Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Yaadawwan Ijoo Macaafa Maarqos

Yaadawwan Ijoo Macaafa Maarqos

Dubbiin Yihowaa Jiraataadha

Yaadawwan Ijoo Macaafa Maarqos

WANGEELOTA arfan keessaa Wangeelli Maarqos gabaabaadha. Wangeela kana Yohannis inni Maarqos jedhamu Yesus du’ee erga du’aa ka’ee waggaa 30 booda kan barreesse yommuu ta’u, Wangeelli kun saffisaan kan ibsame, akkasumas gochawwan Yesus tajaajilasaa isa waggaa sadiifi walakkaa keessatti raawwate hedduu kan qabatedha.

Macaafni Maarqos kan barreeffame warra Yihudoota hin taaneef, keessumaammoo warra Roomaatiif waan ta’eef, Yesus, Ilma Waaqayyoo isa dinqii hojjetu ta’uusaafi hojii lallabaas ciminaan raawwachuusaa ibsa. Kan xiyyeeffatus wanta Yesus barsiiserratti utuu hin ta’in wanta inni raawwaterrattidha. Wangeela Maarqosiif xiyyeeffannaa kennuun keenya, amantaa Masiihicharratti qabnu nuu jabeessa; akkasumas ergaa Waaqayyoo tajaajila Kiristiyaanaarratti hinaaffaadhaan lallabuuf nu kakaasa.—Ibr. 4:12.

TAJAAJILA GUDDAA GALIILAATTI RAAWWATAME

(Maarqos 1:1–9:50)

Maarqos, hojiiwwan Yohannis Cuuphaafi guyyaa 40 Yesus lafa onaatti dabarse lakkoofsawwan 14 irratti erga ibsee booda, tajaajila Yesus Galiilaatti raawwate ilaalchisee gabaasa nama gammachiisu dhiheessuu jalqaba. Maarqos jechoota “akkuma”, “achumaan” jedhan irra deddeebi’ee ibsuunsaa, seenichi ariitiidhaan akka galmeeffame argisiisa.—Mar. 1:10, 12.

Yesus yeroo waggaa sadi hin guunnetti naannoowwan tajaajilaa Galiilaa keessa turan sadii waliin ga’eera. Maarqos seenaasaa gara caalu kan barreesse duraa duuba yeroo itti raawwatameenidha. Lallabni Gaararraafi haasawaa dhedheeraan Yesus kenne hin caqasamne.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:

1:15—“Barichi raawwatame” [“murteeffame,” NW] maal argisiisa? Yesus yeroon tajaajilasaa itti jalqabu akka ga’e dubbachuusaa ture. Mootii ta’ee waan dibameef Mootummaan Waaqayyoo dhihaatee ture. Sana booda namoonni garaa qajeelaa qaban lallabasaa dhaggeeffatanii tarkaanfii fudhachuudhaan Waaqayyo biratti fudhatama argachuu danda’u.

1:44; 3:12; 7:36—Yesus dinqii inni raawwate akka himamu kan hin barbaanne maaliif ture? Yesus, namoonni oduu miira kakaasuufi soba makate dhaga’anii wanta tokko murteessuu mannaa, inni Kiristos akka ta’e ofumasaaniitii akka arganiifi ragaa kanarratti hundaa’anii murtoo mataasaanii akka godhan barbaada ture. (Isa. 42:1-4; Mat. 8:4; 9:30; 12:15-21; 16:20; Luq. 5:14) Yeroo namni biyya Gergeesaa hafuurri xuraa’aan itti galee ture fayyifametti garuu haallisaa adda ture. Yesus, gara manasaa dhaqee wanta raawwatame firootasaatti akka odeessu itti hime. Yesus naannoo sanaa akka deemu itti himamee ture; kanaaf namoota naannoo sanaa wajjin wal arguu hin danda’u. Namichi Yesus waan gaarii godheef sun achitti argamee dhugaa ba’uunsaa, booyyonni sun dhumuusaaniitiif waa’eesaa oduu gadheen akka hin odeeffamne gochuu danda’a.—Mar. 5:1-20; Luq. 8:26-39.

2:28—Yesus “Sanbata irratti iyyuu gooftaa dha” kan jedhame maaliifi? Phaawulos, “Seerichi garuu gaadidduu wanta gaggaarii dhufuuf jiran sanaa ti” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 10:1) Akka Seerichi jedhutti, Sanbanni kan dhufu guyyoonni hojii ja’a erga darbanii booda yeroo ta’u, Yesusis namoota baay’ee kan fayyise guyyaa sanatti ture. Kunis, bulchiinsi Seexanaa cunqursaa ta’e kun erga badee booda, Bulchiinsa Kiristos Isa Waggaa Kumaatti, ilmaan namootaa boqonnaa nagaa qabuufi eebbawwan kan biraa akka argatan kan argisiisudha. Kanaafuu, Mootiin Mootummaa sanaas “Sanbata irratti . . . gooftaa dha.”—Mat. 12:8; Luq. 6:5.

3:5; 7:34; 8:12—Maarqos miira Yesus akka gaariitti beekuu kan danda’e akkamitti? Maarqos ergamoota Yesus 12an keessaas ta’e michoota baay’ee isatti siqan keessaa tokko hin turre. Akka aadaan bara durii jedhutti, odeeffannoowwan Maarqos barreesse keessaa baay’eensaa michuu Maarqos kan ta’e Phexrosirraa kan argamedha.—1 Phe. 5:13.

6:51, 52—‘Dinqiin Yesus buddeeniin hojjeteefi’ bartoonnisaa utuu hin hubatin hafan maal ture? Sa’aatii muraasa dura dubartoonniifi ijoolleen utuu hin lakkaa’amin, Yesus buddeena shaniifi qurxummii lama qofaan namoota 5,000 nyaachiseera. “Dinqiin Yesus buddeeniin hojjete” bartoonnisaa, inni dinqii hojjechuuf humna kan argate Yihowaarraa ta’uusaa isaan hubachiisuu qaba ture. (Mar. 6:41-44) Humna guddaa Yesusiif kenname utuu hubataniiru ta’ee, haala dinqii ta’een bishaanirra deemuunsaa baay’ee isaan hin ajaa’ibsiisu ture.

8:22-26—Yesus ija namicha arguu hin dandeenyee takkumatti kan hin banneef maaliif ture? Yesus akkas kan godhe namichaaf waan yaadeef ta’uu danda’a. Namichi yeroo dheeraadhaaf dukkana keessa waan tureef, ijisaa suuta suutaan isaa banamuunsaa, ifa aduu wajjin suuta suutaan akka wal baru isa gargaaree ta’uu qaba.

Barumsa Akkamii Arganna?

2:18; 7:11; 12:18; 13:3. Maarqos aadaawwan, jechoota, amantaawwaniifi iddoowwan warri Yihudoota hin taaneefi barreeffamasaa dubbisan hin beekne akka gaariitti ibseera. Fariisonni ‘akka sooman,’ qurbaanni, kennaa “Waaqayyoof kenname” ta’uusaa, Saduqoonni “du’aa ka’uun hin jiru” akka jedhan, akkasumas “Gaara Ejersaa gubbaa” taa’anii mana qulqullummaa arguun akka danda’amu ibseera. Hiddi dhalootaa Masiihichaa keessumaa xiyyeeffannaa Yihudootaa kan harkisu waan ta’eef waa’eesaa homaa hin ibsine. Kanaaf, Maarqos fakkeenya gaarii nuu ta’a. Tajaajilarratti yeroo hirmaannu ykn walga’iiwwan gumiirratti haasawaa yeroo dhiheessinu, haala dhaggeeffattoota keenyaa tilmaama keessa galchuu qabna.

3:21. Yesus firoottansaa kan hin amanne waan turaniif, namoota miseensonni maatiisaanii warri hin amanne sababii amantaasaaniitiin isaan morman ykn itti ga’isaniif garaadhaa gadda ture.

3:31-35. Yesus yeroo cuuphame Ilma Waaqayyoo kan ta’e si’a ta’u, “Yerusaalem isheen waaqa keessaa” haadhasaa turte. (Gal. 4:26) Yeroo sanaa kaasee, maatiiwwansaa warra foonii caalaa Yesusitti kan siqaniifi isa biratti bakka guddaa kan qaban bartootasaa turan. Kunis dhimmawwan hafuuraatiif dursa akka kenninu dursinu nu barsiisa.—Mat. 12:46-50; Luq. 8:19-21.

8:32, 34. Gaarummaa warri kaan karaa sirrii hin taaneen nutti argisiisan hubachuufi fudhachuu diduuf dammaqoo ta’uu qabna. Duuka buutuun Kiristos tokko ‘waa’ee ofiisaa dhiisuuf,’ jechuunis of ganuufi fedhiifi hawwii foonsaatiif mo’amuu dhiisuu qaba. ‘Fannoo Yesusiif jedhee baatu ofirra kaa’achuuf’ fedhii qabaachuu qaba. Kana jechuunis, yoo barbaachisaa ta’e rakkina, salphina, ari’atama ykn du’a Kiristiyaana ta’uusaatiin isarra ga’u danda’uu qaba. Akkasumas jireenyasaatiin fakkeenya Yesus hordofuudhaan, “utuu walirraa hin kutin” isa duukaa bu’uu qaba. Duuka buutuu Yesus Kiristos ta’uun, akkumasaa fedhii ofii aarsaa gochuufi kanas itti fufuu gaafata.—Mat. 16:21-25; Luq. 9:22, 23.

9:24. Waa’ee amantaa keenyaa dubbachuus ta’e amantaa dabalataa argachuuf kadhannaa dhiheessuun nu qaanessuu hin qabu.—Luq. 17:5.

JI’A ISA DHUMAA

(Maarqos 10:1–16:8)

Gara dhuma Dh.K.B bara 32, Yesus “gara kutaa biyya Yihudaa fi gama Yordaanos” dhufe; ammas namoonni hedduun garasaa dhufan. (Mar. 10:1) Achitti erga lallabee booda gara Yerusaalem dhaqe.

Niisaan 8⁠tti Yesus Bitaaniyaa ture. Dubartiin tokko dhuftee urgooftuu dibataa mataasaatti yeroo dibdu, inni maaddiitti dhihaatee ture. Yeroon Yesus mootii ta’ee gara Yerusaalem dhaqee kaasee hamma du’aa itti ka’etti jiru, duraa duubasaatiin galmeeffameera.

Gaaffiiwwan Caaffata Qulqullaa’oofi Deebiisaanii:

10:17, 18—Yesus namicha, “Yaa Barsiisaa Gaarii” jedhee isa waame kan sirreesse maaliifi? Yesus maqaa ulfinaa sobaan isa jajuuf isaa kenname kana fudhachuu diduudhaan, Yihowaadhaaf ulfina kan kenne ta’uusaarrayyuu, burqaan waan gaarii ta’e hundumaa Waaqa dhugaa ta’uusaa argisiiseera. Kana malees, Yesus wanta gaariifi gadhee ta’eef qajeelfama baasuuf mirga kan qabu Uumaa qofa ta’uusaa ibseera.—Mat. 19:16, 17; Luq. 18:18, 19.

14:25—Yesus ergamootasaa warra amanamoo ta’aniin, ‘Hamma guyyaa gaafa ani mootummaa Waaqayyoo keessatti isa haaraa dhugutti, deebi’ee daadhii waynichaattii hin dhugu’ jechuunsaa maal jechuusaa ture? Yesus samii keessa wayiniin jira jechuusaa hin turre. Kanaa mannaa, yeroo tokko tokko gammachuun wayiniidhaan waan fakkeeffamuuf, Yesus gammachuu duuka buutotasaa warra dibamoo du’aa ka’anii wajjin bulchuudhaan argatu ibsuusaa ture.—Far. 104:15; Mat. 26:29.

14:51, 52—Dargaggeessi “qullaa isaa fiige” eenyu? Haala kana kan caqase Maarqos qofa waan ta’eef, waa’ee ofiisaa dubbachaa ture jechuuf sababii qabna.

15:34—Yesus “Waaqayyo ko, Waaqayyo ko maaliif na dhiifte?” jechuunsaa amantaa akka dhabe kan argisiisudhaa? Lakki. Sababii Yesus kana itti dubbate beekuu hin dandeenyu; kanaaf akkas jechuunsaa Yesus, Yihowaan amanamummaan Ilmasaa guutummaatti akka qoramuuf jecha eegumsa isaaf gochuu akka dhiise hubachuusaa kan argisiisu ta’uu danda’a. Yesus kana kan jedhe, raajii Faarfannaa 22:1⁠rratti waa’eesaa dubbatame raawwachuu waan barbaadeef ta’uus ni danda’a.—Mat. 27:46.

Barumsa Akkamii Arganna?

10:6-9. Waaqayyo hiriyoonni gaa’elaa waliin akka jiraatan Kaayyoosaati. Kanaafuu, abbootiin manaafi haadhotiin manaa wal hiikuuf dafanii murteessuu mannaa, rakkina gaa’elasaanii keessatti uumame mo’uuf seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuuf carraaquu qabu.—Mat. 19:4-6.

12:41-44. Wanti haati hiyyeessaa kun goote waaqeffannaa dhugaa yeroo deggeruu ofittoo ta’uu akka hin qabne nu barsiisa.

[Fakkii fuula 29rra jiru]

Yesus, namichi kun wanta raawwatame hunda firootasaatti akka himu kan ajaje maaliifi?