaa itti hirkifatu hin qabu.” (Luq. 9:58) Yesus jireenya salphaa jiraate. Inni hundumaa dura misiraachoo Mootummichaa lallabuutti kan qabame yommuu ta’u, biyya lafaarratti badhaadhummaa walitti qabachuudhaan dhiphachuurraa walaba ta’uu jechuun maal jechuu akka ta’e hojiidhaan argisiiseera. Yesus, badhaadhummaa waaqarratti jechuunis “iddoo biliin yookiis daana’oon hin nyaannetti, hattuunis cabsitee iddoo hin hannetti” walitti qabuun hangam caalmaa akka qabu argisiiseera. Atoo badhaadhummaa waaqarratti walitti qabuu ilaalchisee gorsa Yesus kenne hojiirra oolchaa jirtaa?

Amalawwan Namoonni Yesusiin Akka Jaallatan Godhan

17. Yesus wangeela lallabuutti hundarra akka caalu kan godhan amalawwansaa warra kamidha?

17 Yesus wangeela lallabuutti hundarra akka caalu kan godhan amalawwansaa warra kamidha? Inni tokko ilaalcha inni namoota isaan gargaaruuf qabudha. Amalawwan Yihowaa, Yesus argisiise keessaa tokko tokko, gad of deebisuu, jaalalaafi gara laafinadha. Amalawwan kun namoonni baay’een Yesusitti akka dhihaatan kan godhe akkamitti akka ta’e ilaali.

18. Yesus kan gad of deebisu ture kan jennu maaliifi?

18 Yesus, hojii isaa kenname fudhatee yommuu gara lafaa dhufu “akka waan tokkotti hin galle of godhe; bifa garbummaa in fudhate; fakkaattii namummaatiin in dhalate.” (Filp. 2:7) Kunis gad of deebisuusaa kan argisiisu ture. Kana malees, Yesus namoota hin tuffatu ture. ‘Ani samiidhaa waanan dhufeef na dhaggeeffachuu qabdu’ ilaalcha jedhu hin qabu ture. Namoota sobaan masiihii ofiin jedhaniifi of jajuudhaan dubbatanirraa haala adda ta’een, Yesus, asiif achi adeemee Masiihii dhugaa ta’uusaa of jajuudhaan hin dubbanne. Yeroo tokko tokko namoonni eenyummaasaa ykn wanta inni raawwate warra kaanitti akka hin himne dhowwa ture. (Mat. 12:15-21) Yesus namoonni wanta ofumasaaniitiif hubatanirraa ka’uudhaan isa duukaa bu’uuf murtoo mataasaanii akka godhan barbaada ture. Ergamoonnisaa, Gooftaansaanii akkuma ergamoota mudaa malee samiirratti isaa wajjin turanii akka ta’an isaanirraa eeguu dhiisuusaatiin bu’aa guddaa argataniiru!

19, 20. Gara laafinniifi jaalalli, Yesus namoota akka gargaaru kan isa kakaase akkamitti?

19 Yesus Kiristos, amala Abbaasaa isa hundarra caalu jechuunis jaalala argisiiseera. (1 Yoh. 4:8) Yesus namoota kan barsiise jaalalaan kaka’uudhaan ture. Fakkeenyaaf, waa’ee dargaggeessa tokkoo maaltu akka itti dhaga’ame ilaali. (Maarqos 10:17-22 dubbisi.) Yesus namicha “ilaalee isa jaallatee” isa gargaaruu barbaade; dargaggeessi bulchaa sabaa kun garuu duuka buutuu Kiristos ta’uuf jecha qabeenyasaa hundumaa dhiisuu hin barbaanne.

20 Amalawwan Yesus akka jaallatamu godhan keessaa tokko gara laafina ture. Namoonni barumsa Yesus fudhatan, akkuma namoota cubbamoo ta’an hundaa rakkina hedduu kan qaban turan. Yesusis kana waan beekeef, gara laafinaafi isaaniif gadduudhaan isaan barsiiseera. Fakkeenyaaf: Yeroo tokko, Yesusiifi bartoonnisaa hojiin waan itti baay’ateef nyaataafillee yeroo hin arganne turan. Haata’u malee, Yesus yeroo tuuta namootaa arge tarkaanfii akkamii fudhate? “Isaan akka hoolota tiksee hin qabnee waan turaniif immoo isaaniif in oo’e, waan baay’ees isaan barsiisuutti ka’e.” (Mar. 6:34) Yesus haala gaddisiisaa namoonni lallabuuf keessa turan hubachuudhaan, isaaniin barsiisuufis ta’e dinqiiwwan isaan fayyadan hojjechuuf dhama’eera. Namoonni tokko tokko amalawwansaa warra gaarii ta’aniin, kaanimmoo jechootasaatiin harkifamuudhaan duuka buutotasaa ta’aniiru.

21. Mataduree ittaanurratti waa’ee maalii baranna?

21 Akkuma matadureen ittaanu ibsutti, tajaajila Yesus isa lafarraarraa wanta barannu hedduu qabna. Karaawwan garabiraan fakkeenya Yesus Kiristos Misiyoonii isa guddaa hordofuu itti dandeenyu kamfa’i?

Maal Jettee Deebista?

• Yesus gara lafaatti utuu hin dhufin dura leenjii akkamii argate?

• Karaan Yesus itti barsiise karaa barsiisonni seeraafi Fariisonni barsiisanirra kan caalu akkamitti ture?

• Amalawwan Yesus akka jaallatamu godhan kamfaa ture?

[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]

[Fakkii fuula 15rra jiru]

Yesus tuuta namootaa kan barsiise akkamitti ture?